Yaa’ii mooraatiifii itti fayyadama yeroo

Waaqayyo ilman namaatiif akka itti fayyadamanuuf kennaa kenne kessaa tokko yeroodha.  Hunduma sirnaan qopheesseeraatii kennaa isaaf seeraan qabachuu fii itti gaafatamummaadhaan fayyadamuun immoo ilmaan namaa irraa kan eegamuudha. “Hojii inni hojjete yeroo isaatti gaariidha” (k/lallabaa 3:11).

Yeroon dhaabbatee nu hin eegu: sakoondiin gara daqiiqaatti, daqiiqaan gara yerootti, yeroon gara guyyaatti, guyyootiin, gara torbeetii torbeewwan gara ji’aatti, ji’ootiin gara waggaatti … barri bara bakka buusuudhaan dhaloonni ni darba dhalooni bakka ni  bu’a. Yeroon ni dhufa yeroon  ni darba. Kanaan Waaqayyo umurii akka ittiin jiraannu nuyiif kenneen immoo kaayyoo uumamneef jiraachuun nu irraa eegama. garuu hammam itti fayyadamnee  jirra? Yoo jennu kan itti fayyadamne caalaa akkasummatti akka dabarsine hubanna.

Uumamoota irraa egalee abboommii Waaqayyoo eeganii, akka jecha Isaatti deddeebi’anii, hojiidhaan mul’isanii, ergama gara biyya lafaa kanatti dhufaniif raawwatanii, dhalootaaf fakkeenya ta’anii, kan Abbootiin darban har’as kitaabilee Qul’qullaa’oo keenya keessatti, jireenya hundumaatti caqasaatu jiraanna. Yeroo isaanii sirriiti gaarii hojjechuudhaan fayyadamaniiru waan ta’eef kakuu isaaniitiin nuti fayyadamtoota dha. Inni kan biraa garuu qoosuudhaa fii taphaan, akkasumas qajeelummaarra cubbuudhaaf dhaabbachuudhaan barasaa fixa. lamaan isaaniituu nuyiif gaarummaafii hammeenyaan fakkeeenyan ta’anii kan kasnu dha. “Isinis akka ittiin fayyitanuuf kan ittiin waamamtan sagalee jireenyaa dhageessaniittuutii amantanii abdii kan isiniif  godhe Afuura Qulqulluudhaan chaappeffamtan” (efe 1:13). Akka jedhu jaalalaan Waaqayyoon tajaajiluudhaan yeroosaanii wantoota gaariidhaaf fayyadamanii waammicha Waamamaniif amanamanii kan birootiif fakkeenya ta’anii darbaniiru.

Faalladhaan immoo “bara cubbuudhaaf bitamtanitti qajeelummaa iraa bilisa turtaniitii;hojii keessan yeroosanaatti kunoo ni yeelloftu; dhumni isaa du’a waan ta’eef “Jedha Waaqayyo duuka bu’icha Qulqulluu phaawuloos irra bulee (Rom 6:21) kanaaf yeroo keenya seeraan itti fayyadamnee eebba akka argannuuf Ortoodoksoota irraa ni eegama.

Gara yaada ka’umasaa keenyatti yomm- uu deebinu yeroo seeraan fayyadamuun hunduma irraa kan eegamu ta’us keessumatti Ortoodoksoota dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti kan argamanu barattoota yaa’ii mooraa irratti xiyyeeffannoo goona.

Dargaggoonni gara barnoota dhaabbilee olaanootti galan kan itti rakkatan keessaa tokko itti fayyadama yeroo isaanii to’achuu dadhabuudha. Maatii irraa fagaachuun bilisummaa waan isaaniif kennuuf rakkoolee adda addaatiif saaxilamuudhaan    milka’aa  osoo hin ta’in hafu . barnoota isaaniirraas jireenya Afuuraawaa irraas osoo hin ta’in hafu.  “Gara yaa’ii mooraa seentanii maalif hin barattanu? yommuu jedhamanu sababoota adda addaa dhiyeessu. kanneen keessaa muraasa yoo ilaalle.

  1. Yeroo qu’annaa keenyaa fudhata

Barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanoo erga seenanii booda yaa’ii mooraa keessatti akka hin hirmaanneadda dureedhaan kan caqasan “yerroo keenya fudhata (saama) jechuudhaan akka miliqqaatiif kan dubbatanuudha yaa’ii mooraa seenanii fooniifis ta’ee lubbuu isaaniitiif galaa kan ta’u qabatanii akka banuuf kan isaan gorsan hundumaa akka booddee hafaatti lakka’aa yoo qoosan mul’atu. Waaqayyo sodaachuun keessa isanii waan hin jirreef addunyaa hawwu.  barnoota boodas qu’annaadhaaf yeroosaanii keennurra fedhiin foonsaanii gara isaan agarsiise demuudhaan kan fedhan raawwatu.

“Guyyan dhiphinaa osoo hin dhufin bara dargaggummaa keetti Uumaa kee yaadadhu” (kit lall 12:1) jecha jedhu ni dagatu.  Ofii isaanii Waaqayyo irraa adda baasuudhaan yeroo gaabbii isaaniif kennametti hunduman harkaan qaba ,hunduman raawwadha jechuudhaan umurii dargaggummaa isaaniitti cubbuu hojjechuudhaaf tattaaffatu.  dhumni isaaniis bareedaa hin ta’u;  barnoota isaaniitiin hanga barbaadame osoo hin ta’in  tokkummaa isaan Waaqayyoo wajjin qaban addaan cite eebbifamanii ba’anis bakka ramadaman hundumaatti uummata tajaajiluurra ofii isaanii kan jaallatanu hojii hamaadhaaf kan jabaatan ta’anii argamu.

Seeraan yaa’ii moraa keessatti barattoonni hirmaatan garuu yeroo isaanii seeraan fayyadamuu isaanii irraa kan ka’e tajaajiluufii tajaajilamuudhaaf ofiisaanii kan qopheessan waan ta’aniif waaqayyoon qarqaaraa taasifatanii hubannaadhaan waan deemanuuf milka’aa ta’anii ba’uudhaaf hin rakkatanu.

  1. Yeroon bashananaa nu barbaachisa

Yeroo haftee isaaniitti sagalee Waaqayyoo dhaga’uufii dubbisuu irraa fagaachuudhaan “Sammuu keenya haaromsina” mala jedhuun yeroo isaanii taphaafii miidiyaa hawaasaatiif kennuudhaan gara-dhabeessa ta’anii kan hafan hedduudhan. miidiyaa hawaasaattis fedhii foon isaaniitiif kan isaanitti dhiyaatu ilaaluufii dhagahuudhaan cubbuu waliin wal baru . saala faallaa  darbanii  saala wal fakkaataadhaaf kan saaxilamanu hedduudha .

 Barnoota booda ofii isaanii boonuuf tattaaffiidhaafii fiigicha taasisanu keessatti  bakka bashannana naannawa dhaabbatichaa jiranu jechuunis mana caatii, tamboo dabalatee hashiishii, mana sirbaatiifii bakka gurgurtaa dhugaatii alkoolii bal’inaan waan jiranuuf yeroo isaanii akkasumatti wan hin fayyadneefii kaayyoo ofii kan adeemsa hirranfachiisun akka imalan isaan taasisa. Kanarraan kan ka’e osoo waggaa tokkoffaa hin xumurin hari’atamuuff yoo dirqaman arguun kan barame dha. Maatiin ilmikoo baratee fii hijii qabatee ofii isaatiifii maatii isaas qarqaara jedhee osoo eeguu deebi’anii ba’aa maatii ta’anii hafu.  Rakkoo kana hundumaaf saaxilamuu isaaniitiif sababni adda dureen yeroo isaanii gaarii kan ta’eefii kaayyoo waamamaniif waan hin oolchineefidha.

  1.  Dhiibbaa hiriyaa

Sababa adda addaatiin tokkummaa walii wajjin jiraachuu keessatti hiriyaa qabaachuu dandeenya. Hiriyaa kan hin taane nama akkamiitii? Waaqayyo sodaachuun isarra kan bule, karaa gaarii irra kan adeemu fii  fakkeenya kan nuuf ta’uu dhaa? Jennee sakatta’uun tokkoon tokkoon keenya iraa ni eegama. Keessumattuu dargaggoonni filannoo hiriyaa keessatti of eeggannoo taasuu qabu. Barattoonni yaa’ii mooraa keessatti hirmaatanus hiriyoota hin mijoofne irraa fagaachuudhaafii gaariifii gadhee adda baasanii karaa isa gaarii Waaqayyo akka isaanitti agarsiisu kadhannaadhaan dhaabbachuu, tajaajilaan cimuudhaan kaayyoo isaaniitiif amanamaa ta’uudhaan hubannoodhaan deemuutu isaanirra jira.

 Dhiibbaa hiriyaa  irraan kan kaayyoo isaanii irraa akka boodatti hin jenne Mana Kiristaanaa keessatti boqochuu, sagalee Ishee dhagahuudhaaf of qopheessuu, barumsa isaaniitiif tajaajila isaaniitiif dursa kennuun isaanirraa eegama.

  1. bu’aa teeknooloojii

Addunyaan kaayyoo dagachiisuu kan danda’an, dhaloota ijaaruu irraa maqaa teeknooloojiitiin dargaggoota booji’uu fii gara karaa badiinsaatti wantoota fudhachuu danda’an oomishuudhaan qbamtee9camadamtee) oolti. Sababa kanaan dargaggoonni yeroo isaanii akka qisaassessaniif carraa mijeessaa oolti. bu’aa teeknooloohjii tokko yeroo fii iddoo barbaachisaa qofatti fayyadamuun gaarii ta’us kana dagachuudhaan guyyaa guutuu wanta barbaachisaadhaafis hin barbaachifneefis qabamanii ooluun aradaaf nama saaxila. Keessumatti barattootni yaa’ii mooraa bu’aa teeknooloojii  yeroo isaanii qisaasessuudhaafii araadaaf kan isaan saaxiluu danda’u irraa fagaachuu, yeroo barbaachisaa ta’u barnoota isaaniitiif qarqaarsa kan isaanif gochuu danda’anu qofa yeroo barbaachisaatti fayyadamuun  ni  barbaachisa.

Dhimmootiin muraasaani  gubbaatti kaasuudhaaf  yaalle baay’inaan  dargaggoota  irratti caalaadhumatti dhaabbilee barnootaa olaanootti rakkoolee ulfaatanii mul’atanu akkuma ta’an of eeggannoo olaanaa kan barbaadaniidha.

Dargaggoonni yaa’ii mooraa keessatti hirmaatanis yeroo isaanii barnoota isaaniitiif tajaajila isaaniitiif kennuudhaan, tsoomaan(lagannaa), kadhannaafii sagadaan cimuudhaan gara Waaqayyootti kadhachuudhaan yeroo qaban karooraan fayyadamuudhaan  fayyadamaa ta’uutu isaan irraa eegama.

Barumsaaf, kadhannaadhaaf, yeroo tajaajilaf qabanu qopheessuudhan barattootni karooraan yeroo isaani fayyadaman mil’ka’aa ta’anii argina.  Kanaafis ragaafii mirkaneessaa guddaa kan nuuf ta’u dhaabbilee olaanoo adda addaatti turtii isaaniitti qabxii olaanaa galmeessisuudhaan badhaafamtoota geebaa fii meedaaliyaa ta’uu isaanii lakkoofsi isaaniis yerroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaati.

Qabxii olaanaadhaan eebbifamuu keessaniif sababni isaa maali jedhamanii yonmmuu gaafataman Yaa’ii mooraa keessatti hirmaachuun isaanii namusa gaariidhaan akka ijaaramanfii yeroo isaanii seeraan akka fayyadaman akka isaan qarqaare dubbatu. Yeroo isaanii haalaan itti fayyadamaniiruutii dheekkama sammuu irraa bilisa. Gochaa isaanii kanaan ofii isaanii irra darbanii maatii isaaniitiifii Mana Kiristaanaa isaanii eebbisiisu. Eebbifamanii yommuu ba’anis beekumsaan kan badhaadhe, namusa gaariidhaan dhaloota ijaarame ta’anii waan ba’anuuf dirree hojii itti bobba’anitti biyyaafii Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan itti gaafatamummaa isaanii ni ba’u. kanaanis yeroo haalaan fayyadamuun faayidaa akkamii akka argamsiisu  namoonni kan biraa akka hubatan fakkeenyummaa isaanii dhugaa baasisu. barattoota isaan booda gara dhaabbilee olaanoo seenaniif fakkeenya ta’u.

Walumaa galatti amantaadhaan of dammaqsanii, tajaajilaan of ijaaranii tsoomaaf kadhannaadhaan jabaatanii yeroo haalaan fayyadamuun milkaa’inaaf akka nama ga’u fakkeenyummaa barattoota yaa’ii mooraa irraa barranna jechuudha. Gara fuula duraattis barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanootti seenanis kana hubachuudhaan yeroo isaanii haalaan fayyadamuudhaan milka’aa ta’anii akka ba’anuuf itti fayyadamuu qabu.

                              Galanni Waaqayyoof haa ta’u.