Guyyoonni haamaa waan taa’ aaniif Baricha Bitaa. (Efe,5;16)

Bara haaraatti ce’uuf hundi keenya qophiitti jirra, baay’een keenya garuu kam dhiifne kam qabanne  akka ceenuu hin beeknu. Tarii warreen hubannoo qaban(qalbeeffatan)  beekuu ta’a. kunis yeroo jedhamu bara darbee hojii hojjetan keessaa kana boodaatti kan isaan harkisee fi gocha haamaa barichaa wajjiin kan isaan waldhabsisan dhiisani gocha gaggaarii fuulduratti akka tarkaanfatani isaan taasisee fi barichaa wajjiin wal jaallachisee qabatanii ce’uun jechuu dha. Yookiin bara darbee hojii  haamaa fi dadhabbii qoofa malee hojii gaarii illee kan itti hin hojjannee yoo ta’ee ammuma  jala bultii bara haaraatti jalqabanii  gaabbii seenanii hojii haamaa sanaa fi dadhabummaa sanaa kutatanii dhisuudhaan  hojii gaarii hojjechuudhaaf karoorsanii ce’uun jechuu dha.

Barrii konkolataa  dha ofii imaluuf kan isa faana imalu barbaada. Yeroo fi yaa’aan  bishaanii nama hin eegu” akkuma jedhamu  boodaatii kan isa harkisuu garuu dursee ni deema malee isa waliin boodatti harkifamuudhaan isa  hin eegu. Kun immoo midhamaa baraa ta’aani hafu namatti fida. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawiit “dadhabaan laphee isaatiin waaqayyoon hin jiru jedha” jechuudhaan akka dubbate baay’ina dadhabina isaa irraa ka’uun amantaa isaa hanga ganuu fi Waaqayyoon hin jiru  amma jedhu ni ga’aa( Faar:13:1) kuni akka hin taane garuu, baricha dursani argamuudhaan   gonfoo ulfinaa  goonfachuun dirqama ilma namaaf keenname abboommi Waaqayyoo dha.

Figichi keenya bara wajjiin ta’uu isaa sirritti hubachuun baricha dursinee argamuu osoo qabnuu baraan durfamnee argamuu hin qabnu. Qulqulluchi Phaawuloos baricha bitaa yeroo nuun jedhus namummaa gaarii jabenya Afuurawummaa fi damaqina sammuu qormaatilee baraa kan ceesisuu ogummaa fi beekumsa Afuraawaa  nama qabuu taane akka argamnu yeroo nu gorsu dha. Waan ta’eef afuura hojii haaraatiin simachuun nurraa egama.Barichatti namni hojjete barichatti ni gammada. Baricha namni dadhabinaan dabrsee barichatti ni gadda. Bara darbetti kan ittiin hin hojjene fi hirriibaan yookiin oduu qofaan namni  dadhabaan dabarsee barri haaraan jijjiramuu qofaan wanta haaraa argachuu hin danda’uu. Wanti moofaanis haaraanis kan jiruu abbaa irraati gamachuunis ta’ee gaddi kan burquu /madduu/ ofi isaa hojii hojjateeni malee jijjiramuu baraatin wanti  argamuu  hin jiru, callisee kan argamu hiyummaa qoofa dha. Fayyinnis yoo ta’ee sababa gahaa ta’ee qaba, kunis dadhabina bulchinsa yookiin hanqina beekuumsaa akkasumas  waraanni fi …………… yeroo ajejamu ta’uu danda’a. kana hunda alatti wanti biraa hin jiru.

Baricha bara keenyaan akka hubannettii dhibbaa mataa isaa qaba. Bara isa tokkottii hongee fi waraanni ni jabaata. Bara kaanin immoo gosota dhukkubaa adda addaa mullachuu ni danda’a. Fakkenyaaf kan akka weerara kovid-19 jechuu dha. Bara sababa  siyaasaatiin  lammileen rakkoof saaxilamuun…. Jira. Kun hundi darbee baroota birootti immoo warraanni fi dhukkubni lafa irraa bade, ilmaan namaa abbaa nageenyaa fi fayyaa-qabeessa yeroo itti ta’an; bokkaan dhiifamaa, arjoominni isaa yeroo itti bu’u, kennaan/eebbi biyya lafaas yeroo itti baay’atu; barri beellii fi gadadoon uummata (ilmaan namootaa) irraa fagaatu ni dhufa. Kanaaf, abshaalli bara gaarii  sanatti bu’aa buuse immoo bara gidiraa darbee darbee dhufuttis nagaadhaanii fi fayyummaadhaan ni ce’a; sugni/eebbi bara gaariitti argate bara gidiraan itti baay’atutti isa gargaara waan ta’eef.

Akka dhaha baraa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii keenyaatti barri/barootni imala isaanii (marsaa isaanii) maqaa ittiin fufsiisan qabu. Walirraa fuudhiinsa Waangeelota afranii Maatewoos, Maarqoos, Luqaasi fi Yohaannis jedhamaniin imalli baraa ni lakkaa’ama. Walirra fuudhinsa urjiilee afran Hilmeel, MeeleekBir’eel,Mil’eeli fi Nappee’eel jedhamaniinis imalli baraa dabaree dabareedhaan ni hogganama. Waqtiilee ganna, bona, birraa fi arfaasa /badheessa/ jedhaman immoo waggaa tokko bakka afuritti hiratanii kan qabatanii dha. Sababa cubbuu keenyaatiin dheekkamsi Waaqayyoo yoo nutti dhufe malee kanneen armaan olitti ibsaman hundinuu itti gafaatamummaa isaaniif kennamerraa duubatti jedhanii hin beekan, hundumti isaanii ergama isaanii akkaatuma ta’uu malutti ni raawwatu.

Baroota marsaadhaan to’atanii hojii hojjechuuf aangoon kan kennameef ilmi namaa bara isaaf kenname kana hojiidhaan to’achuutu irra jiraata. Jalatamtoota amantoota jibbinsaa fi sanyummaa barri fide akkasumas duudhaa iddoo biraarraa dhufeenii fi ilaalcha isaaniitiin osoo hin taane baricha to’achuudhaan, guyyoota gidiraa (daban) sana darbinee, guyyoota gaarii arguudhaaf Duuka Bu’aan Q/Pheexiroos “namni jireenya fedhu kan guyyoota gaarii arguu barbaadu arraba isaa fi afaan isaa shira /badii/ dubbachuu irraa haa dhoorku, wantoota yaraa/gadhee/ ta’an irraa haa fagaatu, gaarii haa hojjetu, nageenyaas haa hawwu yaa hordofus” (1Phex 3:10) jechuudhaan akkuma dubbate baricha dursinee qajeelummaadhaan tattaafachuutu nurra jira. Bara haaraa yommuu simannu hojiiwwan badiirraa fagaachuun, kan wal lolle walitti araaramuun, kan saamne deebisuun, saamunaa gaabbiitiin dhiqannee Foonii fi Dhiiga Goooftaa fudhachuun barri haaraan bara gaarii akka nuuf ta’u Waaqayyo Gooftaa kadhannaadhaan gaafachuu dha malee dhiichisaanii fi sirbaan ta’uu hin qabu. 1Phex 4:3

Bara haaraa kana bara haaraa isa dhugaa akka nuuf taasisuu fi barichas akka to’annuuf biyya keenya Itiyoophiyaatti lola, beela, godaansaa fi dhibeen kan keessaa dhabamu; nageenyii fi gammachuun bara itti labsamu akka ta’uuf fedhaa fi hayyama Waaqayyo Gooftaa nuuf haa ta’u.