CAAMSAA TOKKO YAA`II MOORAA KEENYAAF
Hundeeffama Waldaa Qulqullootaa waggaa 31ffaa sababeeffachuun “caamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf” jecha jedhuun Eebla 28 hanga caamsaa 6/ 2015tti sagantaa garaagaraatiin akka kabajamu koreen qindeessituu beeksise.
Waldaan Qulqullootaa waggoota 31 darbanitti barattoota yaa`ii mooraa lakkoofsaan baay’ee ta`an bu`uura doogmaa, qannoonaa fi darbi-darboo Mana Kiristaanaa Qulqulleetii sirna barnootaa bocee barsiisuun dhaloota beekumsaa fi namuusa gaariin cimsuun biyyaa fi Mana Kiristaanaa akka fayyadan oomishuun ga`ee isaa ba’achaa kan turee fi gara fuuladuraattis jijjiiramoota dhufan irratti hundaa`uun cimee akka itti fufu itti aanaan koree qindeessituu kan ta`an obboo Abbabaa Badhaadhaa ibsaniiru.
Waldaan Qulqullootaa bu`aa ba`ii fi haalota mijatoo dabarse ka`uumsa taasisuun Mana Kiristaanaa fi biyyaaf tajaajila fooyya`aa kennuuf ejjennoo cimaa qabu bu`uureffachuun yaa`iiwwan mooraa jajjabeessuun, rakkoowwan mudatan furuun tajaajila yeroo madaale akka raawwatamuuf “Caamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf” bu`ura jedhuun kabajuuf murteessuu isaa Obbo Abbabaan ibsaniiru.
Obbo Abbaabaan ibsa isaaniitiin “Baroota tajaajilaa darban kanatti jijjiiramootni bu`aa qabeeyyii mul`atan caalatti tajaajilaaf kan kakaasan waan ta`aniif; jechuunis barattoota lakkoofsaan hedduu ta`an sirna barnootaa bocuun barsiisuun, mana barumsaa Aabinnatii (Abbummaa) baratanii tajaajila Mana Kiristaanatti akka hirmaatan taasisuun, yeroo isaanii seeraan fayyadamuun barnoota idilee isaanitti cimanii badhaafamtoota geebaa fi warqee horachuu isaatiin, dhaloota namuusa gaariin ijaaramani Mana Kiristaanaa fi biyya kan tajaajilan horachuun, barsiisota bakka bu`an horachuun, k.k.f. tajaajila yeroo isaa eeggate kennuuf akka kaka`umsa qabaatu taasiseera’ jedhan.
Eebla 28 hanga Caamsaa 6/2015 tti Sagantaalee jiran irrattis caalatti jijjiiramoota gaarii yaa`ii mooraa itti fufsiisuuf, rakkinoota jiran furuu fi tajaajila isaa cimsuuf sagantaan galii sassaabuu akka jiru himaniiru.
Sagantaa galii sassaabuu kana irratti barattoota yaa`ii mooraa, maatiwwan barattootaa fi kanneen yaa`ii mooraa irraa eebbifamanii hojii fi tajaajila garaagaraa irratti bobba`an irraa sagantaan galii sassaabuu akka karoorfame obbo Abbabaan beeksisaniiru.
Waldaan Qulqullootaa biyya keessatti wiirtuuwwan 48, biyyaa alaa wirtuuwwan 4 yoo qabaatu walumaagalatti yaa`iiwwaan moora 452 (biyya keessa 435, biyya alaa 23) akka qabu ragaaleen ni mul’isu.