“Isin abboota nana! isa jalqabaa jalqabee jiru sana beektaniittuutii isiniif barreessuufan jira. Isin dargaggoota nana! hamaa mootaniittuutii isiniif barreessuufan jira.” (1ffaa Yoh. 2:13)

Barsiisaa Biitawadadi Warquu

Qulqulluun Yohaannis “Isin dargaggoota nana! Isa hamaa mootaniittuutii isiniif barreessuufan jira.” jechuudhaan dargaggoota addunyaa hamaa mo’atan ni galateeffata. Kunis addunyaa hamaa keessa jiraachaa hamaa injifachuun jabina Afuurawaa fi injifachuu agarsiisa. Dargaggoonni tokko tokko “Bara dargaggummaarra jiraachaa Qulqulluu ta’uun akkamitti yaaddama? Addumyaarra jiraachaa dhugoomaa ta’uun akkamitti yaalama?” jedhu. Haa ta’u malee, addunyaa hamaarra jiraatanii addunyaa mo’achuun akka danda’amu seenaa dargaggicha Yooseef irraa ni baranna.

Qulqullichi Yooseef obboloota isaatiin gurguramee biyyaa isaa Kana’aan irraa fagaatee garbummaadhaan Gibtsii yoo jiraatu, qorumsa isa muudate dandamachuudhaan hammeenyaa injifateera. Kitaabni Qulqulluun “Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yooseef irra buufattee, “Ana wajjiin ciisi!” ittiin jette.” (S.Uum. 39:7). Yommuu isa qabuuf yaaltetti Yooseef “Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan, “Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa jirus hin beeku; wanta kan isaa ta’e hundumaa harka koo jala galcheera; mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan uffata isaa darbateefii akka baqate Kitaabni qulqulluun nutti hima. (S.Uum. 39:8-9).

Qulqullichi Yooseef tarkaanfii akkanaa fudhachuun isaa gatii guddaa isa kaffalchiiseera. Haati manaa Phixifaaraa haaloo itti bahachuu barbaadde. Kanaafis oggasuma iyyitee tajaajiltoota ishee waamuu eegalte. Yooseef ishee gudeeduudhaaf akka yaalee fi yommuu isheen iyyitu dheessee akka jalaa miliqetti isaanitti himte. Yooseefi yakkuudhaaf hamma abbaan manaa ishee deebi’utti uffata isaa qabdee isa eegde. Phixifaaraan gara manaatti deebi’ee  yommuu dhufu, sobuma sana irra deebite itti himte. Karaa biraatiin Phixifaaraan nama alagaa kana gara manaatti fiduusaatiin wanta isheerra gaheef itti gaafatamaan isa akka  ta’e ibsite. Phixifaaraanis ni dheekkame. Yooseefis gara mana hidhaatti darbate. Seenaan gaddisiisaan haadha manaa Phixifaaraa hammenya akkanaa hordofsiisee jira.

Qulqullichi Yooseef garuu, ofii isaatifis, hoogganaa isaatifis, uumaa isaatifis kan amaname ta’uu isaa gochaan raggaasiseera. Nuti dargaggoonni har’aa dhaabbata keessa hojjennuuf, hoogganaa keenyaaf, hiriyoota keenyaaf amanamoo dhaa? Hawaasa ulfaatinni imaanaa fageenya samii waliin walbira qabamee himamu gidduutti guddannee amanamoo ta’uu dhabuun keenya sababni isaa maali dha laata? Qulqullichi Yooseef addunyaan cubbuudhaan yommuu isa qortu kiiyyichaan akka hin qabamneef Waaqayyoo yaadeeraatii yommuu sobaan isa yakkanii fi gara mana hidhaatti akka darbatamu taasisanii ennaa qorumsaaf isa saaxilanitti Waaqayyoon isa yaadate. Yooseef inni godaane sun muudamaa Gibtsii ta’e. Nutis “Ejjennaa koo dubbii Keetiin jabeessi, yakki tokko illee humna ana irratti hin godhatin! Ajaja kee hundumaa akkan eegutti, cunqursaa namaa jalaa na furi!” jechuudhaan haa kadhannu. (Faar. 119:133).

Barri dargaggummaa bara jabinaati. Abboonni keenya “Qoraan dargaggummaatti cabsan bara dullummaatti ho’ifatu” jedhu. Barri dargaggummaa hojjetanii kan itti argatan, yoo kufan ka’uu kan itti danda’anii dha. “Yaa dargaggeessaa, dargagummaa keetti gammadi! Bara dargagummaa keettis garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi, wanta ijji kee argu duukaas bu’i! Garuu, Waaqayyoon wanta kana hundumaaf gara firdiitti akka si dhiyeessu beeki! Mucummaanii fi dargagummaan waan darbaniif, yaaddoon si irraa haa fagaatu, dhagna kee keessaas dhibeen haa badu!” akkuma jedhu. (K/Lallabaa 11:9-10).

Dargaggummaan kutaa jireenyaa abdii hedduu qabuu dha. Si’a tokko milkaa’uu dhabuudhaan lammaffaa yaaluudhaaf booddeetti hin jedhu. Dargaggummaan nama gammachiisa. Yoo ilaalanis ni miidhaga. Faayawwan nam-tolchee kamiyyuu osoo hin fayyadaminiyyuu dargaggummaan miidhagina. Gaarummaa fi hammeenyi garuu, dhimma filannooti. Cubbuu kan nu dhiisisu umrii osoo hin taane jaalala Waaqayyooti. Ofis, seenas, biyyas, ummatas jijjiiruuf kan barbaachisu umrii dheeraa osoo hin taane qalbii guddaa dha. Inni ijoon bara dheeraa turuu keenya osoo hin ta’in akka eeyyama Waaqayyootti jiraachuu keenya. Umrii xiqqoo qabnuun  hojii baraaf hafu, wanta dhalootatti himamu hojjechuun ni danda’ama.

Dargaggummaan akka ibiddaatti jabaa dha. Ibiddi kun karaa qajeelaa ta’een yommuu ibsamu kaka’uumsa, ho’iinsa, mul’ata qabaachuu agarsiisa. Ibiddi kun karaa faallaa ta’een yommuu ibsamu ammoo dheekkamsa, muddamuu, obsa dhabuu, miirawaa ta’uu, aaruu jechuu agarsiisa.

Ibiddi eebba akkuma ta’e badiinsas ta’uu danda’a. Wantoonni faayidaa qabeessa ta’an yoo sirnaan hin qabamne badiin isaanii hammuma faayidaa isaanii sana. Ibidda ta’anii kan nutti dhufaniif bishaan taanee qabbaneessuutu barbaachisa. Fedha fooniitiin, yaada sagaagalummaatiin yommuu nutti dhufan Qulqullummaadhaan, sodaa Waaqayyootiin qabbaneessuu fi gara gaabbiitti affeeruutu nurraa eegama. Ibidummaan keenya kan bilcheessu malee kan ciincessee guggubu akka hin taane; bishaanummaan keenyas kan walmadaalchisu malee, kan dhaamsu akka hin taane gamaggamuu qabna. “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. Egaa, warra of qaban, kadhata gochuufis warra ciman ta’aa! Baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef, hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!.” akkuma jedhu (1ffaa Pheex. 4:7-8).

Murtaa’anii hammaan jiraachuun amala dargaggoota Ortodoksaawaati. Kunis “Barri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, “Anatti hin tolan” ittiin jettus utuu hin dhiyaatin, bara dargaggummaa keetti Uumaa kee yaadadhu!” qajeelfama jedhu eeguudhaaf fayyada. (K/Lallabaa 12:1). Dargaggoon Ortodoksaawaa Waaqayyoo Uumaa isaa yaadu wanta namni ittiin gaddu hin dubbatu. Namoota gidduutti qoqqoodiinsa hin uumu. Maatii isaa hin gaddisiisu. Ollaa isaa hin jeequ. Hiyyeessota hin yaaddessu; kabaja namootas hin tuqu.

Qulqullichi Daawiit “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa’ummaatti eeguu danda’a? Akka dubbii Keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu ni danda’a.” jechuudhaan akka dubbate (Faar. 119:9), dargaggoota sagalee Waaqayyootiin akka cimaniif barsiisuu fi daandii agarsiisuun barbaachisaa dha. Dargaggoonni dubbii waan baraniif, qabannaa maallaqaa waan beekaniif, waraqaa ragaa waan qabataniif qofa bilchina jireenyaa qabu jechuu miti. Dhaabbilee gurguddaa keessa waan hojjetaniifis guddaa ta’aniiru jechuu miti. Kanaafuu, beekkamtoota akka ta’aniif qofa carraaquu irraa beektota akka ta’aniif deeggaruun barbaachisaa dha. Kanaafis, Duuka Bu’aan Qulqulluun Phaawuloos akkuma dubbate “Garuu, dhugaan Wangeelaa akka hin tuqamnetti isiniif eeguudhaaf, nuyi battala tokko illee isaan kanaaf abboomamuudhaaf of hin laanne.” (Gal. 2:5) jechuudhaan akkuma dubbate yaada fi gocha foonii irraa fagaatanii sagalee Waaqayyoo qajeeltoo jireenya isaanii taasifatanii akka imalaniif gargaaruun barbaachisaa dha.

Yeroo ijoollummaa keenyaa dhoqqee bukeessinee taphanna turre. Sanaanis gammadoo turre. Erga guddannee booda garuu, dhoqqee harka keenyaan tuquu mitii miila keenyanuu irra dhaabbachuuf iyyuu in ciggaa’oofna. Sababni isaas beekumsi guddachuun nu gonfachiise dhoqqee irraa xuraa’ummaa malee homtuu hin argamu kan jedhuu dha. Akkasumas, bara sammuudhaan daa’ima turre sanatti cubbuudhaan gammaduuf yaallee jirra. Gowwoomnes darbineerra. Ga’eessummaa Afuurawaatiif yommuu geenyu garuu, cubbuu irraa xuraa’ummaa malee homtuu akka hin argamne nuuf gala. Cubbuu dhiisuu kan qabnu immoo adabbii isaa jechuunis fooniin mana hidhaa; lubbuudhaan ibidda bara baraa sodaannee qofa osoo hin taane, uumama kabajamaa Waaqayyoo akkeenyaan Qulqulluuti. Duuka Bu’aa Kiristoos kan ta’e ani Kiristaana, Mana Qulqullummaa bultoo Afuura Qulqulluuti jenneetu ta’uu qaba.

Kana irraa kan hafe, yaa dargaggootaa; beekumsi isin beektan beekumsa kophaa addunyaa irra  jiruu miti waan ta’eef; beekumsi ammoo baruma baraan guddata waan ta’eef kanneen biroos dhagahuudhaaf eeyyamamoo ta’aa. Hamma bara baraatti kan barannu waan taaneef waggaa soddomaa fi afurtamaatti xumurreetoo beekne jettanii hin yaadinaa. Ilaalcha hundumaa humnaan ni jijjiira jedhu keessaa bahaa. Addunyaan tuni kan dargaggootaa qofa osoo hin taane, kan daa’immaniis, kan ga’eessotaas, kan maanguddootatisi waan taateef kanneen biroofis carraa kennaafi. Jireenyi daandii dheeraa dha malee afuuruma takkaan kan xumuramtu waan hin taaneef tasgabbii fi hubannaadhaan imaluu hin irraanfatinaa. Yommuu sana ergaan dhugoomummaa “Isin dargaggoota nana! hamaa mootaniittuutii  isiniif barreessuufan jira.” jedhu isin dhaqqaba. Gonfoon mo’iinsaa isiniif qophaa’a, balballi Mootummaa Waaqayyoo isiniif banama.

              Galanni Waaqayyoof Haa Ta’u!