“Mannii Kiristaanaa sanyii fi afaaniin hin qoodamtu” Eebbifamoo Abbaa Gorgooriyoos Angafa Phaaphaasii

                                                Qopheessaan B/sa Taamasgen Zegeyye

Afaan hedduu dubbachuun carroomudha. Afaan dhalootaa keenya kan adeemsa uumamaatiin dadhabbii malee arganne dabalataan, afaanonni fedhii fi carraaqqii mataa keenyaatiin dubbannu fedhii, yaadaa fi carraaqqii keenya agarsiisuuf carraa ni qabu. Akkuma Gooftaan keenya Qulqulloonni Duukaabu’onni fi barsisoonni Wangeela har’a jiraan akka Duukaabu’onni Qulqulloonni jedhanitti, “Gara biyya lafaa dhaqaatii uumama hundumaatti Wangeela lallabaa” (Maarqos 16÷15) jedhee ajaajeetti kaayyoon Manaa Kiristaana Qulqulleettii inni jalqabaa Wangeela uumama hundaaf qaqqabsiisuu waan ta’eef afaan akka meeshaatti fayyada.

Qulqulluun Phaawuloos “Addunyaa kana irratti afaanonni lakkoofsa akka hin qabne ni tilmaama, uummanni afaan hin qabnees hin jiru. Hiika afaanichaa yoon hin beekne, nama dubbatuuf ormaan ta’a, kan dubbatus anaaf orma ni ta’a ” jedheera. Haaluma wal fakkaatuun kennaa hafuuraa yoo barbaaddan Mana Kiristaana ijaaruuf baay’isaa barbaadaa (1Qor. 14÷10-12) Kanaafuu afaaniin barsiisuu barsiisaan, barreessaan, hiikaan hundi caalaatti Kennaa afuuraa barbaaduu qabudha.

Bu’aan kuufama kennaa Aafuura Qulqulluu kamiyyuu akka qulqulluu Phaawuloos jedhutti of ijaaruu fi qajeelummaadhaaf kan ta’anidha. Seera Uumamaa 11÷1 irratti namoonni kennaa afaanii kennaman sirnaan akka hin fayyadamne ni argina.

Ergamoonni qulqulloonni bara Kakuu Haaraa mootummaa Waaqayyoo addunyaa guutuutti labsuuf waamaman meeshaa isaan barbaachisan keessaa tokko afaan waan ta’eef, guyyaa dhaloota Mana Kiristaanaa Qulqulleettii afaan 15-71 itti ibseeraaf (Hojii Duukabu`ootaa 2÷1).

Baabiloon keessatti afaan tajaajila sirrii ta’eef hin olee, gaafa ayyanna Afuura Qulqulluu Yerusaaleemitti garuu, Wangeela sagalee Waaqayyoo ta’e dabarsuu fi amantoota walitti qabuuf ta’e. Akkuma seensa Hiika Galata Maariyaam fi Qidasse Maariyaam irratti ibsame Qulqulluu Basiliyoos kan afaan Giriikii(Tsirii) dubbatu fi Qulqulluu Efreem kan afaan Sooriyaa(suuristii) dubbatu mariin isaanii hiiktuudhan ta’uun isaa kan isaa hin quubsine Qulqullichi Baasiliyoos Qulqulluu Efreemiif kadhatee afaan isaa itti mul’ate. Halkan sana waa’ee Waaqayyoo haasa’aa bulaan (Hiika Galata Maariyaam fi Qidasse Maariyaam).

Dukaabu’oonni qulqulluun afaan uummanni beekuun tajaajila isaanii raawwachuudhaan dhaga’amaniiru. “Afaan Ibrootaatiin yommuu dubbatu yommuu dhaga’an, jalqaba caalaa ni callisan. Phaawuloos immoo akkas jedhe” (HoD 22÷2) “Kennaawwan Afuuraa addaa adda, Afuurri garuu tokkodha.” 1Qor 12÷4

Tajaajilla adda addaatu jiraa, Gooftaan tokko, hojiin Isaas adda, Waaqayyo inni waan hundumaa tolchu garuu tokko dha. Garuu mul’achuun Afuura Qulqulluu nama hundumaa ni fayyada. Isa tokkoof ogummaadhaan dubbachuutu afuuraan kennameef, isa kaaniif immoo beekumsa barsiisuutu Afuuruma sanaan kennameef isa kaaniif amantiitu Afuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu Afuura tokkicha sanaan kennameef isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif Afuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan addaa dubbachuutu, isa kaaniif afaan addaa sana hiikuutu kennameef jedheera. 1Qor. 12÷8-10

Barsiisonni adda addaa barumsa gaggabaaboo hiikuu fi Wangeela addunyaatti babal’isuuf gahee isaanii ba’uuf tattaaffii godhaniiru, hojiin isaaniis ragaa isaaniiti, kennaa afaanii sirnaan itti fayyadamu jechuun kana. Garuu wanti amma ta’aa jiru abbottiin akkuma “Badii osoo hin dhagaahiin fulbaanni hin seenuu” jedhu fakkaata.

Akka Pheexiroos furtuu mootummaa samii argachuuf yaaluurra akka Yihudaa furtuu mana qabeenya qabuuf dorgomuu isaanii arguun baay’ee nama gaddisiisa. Tibbana kana aramaan hedduu maasii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irratti mul’achaa jira. Abbaan jalqabaa kana Afuura Qulqulluun hubachuun farra aramaa nu qopheessuun darbaniiru. Yeroo ammaa hanqinni hubannoo babal’achuun seerri abbootii iddoo dhabuun gonfoo sanyummaa keessa jiraachuun akka jireenya afura’aatti ibsamaa jira. Monokseen tokko rakkoon isa muudate Waaqayyo qofaaf iyyachuu qaba. Sababni isaas biyya lafaa waan ganeef, gara abbaa aangoo biyya lafaa deemuu hin qabu. Gooftaan keenya waa’ee dhufaatii Isaa lammaffaa duuka bu’oota Isaatti yeroo dubbatu “Bakka qulqulluutti badiinsi Dhaabbatee yommuu argitan dubbisaan haa hubatu” (Maatewos 24:15) Waantoota qalbiidhaan ilaaluu qabda. Manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoksii, qoramaa jiraachuun jireenya ishee hanga ta’utti, seenaa qormaata dheeraa fi walxaxaa kan qabdudha. Addunyaa keessa waan jiruuf. Seexanni Phaawuloos Samsaaxiin, Aariyoosiin, Abulinaariyoosiin, Maqedooniyoosiinii fi Nisxroosiin Manni Kiristaanaa irratti lolaa ture. Kunis jaarraa sadaffaa irraa kaasee hanga jaarraa shanaffaatti gatii guddaa ishee kaffalchiisa. Ergasii boodas boqonnaa isheef hin kennine. Qormaata walxaxaa mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa mudachaa jiru, bal’inni fi gad fageenyi rakkoo kanaa namoota hunda biratti garaagara.
Eebbifamoo Abune Gorgooriyoos lammaffaan kitaaba isaanii  Seenaa Mana Kiristaana kan addunyaa irratti “Manni kiristaanaa kan hundaafi iddoo hundaatti, sanyiinis ta’e afaaniin hin qoodamtu, hin daangeffamtus, ykn kan ebaluuti, kan ebaluuti hin jedhamtu.” jedhaniiru( seena mana kiristaan kan addunyaa fuula 14).
Qulqulluu Yohaannis afaan warqee, Angafa Phaaphaasii biyya Qosxanxiniyaa akkas jedhe “Nama tokko waliin yoo wal loltee ni mo’atta ykn inni si injifata, Garuu manni Kiristaana mo’amuu hin dandeessu, yeroo hundaa diina isheen ni lolti, garuu gonkumaa hin mo’amtu. Diyaabiloos zinnaara isaa ni fixe, eeboos ni darbate, garu mana Kiristaanaa hin miine” (Wangeela Maatewos, boq. 16÷18 akka itti hiiketti)
kanaafuu “Lubas ta’e,diyaaqoniin cubbuun erga haqamee booda ija jabaatee gara tajaajilaatti yoo seene, balaaleffamee Mana Kiristaanaa irra adda haa bahu, warri ija jabina kanaan tokko ta’an hundi amantoota irraa adda ni ba’u” jedha.(murti(haqa) mootota Keewwata 6ffaa, Rasxab 19 Kutaa 4ffaa)

Galanni Waaqayyoof

“Isin abboota nana! isa jalqabaa jalqabee jiru sana beektaniittuutii isiniif barreessuufan jira. Isin dargaggoota nana! hamaa mootaniittuutii isiniif barreessuufan jira.” (1ffaa Yoh. 2:13)

Barsiisaa Biitawadadi Warquu

Qulqulluun Yohaannis “Isin dargaggoota nana! Isa hamaa mootaniittuutii isiniif barreessuufan jira.” jechuudhaan dargaggoota addunyaa hamaa mo’atan ni galateeffata. Kunis addunyaa hamaa keessa jiraachaa hamaa injifachuun jabina Afuurawaa fi injifachuu agarsiisa. Dargaggoonni tokko tokko “Bara dargaggummaarra jiraachaa Qulqulluu ta’uun akkamitti yaaddama? Addumyaarra jiraachaa dhugoomaa ta’uun akkamitti yaalama?” jedhu. Haa ta’u malee, addunyaa hamaarra jiraatanii addunyaa mo’achuun akka danda’amu seenaa dargaggicha Yooseef irraa ni baranna.

Qulqullichi Yooseef obboloota isaatiin gurguramee biyyaa isaa Kana’aan irraa fagaatee garbummaadhaan Gibtsii yoo jiraatu, qorumsa isa muudate dandamachuudhaan hammeenyaa injifateera. Kitaabni Qulqulluun “Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yooseef irra buufattee, “Ana wajjiin ciisi!” ittiin jette.” (S.Uum. 39:7). Yommuu isa qabuuf yaaltetti Yooseef “Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan, “Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa jirus hin beeku; wanta kan isaa ta’e hundumaa harka koo jala galcheera; mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan uffata isaa darbateefii akka baqate Kitaabni qulqulluun nutti hima. (S.Uum. 39:8-9).

Qulqullichi Yooseef tarkaanfii akkanaa fudhachuun isaa gatii guddaa isa kaffalchiiseera. Haati manaa Phixifaaraa haaloo itti bahachuu barbaadde. Kanaafis oggasuma iyyitee tajaajiltoota ishee waamuu eegalte. Yooseef ishee gudeeduudhaaf akka yaalee fi yommuu isheen iyyitu dheessee akka jalaa miliqetti isaanitti himte. Yooseefi yakkuudhaaf hamma abbaan manaa ishee deebi’utti uffata isaa qabdee isa eegde. Phixifaaraan gara manaatti deebi’ee  yommuu dhufu, sobuma sana irra deebite itti himte. Karaa biraatiin Phixifaaraan nama alagaa kana gara manaatti fiduusaatiin wanta isheerra gaheef itti gaafatamaan isa akka  ta’e ibsite. Phixifaaraanis ni dheekkame. Yooseefis gara mana hidhaatti darbate. Seenaan gaddisiisaan haadha manaa Phixifaaraa hammenya akkanaa hordofsiisee jira.

Qulqullichi Yooseef garuu, ofii isaatifis, hoogganaa isaatifis, uumaa isaatifis kan amaname ta’uu isaa gochaan raggaasiseera. Nuti dargaggoonni har’aa dhaabbata keessa hojjennuuf, hoogganaa keenyaaf, hiriyoota keenyaaf amanamoo dhaa? Hawaasa ulfaatinni imaanaa fageenya samii waliin walbira qabamee himamu gidduutti guddannee amanamoo ta’uu dhabuun keenya sababni isaa maali dha laata? Qulqullichi Yooseef addunyaan cubbuudhaan yommuu isa qortu kiiyyichaan akka hin qabamneef Waaqayyoo yaadeeraatii yommuu sobaan isa yakkanii fi gara mana hidhaatti akka darbatamu taasisanii ennaa qorumsaaf isa saaxilanitti Waaqayyoon isa yaadate. Yooseef inni godaane sun muudamaa Gibtsii ta’e. Nutis “Ejjennaa koo dubbii Keetiin jabeessi, yakki tokko illee humna ana irratti hin godhatin! Ajaja kee hundumaa akkan eegutti, cunqursaa namaa jalaa na furi!” jechuudhaan haa kadhannu. (Faar. 119:133).

Barri dargaggummaa bara jabinaati. Abboonni keenya “Qoraan dargaggummaatti cabsan bara dullummaatti ho’ifatu” jedhu. Barri dargaggummaa hojjetanii kan itti argatan, yoo kufan ka’uu kan itti danda’anii dha. “Yaa dargaggeessaa, dargagummaa keetti gammadi! Bara dargagummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta ijji kee argu duukaas bu’i! Garuu, Waaqayyoon wanta kana hundumaaf gara firdiitti akka si dhiyeessu beeki! Mucummaanii fi dargagummaan waan darbaniif, yaaddoon si irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!” akkuma jedhu. (K/Lallabaa 11:9-10).

Dargaggummaan kutaa jireenyaa abdii hedduu qabuu dha. Si’a tokko milkaa’uu dhabuudhaan lammaffaa yaaluudhaaf booddeetti hin jedhu. Dargaggummaan nama gammachiisa. Yoo ilaalanis ni miidhaga. Faayawwan nam-tolchee kamiyyuu osoo hin fayyadaminiyyuu dargaggummaan miidhagina. Gaarummaa fi hammeenyi garuu, dhimma filannooti. Cubbuu kan nu dhiisisu umrii osoo hin taane jaalala Waaqayyooti. Ofis, seenas, biyyas, ummatas jijjiiruuf kan barbaachisu umrii dheeraa osoo hin taane qalbii guddaa dha. Inni ijoon bara dheeraa turuu keenya osoo hin ta’in akka eeyyama Waaqayyootti jiraachuu keenya. Umrii xiqqoo qabnuun  hojii baraaf hafu, wanta dhalootatti himamu hojjechuun ni danda’ama.

Dargaggummaan akka ibiddaatti jabaa dha. Ibiddi kun karaa qajeelaa ta’een yommuu ibsamu kaka’uumsa, ho’iinsa, mul’ata qabaachuu agarsiisa. Ibiddi kun karaa faallaa ta’een yommuu ibsamu ammoo dheekkamsa, muddamuu, obsa dhabuu, miirawaa ta’uu, aaruu jechuu agarsiisa.

Ibiddi eebba akkuma ta’e badiinsas ta’uu danda’a. Wantoonni faayidaa qabeessa ta’an yoo sirnaan hin qabamne badiin isaanii hammuma faayidaa isaanii sana. Ibidda ta’anii kan nutti dhufaniif bishaan taanee qabbaneessuutu barbaachisa. Fedha fooniitiin, yaada sagaagalummaatiin yommuu nutti dhufan Qulqullummaadhaan, sodaa Waaqayyootiin qabbaneessuu fi gara gaabbiitti affeeruutu nurraa eegama. Ibidummaan keenya kan bilcheessu malee kan ciincessee guggubu akka hin taane; bishaanummaan keenyas kan walmadaalchisu malee, kan dhaamsu akka hin taane gamaggamuu qabna. “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. Egaa, warra of qaban, kadhata gochuufis warra ciman ta’aa! Baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef, hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!.” akkuma jedhu (1ffaa Pheex. 4:7-8).

Murtaa’anii hammaan jiraachuun amala dargaggoota Ortodoksaawaati. Kunis “Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, “Anatti hin tolan” ittiin jettus utuu hin dhiyaatin, bara dargaggummaa keetti Uumaa kee yaadadhu!” qajeelfama jedhu eeguudhaaf fayyada. (K/Lallabaa 12:1). Dargaggoon Ortodoksaawaa Waaqayyoo Uumaa isaa yaadu wanta namni ittiin gaddu hin dubbatu. Namoota gidduutti qoqqoodiinsa hin uumu. Maatii isaa hin gaddisiisu. Ollaa isaa hin jeequ. Hiyyeessota hin yaaddessu; kabaja namootas hin tuqu.

Qulqullichi Daawiit “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa’ummaatti eeguu danda’a? Akka dubbii Keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu ni danda’a.” jechuudhaan akka dubbate (Faar. 119:9), dargaggoota sagalee Waaqayyootiin akka cimaniif barsiisuu fi daandii agarsiisuun barbaachisaa dha. Dargaggoonni dubbii waan baraniif, qabannaa maallaqaa waan beekaniif, waraqaa ragaa waan qabataniif qofa bilchina jireenyaa qabu jechuu miti. Dhaabbilee gurguddaa keessa waan hojjetaniifis guddaa ta’aniiru jechuu miti. Kanaafuu, beekkamtoota akka ta’aniif qofa carraaquu irraa beektota akka ta’aniif deeggaruun barbaachisaa dha. Kanaafis, Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate “Garuu, dhugaan Wangeelaa akka hin tuqamnetti isiniif eeguudhaaf, nuyi battala tokko illee isaan kanaaf abboomamuudhaaf of hin laanne.” (Gal. 2:5) jechuudhaan akkuma dubbate yaada fi gocha foonii irraa fagaatanii sagalee Waaqayyoo qajeeltoo jireenya isaanii taasifatanii akka imalaniif gargaaruun barbaachisaa dha.

Yeroo ijoollummaa keenyaa dhoqqee bukeessinee taphanna turre. Sanaanis gammadoo turre. Erga guddannee booda garuu, dhoqqee harka keenyaan tuquu mitii miila keenyanuu irra dhaabbachuuf iyyuu in ciggaa’oofna. Sababni isaas beekumsi guddachuun nu gonfachiise dhoqqee irraa xuraa’ummaa malee homtuu hin argamu kan jedhuu dha. Akkasumas, bara sammuudhaan daa’ima turre sanatti cubbuudhaan gammaduuf yaallee jirra. Gowwoomnes darbineerra. Ga’eessummaa Afuurawaatiif yommuu geenyu garuu, cubbuu irraa xuraa’ummaa malee homtuu akka hin argamne nuuf gala. Cubbuu dhiisuu kan qabnu immoo adabbii isaa jechuunis fooniin mana hidhaa; lubbuudhaan ibidda bara baraa sodaannee qofa osoo hin taane, uumama kabajamaa Waaqayyoo akkeenyaan Qulqulluuti. Duuka Bu’aa Kiristoos kan ta’e ani Kiristaana, Mana Qulqullummaa bultoo Afuura Qulqulluuti jenneetu ta’uu qaba.

Kana irraa kan hafe, yaa dargaggootaa; beekumsi isin beektan beekumsa kophaa addunyaa irra  jiruu miti waan ta’eef; beekumsi ammoo baruma baraan guddata waan ta’eef kanneen biroos dhagahuudhaaf eeyyamamoo ta’aa. Hamma bara baraatti kan barannu waan taaneef waggaa soddomaa fi afurtamaatti xumurreetoo beekne jettanii hin yaadinaa. Ilaalcha hundumaa humnaan ni jijjiira jedhu keessaa bahaa. Addunyaan tuni kan dargaggootaa qofa osoo hin taane, kan daa’immaniis, kan ga’eessotaas, kan maanguddootatisi waan taateef kanneen biroofis carraa kennaafi. Jireenyi daandii dheeraa dha malee afuuruma takkaan kan xumuramtu waan hin taaneef tasgabbii fi hubannaadhaan imaluu hin irraanfatinaa. Yommuu sana ergaan dhugoomummaa “Isin dargaggoota nana! hamaa mootaniittuutii  isiniif barreessuufan jira.” jedhu isin dhaqqaba. Gonfoon mo’iinsaa isiniif qophaa’a, balballi Mootummaa Waaqayyoo isiniif banama.

              Galanni Waaqayyoof Haa Ta’u!

Ibsa Dhimma yeroo ammaa ilaalchisee Kabajamoo Mummee ministeera Abiy Ahimad (Dr.) ministeerotaa fi miseensota kaabineetiif kennan ilaalchisee Ibsa Qulqulluu Sinodoosii irraa kenname.Guraandhala 24 bara 2015

Maqaa Abbaa, Ilmaa, Afuura Qulqulluu, Waaqa Tokkicha Ameen!!

Ibsa gaazexeessummaa Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatiin kenname

Qulqulluun Sinoodosii Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa, afuura Qulqulluun gaggeeffamu, Guraandhala 18 bara 2015 yaa’ii taasiseen gocha alsinodoosummaa sarba amantaa, seeraa fi bulchiinsaa Godina Kibba Lixa Shawaa aanaa sooddoo Daaccii mana Kiristaanaa Ba’aala Waldii Haroo keessatti Amajjii 14 bara 2015 raawwatame irratti bal’inaan mari’achuun namoota bu’uura seerota adda addaa mana kiristaanaatiin ala phaaphaasii muudneerra jedhanii fi Phaaphaasii taanee muudamneerra jedhan irratti bu’uura seeronni Mana Kiristaanaa isaa eeyyamuun yaa’iin guutuu qulqulluu sinodoosii gocha kana balaaleffatee aangoo diyaaqonummaa irraa eegaluun manni kiristaanaan isaaniif kennitee turte irraa haquun kan isaan foo’ee yoo ta’u, Murtii qulqulluu sinodoosii kanas hordoftoonni amantaa kana kutaa addunyaa hundarra jiraatan, waldaaleen lubootaa fi waldaaleen amantootaa foo’insa kana akka beekanii fi mootummaanis dhimma kana irratti rakkinni akka hin uumamne nageenya akka eegsisu, kutaan addunyaa kamuu dhimma kana irratti ragaa ifa ta’e akka qabaatuufi murtii manni kiristaanaa murteessiteef hubannoo akka argatuuf ibsa kennineen beeksisuun keenya ni yaadatama.

Tajaajiltoota mana Kiristaanittii kan ta’an luboonnii fi amantoonni hordoftoota Mana Kiristaanaa ta’an kutaa addunyaa adda addaarra jiraatan Murtee Qulqulluu Sinodoosii kanatti gammaduu isaanii ibsachuun murteen qulqulluu sinodoosii kun osoo hin hira’anne akka raawwachiisan karaa adda addaa ibsaa jiru.

Kana malees dhaabbileen amantaa fi jaarmiyaaleen lammummaa adda addaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran gochaa raawwatame mormuun murtee mana kiristaanaa deggeraa kan jiran yoo ta’u, gama keenya akka ta’anii fi nu waliin akka hojjetan karaa adda addaa nutti himaa jiru. Kaan waldaan keenya dhaabbilee amantaa fi lammummaa addunyaa fi biyyaalessaa nu cinaa dhaabbatanii deeggarsa isaanii ibsataniif galata qabdu ibsiteetti.

Qaamoleen seeraan ala muudamneerra jedhan kunneen bakka tokko tokkotti caasaa giddu galeessaan alatti balaaleffatamuun adda baafamanii osoo jiranii aangoo hin qabneen gara iddoo tajaajilaa akka kennaniif hayyama hin qabnetti galuu walitti bu’iinsa uumaniin hordoftoota amantaarratti,waldaa lubootaa fi uummatarratti jeequmsaa uumaa jiraachuu isaanii hubachuu dandeenneera.

Dhimma kana irratti mannii kirisataanaa keenya waamicha mootummaaf seera kabachiisuu fi nagaa lammiilee buusuf dhiheessite fudhattee namoota seeraan alaa irratti tarkaanfiin fudhatame akka hin jirre ni beekama.

Gochaan kuni hundi yeroo raawwatamu mootummaan dhagahee akka hin dhageenyee dhimma cal’isuun bira darbe Guraandhala 23, 2015 Kabajamoo Ministira Muummee Dr.aAbiyyi Ahimad ministeerotaa fi kaabineewwan isaaniitiif ibsa yeroo ammee kennaniin rakkoo ammee mana kiristaana ortoodoksii itiyoophiyaarra gahee kaasuun yaadota garagaraa kennaniiru.

Innis, Kabajamoo Muummichi Ministeeraa adeemsa araaraa Qulqulluu Sinodoosii fi Abbootii alaa gidduutti taasifamaa ture akka furamaata akka argatu taasisuun isaanii; Qabeenyaa mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa fi gamoowwan keessaa Gamoowwan durii 4 kiilootti argaman lammeen mana kiristaanaaf deebisuu isaanii; iddoo ijaarsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan kutaa lallaba mootummaa walta’iinsa Arab Emireets keessatti argamu kan mana kiristaanaa taasisuu isaanii! Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyya ta’uu ishee labsuun isaanii, laafuun mana kiristaana kan mana amantaa qofa osoo hin taane biyyas mootummaa irrattis miidhaa akka qabu labsuun isaanii; barbaachisaa waan ta’eef kanaafis manni kiristaanaa keenya yerootti badhaasa beekamtii kennuun galateeffatteetti.

Haa ta’u malee, mannii kiristaanaa keenya ibsa daqiiqaa 36f Kabajamoo Ministira Muummee miseensota Caffee Ministirootaaf dhimmoota nagaa fi amantaa irratti kennan, kan Guraandhala 23, 2015 miidiyaalee mootummaa adda addaa irratti tamsa’e cimsitee ilaaltee jirti.

Kanaaf ibsa kenname irratti ejjennoo Mana Kiristaanaa keenya akka armaan gadiitti bal’inaan ni ibsina.

1.Mootummaan bu’aa murtoo sinoodoosii sarbama(diigama) amantaa fi qajeelfama(seera) manni kiristaanaa irratti kennite bu,aa isaa salphisee ilaaluun, dhimmi yeroo ammaa mana amantaa Ortodoksii keessatti mul’atu baay’ee salphaadha jechuun Kabajamoo Ministirri Muummee ibsa kennaniin dhimmichi salphaa fi haasawaan furmaata argachuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Manni kiristaanaa keenya ibsi kun barsiisa mana kiristaana keenyaa gidduu akka seenu fi bu’aa murtii amantii fi seeraa manni kiristiyaana dabarsitu akka tuffachuu ta’e ni amanti. Kana malees, dhugaan gama lachuu jira, lachuu abboota keenya, nuti nama kamiifuu hin deeggarru. Miseensi kaabinee kamuu akka gidduu hin seenne, ibsi isaan jedhan mana kiristaanaa seeraan beekamtii argatte fi gareewwan seeraan alaa mana kiristaana seeraa irratti ka’an ija wal qixaan ilaalanii irratti mari’achuun qaban jechuun seeraan ala ta’uu kan jajjabeessu, dhaabbilee seera qabeessaf wabii kennuu fi itti gaafatamummaa mootummaan qabu cinaatti kan dhiisee; dhaabileen qaama seerummaa qaban gareewwan seeraan alaatiin akka jeeqamanii fi akka borcaman heyyama kan kennu; Ibsa Seeraa fi seenaa qabeetii ta’uu Mana Kiristaanaa fi oolmaa manni kiristaanaa biyyaaf oolte ilaalcha keessa kan hin galchine wanta ta’eef sirreeffamuu akka qabu Qulqulluun Sinodoosii cimsee dhaamsa isaa dabarsa.

Kana malees, qajeelfamni hojii Kabajamoo Muummichi Ministeeraa kaabineen kamiyyuu dhimma kana keessa seenuu akka hin qabne jechuun dubbatan, murtee Qulqulluu Sinodoosii fi seera qabeessa Mana Kiristaanaa kabajanii fi qaama raawwachiiftuu mootummaa sadarkaa sadarkaan jirun kan nagaa fi nageenya ummataa eegsisuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu fi aangoo heerri mootummaa qaama raawwachiiftuuf kenne kan haqu; seeraan alummaa kan jajjabeessuu; gochaa olaantummaa seeraa gaaffii keessa galchu waan ta’eef gochi kun akka sirreeffamuu fi mootummaan olaantummaa seeraa fi nageenya dhaabbilee mirkaneessuuf itti gaafatamummaa heera mootummaatiin itti kenname akka ba’u Qulqulluun Sinodoosiin cimsee dhaamsa dabarsa.

Akkuma heera mootummaa keessatti ifatti tumame mootummaa fi amantiin adda ta’uun isaa, mootummaan dhimma amantaa fi qajeelfama mana kiristaanaa keessa seenuu akka hin qabne kan dhugaa amannu yoo ta’u; murtii seeraan ala ta’een diiggama amantaa,seeraa fi bulchiinsaa akka waldhabbii salphaa fi walii galuu dhabuu namoota dhuunfaatti ilaaluun fageenyi ibsa itti kenname yoo ilaallamu Yeroo ammaa kana Qulqulloonni abootiin Phaaphaasonni seera qabeessa kan ta’an ergama ergamaa duuka bu’ummaa isaani buufata xiyyaaraa irraa butamani kiristaanota waaqeffannaaf mana amantaatti walitti qabamanii turan gaddanii akka bittina’an taasisun raakama phaaphaasii guddaa abba olmaa biyyaa tokkoof hin madaalleen oliif gadii jarjarsuun osoo hin hanqanne; inumaayyu miseensota garee seeraan alaatif fakkeenyaaf Welegaa lixaa Welegaa Bahaa Qellam Welegaa fi Zoonii Horogudruu keessatti miseensota humna addaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin eegduu fi kunuunsa paatrooli addaan dhaabbilee seeraa mana kiristaanaa karaa seeraan alaan oonatanii akka seenan;dhaabbileen amantaa fi bulchiinsa mana kiristaanaa caccabee garee seeraan alaatiin akka weeraraman taasifamuun isaa; Hidhaaf dabarfamuu abbootii amantaa fi hojjettoota bulchiinsa mana kiristaanaa gocha seeraan alaa kana morman, konkolaattota tajaajila seeraa mana amantaaf socha’an tajaajila kamiifu akka oolan Mootummaan naannichaa qajeelfamnii kennameera jechuun haguuggama taasifamuun yeroo mula’atu, mootummaan keenya heera mootummaa cabsee dhimma amantaa keessa seenuu isaa fi raggaasifamuu isaatiin fincilli sinodoosiin gaggeeffamaa jiraachuu isaa amantaa kan nama keessa bulchu ta’uu isaatin gochaan kun akka sirreeffamuu fi Mootummaan itti gaafatamumma isaa bahuun; mirgaa fi birmadummaa dhabilee mana kiristaanaa akka kabajamu qabeenyi ishees garee qamoolee seeraan alaatin akka hin weeraramne akka eegu; haala qindeesa ijaarsa seeraa qulqulluu sinoodosiin Eebbifamoo phaaphaasniifi qondaaltonni mana kiristaanaa rakkina ykn balaa nageenyaa tokko malee mana amantaa itti ramadaman keessatti itti gaafatamummaa isaanii akka ba’ataniif eegumsaa fi nageenya jireenyaa barbaachisaa ta’e akka mirkaneessu Qulqulluun Sinodoosiin cimsee dhaamsa dabarsa.

2.Kabajamoo Muummichi Ministeeraa hogansa mootumma darbanii akka waabitti kaasuun mootummaan badhaadhinaa amma jiru kun Qulqulluu Sinodoosii E/O/T/C biyya alaa ture araaran akka tokkoomse yeroo ibsu biyya keessa teessoo lamaa hoggansa paatriyarikumma lama jirachuu irratti ibsa kennan ilaalchisee;- Haala siyaasa yeroo sana ture irraa kan ka’een hiramni Sinodoosii ture araaraan guduunfamuun dhugaa ture ta’us waliigaltee araaraa ture irratti ifatti akka tumametti Paatriyaarikoonni lama teessoo tokko irratti kan taa’an osoo hin taane eebbifamoo Qulqulluu Aabuna Marqoriyoos kabajni paatriyaarikummaa isaanii akkuma kabajametti ta’ee kadhannaa fi eebbaan akka tajaajilan yoo ta’u, eebbifamoo Qulqulluu Aabuna Maatiyaas duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa Teessoo Takla Haaymaanot irratti Icaggee kan ta’an ammoo bulchiinsa Mana Kiristaanaa durummaadhaan akka gaggeessan ifatti murtee guutuu Yaa’ii sinodoosiitiin bu’uura murtaa’een kan hojiirra ooleefi dhugaa caasaa mana Kiristaanittii hundatti beekamu haaluun teessoo tokko irratti paatriyaarikoonni lama gaggeessaa turani jedhamuun haalli itti ibsame dhugaa irratti kan hundaa’e osoo hin taane Isa yeroo ammaa kana Muudama Phaaphaasummaa fi fonqolcha Sinodoosii amantaa Qannoonaa fi hojmaata bulchiinsa mana kiristaanaa diigeef haguuggii kennuuf kan dubbatame ta’uurra darbee warreen yaa’ii Guutuu qulqulluu sinodoosiitiin foo’aman durumaa muudamicha raawwannee araaraa fi mariidhaan deebina jedhanii raawwachuu isaanii dubbachaa turan yaada mirkaneessu; ammas mariidhaan qajeelfama amantaa diigaatii, sirna qannoonaa keessan cabsaatii, caasaa bulchiinsa keessanii diigaatii isaan simadhaa akka jechuutti ibsa qajeelfama dabalate waan ta’eef akka sirreefamu qulqulluu sinodoosiin ni yaadachiisa.

  1. Kabajamuu muummichi ministeeraa yeroo araarri adeemsifametti muudamni abbootii biyya amabaatto kennamee kan fudhatama argate sadarkaa sadarkaadhaan tajaajilarra waan turaniifi kan jedhu ilaalchisee:-
    Abbootiin eebbifamoon biyya alaa turan miseensa qulqulluu sinodoosii ta’uun akan hammatamanii fi muudamni isaanii kan fudhatama argate muudamni isaanii kan raawwatame qannoonaan mana kiristaanaa cabee osoo hin taane paatriyaarikii seera qabeessaan kan muudaman ta’uu irra darbee yeroo sanaatiin goodaansarra kan turan dhiibbaa siyaasaatiin ta’uun osoo beekamuu muudama seera qabeessa raawwate muudama seeraan alaa waliin waliin makuunii fi walmadaalchisuun ibsi kenname akka sirreeffamu qulqulluu sinodoosiin cimsee akeekkachiisa.
  2. Kabajamoo muumichi ministeeraa ibsa isaanii irratti mirga afaaniin tajaajilamuu mootummaan ukkaamsuu hin danda’u jechuun kan ibsan ilaalchisee:-
    Manni kiristaanaa haadha taate seenaan ishee jaarraawwan cehe akka mirkaneessutti tajaajila afaanii seera isheetiin kan mirkaneessite; kanarra darbee haala addaatiin namoonni dhuunfaa keessattuu Naannoo Oromiyaatti kan caqasan ilaalchisee Kiristaanota Mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiraataniif tajaajila afaanii kennaa kan turte yoo ta’u kitaabolee waaqeffannaa mana kiristaanittii afaan Oromootti hiikuun tajaajilaaf kan dhiyeessite; Phaaphaasota muudama seeraan alaa gaggeessanii aangoo irraa haqaman sadan dabalatee abbootii Phaaphaasota hedduu muuddee kutaalee lallabaa naannicha keessatti argaman hedduu irratti ramaddee tajaajila akka kennite; dhalloota naannoo sanaas barsiisuun barumsa mana kiristaanaa afaan dhagahaniin baratanii tajaajilaaf ga’umsa akka qabaatan kolleejjii afuurawaa banuun, kutaalee lallabaa irratti dhaabilee leenjii lubootaa hundeessuun tajaajiltoota, luboota, diyaaqonootaa fi lallabdoota wangeelaa kumaatamatti lakkaa’aman barsiisuun ergitee barsiisaa osoo jirtuu akka waan tajaajila afaanii dhorkitee fi Mormiteetti, tajaajiliochaaf akka waan balbala ishee cufteetti lakkaahuun ibsi kenname kan dhugaa irraa fagaateefi warreen seeraan ala aangoo barbaadaniif adeemsaa fi ibsa seeraan alaatiin beekamtii kennuu waan ta’eef sirreeffamni akka itti kennamu qulqulluu sinodoosiin cimsee beeksisa.
  3. Qabiiyee Mana Kiristaanaatiif kenname jedhamee fi ibsa Manneen Kiristaanaa Dbra Rohaa qulqulluu Laallibalaa ilaalchisee ibsa kenname ilaallatee:-
    Kabajamoo Muummichi Ministeeraa Ibsa isaanii irratti kenniinsa qabiyyee lafaa bakka waaqeffannaa wajjin walqabatee Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaatiif waggoota arfan darban keessatti manneen amantaa warreen kaan irraa haala caaluun Kaaree Meetita Miliyoona tokkoo fi kuma afurtamii afurii ol akka kennamee fi qabiiyeen kunis manneen amantaa kaan caala harka sadiin akka caalu ibsuun qabiyyee haaraan waan kennameef fakkeessuun ibsi kenname gonkumaa dhara kan ta’eefi uummata kan dogoggorsu waan ta’eef sirreeffamuu qaba. Kunis qabiyyeen Mana Kiristaanaatiif kenname jedhame durumaa kan harka amana kiristaanaa turee fi manni kiristaanaa waggoota hedduudhaaf itti tajaajilamaa turtee fi waggoota hedduudhaaf kaartaan akka kennamuuf gaafachaa turte Qabiyyee ishee duraanii Malee bu’uura Labsii Liiziitiin akka haaraatti ramadameefii kan argatte miti. Haala ibsameen hin kennamneef malee osoo kennameetiif ta’ee illee Uummata Finfinnee keessa jiraatan keessaa dhibbataan torbaatamii shan (75%) hordofaa amantaa Ortodoksii waan ta’eef manneen amantaa kaan irra caala kennamuun isaa faayidaa addaa jedhamee ibsamuu hin danda’u.
    Manneen Kiristaanaa Dabra Rohaa qulqulluu Laallibalaa Itiyoophiyaarra darbee ambaa seenaa addunyaa ta’uun isaa beekamaadha. Dhaabbileen Mootummaa biyyoota alaa haaromsa mana kiristaanaa kanaaf gargaarsa kennuu isaanii afaan Muummicha ministeeraatiin kan dubbatame ta’ee osoo jiruu; kan mootummaan galii dhaabbataa irraa argatu, bakka hawwata Turistii ta’uun isaa beekamaa ta’ee osoo jiruu qabeenya Mana Kiristaanaa qofa akka ta’etti lakkaa’amuun gargaarsa Mootummaa Faransaayiin taasifame akka faayidaa addaa Mana Kiristaanaatti ilaalamee dhiyaachuun isaa seera qabeessa miti.
  4. Muummichi Ministeeraa Naannoo Tigraayitti waraana ture hordofuun amantoota Naannoo sana keessa jiraataniif abbootii ibsa kennan irratti mormiin tokko osoo hin ka’iin amma muudannoo oromiyaa irratti hanga kana mormuun sirrii miti jechuun ibsa kennaniif:-
    Duraan dursee Ibsa abbootii Mana Kiristaanaa Naannoo Tigraay kennan irraa hubachuun akka danda’amuttii fi Amantoonni kiristaanaa hundi akkuma beekanitti abbootiin kun seera mana diiguun Sinodoosii hin hundeessine; Phaaphaasotas hin muudne. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu haala muudma seeraan alaa fi fonqolcha sinodoosii amma muudate kana haguuggii seeraa qabsiisuu fi haala wal hin fakkaanne kana wal fakkeessuuf ibsi kenname sirreeffamni akka itti kennamu qulqulluu sinodoosiin cimsee yaadachiisa.
    Xumura irratti Mootummaan keenyi itti gaafatamummee heera mootummaatiin itti kenname ba’uudhaan birmadummaa dhaabbata Mana Kiristaanaa; Mirgaa fi faayidaa seeraan kennameef kabachiisuun warreen raawwii seeraan ala raawwatan irratti sirreeffamni barbaachisu akka fudhatamu taasisuun itti gaafatamummaa isaa akka bahu qulqulluu sinodoosiin cimsee akka yaadachiise; kuni hin ta’u taanaan garuu qulqulluu Paatriyaarikii irraa eegalee eebbifamoonni abbootiin Phaaphaasonni, tajaajiltoota Mana Kiristaanaa Kan ta’an luboonni fi amantoonni kan irratti hirmaatan hiriira nagaa akka guutuu addunyaatti gaggeessuumiidhama keenya addunyaa maraaf kan beeksifannu; rakkinni kun hundi furamee mirgi mana Kiristaanaa eeggamuun isaa hanga mirkanaa’utti hiriira wal irraa hin cinne hanga wareegama lubbiitti gahu kan raawwannu ta’uu qulqulluu sinodoosiin ni beeksisa.

Qulqulluu sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa

Amajjii 24 bara 2015
Finfinnee Itiyoophiyaa

@Mahibere Kidusan Broadcast Service – ማኅበረ ቅዱሳን ብሮድካስት አገልግሎት

”Ogummaa Keetitti Hin Hirkatin” (Kitaaba Fakkeenyaa. 3፥5)

                                     Barsiisaa Bitiwadadi Warquu

Bara dardarrummaa keenyatti dhimmoota baay’ee ittiin rakkannu keessaa tokko beekaa of taasisanii yaaduu dha. Kunis rakkoo ogummaa ofiitti hirkachuu keessaa isa tokkoo dha. Rakkoo uumamuu fi rakkoo uumamuuf jiruuf  ”kan  akkana  ta’eef,  waan  akkana  ta’eefi,  sababa  kanaaf  akkana ta’uufi, akka kana kan jedheef, kanaaf natti fakkaata”  jechuudhaan beekaa taasisanii  of  dhiyeessuun  fedhii  ogummaa  ofiitti  hirkachuu  ol   kaasa. Akkasumas,  gochi  tokko  erga  raawwate  booda  gaaffiin  ‘maaliif?’  jedhu yommuu  ka’u,  ‘waanan  gammadeefi,  waan  natti  fakkaateefi’  deebiwwan jedhan  baay’achaa  dhufuun  isaanii  baay’ina  ogummaa  ofiitti  hirkachuu keenyaa kan akeekanii dha.

Ilaalcha kana hamaa kan taasisus muuxannoon jireenyaa bakka hin jirrettiyyuu jireenya fi sadarkaadhuma yaadrimeettis  beekumsa gadi fagoo osoo hin qabaatin ta’uu isaati. Dargaggoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hin jedhamne ”mataa kootiif kan beeku anuma, jireenya koo gidduu hin galinaa, hiree koo naaf hin murteessinaa…” fi yaadota kana fakkaatan kaasuudhaan maatii fi hangafoota isaanii ennaa himatanii fi akeekkachiisan ni mul’atu. Kan nama gaddisiisu garuu, dargaggoonni akkana akkana jedhan kunneen gochaalee isaan miidhu, kan boquu maatii isaanii cabsu, sona (value) hawaasummaa   kan   diiguu   fi   gochaalee   fayyummaa   jeeqan   irratti

bobba’aniiti. Sababa kanaanis xummurri isaanii hamaa ta’a.

Dhaabbata guddaa kan jedhamu  gaa’ela hundeessaniiyyuu hiriyaa gaa’elaa isaaniiyyuu homaa kan hin dhaggeeffanne, dhimmoota manaa fi bultii isaanii hunda “ anatu beeka, akkana ta’uu qaba” jechuudhaan ogummaa  isaanii qofatti  hirkachuudhaan  namoonni  murteessanis  lakkoofsi  isaanii  salphaa miti. Ani sirrii dha jedhanii waan yaadaniifis ogummaa isaanii  irratti qofa rarra’uun  yaada  qaama  biroo  (abboota,  barsiisota…)  irraa  dhiyaatuf dhaggeeffachuuf eeyyamamoo osoo hin ta’in hafu.

Sansaka  akka  kanaatiif  saaxilamuu  dameen  xiinsammuu  akka  rakkoo guddaa tokkotti akka ilaalu beekamaa dha. Jecha Waaqayyootiin kan hin qoramne, abboota fi obboloota guguddoo yaada guguddaa qabaniin kan hin sakatta’amne ogummaan ofii (dhuunfaa) gara kufaatiitti nama geessa. haati keenya  Hewaanii  fi  abbaan  keenya  Addaam  Waaqayyoodhaan  kan  itti himame ”Biqiltuu Jannata keessa jiru hundarraa nyaadhu, biqiltuu gaarii fi hamaa  agarsiisuu  fi  beeksisu  irraa  garuu  hin  nyaatin,  guyyaa  achirraa nyaatte du’a in duuta” kan jedhu abboommii Waaqayyoo daddarbanii ogummaa ofiitti abdachuudhaan fi hawwiin Waaqa ta’uu isaanii dabalee kufaatiidhaaf isaan geechiseera. (S.Uum. 2:16-17)

Umrii dargaggummaatti haa hafuutii umrii ga’eessummattis yoo ta’e of qofa ofiif beekaa taasisanii lakkaa’uun gatii heddu nama kaffalchiisa. Nama ta’uu keenya irraa kan ka’e hanqinoota hedduu qabna. Toorri ilaalcha keenyas taanan   gonka   miti.   Ogummaa   ofiitti   qofa   hirkachuun   ibsituu   of tuulummaatiisi. Ogummaa ofiitti hirkachuun madaala kamiiniyyuu yoo madaalle sirrii ta’uu hin danda’u. Maalif? yoo jettan, Kitaabni Qulqulluun

”daandii   keenya   haa   qorannuutii   haa   sakattaanu”   Boo.   Er.   3:40. Jechuudhaan    akkuma    ibse    ilaalchi    fi    beekumsi    kamiyyuu    jecha

Waaqayyootiin madaaluu fi sakatta’uun barbaachisaadha.

Daandii keenya haa qorru yoo jedhame maaliin haa qorru? Gaaffiin jedhu ka’uun dirqama. Abbaan Faaruu qulqullichi Daawwit ”Ga’eessi daandii isaa maaliin qulqulleessaa? jedhee gaafateetu ”jecha kee eeguudhaani” jechuudhaan ammoo deebisa. (Faar. 118:9). Jecha Waaqayyootiin kan qajeele,  muuxannoo  jireenyaatiin  kan  qorame,  beekumsaa  fi ogummaadhaan hubannoo jabaate namni qabu daandiin isaa ni qajeelaaf, qoree fi gufuus mo’uudhaan ce’a.

Beekumsaa fi ilaalcha ofiitti hirkachuun baay’ee isaanii yoo kuffisu arginee jirra. Kanas seenaa Roob’aam irraa barachuun ni danda’ama. Bara Roob’aam mo’etti yaa’iin Israa’eel  tokkummaadhaan gurmaa’anii ”Abbaan kee wanjoo nutti fe’ee ture. Ammas ati sirna bittaa hamaa abbaan kee kan nurratti fe’e wanjoo ulfaataa nurratti fe’es nuuf salphisi nutis si’iif bitamna” jechuudhaan

itti dubbatan.

Innis mari’adhee hamman murteessutti guyyaa sadi booda deebi’aa jedheen. Innis hangafoota fi manguddoota biyya isaa walitti qabee ”ummata kanaaf akkan deebisuuf waan kana irratti maal na gorsitu?” jedheen. Maanguddoonnis ”Kanaaf garbicha   taate yoo bitamteefis deebistees fayyaalummaadhaan yoo itti dubbatte bara hunda garbicha siif ta’u” jedhanii gorsa gaarii isa gorsan. Inni garuu, gorsa abbootaa kana dhiisee ijoollee wajjiin guddate waliin dhimmicha irratti mari’ate. Isaanis Uummata “Abbaan kee bittaa nutti cimseera. Ati garuu nuuf salphisi siin jedhuuf “ qubni koo isheen xiqqoon dugda abbaa koo caalaa in furdatti. Ammas abbaan  koo wanjoo bittaa isinitti fe’eera. Ani garuu, wanjoo bittaa keessan irratti nan dabala. Abbaan koo alangeedhaan isin reebee jira. Ani garuu, bofa  nama hidduunan isin reeba” ittiin jedhiin jedhanii gorsa hubannaa hin qabne gorsa of tuulummaa fi finxaalummaan guutame gorsa hamaa isa gorsan.  Innis akkuma ijoolleen kunneen jedhaniin raawwate. Kana raawwachuu  isaatinis uummanni isa irratti kaka’ee dhagaadhaan rukutanii ajjeesan.  Ogummaa ofiitti fi jecha Waaqayyootiin hin qajeelletti hirkachuun  xummurri akkana (hin tolu). 1ffaa Moot. 12፥1-19.

Ogummaa keenyatti hirkachuu yommuu jalqabnu wanta hundumaa qixa beekumsa ofiitin madaaluu fi tilmaamuuf yaalla. Namni akka tabba guddaatti gufuu fuuldura isaatti isa muudate beekumsaa fi golgaa ilaalchasaatiin qofa kan ilaalu yoo ta’e, Waaqayyoo irratti amantii dhaba. Kanaafi abbaan ogummaa  Salomoon  “Laphee  kee  gonka  ta’een  Waaqayyootti  amanii jiraadhu.  Ogummaa  keetittis  hin  hirkatin”   jechuudhaan  kan  nu  gorseef

(K/Fak 3፥5). Rakkoon hundi qixa beekumsaa fi hubannaa namaatiin haa qoramu yoo jedhame walxaxa, qorumsi hundi in ulfaata, gaddi hundis in cima, kanaafis hubannaa ofiititti hirkachuu irraa Waaqayyootti abdachuutu

daran caala.

Hubannaan keenya hammeenyi isaa hamaa hamaadhaan deebisuu filannoo dorgomaa hin qabne taasisee dhiyeessuu isaati. Hamaa hamaadhaan deebisuun hammeenya hin dhabamsiisu. Bara dargaggummaa keenyaatti aarii keenyaf araada, gadda keenyaf mukaa’uu (depression) akka furmaataatti fudhachuun qorumsaa fi gidiraa caaluuf nu saaxila.

Kanaafis  ogummaan keenya ogummaa dhugaa  akka  ta’e jecha Waaqayyootiin haa madaallu. Gochi keenya nama biroorrattis ta’ee nurratti rakkoo biraa akka hin qaqqabsiisne ogummaa keenyatti abdachuu dhiisnee Waaqayyootti  haa abdannu, haa hirkannusi.

Madaalliin  ogummaa  dhugaa  maali  dha?  Nama  jedhuuf  Kitaabni  akkana jedha “ Isin keessaa gamnaa fi hubataan eenyu? Miidhagina amala isaa irraa kan  ka’e  hojii  isaa  garraamummaa  fi  hubannaadhaan  haa   agarsiisu. Hinaaffan hadhaa’an fi walganuun laphee keessanirra yoo jiraate garuu ofitti hin abdatinaa. Dhugaa irrattis hin sobinaa. Ogummaan akkanaa gubbaa irraa kan buutu miti, kan lafaati malee. Hinaaffaa fi walganuun iddoo jirutti hunda achitti jeequmsaa fi hojiin hamaan ni  jiruuti. Ogummaan irranaa garuu   jalqaba   irratti   Qulqulleettii   dha,   booddes   araara,   fayyaalettii, ajajamtuu, dhiifamaa fi firii gaariin kan  guutamte shakkii fi of tuulummaa kan   hin   qabnee   dha.   Firiin  dhugaas   namoota   nageenya   taasisaniif nagaadhaan in barreeffama.” Yaa’iqoob 3፥13-18.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Dhaloota Kiristoos

              Barsiisaa Betire Maariyaam Ababaawu/barsiisaa hiikkaa Fitihaa Nagastii/Haqa Mootii/

Dhalli namaa bilisummaa isaatti fayyadamee muka balas hin nyaatin jedhame nyaatee ofii isaa irratti du’a labse. Waaqayyoo irraas adda ba’e (S.Uum. 2:17). Dhiifamni hojii amalummaa isaa kan ta’e  Waaqayyoos namni du’ee akka hafu hin taasisne. Ilmoo Ilmoo isaa irraa dhalatee akka isa fayyisu waadaa kenneef. Waaqayyoon waadaa kanas namoota baroottan garaa garaa keessaati ka’aniif raajota garaa garaatiin dubbachisee.

“Guyyaa  Shanii fi walakkaa booda sin dhiisa. Dhiifamas nan taasisa” (Qelemenxoos 3:19, Isaa 9:6) akkuma jedhu, yerochis yeroo ga’etti  qaama sadeen keessaa tokko kan ta’e Ilmi Dubroo Maariyaam irraa  dhalate. ”  Haa  ta’u  malee yeroon beellamaa akkuma ga’een  Waaqayyoon Ilma isaa erge” (Maat. 2:21-23, Luq. 2:6-7, Yoh. 1:14, Gal. 4:6)

Dhaloota lamaan Gooftaa keenyaa

Gooftaan keenya dhaloota lama qaba. Innis dhaloota duraa fi dhaloota boodaa jedhamu.

Dhaloota duraa /dhaloota jalqabaa

Abbaan Ilma baroottaniin osoo hin caaliin, jechummaan Ilmaa Afuurummaan Afuura Qulqulluu osoo hin beekkamin, Ilma ni dhalche Afuura Qulqulluu baase jenna. Kunis dandeettii sammuu keenyaatiin ol kan ta’ee fi sammuu namootaa fi Ergamootaatiin kan hin tilmaamamne (hin yaadamne)  dha.  “Urjii  barii  dursee  Garaa  /gadaameessa/  keessaan  si  dhalche”   Faar.  109:3

akkuma jedhu. Kanaafuu, hojiin Abbaa Dhalchuu ta’uun beekame. Hojiin Ilmaas  dhalachuu dha. Dhaloota Isaa duraatiin haadha hin qabu. Qulqulluu Yaared barruu isaa Baha Ifaa irratti “ከመዝ  ነአ ምን  ዘአ ልቦቱ  እም  በ ሰ ማያት  jedhee kan inni ibse isa kana dha. Dhaloota Isaa kanaan  adda

bahinsa hin qabu. Kana jechuunis Abbaan Ilma yoo dhalchu Ilmi Abbaa irraa Adda hin bane /hin fo’amne/  . Dhaloonni Isaa hin lakkaawamu kan jechisiisees isa kana dha. Ilmi Ilma  jedhamaa jiraata.

Dhaloota boodaa /Dhaloota lammaffaa/

Dhaloota boodaa kan isa jechisiise dhaloota Isa jalqabaati. Bara boodaattis Addaam fayyisuuf1 Abbaa malee dhaloota Dubroo Maariyaam irraa dhalatee dha. Dhaloonni kun sanyii dhiiraa

malee, Walqunnamtii malee dhaloota Dubroo Maariyaam irraa dhalateedha. Dhalachuu Kiristoosiin abdiin dhala namaa xummuura argate. Kanaafis tiksitoonni  Ergamoota Waaqayyoo waliin  galata   gammachuu  dhiyeessan.  “Akka  tasaas  Ergamicha   sana  waliin  hoomaan  samii Waaqayyoo galateeffachaa dhufani. Kabajni Waaqayyoof samii irratti nageenyis lafa irratti…. Dhala namaatiifis eyyamni gaariin  ta’eef” Luqaas 2:13-14 akkuma jedhu, Biyyi lafaa lallabbii nageenyaa dhageesse. Nageenyi ishee Kiristoosis ni dhufe. Dhalli namaa qoreen waraantuun sirratti haa biqilu wanti yaraa ta’e hunduu siin haa mo’atu  jedhamee dubbatameef.  Dhaloota kiristoosiin “Eyyamni gaariin  ta’e ef  ”. Durbeen Uumaa ishee fooniin deesse. (Amantaa Abbootaa 47:2-4)

Akkamitti nama ta’e

Ilmi yeroo nama ta’u  Waaqummaa isaa osoo hin gadhiisin osoo hin jijjiiramini dha. Waaqayyoo waaqa jijjiiramu waan hin taaneef. Namnis Waaqa yoo ta’u  namummaan isaa jijjirameeti miti. Namni Waaqa ta’e jennee yoo dubbannu waa’ee namummaa  Kiristoosii dubbachaa akka  jirru hubachuun barbaachisaa dha. Waaqnis nama ta’e yoo jennus  qaama Isaa adda ta’een   ilma namaa ta’e jechuu keenya akka ta’e beekuun  barabaachisaa dha.

Abbaan fi Afuurri Qulqulluun nama hin taane waan ta’eef. Ta’umsi Laphee fi Ta’umsi Afuuraa nama hin taane waan ta’eef. Jechi foon yoo ta’u  foonis Jecha ta’e. Jechaaf kan malu hundumti fooniif ta’e,  fooniif kan malu hundis Jechaaf ni ta’e. Qulqulluun Qeerloos akkuma dubbate “እንቲኣሁ ለቃል ኮነ ለሥጋ ወእንቲኣሁ ለሥጋ ኮነ ለቃል።” Olaantummaa Kiristoos gad  of qabiinsa Isaatiin  Isa beekne. Kanaafuu,  osoo hin jijjiiramin, osoo  walitti hin makamin, osoo  adda hin

 ba’in Tawahiidoodhaan /Waloomaan/ nama ta’e.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u.

1 Fayyisuu-ማዳን፣ fayyisuu-መፈወስ

“Kan Duraa Caalatti Tattafadha” (2phex 1:8)

  Jecha kana kan dubbate hangafa Duuka Bu’ootaa Qulqulluu Pheexirosi dha.  Jecha kanas kan argannu Immoo 2ffaa phex. 1:8 irratti dha.  Dubbisni isaa guutuu akkas jedha  “sababa kanaaf tattaffii hundumaa  agarsiisaa amantii keessan irratti gaarummaa dabalaa; gaarummaan irratti beekumsa, beekums irratti of tooa’chu, of tooa’chuu irratti jabina, jabina irratti Waaqayyoo fakkaachuu, Waaqayyoo fakkaachuu irratti  jaalala obbolumaa, jaalala obbolummaa irratti jaalala dabalaa. Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay’achaa yoo adeeman, Goftaa keenya Iyasuus Kiristoosi beekutti warra dhima baasaa warra ija godhatanis ni taatu.  Wantoota kana namni hin qabne jaamaadhawoo dhiyeenyatti kan jiru qofa ilala, cubbuu isaa jalqabaa (dhaala) irraa qulqulla’uu isaa dagateeraati. Kanaafuu, obbolota koo, waamamuu fi fo’amuu keessanitti jabaachuudhaaf kan duraa caalatti tattafadhaa…”

Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana tasgabbii fi hubannoon yerga dubbisne booda ergaa isaa gad-fageenyaan hubachuun barbaachisa. Mata-dure isaa haa hubannu <<kan duraa caalatti tattaafadha>>  jedha . Akka eeyyama Waaqayyotti mata duree kananis waantota sadii qofa ilalla. Isaanis:-

  1. Kan duraa caala tattafaadhaa kan jedhaman eenyu fa’adha?
  2. Kan duraa caalatti tattaaffadhaa kan jedhaman kalattiwwan tattaaffannaa maal fa’a dha?
  3. Kan jedhamne raawwachuu keenyaan maal arganna?  Kan jedhani dha.

1. “Kan duraa caalaatti tattaaffadhaan kan jedhame eenyu fa’a dha?

Jecha kana hubannon yoo ilaallu tattaaffadhaa kan jedhu qofa osoo hin taane “Kan duraa caalaatti tattaffadhaa” jedha. Kana jechuun tattaaffii irraa fagatanii warra mugan, cancala dhiba’ummaan hidhamanii warra abdii kutan hin ilaallatu jechu dha. Kana jechuun tattaaffi keessa ta’anii amma humna isaanii raawwachaa warra jira kiristaanota tattaffattootaaf kan dubbatamee dha jechuu dha. Duuka Bu’ichi tattaffii isaanii simatee fi kabajeeti kan isaaniif bareessu. Tattaaffiin keessan gaari dha garuu qofaa isaa ga’aa miti jedhaan. Amma tattaaffii isaanii irratti tattafii akka dabalan tattaaffi duraan qaban irratti dabalatan caalamatti akka tattaaffatan yeroo gorsu “Kan duraa caalatti tattaaffadhaa” ittiin jedha. Kana jechuun duraan  soomaa, kadhachaa, tajaajilaa kan turan tattaaffii isaanii duraa caalamaatti akka tattaaffan isaan gorsa jechuu dha.

Jaallatamoo maatiwwan Waaqayyoo nuti hoo akkami? ni soomnaa? Kadhanna keenyatti hoo akkami? Kan adda hin citne kadhannaa guyyaa guyyaa qabna laata? Ammoo kan duraa caalatti tattaaffachaa  jirraa? Moo tajaajila Afuurawaa keenyaan matuma isaa dhaabnee jirra? Deebiin isaa keessan ta’ee, ofii keessaniif yoo wanna kana Duuka bu’aan Qulqullichi pheexiroos kan duraa caala tattaaffadhaa nu jedha’a Nuti garuu kan duraa caala tattaaffachun hafee dirqama Kiristaanummaa dhaabbataan nu irraa eegamu ga’ee keenya ba’achuu kan dadhabne baayyolii dha. Waaqayyoo hunda keenyaaf qalbi haa kennu!

2. Kan duraa caalaa tattaaffadhaa kan jedhamne kallattiiwwan tattaaffii isaan kam?

Kabajamoo fi jaallatamoo dubbistoota, mee al tokko ol jedhaatii gara seensa barruu keenyatti deebi’aa. Duuka Bu’ichi Qulqullichi pheexiroos lak 10 irratti “Waamamuu fi fo’amuu keessan akka jabeessitaniif kan duraa caalaatti tattaaffadhaa….” jedhe jalqabuun duratti akka dubbisnuu fi akka tattaaffannuuf ijoo ta’an tarreessee kaa’eera.  Dhimmonni kun saddeet yoo ta’an isaanis:

                   1. Amantii                                              2. Gaarummaa

                 3. Beekumsa                                         4. Of too’achuu

                 5. Jabina                                                6. Waaqayyoo fakkaachuu

                 7. Jaalala obbolummaa                              8. Jaalala  dha.

Tokkoon tokkoo Kiristaana jireenya isaa guyyuu keessatti isaan kana lakkaa’ee fi safaraa maali qaba?  Maaltu na hafa? Jedhee tattaaffiin shallagee jirachuu qaba.

Guyyaa afurtamaa fi saddeettamaatti Sillaasee irraa aangoo mucummaa kan argate Kiristaanni tokko jalqabatti amantii qabaachuun dirqama isaati duukabu`ichi amantii irraa jalqabe. Amantii yoo jennu akkuma saantima fuula lama qabachuu isaa beekuu fi hubachuun barbaachisa. Isaanis, amanuu fi amanamuu jedhamu. Kiristaanni tokkoo amantaa qaba yoo jedhu Waaqayyoo kootti nan amana, nan amanama jechuu isaati. Amanuu jechuun addunyaa kana kan uumee fi sooru jira jedhanii amanuu yoo ta`u, amanamuun immoo Waaqa jira jennee amannu sanaaf bitamuu, tole jedhanii ajajamuu, ajajaa fi seera Isaan jiraachuu jechuu dha. Dimshaashatti amantaa fi hojii gaarii qabaatanii argamuu jechuu dha.

Amanitiin Kiristaana tokkoo yeroo yeroon ni guddata. Akkas jechuun ogummaan amanuu fi amanamuu isaaf galaa yoo deemu fi ofii isaa Uumaa fi seera isaatiif abboomamuu yoo jalqabu amanuu fi amanamuun isaa dabalaa deema jechuu dha. Kanaafi dha Duuka Bu`aan Qulqullichi Pheexroos “Sababa kanaafi tattaaffi hundumaa agarsiisa; amantii keessan irratti gaarummaa dabalaa..” jedhee amanitiin kan jalqabe. Namni kan amane ta`ee hojii gaarii kan hin qabne yoo ta`e gatii hin qabu. Fakkeenyaaf; namootni tokko tokko yeroo soomatti Mana Kiristaana keessa oolanii qaddassiisaa garuu, “bakka ani dhabbadhu dha” jechuun bakkaa irratti wal-lolu yoo ta`e amanitin isaan gaarummaa fi qajeelummaa ni hir`ata jechuu dha.

Tokko tokko immoo gaarummaa qabatee gaarummaan isaa beekumsa kan hin qabne ta`ee isa miidha. Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko gaarummaa isaaniin qabeenyaa fi beekumsa isaanii shakkitoota amantaa fi seera Mana Kiristaana diiguuf diina keessaa warra ta`aniif yoo oolchan mul’atu. Utuu hin beekin waan Mana Kiristaana gargaaran itti fakkaatee jechuu dha. Eebbi isaanii nurraa haa buluutii hangafa phaaphaasotaa kutaa lallabaa Dirree Dawaa kan tura abbaa Yooseef yeroo tokko “Amantaan beekumsa malee doofummaa dha. Beekumsi amantii malee maraatummaa dha” jedhaani ture. Kanaafi Duuka Bu`ichi “Amantaa keessan irratti beekumsa dabalaa” kan jedhe.

Beekumsa irratti immoo of-too’achuu akka daballu ajajamneerra. Sababni isaas beekumsi of- too’achuu  hin qabne beekumsa diyaabiloos /seexanaati, Gara bowwaattis nama buusa. Of-too’achuu irratti jabina dabalaa erga jedhe booda; deebisee jabina irratti Waaqayyoon fakkaachuu dabalaa nuun jedha. Namootni tokko tokko “Ani utuun Waaqayyoo ta`e kanaa fi sana raawwadha ture “ jedhanii yoo dhaadatan ni mul’atu. Waaqayyoo fakkachuun kutuu fi muruuf ykn balleessuu fi dheekkamuu qofa kan itti fakkaatu dha. Haa ta`uu garuu, Waaqayyoo fakkaachuu keessatti buunyaan dha`amuu fi Fannoo baachuunis ni jira. Ammoo “Waan raawwatan hin beekaniitii dhiifama godhiif “ jechuunis jira. Egaa Waaqayyoo fakkachuun garaa bal`achuu, dubbii dhiisuu, dhiifama gochuu, obsaa fi danda`aa ta`uun kanneen biroof dabarsanii nama of kennu ta`uun qalbeeffachuu barbaachisa. Mee dhaabbannee of haa ilaalu.  

Duuka bu`ichi itti fufee Waaqayyoo fakkaachuu irratti jaalala obbolummaa dabalaa jechuun kan naannoo koo, kan ganda koo, kan haadhaa fi abbaa koo… kan jedhuu alatti nama jalqabaa Addaam kan bu`uureeffatte obbolummaa qabaadhaa jechuu isaati. Jaalala obbolummaa kana irratti jaalala dabalaa nu jedha. Jaalalli maali dha? Jaalalli Waaqayyoo dha. Dhugummaa Waaqayyoo irratti kan hundaa`e sobaa fi hojii jallinaa irraa kan qulqullaa`e jaalala qabaadha jechuu dha. Tokkos, akkuma barsiisa Qulqullicha Paawuloositti (1Qor. 13)  kan obsu, kan hin inaafne, kan of hin tuulle, kan hin boonne, kan hin aarre, kan dhugaa waliin gammadu, gaarummaa kan raawwatu.. jaalala qulqulluu qabaadhaa nuun jedha.

Kabajamtoota dubbistoota dubbiiwwan ijoo saddeettan armaan olitti caqasaman kanneen yeroo hunda jireenya keennya keessatti barbaaduu, dabalaa akkuma jedhamne tokko qabannee isa kaaniif akka tattaaffannu ajajamneerra. Mee dhaabbannee haa yaadnu! Jireenya tokkoon tokoo keenya keessatti saddeettan keessaa meeqa qabna? Isaan kallatiiwwan tattaaffii Kiristaanummaa keenyati. Isaan kun ibsaawwan tajaajila Afuuraa keenyati. Kanaafuu, guyyuu tattaaffiin isaan haa barbaannu. Tokko isa tokko irratti dabaluuf haa tattaaffannu. Tattaaffii nuuf kennuun jaalalli isaa nuuf haa ta`u.

3. Isa jedhamne raawwachuu keenyaaf maal arganna?

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota dubbistootaa, egaa akkuma armaan olitti ibsame kallattiiwwan tattaaffii saddeettan hordofnee tattaaffii duraan qabnu irratti isaan kana yoo daballe guyyuu tattaaffii irratti tattaaffi agarsiisaa yoo itti fufne maal akka argannu Duuka Bu`ichi gabaabatti ibseera. Akkas jechuun “ Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay’achaa yoo adeeman, Goftaa keenya Iyasuus Kiristoosi beekutti warra dhima baasaa warra ija godhatanis ni taatu.” (lakk. 9)

Dubbii ijoo armaan olitti ibsaman saddeettan dabalaa fi baay`isaa yoo deemne hojii hiiktotaa fi warra ija hin qabne  akka hin taane ifatti nutti himeera. Hojii hiiktotaa fi warra ija hin qabne lama yoo ta`ani iyyuu tokko dha. Tokko isa tokko harkisa, jechuun namni yoo hojii hiike firii dhaba. Hojii malee firiin akka hin jirre firii dhabuunis hojii hiikuu malee hin jiraatu.

Hojii hiikuun addunyaa lamanuu keessatti ulfaataa yoo ta`eyyuu, addatti addunyaa Afuurawaa keessatti xiqqoo adda dha. “Sammuun hojii hiike waajira Seexanaati” jechi jedhu jira. Wangeela Maatewoos boqonnaa 12 irratti afuurri xuraawaa nama keessaa akka ba`u nutti himee booda boqonnaama kana keessatti “deebi`ee ni dhufa” jedha. Isa kana barsiisotni /hiiktotni/ Kakuu Haaraa yoo ibsan erga ba`ee booda aangoo deebi`ee irra buluu hin qabu Haa ta`uu garuu, yaaduun isaa hin hafu. Yoo yaadu garuu namni sun soomaa fi kadhaa irraa fagaatee jireenya Afuuraa fi hojii gaarii irraa fagaatee yoo argu akkas jedha “Gara mana koo keessaa ba`etti nan deebi`a. Yoo deebi`u duwwaa ta`ee qulqullaa`ee miidhagee yoo argu. Achiin booda deemee asirraa hamoo kan ta`an afuurota dacha torbaa ofi waliin fudhataa. Seenanii achi jiraatu. Nama sanaaf kan duraa caalaa kan booda hamaataa ta`a.” (Maat. 12:40-45)

Egaa haa hubannu sammuun hojii hiike  seexanaaf mana miidhagaa fi qulqullaa`aa akka ta`e nutti hima. Kitaabni Qulqulluu waa`ee hojii hiiktota waan bayyee nutti hima. Hojii hiiktonni lubbuu isaanii dhamaasu irraa darbanii namoota biroo illee ni jeequ. Ayihuudootni illee amma humna isaanii kaayyoo isaanii galmaan ga`uuf hoji-hiiktotaatti dhimma ba`aa turan. Fakkeenyaaf, Duuka Bu`ichi Phaawuloos yeroo morman tokkotti hoji-hiiktotatti dhimma ba`uu isaanii akkas jedha “Ayhuudootni inaaffanii hoji-hiiktota keessaa warra hamoo fidan. Uummatta walitti qabanii magaalicha jeeqan.” (Hab. 17:5)

Addunyaa foonii kana keessatti illee namootni hamoo Hammeena isaanii daangaa hin qabne agarsiisuuf yoo barbaadan kan fayyadaman hoji-hiiktotaa kana. Kanaafuu, addunyaa kanatti illee yoo ta`e hoji-hiiktoota akka hin taaneef tattaafachuu qabna. Hojii jechuun garuu qama nu qacare irraa kan kennamuu qofa miti. Ofii keenyaaf hojii kennuun ni mala. Fakkeenyaaf, Kitaabota qulqullaa`oo dubbisuu, gaafachuu, hubachuuf yaaluu, kawaalota deemanii hark-fuudhuu, qaddasiisuu, galgalaa fi sagantaa Wangeelaa gurguddoo Mana Kiristaanaa irratti hirmaachuun barachuu mana barumsaa sanbataa fi waldaawwan  Afuura keessatti hirmaachuu… fa`a.

Jaalatamtoo dubbistoota, dubbiiwwan ijoo saddeettan armaan olitti ibsaman kunneen sassaabuuf kan dhamaanuu  yoo ta`e hojii hiiktotaa fi firii dhabdoota hin taatan jedheera. Hoji-hiiktotaa fi firii-dhabdoota yoo hin taane immoo seexanni nutti hin taphatu. Akkas yoo ta`e immoo, Waaqayyoon keenya cubbamootatti murteessuuf, Qulqullootaf morteessuf yeroo dhufu “Isin eebbifamtootni Abba Koo kottaa. Adduunyaan odoo hin uumamin jalqabee kan isiniif qophaa`e Mootummaa Waaqayyoo dhaalaa” nu jedha. Akkas akka ta`uuf garuu kan duraa caalatti haa tattaaffanu.

Bara Abaaboo/Zamana Tsigee

Kaayyoodhaan cimuu

“Nama raawwatuuf gorsi hundi gaariidha” jechuudhaan raajaan Waaqaayyoo qulqullichi Daawiit akkuma dubbate, raajoonni, duukaa bu’ounni, hayyoonni akka waliigalaatti qulqulloonni Waaqayyoon hojii aja’ibaa isaan irra bulee hojjatu tokkummaa nuti Waaqayyoo waliin qabaachuu qabnu irratti gufuun akka hin qunnamnee fi haalaan cimnee akka jiraachuu qabnu nu gorsu. Gorsi abboota keenyaa, nuti kaayyoo yaadneef amanamaa akka taanuuf, addunyaa bu’aa ba’iin guute kana keessatti yeroo jiraannu gidiraa nurra gahuu danda’uun osoo hin mo’atamiin kaayyoo keenyaan cimnee galma gahuu barbaadnu bira akka geenyuufidha.

Kaayyoodhaan cimuu jechuun sababa barbaadanii wanta karoorsanii fi gochuuf yaadan dhiisuu   irraa of qusachuudha. Namoonni yeroo kaayyoodhaan ciman, gufuu kaayyoo isaanii gufachiisuuf dhufu hunda ogeessichi Solomoon “Obsi cubbuu guddicha ni dhiisisaatii dheekkamsi bitaa(mootii) kan sirratti ka’u yoo ta’e iddoo kee hin gadhiisin” (Makib. 10:4) jedhee akkuma dubbate obsaan bira darbu. Dheekkamsi bitaa(mootii) ulfaataadha; haa ta’u malee obsaan yoo bira darban dhiifama cubbuu, kabaja irratti kabaja, kennaa irratti kennaa goonfachiisa waan ta’eef, yaa ogeessaa, kaayyoo keetiin cimi; iddoo kee hin gadhiisin jechaa nu gorsa.  

 Duuka bu’ichi Yaa’iqoobis, “Namni qorumsa obsu kan eebbifamedha, qoramee abdii Waaqayyoon warreen jaallatuuf qopheesse gonfoo jireenyaa fudhataati” (Yaa’i 1:12) jechuudhaan kaayyoodhaan yoo cimne fi qorumsa dhufu yoo obsine gonfoo jireenyaa argachuu dandeenyu akka nuuf kennu nu hubachiisa.

Kaayyoodhaan cimuu waliin walqabatee caqasoonni fakkeenya gaarii ta’uu danda’an Kitaaba Qulqulluu keessatti bal’inaan kan caqafaman yoo ta’u muurasa isaanii haa ilaallu:-

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mana Simi’oon isa lamxaa’ee keessa osoo jiruu, dubbartiin tokko birillee urgooftuu dibataa gatii-jabeessan guutame qabattee gara isaa dhufte. Bartoonnii kana yeroo argan dheekkamanii akkana jedhan;dubartiin kun urgooftu hamma kana maaliif balleessite; kun qarshii baay’eetti gurguramee warreen hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture, Gooftaan Iyyesuusis isaan irratti beekee akkana jedheen, “Dubartittii kana maaliif rakkiftu(dhiphiftu) anaaf hojii gaarii raawwatteettiiti, hiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis waan gaarii ni gootuufi; anaan garuu yeroo hunda argachuu hin dandeessan; isheen urgooftuu ana irratti dhangalaaste awwaalcha kootiif goote; dhuguman isiniin jedha kuni adduunyaa guutuu irratti bakka Wangeelli lallabametti wanti dubartiin kun goote yaadannoo ta’eefi dubbatama.”(Maat 26:6-13: Maar 14:3-9: Yoh 12:1-8)  

Dubartiin kun kaayyoo yaadde galmaan gahuuf cimina ajaa’ibaatuu ishee irraa mul’ata. Kan isheen waamamte kabajaanidha. “Cubbamtoota gara gaabbiitti malee qulqulloota waamuu hin dhufne” (Luq 5:32) akka jedhu. kanaafuu namni kabajaan yeroo waamamu “Waamaa koo kabajaa koo” akka jedhan abboonni, kabajaa ishee misirroo isa samii kabajuu kan danda’u urgooftuu gati- guddaa ta’e qabattee deemte.

Dubartiin kun gara Gooftaa keenya fayyisaa Keenya Iyyesuus Kiristoos bira osoo hin deemiin dura gufuu diyaabiloos qopheesse qorumsa hedduu keessa dabarteetti.

Sadarkaa Jalqabaa irratti dubartiin kun sagagaltuu fi sagaagalummaa hojii ishee kan taasifatte turte. Bareedinnii fi miidhaginni ishee namoota baay’ee kan jilbeeffachiise, kan ishee barbaadu lakkoofsa kan hin qabne ta’ee osoo jiruu gara laphee isheettii yeroo deebitu wanti isheen hojjachaa turte namaa fi Waaqa biratti wanta jibbamaa akka ta’e ni hubatte. Hojii ishee guyyaa guyyaa cuftee lammaffaa gara sagaagalummaatti deebi’uu dhiisuuf murteessuun ishee, cimina ishee mul’isa. Kayyoon fi fedhiin ishee hojii jibbamaa ta’e sana dhiisuu fi gara Waaqa isheetti deebi’uu waan ta’eef ni murteessite.

Sana booda wanti isheen goote kan nama ajaa’ibsiisudha. Hojiin sagaagalumma raawwachaa turte Waaqayyoo irraa akka ishee adda baase yeroo hubattu, qarshii sagaagalummaan walitti qabdee urgooftuu gati-guddaa bittee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiitti biifuuf jettee gara gabaa baate. Bahumsi ishee gaarii ta’us wanti daandii irratti ishee eege garuu diinaa baay’ee nama qoru waan ta’eef kaayyoo isheetiin cimtee bira darbuu isheerraa eega ture.

Diyaabiloos dhiira isheen beektu fakkaatee daandii irratti eegee callisee hin dabarsineen ture. “Dhiirri keessummaan sitti dhufee isatti biifuudhaaf urgooftuu bituuf deemtaa?” jedheen.  Isheenis “Eeyyeen dhiirri addunyaa kanarraa adda ta’e dhufeera “jechuun deebisteef.  Diyaabiloosis deebii isheetti aaree gaaffii biraas akkas jechuun dhiyeesseefi; “dhiirri jaalalli isaa hin dhumne sitti dhufee isaaf urgooftuu bituuf deemtaa?” jedheeni. isheenis deebistee “Eeyyee   jaalalli namaa dirqamsiiseeni; du’aaf dhufeera” jettee deebisteef. Yeroo sadaffaaf osoo abdii hin kutin “daldalaan qarshii xiqqoodhaan waan baay’ee kennu dhufee jennaan urgooftuu isattti biiftu bituuf deemta?” jedhee gaafateen. Isheenis deebiin ishee “Eeyyeen hojii xiqqoodhaan kabaja   guddaa kan kennu Iyyesuus Kiristoos dhufeeraatii urgooftu isatti biifun bituuf deemaa jira” jettee maqaa isaa yeroo waamtu akka quttoo/haafa/ urkee, akka aaraa bittinna’ee jalaa badeera.

Diyaabiloos yeroo tokkoo ol ishee qoruuf yaaleera. Haa ta’u malee, kaayyoon ishee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin argachuu, fuulaa Isaatti jilbeeffattee waa’ee cubbuu ishee boo’aa urgooftucha biifuu waan ta’eef, gufachiisa dogoggoraa diyaabiloos dhiyyeesseef hunda kaayyoo isheetiin cimtee maqaa Gooftaa fi Waaqa isheetiin injifatteeti.

Kennichas yeroo ilaallu gati-guddaa wanti isa taasisu tattaaffii ishee irraa kaa’uudhaani malee kun Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiif wanta gitu ta’ee miti. Teessoon Isaa ixaana suraafeloota samiitiin Gooftaan aarfamu akkamitti urgooftuun biyya lafaa isa gituu danda’a? ta’uus hin danda’u. sa’aatii digdamii afur qulqulloonni Ergamoonni samii galata irraa adda hin baane kan dhiyeessanin Gooftaan ulamu bara jireenyaa ishee guutuu dubartii sagaagalummaan jiraatte urgooftuu dhiyeesituun sanaayyuu qarshii sagaagalummaan argameen kan bitame akkamitti daangeeffamuu danda’a? Isheen garuu dhiifama Isaa hubatteetti; deebi’uu cubbamaa malee du’a isaa kan hin feenee Waaqa gara laafeessaa fi dhiisaa ta’uu isaa barteetti; deebi’uu ishee har’aa malee eenyummaa ishee kaleessaa ilaalee kan hin saalfachiisne ta’uu isaa amanteetti. Kanaafuu, ni goote; Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis urgooftuu isheen fidde gammadee fudhateera.

Wanti baay’ee ajaa’ibu garuu urgooftuun ishee hin gaabbisiisne hirmaattoota garuu hin gammachiisne.  Ture kuni osoo gurguramee hiyyeesootaaf kenname jedhanii jaraaf waan ququqaman of fakkeessani. Garuu maaliif ishee morman isa jedhu hamma tokko ilaaluun gaariidha. Mormitoota keessa inni tokko Yihuudaa ture. Yihuudaan immoo yeroo sana qarshii qabaa waan tureef qarshii   galu keessaa harki kudhan isaaf ni ga’a ture. Qarshiin urgooftuchi ittiin bitame warqii dhibba sadi ture. Kanaafuu, warqiin soddomni isaa ni gaha ture.; garuu kennichi qarshiidhaan osoo hin taane gosaan waan dhiyaateef qooda Isaa sana argachuu hin dandeenye. Sababa kanaaf hiyyeesootaaf kan gadde fakkaate qooda isarraa hafe yaadaa mormii isaa dhiyeesseera.

Yerichi isaa yeroo wanti gaariin raawwatamuu; namoonni cubbuurraa gara dhiifama cubbuutti yeroo deebi’an; wanta gaariif yeroo itti kaka’an ture. Faallaa isaatiin immoo inaaffaa afuuraawaa kan dukaneessuu fi abdii kuchisiisu; yeroo mormiin itti baay’atu fi inaaffaan seexanawaa itti baay’atu ture. Kanaafis kanneen Waaqayyo eeyyameef wanta qaban hunda yeroo itti kennan, qarshii isaanii irra darbanii yeroo itti of dabarsanii keennaan; faallaa isaatiin immoo namoonni waan kennaniif   yeroo itti aaran “Daldalaan hin gaddu waan inni kasaareef, waan oboleessi isaa hafeef malee” akkuma jedhamu hawwiin hamaan akkanaa yeroo itti babal’ate waan tureef warreen gaarii raawwatan irratti mormiin baay’atee ture. Fayyisaan addunyaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu hunda beekaa waan ta’eef maaltu maaliif akka ta’u ni beekaatii kabajee ishee simate. Yeroo namoonni morman inni garuu maaliif kabajee ishee simate sababoota jedhan akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama.

Sadarkaa jalqabaa irratti kan Inni argamu guyyaa sana qofadha. Iyyesuus Kiristoos “Hiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis gaarii ni gootuuf, Anaan garuu yeroo hunda hin argattan” jechuun akkuma dubbate foon uffateen kan qaqabamuu, urgooftuun kan itti biifamu ta’ee kan argamu yeroo sana qofadha. As irratti wanti of eeggannoo gochuu qabnu sanaa booda foon Isaa irraa adda baha jechuu miti. Harka Ayihuudootaatiin qabamee gara murteetti yeroon itti dhiyaatu, yeroon fannoo irratti bahu akka gahee fi yeroon isheen hin arganne akka dhufu ibsuudhaaf.

 Sadarkaa lammaffaa irratti isheen kirisaanummaaf haaraa waan taateef akka hin gufanneefidha. Nama sadarkaa jalqabaa irra jiru kan barsiisan xiqqeessuun, maal akka gochuu qabu tartiiba irratti xiyyeeffachuu akka qabu, suuta jechaa gara maaliitti akka deemu qabu yeroo barsiisudha. Sababni isaa kiristaannaan jireenya suuta suuta beekanidha waan ta’eef. Ifti addunyaa qulqulluun Phaawuloos “Oboleeewwan koo kan foonii fi dhiigaa akka taatan, Kiristoosiin amanuudhaanis daa’imman akka taatan malee akka warreen afuurawaa isin barsiisuu hin dandeenye; nyaata ciccimaa isin hin nyaachisne, aannanin isinin Obaase/Waga’e,  ammallee hin cimne waan ta’eef. ” 1ffaa Qor 3:1-2 jedhee akkuma barsiise warreen jalqaba irra jirru namni waan bareen, waan danda’uun fi jaallatuun harkisuun barbaachisaa waan ta’eef misirroon samii Iyyesuus Kiristoosis kennaa isheen fide gammachuu fi kabajaan fudhate.  

Sadarkaa sadaffaa irratti namni tokko dursee maal akka gochuu qabu kan mari’achiisuu yoo ta’ee akkana godhi jechuun barbaachisaadha; erga ta’ee booda garuu akkana jechuun ni gufachiisa waan ta’eef dhiisaani jedhe. Dhiisaa qofa miti kan inni jedhe maaliif gufachiisu ture kan Inni jedhe. Kana jechuunis hiika wangeelaa irratti akkuma barreeffame namni tokko kennaa kennuu barbaadee, rakkataadhaaf moo mana kiristaanaaf kennu jedhee yoo mari’achiisee, gamoo Waaqayyoo kan ta’e ilmi namaa beelaan dheebuun osoo dhiphatuu gamoo Mana Kiristaanaa ijaari jechuu irra dursa ilma namaatiif kennuun barbaachisaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Namichi kaka’umsa mataa isaatiin erga godhee booda garuu akkana gochuu hin qabdu ture jechuun garuu hojii gaarii hojjachuu isaatiin gaabbee gara fulduraaf waan gaarii hojii irraa of to’achuu waan danda’uuf, hojii gaarii inni hojjate akka hojii gaarii hojjateetti jajjabeessuun barbaachisaadha. Egaan iccitii kana hunda kan beeku hunda beekaan Iyyesuus Kiristoos kennaa kabajamaa Isaaf dhufe kabajee fudhateera.

Maariyaam haadha urgooftuu kana irraa wantoota hedduu baranna. Isaanis:- hojii gaariif ariifachuu, kaayyoodhaan cimuu keesumattuu gaabbidhaaf dagachuu akka hin qabne hubachuu ni dandeenya. Hiikni wangeelaa akkuma nutti himu Maariyaam haati urgooftuu miidhagduu kuni hafeef kan hin jedhamnedha. Guyyaa tokko garuu qaama akkas bareedu kana fuulleedhaan/Dawitiidhaan osoo of ilaalaa jirtuu miidhaginni kun hundi akka darbu ni hubatte. Kanaafis qorichi gaabbii galuu akka ta’e hubattee umrii ishee guutuu sagaagalummaan qarshii funaannatte fuutee dhiifama kan namaaf kennu, cubbuun kee siif dhiifameera kan jedhu dursaa lubootaa Iyyesuu Kiristoos isa jedhamu bira urgooftuu ishee bittee deemtee waan gochuu qabdu ni goote.

Maariyaam haati urgooftuu yeroo gara laphee isheetti deebitetti osoo ooltee hin buliin ture gaabbii kan kennu dursaa luboota kan ta’e gara Iyyesuus Kiristoos kan deemte. Kana qofa miti daandii irratti qorumsa seexanaa injifannoon dabartullee gara Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos erga deemtee booda bartoota Isaatiin keesumattuu Yihuudaadhaan gufuun hedduun ishee qunnameera.

Bartoota keessaa hiyyeessootaaf kan yaadan fakkaatanii kun gurguramee hiyyeessootaaf osoo kenname wayya ture jechuudhaan hojii isheen hojjatte akka badiitti lakka’anii turan. Haa ta’u malee, uumaa ishee biratti jilbeeffatteettitii kaayyoo isheetiin cimuu ishee, fedhii laphee ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos beekeeraatii,  ishee osoo hin taane waa’ee ishee Kiristoos “Waan gaarii goote maaliif gufachiistu” jechuun hojii ishee aja’ibsiifateera. Bira darbees hojii ishee bakka Wangeelli barsiifame hundatti yaadatamaa akka turu isaniif ibseef. Gufuulee hundas ishee irraa ni fageesse. Kanaafuu, nutis yeroo gara wanta gaarii deemnu wanti karaa irratti nu eeguu sanaayyuu diyaabiloos wanta beeknuu fi jaallannuu irra bulee akka hin gufachiisne hidhannoo keenya cimsuun kaayyoo keenyaan cimuu qabna.

Dabalataanis Kitaaba Qulqulluu keessatti kaayyoo isaaniitiin cimanii Waaqayyoon kan ragaa baheef, kabaja irratti kabajni kan dabalameef namoota hedduu caqasuun ni danda’ama.  

Yooseef biyya Gibtsii keessa sanaayyuu godaansa irra osoo jiruu kaayyoo isaatti cimuu isaatiin dargaggummaa irra osoo jiru illee miirri dargagummaa osoo isa hin mo’atin gaaffii sagaagalummaa haadha manaa Faraa’ooniin dhiyaateef asi achi osoo hin jedhiin mo’ateera. Mootii Faraa’oon birattis akka kabajamu, maatii isaas beela ture keessaa baasee hanga har’aatti maqaa baraa baraa fi jiraataan Waaqa isaa irraa kenname fakkeenyummaa gaarii isaatiin hanga har’aattii waamaa jiraanna. Kunis qorumsa isaa obsaan bira waan tareef malee qorumsi tokkollee osoo isa hin qunnamiin waan jiraateef miti.

Kaayyoodhaan cimuudhaaf fakkeenyoota nu barsiisan keessaa inni biraan seenaa jireenya qulqullicha Iyyoobidha. Diyaabiloos jaalala Waaqa isaaf qabu harkaa gatee ijoollee isaa du’aan,qabeenya isaa barbadeessuun, isas rifeensa mataa isaa irraa hanga qeensa lukaa isaatti dhukkubaan rukutee , haadha manaa isaa irratti kaasee Waaqayyoon arabsee akka du’u yoo  taasise illee kaayyoo isaatiin cimee  “Waaqayyo kenne, Waaqayyo fudhate maqaan  Waaqayyoo kan galatoome haa ta’u” jechuudhaan kiyyoo diyaabiloos jalaa bahuu danda’eera

Seenaawwan arman olitti eeraman yoo caqasneyyuu Gooftaan keeenya Iyyesuus Kiristoos kaayyoon inni guddaan gara biyya lafaa dhufeef ilma namaa gara kabaja isaa jalqabaatti deebisuudhaa fi waadaa Inni seenee raawwachuuf yoo ta’u, Innis diyaabiloosiin qorameera. Diyaabiloos qorumsoota sadi dhiyeesseeraaf. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara gammoojjii deeme guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama erga soomee fi kadhatee booda ni beela’e.   diyaabiloos inni qorus dhiyaatee “Ati Ilma Waaqaa yoo taate dhagoonni kunneen akka daabboo ta’aniif ajaji” jedheeni. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis deebisee “Namni kan jiraatu jecha Waaqayyootiin malee nyaata qofaan akka hin taane barreeffameera.” jechuun mo’ateera. Haa ta’u   malee, diyaabiloos mala isaa jijjiiruun qorumsa biraatiin itti dhufe. Gara magaalaa qulqulleetti geessee fiixee Mana Qulqullummaa irratti dhaabee, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa yoo taate as irraa gara lafaatti utaali, akka si eeganiis ergamoota siif ajaja, miilli kees akka hin gufaanneef harka isaaniitiin ni kaasu jedhamee barreeffameerratii” jedheen. Gooftaan keenyas “Waaqa kee hin qorin jedhamees barreeffameera” jedhuun injifate. Diyaabiloos yeroo sadaffaaf tulluu dheeraa irratti baasee mootoota lafaa hunda kabaja isaanis itti mul’ise. Yoo anaaf sagadde kana hunda siifin kenna” jedheen. Kanaa booda Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos “Yaa seexana nana deemii cina koorraa Waaqayyoo Gooftaa keef sagadi isa qofas waaqeeffadhu jedhamee barreeffameera” jedheen. Kanaa boodas diyaabiloos ni dhiiseeni egaan ergamoonni Waaqayyoo isa tajaajiluuf dhufan jedha Kitaabn Qulqulluu. (Maat 4:1-11)

Har’as nuti dhiifama Waaqayyootiin qorumsa hunda bira dabarra malee namni ofii isaatiin homaa gochuu akka hin dandeenye Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos yeroo foon uffatee lafa kanarra jirutti “Ani jirma waayiiniiti, dameewwan isaas isinidha, kan ana waliin jiraatu anis isa waliinin jiraadha, firii hedduus kan buusu isadha, ana malee homaa gochuu hin dandeessan” jedhee akkuma barsiise qorumsa akka nurraa fageessu kadhachaa hojiidhaanis agarsiisaa, isa fakkaannee jiraachuu qabna. Akka jecha Isaati deddeebinee, diyaabiloos isa nu qoruun meeshaalee afuurawaa kanneen akka sooma, kadhannaa fi sagadaan akkasuumas firiiwwan afuurawaa hojjachuun gaabbii galleee Waaqayyoo Abbaan keenyas gaabbii Kenya fudhatee humna gufuulee hunda mo’annu akka nuuf kennu amannee hanga xumuraatti kaayyoo keenyaan cimnee mootummaa isaa akka dhaalluuf jaabachuun nurraa eegama. Kanaafis arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaam, eebaa fi waadaan qulqullootaa nurraa adda hin ba’iin. Ameen.

Galanni Waaqayyoof Haa ta’u.

SOOMA/LAGUU

Itti fayyadama miidiyaalee hawaasumma

Dr Maagarssaa

Miidiyaaleen hawaasumma ragaalee dhugaas ta`e sobaa barreeffamaan, sagaleen, warabbii suursagaleen uummataaf kan ittin raabsamu meeshaa walqunnamtiiti. Ta`us, namni tokko miidiyaalee hawaasumma yeroo fayyadamu; isa sobaan akka hin miidhamne, isa dhugaa ta`etti mmoo akka fayyadamuuf; dhugaa soba irraa adda baasuuf calaltuu ykn safartuu qabaachuu qaba. Waanti barreeffame ykn argamee fi dhaga`ame hunduu dhugaa mitihoo.

Dhalli namaa kaayyoo garaagaraatif yaada tokko karaa garaagaraan ibsuu danda`a. Haa ta`u malee, haalli fi karaan itti ibse odeeffanno akkamii?; eenyuuf?, akkamitti?, kkf… gaaffilee jedhaniif deebii karaa sirriin kan kennu ta`uu qaba. Odeeffannichi miidhaa geessisuu fi fayyaduu isaa dursee hubachuu qaba. Dhugaan dubbatamu illee maal yaadee ykn kaayyoo akkamittiif akka ta`e waan hin beekneef carraan dogongoruu ol`aanaa dha.

Kanaafuu, odeeffannoowwan karaa miidiyaalee hawaasaa gadhiifaman dhugaa yoo ta`an dhiibbaa gaarii; sobaan kan guutaman yoo ta`an immoo dhiibbaa yaraa hawaasa irraatti qaqqabsiisuuf dandeetti ol’aana qabu. Bu`uura Kanaan miidiyaalee hawaasumma miidiyaalee hawaasaa irratti  odeeffannoo barreffamaa fi suursaglee gadhiifaman yeroo arginu maalummaa fi bu`aa isaanii hubachuuf gaaffiiwwaan gaafachuu qabnu jira. Muraasa isaanii ilaaluuf:

  1. Ergaan isaa maali? Dhimmi miidiyaa hawaasumma irratti darbe maalummaa fi bu`aan ergaa isaa maal? Kan jedhu gaafachuun ni barbaachisa. Maalummaa dhimmichaa utuu hin hubatiin kenneen biroo sababa afarsaniif qofa kan fudhannu ta`uu hin qanu. Raajii Iyasuus (ተአምረ ኢየሱስ) irratti seenan barra`e jira. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristoos fakkeenyaa nuuf ta`uuf jecha barumsa barachuuf gara barsiisaa ni deeme. (Hubadhu; barsiisichaaf beekumsa kan kenne Gooftaan nuyiif fakkeenya ta`uuf deeme malee beekumsa haaraa argachuuf miti). Achii barsiisan qubee isa barsiisuuf “Aleef” jedhi jedheen. Gooftaanis “Alef” jedhe. Qubeen “Aleef”tti aanee jiru “Bet” waan ta’eef “Bet” jedhi jedheen. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristtoos garuu dursa hiikkaan “Aleef” maali dha? Iccitii kana natti himi. Isa itti aanu nan jedha itti jedhe. Kanaaf, nutis dhimma sana itti dhiyeenya qaamolee miira keenyaan arginee dhamdhamnee kan hin mirkaneessine ykn barumsa amamtaan kan hin baranne yoo ta`e qaama barreese yoo argine maalumma barreffamichaa qama barreesse gaafannee ykn karaa biraatin hubachuun nurraa eegama. Kunis maalummaa ergichaa hubachuu fi adda baasuu nu dandeessisa.
  • Eenyutu barreesse? Qulqulluun Yohaannis Afaan warqee “barreeffama tokko namni dubbisu dhimma barreffame  dubbisuun dura eenyummaa barressichaa haa beeku: erga baree booda dubbisee isa dubbise haa barsiisu” jedha. Eenyyuummaa barreessichaa beekuun miira barreefamichaa akka hubannu nu gargaara. Achii barreeffamicha dubbisuun ka`uumsa barreffamichaa hubachuun maal jechuu akka barbaade salphaatti hubachuu dandeessisa. Duuka bu`oota qofa utuu hin ta`iin namootni baayyeen Kiristoosi hordofanii ture. Haa ta`u malee, uummanni Isa hordofu waa`e Iyasuus Kiristoos ilaalcha garaagaraa qaba ture. “Yohannis cuuphaa kan ittin jedhan jiru; kaanis Eermiyaas ykn raajota keessa tokko jedhuun”. (Maat. 16:10). Hubadhu! Nama hordofan beekuu dhabuun gantummaa ol`aanatti ramadama. Uumaa isaanii akka uumamaatti dhiyeessanii ture. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuyus Kiristoos Duuka Bu`ootan “isinihoo eenyu naan jettuu?” yeroo jedhu Qulqullichi Pheexiros “Ati Kiristoos Ilmaa Waaqayyoo isa jiraataa dha” jechuun yoo deebisu “Ati Qulqullu dha” jedhamee kabajni kennameef. Miidiyaalee hawaasumma irratti odeeffannoowwan abbummaan isaanii kan hin beekkamne barreeffamoonni fi sagaleen akkasumas suursagaleen ni gadhiifamu. Yeroo kana ergaawaan sammuu keenya irratti fe`an ni qabaatu. Kanaafuu ergaan sun “dhugaaqabeesummaa irraa darbee Kiristaanummaa ykn Ortodoksummaa of keessa qaba?” kan jedhu madaluun barbaachisaa dha. Kanaafuu miidiyaalee hawaasummaa yeroo fayyadamnu filachuun nurra jira jechuu dha.
  • Eesssatti barreeffame?: Gochichi kan eessatti rawwatamee? kan jedhu beekamuu qaba. Raawwii biyya ambaatti raawwaame akka waan biyyaa keenyatti raawwatametti dhiyeessuun miira hin taane keessa kan mana galchan. Sobanii sobaaf kan nama saaxilan namoonni baayyeen jiru. Kanaafuu, raawwii ykn dhimma tokko amannee fudhachuun dura karaa garaagaraatiin sirrii ta`uu isaa adda baasuu nurra jira. Adda baasuuf ragaa ga`aa yoo dhabne dhimmicha kanneen biroof qooduurraa of qusachuu; nutis naasuu fi mira hin taane keessa seenuu irra fagaannee karaa tasgabaa`e irra deemuun barbaachisaa dha. Kitaaba Qulqulluu irratti seenaa Soosinnaa guutuu isaa yoo dubbisnu waan hubannu tokko jira. Barssisionni Soosinnaa waliin ciisuu barbaadu. Isheen garuu, “hin ta`uu jette. Sababa Kanaan sobaan ishee himatan. Qaamni isa ilaallatus dhimmicha utuu hin sakatta`in Soosinnaa ajjeesuuf qophaa`a. Danii`el garuu “dhimmicha haa sakkattanuu” jechuun “eessatti argitan?” jechuun yoo isaan gaafatu bakkeewwan garaagaraa dubbatan. Kanaanis sobni isaanii beekame. Kaanaafuu, nutis sobaan akka hin dogongorreef “eessatti?” jennee gaafachuu qabna.
  • Yoom barreeffame? Waanti dhageenye ykn argine yoom kan raawwatame? Kan jedhu beekuun barbaachisa dha. Sababni isaa miidiyaalee hawasummaa irratti dhimma waggoottan baay’een dura raawwatame akka waan har`a ta`etti dhiyeessuun nama kanaan dura hin argine ittiin gowwoomsu. Biyya keessas haa ta`u biyya ambaa manneen waggoota baay’een duraa gubatan ykn nama du`e kan har`aa raawwatame fakkeessuun nama fi nama wal lolchiisu. Kanaafu, waan dhageenyu yoom akka raawwatame beekuun barbaachisa. Gooftaan keenya Duuka bu`oota Isaa tulluu Ejersaa irratti walitti qabee waa’ee dhufaatii lammaffaa fi mallattoo isaa yeroo itti himu “kun yoom ta`a?” jechuun gaafataniiru. (Maat. 24:3) Nutis odeeffannoo qulqulleeffachuuf “yooml” jennee gaafachuu qabna. Yoo hin taane garuu, dogoggorree dogoggorsuu; odeeffannoo dogoggoraa qooduun ofis ta`e nama biraa miidhuu waan dandeenyuuf ofeeggannoon barbaachisaa dha.
  • Meeqa? Yeroo baayye badii namni tokko balleesse akka waan namni baayyee raawwateetti dhiyeessuu fi namoonni baayyen kan raawwatan akka waan namni tokkoo ykn mamni muraasni raawwatetti gochuudhaan odeeffannoon gadhiifamuu danda`a. Fakkeenyaaf yakka nama tokkoon bakka dhalootasaa ykn gosa/qomoo isaa arrabsuun rakkoo guddaa qaqqabsiisuu danda`a. iti gaafatamuu kan qabu nama sana ykn garee sana malee dimshaasheessuun naannoo dhalootasaa arrabsuun balleessaa guddaa dha. Tarii namni kun sababa amala badaa issaatiif uummata naannoottin kan tuffatame ta`uu mala. Kanaafuu, dhimma tokko callisnee fudhachuun dura “nama meeqatu raawwate?” kan jedhu gaafannee beeku nurra jira jechuu dha. Ballina bakkaa, dheerina yeroo baayyina namaa nu beeksisuu danda`ati. Yakka namoonni baayyee raawwatan akka waan nama tokkoon rawwatametti dhiyeessuunis jiraachuu danda`a.
  • Akkamitti? Ergaawwan kara miidiyaalee hawasummatiin gadhiifaman barmaatilee fi uumamarraa kan fagaatan ta`uu danda`u. callisnee kan fudhannu miti. Kan nuti aadeeffannen  akkasumas kan barannee fi argine irraa adda kan ta`e yoo dubbatame fi dabrsame `Akkamitti?` jedhanii gaafachuu barbaachisa.
  • Maaliif? Miidiyaalee hawaasummaa irratti odeeffannoowwan baayyee karaa garaagaraatiin ni gadhiifamu. Namni ergaa kana gadhiisu garuu sababa qaba. Dhugaas haa ta`u soba nama odeeffannoon kun qaqqabuuf dhimma ittin ga`uu barbaadu qaba. Kanaafuu, ergaa tokko miidiyaalee hawaasummaa irratti barreeffame yoo arginu akkaataa hubannaa keenya qofaan utuu hin taane hubannaa barreessaasanaas hubachuu qabna. Ergaa sana ilaallee qdfa kallaattitti amanuu hin qabnu. ‘Maaliif’ jennee gaafachuu qabna. Moora dhaabillee barnoota olaanoo keessatti baacoon barattootaan dubbatamu tokko jira. Yeroo tokko halkan kutaan bultii barattootaa tokko gubachuu jalqabe. Achii barattootni rafanii turan dammaquun kutaan isaanii gubachaa jiraachuu beekuun lubbuu isaanii olfachuuf na`anii qullaa fiigaa ba`an. Barataan mana kitaabaa ture tokkoo gara kutaa isaatti yoo deebi`u namoonni baayyeen qullaa fiigaa jiraachuu arga. Yeroo kana innis uffata isaa baasuun isaan faana bu`e. Amma namni kun nama sababa malee socho`u dha.  Isaan gubachuurra jedhaani tasa waan godhani. Inni garuu, calliseetuma isaan arguun sababa isaa utuu hin beekin uffata baafatee isaan hordofe. Nutis miidiyaa hawaasummaa irratti namni beekamaan tokkoon ykn dammaqsaan (activist) sababa barreesseef isuma hordofne calaqqisuu fi daddabarsuu hin qabnu.  Namni kun kaayyoo ta`eef sobas ta`e dhugaa odeeffannoo kana yoo qopheessu rakkoo itti aanee dhufu hubatees ta`e hin hubatin ykn ta`e jedhee yoo raawwatu kaffalameef ta`uu danda`a. dabalataanis garamii garamitti; maalirraa, maalin, hanga maalitti… kkf. jennee odeeffannoosana qulqulleeffannee odeefannoo lubbuu fi foon keenya fayyadu fudhachuu qabna.

Armaan olitti akkuma ibsame odeeffannoo sababa arganne qofaaf rakkoo inni uumuu utuu hin hubatin miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisuun rakkoowwan baayyee nama dhuunfaa, maatii, naannoo fi darbees biyya irratti fiduu danda`u yaada keessa galchuun madaallee fayyaadamuun barbaachisa dha. Kanaa aattis yeroon itti fayyadamnus daangaa qabachuu qaba. Guyyaa guutuu miidiyaa hawasummaa irra taa`aa ooluu fi hordofuun araada akka nutti hin taane ofeeguun barbaachisaa dha.