“Amataadhaan cimaa” (1Qor. 16÷13)

                         

Amantaan kennaa ta’uu isaa kan ibsu Kitaaba Qulqulluudha. Gargaartota 72 keessaa tokko kan ta’e Yihuudaa obboleessi Yaa’iqoob ergaa isaatiin “Yaa michootakoo isa waa’ee qooddannuu waa’ee fayyina keenyaa isiniif  barreessuu jaalladhee osoon jiruu Qulqullootaaf amantaa altokkicha raawwatamee  laatamef akka qabsooftan isin gorsaa isiniif barreesuun dirqama anatti ta’e. jechuudhaan dubbata. (Yihu. 1÷14) 

Amantaan kennaa Waaqayyoo ta’uu isaa hubachuudhaaf hiikaa amantaa sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Namootni tokko tokko “Amantaan hin fayyisu”,”Gooftaa dhuunfaa keetti Waaqessi” ,”Kitaaba Qulqulluu akka siif galetti hiikitii hubadhu” jechuudhaan iyyuu barsiifata taasifataniiru. Lallabaisaanii kanaanis qofummaa maqaa bilisummaatiin halalummaafii gadhiisummaa, Amantaa dhaabbata hin qabne babal’isanii dhaloota balleessaniiru. Kitaabni Qulqulluun garuu qofummaafii daangaa dhabummaa nu hin barsiisu. Kana qabatamaan hubachuuf Duuka bu’aan Yihuudaan ergaa isaatiin kan nuuf barreesse gabaabummatti tarreessinee haa ilaallu.Ergaa Duuka bu’aa kanaa irraa ergaa Afuuraawaa itti aanaanu haa hubannu.

Amantaan kan kenname fayyinaaf ta’uu isaa

“Waa’ee fayina qooddannuu.” jedha waan ta’eef Barsiifata Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidootti Amantaan: Sadummaa qaama Waaqayyoo  ,Tokkummaa Waaqummaa   kan amalummaa kan jiraachuu kan uumuu kan kennuu kan dhorkuu, Tewaahidoodhaan nama ta’ee mul’achuu Kiristoos gidirfamuu, du’uu, ka’uu,  ol ba’uu isaafii lammata dhufaatiisaa amanuu,cuuphaa malee qulqulluu Foon isaafii kabajamaa dhiiga isaa malee jireenyi akka hin jirre fudhachuufii  ,dhuma irrattis namni  erga diigamee tortore booda ni ka’a jedhanii abdii cimaa qabachuudha.(Um.1÷26, 3÷22, Isa. 7÷14, 9÷6, Mik. 5÷1, Far.D. 49÷2, Yoh. 22÷12, Yah. 3÷5, Mar. 16÷16, Yoh. 6÷50-59, Mat. 26÷26, Isa. 26÷15-16, Dan. 12÷2)

Osoo kun ta’uu dhaabaatee qulqulloonni irra deddeebi’anii “Amantaadhaan cimaa”, “Amantaadhaan dhaabbadhaa”, ”Amantaa keessan eegaa” jechuudhaan nu hin barsiisanu ture.(Qol. 1÷26-27, 1Qor. 16÷13, Qol. 2÷7, Yihu. 1÷20,  H.D. B 6÷7,14÷27)

Amantaan Qulqullootaaf kan kenname fii maqaa Isaan kan waamamaniif ta’uu isaa

Amantaan Qulqullootaaf kan kenname waan ta’eef Duukaa bu’ichi “Qulqullootaaf al tokkicha kan kenname” nuun jedhe. Amantaan Kiristaanummaa kan kenname Qulqullootaafidha.Qulqulloota yommuu jennu Kitaabni Qulqulluun akka nu barsiisutti

  • Qulqulloota Ergamoota (Maat. 25÷31, Dan. 4÷42)
  • Qulqulloota Raajota (2ffaa Phex. 3 ÷12,1÷21)
  • Qulqulloota Duukaa buutota (Phex. 3 ÷2)
  • Qulqulloota qajeelitaafii Wareegamtootadha. (Luq. 1÷6, 2Phex. 2÷7-8, Ibr. 11÷34

Kanaafuu amantaan Qulqullootaaf kan kennamedha yommuu jennu Qulqulloota Ergamoota, Raajota,Duukaa buutota, Qajeelotaafii wareegamtootaaf kan kenname jechuu keenyadha. Nuti Amamtaa kiristaanummaa kan fudhanne malee kan eegalle waan hin taaneef kan biraa haa eegallu(haa bu’uuressinu, kana haa daballu,sana haa hirrisnu  jechuuf mirgas beekumsas eeyyamas hin qabnu.  “Bu’uura Raajotaafii duukaa buutotaa irratti hundeeffamtaniittu.” Akka jedhu (Efe 2÷19-20) Amantaan kan itti daballu kan irraa hir’isnu kan itti foonu qodaa laabraatoorii keessaa, ilaalcha siyaasa addunyaa,sirna bulchiinsaa yookiin qola diizaayinaa miti. “Iyyasuus Kiristoos har’as boriis amma bara baraatti sanuma.” Akka jedhu. (Ibr 13÷7) 

Amantaan kiristaanummaa amala isaatiin kan hawaasaati malee kan dhuunfaa miti. “dhuunfaakeen waaqessi”, “dhuunfaakeen kadhadhu”, kkf dubbiin gadi bu’aan akkasii Bartoota biratti iddoo hin qabanu.”Bartootni,” Qulqullootni”,”ga’oomaa”,”Kadhadhaa”,”wal ga’aa” jedhanii amala amantaa  kiristaanaa isa sirrii nuti malee ani kan itti hin jedhamne nutti himaniiru.Tokkummaa keenya akka jabeessinuufii qofummaa akka fageessinu nutti  lallabaniiru. (1Qor. 1÷12, Ibr. 10÷25, H.D.B 2÷47)

Ilaalcha siyaasa addunyaa, dubbii ykn ejjennoo namoota addunyaan beekamtiidhaan oi baaftee keesse,ykn akkasumas osoo hin qoratiin  kan isheen fudhatte fudhachuudhaan duuka bu’aa kan biraa osoo hin taane barnoota  Raajotni, Duuka buutotni nu barsiisan fudhachuudhaan nuti Kiristaanotni duukaa buutota Kiristoosidha.(H.D.B 20÷28, Yoh 10÷27)

Amantaan Kiristaanaa gonka ta’uu isaa

Manni kiristaanaa waa’ee sadummaa qaamaa Waaqayyoo tokkummaa amalaa,waa’ee  Nama ta’uu Isaa,waa’ee cuuphaa Isaa,waa’ee Qurbaanaa,waa’ee du’aa ka’uu, barnootni isheen waa’ee ulfina Qulqullootaaf kennamuu gonkadha. “Amantaa gonka ta’ee kenname” jedhamuu isaa qalbeeffadhaa. Kanaafis mana kiristaanaa keessa ta’ee cubbuudhaan,ejjaan,machiidhaan jaalala qabeenyaatiin,garaafii aangoo jaalachuudhaan tokkummaafi abboommii Waaqayyoo irraa qaama fagaate gaabbiidhaan haaromsuudhaaf qabsaa’uu male Amantaa  Kiristaanaa gonka taate nan haaromsa jechuun gara ganiinsa hammaataa,karaa badiifi du’aatti nama geessa. (Mat 5÷48, S/UUM 6÷9, 1Phex.  5÷10-11)  Hanqina tajaajiltootaa mana amantaa Kiristaanaa hanqina Amantaa Kiristaanaa gochuu irraa of haa qusannu.

Amantaan kan kenname altokkicha ta’uu isaa

Gara jireenyatti  kan nama geessu tokko dha malee yookiis karaa maqaa miti.(Erm. 6÷16, Maat. 7÷13-14) karaa aangootti,karaa qabeenyaatti,karaa beekumsatti kan nama geessanu karaan hedduun jiraachuu danda’u. Karaan Waaqayyotti nama geessu (Amantaa) garuu tokko qofa ta’uu isaa caqasa armaan olitti kaasne tasgabaa’uudhaan dubbisnee qajeelummaan hubachuun ni danda’ama. Addunyaa irratti amantaaleen hedduun ni jiru yoo jedhames hundi garuu Waaqayyotti nama hin gessanu. ”Waaqayyo tokko Amantaa tokko Cuuphaa tokko” akkuma jedhu Qulqulluun Phaawuloos.( Efe. 4÷4)

Kallattumaan gad dhiisummaafi fedhii foonii gita hin qabneen kan guutaman karaan badiisaa akka jiranu jarris namatti  namatti qajeelaa akka fakkaatanu nutti dubbatameera kan calaqqisu hundi warqee miti (Fak. 14÷12, Maat. 7÷13-14) Addaam irraa eegalee Qulqullootni ka’an hunduu Gara Waaqayyoo kan ga’an karaa tokkoon adeemaniitu malee karaa adda addaatiin adeemanii miti. Namani karaa fedhe irra adeemuudhaaf bilisummaa itti gaafatamummaa waliin akka isaaf kenname dagachuu hin qabnu. Amantaadhaan jiraachaa qabsaa’uun akka barbaachisu Duukaa bu’ichi ergaa isaa kanaan amantaa kiristaanummaatti amannee isa waliin yommuu jiraannu qormaatni akka jiruufii qormaaticha hundumaas danda’uufi qabsaa’uun akka barbaachisu nu barsiiseera.  Qabsoon kunis namoota foonifi dhiigaa waliin osoo hin taane namoota bultoo taasifatanii kan dhufanu afuurota hamaafii sexana waliini dha.”qabsaa’uun keenya fooniif dhiiga waliin miti.” Akka jedhame.(Efe. 6÷11-16)

Qabsoon mana kiristaanaa namoota waliin miti mo’ichi isaas malli isaas karaan mo’ichaas meeshaan isaas kan foonii miti. Karaan mo’icha isaa sagalee Waaqayyoo barachuu tsoomaaf(lagannaa) kadhannaan gara Waaqayyootti iyyuudhaan ga’ee ofii keenyaas karaa Afuuraawaa  ta’een ba’achuu tokkoon tokkoon keenyas ofii keenya qorachuun gaabbii galuudhaan qulqullummaa shaakaluufi qabeenya taasifachuudha.(Maat 17÷21, Efe. 6÷17, 2Qor. 13÷5) kanaafis manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo hanga dhufaatii Kiristoositti gidiraan akka ishee irraa adda hin baane jabeessinee haa beeknu.

Amantaadhaan cimnee akka dhaabbannuuf gaarummaan Waaqayyoo araarsummaan Dubaroo Maariyaam nu waliin haata’u!!