“Bokkaan Yommuu Roobu warri beela’an ni Quufu” (Qu. Yaareed)
Akka barsiifata Mana kiristaanaa keenyatti maddi yeedaloo Qulqulluun Yaareed kutaa lee faaruu nuuf hojjateen waggaan iddoo afuritti qoodama. Kunis Birraa, Bona, Arfaasaa fi Ganna jedhamuun beekamu. (sooma digguwaa). Bu’uuruma Kanaan waqtiin amma keessa jirru kuni waqtii Gannaa jedhama. Kunis Waxabajjii 26 hamma Fulbaana 25tti guyyoota jiran hammata. Yeroo kanatti lafti imaanaa kan itti fudhattu, Sanyiiwwan kan itti biqilan, Biqiloonni kan itti lalisan, Samiin duumessaan kan itti haguugamu, Qaqawweewwan Waaqayyoo kan itti galateeffatan, Biqiltoonni firii akka naqataniif qaqawweewwan sagalee isaanii kan itti dhageechiisan, Bokkeenyi kan itti roobuu fi bishaanonni hamma daangaa isaanitti waqtii itti guutanii dha. Bara kana Ergamaan biyya lafaa Qulqulluun Yaareed “Yommuu bokkaan roobu hiyyeessonni in quufu” nuun jedha.
Tibba kana samiiwwan duumessaan haguugamu, Bishaan gara samiitti kortoo malee olbahee utubaa malee dhaabbatee kuufamuu jalqaba. Lafarraa olka’ees samii gubbaatti walitti qabama. Waaqayyoos ogummaasaa killayyaa ta’een duumessaan gudunfa, dugda qilleensarratti fe’ee iddoodhaa iddootti in sochoosa.
Kan nama ajaa’ibu ammoo bifni duumessaa si’a tokko yoo gurraacha’u si’a biroo ammoo yoo adii ta’u gaaffii maaliif? jedhu kaasuun keenya hin oolu. Jechuunis bishaan bifa, halluu, Foolii kan hin qabne yoo ta’u samiirratti maaliif gurraacha’e? yoo gadi deebi’u ammoo maaliif hallu dhabeessa ta’ee dhufa?qilleensi killayyaan hoo akkamitti isa danda’e? Nuti arguu baannus abboonni keenya golga amantiitiin ilaalanii “Qilleensi amalasaatiin dukkana” jedhanii gurraacha akka ta’e nutti himan. Maarree duumessa dugda qilleensarratti fe’ee qilleensaan yoo sassaabu; sassaabamuu isaarraa kan ka’e gurraacha ta’ee argine.
Waaqayyoon ogummaa isaa killayyaa ta’een duumessoota erga sassaabee booda iddoo bokkaan itti barbaachisu hundatti akka keenyatti gingilchaa utuu hin fayyadamin duumessichi qaawwa utuu hin qabaatin jireenyaaf, lalisaaf, rooba firiif gahu madaalaa fi safaraa nuuf buusa. Hojiinsaa kuni Waaqayyoo hojiin kee dinqii dha hin jechisiisuuree? Bokkeenyis roobuu eegalu, bakakkaan in bu’u, qaqawweewwan sagaleesaanii balaqqeessisu, Waaqayyoo galateeffachuu eegalu.
Ijoolleen sadan faarfannaasaaniitiin “uumamni Waaqaa hundumtuu Waaqayyoo galateeffatu” (kadhannaa ijoollee sadanii) akkuma jedhan galataan guutamu. Uumamni Waaqayyoon uume hundumtuu dinqiidhaatii bakakkaa Ergamaa taasisee gara Qulqulluu Phaawuloosiitti yommuu ergu ilaalaa. Waaqummaasaa yommuu ibsuu barbaadu Phaawuloos ari’ataa ture; ari’atamaa akka ta’u yoo barbaadu sagalee balaqqee bakakkaatiin isa waame. Kiristaanota ari’achuu fi balleessuuf kan deeme deebisee barsiisee maqaasaa qabatee akka ari’atamu kan taasise Duuka Bu’aa yookiin Ergamaa ergee utuu hin taane balaqqee bakakkaatiin isa barsiise malee. Kana qofa miti bakakkaan akka geejjibaas ta’ee in tajaajila malee. Akkuma qabsuura Aabuna Gabra Manfas Qiddusii irratti barreeffame abbaan keenya balaqqee bakakkaatti akka geejjibaatti fayyadamuun Iyyarusaalemii, Gibxii, Itoophiyaa daawwatu turan. Uumamni Waaqayyoo hammam ajajamaa dha? Hammamis nama dinqa? (H,Du. 9:1-4).
Bokkeenyi lafa jiisu. Laftis in qabbanoofti. Qotee bulaan amantiidhaan “imaanaa kee eegi” jedhee sanyiisaa isheerratti facaasa, laftis imaanaashee eegdee bokkaa fudhattee ifaajee qotee bulaa ilaaltee sanyicha biqilchiti, kuduraalee lalisiisti, margas in guddisti. Amantii qotee bulaan lafarratti qabu yommuu ilaallu dachee uumama taate “tole nan amanama” jettee kan isatti hin dubbanne yoo hammana amane nuti har’a amanamuu utuu qabnu maaliif amanamuu dadhabneree? maaliif imaanaa keenya bahachuu dadhabneree? “Ahizaabota akka barsiistuuf mi’a filatamaa taasisee si filadheera” (H.Du. 9:15) kan jedhame Qulqulluun Phaawuloos ilmasaa Afuuraa Ximootewoosi akkas jedhaan” Yaa Ximootewoos imaanaa kee eegi” jechuudhaan imaanaa eeguun akka nurra jiraatu nutti hima.
Lafti bokkaa fudhattee xuraa’ummaa isheerraa qulqullooftee dhukkee ishee urgufattee lalistee turti. Xurii fi dhukkeen keenyahoo kan nurraa hurgufamu yoomi laata? “Bokkaan yommuu roobu warri beela’an in quufu” akkuma jedhu Qulqulluun Yaareed nutis beeloftoota jireenya Afuurawaa ta’uurraa baanee sagalee Waaqayyoo waqtii gannaatiin fakkeeffameen jiinee firii naqachuu qabna.
Qulqulluun Efreem inni Sooriyaa katabbii (geechisa) isaa Galata Maariyaamii irratti akkana jedha “Bishaan Bokkaa Kan Sirraa Argame Duumessi Dhugaa Si dha” (Galata Maariyaamii Guyyaa Roobii) jechuudhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii duumessaan, Gooftaa ammoo bokkaadhaan fakkeessa. Nutis bokkaa dhugaa kan jedhame sagalee Waaqayyootiin ijaaramnee gaabbiidhaan golgaa cubbuu keenya tarsaasnee Waaqayyoodhaaf kan mijannu taanee argamuu qabna,
Hayyichi yommuu bokkaan roobu kanneen beela’an in quufu akkuma jedhe sanyiiwwan, kuduraaleen, biqiltoonni kan lalisan bokkaadhaani waan ta’eef nutis sagalee Waaqayyootiin lalisnee fi daraarree firii akka naqannuuf, kanneen beela’anis akka quufaniif Waaqayyoon abbaan keenya arjummaasaatiin deessuun Waaqayyoo Qulqulleettiin Durboo Maariyaam araarsummaasheetiin Qulqulloonni hundi kadhannaasaanitiin nu haa gargaaran! Ameen!!!