Akkaataa lakkoofsa dhaha Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti Fulbaana 26 hanga Sadaasa 5 yeroon jiru “Yeroo abaaboo/Zamana Tsigee” jedhama. Afaan Giiziitii “Tsegeye” jechuun daraaree, firii naqate, miidhagee, bareede, mallattoo firii godhate jechuudha.
Yeroon abaaboo/zamana tsigeen yeroo itti dacheen magariisa uffattu yoo ta`u Mana Kiristaana keenya keessatti yeroo itti haati keenya Qulqulleetti dubroo Maariyam warra Isa ajjeesuuf barbaadan Heroodis fi loltoota isaa jala Gooftaa keenya Iyasuus Kiristoos qabatee gara gammoojji Gibxiitti godaanuu ishee yeroo itti yaadatamudha. Kana bu`uura taasisuun lubootni, beektootni Mana Kiristaana, amantootni torbaniin Dilbata galgalaa kaasanii galatoo halkanii/mahilete tsige, sa’ataatii geessisu. Yeroo kana haadha keenya Qulqulleetti Dubro Maariyaami abaaboo, turungoo, Roomanitti… fakkeessaa Uumaatiif farfannaa fi galatoo dhiyeessu.
Gooftaa keenyaafi fayyisaan keenya Iyasuus Kiristoos Beteliheem kutaa Yihudatti yeroo dhalatu namootni ogummaa baha irraa gara Iyarusaalem “Urjicha bahaa argine sagaduuf dhufnee jirra Mootiin Ayihudoota gara kamitti dhalate?” jechuun dhufan. Bara sanatti mootichi Heroodis isaan alatti kan Israa`eel mo`u akka hin jirreetti dhaadataa waan tureef dhalachuu Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Iyasuus Kiristoos yommu dhaga`etti ni rifate, guutumman Iyarusaleemis isa waliin raafame.” (Maat 2:4-5)
“Ati yaa Betelihem ishee biyya Yihuuda keessaa! Ati mandaroota gurguddoo Yihuuda hundumaa keessa ta`uuf xiqqoodha. Haa ta`uu garuu dhufaatiin Isaa jalqabaa kaasee kan barabaraa kan ta`e Israa`eel irratti mootii kan ta`u si keessaa ni dhalata.” Kan jedhu raajiin raajotaa Heroodisiin dhiphise. Kanaafuu, Gooftaa keenya ajjeesuuf barbaade. (Maat. 2:1-2) dhugaa jiru hubatees namoota ogummaa dhoksaan waamsisee bara urjichi itti mu’late isaan irraa ni hubata. “Deematii waa`ee mucichaa dhugaasaa qoraa dhaa. Akkuma argatanii anis akkan isaaf sagaduuf karaa koo deebi`aa anatti hima jedhee Betelihemiitti gaggeesse.” (Maat. 2:4-9)
Namoota ogumma sunis gara Beteelihem yeroo deeman urjiin bahatti argan hanga bakka mucichi jiru ga`ee hanga dhaabbatutt’ isaan geggessaa ture. Dallaa horii keessatti bineeldonni afuura Isaani isa ho`isaa mucicha haadha Isaa Qulqulleetti Dubroo Maariyam waliin argan, kufanii sagadaniif. Sanduqa isaanii bananii warqii, ixaanaa fi qumbii harka-fuudhi dhiyeessaniif.
Kana booda Ergamaan Qulqulluu Gabri`eel abjuun Yoseefitti mu’latee “Ka`ii mucichaa fi haadha Isaa fudhadhuu gara Gibxiitti baqadhu. Heerodis mucicha ajjesudhaaf waan barbaaduuf.” Jedhee itti hime. Mucicha haadha Isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyam fudhatee halkaniin gara Gibxiitti baqate. (Maat. 2:13)
Haati keenya daa`ima waggaa kudhan shan taatee mucaashee dugdatti baattee beelaa fi dheebuu damdamatee mucaa ishee harka Herodis oolchuuf Yoseef fi Solomee waliin gara gammoojji Gibxiitti godaanuuf dirqamte.
Waaqayyo raajicha Hoose irra buluun “Mucaakoo Gibxii waame” jedhee dursee akka dubbate Gooftaa keenyaa fi fayyisaan keenyaa umrii daa`imummaan gara Gibxitti kan godanee rajiin raajotaan dubbatame akka raawwatuufi. Gama biraatiin dhiigni Gooftaa keenyaa Kiristoos yeroo isaa malee (guyyaa Jimaata) waan hin dhangalaneef Isa ajjeesuuf kan barbaadu mooticha hamaa Heeroodis jalaa ooluufi. (Hose 11:1-2)
Namootni ogummaa Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Iyasuus Kiristoosiif warqii ixaanaa fi qumbii kennanii gara biyya isaanitti yeroo deebi`an mootichi Heeroodis karaa isaa dhufanii mucichi eessa akka jiru akka itti himan ajajuus achiin hin deebine. Ergamaa Qulqulluu Gabri`eel abjuun isaanitti waan himeef karaa biraatiin gara biyya isaaniitti deebi`an.
Heeroodis namootni ogummaa sun gara isaatti akka hin deebinee fi akka isa gowwomsan yeroo hubatu baayye dheekkamee Betelihemii fi kutaa ishee keessatti daa`imman umrii wagga lamaa fi isaa gadii ajjeesise. Yommus raajiin Eermiyaas kan dubbatte ni raawwate, “Sagaleen Raamaatti dhaga`ame, sagalee boo`ichaa fi wawwaannaa ture; Raahel ijoollee isheetiff boosse, isaan waan hin jirreef jajjabaachuu didde” akka jedhu. (Maat 2:4-18)
Godaansa Gibxii waggaa sadii fi walakkaa booda Heeroodis waan du`eef Ergamaan Waaqayyoo biyya Gibxitti Yoseefitti abjuun mu’latee. Akkas jedhe “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan du`aniif, ka`ii mucichaa fi haadha Isaa fudhadhuutii biyya Israa`eel deemi” jedhe. Innis ka`ee mucichaa fi haadha Isaa fudhatee gara biyya Israa`eel seene. (Maat. 2:18-21)
Beektoonni mana kiristaana keenya kana bu`uura taasisuun “Yaa Maariyam gara biyyaa kee gara Naazireetitti deebi`I; Si irratti jeequmsa kan fidu eenyuyyuu hin jiru. Akka waan mana hin qabnee Gibxi hin turiin. Ergamaan abjuun Yoseefitti akka hime lubbuu mucichaa kan barbaadan (Heeroodis) du`eerahoo” jechuun jechuun beektonni galatoo halkanii/maahilatiin galateeffataa bulu.
Waliigalatti yeroo abaaboo kanatti guyyaa dilbataan manneen Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti Maahileetii (faaruu halkanii) dhabaachuun ayyanni guddaan kabajama. Haati keenya mucaa ishee qabatee Soloomee fi Yoseef waliin gara Gibxiitti yeroo godaantu dhiphuu fi dheebuu, rakkoo fi gidiraa ishee irra ga`e yaadachuuf; Gibxii gara biyyashee Naazireetitii deebi`uu yaadachuuf jecha yeroo abaaboo kanatti tajaajilli ho`aa ni gaggeeffama.
Yeroo kanatti galatoo halkanii/Maahilatiin dhaabatamu, farfannaa fi qidaaseen … Hunduu yeroo abaaboo/zamana Tsigee irratti kan hunda`ee dha.e Eebbaa fi suga haadha keenyaa argachuuf soomaa/laguu fedhii kan sooman amantoota baayyedha.
Galanni Waaqayyoof haata’u!