Soomni lubbuu madaa’e fayyisa

Kutaa Lammaffaa

Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Giddu gala Adaamaa irraa)

Gosoota soomaa

Soomni gosa lama. Isaaniis sooma labsamaa fi fedhiidhaan raawatamu jedhamanii beekamu.

 Sooma Labsamaa

Soomanni kun sooma labsamaa kan jedhamu nama hundaaf labsiidhaan kan labsamu yoo ta’u, jechuunis namni umuriin isaa waggaa torbaa ol ta’e hundi; akkasumas namni hundi ifatti waliin waan soomanufi. “Tsiyoon keessatti faaggaa afuufaa, sooma adda baalaakabjaa, walga’ii kabajamaa waamaa” (IYyuu’eel 2:15) akkuma jedhame yeroo tokko karaa Mana Kiristaanaatiin labsamee sirni hoojatameefi waan soomamaa jiruuf soma labsamaa jedhama. Soomonni torba Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin sooma labsamaa jettee labsituu fi hundi keenyakan waliin soomnu akka armaan gadiitti tareefaman:

1. Sooma Guddaa (ጾመ ሁዳዴ).

2. Sooma Roobii fi Jimaata (sooma Fayyiinaa).

3. Sooma Duka Bu’ootaa (Soomalaxabajjii)

4. Sooma Maariyaamiii (Filsataa)

5. Sooma Raajotaa (Sooma Ayyaana Qillee)

6. Sooma Nanawee

7. Sooma gaadii

B. Sooma tolaa

Soomni tolaa jechuun labsiidhaan osoo hin ajajamin sooma namni hundi fedhii isaatiin soomu dha. Soomni qannoonaan nuuf kennamu kana keessatti hammatama. Yeroo tokko tokko, soomni nuti haala adda ta’een ofii keenyaaf soomnuu sooma eyyamaa jedhama. Fakkeenyaaf, sooma Yoodit (kan Phaagumeen) keessa soomamu fi sooma Tsigee isaan kuneen sooma fedhii jedhamu.

Barattoota kabajamtoota, soomni ibsa jaalala Waaqayyoo waan ta’eef laphee keenya irraa jaalannee soomuu qabna. Soomaan miira keenya gadi too’anna. Soomni humna Afuurawaa kenna, afuura hamaa of irraa ittisuu fi tajaajila Afuurawaa raawwachuuf humna nuuf kennuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Akka fakkeessitootaa hin coolaginaa!

Gooftaan keenya fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos lallaba tulluu irratti akkamiin akka soomnu yommuu nu barsiisu, “Yeroo soomtan akka warra fakkeessitootaatti hin coolagin isaan akka sooman namootatti mul’achuuf fuula isaanii ni coolagsu Dhuguma isiniin jedha gatii isaanii argataniiru.” (Maat. 6:16). Dubbisa kana keessatti Qulqulluun Yohaannis Afawarqi jecha fakkeessitoota jedhu karaa lamaan hiikee kaa’eera Isaanis:

  1. Soomuun isaani akka beekamus fula isaanii ni coolagsan. Isaan kunneen sooma isaanii Waaqayyoo gati soomaa kafaluuf osoo hin taane namoota nu diqsiifatan jedhaniif dinqisiifamuu qoofaaf namootattii of argisisan.
  2.  Warri osoo hin soomin akka sooman fakkeessanii, afaan gogsan fakkeessitoota jedhamanii jiru. Kan soomnu Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gamtaa qabaachuufi malee, galata yartuu argachuuf miti. Haa ta’u malee, fakkeessitootni bifa lamaan mul’atan kun kaayyoo soomaa dagatanii hubachuu dadhabaniiru. Gammachuun fakkeessummaa yeroodhaaf dafee kan dagatamu ta’uu irraa darbee adabbiin isaa cimaa ta’uu beeknee of eeggannoo gochuu qabna.

Barattoota jalatamtoota nyaatanii fakkeessummaa fi galata yartuu argachuuf yaaluu irraa fagaannee seeraa fi qajeelfama soomaaf dhugaadhaan bitamuu qabna. Keessattuu nyaatanii fakkeessuun galata yartuu fedhuu qofa osoo hin taane, sobas of keessa kan qabudhaatii. Fakkeessitummaa irraa fagaachuun seeraa fisirna soomaaf bitamuu qabna. Maatii, hiriyootaa fi tajaajiltoota Mana Kiristaanaaf sobaan seera qabeessa of fakkeessuun Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhabne of eeggachuu qabna. Namootatti soomaa fakkaachuu irraa of qusachuun gatii kan kafalu Gooftaatti of agarsiisuun barbaachisa. Fuula dukkaneessuun soomuu irraa, badhaasa Waaqayyoo biraa argannu amantii fi abdiidhaan eeggachuudhaan fuula ifeen soomun baay’ee barbaachisaa dha. Gooftaan keenya akkamitti akka soomnu nu barsiise jira; nutis seera soomaa kana hordofuu qabna.

Kiristoos Waaqayyoon keenya guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa soomuudhaan jalqabaa hojii gaarii taasisee nuuf kennee jira. Nutis, dabarsuuf darbii darboo fi jireenya Duka Bu’ootaa bu’oora taasifachuun seers soomaa miidhagaa dhalootaa dhalootaatti walirraa qudhanna. Gooftaan keenya qabeenya argachuuf osoo hin taane, afuura haamaa, hundee cubbuu, kan akka of tuulummaa, Dooqnumaa, fi maallaqa jaallachuu akka mo’annuuf hojii Isaa nutti agarsiisuufi malee “Ani sooma keessan hunda soomeera, kanaaf kana booda soomuun isin hin barbaachisu” hin jenne.

Kabajamtoota barattoota akkuma mooraa keessatti hawaasa garaa garaa keessa jiraattan, warri amantiidhaan nu hin fakkaanee keessattuu gantoonii gaaffii nu gaafachuu malu. Fakkeenyaaf, fayyinaaf soomni hin barbaachisu, kiristoos nuf soomee jira, Yeroo kanatti soomana akka qabdan eessatti barreeffame? Wanti afaanin seenu hin xureessuu seera jedhuu cabsitan nun jechuu danda’u.

Jaalatamtoota barattootaa, garaagarummaan nuyii fi gantoota gidduu jiru bal’aa fi dhimmi   Fayyinaa keenyaa irra akka ta’e hubachuu qabdu. Kana jechuun dubbii isaanii gubatti ‘amantii qofa’ ibsame barsiifata amantii qofa madda Fayyinaa jedhu irraa akka madde hubachuun barbaachisaa dha. Hoojiin gaariin Fayyiinaaf hin barbaachisu keennaa Waaqayyootiin qoofa fayyinee jirra’ ejannoo jedhuun nu komachuu fi hoojii gaarii akka dagannu nu taasisuu danda’u. kanaaf isaan irraa fagaannee yaada isaanii dhaggeeffachuu dhiisuu qabna. Sababnis. Soomni abboommii Waaqayyoo waan ta’eef; hoojii gaariin lubbuu amantiiti “Kitaabnii Qulqulluunis Abrahaam Waaqayyootti amane, qajeelummaattis lakkaa’ameef kan jedhame raawatee ‘michuu Waaqayyoo’ jedhamee waamame. Namni hojii gaariidhaan fi amantaani malee amantii qofaan qajeelaa akka hin taanee ni hubatu. … Akkuma qaamni lubbuu irraa adda ba’e du’aa akkuma ta’ee akkasuma immoo amantiin hojii malees du’eera.” (Yaa’iqoob 2:23-26) akkuma jedhu. Amantiin hojii gaarii waliin tokkummaan argamuu qaba. Kanaaf soomni hoojiilee gaarii keessaa isa dursaa ta’uun isaa dagatamuu hin qabu. Gooftaan keenya garaa yaaduun du’a akka ta’e nu barsiisee jira dursa qajeelummaaf yaaduu akka qabnus nu yaadachiise “Warri qajeelummaa beela’anii fi dheebotan eebbifamoo dha ni quufu.” (Maat. 5:6). “Kanaaf isiinin jedha, waa’ee jireenya keessan maal akka nyaattan, maal akka dhugdan, waa’ee qaama keessan, maal akka uffattan hin yaadda’inaa! Jireenyi nyaata caala, qaamni immoo uffata caala mitii?” (Maat. 6:25).

Kanaaf, barnoota seexanaa “Kiristoos siif soomee jira” jedhu dhiifnee sagalee Gooftaa “Akkuman ani raawadhe raawadhaa” jedhu dhaga’uudhaan daandii fakkeenya isaa hordofuudhaan hoolota dhugaa ta’uu qabna. “Garuu immoo dursa Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa Isaa barbaadaa, wanti kun hundinuu isiniif dabalama.” (Maat. 6:33). “Yeroo soomtan akka fakkeessitootaatti hin coolagin. Isaan namootatti akka soomanitti mul’achuuf bifa isaanii balleessu. (Maat. 6:16) ‘Wantoonni kun hundinuu’ kan jedhame nyaata fi kan kana fakkaatan argisiisa. Kiristoos “Yeroo soomtan akka fakkeessitootaa hin ta’inaa” jedhe malee “Hin soominaa” hin jenne,

Gara afaanii kan seenu hin xureessu jechuudhaan akka Heewaan garaa keenya waaqa keenya gochuudhaan gannata fi Mootummaa samii dhabnee akka hin badne of eeggachuu qabna. Kabajamtoota barattootaa, waan Gooftaan keenya yeroo qulqullina harka isaaniif yaadda’an dubbate ilaalaa, seera caalaa sirni nyaataa isaaniif yaaddoo ta’e akkas jedheen “Isin illee akkas hammaa kanati hin hubatini? Wanti alaa gara namaa seenu hundinuu akka isa xureessu hin dandeenyee hin argitani? Gara Garaa isaa keessa seenee gara lafati ba’a malee gara onneetti hin seenu jedheen. Innis jedhee Keessatti, kan nama xureessu kan isa kessaa ba’u dha. Keessa onneetti yaada haamaa ba’u dha:- ejja, hanna, ajjeechaa, haawii gadhee, araaduu, hammeenya, gowwoomsaa, wallitti keenya gadhee, inaaffaa, arrabsoo, of tuulummaa, dhiba’ummaa kun hundinuu nama keessaa ba’e kan xureessu dha.” (Maar. 7:18-23). Barattoota argitaani? Kuni sooma mirkaneessa malee kan seera cabsu dhaa? Lakki Sababnis sooma jechuun nyaataa fi wantoota qaama xureessan hunda irraa of qusachuu waan ta’eef.

Walumaagalatti, shakkitoota irraa of haa eegnuu. Karaa seera bareedduu soomaatiin qajeelummaa haa barbaannu. Gammachuu fi feedha foonii raawachuu irraa fagaachuudhaan Waaqayyoo wajjin tokko haa taanu. “Namni abboommii Isaa eegu Isaan jiraata innis itti jiraata. Innis Afuura Inni nuuf kenneen nu keessa akka jiraatu ni beekna.” (1ffaa Yoh. 3:24) akkumaa jedhame. Dabalataanis, fakkeenyummaa Isaa ilaaluudhaan hubachuudhaanis haala gaarin duka haa bunu. “Isaanin jiraadhaa! namni jedhu inni immoo akka dadeebi’etti inni mataa isaa dadeebi’uu qaba” (1ffaa Yooh. 2:6) jedhamee akka caqasamee.

Waa’ee yeeroo soomaa burjaaja’uu hin qabnu. Kabajamtoota barattootaa maddii barsifataa fi Maddi waaqeffanaa Mana Kiristaanaa kenya Kitaaba Qulqulluu qofa osoo hin taane, yaa’ii addunyaa mana kiristaanaa, duudhaa /darbii darboo qulqulluu, fi jireenya abbootii, Ergamoota irraa eegalee akka ta’e ragaa gahaa ol qabna. Seerri soomaa kakuu haaraa keessatti kitaabota saddeetan hunda keessatti kan barreeffame ta’uun isaa dagatamuu hin qabu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u.

Soomni madaa lubbuu ni fayyisa

Kutaa Tokkoffaa

Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Wiirtuu Adaamaa irraa)

Sooma jechuun jaalala Waaqayyoof jecha waan qaama namaa gammachiisuu fi nama haawwachiisu hunda dhiisanii, of to’achuu fi gammachuu biyya lafaa irraa argamu ganuudhaan Waaqayyoon duukaa bu’uu jechuudha. Soomni meeshaa waraana hafuurawaa fi to’annaa fooniiti, hojii badaa hundumaa irraa of qusachuudhaan. Eebba hafuurawaa argachuun abboommii Waaqayyoof of gadi qabuudha. Daandii jaalalaa gargaarsa Waaqayyoo isa gonka ta’e itti arganudha. Soomni meeshaa amanamaa amantii hojiin ibsuuf gargaarudha. Soomani; Yeroo murtaa’e, guyyoota/ji’oota murtaa’an keessatti nyaata nyaachuu irraa, hojii badaa /hojii hamoo/ lubbuu namaa miidhu irraa of qusachuudha. Jaalala guutuun Waaqayyoof qabnu sooma, kadhannaa fi keenaadhaan mul’ata. Soomni jireenya afuurawaa qajeelaa fi naamusa qabu wanta gufachiisu/baleessuu  kamiyyuu  irraa of qusachuu jedhamee hiikama.

Lubbuu maaltu madeesuu danda’a? Yeroo jennu deebiin isaa fedhii foonii raawwachuu, daddarbaa /miidha cabbuu/ foonii, cubbuu… Namni tokko barataas ta’ee hojjetaa yoo ta’e, hojii ykn haala kamiinuu jireenya kiristaannummaa isaa fooyyessuuf guyyaa guyyaan shaakala afuurawaa shaakaluun barbaachisaadha. Akkasumas sooma dukabu’oonni jalqaba tajaajila isaanii taasisan cimsinee hordofuu qabna. “Waa’ee foonii Yaaduun du’a, waa’ee afuurawaa yaaduun garuu jireenyaa fi nagaa dha.” (Rom. 8:6). Soomni hojii keenyaa fi imala kiristaannummaa keenya gonka kan nuuf taasisudha. Kanaaf raajicha Eeliyaas akka fakkeenyaatti kaasuun gahaadha. Kanaaf, barattoonni, seera/abboommii jalqabaa/dursa nuuf keenamtee qabeenya gochuudhaan jireenya kirstaanuummaa keenya haala gatii samii nuuf kennutti haa jiraannu.

Sooma maaliif soomna?

Soomni seera jalqaba namaaf kennamedha. Osoo ilmii namaa qixa siriittii ittii gaggeefame; soomni  seera jaalalaa addaa Waaqayyoo jireenya bara baraa nu dhaalachistuudha. Namni tokko seera bareedaa kanaan fedhii isaa to’atee ija isaa hamaa akka hin argine /ilaalla, gurri isaa hamaa akka hin dhageenye, arrabni isaa hamaa akka hin dubbanne, miilli isaa fi harki isaa akka hin hanne, akkasumas miilli isaa fi harki isaa gara hamaatti akka hin sochoone, dhiiga dhangalaasuuf utuu of qabuu danda’ee badhaasni isaa hangam gatii guddaa qaba. Akka dargaggoota har’aa/ yeroo kanaattii hammeenya addunyaa kanarra jiru keessaa isa kam jibbina? Miidiyaa hawaasaa, kan teknooloojiin ammayyaa nu fide fayyadamuun, hojiiwwan foon gadi fageenyaan nama miidhanii fi gara si’oolitti nu geessan keessa nu galcheera. Garuu, sammuu gaarii nuuf kenname fayyadamuun cubbuutti akka hin kufneef of eeguu fi of qulqulleessuu qabna. Mee amma faayidaa soomanaa tartiibaan haa ilaallu.

1.  Humna Waaqayyoo argachuuf

Garmalee nyaachuun fedhiin foonii fedha lubbuu keenyaa akka ol’aantummaa qabuuf balbala bal’aa bana. Akkasumas fedhiin foonii akka nu bituu kan nu taasisu humna isa guddaa ta’ee ka’ameera. Quufa, of tuulummaa, dadhabina fi ejja fiduudhaan firii afuurawaa akka hin godhanne nu dhorka. Sababni Sodoom ibiddaan itti gubate keessaa tokko buddeen quufu akka ta’e mul’ateera (Hiz. 16:49). Fedhiin foonii keenya fedha lubbuu keenya irratti humna akka hin qabaanne soomni baay’ee barbaachisaadha. Raajichi Daani’eel ijoollee biroo sadii waliin dargaggoota Ibirootaa Iyeruusaaleem irraa gara mootummaa Naabuukadanatsooriitti booji’aman keessaa filatame Innis waggaa sadiif gara mana barumsaa Kaldootaatti ergamuun barnoota falfalaa Kaldootaa (urjii lakkaa’uu), abjuu hiikuu, afaanii fi aadaa ormaa dargaggoota sadan waliin akka baratan taasifaman.  Faallaa kanaatiin, yeroo isaan amantii fi aadaa Israa’eel ofii isaanii akka irraanfatan yeroo godhamanittii.  Daani’eel nyaataa fi dhugaatii mootichaa akka nyaatan hayyamameef nyaatuu diddee; Sababni isaas, nyaanni warra ormaa akka isa xureessuu seera Museettin hubatee jira waan ta’eef.  Enumaayyuu akkaawii nyaachaa akka barachaa turan raajin daani’eel nuttii hima.

Dhadhaa dhabuu irraa kan ka’e qaamni isaanii diimaa /daalachaa’e/ ta’uus, walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qaban baay’ee ol’aanaa ture. Soomaan jabaachuun isaanii barumsa isaaniitin jabaachuu fi ija mootichaa duratti surraa kan qabani fi kan filataman ta’u irraa isaan hin dhowwine; inuumaayyuu iccitii dhokataa ifa godhachuudhaan, biyya keessatti aangoo horachuudhaan, akkasumas namoota kaan irratti fudhatama argachuudhaan caalaatti humna akka qabaatan godheera. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo waan hundumaan akka isaan gargaaree fi cinaa isaanii akka ta’ee nutti hima. Kun hundinuu kan ta’e humna Hafuura Qulqulluu sooma fi cubbuu irraa of eeguu isaanittiinidha. Kanaaf, dargaggoonni (barattoonni mooraa) yeroo soomnu barnoota keenyatti dadhabuu dandeenya jennee yaaduudhaan humnaa fi ogummaa Waaqayyoon karaa soomaatiin  nuuf kennu akka hin dhabne of eeggachuu qabna.

Kiristaanni tokko guyyoota mijataa qofatti sochii afuurawaa kan raawwatu utuu hin taʼin, yeroo fi yeroon ala taʼeetti jabaatee argamuu qaba. Soomni hojiilee gaarii biroo (kadhannaa, sagada, kennaa /balcha/ sadaqaa fi kkf) hojjechuuf humna guutuu kan kennudha. Soomni humna afuurawaa obsa, qajeelummaa, gaarummaa of to’achuu fi kkf horachuuf meeshaa isa guddaa waan ta’eef qabeenya haa taasi fannu.

2. Raawaa’nsa qabsuuraati

Jireenya afuurawaa keenya keessatti humna afuuroota hamaa wajjin akka qabsururu/wal’aansoo tasisnuu akkana jechuudhaan nutti himama, “Qabsoon keenya foonii fi dhiiga walinii miti. Bulchitoota fi abbootii aangoo, bulchitoota/bittoota addunyaa dukkana kanaa, hoomaa afuuroota hamoo iddoowwan samii irratti argaman walinidha” (Efe. 6:12). Namni qabsuuraaf qophaa’e meeshaa waraanaa akka isa barbaachisu ni beekama, kanaaf soomni meeshaa qabsuuraa isa duraa fi hunda caaludha. Qulqulloonni, Mana Qulqullummaa irraa osoo hin ba’iin halkanii fi guyyaa soomaa fi kadhannaan Waaqayyoon tajaajilaa turan, humna waraana badii injifachuuf Angoo badhaafamaniiru. Ergamaan Phaawuloos garaan keenya nyaataan osoo hin taane, keenaadhaan akka jabaatu nu akeekkachiiseera; Sababni isaas, garmalee nyaachuu fi nyaataaf dursa keenuudhaan kan  midhame malee kan fayadame akka hin jirree nu barsisee jira (Ibr. 13:9).

Kabajamtoota barattootaa gammachuu fi tola /mijuu/ barbaaduun mootummaa Waaqayyoo hin dhaalamtu. Mee haangafa raajootaa Musee haa ilaallu; Inni yeroodhaaf gammachuu cubbuu irraa argamuu irra saba Kiristoos waliin rakkachuu beela’uu filate. Sababa kanaaf qe’ee isaa mana ho’aa fi masaraa mootummaa keessaa baqate; Beela’ee, dheeboote waan argachuu danda’uu amantiidhaan fagoottii argeera waan ta’eef (Ibr. 11:24-25). Kana gochuun isaa miidhameeramoo faayidaa argateera? Baay’ee itti fayyadamaa ture malee wanti miidhame tokkollee hin jiru. Museen guyyoota afurtama nyaata malee waan tureef, waaqa saba israa’eel kan ta’e Waaqayyoo Qulqulluu irraa Taabota Kakuu fi seroota Waaqayyoo fudhachuu kan danda’e soomaan ture. Raajichi Eeliyaas Waaqa samii “haalkanii fi guyyaa afurtama soomuun natti ulfaata qaamni koos ni huqata” jedhee osoo hin sodaatin akkasumaas hoojii wara haamota waliin osoo hin hirmaatiin waan soomeef sammiin roba akka hin keeninee Angoo taasisuu danda’e argatee jira.  Kanaaf imala kiristaanaa dheeraa keenya keessatti soomni waan baay’ee barbaachisaa ta’e akka ta’e yaaduudhaan qabsuruu qabna. Fedhii fooni keenyaa to’achuuf qabsoo goonu keessatti soomni gahee guddaa qaba. Soomni madaa lubbuu fayyisa; Fedhii ykn eeyyama fooniis callisisuuf meeshaa faayidaa qabudha.

3. Akka fedha Waaqayyootti jiraachuuf

Fedhiin Waaqayyoo namni jireenya bara baraa akka jiraatudha. Namni Gannataa fi mootummaa samii keessaa akka hira’atu hin barbaadu. Abdiin namaa guddaan Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu fi bara baraan jiraachuu dha. Macaafni Qulqulluun lapheen keenya madda jireenyaa akka ta’e nutti hima, “laphee kee jabeessii egii maddii jireenyaa isa keessaa ba’aatii.” (Fakke 4:23) Abbaan keenya Addaam, seera “Hin nyaatiin” jedhu cabsuudhaan fedha foon isaa raawwachuudhaan fedha Waaqayyoo irraa fagaatee miila du’aa jalatti dhiitame; Seera kana irraa yoo maqne hiree Addaam akka nu mudatu shakkii hin qabu. Kanaaf fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan jiraachuuf maaltu nu barbaachisa? Yoo jenne sooma qabeenya godhachuudha, kunis of to’achuu si dandeessisa. (Iyo 2:12) laphee guttuun soomudhaan gara Waaqayyootti deebi’uuf kadhachuun soom inni jaallatuu human gudaa akka namaaf taatu hubachisa. Soomni seera ogummaa namaatiin kalaqame osoo hin taane, seera Waaqayyo isa waan nuuf fayyadu beekuti akka fedha isaa raawwannuuf nuuf laatamedha.

Jalqaba osoo hin soomiin dura yaada dogoggoraa soomni shaakala dadhabsiisaa fi miidhaa geessisudha jedhu irraa of eeguu qabna. Seerri kun seera jaalalaati waan ta’eef Soomaan gara Uumaatti deebi’uun akka miidhaatti akka hin yaadne, seera Waaqa keenya waliin akka wal qunnamnuu fi iji arjuumaa Isaan akka nu ilaalu kan taasisu waan ta’eef of eeggannoodhaan haa raawwannu. Yommuu qa’annuus haa ta’u yeroo qoramnu barnootaan ni kufna jennee sodaannee Waaqayyoon akka hin mufachiifnee fi Mootummaa Isaa irraa akka hin fagaanne of ilaaluun barbaachisaadha.

Walumaagalatti kaayyoon Kiristaanummaa inni guddaan addunyaa kana irratti yeroo keessummaa keenyattii akka fedhii fooniittii jiraachuu irraa of qusachuudha; Lubbuu fi foon qulqulleessuun Waaqayyoof kan mijatu gochuudha. Kunis hojii cimaa fi qabsoo hedduudhaan galma kan ga’udha. Kitaaba keessatti “. . . gara mootummaa Waaqayyo gadadoo fi rakina baayyee keessa darbinee seenuun barbaachisaadha” (Hojii du’Bu 14:22) akka jedhame karaan gara mootummaa Waaqayyo geesuu salphaa fi ba’aa mitti qabsura baayyee keessa kan darbamee bira ga’amudha malee. Qaamni eeyyama fooni jalattii bultu du’atu ishee mudata “Namni foon isaatiin facaasu foon irraa manca’iinsa ni haama, kan afuuraan facaase garuu jireenya bara baraa ni haama.” (Gal. 6:8) Akkuma jedhu soomanaan foon lubbuu jalatti bichisiisuun jireenya bara baraa namaaf argamsiisa.

“Akka eeyyama fooniitti yoo jiraattan ni duutu; Afuuraan hojii foonii yoo ajjeefte garuu ni jiraatta. Warra Afuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundaaf isaan kun Waaqayyoo ti.” (Rom 8:13-14)  “Nyaanni garaadhaaf, garaan immoo nyaataf  Waaqayyo garuu kanaa fi sana ni balleessa. Qaamni/foon garuu Gooftaafi malee (saalqunnamtii) saalqunnamtiidhaaf miti Gooftaanis fooniifi” (1Qor. 6:13) Nyaata foonii nyaachuun qajeelummaan hoojatanu hin jiru; Kana irra darbee nyaanni baay’achuun gara ejjaa fi of tuulummaatti waan nama geessuuf soomaan qaama keenya of tuulummaa fi ejja irraa haa eegnu. Yoo kana goone garaa keenya waliin diigamuu/baduu irraa of baraarna. Soomni shaakala jalqabaa firii afuurawaa argamsiisu waan ta’eef jabeessinee haa qabaannu.

“Mootummaan Waaqayyoo dhimma nyaachuu fi dhuguu utuu hin ta’iin, qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Afuura Qulqulluu ti.” (Rom. 14:17) Abdiin soomaan arganuu maal akka fakkaatu yommuu hubatamu nyaataa fi hamaa irraa fagaannee kan itti seennu/galu ta’uu ishee ni hubannaa? Namni tokko Waaqayyootti dhihaachuuf wanti isa barbaachisu sooma malee nyaata miti “Nyaanni garuu gara Waaqayyootti nu hin dhiheessu; Yoo nyaachuu baatnellee hin hira’anu, yoo nyaannellee hin dabalanu.” (1Qor. 8:8) akkuma jedhamu. Humni nyaataa fooniif yoo ta’u, humni soomaa garuu lubbuudhaafi “Warri Kiristoos Yesuusiif ta’an immoo foon fedhii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.” kan waan jedhame kana haa hubannu (Gal. 5:20).

Nuuf haa turuu

“Daa’imni nuuf dhalateera’’ (Isaay.9:6)

D/n Tewoodroos Isaayyas (Baddallee)

Gudunfaa uumamtootaa ta’ee Jimaata ganama isaa harka Waaqayyoon bocamee kan uumame namni jalaqabaa Addaam iddoo gammachuu Gannata keessatti cubbuu raawwate Addaam lammaffaan (1Qor. 15:45) akka dhalatu sababa ta’eera. “Bu’aan cubbuu du’a dha” Qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, Addaam abboommii Waaqayyoo daddarbee argamuu isaatiin cubbuu gara amala isaa lixeen du’aan boji’ame. (Room. 6:23) Duunni kun dhaloota Addaam hunda irratti kan dhaqabu ta’e. “Kaanaaf, yakka nama tokkootiin cubbuun gara biyya lafaa seene, sababa cubbuu kanaatiin duunniis seene.” (Room. 5:12) Ga’eessi haadha manaa isaatiin, mootiin Mootummaa isaatiin yoo itti dhufan hin jaalatu akka jedhamu, Addaam Waaqayyootti mootummaa   isaatiin waan itti dhufeef (mootummaa isaa barbaacha firii Balasii waan nyaateef) Waaqayyoon du’a irratti murteesse. Haa ta’u malee Waaqayyoon Addaami itti dheekkamee qofa akka hin haafne; Fayyina akka argatu eenyuyyuu osoo isa hin dursin ofuuma isaatiin Gannata keessatti gochaa fi dubbiin mul’isuun jaalala namaaf qabu gaafa namni badii jalqabaa raawwatetti agarsiiseera.

Dubbiin:

  1. “አይተ ሀሎከ አዳም፤ Addaam eessa jirta?”  (S. Uum. 3:9):- Waaqayyoon hunda beekaa ta’e osoo jiru; fuuldura Isaatti wanti dhokootu tokkolleen osoo hin jiraatiin (Faar. 138:7) akka beekaa hin taanetti “Eessa jirta?” jechuun Isaa amala kee qabadhee si barbaacha nan dhufa yeroo jedhuuni dha.
  • “Sii fi dubartiti giddutti, sanyii kee fi sanyii ishee giddutti dinummaa nan kaa’a. Inni mataa kee si tuuma; ati immoo isaa ni hiddiita.” (S. Uum. 3:15):- ‘Si’ kan jedhame Seexana yoo ta’u, ‘Dubartii’ kan jedhamte Qulqulleetti Maariyaamii dha. Dinummaan isaan gidduu jiru (Mul. 12:1-6) irratti ifatti barreeffameera. ‘Sanyii kee’ kan jedhaman Ayhuudota Kiristoos fannisanii dha. Isaan gochaan ilmaan Diyaabiloosiiti. (Yoh. 8:44). ‘Sanyii ishee’ kan jedhame firii gadaameessa Durbee Maariyaam kan ta’e Iyyasuus Kiristoosi dha. ‘Inni mataa kee si tuma’ akka jedhame Kiristoos fannifamuu Isaatiin seexanaa injifachuu Isaa yoo ibsu, ‘Ati immoo faana isa ni hiddiita’ kan jedhame immoo seexanni si’a tokko Heroodis irra buluun Kiristoos yoo ari’atu, Ayhudoota keessa buluun yoo Isa reebsisu, fannisiisuu fi ajjeesisu dubbachuudhaafi.
  • “Addaam hamaa fi gaarii beekuuf Nu keessaa akka tokkoo ta’e.” (Uum. 3:22):- Qaama sadan keessaa Inni tokko amala Waaqaaf adda ta’een Qama lamaan irraa adda ba’ee amala Addaam amala Isaa gochuuf akka jiru dubbii agarsiisu dha. “Foon ulfinni irraa adda ba’eenii ture Waaqa ulfinaa gochuuf, foon gooftummaa kennaa dhabee ture Gooftaa amalaa gochuu ni jaalate. Addaam Nu keessaa akkaIsa tokkoo ta’e kan jedhe sanas nama ta’uun ifoomsuu ni jaalate.” (Amantaa Abbootaa, Yohannis Afawarqi 66:18)

Kana malee, “Guyyaa shanii fi walakkaan gaafa raawwatu dhala dhala) kee irraa dhaladhee, qe’ee kee keessa nanaanna’ee, fannifamee fi du’ee sin fayyisa; Waaqayyooon abbaan keenya Addaami guyyaa shanii fi walakkaa booda ‘Jecha’ Koo nan erga; sin fayyisas isa sin jedhe hubadhu” jechuun Waaqayyoon Addaamiif waadaa galeera jedha darbii darboo Qulqulluun Mana Kiristaanaa keenyaa. (Kitaaba Qalameenxoos; Qabsuura Addaam isa Ebilaa) Guyyaa shan kan jedhu bara kuma shan ibsuuf jedhu abbooni. “Fulduura keetti barri kuma tokko akka guyyaa kaleessaa yookin sa’atii halkanii darbite dha. Garuu, obboloota koo kana hin irraanfatinaa; Waaqayyoo biratti guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo, waggaan kuma tokkoos akka guyyaa tokkooti.” (Faar. 89:4, 2Phex. 3:18)

Gochaan:

  • “Isaanis, guyyaan gaafa galgalaa’u sagalee Waaqayyoo Gannata keessa yommuu deddeebi’u dhaga’an.” (Uum. 3:8):- Waaqayyoon afuura dha. (Yoh. 4:24). Afuurri yommuu adeemu deemu immoo sagalee hin dhageessiisu ture. Garuu, Waaqayyo deemsa milaa amala namaatiin biyya lafaa kan irratti nama ta’ee Addaamiin fayyisuuf deddeebi’u sana agarsiisuuf jecha Gannata keessatti osoo nama hin ta’in duratti sagalee deemaa dhageessisaa gara Addaam fa’atti dhufe.

Waadaa kana irraa kan ka’e abbaan keenya Abrihaam mootii Sadoomii gargaaree, mootii Kolodogoomoorii yommuu injafatu gamachuu itti dhaga’ame irraa kan ka’e “ Mucaa Kee baara kootti na agarsiisa” moo guyyatti nattiagarsiista jechuun Waaqayyoo gafateera. Waaqayyoonis yeroon Ilma isaa itti ergu waan hin geenyeef fakkeenya Ilma isaa kan ta’e Luba Malkatseedeeq laga Yoordaanos ce’ee akka qunnamu isa taasiseera.(Hiikkaa/Ibsa/ Seera Uumamaa boqonnaa14) “Abrahaam guyyaa koo arguuf ni haawwe; argees ni gammade.” akka jedhu (Yoh. 8: 56).

Raajonnis dhufaatii Ilma Waaqayyoo: “Maaloo, samiiwwan gadi siqsi, gadi bu’is; … Harka Kee Ariyaamii ergi; na fayyisis.” (Faar. 143:5–7), “Ati banta taanaan Si’iirraa kan ka’e tulluuwwan ni hollatu ni baqus.” (Is. 64:1), “Ifaa fi dhugaa Kee ergi; isaanis haa na qajeelchan: gara tuulluu Mana Qulqulluummaa Kee fi bultoo Kee na haa geessan; gara aarsaa Waaqayyoottis.” (Faar. 42:3–4) jechuun Waaqayyootti dubbachaa turan. Waaqayyoon waan hunda yeroo isaatiin waan hojjetuuf (Faar. 119:126) yeroon hamma gahutti Ilma isaa hin ergine. Idda sanaa Oritii fi Raajota nuuf kennee nu jajjabeessaa ture; abdiiniis nu eegsiisaa ture. “Wangeelaan nu akeekte; Raajootaan nu jajjabeessite” akkuma jedhu Wangeelaan hanga duurfamnuutti Raajotaan nu jajjabeesse. (Sirna Qiddaasee) Akkuma Qulqulluun Phawulos: “Durii jalqabee Waaqayyoon bifa hedduun fi karaa hedduun Raajotaan dubbate.” jedhu dhufaatii Isaa fakkeenyaa fi raajii adda addaatiin nu beeksiisaa turan (Ibr. 1:1).

Beellamni qabame gaafa dhaqqabeetti Waaqayyoon Abbaan Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaatti erge. “Garuu dhumni barichaa gaafa gahetti Waaqayyoon Ilma Isaa dubartii irraa dhalate, seeraa gaditti dhalate ni erge.” (Gal. 4:4). Akkuma Isaayiyyaas keessa: “Afuurri Waaqayyoo narra jira; kanaaf hiyyeessotaaf akkan misiraachoo himu, kan booji’amaniif akkan walabummaa labsu, kan gaddaniif akkan gammachiisu, jaamonni akka arganiif, kan dhiibaman akkan fayyisuuf, kan hidhaman akkan hiikuuf, kan madaa’an akkan qoorsuuf, waggaa Waaqayyoo eebbifam akkan lallabuuf na dibee na erge.” inni jedhu akka milkaa’uf hojii Afuura Qulqulluutiin Dubaroo Maariyaam irraa foon fi lubbuu hirmaatee gadaameessa ishee keessa bule; “Ani Waaqa; kanaaf har’uma haa dhaladhu” osoo hin jedhiin, ji’a sagaliif gadaameessa ishee keessa ni ture. “Gooftaa samii fi lafa uumeef bultoo taate; ji’a sagal gadaameessa kee keessa baatte.” (Galata Maariyaam guyyaa jimaataa)

Daangaa bittaa Roomii jala bulchiinsota jiran keessatti namoonni hunda akka lakkaawamaniif Qeesaarii Awgusxoos irraa ajajni gaafa ba’etti Yoseef Kaadhimamtuu isaa kan taate (akka eeguuf) Durbee Maariyaam qabee Galiilaa, Naazreet irraa gara lafa Yihudaa, Iyyarusaaleemitti deeman. (Luq. 2:1-5). Magaalaan Iyyarusaaleem keessummoota galmeef dhufaniin dhiphattee turte. Yeroo sanas yeroon dahuuma ishee ni gahe. Iddoo boqonnaa waan dhabaniif mandara Beetaliheemii keessa dallaa loonii argatan. Waaqayyoon addunyaa barruu harka Isaa keessa qabatee jiru iddoo itti dhalatu dhabe! Dallaa loonii keessatti Durbeen Maariyaam dahuumsa dhukkuubbii hin qabneen Ilma ishee hangafaa ni deesse (Luq. 2:6). “Jechi Abbaa irraa dadhabbii malee ba’e. Durbee Maariyaam irraas dhukkubbii malee dhalate.” (Galata Maariyaam guyyaa kamisaa). Raajiin “Daa’imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateettii isaa irra ni ta’a. Maqaan Isaas: Gorsaa Ajaa’ibaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara Baraa, Abbaa Nagaa jedhamuun ni waamama.” jedhu ni raawwatame. (Isaay. 9:6).

Guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin ilaalchisee Qulqulluun efreem inni Sooriyaa “Faaruu dhalootaa (Hymns on the nativity)” jedhu qaba. Faaruu isaatiin dhaloota Kiristoos yoo ibsu:

“Durbeen guyyaa kana Beetaliheemitti Amaanu’eel deessee jirti waan ta’eef guyyaan kun guyyaa Raajota, Moototaa fi Luboota gammachiise dha. Sababiin isaas dubbiin Isaanii hundi isaan raawwatame. Sagaleen dur Isaayiyyas dubbate (Is. 10:19) har’a dhugaa ta’e. ‘Inni lakkoofsa ormootaa barreeffamaan himu achitti dhalate.’ Faaruun Daawiit yeroo tokko faarfate raawwii isaatiin har’a dhufe. Dubbiin Miikiyaasiis yeroo tokko dubbate (Miik. 5:2). Har’a ni raawwate. Sababiin isaas, Efraataa keessaa Tikseen ni dhufe; uleen isaas lubbuuwwan irratti raafamaa ture. ‘Kunoo! Yaa’iqoob irraa urjiin ibse.’ (Lakk. 24:17). ‘Israa’eel irraa immoo Mataan ka’e.’ (Hos. 1:11). Raajiin Bala’aam dubbiin dubbate har’a hiika isaa ni argate; ifni dhokataan gadi ni dhufe; qaama keessaas bareedinni isaa ni ba’e. Ifni Zakaariyaas dubbate, har’a Beetaliheemitti ni ibse.”

“Har’a Mucaan ni dhalate; maqaan isaas Ajaa’iba jedhame (Isaay. 9:6). Waaqayyoon akka Daa’imaatti of mul’isuun isaa akkam nama ajaa’iba!” erga jedhe booda dhaloota Addaami fi Kiristoosii yommuu wal madaalchiisu: “Dacheen durba turte Addaam isa mataa dachee ture deesse; Durbeen (Maariyaam) immoo Addaam isa Samii irratti Mataa ta’e har’a deesse.” jedhe. Sanyii dhiraa malee gadaameessi Durbee Maariyaam firii argamsiisuu isaa yoo ibsu: “Uleen Aaron ni lalliste; mukti gogdee turte firii argamsiiste. Gadameessi durbaa (Durbee Maariyaam) Mucaa tokko (Iyyasuus) da’uu isaatiin iccitiin kun har’a ni qulqullaa’e.” jechuun icciticha ifoomseera.

Qulqulluu Yohaannis Afawarq, Durbeen Maariyaam sanyii dhiiraa malee da’uu ishee yoo ibsu, “Akka namaatti sanyii namaatiin hin dhalanne… dur Addaam dachee hin hidhamne irraa uume; lammata Hewaan haadha malee Addaam irraa uume; Addaam haadha malee Hewaan akka argamsiise, har’a Durbeen Maariyaam abbaa malee Kiristoos deesse.” jedheera. Lammata, Abbaan Qulqulluun kun “Yeroo Durbee Maariyaam irraa dhalate sana durbummaa ishee osoo hin jijjirin (hin digiin) ni jabeesse.” jechuun Maariyaam durbummaadhaan da’u ishee ibse (Abboota Amataa kan Yohannis Afawarq).

Qeerloos isa Itiyoophiyaa jedhamuun kan Waamamu Qulqulluun Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa Kitaaba Argaanoon jedhu keessatti, Dallaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessatti dhalate akkana jechuun ajaa’ibsiifate: “Bulchaan addunyaa dallaa keessa ciisuun isaa baay’ee nama ajaa’iba; dallaan Tsirha Ariyaam caalaa ni dheerate; handaara lafaa caalaa ni bal’ate…Samii fi lafti isa hin dandeenye dallaan ni danda’e; ni daangeessees. Dallaan ni galateeffame, Gooftaan jabotaa keessa waan rafeef… Dallaan teessoo akka kiruubeel isa baatanitti ni ta’e…Yoseef fi Soloomeen asi fi achiin, Sa’aa fi Harreen ciinaa lamaan roga afranii ni dhaabbatan.”

Dhaloota Iyyasuus Kiristoos taatee samii fi lafa irratti jiruun yoo madaalchisu, akkana jechuun dubbate: “Achitti haadha malee abbaa qaba (Faar. 2:7, Daan.7:13); asitti immoo abbaa lafaa malee haadha qaba (Luq. 2:7); Achitti Gabri’eel sodaadhaan dhaabata (Luq. 1:19); asittis Gabri’eel gammachuudhaan misiraachoo dubbata (Luq. 1:26); achitti, Tsirha Ariyaamitti abbaa ijaan hin mul’anne irraa dhalachuu isaatiin galata ajaa’ibaa qaba; asitti, Beetaliheem keessatti immoo durbee irraa dhalachuu isaatiin galata qaba (Luq 2:1); achitti ixaana luboota samii irraa ultuu (Tsinaa) warqee keessaa ni fudhata (Mul. 8:3); asittis warqee, ixaana fi qumbii ogeeyyii (Sabaa sagal) irraa ni fudhate (Maat. 2:12); achitti kiruubeel fi suraafeel ulfina isaatiin ni raafamu; asitti Maariyaam isa ni hammatte, Salomeen isa ni tajaajilte. Achitti balaqqeessi bakakkaa fuula isaa duratti ni gaggaragalu, duumessi ibiddaas galma keessaa ni ba’a (Hisq. 1:13); asitti Harree fi Sa’aan afuura isaaniitin ni hoo’isan (Isaay. 1:3).” jechuun ibse.

Taateen kun kan irratti raawwatame Maariyaamiif kabaja malu yommuu dubbatu: “Dhaloota Ilma Waaqayyoo Ayyaana goonee haa kabajnu; gadameessa isa baatte haa galateeffannu; jilba hammataniif haa jilbeenfannu; harma isa guddisaniif haa faarfannu; harka isa qaqqabaniif haa galateeffannu; afaan isa dhungataniif haa jilbeenfannu.” jechuun dubbata. Qalbii keenya gara godoo Beetaliheemii geessuun immoo akkana nuun jedha: “Tiksoota waliin galata haa galchinu; ogeesota waliin kennaa haa kenninu; akka Yooseef haa dinqisiifannu; akka Salomees haa tajaajillu; dallaa keessa ciise keessatti haa sagannu; dallaa inni itti marame sanatti haa jilbeenfannu; Waaqayyoof samii irratti galanni haa ta’u, lafa irrattiis kan nama jaallate haa jennu. (Luq. 2:14)” jedha.

Inni Abbaa irraa dur dhalate (Faar. 2:7, 109:3) har’a sanyii Daawiit kan taate Durbee Maariyaam irraa ni dhalate. Inni Ilma Waaqayyoo jedhamu sanyii Abrahaam irraa dhalatee Ilma namaa jedhame (Ibr. 2:16, Maat. 16:13-16). Inni dulluma malee bara mo’atee jiraatu daa’ima ta’e. Qulqulluu Yohannis Afawarq barreefama isaa waa’ee Dhalootaa (St. John Chrysostom’s Christmas Homily)) jedhu keessatti “Maalan jedha? Maalan dubbadha? Inni bara dursee jiraachaa ture daa’ima ta’eeraahoo! Ani baay’iseen ajaa’ibsiifadhe.” jechuun dinqisifannaa isaa ibseera.

Namoonni Waaqayyoo ija fooniin arguuf hawwanii wantoota adda addaa godhaniiru. Israa’eelonni Waaqa mul’atu barbaacha Aroon dirqisiisuun waaqa nam-tolchee (Xaa’ootii) fuuldura isaaniitti mul’atu hojjachiifataniiru. Museenis fuuldura Keetti ulfina argadheera yoo ta’e, fuula Kee na agarsiisi jechuun gaafateera. Kunoo, har’a Namoonni Waaqayyoon gurra qoofaan dhaga’aa turan ijaan ni argan. “Namoonni iji gurra caalaa amanamaa ta’uu isaa waan amananiif waan hin argine ni shakku, kanaaf shakkii hundumaa akka balleessuuf qaamaan of mul’isuuf of qopheesse.” Qulqulluu Yohannis Afawarq akka jedhetti. Waaqayyooo addunyaa irraa fagaate osso hin ta’in, Waaqayyoon arjummaa fi jaalala ilma namaaf qabu agarsiisuuf gara biyya lafaa fooniin akka dhufe yaaduun haa gamannu! Haa gaalateffannus!  

Raajaan Isaayiyyaas bara 700 dursee raajiin inni dubbatee har’a dhugaa ta’eera. Kanaanis Ilma dhiraa kan ta’e daa’imni nuuf dhalateera. (Isaay. 9:6). Eenyummaan daa’ima dhalates Kitaaba Qulqulluu keessatti bifa armaan gadiitiin ibsameera:-

  1. Daa’imni dhalate qoricha dha. Qulqulluun Gabri’eel tiksootaaf oduu daa’ima dhalatee yommuu himuuf: “Saba hundaaf misiraachoo himu waanan qabuuf hin sodaatinaa. Har’a magaalaa Daawiit keessatti qorichi isiniif dhalateera; kunis Gooftaa ebbifamaa Kiristoosii dha.” jedheen (Luq. 2:10-11). Daa’imni dhalate nama cubbuu irraa kan dhiqu qoricha filannoo hin qabnee dha. “Inni cubbuu irraa waan nama fayyisuuf Iyyasuus jeettaan.” (Maat. 1:21). Yohannis Cuphaan “Kunoo, hoolaa Waaqayyoo cubbuu addunyaa balleessu!” kan jedheen qoricha kan ta’e Iyyasuus Kiristoosi dha (Yoh. 1:29). Qorichummaan isaas addunyaa maraafi. “Nuti argineerra. Abbaan Ilma Isaa qoricha addunyaa akka ta’u erguu Isaa dhugaa ni baana” (1Yoh. 4:14).
  • Daa’imni dhalate ifa dha. “Ani ifa addunyaati” akkuma jedhu (Yoh. 8:12). Ifni dukkana bara kuma shanii dabarsuuf gara addunyaatti dhufe Iyyasuus Kiristoosi dha. “Sabni dukkanaan deeme ifa guddaa arge; gaaddisa du’aa fi biyya dukkanaa kan turaniif ifni ni ba’eef.” (Isaay. 9:2) jechuun Isaayiyyaas raajii kan dubbate “Saba hundaaf kan ifu ifni dhugaan gara biyya lafaatti (addunyaatti) dhufe” jechuun dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin raawwatamuu isaa Yohaannis ibseera.
  • Daa’imni dhalate nageenya dha. “Daa’imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateetti isaarra ni ta’a. Maqaan isaas: gorsaa ajaa’ibaa, Waaqa jabaa, Abbaa bara baraa, Abbaa Nageenya jedhamuun ni waamama.” (Isaay. 9:6). Nageenya isaatiin wal-loltaa samii fi lafaa, fooni fi lubbuu, Waaqaa fi nama, Ergamootaa fi nama gidduu jiru waan fureef ergamoonni fi tiksoonni waliin dhaabbatanii “Ulfinni Waaqayyoof samii irratti haa ta’u; lafa irrattis warra tola isaa irra bu’eef nagaan haa ta’u.” jedhan (Luq. 2:14). Nageenyi Iyyasuus Kiristoos nageenya addaati. “Nagaa Koo isiniif nan kenna; nagaan ani kennu kan akka biyyi lafaa kennitu miti.” (Yoh. 14:27).
  • Daa’imni dhalate jireenya dha. Tokkichi Ilmi Abbaa, gara addunyaa kanaa kan dhufe jireenya kennuufi dha. “… Ilmis kan jaalateef jireenya ni kenna” (Yoh. 5:21). Jireenyummaan daa’ima kanaas jireenya bara baraati. “Waaqayyootti kan amanan hundi isaanii akka jireenya bara baraa argataniif malee akka hin banneef Ilma isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkanumatti jaalateera.” Namni jireenya kana amanu hundumtuu akka argatuuf soorata ta’ee dhihaateera. “Buddeenni jireenyaa samii irraa gadi bu’e Ana dha. Buddeena kana kan nyaate bara baraaf ni jiraata.” (Yoh. 6:41).  

Ayyaana dhaloota Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafa kabajnu iddoo cubbuu irraa fagaachuun barbaachiisaa dha. Keessattuu waggoota as dhihoo jiranitti ayyaanota Mana Kiristaanaa keenya sababeeffachuun koonsartiin muziqaa gara garaa qophaa’aa dargaggoota keenya Mana Kiristaanaa irraa akka fagaatan taasifamaa jira. Halkan tiiksoonni Ergamoota waliin faarfachaa bulanitti nuuf immoo mooraa Mana Kiristaanaa keessa argamuun galateefachaa buluun nuurraa barbaachiisa. Gochi biraa seera mana kiristaanaa darbuun guyyaa ayyaanaa hojjetamu immoo nyaataa fi dhugaatii daangaa darbee dha. Ayyaanni Mana Kiristaanaa ayyaana Afuurawaa hamma ta’etti ija Afuuraan kabajuu qabna malee guyyaa affeerraa nyaataa fi dhugaatii qofa gochuun nuurraa hin eeggamu. Keessattuu dargaggoota biratti dhugaatiin machaa’uun badii gara garaa keessatti galanii gaafa ayyaana Mana Kiristaanaa argamuun akkam Amantaa arrabsiisaa! “Hojii keessan gaarii arganii, Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan fuuldura namootaatti haa ifu.” Osoo jedhamnu dukkana ta’un nuuf hin malu (Maat. 5:16). Ayyaana yommuu kabajnu maqaa Waaqayyoof kabaja kennun dirqama dha. “Sababa keessaniin ormoonni maqaa Waaqayyoo ni arabsu.” akka hin jedhamne (Room. 2:21). Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Abbaan Addunyaaf Ilma isaa tokkicha bilisaan dabarse itti kenne waan ta’eef nuutis obboloota keenya rakkataniif kennaa kennuun Waaqayyoo haa fakkaanu!

Galanni Waaqayyoof bara baraan haa ta’u!

Ayyaana Gaarii!

‘‘Dhagna /foon keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa’’ (Room. 6፥12)

Jechi cubbuu jedhu goch-ibsa cubbame (ኀጥ dhabe) jedhu irraa kan ba’e yommuu ta’u hiikti isaas:- dhabuu, irraa mulq   amuu, irraa fudhatamuu jechuu dha. Addaam abbaan keenya waggoota torbaaf gannata keessatti uumamtoota bulchuudhaanii fi abboomuudhaan badhaadhinaa fi gammachuudhaan yammuu jiraaatu, gorsa seexanaatiin sossobamee biqiltuu balasii hin nyaatin jedhame ni nyaate, cubbuu of irratti moosise/aangesse, abboomii Waaqayyoos ni diige. Sababa kanaan kabaja isaa ni dhabe. Kennaan isaa irraa mulqame. Aangoon bulchinsaa Waaqayyoo irraa itti kenname irraa fudhatame. Hanga abaaramuttis isa geese. ‘‘Biqiltuu isa ani hin nyaatin jedhee si abboomes waaan nyaatteef lafti sababa keetiin abaaramtuu ni taati. Atis bara jireenya kee hundumatti itti dadhabdee isa irraa ni nyaatta. Inni qoraattii fi ni biqilcha. Atis biqila lafa Irraa ni nyaatta. Ati biyyoo dha, deebites biyyoo ni taata’’ jedhamee Gooftaakoo Waaqayyoo, iddoo gannata ni dhabe; gara lafa gatii hin qabnettis ni ari’atame. Ilmi namaa akka bara baraaf jiraatu kan uumame ofiisaa irratti cubbuu aangessee/moosisee bara-barummaa ni dhabe. Murtiin kun bu’aa cubbuun fide akka ta’e ni hubanna.  

Addaam abboommii Waaqayyoo akka cabse yommuu hubatetti dhagna isaa isa qullaa haguugachuuf baala marxifate, dhokates balleessaan isaa boqonnaa isa dhorgee gaabbiidhaanis ni boo’e. (Um 3፥10-19) Firdiin /mutriin/ Waaqayyoo mirkanaa’aa waan ta’eef lafa irratti duuti ni moo’e. Addaam kabaja /ulfina/ qabu irraa ni bu’e; ‘‘Bu’aan /mindaan/ cubbuu du’a waan ta’eefis’’ (Room. 6፥23) jedhamee akkuma barreeffame dadhabbii fi dafqa isaatiin akka nyaatuuf qoraattii fi balaanwaraanteeciraa lafas qotachaa lubbuu isaa tursiisuudhaaf ni morke. Garuu, immoo Waaqayyoon arjaa gonka waan ta’eef gaabbii Addaam ilaalee ‘‘Guyyaa shani fi qixxee yammuu ta’u dhala dhala kee irraa dhaladhee si fayyisa’’ (Qaleeminxoos 3፥9) jedhee waadaa galeef bu’uuura godhatee barri 5500 yommuu raawwatamu, haadha keenya Giiftii keenya Durbee Maariyaamii irraa foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee addunyaa kana fayyiisuudhaaf ni dhalate.

Qulqullichi Yohaannis inni chuuphaas ‘‘Ilaa hoolichi Waaqayyoo Isa cubbuu biyya lafaa dhabamsiisu namni Ana dursee ture anaan booda dhufa jedhee waa’ee Isaa kanan isinitti hime Isa kana; Inni anaan dura tureeti garu Israa’eelonni akka Isa beekan ani bishaaniin cuuphuudhaaf dhufe (Yoh.1፥29-32) jedhee kan isaaf ragaa baheef Gooftaan keenyua Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos waada galeen biyya lafaa kana irratti ni deddeebi’e. Wangeela ni barsiise, dhibamtoota ni fayyise, addabaabayii Qaraaniyootti Fannoo irratti ni fannifame, ni du’e, ni awwaalame. Du’aa ka’umsa Isaaatiin du’aa ka’uu keenya ni labse. Addaamii fi ilmaan isaa gara kabaja isaanii duraatti ni deebise.

Waaqayyoon cubbuu malee cubbamaa waan hin jibbineef gatii nuuf kaffalame yaadachuudhaan akka sagalee /jecha/ Isaaatti imallee, kabaja nuuf kenname eegnee argamuun nu |Ortodoksoota irraa ni eegama. Kanaafi dha Qul. Phaawuloos ergaa gara warra Roomee erge irratti ‘‘Dhagna /foon/ keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa” jedhee kan nu yaadachiisu.

Cubbuun tokkummaa Waaqayyoo irraa gar gar nama baasa, foonii fi lubbuu human dhabsiisa, dhuma irrattis gara du’aatti nama geessa. Inumayyuu dargaggeeyyiin baay’een isaan haa midhuu ykn isaan haa fayyadu osoo hin qoratin rakkoo waan hundumaa yaaluu garmalee   waan isaan irratti mul’atuuf salphumatti cubbuu shaakaluudhaaf ariifatu. Mana Kiristaanaa kenya ququlleettiin dargaggummaan bara ibiddaa ta’usaa ni barsiifti. Bara ibiddummaa kana Afuurawummaadhaan qajeelchuu yoo hin danda’min badiin isaa ofirraa darbee maatii, hawaasaa fi biyya akkasumas Mana Kiristaanaa Qulqulleettii ni miidha. Qulqullichi Phaawuloos ilma isaa isa Afuuraatiif ‘‘Ati garuu isa barsatte fi ittii hubattetti jabaadhu jiraadhu; eenyu irraa akka baratte ni beektati’’ (2Xim.3፥14) akkuma jedhe miila isaa jala taa’ee barachuu isaatiin hojiiwwan afuurawaa inni raawwatuun hundumaa gargaaruu fi hirmaachuun afuurawumma qabeenya taasifatee jiraatti dargaggummaa isaa itti fayyadamee jira. Miila isaa jala taa’ee barachaa fi tajaajilaa kan ture duuka bu’aan isaa Deemaas garuu miira dargaggummaa isaatiif bitamaa ta’ee addunyaadhaaf harka kennachuun, magaalaan Tasalonqee isheen caccalaqxe isa boojitee tajaajila isaa irraa gufachiiftee gattee jirti; cubbuus of-irratti moosise /aangesse/. ‘‘Deemaas biyya lafaa kana jaallatee annan na dhiise; gara Tasalonqeettis ni deeme.” (2xim.4፥10)

Barattoonni yaa’ii mooraa keenyaas umrii dargaggummaa keessa kan argaman waan ta’aniif maatii irraa kan itti fagaatan, ofitti amantummaa kan itti dagaagsan, addunyaa /biyya lafaatiifis/ ta’e jireenya Afuurawaatiif yeroo itti of saaxilanii kennan irra jiran waan ta’aniif hubannoodhaan of hogganuu qabu. Fedhiin foonii fi dhiibbaan hiriyyummaa osoo isaan hin mo’in gara Waaqayyootti dhiyaachuun waanjoo cubbuu cubbuu isaan mormu ofirraa gatuudhaan jireenya Afuurawaatiin ijaaramuutu isaan irraa eeggama. Daabiloos naannawa isaaniitti marsee daandii /karaa/ irraa isaan baasuudhaaf hirriba akka hin qabne hubachuun yeroo kamiyyuu caalaa soomiidhaan, kadhannaadhaan, sagaduudhaanii fi tajaajilaan dhama’uudhaan isa mo’achuu qabu. ‘‘Egaa, bektota ta’aa! Tattaaffadhaas! Seexanni amajaajiin /diinni/ keessan akka leenca waan liqimsu dhabee aadutti naanna’aatti isas amantiidhaan cimaatii mormaa’’ jechuudhaan qul.Pheexros akka barsiise. (1Phex.5፥8-9)  

Gama lamaaniinuu jechuunis ogummaa biyya lafaa akkasumas ogummaa fi beekumsa Afuurawaatiin of sirreessuudhaaan biyyaa fi Mana Kiristaanaa Qulqulleettii fayyaduudhaaf yeroon sirrii yeroo dagaggummaa kana dha. Yeroo kana waan yaraa fi gatii hin qabneen dabarsuun waan hin barbaachifneef suga umrii dargaggumma Waaqayyoo irraa nuuf kenname kana suga ittiin faayadamuu nu barbaachisa. “Dhagna /foon/ keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa /aangesisinaa/” jedhamnee akkuma baranne, Afuurawummaa tajaaajila qajeelummaaf /tolutummaaf/ oolchuudhaan kiyyoo cubbuu addunyaan /biyyi lafaa/ ittiin nu kiyyeessuuf diriirsite irraa fagaachuutu nurraa eegama.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

“Obsa uffadhaa/goonfadhaa!” (Qol 3:12)

Obsi jireenya Kiristaanummaa keessatti gahee guddaa qaba. Obsuu qabeenya goddachuun  Kiristaana irraa kan eeggamuu fi firiiwwan Afuuraawaaf ibsituu naamusa gaarii kan ta’an keessaa isa tokko dha. “Firiiwwan Afuuraawaa immoo jaalala, gammachuu, obsa, nagaa, gaarummaa, arjummaa, amantii, faayalessummaa fi qulqullummaa dha” akkuma jedhu (Gal 5:22). Obsi raawwii keessatti gidiraan akka jiru hubachuudhaaf ni barbaachisa. Gidiraan si barsiisa; gidiraan si ijaara; isa kanaan immoo obsa baratta. “Gidiraan nurratti obsa akka fidu ni beekna; obsis gidiraa dha; gidiraadhaanis abdiin ni argama” (Rom 5:3-5) jechuudhaan duuka bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkuma nu barsiise.

Keessumattuu umrii dargaggummaa keessatti jireenyi ibiddummaa yeroo itti cimu ta’uu isaatiin dargaggoonni baay’ee hojjechuu, Waaqayyoo tattaaffii cimaadhaan tajaajiluu umrii itti danda’anitti miira isaaniitiin bitamuudhaan araada fi hojiiwwan gadhee birootiif yommuu saaxilaman ni ilaalla. Murtiidhaaf ariifachuu, badii fi gaarii ta’uu isaa osoo addaan hin baasiin isaan biroo waan raawwataniif qofa raawwachuu, wanta hundumaa raawwachuudhaaf sardamuu,… Amaloota yeroo dargaggummaa bal’inaan muul’atanii dha. Garuu, ogeessichi Salamoon “Guyyaan hamaan/ciinqii osoo hin dhufiin yeroo dargaggummaa keetiitti uumaa kee yaadadhu” akkuma jedhe (Lallaba 12:1). Dargaggummaa tajaajilaaf kennuudhaan tokkummaa Waaqayyoo wajjin qaban cimsuu qabu.

Imala kana keessa yommuu darbanis bu’aa-ba’iin hedduu isaan muudachuu akka danda’u yaaduudhaan of-cimsanii obsaa fi oogummaadhaan cehuun ni barbaachisa. Daandichi gufuun kan itti baayy’atu, bahuu fi bu’uu kan qabu ta’us Waaqayyoon abdii godhachuudhaan fi obsa gonfachuudhaan gara yaadanitti gahuudhaaf tattaafachuun barbaachisaa dha. Duuka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Qolaasiisiif ergaa erge irratti isa kana ilaalchisee yommuu ibsu akkas jedha: “Egaa kaa! Akka Qulqullootaa fi jaalleewwan Waaqayyoon isaan filatee dhiifamaa fi gara-laafina, arjoominaa fi gadi of-qabiinsa, fayaaleessummaa fi obsa anffadhaa!” akkuma jedhe (Qol 3:12).

Dargaggoonni bakka yaadan gahuuf obsaan yoo hin imalle, addunyaan imala isaanii danquudhaaf/gufachiisuudhaaf balbala ishee banattee, harka ishee diriirsitee isaan keessummeessuuf isaan eegdi. Isa tokko bira darbe yoo jedhan inni biroo bakka bu’a; yoo rakkataniiyyuu kiyyoo addunyaa caccabsanii darbuu kan danda’an obsa gonfachuudhaan dha. Yeroo baay’ee kan mul’atu garuu yeroo fi sa’aatii ani yaadeetti maaliif naaf hin raawwatamne jechuudhaan yeroo Waaqayyoo eeguu dhiisanii salphumatti injifatamanii yommuu kufan ni mul’atu. Kanaafidha duka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos “Rincicaa akka hin taaneef Amantaa fi obsaan namoota abdii isaanii dhaalan fakkaadhaa!” jechaa kan nu gorsu. (Ibr 6:11-12).

Qulqulluun Yooseef gara biyya Gibxii/Misraatti obboloota isaatiin erga gurguramee booda obsaan Waaqayyoon abdii taasifatee imale. Gibxii/Misriitti niitii fara’oon Phiixifaaraadhaan yeroo qorametti Waaqayyoon fuulduratti cubbuu akka hin hojjenneef ni obse; obsuun isaas mana fara’oon keessatti hooggansaaf hanga muudamuutti isa geessise. Hangafni raajotaa Muuseenis mana fara’oon keessatti ijoollee-ijoollee fara’oon jedhamuu caalaa uummata isaa wajjin gidiraa fudhachuu filate. Boodarras uummata isaa Israa’eeloota biyya Gibxii/Misrii irraa gara lafa abdii isaanii kan dammaa fi aannan burqisiistuutti akka isaan geessuuf Waaqayyoon hanga filamuutti isa geessise. Kunis eebba obsaan argame waan ta’eef dargaggoonni obsa uffachuudhaan Waaqayyootti abdatanii akka jecha Isaatti imaluudhaan daandii isaanii qajeelchuu qabu. “Obsi hadhooftuu dha; firiin ishee garuu mi’ooftuu dha” akkuma jedhamu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Waggaa Haaraa Fi Yaa’iiwwan Mooraa

Waggaa Haaraa Fi Yaa’iiwwan Mooraa

B.A. Onko. 29/2017

Indaala Damsisiin

Eebbaawwan Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa waqtiileen yeroowwan isaanii eeggatanii wal jijjiiran isaan tokko ta’aanii argamu. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawit Faaruu isaatiin, “Arjummaa keetiin waggaa gonfita” (Faar. 64:11) akkuma jedhu, waqtiilee bonaa, kan arfaasaafi waqtiilee gannaa wal-jijjiiree, birraan ammoo abaabolee garaagaraa magaariisaa, yeroo isheen itti miidhagdee mul’attu ji’a Fulbaanaatti namoonnis arjummaa Waaqayyoo raajeffataniitiifi abdii haaraa kudhaammatanii, “Baga bacaqii gannaa baatanii gara booqa birraa geessan” jechuutiin, waggichi kan eebbaa akka ta’uutiif yeroo isaan itti waliif hawwani dha.

Waggaa haaraa irra geenyee, waggaa Waaqayyo nuuf kenneefi waggaa dabarsineen maal karoorsinee turre? Isa kamiin galmaan geenye? Isa kamtus nu hafe? Adeemsarra kanneen jiranoo isaan kami dha? Waggaa haaraattoo dadhabina keenya irraatii barannee, of-sakattaanee karoorawwan fiixaan hin baafne itti daballee; karoora haaraa baasuutiif carraaquun, gocha hunda keenya biratti amaleeffatame dha.

Isa tokko yommuu milkeessinu kan biraa hawwuun keenya amaluma namaa ta’uu isaatiin, kanneen hawwine hunda milkeessuu hin dandeenyu. “Garuu ammoo, wanta hundumaa sirnaaf akka malutti taasisaa” (1Qor. 14:40) Akkuma jedhame, kanneen fiixaan baasuu dandeenyu qofaa irratti xiyyeeffachuun karoorsinee raawwachuutiif dandeetti keenya hundatti gargaaramuu qabna.

Gama kanaan, barreeffama kanaan barattoota Mooraa Yaa’ii irratti xiyyeeffanna.

Dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa barachuutti kanneen argamaniitiifi isaan haaraa gara mooraatti dhufan barattoonni Ortodooksii barnoota barbaacha maatii isaanii irraa fagaachuu isaanii hubachuutiin, barnoota isaaniif akka xiyyeeffannaa kennan nii beekama. Garuu ammoo, akkamitti qo’achuu? Yoom gara Mana-kiristaanaa dhaquu? Yoom koorsii barachuu, kutaa tajaajila irratti ramadaman irratti wal-ga’ii, tajaajila, akkamitti karaa qindataaf karooraan akka geggeessuu akka qaban hubachuu dhabuutiin rakkoo keessa bu’u. Sababii kanaas, bu’aa buusuun isaan irraa fagaatee jireenyi isaanii gara kallattii hin barbaachifneetti yommuu isaan geessu ni mul’ata. Rakkoo kana dhabamsiisuutiifi warra bu’aa buusanii argaman ta’uutiif kan karoorri barbaachisaa dha jedhamuuf kanaafi dha.

Karoora isaanii keessatti, yeroo barnoonni isanii fudhatu, yeroo itti qo’atan, yeroo itti barumsa afuurawaa itti barataniifi kan kadhannaa; akkasumas, yeroo itti hiriyoota isaanii wajjin odeeffannoo wal-jijjiiran ramaduutiifi karoora isaanii keessatti hammachiisuutu isaan irraa eegama. Bu’uura kanaan, karoorota kana hojiirra oolchuutiif qabxiilee kanatti fufanii jiran dagatamuu hin qabani :-

  1. Waaqayyoon Gargaaraa Taasifachuu :-

Wanta hundumaa dura isaan bu’aa buusan ta’aanii gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti akka galaniitiif kan kanaaf isaan ga’e Waaqa isaanii galateeffachuu; hidhata isaa wajjin qabanis cimsachuun kutaa karoora isaanii ta’uu qaba. “Ani Jirma Wayinii ti; Isin ammoo dameewwan isaa. Anaan kan jiraatu anis isa keessa kanan jiraadhu kan ija heedduu naqatu isa dha; anaan malee homaa gochuu hin dandeessanii tii” jedhamee akkuma barreeffame, eeyyama Waaqayyoon alatti homaa gochuun akka hin danda’aamne hubachuutiin, yeroo hundaa Waaqayyoon dursuu, akka eeyyama isaattis deddeebi’uutu isaan irraa eegama. (Yoh. 15:5) Barumsa isaaniitti, tajaajila isaaniitti nuffuu irraa fagaatanii akka Waaqayyo hawwa gaariifi carraaqqii isaanii isaaniif eebbisuutiif yeroo hundaa kadhannaa obboroo irratti (Kidaanii irratti) argamuutiin, galgalas tajaajila irratti hirmaachuutiin utuu kaayyoo irraa hin maqiin kadhachuutu barbaachisa. “Waaqayyo dhiyoo dha; homaattuu hin dhiphatinaa; garuu ammoo, waan hundumaa irratti kadhadhaa, waawwadhaas; galateeffachaas kadhata keessan Waaqayyotti mul’isaa” akkuma jedhu (Filiiph. 4:6)

  • Barnoota Isaaniitiif Xiyyeeffannaa Kennuu :-

Sababiin isaanii kan gara dhaabbilee barnoota ol-aanaatti seenuu isaanii, barnoota isaanii irratti xiyyeeffatanii isaan warra bu’a-qabeeyyii ta’aanii argamuu dha. Bu’aa argatanii booda kan maatiin kaasuu isaanii keessaa baasee isaan ergu, bor akka of-danda’aanii maatii isaanii, biyyaa fi Mana-kiristaanaa isaanii: humna isaaniin, beekumsa isaaniin, maallaqa isaaniin akka deeggaran; karaa hanqateenis dhaabatanii isa hanqate guutu; itti aansuunis jireenya ofii isaanii hoogganu yaada gaarii jedhuuni dha. Kanaafuu, kaayyoon ijoo isaanii kan isaan itti gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti seenaniif, yeroo isaanii jalqaba barnoota isaaniif kennanii isaan warra bu’aan galan ta’aanii argamuu isaanii ti. Turtii mooraa keessatti qabaataniinis daree keessatti argamuutiin, qalbeeffannaan barnoota isaanii hordofuutiin, hojii daree, kan manaa, kan garee isaaniif kennamu irratti warra dammaqinaan hirmaatan ta’aanii qulqullina kan qabuun hojjetanii isaan kaaniif fakkeenyota adda-duree ta’uutu isaan irraa eegama.

  • Qo’annaaf Yeroo Ramaduu :-

Barataan tokko, sadarkaa barnoota kam irrattuu yoo argame yeroo itti qo’atu qabaachuu qaba. Guyyaa keessatti yeroo qo’annaaf ta’u ramaduu, isaafis amanamaa ta’uutiin wantoota biro irraa fagaachuutiin yeroo kan isaaf kennameetti qixaan gargaaramuutu barbaachisa. Dhaabbilee barnootaa isaan ol-aanoo keessa amma jiranitti qo’achuun dirqama isaanii ta’uusaa; kanas, sirnaafi itti-gaafatamummaan ba’aachuu akka qaban of amansiisuu qabu. Inni, qo’annaa isaa raawwatatee dhimmoota isaan biroo ba’aachuutiif yommuu qophaa’utti hiriyoonni isaa warri kaan dhimmoota ofii isaanii ba’aatanii raawwatanii dhufanii waan isaan haa qo’annu isaan jedhaniitiif, yookiin, yoo haa bashannannu isaan jedhan maal naan jedhuutiin karoora karoorseen alatti duukaa bu’uu yookiin duukaa argamuu hin qabu. Yeroo ramadeetiifi karoora karoorseef amanamaa ta’uu qaba. Kanaafuu, qo’annaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuutiin karoora isaatti sirnaan itti gargaaramuu qaba.

  • Yeroo Kadhannaa :-

Kiristaanni, jireenya kadhannaa irraa gargar ta’e qabaachuu hin qabu. Keessumattuu, obboleewwaniifi obboleettiiwwan Mooraa Yaa’ii keessatti hirmaatan jireenya kadhannaatiin utubame qabaachuutu isaan irraa eegama. Duka-bu’aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Eefesooniif ergaa isaa erge irratti, “Kadhannaaf waawwannaa hundaan, yeroo hundaa afuuraan kadhadhaa; kanumaa wajjinis waa’ee qulqulloota hundaaf kadhachuutiif yeroo hundaa tattaaffadhaa” jechuutiin, Kiristaanni kadhachuu akka qabu dubbata. Kadhannaa gamtaanis ta’e; dhuunfaa irratti Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessatti argamuutiin jireenya afuurawaa guddifachuutu barbaachisa. (Eefe. 6:18)

Kadhannaan, qulqulleenyaan taanee daandii jireenya afuurawaa isaa Waaqayyo waliin walitti dhufnu dha. Kadhannaa malee, nama afuurawaa ta’uun, tajaajilatti tattaaffachuun, ija hojii afuurawaa naqachuun hin danda’aamu. Jireenyi kadhannaa irraa gargar ta’e amma bultoo jinniifi raayyotii isaa ta’uutti nama ga’aatii yeroo hundaa kadhannaatti tattaaffachuun kiristaana tokko irraa nii eegama.

  • Tajaajila Afuurawaatiif Yeroo Kennuu :-

Barataan Mooraa Yaa’ii keessatti qooda fudhatu tokko barnoota isaaf dursa kenninaan, yeroo qo’annaa isaatiif ramadee hojiirra oolchannaan, kadhannaaf xiyyeeffannaa addaa kennee tattaaffannaan, kan isa hafu tajaajila hafuurawaa keessatti hirmaachuutiin kennaa ayyaana isaaf kennameen tajaajiluu dha. Obboloota tajaajila mooraatiin muuxannoo horatan waliin ta’uutiin isaan irraa barachuutii fi isaan irraa muuxannoo nadheeffachuun (horachuun) dirqama kiristaanawaa isaatii ba’aachuu qaba.

Yeroo baay’ee obbolootaafi obboleettiiwwan Mooraa Yaa’ii isaan hedduu biratti kan rakkoo ta’ee mul’atu yeroo isaanii mara tajaajilaaf oolchuun yommuu barumsa isaaniitti dadhaboo ta’aan arguun baratamaa dha. Kun kan inni maddu, sirnaan yeroo isaaniitti karoorsanii itti gargaaramuu dhiisuu isaanii irraan kan ka’e waan ta’eef, yeroo barumsaatti barumsa isaaniif, yeroo qo’annaatti qo’annaa isaaniitiif, yeroo tajaajilaattis tajaajila isaanii irratti xiyyeeffachuutiin utuu hin dhidhiphatiniifi hundayyu wal-simsanii imaluutu isaan irra jiraata.

Walumaagalatti, barattoonni Mooraa Yaa’ii isaan warra bu’aan galan ta’aanii ba’uutiif karooraan hoogganamuu akka bartee taasifataniifi karoora karoorsaniif ammoo amanamoo ta’aanii argamuutiin gara hojiirra oolchuutti dhufuun fooniinis lubbuunis warra dachaan buufatan ta’uu qabu. Waggaa haaraa kanattis, dogoggora isa darbe irraatii barachuutiin bara barnoota isa milka’aa dabarsuutiif karoora baafachuufi hojiirra oolchuutiin imaluu qabu. Qabxiileen olitti caqafne isaan heedduu keessaa muraasa ta’aanis, isaan kana hojiirra oolchuutiin warra bu’aan galan ta’uu danda’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Fedha/hayyama Waaqayyoo

Fedha/hayyama Waaqayyoo

Kuta Tokko

B/sa Tarbinoos Tolasaatiin

Hiikaa:- Tadalaa (Baale)

Ilmi namaa kennaa tokko qofaan hin daanga’u. Kennaan tokko kophaa isaa kennuun Waaqayyoo fudhachuu ilma namaa daran ibsa malee imala gara Mootummaa samiitti taasifamuuf dhimma ijoo hin ta’u.

Isa kana ilaaluuf bara Kakuu Duraa keessa uummanni Israa’eel imala gara lafa abdii isaaniitti taasisan ilaaluun gahaa dha. Waaqayyo uumaan keenya “Gabrummaan haa ga’u” jedhee Muusee hooggansaaf gara Gibxiitti erge. Muuseenis kophaa isaa gahaa miti “Obboleessi kee Aaroon afaan siif haa ta’u” jedhee kenneef. Qorumsa isa mudatu irraa akka isa baraaruu fi eeguuf Ergamaa Isaa   ergeef.

Uummata imalaa kanaaf soorata samii (Mannaa) duumessa keessaa bu’u; bishaan kattaa keessaa burqu; duumessa gubbaan, bitaa mirgaan isaan haguugu; Leewota uummata tasgabbeessan, luboota araarsan; dunkaana Ooriitii galatoon keessaa hin dhabamne; wareega dhiifama cubbuutiif ta’uu fi kan kana fakkaatan hundinuu kennaawwan olii /gubbaarraa/ kennamanii dha.

Xummurri isaa dhaala lafa abdii sanaa qofa kan argamsiisu; imala dhiphuu sana keessatti Waaqayyoon Muusee qofa kennaa taasisee kennuu dhiisuun Isaa Manni Kiristaanaa qabeenyawwan hedduun miidhagdee fi faayamtee gara Mootummaa bara baraatti kan imaltu qabeenya baay’ee kennaawwan hedduun argattu agarsiisuufi dha. “Kana amane kan cuuphame ni fayya” (Marr 16:16) waan jedhamteef kennaa Cuuphaatiin qofa Qulqullummaa isa gonkaatiif nan gaha hin jettu. Akkasumas “Foon Koo kan nyaate, Dhiiga Koos kan dhuge jireenya bara baraa qaba” (yoh. 6፥56) waan jedhameefis Foonii fi Dhiiga Isaa qofaan nan fayya hin jettu. “amantiidhaan fayyaa” waan jedhameef naamusni maaliif barbaachise hin jettu. Qulqullummaa isheetiif kennaa amantii, lubummaa (kan cubbuu itti himatan, kan cuuphu, kan qurbaana Qulqulluu kennu), Cuuphaa, meeroonii, qurbaanaa fi naamusa akka ta’an ni amanti.

Imala ishee keessatti fara’oon itti ka’a; kanneen qorumsa itti fidan hedduun duubaan ishee hordofu. Garuu, ishee hin dursan. Hordoffiin isaanii hanga galaana Eertiraa qofa waan ta’eef uummata ce’eef dhipuu hin ta’an. Dhugumaan imalli Gibxiirraa hanga Eertiraatti jiru imala Eertiraa irraa hanga lafa dhaalaa isaanii gahanitti jiru wajjin yommuu walbira qabnu baay’ee kan nama dhiphisuu dha. Imala kanaan hooggansi Muusee inni dhugaan ol ka’ee hin ibsamne. Dandeettiin dachees hin hubatamne. Dhaadannaa fi hokkorri Gibxootaas hanga galaana Eertiraatti gonkumaa hin dhabamsiifamne ture. Faanni diinaas dhiheenyaatti isaan hordofaa ture. Abdiin Fara’ooniis hin goolabamne, Eertiraadhaa achitti garuu; seenaa haaraan ni eegalama. Fara’oonis hin qaqqabu, galaanni Eertiraas isaan hin liqimsu.

Galuumsa kanaan Fara’oon diyaabiloos dha. Eertiraanis iddoo lafa jalaa (Si’oolii) dha. Eertiraadhaan gamatti Maariyaamiin obboleettiin Muusee galataaf hiriirtee jirti. Dhugumaan Maariyaamiin galateeffattu kan argamtu Eertiraa booda dha. Giiftiin keenya “ታዐብዮ ነፍስየ ለእግዚአብሔር፣ Lubbuun koo Waaqayyoo ni kabajji” akkuma jette Maariyaam obboleettiin Muusees Waaqayyoo faarsite. Imala Gibxii hanga Eertiraa tureef galaan kan qophaa’ee godoodha ture. Eertiraa booddee garuu bishaan kattaa keessaa ni burqa; mannaanis duumessa keessaa ni bu’a.

Garuu, Mana Kiristaanattii Kiristoos beenyaa isaatiin erga furee booda, daandii isheetiif galaa akka ta’uuf kormmii fi tumaalessa manaa argame aarsaa taasistee hin dhiheessitu. Mannaa (soorata) samiirraa isheef bu’e Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos Fannoo irratti Foon mureef fi Dhiiga dhangalaaseef aarsaa /wareega/ taasisftee dhiheessiti malee.

Bofa nama hiddu sana darbanii; abaarsa addunyaa irra tarkaanfatanii; Yoordaanosi cehanii; gamoo dallichaa diddiiganii lafa dhaalaa isaanii kan ofii taasisuun ija fooniitiin yommuu ilaalamu Israa’eelota hedduuf tulluu hin bahamnee ture. Lafa dhaalaa Kakuu Duraa keessa ture dhaaluun hayyama /fedha/ Waaqayyooti. Ta’us, Manni Kiristaanaattii bu’aa bahii kana hundumaa kan dabartu waan taateef imalli Israa’eelis lafa dhaala isaanii dhaaluudhaan goolabama.

Waaqayyo uumaan keenya Waaqa bituu /bulchu/ fi sooru waan ta’eef uumamtoota amalooma Isaatiin bituuf /bulchuuf/ hayyama /fedha/ Isaa osoo hin daangessin kenneera. Bal’inni daangaa lafaa, oleen samii osoo hin daaqin kan jiraatan gargaarsa hayyama /fedha Isaatiini dha. Barreessaan Seera Uumamaa Muuseen “Jalqaba irraatti Waaqayyoon lafaa fi samii uume” yoo jedhu uumamuun samii fi lafaa hayyama /fedha/ Waaqayyoo akka ta’e beeksiisuufi dha. (Seer Uum. 1:1). Kanaafi dha hayyama /fedha/ Isaatiin uumamtoota guyyoota jahanitti uume hanga dhuma baraatti hayyama /fedha/ Isaatiin isaan sooraa kan jiraatu.

Hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo ilmi namaa akkaataa imala jiruu Addaamiin Gannata keessa akka jiraatu dha. “…Isheerraa yoo nyaatte du’a duuta” (Seer. Uum. 2:17) jedhee Addaami akeekkachiisuun Isaa lubbuudhaan akka jiraatuufi malee kan nama cinqu /dhiphisu/ waan ta’eef miti.

Waaqayyoon Qaa’eeliin “Obboleessa kee Abeeli maaliif ajjeefte?” jedhee gaafachuun Isaa Abeel akka du’u waan hin barbaanneefi dha. Abeel gama abbaa isaatiin gumaa du’aa “du’a du’aa duuta” jedhu isatti darbus murtiin kun Qaa’eeliin abbaa gumaa ta’uurraa isa hin oolchine. Walumaa galatti, ilmi namaa akkuma badetti hafuun isaa fedha Waaqayyoo hin turre (Seer. Uum. 4:9).

Fedhiin isaa lafa dhaalaa isaa kan taate jireenya Gannataa duraan keessa turetti akka deebi’u waan ta’eef fakkeenyawwan hedduun fakkeeffaman, raajotni hedduun Iyyaruusaaleemii fi Samaariyaatti bobbaase. Subaa’ee lakkoofsise. abdii isaas himsiise. warreen Ooritiitiif kittaannaa dhiirotaa mallattoo taasisee kenneef; Raawwadhu, hin raawwatin jechuudhaan abboommii Isaa cimse. Ooriitii akka seeraatti, luboota akka abbaatti kenneef.

Isaan kunniin hundinuu Kakuu Haaraa keessatti Fayyina raawwatamuuf gaaddidduu akka ta’uuf fi abdii Fayyinaa laphee keessatti cimsuuf ture. Xummurri barichaa yommuu gahu fayyinni Addaam fedha isaa waan ta’eef dhufee isa Fayyise. “Fedha Isaa fi fedha Abbaa Isaatiin dhufee nu Fayyise” jechuun akkuma Qulqulluun Eefreem Galata Maariyamii irratti katabe. Duraan dursee “cubbuun keessa yoo akka migira diimaa ta’e akka cabbiitti ni qulqulloofti; yoo akka dhiigaattis diimatte akka jirbiitti ni addaatti” (Isaay. 1:18) jechaa abdiidhaan jajjabeessuun isaa Fayyinni dhufuuf jiru balbalarra akka jiru beeksisuudhaaf ture.

Fayyinni ilma namaa fedha Isaa dhuma hin qabne waan ta’eef, “Uumama Addaam fakkaatu kan   biraa haa uumu” osoo hin jedhin Addaam isa balleesse sana yeeroo gaabbii kenneefi gara Ofiitti deebifate. Si Fayyisa akkuma jedheen nama ta’uudhaan fedha Isaa raawwate. Fedhiin Waaqayyoo akka ajaja mootiiti. Dheerate jedhanii hin gabaabsan; gabaabbate jedhanii hin dheeressan. Fedhiin Isaas tasa kan dhalate, barri kan fide miti. Amanamuun hayyama /fedha/ Waaqayyooti waan ta’eef.

Nuti Isatti amanuu baannuus, Itti amannus amanamummaan Isaa hin jijjiiramu; hin raafamus. “Isatti amanuu baannuus Inni kan amaname ta’ee jiraata” jedhamuun Isaa kanaafi dha (2Xim 2:13). Kanaaf fedhiin isaa “kan hin raafamnee dha” kan jedhamu kanarraa ka’uudhaani. Kan hin raafamnee dha sababni jedhameefis osoo hin dhoorkatin ni raawwata jechuu dha. “Ani Waaqa dha; kan biraa hin jiru waan ta’eef isa duraa fi duraanii yaadadhaa. Ani Waaqayyoo dha; kan akka Anaas hin jiru. Jalqabaa hanga dhumaatti, dur-irraayis kan hin raawwatamnen dubbadha; gorsi Koo kan hin raafamnee dha; kaniin gorse hundumaa nan raawwadha” (Isaay. 46:9-10) akkuma jedhu.

Jalqabumarraa dhuma Isaa kan dubbatu Isaa fi kan Isaa kan ta’aniin qofa dha. Hayyamni Isaa inni durii jalqaba ta’us raawwiin fedhii Isaa garuu, kan baramu xummura Isaatiini dha. Kanaaf, fedhiin Waaqayyoo fedhaa fi kaayyoo uumamtootaa miti waan ta’eef jalqabumarraa xummura Isaa kan dubbatu IsaA dha. Fedhiin mudoo /hir’ina/ tokkollee hin qabnee fi kan Isa dhoorkus hin jiru waan ta’eef “Fedhii Koo hundumaa nan raawwadha” jedhe. Haqummaa Isaatiin Addaam inni duraa xoofoo du’a du’aa akka unatuuf hayyama Isaa waan tureef Addaam irraa eegalee hanga Muuseetti duuti olaantummaa argate (Room. 5:14). Addaam akka Fayyuufis hayyama Isaa waan ta’eef ilma isaa tokkicha WaaqayyoO Abbaan du’aaf dabrsee kenne (Yoh. 3:16).

 Bara Nooh Waaqayyoon uummata rakkisoo sana balleessuun; Noohin immoo ijoollee isaa wajjin baraaruun fedha isaa waan tureef Noohi fi maatii Isaa dhiifama Isaatiin isaan baraare. Uummata rakkisoo sanneen immoo dheekkamsa Isaatiin isaan balleesse (Seer. Uum 7:21). Abrahaamiin akka urjiilee samiitti; akka cirracha galaanaatti baay’isuun fedha Isaa hin jijjiiramne waan ta’eef isa kana raawwateef. Kanaaf hayyamni Waaqayyoo gartokkeen kan raawwatamu, gartokkeen kan hin raawwatamnee dha jechuu hin dandeenyu.

Ilmi namaa fedha qaba. Fedhii isaa kana “fedha bilisaa” dha. Abbaa fedhichaa kan ta’e namnis fedhii Isaa yeeroo fi haala itti raawwatu dhaba. Haaluma kanaan fedhiin Isaa gartokkeen abjuu qofa ta’ee hafa. Sababni isaas uumamni isaa maxxantuu sababaa waan ta’eef. Muul’achuu Isaatiif malee jiraachuu Isaatiif sababa kan hin qabne Waaqayyoon garuu waan barbaade raawwachuu ni danda’a.  

“Akka yaade taasisa; akka fedha Isaattis ni raawwata” akkuma jedhame. Gama biraatiin “kanneen lafarra jiraatan hundinuu waan tokkotti hin lakkaa’aman; raayyaa samiirraattis, kanneen biyya lafaarra jiraatan gidduuttis akka fedha Isaatti ni raawwata. Harka Isaas kan mormu yookiin maal itti goota? Kan jedhuun hin jiru.” jedhameera (Daan. 4:35). Daangaa kan hin qabnee fi akkasi dha jedhamee kan bira hin gahamne kun tola fedhii Isaati. “Yaa Abbaa keenyawoo samiirra kan jiraattu, maqaan kee haa Qulqullaa’u, Mootummaan Kee haa dhuftu, fedhiin Kee samiirratti akkuma ta’ee akkasuma lafarratti haa ta’u!” jechaa kadhannaa keenyaan kan gaafannu (Maat. 6:9-11).

Maaddii soorataa keenya dhiheessinee buddeena keenya har’aaf gahu nuuf kenni jennee gaafachuun keenya furtuun buddeena keenyaa gama tola hayyama /fedha/ Isaatiin waan ta’eefi dha. Kanaaf hayyama /fedha/ Isaa malee jiraachuu hin dandeenyu waan ta’eef tola hayyama   /fedha/ Isaa kana monoksoonni lafa onaa keessatti Isa kadhatu. Kanneen addunyaa lagatan gammoojjii keessatti Isatti boo’u. Luboonni Mana Qulqullummaa keessatti Isa gaafatu /kadhatu/. Amantoonnis Isa yaadu. Sababni isaas “Anaan malee homaa raawwachuu hin dandeessan” (Yoh. 15:5) jedhamee waan dubbatameef dha. Kanaaf hayyama Isaa malee dhimmi raawwannu waan hin jirreef yeeroo hundumaa akka fedha /hayyama/ Isaatti jiraachuu qabna. Kiristaana jechuun qondaala tola fedha Isaati.

Fedha/hayyama Waaqayyoo

Fedha/hayyama Waaqayyoo

Kuta Lama

B/sa Tarbinoos Tolasaatiin

Hiikaa:- Tadalaa (Baale)

Namni gara addunyaa Kiristaanummaatti yommuu seenu /dhufu/ fedha ofii ofirraa buusee fedha Gooftaa isaa baattatee gara Qaraaniyootti imalaa jiraata. Akka miiraa fi fedha nama dhuunfaatiin Qaraaniyoo hin ga’amu. Fayyisaan addunyaa Kiristoos dargaggoo sanaan “gara jireenyaatti seenuu yoo barbaadde abboommii eegi… waan qabdu gurguriitii hiyyeessotaaf kenni” jechuun Isaa maaliif isinitti fakkaata? Namni hayyama Waaqayyootiin malee fedha namaatiin mootummaa Isaa akka hin dhaalle agarsiisuuf dha.

Simi’oon inni Qareenaa Fannoo Gooftaa Isaa baatee daandii rakkisaa sana kan imale Manni Kiristaanattii hayyama/fedha Gooftaa isheetiin jiraachuu akka qabdu agarsiisuudhaafi malee Gooftaan dadhabee isa bayyanachiisuuf /boqachiisuuf/ miti. Kanaaf imalli Kiristaanummaa keenya akka fedha namaatti nama gammachiisuuf osoo hin taane akka hayyama Waaqayyootti Mootummaa isa akka dhaalluuf dha. Kanaafi dha Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkas jechuudhaan kan nu gorsu “Akka gabroota Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwatanii sana ta’aa malee nama gammachiisuuf, of agarsiisuuf kan bitamtan hin ta’inaa!” jechuudhaan kan nugorse  (Efe. 6:6).

Gabri ofii isaatiif hayyama hin qabu. Hayyamni isaa hundinuu Gooftaa isaatif. Isa dhaabbate muri, isa kufe baqaqsi yoo jedhe Gooftaadhaaf ni mala; gabri Gooftaa isaa jalattii bula waan ta’eef. Duuka Bu’ichis “akka gabroota Kiristoos” jechuun isaa gaaddidduu fedha Isaa jala kanneen jiraatan akeekuuf ture. Kanaaf hayyama isaa keessatti ilmi namaa gahee guddaa qaba. Gaheen isaas hayyama Gooftaa isaa kadhannaadhaan gaafachuu dha. Akka barnoota Kiristaanummaatti hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo kadhannaadhaan daran ifa baha. “Kadhadhaa isiniif kennama” akkuma jedhame. Kanaaf kadhannaan ibsituu hayyama /fedha/ isaa akka ta’e kanaan beekuu ni dandeenya.

Hir’inaa fi guutummaa namaa akka itti himaniif Gooftaa hin barbaanne ta’ee osoo jiru, garuu immoo kadhannaadhaan akka isa gaafannu ni jaalata. Sababni isaa immoo kadhannaan ibsama hayyama /fedha/ Isaa waan ta’eefi dha. Omishaaf hojjetaan akka barbaachisu uumamni iyyatee miti. Beekumsa amaloomaa Isaatin malee. “Eegaa, kaa Gooftaa oomishichaa gara ooyruutti hojjetoota akka erguuf kadhatan” jedhee kan dubbate abbaa oomishichaati (Yoh 2:25). Oomisha Isaatiif garuu kadhannaadhaan akka gaafatamu Duuka Bu’oota kakaasa. Kunis kan ta’e hayyama /fedha/ isaa keessa gaheen ilma namaa akka jiru hubachiisuufi dha.

Waa’ee Duuka Bu’aa isaa Eephafraa jedhamu Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kutaa itti dubbate keessatti “hayyama /fedha/ Waaqayyoo hundumaa hubattanii Qulqulluu taatanii akka dhaabbataniif waa’ee keessaniif kadhannaadhaan qabsuura raawwata” jedha (Qol. 4:22). Hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo ifa kan bahu Eephaafraan yommuu qabsuura raawwatu akka ta’e galmaa’uun isaa hayyama /fedha/ Waaqayyoo bira gahee ilma namaa jiru galuumsa sirnaan ibsuu dha. Gahee qaba jechuun garuu ni fedha sana ni murteessa, ni kenna, ni dheeressa, ni gabaabsa, jechuu osoo hin taane hayyamni/fedhiin Waaqayyoo kun isaaf akka kennamu kadhachuun isaa dhiifama Waaqayyootiif sababa ta’a jechuu dha. “Kanaaf nuti immoo isa kana guyyaa dhageenye irraa eegallee beekumsa hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo, ogummaan Afuuraa fi beekumsi hundumaan akka guutamtan isin kadhachaa isiniif kadhachuu hin dhiisne” (Qol. 1:9) akkuma jedhu. Hayyamni /fedhiin/ isaa balbala waan hundumaa waan ta’eefi dha kadhannaan kan barbaachiseef.

Jireenya Kiristaanummaa keessatti jiraachuu jechuun akka fedha /hayyama/ Waaqayyootti akka jiraannuuf waamamne. Fedha /hayyama/ raawwatameen Isa galateeffachaa fedha /hayyama/ hin raawwatamne eeggachaa jiraachuu jechuu dha. Kun yommuu ta’u fedha /hayyama/ Waaqayyoo akkamitti beekna? yoo jedhamee Waaqayyoon fedha /hayyama/ Isa duraa raajotaan, lubootaan, mul’ataan, raajiidhaan, fakkeenyaan, torbiidaan (subaa’eedhaan) ibseera.

Kakuu Haaraa keessatti immoo fedha /hayyama/ hin raawwatamne gama ilma isaa tokkicha Iyyasuus Kiristoosin nuuf ibseera. Innis akkas jechuudhaan “Addunyaa fayyisuuf malee addunyaa irratti murteessuuf hin dhufne” (Yoh. 12:47). Kiristoos duraan dursee soomuun Isaa soomuun keenya fedha /hayyama/ Isaa akka ta’e nu hubachiisuuf ture. Gara kawaalaatti seenuun Isaa kanneen kawaalatti galan hojiidhaan akka Isa fakkaatan fedha /hayyama/ Isaa isaaniif kennaa ture. Gara Mana Dookimaasitti deemuun Isaa gaa’ilaan murtaa’anii, daa’ima horatanii, godoo ijaarratanii namoota jiraatan jiruu isaanii eebbisee kennuuf ture. Foonii fi Dhiigni Isaa, haati fi Fannoon Isaa fedha /hayyama/ isaa ibsituuwwan ittiin barree dha. Dabalataan immoo fedha /hayyama/ Isaa baruufis ta’ee gaafachuuf Waaqayyoo soomaa fi kadhannaadhaan baay’isanii itti dhiyaachuu; naamusa gaariidhaan cimuudhaan; qaama ofii cubbuurraa qulqulleessanii dhiifamaaf fuuldura Isaa dhaabbachuu; gara Mana Kiristaanatti laphee cabeen; miira qajeelaadhaan deddeebi’uun fedha /hayyama/ Isaa karaalee ittiin beeknuu fi ittiin raawwannu dha.

Waa’ee hayyama Waaqayyoo yommuu qo’annuu of-eeggannoowwan raawwachuu qabnu

Fedha /hayyama/ Waaqayyoo yommuu gaafannu cubbuu keenya himannee, cubbuurraa qulqullaa’uu qabna. Itti aansee miira keenya hundumaa nu dogongorsuu danda’an irraa of-eeggannoo taasisuu qabna. Wanti raawwannu hundinuu “Waaqayyoo ni gammachiisaa?” jennee gaafachuu qabna. Wantoota gaarii fi yaraa gara fedha /hayyama/ Waaqayyootti nu eeruu waan danda’aniif dafanii gadduu fi gammaduu irraa of-qusachuu qabna. “ያወጽእ እግዚአብሔር ደዌ በእንተ ጥኢናሃ ለነፍስ: Fayyina lubbuutiif Waaqayyoon foon irratti dhibee ni fida” akkuma jedhame (Maaryisihaaq 2). Haalonni hundinuu fedha /hayyama/ Waaqayyoo irraa gargar nu baasuu danda’u. “Yaa obboloota koo Eeshiyaatti dararaa nurra gahe akka beektaniif waa’ee lubbuu keenyaa hanga abdii kutachuutti, humna keenyaa ol ta’ee garmalee nutti ulfaatee ture” (2 Qor. 1:8-9).

Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kanaan osoo hin xummurin “Ayihuudoonni anaan si’a shan qacceedhaan afurtamaaf tokko hir’uu ana reeban. Si’a sadi uleedhaan dhaanameera. Si’a tokko dhagaadhaan rukutameera. Dooniin koo si’a sadi cabe; halkanii fi guyyaa galaana keessan ture. yeeroo baay’ee karaarra deeme. Bishaan guutuudhaan doorsifamaa; saamtotaan doorsifamaa, saba kootiin doorsifamaa; ormootaan doorsifamaa; magaalatti doorsifamaa; lafa onaatti doorsifamaa; sobdootaan doorsifamaan ture. Dadhabbii fi ifaajee guddaadhaan, yeeroo heddu hirriiba dhabuudhaan, beelaa fi dheebuudhaan, qorraa fi uffata daaruu keessaan ture.” (2Qor. 11:24) jedha.

Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos gidiraa fi reebichi kun hundinuu fedha /hayyama/ Waaqayyoo ta’uu isaa waan beekee fi hubateef dararaa isarra gahaa ture tti osoo hin nuffin obsaan darbeera. Gidiraas ta’e gammachuu akka fedha /hayyama/ Waaqayyootti ta’uu waan danda’uuf waan hundumaan obsuu fi kadhannaadhaan cimnee dhaabbachuu qabna. Walumaa galatti, fedhiin /hayyamni/ Waaqayyoo guutumatti beekkamuu baatus hamma beeknee fi hubanneen ilmi namaa maqaa Isaa waamee kabaja isaa dhaalee akka jiraatufi dha.

Fedha /hayyama/ Waaqayyoo beeknee, fedha /hayyama/ Isaatiinis jiraannee, maqaa Isaa waamnee, kabaja Isaa dhaallee akka jiraannu hayyamni Isaa nuuf haa ta’u. ameen!

Galanni Waaqayyoo samii fi lafa uumeef!

Turtii eebbifamtoota Ortodoksoota dhaabbilee barnoota Olaanoo wajjin

Indaalee Damsisiin

“Barnoota koo milkaa’inaan akkan xumuruuf kan na gargaare yaa’ii mooraati” (Dn. Asaffaa Ayyaaleew)

Keessummaan kutaa sadaffaa keenya kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoonitti muummee barnootaa Narsiitiin kan eebbifame Dn. Asaffaa Ayyaaleew dha. Dn. Asaffaan kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoon Daseetti argamutti muummee barnootaa Narsiitiin sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan fi qabxii olaanaa galmeessuudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera.

Dn. Asaffaan yaa’ii mooraa Misraaqe-Giyoonitti hirmaachaa kan turee fi barnoota isaa cinaatti barnoota lubummaa (አብነት) hordofuudhaan aangoo Daaqonummaa fudhateera; woggaa afraffaa irratti immoo walitti-qabaa koree eebbifamtootaas (Graduation Committee) ta’ee tajaajileera.

Muudannoo kolleejjii erga seenee booda isa muudate yommuu ibsu: “kolleejjii akkuman seeneen yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf hin yaalle. Garuu woggaa lammaffaa irraa eegalee barnoota walitti fufiinsaan yaa’ii mooraa keessatti kennamu osoo addaan hin kutiin barachuu danda’eera. Yeeroo koo karooraan akkan fayyadamuu fi barnoota koo wajjin wal-simsiisee akkan deemu, milkaa’inaanis akkan xumuru kan na gargaare yaa’ii mooraati. Dabalataanis yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu akkuman eegaleen barnoota lubummaas (አብነት) cinaatti hordofuun eegale. Bu’uuruma kanaan hayyama Waaqayyoo ta’ee naaf milkaa’ee aangoo Daaqonummaa fudhachuudhaaf danda’eera. Ammas yaa’ii mooraatii ergan bahees barnoota lubummaa (አብነት) barachuudhaaf karoorfadheera.” Jechuudhaan dhiibbaa gaarii yaa’iin mooraa jireenya isaarra qaqqabsiise ni ibsa.

Haala fayyadama yeeroos ilaalchisee: “woggaa jalqabaarratti yeeroo koo sirnaan fayyadamuuf hin yaalle. Faallaa isaatiin hiriyoota koo fakkaachuuf fi wantoota naannawa kootitti ana irraanfachiisuu danda’an irraa fagaachuudhaaf yaalii hin taasisu ture. Garuu yaa’ii mooraatti hirmaachuu ergaan eegalee booda gorsaa fi barnoota haala fayyadama yeeroo irratti nuuf kennamaa waan tureef sirnaan itti fayyadameen jira. Woggaa afraffaa irratti garuu walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’ee isa qindeessuun waan natti dabalameef hunduma isaa wal-simsiisee deemuun xiqqoo natti ulfaatee ture. Barnoota idilee, yaa’ii mooraa, barnoota lubummaa (አብነት), qo’annaa fi walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta’uun koo na cinquus Waaqayyoo na gargaaree qabxii sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan kolleejicharraa badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta’uu danda’eera. Yaa’iin mooraa jireenya afuuraa kootiin jabaadheen deemuu akkan danda’uuf fi bu’a-qabeessa ta’ee mooricha keessaa akkan ba’u na dandeessiseera” jechuudhaan muuxannoo isaa ibseera.

Dn. Asaffaan rakkoolee isa muudatan ilaalchisees yoo ibsu “Woggaa afraffaa irratti woggaa eebbaa waan ta’eef hanqinni yeeroo na muudachaa waan tureef dhiphachuudhaan sirnaan imaluu hin dandeenyee ture. Keessumattuu eebbaan walqabatee hojiiwwan hedduu hojjechaa waan turreef haala olaanaa ta’een yeeroo koo na saamaa ture. Dabalataaniis qophii qormaata bahiinsaa (exit exam) wajjin walqabatee qo’achuun narraa eggama waan ta’eef yeeroo ulfaataa dabarsuudhaaf qophaa’een ture. Garuu Waaqayyo na gargaaree hir’ina koo guutuudhaan qabxii gaarii fiduudhaan xumuruu danda’eera.”

Dn. Asaffaan jireenya inni keessa darbe ka’uumsa godhachuudhaan ergaa dabarseen “Barattoota dhaabbata barnoota olaanoo seenan wantin gorsu jalqaba irraa eegalee yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf murteessanii dhufuu fi fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’anii dha. Yaa’ii mooraa keessatti dabarsuun isaanii ciccimoo fi nama kaayyoo akka ta’an isaan dandeessisa. Ani woggaa jalqabaa yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuu dhabuun koo qabxii koo irratti gatii na kanfalchiisee jira.” jechuudhaan ergaa isaa dabarseera.

Yaadannoo addaa qopheessicha irraa:

Waldaan Qulqullootaa yeeroo hundeeffamerraa eegalee woggoota soddomii tokko keessatti yaa’ii mooraa irratti hojjechuudhaan imaanaa fi itti-gaafatamummaa isatti kennamee bahachuudhaaf yaalii taasisaa tureera; taasisaas jira. carraaqqii kanaan barattoota dhaabbata barnoota olaanoo heddu barnoota bu’uuraa Mana Kiristaanaa qulqulleettii barsiisuudhaan eebba abbootiitiin fi fannoo imaanaatiin eebbisuu irratti argama. Hedduun isaaniitis milkaa’ina isaaniitiif barnoota afuuraa waldichi yaa’ii mooraa keessatti kennuuf hordofuu isaaniitiin Mana Kiristaanaa qulqulleettii akka baran, amantaa isaanii jabeessanii akka qabatan, naamusa gaariidhaan ijaaramanii iddoo fi oogummaa itti bobba’anitti biyyaa fi Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan gahee isaanii bahachuu akka danda’aniif isaan gargaaruu isaa dhugaa bahu.

Jaalatamtoota hordoftoota maarsariitii (Toora int keenyaa walitti fufiinsaan kutaa sadiin muuxannoo obbolootni yaa’ii mooraa kanneen birootiif fakkeenya waan ta’uuf gara fuulduraatti barattoota seenaniif fakkeenya isaanii hordofanii akka deeman waan isaan taasisuuf hedduu keessaa muraasa isaa qophii qopheessine asuma irratti guduunfina.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u!

Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin

“Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo deddeebi’uu baannee addunyaa keessatti badneeni hafna turre”

(Dr. Mintasinoot Mangistuu)

Indaalee Damsisiin

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii waldaa Qulqullootaa tajaajila qindeessaa yaa’iiwwan mooraa: mata-duree (Turtii eebbifamtoota Ortodooksoota dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin) jedhuun kutaa tokkoffaa keessatti qophii keenyaan yaa’ii mooraa Yuunivarsiitii Boongaa keessaa eebbifamtoota Yuunivarsiiticha hundumaa keessaa qabxii olaanaa 3.99 fiduudhaan Yunivarsiiticha irraa badhaafamtuu geebaa fi medaaliyaa kan taate Wubnesh Lammaa wajjin taasisne turtii gabaabaa isiniif dhiheessinee turre. Qophii keenya kutaa lammaffaatiin immoo eebbifamtoota biroo wajjin turtii taasifnu akka hordoftaniif kunoo:

Dr. Mintasinoot Mangistuu BA 2015tti Yuunivarsiitii Jijjigaa irraa muummee barnootaa yaala beeyladootaa (veterinary medicine) xumureera. Qabxii walii-galaa sadii tuqaa sagal-saddeet (3.98) fiduudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa Yuunivarsiitichaa ta’uu danda’eera. Turtii Yuunivarsiitii fi yaa’ii mooraa gaafannee jirra.

Dr. Mintasinoot akkanatti ibsa: “turtii koo Yuunivarsiitii keessatti hamman danda’u tattaafachuun koo akkuma jirutti ta’ee gargaarsii fi arjummaan Waaqayyoo narraa gar-gar hin baane. Yommuun sadarkaa lammaffaa turetti sagantaa yaa’ii mooraan duraa irratti hirmaachaa waan tureef Yuunivarsiitii akkuman seeneen kallattiidhaan kaniin deeme gara yaa’ii mooraatti dha. Akkasumas anii fi hiriyoonni koo gara dhaabbilee barnoota olaanoo yommuu deemnu eebba abbootiitiin ture kan nu gaggeessan. Dabalataanis sagantaa yaa’ii mooraatiin duratti nu dursanii obboloonni Yuunivarsiitiirraa barnoota xumuran affeeramanii muuxannoo isaanii nuuf qoodu ture. Obboloonni koos haala gaariidhaan na simatan. Naannawa koottis maatii gaarii Ortodooksii fi Yuunivarsiitii yoon seenus hiriyoonni na qunnaman kanneen Mana Kiristaanaa fi barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo kennan waan turaniif milkaa’ina kootiif gahee qabu jechuun danda’a. Turtii koo keessatti barnoota kootii fi Mana Kiristaanaatiif dursa kennuu kootiif milkaa’uu danda’eera” jechuudhaan ibsa.

Hiriyaa ilaalchisee “turtii Yuunivarsiitii keenya keessatti hiriyaan gahee guddaa fudhata. Barattoota kaayyoo wal-fakkaataa hin qabne irraayis of-fageessuun ni barbaachisa. Gara Yuunivarsiitii yommuun deemu kaayyoon koo barachuu dha. Barachuu qofas osoo hin taane jireenya gara fuulduraatti qabaadhuuf bu’uura kan itti kaa’u waan ta’eef kanneen biroo irraa kan fooyyee qabu ta’ee, argamuudhaaf hojjechuu akkan qabu of amansiiseetiin seene. Kanaaf barattoota natti hin tollee fi kallattii jireenya kootii dogongorsiisan irraa fagaachuutu narra ture; isas raawwadheera. Hiriyoonni koo gaarii waan turaniif Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Kidaane-Mihiratii Jijjigaa ni deemna, sagantaawwan nu jala hin darban; Sanbataa fi Dilbata immoo yaa’ii fi sagantaa barnoota walitti-fufiinsaa yaa’iin mooraa keenyaan qophaa’u irratti ni hirmaanna; yeeroo hafe immoo barnootaaf oolchina. Jireenyi koo Yuunivarsiitii keessatti kana ture jechuu nan danda’a” jechuudhaan turtii isaa ibsa.

Haala itti fayyadama yeeroos ilaalchisee “daqiiqaa tokkos taatu gatii qabdi” jedha Dr. Mintasinoot. Wal-qabsiisees “Muummeen barnoota ani seenees dubbisa hedduu kan gaafatu dha. Kanaaf, yeeroo koo baay’ee kaniin dabarsuu dubbisuudhaani. Isas karooraan hoogganuutu barbaachisa. Karoora al-tokko karoorsiteen yoo gufatte gara kallattii sirriitti dhufuudhaaf waan rakkisuuf of-eeggannoo olaanaa taasisaan ture. Kanaafidha bu’a-qabeessa ta’uu kaniin danda’e” jechuudhaan muuxannoo isaa nuuf qooda.

Yaa’ii mooraa ilaalchisees yommuu ibsuu “Yaa’ii mooraa keessa turuun koo icciitii bu’a-qabeessummaa (milkaa’ina) koo keessaa isa tokkoo dha. Barnootni Yaa’ii mooraa keessaa argadhe jireenya afuuraa koo qofa osoo hin taane bu’aa bahiin biyya lafaa akka liqimsitee ana hin hambisneef hidhannoo/galaa naaf ta’eera. Qorumsawwan ana muudatan ba’achuudhaaf fi ofii kootiifis daandii sirrii irra imaluu akkan danda’uuf humna guddaa naaf uumee jira. Yaa’iin mooraa osoo hin jiraannee fi gara Mana Kiristaanaa osoo hin deddeebinee addunyaa keessatti badnee hafna turre. Yaa’ii mooraatiin hammatamuun keenya gatiin isaa heddu dha” jedha.

Ergaa obboloota Yuunivarsiitii keessatti barnoota isaanii hordofaa jiraniif dabarseenis “Wanti ijoon Yuunivarsiitii seene jechuu osoo hin taane barnoota isaaniitiif xiyyeeffannoo addaa kennuu qabu. Jireenya afuuraa isaaniitiinis jabaachaa Waaqayyoon akka isaan gargaaru Mana Kiristaanaa wajjin walitti hidhamiinsa qabaachuu qabu. Boru boru jechaa of dagachuun gatii heddu waan kanfalchiisuuf nama murtii ta’uu, jireenyi Mana Kiristaanaatiin ala jiru bu’a-qabeessummaadhaaf akka nama hin qaqqabsiifne hubachuun barbaachisaa dha. Qorumsi yoo nama qunnames Waaqayyoon qorumsicha dabarsee akka nama ceessisu hubachuun gaarii dha. Kana yoo raawwanne Waaqayyoon baay’isee nu eebbisa” jechuudhaan gorsa isaa arjoomeera.

Kabajamtoota hordoftoota toora interneetii tajaajila yaa’iiwwan mooraa qophii keenya kutaa sadaffaatiin immoo turtii eebbifamtoota qabxii olaanaa fidan kanneen biroo qabannee dhiyaanna. Hangasitti turtii gaarii!