Itti fayyadama miidiyaalee hawaasumma
in UncategorizedDr Maagarssaa
Miidiyaaleen hawaasumma ragaalee dhugaas ta`e sobaa barreeffamaan, sagaleen, warabbii suursagaleen uummataaf kan ittin raabsamu meeshaa walqunnamtiiti. Ta`us, namni tokko miidiyaalee hawaasumma yeroo fayyadamu; isa sobaan akka hin miidhamne, isa dhugaa ta`etti mmoo akka fayyadamuuf; dhugaa soba irraa adda baasuuf calaltuu ykn safartuu qabaachuu qaba. Waanti barreeffame ykn argamee fi dhaga`ame hunduu dhugaa mitihoo.
Dhalli namaa kaayyoo garaagaraatif yaada tokko karaa garaagaraan ibsuu danda`a. Haa ta`u malee, haalli fi karaan itti ibse odeeffanno akkamii?; eenyuuf?, akkamitti?, kkf… gaaffilee jedhaniif deebii karaa sirriin kan kennu ta`uu qaba. Odeeffannichi miidhaa geessisuu fi fayyaduu isaa dursee hubachuu qaba. Dhugaan dubbatamu illee maal yaadee ykn kaayyoo akkamittiif akka ta`e waan hin beekneef carraan dogongoruu ol`aanaa dha.
Kanaafuu, odeeffannoowwan karaa miidiyaalee hawaasaa gadhiifaman dhugaa yoo ta`an dhiibbaa gaarii; sobaan kan guutaman yoo ta`an immoo dhiibbaa yaraa hawaasa irraatti qaqqabsiisuuf dandeetti ol’aana qabu. Bu`uura Kanaan miidiyaalee hawaasumma miidiyaalee hawaasaa irratti odeeffannoo barreffamaa fi suursaglee gadhiifaman yeroo arginu maalummaa fi bu`aa isaanii hubachuuf gaaffiiwwaan gaafachuu qabnu jira. Muraasa isaanii ilaaluuf:
- Ergaan isaa maali? Dhimmi miidiyaa hawaasumma irratti darbe maalummaa fi bu`aan ergaa isaa maal? Kan jedhu gaafachuun ni barbaachisa. Maalummaa dhimmichaa utuu hin hubatiin kenneen biroo sababa afarsaniif qofa kan fudhannu ta`uu hin qanu. Raajii Iyasuus (ተአምረ ኢየሱስ) irratti seenan barra`e jira. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristoos fakkeenyaa nuuf ta`uuf jecha barumsa barachuuf gara barsiisaa ni deeme. (Hubadhu; barsiisichaaf beekumsa kan kenne Gooftaan nuyiif fakkeenya ta`uuf deeme malee beekumsa haaraa argachuuf miti). Achii barsiisan qubee isa barsiisuuf “Aleef” jedhi jedheen. Gooftaanis “Alef” jedhe. Qubeen “Aleef”tti aanee jiru “Bet” waan ta’eef “Bet” jedhi jedheen. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristtoos garuu dursa hiikkaan “Aleef” maali dha? Iccitii kana natti himi. Isa itti aanu nan jedha itti jedhe. Kanaaf, nutis dhimma sana itti dhiyeenya qaamolee miira keenyaan arginee dhamdhamnee kan hin mirkaneessine ykn barumsa amamtaan kan hin baranne yoo ta`e qaama barreese yoo argine maalumma barreffamichaa qama barreesse gaafannee ykn karaa biraatin hubachuun nurraa eegama. Kunis maalummaa ergichaa hubachuu fi adda baasuu nu dandeessisa.
- Eenyutu barreesse? Qulqulluun Yohaannis Afaan warqee “barreeffama tokko namni dubbisu dhimma barreffame dubbisuun dura eenyummaa barressichaa haa beeku: erga baree booda dubbisee isa dubbise haa barsiisu” jedha. Eenyyuummaa barreessichaa beekuun miira barreefamichaa akka hubannu nu gargaara. Achii barreeffamicha dubbisuun ka`uumsa barreffamichaa hubachuun maal jechuu akka barbaade salphaatti hubachuu dandeessisa. Duuka bu`oota qofa utuu hin ta`iin namootni baayyeen Kiristoosi hordofanii ture. Haa ta`u malee, uummanni Isa hordofu waa`e Iyasuus Kiristoos ilaalcha garaagaraa qaba ture. “Yohannis cuuphaa kan ittin jedhan jiru; kaanis Eermiyaas ykn raajota keessa tokko jedhuun”. (Maat. 16:10). Hubadhu! Nama hordofan beekuu dhabuun gantummaa ol`aanatti ramadama. Uumaa isaanii akka uumamaatti dhiyeessanii ture. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuyus Kiristoos Duuka Bu`ootan “isinihoo eenyu naan jettuu?” yeroo jedhu Qulqullichi Pheexiros “Ati Kiristoos Ilmaa Waaqayyoo isa jiraataa dha” jechuun yoo deebisu “Ati Qulqullu dha” jedhamee kabajni kennameef. Miidiyaalee hawaasumma irratti odeeffannoowwan abbummaan isaanii kan hin beekkamne barreeffamoonni fi sagaleen akkasumas suursagaleen ni gadhiifamu. Yeroo kana ergaawaan sammuu keenya irratti fe`an ni qabaatu. Kanaafuu ergaan sun “dhugaaqabeesummaa irraa darbee Kiristaanummaa ykn Ortodoksummaa of keessa qaba?” kan jedhu madaluun barbaachisaa dha. Kanaafuu miidiyaalee hawaasummaa yeroo fayyadamnu filachuun nurra jira jechuu dha.
- Eesssatti barreeffame?: Gochichi kan eessatti rawwatamee? kan jedhu beekamuu qaba. Raawwii biyya ambaatti raawwaame akka waan biyyaa keenyatti raawwatametti dhiyeessuun miira hin taane keessa kan mana galchan. Sobanii sobaaf kan nama saaxilan namoonni baayyeen jiru. Kanaafuu, raawwii ykn dhimma tokko amannee fudhachuun dura karaa garaagaraatiin sirrii ta`uu isaa adda baasuu nurra jira. Adda baasuuf ragaa ga`aa yoo dhabne dhimmicha kanneen biroof qooduurraa of qusachuu; nutis naasuu fi mira hin taane keessa seenuu irra fagaannee karaa tasgabaa`e irra deemuun barbaachisaa dha. Kitaaba Qulqulluu irratti seenaa Soosinnaa guutuu isaa yoo dubbisnu waan hubannu tokko jira. Barssisionni Soosinnaa waliin ciisuu barbaadu. Isheen garuu, “hin ta`uu jette. Sababa Kanaan sobaan ishee himatan. Qaamni isa ilaallatus dhimmicha utuu hin sakatta`in Soosinnaa ajjeesuuf qophaa`a. Danii`el garuu “dhimmicha haa sakkattanuu” jechuun “eessatti argitan?” jechuun yoo isaan gaafatu bakkeewwan garaagaraa dubbatan. Kanaanis sobni isaanii beekame. Kaanaafuu, nutis sobaan akka hin dogongorreef “eessatti?” jennee gaafachuu qabna.
- Yoom barreeffame? Waanti dhageenye ykn argine yoom kan raawwatame? Kan jedhu beekuun barbaachisa dha. Sababni isaa miidiyaalee hawasummaa irratti dhimma waggoottan baay’een dura raawwatame akka waan har`a ta`etti dhiyeessuun nama kanaan dura hin argine ittiin gowwoomsu. Biyya keessas haa ta`u biyya ambaa manneen waggoota baay’een duraa gubatan ykn nama du`e kan har`aa raawwatame fakkeessuun nama fi nama wal lolchiisu. Kanaafu, waan dhageenyu yoom akka raawwatame beekuun barbaachisa. Gooftaan keenya Duuka bu`oota Isaa tulluu Ejersaa irratti walitti qabee waa’ee dhufaatii lammaffaa fi mallattoo isaa yeroo itti himu “kun yoom ta`a?” jechuun gaafataniiru. (Maat. 24:3) Nutis odeeffannoo qulqulleeffachuuf “yooml” jennee gaafachuu qabna. Yoo hin taane garuu, dogoggorree dogoggorsuu; odeeffannoo dogoggoraa qooduun ofis ta`e nama biraa miidhuu waan dandeenyuuf ofeeggannoon barbaachisaa dha.
- Meeqa? Yeroo baayye badii namni tokko balleesse akka waan namni baayyee raawwateetti dhiyeessuu fi namoonni baayyen kan raawwatan akka waan namni tokkoo ykn mamni muraasni raawwatetti gochuudhaan odeeffannoon gadhiifamuu danda`a. Fakkeenyaaf yakka nama tokkoon bakka dhalootasaa ykn gosa/qomoo isaa arrabsuun rakkoo guddaa qaqqabsiisuu danda`a. iti gaafatamuu kan qabu nama sana ykn garee sana malee dimshaasheessuun naannoo dhalootasaa arrabsuun balleessaa guddaa dha. Tarii namni kun sababa amala badaa issaatiif uummata naannoottin kan tuffatame ta`uu mala. Kanaafuu, dhimma tokko callisnee fudhachuun dura “nama meeqatu raawwate?” kan jedhu gaafannee beeku nurra jira jechuu dha. Ballina bakkaa, dheerina yeroo baayyina namaa nu beeksisuu danda`ati. Yakka namoonni baayyee raawwatan akka waan nama tokkoon rawwatametti dhiyeessuunis jiraachuu danda`a.
- Akkamitti? Ergaawwan kara miidiyaalee hawasummatiin gadhiifaman barmaatilee fi uumamarraa kan fagaatan ta`uu danda`u. callisnee kan fudhannu miti. Kan nuti aadeeffannen akkasumas kan barannee fi argine irraa adda kan ta`e yoo dubbatame fi dabrsame `Akkamitti?` jedhanii gaafachuu barbaachisa.
- Maaliif? Miidiyaalee hawaasummaa irratti odeeffannoowwan baayyee karaa garaagaraatiin ni gadhiifamu. Namni ergaa kana gadhiisu garuu sababa qaba. Dhugaas haa ta`u soba nama odeeffannoon kun qaqqabuuf dhimma ittin ga`uu barbaadu qaba. Kanaafuu, ergaa tokko miidiyaalee hawaasummaa irratti barreeffame yoo arginu akkaataa hubannaa keenya qofaan utuu hin taane hubannaa barreessaasanaas hubachuu qabna. Ergaa sana ilaallee qdfa kallaattitti amanuu hin qabnu. ‘Maaliif’ jennee gaafachuu qabna. Moora dhaabillee barnoota olaanoo keessatti baacoon barattootaan dubbatamu tokko jira. Yeroo tokko halkan kutaan bultii barattootaa tokko gubachuu jalqabe. Achii barattootni rafanii turan dammaquun kutaan isaanii gubachaa jiraachuu beekuun lubbuu isaanii olfachuuf na`anii qullaa fiigaa ba`an. Barataan mana kitaabaa ture tokkoo gara kutaa isaatti yoo deebi`u namoonni baayyeen qullaa fiigaa jiraachuu arga. Yeroo kana innis uffata isaa baasuun isaan faana bu`e. Amma namni kun nama sababa malee socho`u dha. Isaan gubachuurra jedhaani tasa waan godhani. Inni garuu, calliseetuma isaan arguun sababa isaa utuu hin beekin uffata baafatee isaan hordofe. Nutis miidiyaa hawaasummaa irratti namni beekamaan tokkoon ykn dammaqsaan (activist) sababa barreesseef isuma hordofne calaqqisuu fi daddabarsuu hin qabnu. Namni kun kaayyoo ta`eef sobas ta`e dhugaa odeeffannoo kana yoo qopheessu rakkoo itti aanee dhufu hubatees ta`e hin hubatin ykn ta`e jedhee yoo raawwatu kaffalameef ta`uu danda`a. dabalataanis garamii garamitti; maalirraa, maalin, hanga maalitti… kkf. jennee odeeffannoosana qulqulleeffannee odeefannoo lubbuu fi foon keenya fayyadu fudhachuu qabna.
Armaan olitti akkuma ibsame odeeffannoo sababa arganne qofaaf rakkoo inni uumuu utuu hin hubatin miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisuun rakkoowwan baayyee nama dhuunfaa, maatii, naannoo fi darbees biyya irratti fiduu danda`u yaada keessa galchuun madaallee fayyaadamuun barbaachisa dha. Kanaa aattis yeroon itti fayyadamnus daangaa qabachuu qaba. Guyyaa guutuu miidiyaa hawasummaa irra taa`aa ooluu fi hordofuun araada akka nutti hin taane ofeeguun barbaachisaa dha.
Yaa’ii mooraatiifii itti fayyadama yeroo
in UncategorizedWaaqayyo ilman namaatiif akka itti fayyadamanuuf kennaa kenne kessaa tokko yeroodha. Hunduma sirnaan qopheesseeraatii kennaa isaaf seeraan qabachuu fii itti gaafatamummaadhaan fayyadamuun immoo ilmaan namaa irraa kan eegamuudha. “Hojii inni hojjete yeroo isaatti gaariidha” (k/lallabaa 3:11).
Yeroon dhaabbatee nu hin eegu: sakoondiin gara daqiiqaatti, daqiiqaan gara yerootti, yeroon gara guyyaatti, guyyootiin, gara torbeetii torbeewwan gara ji’aatti, ji’ootiin gara waggaatti … barri bara bakka buusuudhaan dhaloonni ni darba dhalooni bakka ni bu’a. Yeroon ni dhufa yeroon ni darba. Kanaan Waaqayyo umurii akka ittiin jiraannu nuyiif kenneen immoo kaayyoo uumamneef jiraachuun nu irraa eegama. garuu hammam itti fayyadamnee jirra? Yoo jennu kan itti fayyadamne caalaa akkasummatti akka dabarsine hubanna.
Uumamoota irraa egalee abboommii Waaqayyoo eeganii, akka jecha Isaatti deddeebi’anii, hojiidhaan mul’isanii, ergama gara biyya lafaa kanatti dhufaniif raawwatanii, dhalootaaf fakkeenya ta’anii, kan Abbootiin darban har’as kitaabilee Qul’qullaa’oo keenya keessatti, jireenya hundumaatti caqasaatu jiraanna. Yeroo isaanii sirriiti gaarii hojjechuudhaan fayyadamaniiru waan ta’eef kakuu isaaniitiin nuti fayyadamtoota dha. Inni kan biraa garuu qoosuudhaa fii taphaan, akkasumas qajeelummaarra cubbuudhaaf dhaabbachuudhaan barasaa fixa. lamaan isaaniituu nuyiif gaarummaafii hammeenyaan fakkeeenyan ta’anii kan kasnu dha. “Isinis akka ittiin fayyitanuuf kan ittiin waamamtan sagalee jireenyaa dhageessaniittuutii amantanii abdii kan isiniif godhe Afuura Qulqulluudhaan chaappeffamtan” (efe 1:13). Akka jedhu jaalalaan Waaqayyoon tajaajiluudhaan yeroosaanii wantoota gaariidhaaf fayyadamanii waammicha Waamamaniif amanamanii kan birootiif fakkeenya ta’anii darbaniiru.
Faalladhaan immoo “bara cubbuudhaaf bitamtanitti qajeelummaa iraa bilisa turtaniitii;hojii keessan yeroosanaatti kunoo ni yeelloftu; dhumni isaa du’a waan ta’eef “Jedha Waaqayyo duuka bu’icha Qulqulluu phaawuloos irra bulee (Rom 6:21) kanaaf yeroo keenya seeraan itti fayyadamnee eebba akka argannuuf Ortoodoksoota irraa ni eegama.
Gara yaada ka’umasaa keenyatti yomm- uu deebinu yeroo seeraan fayyadamuun hunduma irraa kan eegamu ta’us keessumatti Ortoodoksoota dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti kan argamanu barattoota yaa’ii mooraa irratti xiyyeeffannoo goona.
Dargaggoonni gara barnoota dhaabbilee olaanootti galan kan itti rakkatan keessaa tokko itti fayyadama yeroo isaanii to’achuu dadhabuudha. Maatii irraa fagaachuun bilisummaa waan isaaniif kennuuf rakkoolee adda addaatiif saaxilamuudhaan milka’aa osoo hin ta’in hafu . barnoota isaaniirraas jireenya Afuuraawaa irraas osoo hin ta’in hafu. “Gara yaa’ii mooraa seentanii maalif hin barattanu? yommuu jedhamanu sababoota adda addaa dhiyeessu. kanneen keessaa muraasa yoo ilaalle.
- Yeroo qu’annaa keenyaa fudhata
Barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanoo erga seenanii booda yaa’ii mooraa keessatti akka hin hirmaanneadda dureedhaan kan caqasan “yerroo keenya fudhata (saama) jechuudhaan akka miliqqaatiif kan dubbatanuudha yaa’ii mooraa seenanii fooniifis ta’ee lubbuu isaaniitiif galaa kan ta’u qabatanii akka banuuf kan isaan gorsan hundumaa akka booddee hafaatti lakka’aa yoo qoosan mul’atu. Waaqayyo sodaachuun keessa isanii waan hin jirreef addunyaa hawwu. barnoota boodas qu’annaadhaaf yeroosaanii keennurra fedhiin foonsaanii gara isaan agarsiise demuudhaan kan fedhan raawwatu.
“Guyyan dhiphinaa osoo hin dhufin bara dargaggummaa keetti Uumaa kee yaadadhu” (kit lall 12:1) jecha jedhu ni dagatu. Ofii isaanii Waaqayyo irraa adda baasuudhaan yeroo gaabbii isaaniif kennametti hunduman harkaan qaba ,hunduman raawwadha jechuudhaan umurii dargaggummaa isaaniitti cubbuu hojjechuudhaaf tattaaffatu. dhumni isaaniis bareedaa hin ta’u; barnoota isaaniitiin hanga barbaadame osoo hin ta’in tokkummaa isaan Waaqayyoo wajjin qaban addaan cite eebbifamanii ba’anis bakka ramadaman hundumaatti uummata tajaajiluurra ofii isaanii kan jaallatanu hojii hamaadhaaf kan jabaatan ta’anii argamu.
Seeraan yaa’ii moraa keessatti barattoonni hirmaatan garuu yeroo isaanii seeraan fayyadamuu isaanii irraa kan ka’e tajaajiluufii tajaajilamuudhaaf ofiisaanii kan qopheessan waan ta’aniif waaqayyoon qarqaaraa taasifatanii hubannaadhaan waan deemanuuf milka’aa ta’anii ba’uudhaaf hin rakkatanu.
- Yeroon bashananaa nu barbaachisa
Yeroo haftee isaaniitti sagalee Waaqayyoo dhaga’uufii dubbisuu irraa fagaachuudhaan “Sammuu keenya haaromsina” mala jedhuun yeroo isaanii taphaafii miidiyaa hawaasaatiif kennuudhaan gara-dhabeessa ta’anii kan hafan hedduudhan. miidiyaa hawaasaattis fedhii foon isaaniitiif kan isaanitti dhiyaatu ilaaluufii dhagahuudhaan cubbuu waliin wal baru . saala faallaa darbanii saala wal fakkaataadhaaf kan saaxilamanu hedduudha .
Barnoota booda ofii isaanii boonuuf tattaaffiidhaafii fiigicha taasisanu keessatti bakka bashannana naannawa dhaabbatichaa jiranu jechuunis mana caatii, tamboo dabalatee hashiishii, mana sirbaatiifii bakka gurgurtaa dhugaatii alkoolii bal’inaan waan jiranuuf yeroo isaanii akkasumatti wan hin fayyadneefii kaayyoo ofii kan adeemsa hirranfachiisun akka imalan isaan taasisa. Kanarraan kan ka’e osoo waggaa tokkoffaa hin xumurin hari’atamuuff yoo dirqaman arguun kan barame dha. Maatiin ilmikoo baratee fii hijii qabatee ofii isaatiifii maatii isaas qarqaara jedhee osoo eeguu deebi’anii ba’aa maatii ta’anii hafu. Rakkoo kana hundumaaf saaxilamuu isaaniitiif sababni adda dureen yeroo isaanii gaarii kan ta’eefii kaayyoo waamamaniif waan hin oolchineefidha.
- Dhiibbaa hiriyaa
Sababa adda addaatiin tokkummaa walii wajjin jiraachuu keessatti hiriyaa qabaachuu dandeenya. Hiriyaa kan hin taane nama akkamiitii? Waaqayyo sodaachuun isarra kan bule, karaa gaarii irra kan adeemu fii fakkeenya kan nuuf ta’uu dhaa? Jennee sakatta’uun tokkoon tokkoon keenya iraa ni eegama. Keessumattuu dargaggoonni filannoo hiriyaa keessatti of eeggannoo taasuu qabu. Barattoonni yaa’ii mooraa keessatti hirmaatanus hiriyoota hin mijoofne irraa fagaachuudhaafii gaariifii gadhee adda baasanii karaa isa gaarii Waaqayyo akka isaanitti agarsiisu kadhannaadhaan dhaabbachuu, tajaajilaan cimuudhaan kaayyoo isaaniitiif amanamaa ta’uudhaan hubannoodhaan deemuutu isaanirra jira.
Dhiibbaa hiriyaa irraan kan kaayyoo isaanii irraa akka boodatti hin jenne Mana Kiristaanaa keessatti boqochuu, sagalee Ishee dhagahuudhaaf of qopheessuu, barumsa isaaniitiif tajaajila isaaniitiif dursa kennuun isaanirraa eegama.
- bu’aa teeknooloojii
Addunyaan kaayyoo dagachiisuu kan danda’an, dhaloota ijaaruu irraa maqaa teeknooloojiitiin dargaggoota booji’uu fii gara karaa badiinsaatti wantoota fudhachuu danda’an oomishuudhaan qbamtee9camadamtee) oolti. Sababa kanaan dargaggoonni yeroo isaanii akka qisaassessaniif carraa mijeessaa oolti. bu’aa teeknooloohjii tokko yeroo fii iddoo barbaachisaa qofatti fayyadamuun gaarii ta’us kana dagachuudhaan guyyaa guutuu wanta barbaachisaadhaafis hin barbaachifneefis qabamanii ooluun aradaaf nama saaxila. Keessumatti barattootni yaa’ii mooraa bu’aa teeknooloojii yeroo isaanii qisaasessuudhaafii araadaaf kan isaan saaxiluu danda’u irraa fagaachuu, yeroo barbaachisaa ta’u barnoota isaaniitiif qarqaarsa kan isaanif gochuu danda’anu qofa yeroo barbaachisaatti fayyadamuun ni barbaachisa.
Dhimmootiin muraasaani gubbaatti kaasuudhaaf yaalle baay’inaan dargaggoota irratti caalaadhumatti dhaabbilee barnootaa olaanootti rakkoolee ulfaatanii mul’atanu akkuma ta’an of eeggannoo olaanaa kan barbaadaniidha.
Dargaggoonni yaa’ii mooraa keessatti hirmaatanis yeroo isaanii barnoota isaaniitiif tajaajila isaaniitiif kennuudhaan, tsoomaan(lagannaa), kadhannaafii sagadaan cimuudhaan gara Waaqayyootti kadhachuudhaan yeroo qaban karooraan fayyadamuudhaan fayyadamaa ta’uutu isaan irraa eegama.
Barumsaaf, kadhannaadhaaf, yeroo tajaajilaf qabanu qopheessuudhan barattootni karooraan yeroo isaani fayyadaman mil’ka’aa ta’anii argina. Kanaafis ragaafii mirkaneessaa guddaa kan nuuf ta’u dhaabbilee olaanoo adda addaatti turtii isaaniitti qabxii olaanaa galmeessisuudhaan badhaafamtoota geebaa fii meedaaliyaa ta’uu isaanii lakkoofsi isaaniis yerroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaati.
Qabxii olaanaadhaan eebbifamuu keessaniif sababni isaa maali jedhamanii yonmmuu gaafataman Yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuun isaanii namusa gaariidhaan akka ijaaramanfii yeroo isaanii seeraan akka fayyadaman akka isaan qarqaare dubbatu. Yeroo isaanii haalaan itti fayyadamaniiruutii dheekkama sammuu irraa bilisa. Gochaa isaanii kanaan ofii isaanii irra darbanii maatii isaaniitiifii Mana Kiristaanaa isaanii eebbisiisu. Eebbifamanii yommuu ba’anis beekumsaan kan badhaadhe, namusa gaariidhaan dhaloota ijaarame ta’anii waan ba’anuuf dirree hojii itti bobba’anitti biyyaafii Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan itti gaafatamummaa isaanii ni ba’u. kanaanis yeroo haalaan fayyadamuun faayidaa akkamii akka argamsiisu namoonni kan biraa akka hubatan fakkeenyummaa isaanii dhugaa baasisu. barattoota isaan booda gara dhaabbilee olaanoo seenaniif fakkeenya ta’u.
Walumaa galatti amantaadhaan of dammaqsanii, tajaajilaan of ijaaranii tsoomaaf kadhannaadhaan jabaatanii yeroo haalaan fayyadamuun milkaa’inaaf akka nama ga’u fakkeenyummaa barattoota yaa’ii mooraa irraa barranna jechuudha. Gara fuula duraattis barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanootti seenanis kana hubachuudhaan yeroo isaanii haalaan fayyadamuudhaan milka’aa ta’anii akka ba’anuuf itti fayyadamuu qabu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u.
Guyyoonni haamaa waan taa’ aaniif Baricha Bitaa. (Efe,5;16)
in UncategorizedBara haaraatti ce’uuf hundi keenya qophiitti jirra, baay’een keenya garuu kam dhiifne kam qabanne akka ceenuu hin beeknu. Tarii warreen hubannoo qaban(qalbeeffatan) beekuu ta’a. kunis yeroo jedhamu bara darbee hojii hojjetan keessaa kana boodaatti kan isaan harkisee fi gocha haamaa barichaa wajjiin kan isaan waldhabsisan dhiisani gocha gaggaarii fuulduratti akka tarkaanfatani isaan taasisee fi barichaa wajjiin wal jaallachisee qabatanii ce’uun jechuu dha. Yookiin bara darbee hojii haamaa fi dadhabbii qoofa malee hojii gaarii illee kan itti hin hojjannee yoo ta’ee ammuma jala bultii bara haaraatti jalqabanii gaabbii seenanii hojii haamaa sanaa fi dadhabummaa sanaa kutatanii dhisuudhaan hojii gaarii hojjechuudhaaf karoorsanii ce’uun jechuu dha.
Barrii konkolataa dha ofii imaluuf kan isa faana imalu barbaada. Yeroo fi yaa’aan bishaanii nama hin eegu” akkuma jedhamu boodaatii kan isa harkisuu garuu dursee ni deema malee isa waliin boodatti harkifamuudhaan isa hin eegu. Kun immoo midhamaa baraa ta’aani hafu namatti fida. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawiit “dadhabaan laphee isaatiin waaqayyoon hin jiru jedha” jechuudhaan akka dubbate baay’ina dadhabina isaa irraa ka’uun amantaa isaa hanga ganuu fi Waaqayyoon hin jiru amma jedhu ni ga’aa( Faar:13:1) kuni akka hin taane garuu, baricha dursani argamuudhaan gonfoo ulfinaa goonfachuun dirqama ilma namaaf keenname abboommi Waaqayyoo dha.
Figichi keenya bara wajjiin ta’uu isaa sirritti hubachuun baricha dursinee argamuu osoo qabnuu baraan durfamnee argamuu hin qabnu. Qulqulluchi Phaawuloos baricha bitaa yeroo nuun jedhus namummaa gaarii jabenya Afuurawummaa fi damaqina sammuu qormaatilee baraa kan ceesisuu ogummaa fi beekumsa Afuraawaa nama qabuu taane akka argamnu yeroo nu gorsu dha. Waan ta’eef afuura hojii haaraatiin simachuun nurraa egama.Barichatti namni hojjete barichatti ni gammada. Baricha namni dadhabinaan dabrsee barichatti ni gadda. Bara darbetti kan ittiin hin hojjene fi hirriibaan yookiin oduu qofaan namni dadhabaan dabarsee barri haaraan jijjiramuu qofaan wanta haaraa argachuu hin danda’uu. Wanti moofaanis haaraanis kan jiruu abbaa irraati gamachuunis ta’ee gaddi kan burquu /madduu/ ofi isaa hojii hojjateeni malee jijjiramuu baraatin wanti argamuu hin jiru, callisee kan argamu hiyummaa qoofa dha. Fayyinnis yoo ta’ee sababa gahaa ta’ee qaba, kunis dadhabina bulchinsa yookiin hanqina beekuumsaa akkasumas waraanni fi …………… yeroo ajejamu ta’uu danda’a. kana hunda alatti wanti biraa hin jiru.
Baricha bara keenyaan akka hubannettii dhibbaa mataa isaa qaba. Bara isa tokkottii hongee fi waraanni ni jabaata. Bara kaanin immoo gosota dhukkubaa adda addaa mullachuu ni danda’a. Fakkenyaaf kan akka weerara kovid-19 jechuu dha. Bara sababa siyaasaatiin lammileen rakkoof saaxilamuun…. Jira. Kun hundi darbee baroota birootti immoo warraanni fi dhukkubni lafa irraa bade, ilmaan namaa abbaa nageenyaa fi fayyaa-qabeessa yeroo itti ta’an; bokkaan dhiifamaa, arjoominni isaa yeroo itti bu’u, kennaan/eebbi biyya lafaas yeroo itti baay’atu; barri beellii fi gadadoon uummata (ilmaan namootaa) irraa fagaatu ni dhufa. Kanaaf, abshaalli bara gaarii sanatti bu’aa buuse immoo bara gidiraa darbee darbee dhufuttis nagaadhaanii fi fayyummaadhaan ni ce’a; sugni/eebbi bara gaariitti argate bara gidiraan itti baay’atutti isa gargaara waan ta’eef.
Akka dhaha baraa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii keenyaatti barri/barootni imala isaanii (marsaa isaanii) maqaa ittiin fufsiisan qabu. Walirraa fuudhiinsa Waangeelota afranii Maatewoos, Maarqoos, Luqaasi fi Yohaannis jedhamaniin imalli baraa ni lakkaa’ama. Walirra fuudhinsa urjiilee afran Hilmeel, MeeleekBir’eel,Mil’eeli fi Nappee’eel jedhamaniinis imalli baraa dabaree dabareedhaan ni hogganama. Waqtiilee ganna, bona, birraa fi arfaasa /badheessa/ jedhaman immoo waggaa tokko bakka afuritti hiratanii kan qabatanii dha. Sababa cubbuu keenyaatiin dheekkamsi Waaqayyoo yoo nutti dhufe malee kanneen armaan olitti ibsaman hundinuu itti gafaatamummaa isaaniif kennamerraa duubatti jedhanii hin beekan, hundumti isaanii ergama isaanii akkaatuma ta’uu malutti ni raawwatu.
Baroota marsaadhaan to’atanii hojii hojjechuuf aangoon kan kennameef ilmi namaa bara isaaf kenname kana hojiidhaan to’achuutu irra jiraata. Jalatamtoota amantoota jibbinsaa fi sanyummaa barri fide akkasumas duudhaa iddoo biraarraa dhufeenii fi ilaalcha isaaniitiin osoo hin taane baricha to’achuudhaan, guyyoota gidiraa (daban) sana darbinee, guyyoota gaarii arguudhaaf Duuka Bu’aan Q/Pheexiroos “namni jireenya fedhu kan guyyoota gaarii arguu barbaadu arraba isaa fi afaan isaa shira /badii/ dubbachuu irraa haa dhoorku, wantoota yaraa/gadhee/ ta’an irraa haa fagaatu, gaarii haa hojjetu, nageenyaas haa hawwu yaa hordofus” (1Phex 3:10) jechuudhaan akkuma dubbate baricha dursinee qajeelummaadhaan tattaafachuutu nurra jira. Bara haaraa yommuu simannu hojiiwwan badiirraa fagaachuun, kan wal lolle walitti araaramuun, kan saamne deebisuun, saamunaa gaabbiitiin dhiqannee Foonii fi Dhiiga Goooftaa fudhachuun barri haaraan bara gaarii akka nuuf ta’u Waaqayyo Gooftaa kadhannaadhaan gaafachuu dha malee dhiichisaanii fi sirbaan ta’uu hin qabu. 1Phex 4:3
Bara haaraa kana bara haaraa isa dhugaa akka nuuf taasisuu fi barichas akka to’annuuf biyya keenya Itiyoophiyaatti lola, beela, godaansaa fi dhibeen kan keessaa dhabamu; nageenyii fi gammachuun bara itti labsamu akka ta’uuf fedhaa fi hayyama Waaqayyo Gooftaa nuuf haa ta’u.
Hundeeffama waldichaa
in UncategorizedYeroo haala hundeeffama Waldaa Qulqullootaa kaasnu barichi bara sirni komiwnizimii fi ilaachi isaa itti leelisamu; maqaa Waaqayyoo dha’uun rakkisaa kan itti ta’ee fi gara Mana Waaqayyoo deemuun akka boodatti haafummaatti bara itti lakkaa’mu ture. Barri 1977. Keessattuu barattoota manneene barumsa ol’aanaa baratan biratti sagalee Waaqayyoo ifatti waliin dubbachuunis ta’e dhageeffachuun yeroo itti hin-yaadamne ture. Baroota darbanitti keessattuu bara Mooticha Hayila Sillaasee kolleejjota Yunivarsitii akka barsiisaniif biyyoota Awuroppaa irraa kan dhufan misiyoononni barumsa shakkii isaanii facaasaa kan turan manneen barumsa ol’aanootti ture. Bu’uuruma Kanaan barri sun dhalooti yeroo Sanaa kallattii adda addaatiin barumsa shakkii misiyoonotaatiinii fi ilaalcha kominizimii tiin butamee amantii Ortodoksii irraa kan godaane ture.
(Guutuu isaa duuisuuf liinkii kana cuqaasaa).
Barattootni Yaa’iiwwan Mooraa Baga Nagaan Nuuf Dhuftan!
in UncategorizedDhaabbilee ol’aanoo addaddaa keessaatti barachuuf kan dhuftan ijoolleen Ortodooksii hundi keessan baga bara barnootaa 2012’n isin gahe; baga nagaan nuuf dhuftan!!! Akkuma kanaan duraa ergaalee afuurawoo keenya karaa miidiyaalee keenyaa (Gubaa’ee Qaanaa, Websaayitii http://gibi.eotcmk.org/a/ (አማርኛ) http://gibi.eotcmk.org/ao/ (Afaan Oromoo) fi FB keenya https://www.facebook.com/የግቢ-ጉባኤያት-አገልግሎት-ማስተባበሪያ-ገጽ-Gibi-Gubaeyat-Coordination-414397429324567/ waan isiniif dabarsinuuf LIKE gochuudhaan akka nu hordoftan isin yaadachiisna!
Waldaa Qulqullootaa, Qindeessaa Tajaajila Yaa’iiwwan Mooraa
Onkololeessa 05, B.A 2012
የግቢ ጉባኤያት ተማሪዎቻችን እንኳን በደህና መጣችሁልን!
የተወደዳችሁ በተለያዩ የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት የምትማሩ ኦርቶዶክሳውያን ወንድሞቻችንና እህቶቻችን፤ እንኳን ለ2012 ዓ.ም የትምህርት ክፍለ ጊዜአችሁ በሠላም አደረሳችሁ፤ እንኳንም በደህና መጣችሁልን!
ዘመኑ የሰላም፣ የጤና እና የውጤታማነት እንዲሆንላችሁ እየተመኘን መንፈሳዊ መልእክቶቻችንን በተለመዱት ሚዲያዎቻችን (ጉባኤ ቃና፣ ድረ ገጽ http://gibi.eotcmk.org/a/ (አማርኛ) http://gibi.eotcmk.org/ao/ (Afaan Oromoo) እና ፌስ ቡክ https://www.facebook.com/የግቢ-ጉባኤያት-አገልግሎት-ማስተባበሪያ-ገጽ-Gibi-Gubaeyat-Coordination-414397429324567/ ላይክ በማድረግ) እንድትከታተሉ ለመጠቆም እንወዳለን!
ማኅበረ ቅዱሳን፣ የግቢ ጉባኤያት አገልግሎት ማስተባበሪያ
ጥቅምት 05 ቀን 2012 ዓ.ም
