WALDAA QULQULLOOTAA FI YAA`II MOORAA
KUTAA TOKKO
Itiyoophiyaan moototaa fi hayyoota biyyaa fi Mana Kirirstaanaaf dhaabbatan, seenaa fi yaadannoo baraan jiratuu kaa`anii kan darban maqaan isaanii yaadatamaa kan jiraatu baayyee kan horatte dha. Biyya ijaaruu keessattis ga`een Qulqulleettii Mana Kiristaana ol’aanaa dha. Haa ta`uu malee, ga`ee Manni Kiristaanaa gumachite hunda dagachuun akka boodatti haftuutti lakkaa`uun bara 1966 jalqabee mootummaan raayyawaa yaad-rimee “Waaqayyoon hin jiru.” jedhu gaggeessuun addatti yaad-rimee Ortodooksii jibban kan Markisi fi Leeniin babal`ise. Amantootni Ortodooksii ifatti amantii isaanii akka hin gaggeessine hanga dhorkuutti ga`e. Dargaggoota giddutti yaad-rimeen sooshaalizimii akka babal’atu taasisuun Mana Kiristaanaa irraa akka fagaatanii fi hordoftoota soshaalizimii akka ta`an dadammaqinsa guddaa taasise.
Haa ta`uu garuu, Ortodooksummaan akka booda hafinsaatti lakkaa`amuun utuu isaan hin rifachiisin barattootni Ortodooksii manneen barnoota ol’aanoo dhiibbaa isaan irra taasifamaa ture damdamachuun mooraa Yuunivarsitii kiiloo 6 gamoo lakkoofsa 505 doormii lakkoofsa 28 keessatti Muddee 19/1977 obbolootni 5 maqaa Qulqulluu Gabri`eeliitin xoofoo jalqaban. Xoofoon jalqabamuun suuta suuta yuuivarsiitiiwwan Finfinnee keessa fi Finfinnee ala jiran keessatti saffisaan babbal’achuu danda`e.
Sababa hongee yeroo sana mudateen mootummaan bakkeewwan qubannaa qopheessuun barattoota dhaabbilee barnootaa ol’aanaa yeroo bobbaasutti barattootni Ortodoksii Gambeellaa fi Matakkal isaan qaqqabe tokkummaan wal-ga`uun sagantaa kadhannaa fi barumsaa gaggeessuu itti fufanii jiru. Bara Araaraa 1980 irraa kaasee baratootni Kiristaanaa Yuunvarsitii barachaa turan muraasni waqtii Gannaa dhaabbata leenjii lubootaa Zuwaay seenuun karaa Abuuna Gorgooriyoos lammaaffaa carraa leenjii fudhachuu argatan.
Yerichi yeroo waraanni itti jabaachaa dhufe waan tureef barattootni dhaabbilee barnoota ol’aanaa leenjii waraanaa fudhachuuf gara wiirtuu leenjii garaagarattii akka seenan taasifame. Addatti barattootni Ortodoksii wiirtuu leenjii waraanaa Bilaattee turan galgala galgala wal-arguun kadhannaa taasisuu fi barumsa Ortodoksawaa barachuu itti fufan.
Jijjiirama mootummaan boodas dargaggoonni Ortodooksi kunneen wal-ga`uun Mana Kiristaanaa beekumsa isaanii, ogummaa isaanii, qabeenyaa fi human qaban hundaan dargaggoota tajaajilaan qopheessuu fi bobbaasuuf; dargaggoota qorannoo fi qu`annoo isaanii mana Kiristaana irratti geggeessan horachuuf; dhaloota sodaa Waaqayyoo qabu; biyyaa fi Mana Kiristaanaa isaa kan jaalatu; dhugaa fi haqaaf kan dhaabbatu; hojii hojjetuun itti gaafatamummaa isaa kan ba’u; naamusa gaarii kan qabuu fi malaamaltummaa irraa bilisa ta`e lammii gaarii horachuuf adda durummaan yaa`ii mooraa irratti akka hojjetuuf yaaduun Qulqulluu Sinoodoosiin Caamsaa 1, B.A. 1984tti ifatti sirna ittiin bulmaataa isaa raggaasisuun Waldaan Qulquolloota hundeeffame.
Itti fufa…