Fedha/hayyama Waaqayyoo
Fedha/hayyama Waaqayyoo
Kuta Lama
B/sa Tarbinoos Tolasaatiin
Hiikaa:- Tadalaa (Baale)
Namni gara addunyaa Kiristaanummaatti yommuu seenu /dhufu/ fedha ofii ofirraa buusee fedha Gooftaa isaa baattatee gara Qaraaniyootti imalaa jiraata. Akka miiraa fi fedha nama dhuunfaatiin Qaraaniyoo hin ga’amu. Fayyisaan addunyaa Kiristoos dargaggoo sanaan “gara jireenyaatti seenuu yoo barbaadde abboommii eegi… waan qabdu gurguriitii hiyyeessotaaf kenni” jechuun Isaa maaliif isinitti fakkaata? Namni hayyama Waaqayyootiin malee fedha namaatiin mootummaa Isaa akka hin dhaalle agarsiisuuf dha.
Simi’oon inni Qareenaa Fannoo Gooftaa Isaa baatee daandii rakkisaa sana kan imale Manni Kiristaanattii hayyama/fedha Gooftaa isheetiin jiraachuu akka qabdu agarsiisuudhaafi malee Gooftaan dadhabee isa bayyanachiisuuf /boqachiisuuf/ miti. Kanaaf imalli Kiristaanummaa keenya akka fedha namaatti nama gammachiisuuf osoo hin taane akka hayyama Waaqayyootti Mootummaa isa akka dhaalluuf dha. Kanaafi dha Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkas jechuudhaan kan nu gorsu “Akka gabroota Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwatanii sana ta’aa malee nama gammachiisuuf, of agarsiisuuf kan bitamtan hin ta’inaa!” jechuudhaan kan nugorse (Efe. 6:6).
Gabri ofii isaatiif hayyama hin qabu. Hayyamni isaa hundinuu Gooftaa isaatif. Isa dhaabbate muri, isa kufe baqaqsi yoo jedhe Gooftaadhaaf ni mala; gabri Gooftaa isaa jalattii bula waan ta’eef. Duuka Bu’ichis “akka gabroota Kiristoos” jechuun isaa gaaddidduu fedha Isaa jala kanneen jiraatan akeekuuf ture. Kanaaf hayyama isaa keessatti ilmi namaa gahee guddaa qaba. Gaheen isaas hayyama Gooftaa isaa kadhannaadhaan gaafachuu dha. Akka barnoota Kiristaanummaatti hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo kadhannaadhaan daran ifa baha. “Kadhadhaa isiniif kennama” akkuma jedhame. Kanaaf kadhannaan ibsituu hayyama /fedha/ isaa akka ta’e kanaan beekuu ni dandeenya.
Hir’inaa fi guutummaa namaa akka itti himaniif Gooftaa hin barbaanne ta’ee osoo jiru, garuu immoo kadhannaadhaan akka isa gaafannu ni jaalata. Sababni isaa immoo kadhannaan ibsama hayyama /fedha/ Isaa waan ta’eefi dha. Omishaaf hojjetaan akka barbaachisu uumamni iyyatee miti. Beekumsa amaloomaa Isaatin malee. “Eegaa, kaa Gooftaa oomishichaa gara ooyruutti hojjetoota akka erguuf kadhatan” jedhee kan dubbate abbaa oomishichaati (Yoh 2:25). Oomisha Isaatiif garuu kadhannaadhaan akka gaafatamu Duuka Bu’oota kakaasa. Kunis kan ta’e hayyama /fedha/ isaa keessa gaheen ilma namaa akka jiru hubachiisuufi dha.
Waa’ee Duuka Bu’aa isaa Eephafraa jedhamu Duuka Bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kutaa itti dubbate keessatti “hayyama /fedha/ Waaqayyoo hundumaa hubattanii Qulqulluu taatanii akka dhaabbataniif waa’ee keessaniif kadhannaadhaan qabsuura raawwata” jedha (Qol. 4:22). Hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo ifa kan bahu Eephaafraan yommuu qabsuura raawwatu akka ta’e galmaa’uun isaa hayyama /fedha/ Waaqayyoo bira gahee ilma namaa jiru galuumsa sirnaan ibsuu dha. Gahee qaba jechuun garuu ni fedha sana ni murteessa, ni kenna, ni dheeressa, ni gabaabsa, jechuu osoo hin taane hayyamni/fedhiin Waaqayyoo kun isaaf akka kennamu kadhachuun isaa dhiifama Waaqayyootiif sababa ta’a jechuu dha. “Kanaaf nuti immoo isa kana guyyaa dhageenye irraa eegallee beekumsa hayyamni /fedhiin/ Waaqayyoo, ogummaan Afuuraa fi beekumsi hundumaan akka guutamtan isin kadhachaa isiniif kadhachuu hin dhiisne” (Qol. 1:9) akkuma jedhu. Hayyamni /fedhiin/ isaa balbala waan hundumaa waan ta’eefi dha kadhannaan kan barbaachiseef.
Jireenya Kiristaanummaa keessatti jiraachuu jechuun akka fedha /hayyama/ Waaqayyootti akka jiraannuuf waamamne. Fedha /hayyama/ raawwatameen Isa galateeffachaa fedha /hayyama/ hin raawwatamne eeggachaa jiraachuu jechuu dha. Kun yommuu ta’u fedha /hayyama/ Waaqayyoo akkamitti beekna? yoo jedhamee Waaqayyoon fedha /hayyama/ Isa duraa raajotaan, lubootaan, mul’ataan, raajiidhaan, fakkeenyaan, torbiidaan (subaa’eedhaan) ibseera.
Kakuu Haaraa keessatti immoo fedha /hayyama/ hin raawwatamne gama ilma isaa tokkicha Iyyasuus Kiristoosin nuuf ibseera. Innis akkas jechuudhaan “Addunyaa fayyisuuf malee addunyaa irratti murteessuuf hin dhufne” (Yoh. 12:47). Kiristoos duraan dursee soomuun Isaa soomuun keenya fedha /hayyama/ Isaa akka ta’e nu hubachiisuuf ture. Gara kawaalaatti seenuun Isaa kanneen kawaalatti galan hojiidhaan akka Isa fakkaatan fedha /hayyama/ Isaa isaaniif kennaa ture. Gara Mana Dookimaasitti deemuun Isaa gaa’ilaan murtaa’anii, daa’ima horatanii, godoo ijaarratanii namoota jiraatan jiruu isaanii eebbisee kennuuf ture. Foonii fi Dhiigni Isaa, haati fi Fannoon Isaa fedha /hayyama/ isaa ibsituuwwan ittiin barree dha. Dabalataan immoo fedha /hayyama/ Isaa baruufis ta’ee gaafachuuf Waaqayyoo soomaa fi kadhannaadhaan baay’isanii itti dhiyaachuu; naamusa gaariidhaan cimuudhaan; qaama ofii cubbuurraa qulqulleessanii dhiifamaaf fuuldura Isaa dhaabbachuu; gara Mana Kiristaanatti laphee cabeen; miira qajeelaadhaan deddeebi’uun fedha /hayyama/ Isaa karaalee ittiin beeknuu fi ittiin raawwannu dha.
Waa’ee hayyama Waaqayyoo yommuu qo’annuu of-eeggannoowwan raawwachuu qabnu
Fedha /hayyama/ Waaqayyoo yommuu gaafannu cubbuu keenya himannee, cubbuurraa qulqullaa’uu qabna. Itti aansee miira keenya hundumaa nu dogongorsuu danda’an irraa of-eeggannoo taasisuu qabna. Wanti raawwannu hundinuu “Waaqayyoo ni gammachiisaa?” jennee gaafachuu qabna. Wantoota gaarii fi yaraa gara fedha /hayyama/ Waaqayyootti nu eeruu waan danda’aniif dafanii gadduu fi gammaduu irraa of-qusachuu qabna. “ያወጽእ እግዚአብሔር ደዌ በእንተ ጥኢናሃ ለነፍስ: Fayyina lubbuutiif Waaqayyoon foon irratti dhibee ni fida” akkuma jedhame (Maaryisihaaq 2). Haalonni hundinuu fedha /hayyama/ Waaqayyoo irraa gargar nu baasuu danda’u. “Yaa obboloota koo Eeshiyaatti dararaa nurra gahe akka beektaniif waa’ee lubbuu keenyaa hanga abdii kutachuutti, humna keenyaa ol ta’ee garmalee nutti ulfaatee ture” (2 Qor. 1:8-9).
Duuka bu’ichi Qulqulluun Phaawuloos kanaan osoo hin xummurin “Ayihuudoonni anaan si’a shan qacceedhaan afurtamaaf tokko hir’uu ana reeban. Si’a sadi uleedhaan dhaanameera. Si’a tokko dhagaadhaan rukutameera. Dooniin koo si’a sadi cabe; halkanii fi guyyaa galaana keessan ture. yeeroo baay’ee karaarra deeme. Bishaan guutuudhaan doorsifamaa; saamtotaan doorsifamaa, saba kootiin doorsifamaa; ormootaan doorsifamaa; magaalatti doorsifamaa; lafa onaatti doorsifamaa; sobdootaan doorsifamaan ture. Dadhabbii fi ifaajee guddaadhaan, yeeroo heddu hirriiba dhabuudhaan, beelaa fi dheebuudhaan, qorraa fi uffata daaruu keessaan ture.” (2Qor. 11:24) jedha.
Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos gidiraa fi reebichi kun hundinuu fedha /hayyama/ Waaqayyoo ta’uu isaa waan beekee fi hubateef dararaa isarra gahaa ture tti osoo hin nuffin obsaan darbeera. Gidiraas ta’e gammachuu akka fedha /hayyama/ Waaqayyootti ta’uu waan danda’uuf waan hundumaan obsuu fi kadhannaadhaan cimnee dhaabbachuu qabna. Walumaa galatti, fedhiin /hayyamni/ Waaqayyoo guutumatti beekkamuu baatus hamma beeknee fi hubanneen ilmi namaa maqaa Isaa waamee kabaja isaa dhaalee akka jiraatufi dha.
Fedha /hayyama/ Waaqayyoo beeknee, fedha /hayyama/ Isaatiinis jiraannee, maqaa Isaa waamnee, kabaja Isaa dhaallee akka jiraannu hayyamni Isaa nuuf haa ta’u. ameen!
Galanni Waaqayyoo samii fi lafa uumeef!