“Daa’imni nuuf dhalateera’’ (Isaay.9:6)
D/n Tewoodroos Isaayyas (Baddallee)
Gudunfaa uumamtootaa ta’ee Jimaata ganama isaa harka Waaqayyoon bocamee kan uumame namni jalaqabaa Addaam iddoo gammachuu Gannata keessatti cubbuu raawwate Addaam lammaffaan (1Qor. 15:45) akka dhalatu sababa ta’eera. “Bu’aan cubbuu du’a dha” Qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, Addaam abboommii Waaqayyoo daddarbee argamuu isaatiin cubbuu gara amala isaa lixeen du’aan boji’ame. (Room. 6:23) Duunni kun dhaloota Addaam hunda irratti kan dhaqabu ta’e. “Kaanaaf, yakka nama tokkootiin cubbuun gara biyya lafaa seene, sababa cubbuu kanaatiin duunniis seene.” (Room. 5:12) Ga’eessi haadha manaa isaatiin, mootiin Mootummaa isaatiin yoo itti dhufan hin jaalatu akka jedhamu, Addaam Waaqayyootti mootummaa isaatiin waan itti dhufeef (mootummaa isaa barbaacha firii Balasii waan nyaateef) Waaqayyoon du’a irratti murteesse. Haa ta’u malee Waaqayyoon Addaami itti dheekkamee qofa akka hin haafne; Fayyina akka argatu eenyuyyuu osoo isa hin dursin ofuuma isaatiin Gannata keessatti gochaa fi dubbiin mul’isuun jaalala namaaf qabu gaafa namni badii jalqabaa raawwatetti agarsiiseera.

Dubbiin:
- “አይተ ሀሎከ አዳም፤ Addaam eessa jirta?” (S. Uum. 3:9):- Waaqayyoon hunda beekaa ta’e osoo jiru; fuuldura Isaatti wanti dhokootu tokkolleen osoo hin jiraatiin (Faar. 138:7) akka beekaa hin taanetti “Eessa jirta?” jechuun Isaa amala kee qabadhee si barbaacha nan dhufa yeroo jedhuuni dha.
- “Sii fi dubartiti giddutti, sanyii kee fi sanyii ishee giddutti dinummaa nan kaa’a. Inni mataa kee si tuuma; ati immoo isaa ni hiddiita.” (S. Uum. 3:15):- ‘Si’ kan jedhame Seexana yoo ta’u, ‘Dubartii’ kan jedhamte Qulqulleetti Maariyaamii dha. Dinummaan isaan gidduu jiru (Mul. 12:1-6) irratti ifatti barreeffameera. ‘Sanyii kee’ kan jedhaman Ayhuudota Kiristoos fannisanii dha. Isaan gochaan ilmaan Diyaabiloosiiti. (Yoh. 8:44). ‘Sanyii ishee’ kan jedhame firii gadaameessa Durbee Maariyaam kan ta’e Iyyasuus Kiristoosi dha. ‘Inni mataa kee si tuma’ akka jedhame Kiristoos fannifamuu Isaatiin seexanaa injifachuu Isaa yoo ibsu, ‘Ati immoo faana isa ni hiddiita’ kan jedhame immoo seexanni si’a tokko Heroodis irra buluun Kiristoos yoo ari’atu, Ayhudoota keessa buluun yoo Isa reebsisu, fannisiisuu fi ajjeesisu dubbachuudhaafi.
- “Addaam hamaa fi gaarii beekuuf Nu keessaa akka tokkoo ta’e.” (Uum. 3:22):- Qaama sadan keessaa Inni tokko amala Waaqaaf adda ta’een Qama lamaan irraa adda ba’ee amala Addaam amala Isaa gochuuf akka jiru dubbii agarsiisu dha. “Foon ulfinni irraa adda ba’eenii ture Waaqa ulfinaa gochuuf, foon gooftummaa kennaa dhabee ture Gooftaa amalaa gochuu ni jaalate. Addaam Nu keessaa akkaIsa tokkoo ta’e kan jedhe sanas nama ta’uun ifoomsuu ni jaalate.” (Amantaa Abbootaa, Yohannis Afawarqi 66:18)
Kana malee, “Guyyaa shanii fi walakkaan gaafa raawwatu dhala dhala) kee irraa dhaladhee, qe’ee kee keessa nanaanna’ee, fannifamee fi du’ee sin fayyisa; Waaqayyooon abbaan keenya Addaami guyyaa shanii fi walakkaa booda ‘Jecha’ Koo nan erga; sin fayyisas isa sin jedhe hubadhu” jechuun Waaqayyoon Addaamiif waadaa galeera jedha darbii darboo Qulqulluun Mana Kiristaanaa keenyaa. (Kitaaba Qalameenxoos; Qabsuura Addaam isa Ebilaa) Guyyaa shan kan jedhu bara kuma shan ibsuuf jedhu abbooni. “Fulduura keetti barri kuma tokko akka guyyaa kaleessaa yookin sa’atii halkanii darbite dha. Garuu, obboloota koo kana hin irraanfatinaa; Waaqayyoo biratti guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo, waggaan kuma tokkoos akka guyyaa tokkooti.” (Faar. 89:4, 2Phex. 3:18)
Gochaan:
- “Isaanis, guyyaan gaafa galgalaa’u sagalee Waaqayyoo Gannata keessa yommuu deddeebi’u dhaga’an.” (Uum. 3:8):- Waaqayyoon afuura dha. (Yoh. 4:24). Afuurri yommuu adeemu deemu immoo sagalee hin dhageessiisu ture. Garuu, Waaqayyo deemsa milaa amala namaatiin biyya lafaa kan irratti nama ta’ee Addaamiin fayyisuuf deddeebi’u sana agarsiisuuf jecha Gannata keessatti osoo nama hin ta’in duratti sagalee deemaa dhageessisaa gara Addaam fa’atti dhufe.
Waadaa kana irraa kan ka’e abbaan keenya Abrihaam mootii Sadoomii gargaaree, mootii Kolodogoomoorii yommuu injafatu gamachuu itti dhaga’ame irraa kan ka’e “ Mucaa Kee baara kootti na agarsiisa” moo guyyatti nattiagarsiista jechuun Waaqayyoo gafateera. Waaqayyoonis yeroon Ilma isaa itti ergu waan hin geenyeef fakkeenya Ilma isaa kan ta’e Luba Malkatseedeeq laga Yoordaanos ce’ee akka qunnamu isa taasiseera.(Hiikkaa/Ibsa/ Seera Uumamaa boqonnaa14) “Abrahaam guyyaa koo arguuf ni haawwe; argees ni gammade.” akka jedhu (Yoh. 8: 56).
Raajonnis dhufaatii Ilma Waaqayyoo: “Maaloo, samiiwwan gadi siqsi, gadi bu’is; … Harka Kee Ariyaamii ergi; na fayyisis.” (Faar. 143:5–7), “Ati banta taanaan Si’iirraa kan ka’e tulluuwwan ni hollatu ni baqus.” (Is. 64:1), “Ifaa fi dhugaa Kee ergi; isaanis haa na qajeelchan: gara tuulluu Mana Qulqulluummaa Kee fi bultoo Kee na haa geessan; gara aarsaa Waaqayyoottis.” (Faar. 42:3–4) jechuun Waaqayyootti dubbachaa turan. Waaqayyoon waan hunda yeroo isaatiin waan hojjetuuf (Faar. 119:126) yeroon hamma gahutti Ilma isaa hin ergine. Idda sanaa Oritii fi Raajota nuuf kennee nu jajjabeessaa ture; abdiiniis nu eegsiisaa ture. “Wangeelaan nu akeekte; Raajootaan nu jajjabeessite” akkuma jedhu Wangeelaan hanga duurfamnuutti Raajotaan nu jajjabeesse. (Sirna Qiddaasee) Akkuma Qulqulluun Phawulos: “Durii jalqabee Waaqayyoon bifa hedduun fi karaa hedduun Raajotaan dubbate.” jedhu dhufaatii Isaa fakkeenyaa fi raajii adda addaatiin nu beeksiisaa turan (Ibr. 1:1).
Beellamni qabame gaafa dhaqqabeetti Waaqayyoon Abbaan Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaatti erge. “Garuu dhumni barichaa gaafa gahetti Waaqayyoon Ilma Isaa dubartii irraa dhalate, seeraa gaditti dhalate ni erge.” (Gal. 4:4). Akkuma Isaayiyyaas keessa: “Afuurri Waaqayyoo narra jira; kanaaf hiyyeessotaaf akkan misiraachoo himu, kan booji’amaniif akkan walabummaa labsu, kan gaddaniif akkan gammachiisu, jaamonni akka arganiif, kan dhiibaman akkan fayyisuuf, kan hidhaman akkan hiikuuf, kan madaa’an akkan qoorsuuf, waggaa Waaqayyoo eebbifam akkan lallabuuf na dibee na erge.” inni jedhu akka milkaa’uf hojii Afuura Qulqulluutiin Dubaroo Maariyaam irraa foon fi lubbuu hirmaatee gadaameessa ishee keessa bule; “Ani Waaqa; kanaaf har’uma haa dhaladhu” osoo hin jedhiin, ji’a sagaliif gadaameessa ishee keessa ni ture. “Gooftaa samii fi lafa uumeef bultoo taate; ji’a sagal gadaameessa kee keessa baatte.” (Galata Maariyaam guyyaa jimaataa)
Daangaa bittaa Roomii jala bulchiinsota jiran keessatti namoonni hunda akka lakkaawamaniif Qeesaarii Awgusxoos irraa ajajni gaafa ba’etti Yoseef Kaadhimamtuu isaa kan taate (akka eeguuf) Durbee Maariyaam qabee Galiilaa, Naazreet irraa gara lafa Yihudaa, Iyyarusaaleemitti deeman. (Luq. 2:1-5). Magaalaan Iyyarusaaleem keessummoota galmeef dhufaniin dhiphattee turte. Yeroo sanas yeroon dahuuma ishee ni gahe. Iddoo boqonnaa waan dhabaniif mandara Beetaliheemii keessa dallaa loonii argatan. Waaqayyoon addunyaa barruu harka Isaa keessa qabatee jiru iddoo itti dhalatu dhabe! Dallaa loonii keessatti Durbeen Maariyaam dahuumsa dhukkuubbii hin qabneen Ilma ishee hangafaa ni deesse (Luq. 2:6). “Jechi Abbaa irraa dadhabbii malee ba’e. Durbee Maariyaam irraas dhukkubbii malee dhalate.” (Galata Maariyaam guyyaa kamisaa). Raajiin “Daa’imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateettii isaa irra ni ta’a. Maqaan Isaas: Gorsaa Ajaa’ibaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara Baraa, Abbaa Nagaa jedhamuun ni waamama.” jedhu ni raawwatame. (Isaay. 9:6).
Guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin ilaalchisee Qulqulluun efreem inni Sooriyaa “Faaruu dhalootaa (Hymns on the nativity)” jedhu qaba. Faaruu isaatiin dhaloota Kiristoos yoo ibsu:
“Durbeen guyyaa kana Beetaliheemitti Amaanu’eel deessee jirti waan ta’eef guyyaan kun guyyaa Raajota, Moototaa fi Luboota gammachiise dha. Sababiin isaas dubbiin Isaanii hundi isaan raawwatame. Sagaleen dur Isaayiyyas dubbate (Is. 10:19) har’a dhugaa ta’e. ‘Inni lakkoofsa ormootaa barreeffamaan himu achitti dhalate.’ Faaruun Daawiit yeroo tokko faarfate raawwii isaatiin har’a dhufe. Dubbiin Miikiyaasiis yeroo tokko dubbate (Miik. 5:2). Har’a ni raawwate. Sababiin isaas, Efraataa keessaa Tikseen ni dhufe; uleen isaas lubbuuwwan irratti raafamaa ture. ‘Kunoo! Yaa’iqoob irraa urjiin ibse.’ (Lakk. 24:17). ‘Israa’eel irraa immoo Mataan ka’e.’ (Hos. 1:11). Raajiin Bala’aam dubbiin dubbate har’a hiika isaa ni argate; ifni dhokataan gadi ni dhufe; qaama keessaas bareedinni isaa ni ba’e. Ifni Zakaariyaas dubbate, har’a Beetaliheemitti ni ibse.”
“Har’a Mucaan ni dhalate; maqaan isaas Ajaa’iba jedhame (Isaay. 9:6). Waaqayyoon akka Daa’imaatti of mul’isuun isaa akkam nama ajaa’iba!” erga jedhe booda dhaloota Addaami fi Kiristoosii yommuu wal madaalchiisu: “Dacheen durba turte Addaam isa mataa dachee ture deesse; Durbeen (Maariyaam) immoo Addaam isa Samii irratti Mataa ta’e har’a deesse.” jedhe. Sanyii dhiraa malee gadaameessi Durbee Maariyaam firii argamsiisuu isaa yoo ibsu: “Uleen Aaron ni lalliste; mukti gogdee turte firii argamsiiste. Gadameessi durbaa (Durbee Maariyaam) Mucaa tokko (Iyyasuus) da’uu isaatiin iccitiin kun har’a ni qulqullaa’e.” jechuun icciticha ifoomseera.
Qulqulluu Yohaannis Afawarq, Durbeen Maariyaam sanyii dhiiraa malee da’uu ishee yoo ibsu, “Akka namaatti sanyii namaatiin hin dhalanne… dur Addaam dachee hin hidhamne irraa uume; lammata Hewaan haadha malee Addaam irraa uume; Addaam haadha malee Hewaan akka argamsiise, har’a Durbeen Maariyaam abbaa malee Kiristoos deesse.” jedheera. Lammata, Abbaan Qulqulluun kun “Yeroo Durbee Maariyaam irraa dhalate sana durbummaa ishee osoo hin jijjirin (hin digiin) ni jabeesse.” jechuun Maariyaam durbummaadhaan da’u ishee ibse (Abboota Amataa kan Yohannis Afawarq).
Qeerloos isa Itiyoophiyaa jedhamuun kan Waamamu Qulqulluun Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa Kitaaba Argaanoon jedhu keessatti, Dallaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessatti dhalate akkana jechuun ajaa’ibsiifate: “Bulchaan addunyaa dallaa keessa ciisuun isaa baay’ee nama ajaa’iba; dallaan Tsirha Ariyaam caalaa ni dheerate; handaara lafaa caalaa ni bal’ate…Samii fi lafti isa hin dandeenye dallaan ni danda’e; ni daangeessees. Dallaan ni galateeffame, Gooftaan jabotaa keessa waan rafeef… Dallaan teessoo akka kiruubeel isa baatanitti ni ta’e…Yoseef fi Soloomeen asi fi achiin, Sa’aa fi Harreen ciinaa lamaan roga afranii ni dhaabbatan.”
Dhaloota Iyyasuus Kiristoos taatee samii fi lafa irratti jiruun yoo madaalchisu, akkana jechuun dubbate: “Achitti haadha malee abbaa qaba (Faar. 2:7, Daan.7:13); asitti immoo abbaa lafaa malee haadha qaba (Luq. 2:7); Achitti Gabri’eel sodaadhaan dhaabata (Luq. 1:19); asittis Gabri’eel gammachuudhaan misiraachoo dubbata (Luq. 1:26); achitti, Tsirha Ariyaamitti abbaa ijaan hin mul’anne irraa dhalachuu isaatiin galata ajaa’ibaa qaba; asitti, Beetaliheem keessatti immoo durbee irraa dhalachuu isaatiin galata qaba (Luq 2:1); achitti ixaana luboota samii irraa ultuu (Tsinaa) warqee keessaa ni fudhata (Mul. 8:3); asittis warqee, ixaana fi qumbii ogeeyyii (Sabaa sagal) irraa ni fudhate (Maat. 2:12); achitti kiruubeel fi suraafeel ulfina isaatiin ni raafamu; asitti Maariyaam isa ni hammatte, Salomeen isa ni tajaajilte. Achitti balaqqeessi bakakkaa fuula isaa duratti ni gaggaragalu, duumessi ibiddaas galma keessaa ni ba’a (Hisq. 1:13); asitti Harree fi Sa’aan afuura isaaniitin ni hoo’isan (Isaay. 1:3).” jechuun ibse.
Taateen kun kan irratti raawwatame Maariyaamiif kabaja malu yommuu dubbatu: “Dhaloota Ilma Waaqayyoo Ayyaana goonee haa kabajnu; gadameessa isa baatte haa galateeffannu; jilba hammataniif haa jilbeenfannu; harma isa guddisaniif haa faarfannu; harka isa qaqqabaniif haa galateeffannu; afaan isa dhungataniif haa jilbeenfannu.” jechuun dubbata. Qalbii keenya gara godoo Beetaliheemii geessuun immoo akkana nuun jedha: “Tiksoota waliin galata haa galchinu; ogeesota waliin kennaa haa kenninu; akka Yooseef haa dinqisiifannu; akka Salomees haa tajaajillu; dallaa keessa ciise keessatti haa sagannu; dallaa inni itti marame sanatti haa jilbeenfannu; Waaqayyoof samii irratti galanni haa ta’u, lafa irrattiis kan nama jaallate haa jennu. (Luq. 2:14)” jedha.
Inni Abbaa irraa dur dhalate (Faar. 2:7, 109:3) har’a sanyii Daawiit kan taate Durbee Maariyaam irraa ni dhalate. Inni Ilma Waaqayyoo jedhamu sanyii Abrahaam irraa dhalatee Ilma namaa jedhame (Ibr. 2:16, Maat. 16:13-16). Inni dulluma malee bara mo’atee jiraatu daa’ima ta’e. Qulqulluu Yohannis Afawarq barreefama isaa waa’ee Dhalootaa (St. John Chrysostom’s Christmas Homily)) jedhu keessatti “Maalan jedha? Maalan dubbadha? Inni bara dursee jiraachaa ture daa’ima ta’eeraahoo! Ani baay’iseen ajaa’ibsiifadhe.” jechuun dinqisifannaa isaa ibseera.
Namoonni Waaqayyoo ija fooniin arguuf hawwanii wantoota adda addaa godhaniiru. Israa’eelonni Waaqa mul’atu barbaacha Aroon dirqisiisuun waaqa nam-tolchee (Xaa’ootii) fuuldura isaaniitti mul’atu hojjachiifataniiru. Museenis fuuldura Keetti ulfina argadheera yoo ta’e, fuula Kee na agarsiisi jechuun gaafateera. Kunoo, har’a Namoonni Waaqayyoon gurra qoofaan dhaga’aa turan ijaan ni argan. “Namoonni iji gurra caalaa amanamaa ta’uu isaa waan amananiif waan hin argine ni shakku, kanaaf shakkii hundumaa akka balleessuuf qaamaan of mul’isuuf of qopheesse.” Qulqulluu Yohannis Afawarq akka jedhetti. Waaqayyooo addunyaa irraa fagaate osso hin ta’in, Waaqayyoon arjummaa fi jaalala ilma namaaf qabu agarsiisuuf gara biyya lafaa fooniin akka dhufe yaaduun haa gamannu! Haa gaalateffannus!
Raajaan Isaayiyyaas bara 700 dursee raajiin inni dubbatee har’a dhugaa ta’eera. Kanaanis Ilma dhiraa kan ta’e daa’imni nuuf dhalateera. (Isaay. 9:6). Eenyummaan daa’ima dhalates Kitaaba Qulqulluu keessatti bifa armaan gadiitiin ibsameera:-
- Daa’imni dhalate qoricha dha. Qulqulluun Gabri’eel tiksootaaf oduu daa’ima dhalatee yommuu himuuf: “Saba hundaaf misiraachoo himu waanan qabuuf hin sodaatinaa. Har’a magaalaa Daawiit keessatti qorichi isiniif dhalateera; kunis Gooftaa ebbifamaa Kiristoosii dha.” jedheen (Luq. 2:10-11). Daa’imni dhalate nama cubbuu irraa kan dhiqu qoricha filannoo hin qabnee dha. “Inni cubbuu irraa waan nama fayyisuuf Iyyasuus jeettaan.” (Maat. 1:21). Yohannis Cuphaan “Kunoo, hoolaa Waaqayyoo cubbuu addunyaa balleessu!” kan jedheen qoricha kan ta’e Iyyasuus Kiristoosi dha (Yoh. 1:29). Qorichummaan isaas addunyaa maraafi. “Nuti argineerra. Abbaan Ilma Isaa qoricha addunyaa akka ta’u erguu Isaa dhugaa ni baana” (1Yoh. 4:14).
- Daa’imni dhalate ifa dha. “Ani ifa addunyaati” akkuma jedhu (Yoh. 8:12). Ifni dukkana bara kuma shanii dabarsuuf gara addunyaatti dhufe Iyyasuus Kiristoosi dha. “Sabni dukkanaan deeme ifa guddaa arge; gaaddisa du’aa fi biyya dukkanaa kan turaniif ifni ni ba’eef.” (Isaay. 9:2) jechuun Isaayiyyaas raajii kan dubbate “Saba hundaaf kan ifu ifni dhugaan gara biyya lafaatti (addunyaatti) dhufe” jechuun dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin raawwatamuu isaa Yohaannis ibseera.
- Daa’imni dhalate nageenya dha. “Daa’imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateetti isaarra ni ta’a. Maqaan isaas: gorsaa ajaa’ibaa, Waaqa jabaa, Abbaa bara baraa, Abbaa Nageenya jedhamuun ni waamama.” (Isaay. 9:6). Nageenya isaatiin wal-loltaa samii fi lafaa, fooni fi lubbuu, Waaqaa fi nama, Ergamootaa fi nama gidduu jiru waan fureef ergamoonni fi tiksoonni waliin dhaabbatanii “Ulfinni Waaqayyoof samii irratti haa ta’u; lafa irrattis warra tola isaa irra bu’eef nagaan haa ta’u.” jedhan (Luq. 2:14). Nageenyi Iyyasuus Kiristoos nageenya addaati. “Nagaa Koo isiniif nan kenna; nagaan ani kennu kan akka biyyi lafaa kennitu miti.” (Yoh. 14:27).
- Daa’imni dhalate jireenya dha. Tokkichi Ilmi Abbaa, gara addunyaa kanaa kan dhufe jireenya kennuufi dha. “… Ilmis kan jaalateef jireenya ni kenna” (Yoh. 5:21). Jireenyummaan daa’ima kanaas jireenya bara baraati. “Waaqayyootti kan amanan hundi isaanii akka jireenya bara baraa argataniif malee akka hin banneef Ilma isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkanumatti jaalateera.” Namni jireenya kana amanu hundumtuu akka argatuuf soorata ta’ee dhihaateera. “Buddeenni jireenyaa samii irraa gadi bu’e Ana dha. Buddeena kana kan nyaate bara baraaf ni jiraata.” (Yoh. 6:41).
Ayyaana dhaloota Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafa kabajnu iddoo cubbuu irraa fagaachuun barbaachiisaa dha. Keessattuu waggoota as dhihoo jiranitti ayyaanota Mana Kiristaanaa keenya sababeeffachuun koonsartiin muziqaa gara garaa qophaa’aa dargaggoota keenya Mana Kiristaanaa irraa akka fagaatan taasifamaa jira. Halkan tiiksoonni Ergamoota waliin faarfachaa bulanitti nuuf immoo mooraa Mana Kiristaanaa keessa argamuun galateefachaa buluun nuurraa barbaachiisa. Gochi biraa seera mana kiristaanaa darbuun guyyaa ayyaanaa hojjetamu immoo nyaataa fi dhugaatii daangaa darbee dha. Ayyaanni Mana Kiristaanaa ayyaana Afuurawaa hamma ta’etti ija Afuuraan kabajuu qabna malee guyyaa affeerraa nyaataa fi dhugaatii qofa gochuun nuurraa hin eeggamu. Keessattuu dargaggoota biratti dhugaatiin machaa’uun badii gara garaa keessatti galanii gaafa ayyaana Mana Kiristaanaa argamuun akkam Amantaa arrabsiisaa! “Hojii keessan gaarii arganii, Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan fuuldura namootaatti haa ifu.” Osoo jedhamnu dukkana ta’un nuuf hin malu (Maat. 5:16). Ayyaana yommuu kabajnu maqaa Waaqayyoof kabaja kennun dirqama dha. “Sababa keessaniin ormoonni maqaa Waaqayyoo ni arabsu.” akka hin jedhamne (Room. 2:21). Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Abbaan Addunyaaf Ilma isaa tokkicha bilisaan dabarse itti kenne waan ta’eef nuutis obboloota keenya rakkataniif kennaa kennuun Waaqayyoo haa fakkaanu!
Galanni Waaqayyoof bara baraan haa ta’u!
Ayyaana Gaarii!