Hundeeffama waldichaa
Yeroo haala hundeeffama Waldaa Qulqullootaa kaasnu barichi bara sirni komiwnizimii fi ilaachi isaa itti leelisamu; maqaa Waaqayyoo dha’uun rakkisaa kan itti ta’ee fi gara Mana Waaqayyoo deemuun akka boodatti haafummaatti bara itti lakkaa’mu ture. Barri 1977. Keessattuu barattoota manneene barumsa ol’aanaa baratan biratti sagalee Waaqayyoo ifatti waliin dubbachuunis ta’e dhageeffachuun yeroo itti hin-yaadamne ture. Baroota darbanitti keessattuu bara Mooticha Hayila Sillaasee kolleejjota Yunivarsitii akka barsiisaniif biyyoota Awuroppaa irraa kan dhufan misiyoononni barumsa shakkii isaanii facaasaa kan turan manneen barumsa ol’aanootti ture. Bu’uuruma Kanaan barri sun dhalooti yeroo Sanaa kallattii adda addaatiin barumsa shakkii misiyoonotaatiinii fi ilaalcha kominizimii tiin butamee amantii Ortodoksii irraa kan godaane ture.
(Guutuu isaa duuisuuf liinkii kana cuqaasaa).