Dr. Maggarsaa

1. SOOMNI MAALI?

Sooma jechuun sa`aatii muraasaaf nyaata irraa dhorkamuu, bu`aa bineensotaa irraa dhorkamuu cubbuu irraa immoo yeroo hundaaf dhorkamuu jechuu dha. Waa`ee sooma Fithaa Nagasti keewwatni 15 bal`inaan dubbata. “Seera soomaa kan hojjete Gooftaaf ajajamaa sa`aatii muraasaaf, guyyaa muaraasaaf nyaata irraa dhorkamuu dha.”

Qulqulluun Yaareed digguwaa irratti “Gurri hamaa dhaga`uu irraa, ijji hamaa arguu irraa haa dhorkamu” jedheera.  Waliigalatti qaamni miiraa keenya hamaa raawwachuu irraa haa dhorkaman jechuu dha. Soomni akka kanaa hanga gaafa du`a keenyatti kan soomnu dha. Soomni seera bara kakuu Duraa fi Kakuu Haaraas ture dha. “Sooma Qulqulleessa” jedheera. (Iyyu’eel 1:12)

“Jilbi koo soomaan dadhaban; fooni koos dhadhaa dhabuun huqqate” (Faar. 98:24) akka jedhame yeroo soomaatti bu`aa bineeldotaa irraa jechuun oon, aannan, dhadhaa fi k.k.f. irraa dhorkamuun ni mala. Fithaa Nagasti keewwata 15 lakk. 585 irratti “Foon bineeldotaa hin nyaatamin; horii irraa kan argaman aannanii fi dhadhaanis hin nyaatamin” jedha. Raajituu Haannaan soomaa fi kadhannaan, guyyaa fi halkan tajaajilaa Mana Qulaqulluummaatii adda hin baatu ture” jedhamteetti. Soomni fi kadhanaan ishee kun qoricha Isiraa`eel kan ta`e Gooftaa arguuf ishee qaqqabsiise. (Luq. 2:37)

Qulqullichi Paawuloosis sooma “ Jajjabinaa fi soomaan; Qulqulluummaa fi beekumsaan; gorsaa fi obsaan; arjummaa fi jaalala wal caalcisuu hin qabne Afuura Qulqulluun; jecha dhugaa humna Waaqayyoo bitaa fi mirga namaaf ta`u meeshaa waraanaa  Qulqullummaa” jedheera. (1Qor. 6:5-8)

2. SOOMNI MAALIIF FAYYADA?

A. Gargaarsa Waaqayyoo barbaaduuf:- akkas jechuun foonii fi lubbuun akka nu gargaaruuf ni soomna. (2 Seenaa baraa 20:3) “Iyyoosaafixis ni sodaate; Waaqayyoo barbaaduuf fuallaa isaa qaljeechee biyya Yihudaa hundattis sooma labse.” Jedha. Gargaarsa Waaqayyoo barbaacha wanta Iyyoosaafix raawwate sooma labsuu dha. “Namootni Nanawee Waaqayyoon amanan; sooma labsa; xiqqaa kaasee hanga guddaatti daaraa uffatan.” Namootni Naanawwee sababa yakka isaanii biyyi isaanii baduuf turte. Haa ta`u garuu sooma labsanii namni hunduu erga soome booda biyyi isaanii badiisaa oolte. (Iyyu’eel 2:12)

“Ammas Waaqayyoon; Iaphee keessan guutuudhaan, boo`ichaan gadduudhaanis gara Kootti deebi`aa!” jedha. Kunis cubbuu keenyaa fi yakka keenya amannee soomuu fi boo`ichaan gara Waaqayyoottii yoo deebine badiisa irraa akka fayyinu agarsiiftuu dha.

B. Daandii sirrii argachuuf:- “Waaqa keenya duratti akka gad of qabnuuf jecha, Isa harkaa daandii qajeelaa ofii fi ijoollee keenyaaf qabeenya keenyaafis akka kadhannuuf qarqara laga sooma labsaa.” Jedha. ( Izraa 20:24) Lakkoofsa 23 irratti immoo bu`aa soomaa akkas jedhee ka`a “ Waa`ee kanaatiifis ni soomne Waaqayyoos ni kadhanne. Innis nuuf kadhatame.” Jedha. Izraan sababa itti sooma labse dubbateera nuyii fi ijoolle keenyaaf akkasumas qabeenyaa keenyaaf daandii sirrii akka nuuf kennu jechuudhaan.

C. Fayyina foonii fi lubbuutiif:- Soomni hidhaa seexanaa jalaa bilisa ba`uuf, fayyina foonii fi dhiifama cubbuutiif ni fayyada. Gooftaan Duuka Bu`oonni Isaa fayyisuu kan dadhaban dhukkubichi maaliin akka fayyu yeroo itti himu “Dhukkubni kun soomaa fi kadhaatiin malee maalin iyyuu ba`uu hin danda`u” ittiin jedhe. (Maar. 9:29) Qulqullichi Yaareedis Digguwaa irratti waan kana jabeessu dubbateera “Soomni madaa lubbuu ni fayyisti, fedha foonis ni balleessiti” jedheera. Madaa lubbuu kan jedhame cubbuu dha. Soomni madaa lubbuu ni fayyisti jechuun cubbuu namaaf haqsiifti jechuu dha. Hayyootni dhibba sadiifi kudhsaddeet fitha Nagast keewwata 15 lakk. 524 irratt “Cubbuun isaa akka haqamuuf; gatiin isaa akka baayyatuuf; fedha foonii dadhabsiisuuf; foon lubbuu dubbatuuf bichisiisuuf Kiristaana hundaaf soomuun kan ajajamee dha” jedhan.

3. SOOMA FUDHATAMA HIN QABNE:-

Soomni kadhannaa fi jaalala wajjiin akkasumas hojiiwwaan gaarii biroo wajjiin yoo hin taane fudhatama hin qabu. Kanas Waaqayyoon akkas nuun jedha “Maalif soomne nu hin ilaalle jedhu. “Kunoo guyyaa sooma keessan fedha keessan raawwattu. Hojjettoota keessan hunda dhiphistu. Kunoo lolaa fi falmiif ni soomtu. Ani sooma kana hin filanne. Soomni kun Waaqayyoo biratti kan filatame miti.” Jedhameera. (Isaa. 58:3-5)

Nama yakkaa yoo soomne, soomni keenya Waaqayyoo biratti fudhatama hin qabu. Namni ati ni soomta jedhee akka nu jajuuf soomni soomnu fudhatama hin qabu. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristoos “Ati garuu yoo soomtu Isa dhoksaatti jiru Abbaa keetif malee nama duratti kan soomtu akka hin fakkaanneef fuula kee dhiqadhu mataa kees dibadhu. Dhoksaatti kan argu Abbaan kee ifatti siif kennaa” jedhe dubbateera. (Maat. 6: 17-18)

Jechi kun kan dubbatame sooma labsii ala warra jiraniif malee soomni labsii hunda biratti kan beekamu waan ta`eef galat yantuu hin qabu. Sooma dhokatta kan jedhame sooma labsii ala abbaa gabbii keenya biraa qannoonaa fudhannee kan soomnuu fi fedha keenyaan eebba foonii fi lubbuu argachuuf jennee kan soomnu waan ta`ef namni kamuu beekuu hin qabu.

4. SOOMA LABSII :-

Bara Kakuu Duraatti addatti guyyoonni soomaman turan. Kanas “Waaqayyo Gooftaan akkas jedha, “Soomiin ji`a afraffaa, kan ji`a shanaffaa kan ji`a torbaffaa kan ji`a kurnaffa namoota Yihuudaaf guyyaa gammachuu fi ilillee, guyyaa ayyaana gammachuus ni ta`a.” (Zak. 8:18). Kana irraa kan hubannu ji`oota eeraman kana soomni soomamaa akka ture dha. Bara Kakuu Haaraattis Kiristaanonni hunduu soomuu kan qaban  soomni labsii torbatu jiru. Isaanis kannen armaan gadiiti:-

a) Sooma Iyyasuus:- Soomni kun sooma Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Kawaala Qorontoositti soome yaadaa kan soomnu dha. Gooftaa fi Fayyisaan keenya akkuma cuuphame oolee utuu hin bulin Amajjii 14 eegalee hanga Guraandhala 21tti Kawaala Qorontoos seenee soomeera. (Maat.4:1) torbeen jalqabaa sooma kanaa ‘zawarada” jedhama. Hanga sa`aatii 12tti soomama. Torban lammaffaan “Qiddist/Qulqulleettii”; torban sadaffaan “Mikuraabi”; torban afraffaan “Matsaaguu”; torban shanaffaan “Dabra Zayitii”; torban ja`affaan “Gabr Heer”; torban torbaffaan “Niqoodimos”; torban saddettaffaan “Hosaa`inaa’ jedhamu. Qaiddisti kaasee hanga Hosaa`inaatti hanga sa`aatii 11 ni soomama. Hosaa`inaa kaasee hanga Du`aa Ka`uu (tinsaa`ee)tti torban dhukkubbii (ሰሙነ ሕማማት) jedhama. Hanga galgala sa`aatii 1tti soomama. Fitha Nagasti kewwata 15 lakk. 585.

b) Sooma Fayyinaa:- Kunis yeroo “በዓለ ሐምሳ” fi Ayyaana Cuuphaa fi Dhalachuun Gooftaa roobii fi jimaata oole malee kan soomamuu dha. Fitha Nagasti keewwata 15 lakk. 586. Roobii fi Jimaatni kan soomamu hanga sa`a 9tti dha.

c) Sooma Nanawee:- Kunis uummanni Nanawee yeroof badiisa irraa ittiin fayyaniiru. (Raajii Yoonaas ilaalaa). Nutis dheekamsaat akka hin saaxilamneef akkuma namoota Nanawee ni soomna. Fitha Nagasti keewwata 15 lakk. 587.

d) Sooma Gahaad:- Kunis guyyaa jala bultii Ayyaana Dhalachuu fi cuuphaa Gooftaatti kan soomamu dha. Cuuphaan Gooftaan sadummaa fi tokkumaa kan itti mul`ise yoo ta`u dhalachuun immoo kan hin mul`annee kan fooniin itti mul`ate waan ta’eef jechuun mul`achuu jechuu dha. Fitha Nagasti keewwata 15 lakk. 587.

e) Sooma Raajotaa:- kun baroota afranuu Sadaasa 15 eegalee hanga Dhalachuu Gooftaatti kan jiru dha. Roojotni Gooftaan ni bu`a ni dhalata jedhanii sooma soomani dha. Fitha Nagasti kew. 15 lakk 588

f) Sooma duukabu`oota:- Kun immoo phiraaqilxoosii kaasee hanga adoolessaa 5tti sooma soomamudha. Duukabu`onni carraan hiratanii gara kutaa lallaabaa isaanii deemuun durattii tajaajilli isaanii kan milkaa`ee akka ta`uuf sooma soomanidha. Fitha Nagasti keewwata 15 lakk. 589

g) Sooma Maariyaamii:- Hagayyaa 1 kaasee hanga Hagayyaa 16tti isa jiru dha. Duuka Bu`oonnii foon Maariyaamii argachuuf jecha Torbii(ሱባኤ) kan itti galanii fi ጘooftaan keenya Gannata keessaa fidee isaanitti kenne kafananii erga awwaalanii booda kaatee olbaatetti. Yaadannoo sanaati.

Sooma labsii torbaan kan jedhaman isaan kana dha. Sooma guddichaa ala kan jiran hunduu hanga sa`aatii sagalitti soomamu. Sanbataa fi dilbata bu`aa beeyladaa irraa dhorkamna malee akka warra kanii hanga sa`a ammasitti haa soomamu kan jedhu hin qaban. Kidamesi`ur (sanbata du`aa ka`umsa dura jiru) qofa ni soomama.  Kannee birootti aruu hin jiru. Fitanagast kewwata 15 lakk. 572

Galannii Waaqayyoof haa ta’u