‘‘Dhagna /foon keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa’’ (Room. 6፥12)
Jechi cubbuu jedhu goch-ibsa cubbame (ኀጥ dhabe) jedhu irraa kan ba’e yommuu ta’u hiikti isaas:- dhabuu, irraa mulq amuu, irraa fudhatamuu jechuu dha. Addaam abbaan keenya waggoota torbaaf gannata keessatti uumamtoota bulchuudhaanii fi abboomuudhaan badhaadhinaa fi gammachuudhaan yammuu jiraaatu, gorsa seexanaatiin sossobamee biqiltuu balasii hin nyaatin jedhame ni nyaate, cubbuu of irratti moosise/aangesse, abboomii Waaqayyoos ni diige. Sababa kanaan kabaja isaa ni dhabe. Kennaan isaa irraa mulqame. Aangoon bulchinsaa Waaqayyoo irraa itti kenname irraa fudhatame. Hanga abaaramuttis isa geese. ‘‘Biqiltuu isa ani hin nyaatin jedhee si abboomes waaan nyaatteef lafti sababa keetiin abaaramtuu ni taati. Atis bara jireenya kee hundumatti itti dadhabdee isa irraa ni nyaatta. Inni qoraattii fi ni biqilcha. Atis biqila lafa Irraa ni nyaatta. Ati biyyoo dha, deebites biyyoo ni taata’’ jedhamee Gooftaakoo Waaqayyoo, iddoo gannata ni dhabe; gara lafa gatii hin qabnettis ni ari’atame. Ilmi namaa akka bara baraaf jiraatu kan uumame ofiisaa irratti cubbuu aangessee/moosisee bara-barummaa ni dhabe. Murtiin kun bu’aa cubbuun fide akka ta’e ni hubanna.
Addaam abboommii Waaqayyoo akka cabse yommuu hubatetti dhagna isaa isa qullaa haguugachuuf baala marxifate, dhokates balleessaan isaa boqonnaa isa dhorgee gaabbiidhaanis ni boo’e. (Um 3፥10-19) Firdiin /mutriin/ Waaqayyoo mirkanaa’aa waan ta’eef lafa irratti duuti ni moo’e. Addaam kabaja /ulfina/ qabu irraa ni bu’e; ‘‘Bu’aan /mindaan/ cubbuu du’a waan ta’eefis’’ (Room. 6፥23) jedhamee akkuma barreeffame dadhabbii fi dafqa isaatiin akka nyaatuuf qoraattii fi balaanwaraanteeciraa lafas qotachaa lubbuu isaa tursiisuudhaaf ni morke. Garuu, immoo Waaqayyoon arjaa gonka waan ta’eef gaabbii Addaam ilaalee ‘‘Guyyaa shani fi qixxee yammuu ta’u dhala dhala kee irraa dhaladhee si fayyisa’’ (Qaleeminxoos 3፥9) jedhee waadaa galeef bu’uuura godhatee barri 5500 yommuu raawwatamu, haadha keenya Giiftii keenya Durbee Maariyaamii irraa foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee addunyaa kana fayyiisuudhaaf ni dhalate.
Qulqullichi Yohaannis inni chuuphaas ‘‘Ilaa hoolichi Waaqayyoo Isa cubbuu biyya lafaa dhabamsiisu namni Ana dursee ture anaan booda dhufa jedhee waa’ee Isaa kanan isinitti hime Isa kana; Inni anaan dura tureeti garu Israa’eelonni akka Isa beekan ani bishaaniin cuuphuudhaaf dhufe (Yoh.1፥29-32) jedhee kan isaaf ragaa baheef Gooftaan keenyua Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos waada galeen biyya lafaa kana irratti ni deddeebi’e. Wangeela ni barsiise, dhibamtoota ni fayyise, addabaabayii Qaraaniyootti Fannoo irratti ni fannifame, ni du’e, ni awwaalame. Du’aa ka’umsa Isaaatiin du’aa ka’uu keenya ni labse. Addaamii fi ilmaan isaa gara kabaja isaanii duraatti ni deebise.
Waaqayyoon cubbuu malee cubbamaa waan hin jibbineef gatii nuuf kaffalame yaadachuudhaan akka sagalee /jecha/ Isaaatti imallee, kabaja nuuf kenname eegnee argamuun nu |Ortodoksoota irraa ni eegama. Kanaafi dha Qul. Phaawuloos ergaa gara warra Roomee erge irratti ‘‘Dhagna /foon/ keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa” jedhee kan nu yaadachiisu.
Cubbuun tokkummaa Waaqayyoo irraa gar gar nama baasa, foonii fi lubbuu human dhabsiisa, dhuma irrattis gara du’aatti nama geessa. Inumayyuu dargaggeeyyiin baay’een isaan haa midhuu ykn isaan haa fayyadu osoo hin qoratin rakkoo waan hundumaa yaaluu garmalee waan isaan irratti mul’atuuf salphumatti cubbuu shaakaluudhaaf ariifatu. Mana Kiristaanaa kenya ququlleettiin dargaggummaan bara ibiddaa ta’usaa ni barsiifti. Bara ibiddummaa kana Afuurawummaadhaan qajeelchuu yoo hin danda’min badiin isaa ofirraa darbee maatii, hawaasaa fi biyya akkasumas Mana Kiristaanaa Qulqulleettii ni miidha. Qulqullichi Phaawuloos ilma isaa isa Afuuraatiif ‘‘Ati garuu isa barsatte fi ittii hubattetti jabaadhu jiraadhu; eenyu irraa akka baratte ni beektati’’ (2Xim.3፥14) akkuma jedhe miila isaa jala taa’ee barachuu isaatiin hojiiwwan afuurawaa inni raawwatuun hundumaa gargaaruu fi hirmaachuun afuurawumma qabeenya taasifatee jiraatti dargaggummaa isaa itti fayyadamee jira. Miila isaa jala taa’ee barachaa fi tajaajilaa kan ture duuka bu’aan isaa Deemaas garuu miira dargaggummaa isaatiif bitamaa ta’ee addunyaadhaaf harka kennachuun, magaalaan Tasalonqee isheen caccalaqxe isa boojitee tajaajila isaa irraa gufachiiftee gattee jirti; cubbuus of-irratti moosise /aangesse/. ‘‘Deemaas biyya lafaa kana jaallatee annan na dhiise; gara Tasalonqeettis ni deeme.” (2xim.4፥10)
Barattoonni yaa’ii mooraa keenyaas umrii dargaggummaa keessa kan argaman waan ta’aniif maatii irraa kan itti fagaatan, ofitti amantummaa kan itti dagaagsan, addunyaa /biyya lafaatiifis/ ta’e jireenya Afuurawaatiif yeroo itti of saaxilanii kennan irra jiran waan ta’aniif hubannoodhaan of hogganuu qabu. Fedhiin foonii fi dhiibbaan hiriyyummaa osoo isaan hin mo’in gara Waaqayyootti dhiyaachuun waanjoo cubbuu cubbuu isaan mormu ofirraa gatuudhaan jireenya Afuurawaatiin ijaaramuutu isaan irraa eeggama. Daabiloos naannawa isaaniitti marsee daandii /karaa/ irraa isaan baasuudhaaf hirriba akka hin qabne hubachuun yeroo kamiyyuu caalaa soomiidhaan, kadhannaadhaan, sagaduudhaanii fi tajaajilaan dhama’uudhaan isa mo’achuu qabu. ‘‘Egaa, bektota ta’aa! Tattaaffadhaas! Seexanni amajaajiin /diinni/ keessan akka leenca waan liqimsu dhabee aadutti naanna’aatti isas amantiidhaan cimaatii mormaa’’ jechuudhaan qul.Pheexros akka barsiise. (1Phex.5፥8-9)
Gama lamaaniinuu jechuunis ogummaa biyya lafaa akkasumas ogummaa fi beekumsa Afuurawaatiin of sirreessuudhaaan biyyaa fi Mana Kiristaanaa Qulqulleettii fayyaduudhaaf yeroon sirrii yeroo dagaggummaa kana dha. Yeroo kana waan yaraa fi gatii hin qabneen dabarsuun waan hin barbaachifneef suga umrii dargaggumma Waaqayyoo irraa nuuf kenname kana suga ittiin faayadamuu nu barbaachisa. “Dhagna /foon/ keessan isa du’u irratti cubbuu hin moosisinaa /aangesisinaa/” jedhamnee akkuma baranne, Afuurawummaa tajaaajila qajeelummaaf /tolutummaaf/ oolchuudhaan kiyyoo cubbuu addunyaan /biyyi lafaa/ ittiin nu kiyyeessuuf diriirsite irraa fagaachuutu nurraa eegama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u!