Turtii eebbifamtoota Ortodoksoota dhaabbilee barnoota Olaanoo wajjin

Indaalee Damsisiin

“Barnoota koo milkaa’inaan akkan xumuruuf kan na gargaare yaa’ii mooraati” (Dn. Asaffaa Ayyaaleew)

Keessummaan kutaa sadaffaa keenya kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoonitti muummee barnootaa Narsiitiin kan eebbifame Dn. Asaffaa Ayyaaleew dha. Dn. Asaffaan kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoon Daseetti argamutti muummee barnootaa Narsiitiin sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan fi qabxii olaanaa galmeessuudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera.

Dn. Asaffaan yaa’ii mooraa Misraaqe-Giyoonitti hirmaachaa kan turee fi barnoota isaa cinaatti barnoota lubummaa (አብነት) hordofuudhaan aangoo Daaqonummaa fudhateera; woggaa afraffaa irratti immoo walitti-qabaa koree eebbifamtootaas (Graduation Committee) ta’ee tajaajileera.

Muudannoo kolleejjii erga seenee booda isa muudate yommuu ibsu: “kolleejjii akkuman seeneen yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf hin yaalle. Garuu woggaa lammaffaa irraa eegalee barnoota walitti fufiinsaan yaa’ii mooraa keessatti kennamu osoo addaan hin kutiin barachuu danda’eera. Yeeroo koo karooraan akkan fayyadamuu fi barnoota koo wajjin wal-simsiisee akkan deemu, milkaa’inaanis akkan xumuru kan na gargaare yaa’ii mooraati. Dabalataanis yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu akkuman eegaleen barnoota lubummaas (አብነት) cinaatti hordofuun eegale. Bu’uuruma kanaan hayyama Waaqayyoo ta’ee naaf milkaa’ee aangoo Daaqonummaa fudhachuudhaaf danda’eera. Ammas yaa’ii mooraatii ergan bahees barnoota lubummaa (አብነት) barachuudhaaf karoorfadheera.” Jechuudhaan dhiibbaa gaarii yaa’iin mooraa jireenya isaarra qaqqabsiise ni ibsa.

Haala fayyadama yeeroos ilaalchisee: “woggaa jalqabaarratti yeeroo koo sirnaan fayyadamuuf hin yaalle. Faallaa isaatiin hiriyoota koo fakkaachuuf fi wantoota naannawa kootitti ana irraanfachiisuu danda’an irraa fagaachuudhaaf yaalii hin taasisu ture. Garuu yaa’ii mooraatti hirmaachuu ergaan eegalee booda gorsaa fi barnoota haala fayyadama yeeroo irratti nuuf kennamaa waan tureef sirnaan itti fayyadameen jira. Woggaa afraffaa irratti garuu walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’ee isa qindeessuun waan natti dabalameef hunduma isaa wal-simsiisee deemuun xiqqoo natti ulfaatee ture. Barnoota idilee, yaa’ii mooraa, barnoota lubummaa (አብነት), qo’annaa fi walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’uun koo na cinquus Waaqayyoo na gargaaree qabxii sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan kolleejicharraa badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera. Yaa’iin mooraa jireenya afuuraa kootiin jabaadheen deemuu akkan danda’uuf fi bu’a-qabeessa ta’ee mooricha keessaa akkan ba’u na dandeessiseera” jechuudhaan muuxannoo isaa ibseera.

Dn. Asaffaan rakkoolee isa muudatan ilaalchisees yoo ibsu “Woggaa afraffaa irratti woggaa eebbaa waan ta’eef hanqinni yeeroo na muudachaa waan tureef dhiphachuudhaan sirnaan imaluu hin dandeenyee ture. Keessumattuu eebbaan walqabatee hojiiwwan hedduu hojjechaa waan turreef haala olaanaa ta’een yeeroo koo na saamaa ture. Dabalataaniis qophii qormaata bahiinsaa (exit exam) wajjin walqabatee qo’achuun narraa eggama waan ta’eef yeeroo ulfaataa dabarsuudhaaf qophaa’een ture. Garuu Waaqayyo na gargaaree hir’ina koo guutuudhaan qabxii gaarii fiduudhaan xumuruu danda’eera.”

Dn. Asaffaan jireenya inni keessa darbe ka’uumsa godhachuudhaan ergaa dabarseen “Barattoota dhaabbata barnoota olaanoo seenan wantin gorsu jalqaba irraa eegalee yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf murteessanii dhufuu fi fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’anii dha. Yaa’ii mooraa keessatti dabarsuun isaanii ciccimoo fi nama kaayyoo akka ta’an isaan dandeessisa. Ani woggaa jalqabaa yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu dhabuun koo qabxii koo irratti gatii na kanfalchiisee jira.” jechuudhaan ergaa isaa dabarseera.

Yaadannoo addaa qopheessicha irraa:

Waldaan Qulqullootaa yeeroo hundeeffamerraa eegalee woggoota soddomii tokko keessatti yaa’ii mooraa irratti hojjechuudhaan imaanaa fi itti-gaafatamummaa isatti kennamee bahachuudhaaf yaalii taasisaa tureera; taasisaas jira. carraaqqii kanaan barattoota dhaabbata barnoota olaanoo heddu barnoota bu’uuraa Mana Kiristaanaa qulqulleettii barsiisuudhaan eebba abbootiitiin fi fannoo imaanaatiin eebbisuu irratti argama. Hedduun isaaniitis milkaa’ina isaaniitiif barnoota afuuraa waldichi yaa’ii mooraa keessatti kennuuf hordofuu isaaniitiin Mana Kiristaanaa qulqulleettii akka baran, amantaa isaanii jabeessanii akka qabatan, naamusa gaariidhaan ijaaramanii iddoo fi oogummaa itti bobba’anitti biyyaa fi Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan gahee isaanii bahachuu akka danda’aniif isaan gargaaruu isaa dhugaa bahu.

Jaalatamtoota hordoftoota maarsariitii (Toora int keenyaa walitti fufiinsaan kutaa sadiin muuxannoo obbolootni yaa’ii mooraa kanneen birootiif fakkeenya waan ta’uuf gara fuulduraatti barattoota seenaniif fakkeenya isaanii hordofanii akka deeman waan isaan taasisuuf hedduu keessaa muraasa isaa qophii qopheessine asuma irratti guduunfina.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u!

Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin

“Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo deddeebi’uu baannee addunyaa keessatti badneeni hafna turre”

(Dr. Mintasinoot Mangistuu)

Indaalee Damsisiin

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii waldaa Qulqullootaa tajaajila qindeessaa yaa’iiwwan mooraa: mata-duree (Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin) jedhuun kutaa tokkoffaa keessatti qophii keenyaan yaa’ii mooraa Yuunivarsiitii Boongaa keessaa eebbifamtoota Yuunivarsiiticha hundumaa keessaa qabxii olaanaa 3.99 fiduudhaan Yunivarsiiticha irraa badhaafamtuu geebaa fi medaaliyaa kan taate Wubnesh Lammaa wajjin taasisne turtii gabaabaa isiniif dhiheessinee turre. Qophii keenya kutaa lammaffaatiin immoo eebbifamtoota biroo wajjin turtii taasifnu akka hordoftaniif kunoo:

Dr. Mintasinoot Mangistuu BA 2015tti Yuunivarsiitii Jijjigaa irraa muummee barnootaa yaala beeyladootaa (veterinary medicine) xumureera. Qabxii walii-galaa sadii tuqaa sagal-saddeet (3.98) fiduudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa Yuunivarsiitichaa ta’uu danda’eera. Turtii Yuunivarsiitii fi yaa’ii mooraa gaafannee jirra.

Dr. Mintasinoot akkanatti ibsa: “turtii koo Yuunivarsiitii keessatti hamman danda’u tattaafachuun koo akkuma jirutti ta’ee gargaarsii fi arjummaan Waaqayyoo narraa gar-gar hin baane. Yommuun sadarkaa lammaffaa turetti sagantaa yaa’ii mooraan duraa irratti hirmaachaa waan tureef Yuunivarsiitii akkuman seeneen kallattiidhaan kaniin deeme gara yaa’ii mooraatti dha. Akkasumas anii fi hiriyoonni koo gara dhaabbilee barnoota olaanoo yommuu deemnu eebba abbootiitiin ture kan nu gaggeessan. Dabalataanis sagantaa yaa’ii mooraatiin duratti nu dursanii obboloonni Yuunivarsiitiirraa barnoota xumuran affeeramanii muuxannoo isaanii nuuf qoodu ture. Obboloonni koos haala gaariidhaan na simatan. Naannawa koottis maatii gaarii Ortodooksii fi Yuunivarsiitii yoon seenus hiriyoonni na qunnaman kanneen Mana Kiristaanaa fi barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo kennan waan turaniif milkaa’ina kootiif gahee qabu jechuun danda’a. Turtii koo keessatti barnoota kootii fi Mana Kiristaanaatiif dursa kennuu kootiif milkaa’uu danda’eera” jechuudhaan ibsa.

Hiriyaa ilaalchisee “turtii Yuunivarsiitii keenya keessatti hiriyaan gahee guddaa fudhata. Barattoota kaayyoo wal-fakkaataa hin qabne irraayis of-fageessuun ni barbaachisa. Gara Yuunivarsiitii yommuun deemu kaayyoon koo barachuu dha. Barachuu qofas osoo hin taane jireenya gara fuulduraatti qabaadhuuf bu’uura kan itti kaa’u waan ta’eef kanneen biroo irraa kan fooyyee qabu ta’ee, argamuudhaaf hojjechuu akkan qabu of amansiiseetiin seene. Kanaaf barattoota natti hin tollee fi kallattii jireenya kootii dogongorsiisan irraa fagaachuutu narra ture; isas raawwadheera. Hiriyoonni koo gaarii waan turaniif Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Kidaane-Mihiratii Jijjigaa ni deemna, sagantaawwan nu jala hin darban; Sanbataa fi Dilbata immoo yaa’ii fi sagantaa barnoota walitti-fufiinsaa yaa’iin mooraa keenyaan qophaa’u irratti ni hirmaanna; yeeroo hafe immoo barnootaaf oolchina. Jireenyi koo Yuunivarsiitii keessatti kana ture jechuu nan danda’a” jechuudhaan turtii isaa ibsa.

Haala itti fayyadama yeeroos ilaalchisee “daqiiqaa tokkos taatu gatii qabdi” jedha Dr. Mintasinoot. Wal-qabsiisees “Muummeen barnoota ani seenees dubbisa hedduu kan gaafatu dha. Kanaaf, yeeroo koo baay’ee kaniin dabarsuu dubbisuudhaani. Isas karooraan hoogganuutu barbaachisa. Karoora al-tokko karoorsiteen yoo gufatte gara kallattii sirriitti dhufuudhaaf waan rakkisuuf of-eeggannoo olaanaa taasisaan ture. Kanaafidha bu’a-qabeessa ta’uu kaniin danda’e” jechuudhaan muuxannoo isaa nuuf qooda.

Yaa’ii mooraa ilaalchisees yommuu ibsuu “Yaa’ii mooraa keessa turuun koo icciitii bu’a-qabeessummaa (milkaa’ina) koo keessaa isa tokkoo dha. Barnootni Yaa’ii mooraa keessaa argadhe jireenya afuuraa koo qofa osoo hin taane bu’aa bahiin biyya lafaa akka liqimsitee ana hin hambisneef hidhannoo/galaa naaf ta’eera. Qorumsawwan ana muudatan ba’achuudhaaf fi ofii kootiifis daandii sirrii irra imaluu akkan danda’uuf humna guddaa naaf uumee jira. Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo hin deddeebinee addunyaa keessatti badnee hafna turre. Yaa’ii mooraatiin hammatamuun keenya gatiin isaa heddu dha” jedha.

Ergaa obboloota Yuunivarsiitii keessatti barnoota isaanii hordofaa jiraniif dabarseenis “Wanti ijoon Yuunivarsiitii seene jechuu osoo hin taane barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu. Jireenya afuuraa isaaniitiinis jabaachaa Waaqayyoon akka isaan gargaaru Mana Kiristaanaa wajjin walitti hidhamiinsa qabaachuu qabu. Boru boru jechaa of dagachuun gatii heddu waan kanfalchiisuuf nama murtii ta’uu, jireenyi Mana Kiristaanaatiin ala jiru bu’a-qabeessummaadhaaf akka nama hin qaqqabsiifne hubachuun barbaachisaa dha. Qorumsi yoo nama qunnames Waaqayyoon qorumsicha dabarsee akka nama ceessisu hubachuun gaarii dha. Kana yoo raawwanne Waaqayyoon baay’isee nu eebbisa” jechuudhaan gorsa isaa arjoomeera.

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii tajaajila yaa’iiwwan mooraa qophii keenya kutaa sadaffaatiin immoo turtii eebbifamtoota qabxii olaanaa fidan kanneen biroo qabannee dhiyaanna. Hangasitti turtii gaarii!

“Uumama hundumaaf Wangeela lallabaa” (Maar 16:15)

Jecha kana bartoota isaatti kan dubbate Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Gooftaan keenya, qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du’a, du’a Isaatiin moo’ee erga ka’ee booda yeeroo jalqabaatiif kan mul’ate dafanii halkaniin ka’anii gara iddoo awwaalchaatti deemanii kan turan Maariyamii biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoota ishee hordofanii deemaniif ture. Gara iddoo awwaalchaa sana yommuu ga’anitti Ergamoonni lama isaanitti mul’atanii Maariyaam biyya Magdaliiniin (Mary Magdalene) “Yaa dubartii nana maaliif boossaa?” jedhaniin. Isheenis “Gooftaa koo boolla awwaalchaa keessaa fudhataniiru; eessa akka geessanis hin beeku” isaaniin jette.

Akkuma kana dubbatteen gara duubaatti yommuu miil’attu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaabbatee argite. Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka ta’es hin barre ture. “… gara Abbaa koo ol hin baane waan ta’eef na hin tuqiin; gara obboloota koo deemiitii gara abbaa koo fi gara abbaa keessanii gara Waaqa koo fi Waaqa keessanii ol nan baha jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.

Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoonni sunneenis ariitiidhaan deebi’anii duuka bu’oonni abdii kutatanii walitti qabamanii gaddaa fi boo’aa osoo jiranii Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) misiraachoo ka’uumsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos isaanitti himte. Garuu, ishee hin amanne; sheekkoos isaanitti fakkaate. Luqaasii fi Qalayoophaan abdii kutatanii gara Eemaahuus yeeroo deemanitti akka isaanitti mul’ate duuka bu’ootatti dhugaa bahanis amanuu hin dandeenye. Sana booda duuka bu’oonni kudha tokkoon gaddaa fi gadadoo keessa osoo jiranuu Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gidduu isaanitti argamee ofii isaa isaanitti ibse.

Xumura irrattis “Gara addunyaa hundumaa deemaatii uumama hundumaaf Wangeela lallabaa” jechuudhaan erga isaanitti dubbatee booda gara samiitti ol ba’e. (Mar 16:15; Mat 28:1-10; Luq 24:1-27).

Ajajni kun duuka bu’oota qofaaf osoo hin taane isaan boodas hanga xumura addunyaatti hayyoota mana Kiristaanaa, barsiistotaa fi kanneen jecha isaa dhagaahanii amananii barsiisuuf ka’aniif (waamamaniif) mana Kiristaanaatiif wabii fi abukaatoo kanneen ta’an hundumaafi dha. “Hojii gaarii keessan ilaalanii Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan namoota hundumaa duratti haa ifu” jedhamee akkuma barreeffame addunyaa dukkanaa ifa Wangeelaatiin masakamanii gufuuwwan hundumaa daandiirraa kaasuun barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. (Mat 5:14-16).

Duuka bu’aan Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota kan godaansisu, kan reebuu fi gidiraa qaqqabsiisaa kan turee fi darbees Aayihudoonni hangafa daaqonootaa Qulqulluu Isxiifaanoos dhagaadhaan rukutanii yommuu ajjeesan namoota isa rukutaniif uffata isaanii eegaa akka ture kitaaboleen Qulqulluun dhugaa bahu. Garuu, isaan kun hundinuu darbanii hanga “Meeshaa filatamaa” Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hanga ta’uutti gaheera. “Ka’ii deemi! Ormootaa fi mootota ijoollee Israa’eel fuulduratti maqaa koo akka baattuuf meeshaa filatamaa koo si taasiseen jira” akkuma jedhu. Saawul kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis Wangeelli addunyaa guutuu akka qaqabuuf osoo hin ceem’in barsiisaa fi gorsaa tajaajila isaatiin nuffiin dhaabbatee wareegamummaa hanga fudhachuutti Waaqa isaaf amanameera. (Hojee Du.Bu. 7:54-60; 9:15)

Yeeroo barattoota yaa’iiwwan mooraa taanee jirrutti barnoota keenya idilee dabalataan maaddiin Waaqayyoo diriirfamee nu eega. Haala mijataa keessa taanee yeeroo keenya qofa wareegnee jecha Waaqayyoo barachuu kan dadhabnu hedduu dha. Barachuudhaaf fedhii qabaannee dhufnus mooraa eebbifamnee yoo baanu manni Kiristaanaa qulqulleettiin kabajaan akkuma nu simatte, kabajaan eebba abbootiitiin fi fannoodhaan eebbistee gara addunyaatti yommuu nu ergitu meeqaa keenyaatu imaanaa nutti kenname kan baanuu?

Mooraadhaa baanee gara hawaasaatti yommuu makamnu addunyaan qophooftee nu eegdi. Manni Kiristaanaa qulqulleettiin “Ijoollee koo koottaa, yeeroon imaanaa keessan itti bahattan waan gaheef bakka geessan hundumaatti waan gaarii raawwadhaa!” nuun jetti. Isa kam haa filannuu? Akka Deemaas sookkuu moo akka Ximootiwoos amanamanii tajaajiluu wayyaa? Ximootiwoos Wangeela eenyurraa akka barate waan beekuuf Waaqa isaatiif, barsiisaa isaatiifis amanamee argame. “Ati garuu wanta barattee fi hubatteen cimitii jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beekta.” jedhamee akkuma barreeffame (2Xim 3:10).

Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos: qotee bulaan sanyii facaasuuf bahe; sanyiin tokko daandiirratti kufe ni dhiitames; inni biroo lafa cirracha irratti kufe; yeeroo marguttis yoosuma goge; inni biroo qoree gidduutti kufe yeeroo guddatutti qoreen sun hudhee gogse. “Lafa gaariirra kan kufes ture. Yeeroo margutti dachaa dhiibba buuse” nuun jedha. Bakka bobbaane hundumaatti lafa kan jedhame lapheen namootaa akka misuuf sanyii kan jedhame jecha Waaqayyoo kan facaasnu qonnaan bultoota Wangeelaa taanee argamuun nurraa eeggama. (Luq 8:4-8).

Yaa’iiwwan mooraa keessa yeeroo jirrutti beekkumsa afuuraa bitachuuf fiigaa akkuma turre, beekkumsa amantii wajjin wal-simsiisnee gara addunyaatti yommuu bobbaanu immoo isa duraa caalaa tattaafachuu, waadaa galleefis amanamaa taanee argamuu qabna. Ta’us nuti eebbifamtoonni Ortoodoksii jireenya keenya jecha Waaqayyootiin ijaaruudhaan bakka bobbaane hundumatti caasaawwan manni Kiristaanaa qabdu keessa gallee jecha Waaqayyoo barachuu fi barsiisuun qaama hojii keenyaa keessaa isa tokko taasisuutu nurra jiraata.

Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu Maarqoos keessatti “Namni lubbuu isaa baraaruu barbaadu ni balleessa; qaama isaa waa’ee kootii fi Wangeelaatiif kan balleessu garuu ni argata. Addunyaa guutuu bitee lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal nama fayyadaa?” jechuudhaan akkuma ibse bakka bobbaane hundumaatti qorumsawwan fuula keenya duratti nu qunnaman hundumaa dandamachuudhaan imaanaa Manni Kiristaanaa qulqulleettiin nutti kenniteef amanamnee lubbuu keenya baraaruu; isaan birootiifis ifa taanee dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo akka taanuuf guyyaa guyyaan tattaafachuutu nurraa eeggama.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Qormaatawwan barattoota yaa’ii mooraa erga eebbifamanii booda isaan mudatan

B/saa Tamasgan Zagayyatiin

Kutaa 2ffaa

Kabajamtoota barattoota yaa’ii moorawwanii Sagantaa keenya kutaa jalqabaa keessatti qormaata barattoonni keenya erga eebbifamanii booda isaan mudatu ilaalchisee qabxiilee sadii dhiheessinee turuun keenya ni yaadatama. Isaanis: -akkuma eebbifamaniin hojii qabaachuu dhabuu, tasgabbii dhabuu fi murtoo kennuu dhabuu argineerra. Qabxiileen itti aanan kutaa lama keessatti akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

Kiristaanummaan jireenya amantiin itti guddatani itti cimaa deeman malee bakka jiranitti dhaabbachuu miti. Namni dhaabbata barnoota olaanoo irraa eebbifame kan kaleessa, kan har’a, kan bara darbee fi kan bara kana caalaa cimaa ta’uu qaba. Kiristaanummaan funyoo miti. Funyoon Tuchaa marga irraa kan hojjetame yoo ta’u, bara qorqorroon hin turre sanatti hojii mana ijaaruutiif kan oolu ture. Funyoon tuchaa kun bishaan yoo argate baayyee jabaata, bishaan yoo dhabe cituuf salphaadha.

Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo jireenya dhuunfaa isaanitin jireenya foonii  jireenya hafuuraa isaanii waliin walsimsisuun akka deeman isaan  irraa eegama.

Baay’een keenya hojii hafuuraa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti akka xumurretti nutti dhaga’ama, bakka deemnu hundatti jaalala biyya lafaatiin fudhatamna. Akkuma Deemaas addunyaa deemnu keessatti liqimfamne hafna. “Deemaas gara biyya lafaa ammaatti na dhiisee gara Tasaloonqee, Qerqiisiis gara Galaatiyaa, Tiitoos gara Daalmaatiya demaniiru”  akkuma jedhe(2 Xim. 4:10).

Obboleeyyan keenya quxisuu ta’an waliin soomuu fi kadhachuu: mana barumsaa Sanbataa keessa waliin taa’uun nutti ulfaata. Qulqulluun Daawit “Obboloonni yoo waliin taa’an gaarii dha. Kunoo bareedaadha” (Far. 133:1)jedha. Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo kabaja waaqayyoo caalaa kabajnii keenya nutti mul’ata. Fedhii foonii  keenyaaf malee babal’ina Kiristaanummaaf dhimma hin qabnnee fi yeroo baay’ee hirriban dabarsuu ni baayisna.

Kanaaf, jijjiiramni naannoo fi akkaataa jireenyaa erga eebbifamnee booda nu mudatu jireenya hafuuraa keenya irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a.

Kanaaf eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo jireenyi dhuunfaa keenya jijjiirama naannoo, hiriyoota, akkaataa jireenyaatiin liqimfamuun jireenyi dhuunfaa keenya badee akka hin hafne, ofii keenya ibsuu; Yeroo hundumaa kadhachuu, Waaqayyo irra fagachuu dhabuu.haala hin  taaneen qabamuu dhiisuu; Sababa kennuu irraa fagachuu. Abdii kutuu dhiisuu. Jireenya sagantaan (karooran) gaggeessuu; Hirmaataa iccitii ta’uu qabna.

Qorumsawwan barattoota yaa’iiwwan mooraa eebbaa booda muudatan

B/saa Tamasgan Zagayyatiin

Kutaa 1

Qorumsi akkaataa amantii, sirna, qannoonaa fi darbii darboo Mana Kiristaanaa keenyaatti imala Afuuraa taasifnu keessatti kaayyoo keenya gufachiisuuf qaamolee fi kallattiiwwan gara garaa irraa danqaawwan yookiin gufuuwwan nu muudatanii dha.

Qorumsi kallattii fi naannawa kamirraayyuu yookiin sababa kamiinuu yoo dhufes keessa isaatti kaayyoo qabaata. Qulqulluun Yaaqoob “Namni qorumsa obsu (cimee dhaabbatu) kan eebbifamee dha. Erga qoramee booda abdii gonfoo jireenyaa warren /kanneen/ Isa jaalataniif waa’ee Isaaf isaaniif kenne ni fudhatu/argatu. Eenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyoodhaannan qorame akka hin jenne; Waaqayyoon waan badiitiif nama hin qoru, Inni eenyumaayyuu hin qoru. Garuu, tokkoon tokkoo namaa fedha ofiitiin yommuu harkifamuu fi gowwoomfamu ni qorama” jedheera (Yaa’iq 1:12-14). Wanti guddaan dhufaatii qorumsaa osoo hin taane qorumsicha darbuuf hidhannoo Afuuraa hidhachuudhaan injifannoo akka argannuuf qophaa’inaa fi gahuumsa kan qabu ta’anii argamuu dha.

Kunis Kitaabolee Qulqullaa’oo keessatti “qorumsa nama hundarra qaqqabuun ala kan ta’e kan isin irra gahe hin jiru; Waaqayyoon amanamaa waan ta’eef humna keessaniin olitti akka qoramtaniif isin hin dhiisu. Akka obsuu dandeessaniif qorumsicha wajjin karaa ittiin miliqxan isiniif qopheessa” jedhamee barreeffameera (1Qor 10:13).

Qorumsi addunyaa /dirree/ barnootaa irraa adda ta’e kan nu muudatu eebba barii irraa eegaleeti. Adaduma nuti jijjiirraa jireenyaa raawwannuun qorumsis akkasuma ni jijjiirama waan ta’eef isa kanaaf immoo of qopheessuun barbaachisaa dha. Qorumsawwaanii fi rakkooleen eebbaa booda nu muudatan keessaa:

  1. Akkuma Eebbifamaniin hojii qabachuu /qacaramuu/ dhabuu

Bara ammaa kanatti rakkoon bu’uuraa dadhabbii yeeroo fi bu’aa bahii barnootaatti aanee jiran keessaa inni tokko hojii qabachuu /qacaramuu/ dhabuu dha. Hojii dafanii argachuu dhiisuurraan kan ka’e gosa barnootaa baratan tuffachuudhaan kan isa biroo leellisuu eegala. Gara abdii kutachuu fi iddoowwan hin taane kanneen deemanii fi raawwatan hedduu dha. Sammuun hojii hiike yeeroo kamiiyyuu “mana yaalii seexanaa) ta’a.

Hedduun keenya immoo ilaalchi hojiidhaaf qabnu dogongora dha. Ilaalchi dogongoraa immoo kan maddu /dhufu/ immoo dhaabbilee mootummaatti qacaramnee, waajjira qabannee yoo hojii hin hojjenne hojii waan hojjenne waan nutti hin fakkaannee fi hojii dhuunfaa keenyaa waan hin hojjeeneefi dha. Tokko tokko immoo oduu fi jette jettee naannawa sanaa sodaachuudhaan filannoo hin taane yeeroo filatan ni muul’atu. “Hanga ammaatti hojii hin qabannee?” gaaffii jedhu ni baqatu.

Ogeessichi Salamoon “Wanti hundinuu yeeroo qaba, wantii bantoo samii jala jiru hundinuu yeeroo qaba; dhalachuuf yeeroo qaba, du’uunis yeeroo qaba; dhaabuun yeeroo qaba; kan dhaabbate buqqisuunis yeeroo qaba; diiguun yeeroo qaba; ijaaruunis yeeroo qaba…. Kan hojjetuuf bu’aan dadhabbii isaa maalii dha?” (Lallaba 3:1-8) jennee Waaqayyoon abdachuu qabna. Wanti hundumtuu ni darba, garuu yeeroo fi rakkoon darbu sun jireenya keenya keessatti madaa hin qoorre akka hin taane of eeggachuun barbaachisaa dha. Kanaaf yeeroo dardarummaa keenya hojii lubbuu keenya fayyadu hojjechuuf waldorgomuun/fiffiigachuun abshaalummaa dha.

  • Tasgabbii dhabuu

Tasgabbii dhabuun eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo heddu akkuma eebbifamiin qorumsa isaan muudatuu dha. Hedduun isaanii eebbifamuu isaaniitiin duratti wantoota yaadaa turan hundumaa guuttachuuf humni waan isaan hanqatuuf tasgabbii dhabu. Akkuma eebbifamaniin wanti hundumtuu al-tokkotti akka hin guutamne beekuudhaan fedhii ofii daangessuun dirqama dha.

Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos “nama jiruun koo nagaha jedhuuf garuu Waaqayyoon fakkaachuun isaa bu’aa guddaa dha; gara addunyaatti homaa qabannee hin dhufne waan ta’eef waa tokkollee fudhachuu hin dandeenyu. Nyaataa fi uffata yoo qabaanne garuu innumtuu nu gaha; warri sooramuu barbaadan immoo baduu fi diigamuun; hawwii, qorumsaa fi kiyyoo danuu namoota biroo liqimsuu fi dadhabsiisu. Kan isaan miidhuunis ni kufu. Maallaqa jaalachuun hundee badii hundumaati” jedha (1Xim 6:6-10). Wanta arganne hundumaan Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Jireenyi keenyaas daangessinee jiraachuu danda’uu qabna.

Duuka bu’aan Qulqulluun Pheexiroos “of qabaa! Dammaqaas; seexanni diinni keessan akka leenca yeeroo beela’u waan nyaatu barbaadee barooduutti ni naanna’atii obboleewwan keessan addunyaa keessa jiran gidiraan sun hundinuu isaanirra qaqqabaa akka jiru waan beektaniif amantiidhaan cimuudhaan morma; Iyyasuus Kiristoos gara kabaja bara baraatti kan isin waame, abbaan kennaa hundumaa Waaqayyoon yeeroo muraasaaf gidiraa erga fudhattanii booda, ofii isaan gonka isin taasisa, isin cimsa, isin jabeessaas…” (1Phex 5:8-11). Dhandhamni jireenyaa kan mi’aawu qorumsa hedduu injifatanii keessa darbanii yoo argatanii dha. Kanaaf of qabuudhaan fedha ofii daagessanii jiraachuu shaakaluu barbaachisa.

Eebbifamaan dhaabbata barnoota olaanaa tokko yoomii fi eessattis yoo ta’e Waaqayyoon isa wajjin akka jiru yoo hin amanne jireenya isaa keessatti tasgabbii fi xiinxallii qabaachuu hin danda’u. Rakkoon bu’uuraa eebbifamtoota dhaabbata barnoota olaanaan isa kana dha. Hojiidhaaf eessatti akka ramadaman yaadaa dhiphatu.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos “… kanaafis isin maal nyaanna? Yookiinis maal dhuugna? Yookinis maal uffannaa? Jettanii hin dhiphatinaa! Isa kana alamantooni hundinuu ni barbaadu. Isaan kana hundumaa akka isin barbaachisu abbaan keessan inni samii ni beeka. Garuu, dursaatii Mootummaa Waaqayyoo fi Qulqullummaa barbaadaa; isaan kun hundinuu isiniif dabalamu. Boruuf hin dhiphatinaa, boru ofii isaatiifiyyuu ni dhiphata; rakkinni guyyaa sanaa guyyichaaf ni gaha” jedheera (Maat. 6:31-34).

  • Murteessuu

Eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanootiif wantoota barbaachisan keessaa inni guddaan fi murteessaan murteessuu danda’uu dha. Ofirratti murteessuu yoo hin danda’amne namoonni biroo (maatiin, firni) akka murteessaniif hayyamneefii jirra jechuu dha. Karoora, adeemsaa fi galma qabaachuu qabna. Karoorri tabba hin qabu; qorumsi raawwii isaa waan ta’eef eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo murtii isaanii haala tasgabbii qabuun murteessuutu isaanirra jiraata.

….itti fufa.

Qorumsawwan barattoota yaa’iiwwan mooraa eebbaa booda muudatan

B/saa Tamasgan Zagayyatiin

Kutaa 1

Qorumsi akkaataa amantii, sirna, qannoonaa fi darbii darboo Mana Kiristaanaa keenyaatti imala Afuuraa taasifnu keessatti kaayyoo keenya gufachiisuuf qaamolee fi kallattiiwwan gara garaa irraa danqaawwan yookiin gufuuwwan nu muudatanii dha.

Qorumsi kallattii fi naannawa kamirraayyuu yookiin sababa kamiinuu yoo dhufes keessa isaatti kaayyoo qabaata. Qulqulluun Yaaqoob “Namni qorumsa obsu (cimee dhaabbatu) kan eebbifamee dha. Erga qoramee booda abdii gonfoo jireenyaa warren /kanneen/ Isa jaalataniif waa’ee Isaaf isaaniif kenne ni fudhatu/argatu. Eenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyoodhaannan qorame akka hin jenne; Waaqayyoon waan badiitiif nama hin qoru, Inni eenyumaayyuu hin qoru. Garuu, tokkoon tokkoo namaa fedha ofiitiin yommuu harkifamuu fi gowwoomfamu ni qorama” jedheera (Yaa’iq 1:12-14). Wanti guddaan dhufaatii qorumsaa osoo hin taane qorumsicha darbuuf hidhannoo Afuuraa hidhachuudhaan injifannoo akka argannuuf qophaa’inaa fi gahuumsa kan qabu ta’anii argamuu dha.

Kunis Kitaabolee Qulqullaa’oo keessatti “qorumsa nama hundarra qaqqabuun ala kan ta’e kan isin irra gahe hin jiru; Waaqayyoon amanamaa waan ta’eef humna keessaniin olitti akka qoramtaniif isin hin dhiisu. Akka obsuu dandeessaniif qorumsicha wajjin karaa ittiin miliqxan isiniif qopheessa” jedhamee barreeffameera (1Qor 10:13).

Qorumsi addunyaa /dirree/ barnootaa irraa adda ta’e kan nu muudatu eebba barii irraa eegaleeti. Adaduma nuti jijjiirraa jireenyaa raawwannuun qorumsis akkasuma ni jijjiirama waan ta’eef isa kanaaf immoo of qopheessuun barbaachisaa dha. Qorumsawwaanii fi rakkooleen eebbaa booda nu muudatan keessaa:

  1. Akkuma Eebbifamaniin hojii qabachuu /qacaramuu/ dhabuu

Bara ammaa kanatti rakkoon bu’uuraa dadhabbii yeeroo fi bu’aa bahii barnootaatti aanee jiran keessaa inni tokko hojii qabachuu /qacaramuu/ dhabuu dha. Hojii dafanii argachuu dhiisuurraan kan ka’e gosa barnootaa baratan tuffachuudhaan kan isa biroo leellisuu eegala. Gara abdii kutachuu fi iddoowwan hin taane kanneen deemanii fi raawwatan hedduu dha. Sammuun hojii hiike yeeroo kamiiyyuu “mana yaalii seexanaa) ta’a.

Hedduun keenya immoo ilaalchi hojiidhaaf qabnu dogongora dha. Ilaalchi dogongoraa immoo kan maddu /dhufu/ immoo dhaabbilee mootummaatti qacaramnee, waajjira qabannee yoo hojii hin hojjenne hojii waan hojjenne waan nutti hin fakkaannee fi hojii dhuunfaa keenyaa waan hin hojjeeneefi dha. Tokko tokko immoo oduu fi jette jettee naannawa sanaa sodaachuudhaan filannoo hin taane yeeroo filatan ni muul’atu. “Hanga ammaatti hojii hin qabannee?” gaaffii jedhu ni baqatu.

Ogeessichi Salamoon “Wanti hundinuu yeeroo qaba, wantii bantoo samii jala jiru hundinuu yeeroo qaba; dhalachuuf yeeroo qaba, du’uunis yeeroo qaba; dhaabuun yeeroo qaba; kan dhaabbate buqqisuunis yeeroo qaba; diiguun yeeroo qaba; ijaaruunis yeeroo qaba…. Kan hojjetuuf bu’aan dadhabbii isaa maalii dha?” (Lallaba 3:1-8) jennee Waaqayyoon abdachuu qabna. Wanti hundumtuu ni darba, garuu yeeroo fi rakkoon darbu sun jireenya keenya keessatti madaa hin qoorre akka hin taane of eeggachuun barbaachisaa dha. Kanaaf yeeroo dardarummaa keenya hojii lubbuu keenya fayyadu hojjechuuf waldorgomuun/fiffiigachuun abshaalummaa dha.

  • Tasgabbii dhabuu

Tasgabbii dhabuun eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo heddu akkuma eebbifamiin qorumsa isaan muudatuu dha. Hedduun isaanii eebbifamuu isaaniitiin duratti wantoota yaadaa turan hundumaa guuttachuuf humni waan isaan hanqatuuf tasgabbii dhabu. Akkuma eebbifamaniin wanti hundumtuu al-tokkotti akka hin guutamne beekuudhaan fedhii ofii daangessuun dirqama dha.

Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos “nama jiruun koo nagaha jedhuuf garuu Waaqayyoon fakkaachuun isaa bu’aa guddaa dha; gara addunyaatti homaa qabannee hin dhufne waan ta’eef waa tokkollee fudhachuu hin dandeenyu. Nyaataa fi uffata yoo qabaanne garuu innumtuu nu gaha; warri sooramuu barbaadan immoo baduu fi diigamuun; hawwii, qorumsaa fi kiyyoo danuu namoota biroo liqimsuu fi dadhabsiisu. Kan isaan miidhuunis ni kufu. Maallaqa jaalachuun hundee badii hundumaati” jedha (1Xim 6:6-10). Wanta arganne hundumaan Waaqayyoon galateeffachuu qabna. Jireenyi keenyaas daangessinee jiraachuu danda’uu qabna.

Duuka bu’aan Qulqulluun Pheexiroos “of qabaa! Dammaqaas; seexanni diinni keessan akka leenca yeeroo beela’u waan nyaatu barbaadee barooduutti ni naanna’atii obboleewwan keessan addunyaa keessa jiran gidiraan sun hundinuu isaanirra qaqqabaa akka jiru waan beektaniif amantiidhaan cimuudhaan morma; Iyyasuus Kiristoos gara kabaja bara baraatti kan isin waame, abbaan kennaa hundumaa Waaqayyoon yeeroo muraasaaf gidiraa erga fudhattanii booda, ofii isaan gonka isin taasisa, isin cimsa, isin jabeessaas…” (1Phex 5:8-11). Dhandhamni jireenyaa kan mi’aawu qorumsa hedduu injifatanii keessa darbanii yoo argatanii dha. Kanaaf of qabuudhaan fedha ofii daagessanii jiraachuu shaakaluu barbaachisa.

Eebbifamaan dhaabbata barnoota olaanaa tokko yoomii fi eessattis yoo ta’e Waaqayyoon isa wajjin akka jiru yoo hin amanne jireenya isaa keessatti tasgabbii fi xiinxallii qabaachuu hin danda’u. Rakkoon bu’uuraa eebbifamtoota dhaabbata barnoota olaanaan isa kana dha. Hojiidhaaf eessatti akka ramadaman yaadaa dhiphatu.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos “… kanaafis isin maal nyaanna? Yookiinis maal dhuugna? Yookinis maal uffannaa? Jettanii hin dhiphatinaa! Isa kana alamantooni hundinuu ni barbaadu. Isaan kana hundumaa akka isin barbaachisu abbaan keessan inni samii ni beeka. Garuu, dursaatii Mootummaa Waaqayyoo fi Qulqullummaa barbaadaa; isaan kun hundinuu isiniif dabalamu. Boruuf hin dhiphatinaa, boru ofii isaatiifiyyuu ni dhiphata; rakkinni guyyaa sanaa guyyichaaf ni gaha” jedheera (Maat. 6:31-34).

  • Murteessuu

Eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanootiif wantoota barbaachisan keessaa inni guddaan fi murteessaan murteessuu danda’uu dha. Ofirratti murteessuu yoo hin danda’amne namoonni biroo (maatiin, firni) akka murteessaniif hayyamneefii jirra jechuu dha. Karoora, adeemsaa fi galma qabaachuu qabna. Karoorri tabba hin qabu; qorumsi raawwii isaa waan ta’eef eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo murtii isaanii haala tasgabbii qabuun murteessuutu isaanirra jiraata.

….itti fufa.

“Bokkaan Yommuu Roobu warri beela’an ni Quufu” (Qu. Yaareed) 

Akka barsiifata Mana kiristaanaa keenyatti maddi yeedaloo Qulqulluun Yaareed kutaa lee faaruu nuuf hojjateen waggaan iddoo afuritti qoodama. Kunis Birraa, Bona, Arfaasaa fi Ganna jedhamuun beekamu. (sooma digguwaa). Bu’uuruma Kanaan waqtiin amma keessa jirru kuni waqtii Gannaa jedhama. Kunis Waxabajjii 26 hamma Fulbaana 25tti guyyoota jiran hammata. Yeroo kanatti lafti imaanaa kan itti fudhattu, Sanyiiwwan kan itti biqilan, Biqiloonni kan itti lalisan, Samiin duumessaan kan itti haguugamu, Qaqawweewwan Waaqayyoo kan itti galateeffatan, Biqiltoonni firii akka naqataniif qaqawweewwan sagalee isaanii kan itti dhageechiisan, Bokkeenyi kan itti roobuu fi bishaanonni hamma daangaa isaanitti waqtii itti guutanii dha. Bara kana Ergamaan biyya lafaa Qulqulluun Yaareed “Yommuu bokkaan roobu hiyyeessonni in quufu” nuun jedha.

Tibba kana samiiwwan duumessaan haguugamu, Bishaan gara samiitti kortoo malee olbahee utubaa malee dhaabbatee kuufamuu jalqaba. Lafarraa olka’ees samii gubbaatti walitti qabama. Waaqayyoos ogummaasaa killayyaa ta’een duumessaan gudunfa, dugda qilleensarratti fe’ee iddoodhaa iddootti in sochoosa.

Kan nama ajaa’ibu ammoo bifni duumessaa si’a tokko yoo gurraacha’u si’a biroo ammoo yoo adii ta’u gaaffii maaliif? jedhu kaasuun keenya hin oolu. Jechuunis bishaan bifa, halluu, Foolii kan hin qabne yoo ta’u samiirratti maaliif gurraacha’e? yoo gadi deebi’u ammoo maaliif hallu dhabeessa ta’ee dhufa?qilleensi killayyaan hoo akkamitti isa danda’e? Nuti arguu baannus abboonni keenya golga amantiitiin ilaalanii “Qilleensi amalasaatiin dukkana” jedhanii gurraacha akka ta’e nutti himan. Maarree duumessa dugda qilleensarratti fe’ee qilleensaan yoo sassaabu; sassaabamuu isaarraa kan ka’e gurraacha ta’ee argine.

Waaqayyoon ogummaa isaa killayyaa ta’een duumessoota erga sassaabee booda iddoo bokkaan itti barbaachisu hundatti akka keenyatti gingilchaa utuu hin fayyadamin duumessichi qaawwa utuu hin qabaatin jireenyaaf, lalisaaf, rooba firiif gahu madaalaa fi safaraa nuuf buusa. Hojiinsaa kuni Waaqayyoo hojiin kee dinqii dha hin jechisiisuuree? Bokkeenyis roobuu eegalu, bakakkaan in bu’u, qaqawweewwan sagaleesaanii balaqqeessisu, Waaqayyoo galateeffachuu eegalu.

Ijoolleen sadan faarfannaasaaniitiin “uumamni Waaqaa hundumtuu Waaqayyoo galateeffatu” (kadhannaa ijoollee sadanii) akkuma jedhan galataan guutamu. Uumamni Waaqayyoon uume hundumtuu dinqiidhaatii bakakkaa Ergamaa taasisee gara Qulqulluu Phaawuloosiitti yommuu ergu ilaalaa. Waaqummaasaa yommuu ibsuu barbaadu Phaawuloos ari’ataa ture; ari’atamaa akka ta’u yoo barbaadu sagalee balaqqee bakakkaatiin isa waame. Kiristaanota ari’achuu fi balleessuuf kan deeme deebisee barsiisee maqaasaa qabatee akka ari’atamu kan taasise Duuka Bu’aa yookiin Ergamaa ergee utuu hin taane balaqqee bakakkaatiin isa barsiise malee. Kana qofa miti bakakkaan akka geejjibaas ta’ee in tajaajila malee. Akkuma qabsuura Aabuna Gabra Manfas Qiddusii irratti barreeffame abbaan keenya balaqqee bakakkaatti akka geejjibaatti fayyadamuun Iyyarusaalemii, Gibxii, Itoophiyaa daawwatu turan. Uumamni Waaqayyoo hammam ajajamaa dha? Hammamis nama dinqa? (H,Du. 9:1-4).

Bokkeenyi lafa jiisu. Laftis in qabbanoofti. Qotee bulaan amantiidhaan “imaanaa kee eegi” jedhee sanyiisaa isheerratti facaasa, laftis imaanaashee eegdee bokkaa fudhattee ifaajee qotee bulaa ilaaltee sanyicha biqilchiti, kuduraalee lalisiisti, margas in guddisti. Amantii qotee bulaan lafarratti qabu yommuu ilaallu dachee uumama taate “tole nan amanama” jettee kan isatti hin dubbanne yoo hammana amane nuti har’a amanamuu utuu qabnu maaliif amanamuu dadhabneree? maaliif imaanaa keenya bahachuu dadhabneree? “Ahizaabota akka barsiistuuf mi’a filatamaa taasisee si filadheera” (H.Du. 9:15) kan jedhame Qulqulluun Phaawuloos ilmasaa Afuuraa Ximootewoosi akkas jedhaan” Yaa Ximootewoos imaanaa kee eegi” jechuudhaan imaanaa eeguun akka nurra jiraatu nutti hima.

Lafti bokkaa fudhattee xuraa’ummaa isheerraa qulqullooftee dhukkee ishee urgufattee lalistee turti. Xurii fi dhukkeen keenyahoo kan nurraa hurgufamu yoomi laata? “Bokkaan yommuu roobu warri beela’an in quufu” akkuma jedhu Qulqulluun Yaareed nutis beeloftoota jireenya Afuurawaa ta’uurraa baanee sagalee Waaqayyoo waqtii gannaatiin fakkeeffameen jiinee firii naqachuu qabna. 

 Qulqulluun Efreem inni Sooriyaa katabbii (geechisa) isaa Galata Maariyaamii  irratti akkana jedha “Bishaan Bokkaa Kan Sirraa Argame Duumessi Dhugaa Si dha(Galata Maariyaamii Guyyaa Roobii) jechuudhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii duumessaan, Gooftaa ammoo bokkaadhaan fakkeessa. Nutis bokkaa dhugaa kan jedhame sagalee Waaqayyootiin ijaaramnee gaabbiidhaan golgaa cubbuu keenya tarsaasnee Waaqayyoodhaaf kan mijannu taanee argamuu qabna,

Hayyichi yommuu bokkaan roobu kanneen beela’an in quufu akkuma jedhe sanyiiwwan, kuduraaleen, biqiltoonni kan lalisan bokkaadhaani waan ta’eef nutis sagalee Waaqayyootiin lalisnee fi daraarree firii akka naqannuuf, kanneen beela’anis akka quufaniif Waaqayyoon abbaan keenya arjummaasaatiin deessuun Waaqayyoo Qulqulleettiin Durboo Maariyaam araarsummaasheetiin Qulqulloonni hundi kadhannaasaanitiin nu haa gargaaran! Ameen!!!

Kana beektuu?

  • Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Itoophiyaatti manneen barnootaa dilbataatti barachaa kan turan barattoota dhaabbilee barnootaa olaanoo Matseetiin eebbaa (hard cophy) isheen jalqabaa bara 1986 B.A qophaa’e.
  • Jalaqaba seeminaarri bakka bu’oota yaa’iiwwan mooraa ruraandhala 13-14 bara 1991 geggeeffame.
  • Gubaa’ee qaanaa isheen jalqabaa gaazexaa lakkoofsi 1 guraandhala 2000 B.A maxxanfamuu isheefi gatiin ishees qarshii 1fi saantima 25 kan ture yommuu ta’u baayinni fuula isaas 8 ture.
  • Waldaan Qulqullootaa Yaa’iiwwan mooraa biya keessa 429 fi   biyya alaatti 23 barsiisaa jira.
  • Biyya keessatti Yaa’iiwwan mooraa mirkana’an 286 biyya alaatti 17 akkasumas Yaa’iiwwan mooraa biyya keessa hordoffii irra kan jiranu 145 biyya alaatti 6 tu argamu.
  • Waldaan Qulqullootaa waliigalatti Yaa’iiwwan mooraa 431 (biyya keessaafi biyya alaatti) barsiisaa jiraachuu isaa beektuu?
  • Barnootni Yaa’ii Mooraa inni jalqabaa (course) kitaabni ittiin barsiifamu inni duraa qophiin isaa kan jalqabame bara 1996 B.A ture. Sirna barnootaa bocameen (carricullum) keessaa 22 barnoota walitti aanu qopheessuudhaan barattoota dhaabilee barnootaa olaanaa barsiisuu itti fufe.
  • Bara 2005 B.A sirna barnootichaa ilaaluun sirreessuudhaan gara gosa 11 tti gadi butee amma yoonaatti Amantoota Ortoodoksii Tewaahidoo barnoota dhaabbilee barnootaa olaanoo keessa jiranu barsiisuu irratti argama.
  • Bara 2011 B.A waggoota jiranutti matseetiin eebbaa maxxansa waraqaa irraa gara teeknooloojiidhaan deggaramu gara dijitaalaatti akka jijjiiramu waliigaltee irra ga’amuufi bara 2012 B.A irraa eegalee guutumatti gara diijitaalaatti jijjiirame.
  • Waldichi bara 1991 B.A waqtii gannaatti barsiisota bakka bu’iinsaaf Afaan Amaaraan leenjii kennuu yommuu eegalu, bara 1997 B.A irraa eegalee Afaan Oromootiin kennuu itti fufe. Yeroo ammaatti barsiisota Afaan  oromootiin barsiisanu oomishuu danda’eera.
  • Waldaan Qulqullootaa Guraandhala 2000 B.A irraa eegalee keessumatti barattoota Yaa’ii mooraaf “GUbaa’ee Qaanaa” matseetii jedhamu ji’a sadiin Afaan Amaaraan kan qophaa’e gara Afaan Oromootti hiikamee tamsaasa eegale.
  • Waldichi barnoota mana Kiristaanaa barssisee eebba Abbootaatiin kan eebisiisu barattootni Ortoodoksii guutummaa biyya keessaa dhufanu irraa kan ba’an Affan 80 ol kan dubbatanu ta’anus naannoo Oromiyaa irraa barattootni dhufanu Amantaa isaaniitti akka cimanu dhiibbaa qaamolee adda addaa irraa isaan irra ga’u akka baachuu danda’anu yaaduudhaan matseetiin hundumaaf maxxanfamu haala addaan Afaan Oromootiin akka maxxanfamu godhamuu isaa beektuu?

WALDAA QULQULLOOTAA FI YAA`II MOORAA

KUTAA TOKKO

Itiyoophiyaan moototaa fi hayyoota  biyyaa fi Mana Kirirstaanaaf dhaabbatan, seenaa fi yaadannoo baraan jiratuu kaa`anii kan darban maqaan isaanii yaadatamaa kan jiraatu baayyee kan horatte dha.  Biyya ijaaruu keessattis ga`een Qulqulleettii Mana Kiristaana ol’aanaa dha. Haa ta`uu malee, ga`ee Manni Kiristaanaa gumachite hunda dagachuun akka boodatti haftuutti lakkaa`uun bara 1966 jalqabee mootummaan raayyawaa yaad-rimee “Waaqayyoon hin jiru.” jedhu gaggeessuun addatti yaad-rimee Ortodooksii jibban kan Markisi fi Leeniin babal`ise. Amantootni Ortodooksii ifatti amantii isaanii akka hin gaggeessine hanga dhorkuutti ga`e. Dargaggoota giddutti yaad-rimeen sooshaalizimii akka babal’atu taasisuun Mana Kiristaanaa irraa akka fagaatanii fi hordoftoota soshaalizimii akka ta`an dadammaqinsa guddaa taasise.

Haa ta`uu garuu, Ortodooksummaan akka booda hafinsaatti lakkaa`amuun utuu isaan hin rifachiisin barattootni Ortodooksii manneen barnoota ol’aanoo dhiibbaa isaan irra taasifamaa ture damdamachuun mooraa Yuunivarsitii kiiloo 6 gamoo lakkoofsa 505 doormii lakkoofsa 28 keessatti Muddee 19/1977 obbolootni 5 maqaa Qulqulluu Gabri`eeliitin xoofoo jalqaban. Xoofoon jalqabamuun suuta suuta yuuivarsiitiiwwan Finfinnee keessa fi Finfinnee ala jiran keessatti saffisaan babbal’achuu danda`e.

Sababa hongee yeroo sana mudateen mootummaan bakkeewwan qubannaa qopheessuun barattoota dhaabbilee barnootaa ol’aanaa yeroo bobbaasutti barattootni Ortodoksii Gambeellaa fi Matakkal isaan qaqqabe tokkummaan wal-ga`uun sagantaa kadhannaa fi barumsaa  gaggeessuu itti fufanii jiru. Bara Araaraa 1980 irraa kaasee baratootni Kiristaanaa Yuunvarsitii barachaa turan muraasni waqtii Gannaa dhaabbata leenjii lubootaa Zuwaay seenuun karaa Abuuna Gorgooriyoos  lammaaffaa carraa leenjii fudhachuu argatan.

Yerichi yeroo waraanni itti jabaachaa dhufe waan tureef barattootni dhaabbilee barnoota ol’aanaa leenjii waraanaa fudhachuuf gara wiirtuu leenjii garaagarattii akka seenan taasifame. Addatti barattootni Ortodoksii wiirtuu leenjii waraanaa Bilaattee turan galgala galgala wal-arguun kadhannaa taasisuu fi barumsa Ortodoksawaa barachuu itti fufan.

Jijjiirama mootummaan boodas dargaggoonni Ortodooksi kunneen wal-ga`uun Mana Kiristaanaa beekumsa isaanii, ogummaa isaanii, qabeenyaa fi human qaban hundaan dargaggoota tajaajilaan qopheessuu fi bobbaasuuf; dargaggoota qorannoo fi qu`annoo isaanii mana Kiristaana irratti geggeessan horachuuf; dhaloota sodaa Waaqayyoo qabu; biyyaa fi Mana Kiristaanaa isaa kan jaalatu; dhugaa fi haqaaf kan dhaabbatu; hojii hojjetuun  itti gaafatamummaa isaa kan ba’u; naamusa gaarii kan qabuu fi malaamaltummaa irraa bilisa ta`e lammii gaarii horachuuf adda durummaan yaa`ii mooraa irratti akka hojjetuuf yaaduun Qulqulluu Sinoodoosiin Caamsaa 1, B.A. 1984tti ifatti sirna ittiin bulmaataa isaa raggaasisuun Waldaan Qulquolloota hundeeffame. 

Itti fufa…

CAAMSAA TOKKO YAA`II MOORAA KEENYAAF

Hundeeffama Waldaa Qulqullootaa  waggaa 31ffaa  sababeeffachuun “caamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf” jecha jedhuun Eebla 28 hanga caamsaa 6/ 2015tti sagantaa garaagaraatiin akka kabajamu  koreen qindeessituu beeksise.

Waldaan Qulqullootaa waggoota 31 darbanitti barattoota yaa`ii mooraa lakkoofsaan baay’ee ta`an bu`uura doogmaa, qannoonaa fi darbi-darboo Mana Kiristaanaa Qulqulleetii sirna barnootaa bocee barsiisuun dhaloota beekumsaa fi namuusa gaariin cimsuun  biyyaa fi Mana Kiristaanaa akka  fayyadan oomishuun ga`ee isaa ba’achaa kan turee fi gara fuuladuraattis jijjiiramoota dhufan irratti hundaa`uun cimee akka itti fufu itti aanaan koree qindeessituu kan ta`an obboo Abbabaa Badhaadhaa ibsaniiru.

Waldaan Qulqullootaa bu`aa ba`ii fi haalota mijatoo dabarse  ka`uumsa taasisuun Mana Kiristaanaa fi biyyaaf tajaajila fooyya`aa kennuuf ejjennoo cimaa qabu bu`uureffachuun  yaa`iiwwan mooraa jajjabeessuun, rakkoowwan mudatan furuun tajaajila yeroo madaale  akka raawwatamuuf “Caamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf” bu`ura jedhuun kabajuuf murteessuu isaa Obbo Abbabaan ibsaniiru.

Obbo Abbaabaan ibsa isaaniitiin “Baroota tajaajilaa darban kanatti jijjiiramootni bu`aa qabeeyyii mul`atan  caalatti tajaajilaaf kan kakaasan waan ta`aniif; jechuunis barattoota lakkoofsaan hedduu ta`an sirna barnootaa bocuun barsiisuun, mana barumsaa  Aabinnatii (Abbummaa) baratanii tajaajila Mana Kiristaanatti akka hirmaatan taasisuun, yeroo isaanii seeraan fayyadamuun barnoota idilee  isaanitti cimanii badhaafamtoota geebaa fi warqee horachuu isaatiin, dhaloota namuusa  gaariin ijaaramani Mana Kiristaanaa fi biyya kan tajaajilan horachuun, barsiisota bakka bu`an horachuun, k.k.f. tajaajila yeroo isaa eeggate kennuuf akka kaka`umsa qabaatu taasiseera’ jedhan.

Eebla 28 hanga Caamsaa 6/2015 tti Sagantaalee  jiran  irrattis caalatti jijjiiramoota gaarii yaa`ii mooraa itti fufsiisuuf, rakkinoota jiran furuu fi tajaajila isaa cimsuuf sagantaan galii sassaabuu akka jiru  himaniiru.

Sagantaa galii sassaabuu kana irratti barattoota yaa`ii mooraa, maatiwwan barattootaa fi kanneen yaa`ii mooraa irraa eebbifamanii hojii fi tajaajila garaagaraa irratti bobba`an  irraa sagantaan galii sassaabuu akka karoorfame obbo Abbabaan beeksisaniiru.

Waldaan Qulqullootaa biyya keessatti wiirtuuwwan 48, biyyaa alaa wirtuuwwan 4 yoo qabaatu walumaagalatti yaa`iiwwaan moora 452 (biyya keessa 435, biyya alaa 23) akka qabu ragaaleen ni mul’isu.

  “Amataadhaan cimaa” (1Qor. 16÷13)

                         

Amantaan kennaa ta’uu isaa kan ibsu Kitaaba Qulqulluudha. Gargaartota 72 keessaa tokko kan ta’e Yihuudaa obboleessi Yaa’iqoob ergaa isaatiin “Yaa michootakoo isa waa’ee qooddannuu waa’ee fayyina keenyaa isiniif  barreessuu jaalladhee osoon jiruu Qulqullootaaf amantaa altokkicha raawwatamee  laatamef akka qabsooftan isin gorsaa isiniif barreesuun dirqama anatti ta’e. jechuudhaan dubbata. (Yihu. 1÷14) 

Amantaan kennaa Waaqayyoo ta’uu isaa hubachuudhaaf hiikaa amantaa sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Namootni tokko tokko “Amantaan hin fayyisu”,”Gooftaa dhuunfaa keetti Waaqessi” ,”Kitaaba Qulqulluu akka siif galetti hiikitii hubadhu” jechuudhaan iyyuu barsiifata taasifataniiru. Lallabaisaanii kanaanis qofummaa maqaa bilisummaatiin halalummaafii gadhiisummaa, Amantaa dhaabbata hin qabne babal’isanii dhaloota balleessaniiru. Kitaabni Qulqulluun garuu qofummaafii daangaa dhabummaa nu hin barsiisu. Kana qabatamaan hubachuuf Duuka bu’aan Yihuudaan ergaa isaatiin kan nuuf barreesse gabaabummatti tarreessinee haa ilaallu.Ergaa Duuka bu’aa kanaa irraa ergaa Afuuraawaa itti aanaanu haa hubannu.

Amantaan kan kenname fayyinaaf ta’uu isaa

“Waa’ee fayina qooddannuu.” jedha waan ta’eef Barsiifata Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidootti Amantaan: Sadummaa qaama Waaqayyoo  ,Tokkummaa Waaqummaa   kan amalummaa kan jiraachuu kan uumuu kan kennuu kan dhorkuu, Tewaahidoodhaan nama ta’ee mul’achuu Kiristoos gidirfamuu, du’uu, ka’uu,  ol ba’uu isaafii lammata dhufaatiisaa amanuu,cuuphaa malee qulqulluu Foon isaafii kabajamaa dhiiga isaa malee jireenyi akka hin jirre fudhachuufii  ,dhuma irrattis namni  erga diigamee tortore booda ni ka’a jedhanii abdii cimaa qabachuudha.(Um.1÷26, 3÷22, Isa. 7÷14, 9÷6, Mik. 5÷1, Far.D. 49÷2, Yoh. 22÷12, Yah. 3÷5, Mar. 16÷16, Yoh. 6÷50-59, Mat. 26÷26, Isa. 26÷15-16, Dan. 12÷2)

Osoo kun ta’uu dhaabaatee qulqulloonni irra deddeebi’anii “Amantaadhaan cimaa”, “Amantaadhaan dhaabbadhaa”, ”Amantaa keessan eegaa” jechuudhaan nu hin barsiisanu ture.(Qol. 1÷26-27, 1Qor. 16÷13, Qol. 2÷7, Yihu. 1÷20,  H.D. B 6÷7,14÷27)

Amantaan Qulqullootaaf kan kenname fii maqaa Isaan kan waamamaniif ta’uu isaa

Amantaan Qulqullootaaf kan kenname waan ta’eef Duukaa bu’ichi “Qulqullootaaf al tokkicha kan kenname” nuun jedhe. Amantaan Kiristaanummaa kan kenname Qulqullootaafidha.Qulqulloota yommuu jennu Kitaabni Qulqulluun akka nu barsiisutti

  • Qulqulloota Ergamoota (Maat. 25÷31, Dan. 4÷42)
  • Qulqulloota Raajota (2ffaa Phex. 3 ÷12,1÷21)
  • Qulqulloota Duukaa buutota (Phex. 3 ÷2)
  • Qulqulloota qajeelitaafii Wareegamtootadha. (Luq. 1÷6, 2Phex. 2÷7-8, Ibr. 11÷34

Kanaafuu amantaan Qulqullootaaf kan kennamedha yommuu jennu Qulqulloota Ergamoota, Raajota,Duukaa buutota, Qajeelotaafii wareegamtootaaf kan kenname jechuu keenyadha. Nuti Amamtaa kiristaanummaa kan fudhanne malee kan eegalle waan hin taaneef kan biraa haa eegallu(haa bu’uuressinu, kana haa daballu,sana haa hirrisnu  jechuuf mirgas beekumsas eeyyamas hin qabnu.  “Bu’uura Raajotaafii duukaa buutotaa irratti hundeeffamtaniittu.” Akka jedhu (Efe 2÷19-20) Amantaan kan itti daballu kan irraa hir’isnu kan itti foonu qodaa laabraatoorii keessaa, ilaalcha siyaasa addunyaa,sirna bulchiinsaa yookiin qola diizaayinaa miti. “Iyyasuus Kiristoos har’as boriis amma bara baraatti sanuma.” Akka jedhu. (Ibr 13÷7) 

Amantaan kiristaanummaa amala isaatiin kan hawaasaati malee kan dhuunfaa miti. “dhuunfaakeen waaqessi”, “dhuunfaakeen kadhadhu”, kkf dubbiin gadi bu’aan akkasii Bartoota biratti iddoo hin qabanu.”Bartootni,” Qulqullootni”,”ga’oomaa”,”Kadhadhaa”,”wal ga’aa” jedhanii amala amantaa  kiristaanaa isa sirrii nuti malee ani kan itti hin jedhamne nutti himaniiru.Tokkummaa keenya akka jabeessinuufii qofummaa akka fageessinu nutti  lallabaniiru. (1Qor. 1÷12, Ibr. 10÷25, H.D.B 2÷47)

Ilaalcha siyaasa addunyaa, dubbii ykn ejjennoo namoota addunyaan beekamtiidhaan oi baaftee keesse,ykn akkasumas osoo hin qoratiin  kan isheen fudhatte fudhachuudhaan duuka bu’aa kan biraa osoo hin taane barnoota  Raajotni, Duuka buutotni nu barsiisan fudhachuudhaan nuti Kiristaanotni duukaa buutota Kiristoosidha.(H.D.B 20÷28, Yoh 10÷27)

Amantaan Kiristaanaa gonka ta’uu isaa

Manni kiristaanaa waa’ee sadummaa qaamaa Waaqayyoo tokkummaa amalaa,waa’ee  Nama ta’uu Isaa,waa’ee cuuphaa Isaa,waa’ee Qurbaanaa,waa’ee du’aa ka’uu, barnootni isheen waa’ee ulfina Qulqullootaaf kennamuu gonkadha. “Amantaa gonka ta’ee kenname” jedhamuu isaa qalbeeffadhaa. Kanaafis mana kiristaanaa keessa ta’ee cubbuudhaan,ejjaan,machiidhaan jaalala qabeenyaatiin,garaafii aangoo jaalachuudhaan tokkummaafi abboommii Waaqayyoo irraa qaama fagaate gaabbiidhaan haaromsuudhaaf qabsaa’uu male Amantaa  Kiristaanaa gonka taate nan haaromsa jechuun gara ganiinsa hammaataa,karaa badiifi du’aatti nama geessa. (Mat 5÷48, S/UUM 6÷9, 1Phex.  5÷10-11)  Hanqina tajaajiltootaa mana amantaa Kiristaanaa hanqina Amantaa Kiristaanaa gochuu irraa of haa qusannu.

Amantaan kan kenname altokkicha ta’uu isaa

Gara jireenyatti  kan nama geessu tokko dha malee yookiis karaa maqaa miti.(Erm. 6÷16, Maat. 7÷13-14) karaa aangootti,karaa qabeenyaatti,karaa beekumsatti kan nama geessanu karaan hedduun jiraachuu danda’u. Karaan Waaqayyotti nama geessu (Amantaa) garuu tokko qofa ta’uu isaa caqasa armaan olitti kaasne tasgabaa’uudhaan dubbisnee qajeelummaan hubachuun ni danda’ama. Addunyaa irratti amantaaleen hedduun ni jiru yoo jedhames hundi garuu Waaqayyotti nama hin gessanu. ”Waaqayyo tokko Amantaa tokko Cuuphaa tokko” akkuma jedhu Qulqulluun Phaawuloos.( Efe. 4÷4)

Kallattumaan gad dhiisummaafi fedhii foonii gita hin qabneen kan guutaman karaan badiisaa akka jiranu jarris namatti  namatti qajeelaa akka fakkaatanu nutti dubbatameera kan calaqqisu hundi warqee miti (Fak. 14÷12, Maat. 7÷13-14) Addaam irraa eegalee Qulqullootni ka’an hunduu Gara Waaqayyoo kan ga’an karaa tokkoon adeemaniitu malee karaa adda addaatiin adeemanii miti. Namani karaa fedhe irra adeemuudhaaf bilisummaa itti gaafatamummaa waliin akka isaaf kenname dagachuu hin qabnu. Amantaadhaan jiraachaa qabsaa’uun akka barbaachisu Duukaa bu’ichi ergaa isaa kanaan amantaa kiristaanummaatti amannee isa waliin yommuu jiraannu qormaatni akka jiruufii qormaaticha hundumaas danda’uufi qabsaa’uun akka barbaachisu nu barsiiseera.  Qabsoon kunis namoota foonifi dhiigaa waliin osoo hin taane namoota bultoo taasifatanii kan dhufanu afuurota hamaafii sexana waliini dha.”qabsaa’uun keenya fooniif dhiiga waliin miti.” Akka jedhame.(Efe. 6÷11-16)

Qabsoon mana kiristaanaa namoota waliin miti mo’ichi isaas malli isaas karaan mo’ichaas meeshaan isaas kan foonii miti. Karaan mo’icha isaa sagalee Waaqayyoo barachuu tsoomaaf(lagannaa) kadhannaan gara Waaqayyootti iyyuudhaan ga’ee ofii keenyaas karaa Afuuraawaa  ta’een ba’achuu tokkoon tokkoon keenyas ofii keenya qorachuun gaabbii galuudhaan qulqullummaa shaakaluufi qabeenya taasifachuudha.(Maat 17÷21, Efe. 6÷17, 2Qor. 13÷5) kanaafis manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo hanga dhufaatii Kiristoositti gidiraan akka ishee irraa adda hin baane jabeessinee haa beeknu.

Amantaadhaan cimnee akka dhaabbannuuf gaarummaan Waaqayyoo araarsummaan Dubaroo Maariyaam nu waliin haata’u!!