{"id":4298,"date":"2026-05-07T13:08:36","date_gmt":"2026-05-07T13:08:36","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4298"},"modified":"2026-05-07T13:08:37","modified_gmt":"2026-05-07T13:08:37","slug":"eebba-duaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/eebba-duaa\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0Eebba Du\u2019aa Ka\u2019umsaa"},"content":{"rendered":"\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; &nbsp;<strong>Eebba Du\u2019aa Ka\u2019umsaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Du\u2019aa ka\u2019uumsi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu\u2019uura amantii Kiristaanaa fi labsii injifannoo dhala namaa Du\u2019a irraa gara jireenyaatti jijjiirame dha. du\u2019aa ka\u2019uu irraa kaasee hanga ol ba\u2019uutti guyyoota afurtamaa fi hanga guyyaa Pheenxeqoosxeetti guyyoota jiran kurnan yeroo addaa hundeeffama Mana Kiristaanaa fi yeroo sirni samii Duuka Bu\u2019ootaaf kenname dha. Akkuma daa&#8217;imni gadameessa keessatti hanga guyyaa afurtamaatti fakkiin mucummaa kennamuu Kirristoosis laphee Duuka Bu\u2019ootaa keessattii Mana Kiristaanaa bocaa ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya yeroo ulfina qabeessa kana keessatti isaan giddutti osoo argamu Iccitiiwwan Duuka Bu\u2019ootaaf ibse, abdiiwwan isaaniif kennee fi sirnawwan hundeessee Mana Kiristaanaa har\u2019a keessa jiraannuuf jireenyaa fi lubbuu dha. Qabxiileen kunneen firii du\u2019aa ka\u2019umsi addunyaaf buusee fi hojiiwwan gurguddoo Gooftaan keenya guyyoota kanatti hojjeteedha. Isaanis:<\/p>\n\n\n\n<ol>\n<li><strong>Du&#8217;oota Keessaa Ka&#8217;ee Du&#8217;a Injifachuu<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Kun bu\u2019uura ji\u2019aa du\u2019aa ka\u2019uu&nbsp; ti. Gooftaan guyyaa sadaffaatti awwaala keessaa ka\u2019ee duuti dhuma akka hin taane agarsiise. Duuti fuula Kiristoos duratti mo&#8217;amee abdiin namaa awwaalaa ol ta\u2019uu isaa mul&#8217;ise. (Maat. 28:1-6, Qor. 1faa 15\u136554-57)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>2. Oduu Du&#8217;a ka\u2019umsaa Dubarra hubachisu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Sababni du&#8217;aa dursa dubartoota yoo ta&#8217;es amma du&#8217;aa ka&#8217;umsi dursee isaanitti himame. &#8220;Maariyaam ishee Magdalaatti dursee mul\u2019ate&#8221;(Maar. 16:9) akka jedhutti.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas, Ergamaan sunis dubartootaan, &#8220;Inni du&#8217;aa ka&#8217;eera&#8221; jedhee misiraachoo itti hime, Gooftaanis &#8220;Gammadaa&#8221; jedheen. Kunis Waaqayyo oduu Fayyinaa warra dadhaboo fi lapheen isaanii gaddeef akka fidu argisiisa (Mat. 28:5-10).<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaanis dubartoota dhuga-baatoota jalqabaa kan Du\u2019aa ka\u2019umsaa akka ta\u2019an gochuudhaan ulfina isaanii haaroomseera.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>3. Labsii Nagaa Labsuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Duuka buutonni Yihudoota sodaatanii balbala isaanii cufanii osoo jiran, Gooftaan isaan gidduu dhaabbatee, \u2018\u2019Nagaan isiniif haa ta\u2019u\u2019\u2019 jedheen (Yoh 2:19).&nbsp; Sababni kanaas afuura sodaa fi yaaddoo du\u2019aa ka\u2019umsa dura ture nagaa samiin bakka buusuufi dha..<\/p>\n\n\n\n<p><strong>4. Iccitii Kitaabilee Ifa Gochuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Duuka bu\u2019oota lamaan (Luqaasii fi Qalayoophaa) gara Eemaahusitti imalaa turan, kitaabota irraa &nbsp;waa\u2019ee isaa kan barreeffame kaasee hiikeefiira. &#8220;Musee fi Raajota hundumaa irraa waa&#8217;ee Isaa Kitaabota hundumaa keessatti kan barreeffame isaaniif hiike.&#8221; (Luq 24:27) Sababni kanaas du\u2019aa ka\u2019uun taatee tasa ta\u2019e osoo hin taane, raawwii raajii Raajjotaa akka ta\u2019e ibsuufi.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>5. Icciitii Qurbaanaa Jabeessuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Mana keessatti buddeena eebbisee fi kutuudhaan imaltoota Eemaahusiif kennuun, argama Isaa karaa iccitii qurbaanaatiin argamu barsiiseera. &#8220;Buddeena sana fuudhee eebbisee, kutees isaaniif kenne; iji isaaniis banamee isa adda baasan&#8221; (Luq.24:30-31). Sababni kanaas erga qaama Isaatiin ol bahee booda, karaa icciitii qurbaanaatiin amantoota wajjin bara baraan akka jiraatu agarsiisuufi.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>6. Dallaa Shakkii Diiguu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Toomaas madaa isaa akka tuqu eeyyamuudhaan, du\u2019aa ka\u2019umsi hafuura qofa osoo hin taane fooniin ka\u2019uu Isaa mirkaneesseef. Sana booda Toomaasiin akkana jedhe: &#8220;Quba kee as fidiIitii harka Koo argi, harka kee fidiitii karaa cinaacha Koo galchi, kan amante ta\u2019i malee kan hin amanne hin ta&#8217;in.&#8221; (Yoh 2:27).&nbsp; Sababni kanaas du\u2019aa ka\u2019umsi jedhanii soba kan barsiisan akka ka\u2019an waan beekuuf sababa dhabsiisuufi.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>7. Aangoo Lubummaa Kennuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Duuka Bu\u2019ootaan itti afuuree Afuura Qulqulluu fi aangoo cubbuu hiikuu fi hidhuu isaaniif kenneera. &#8220;akkas jedhees itti afuuree, Afuura Qulqulluu fudhadhaa! Warra cubbuu isaanii dhiifama gootaniif hundi isaaniif ni dhiifama; Warri isaan jalaa qabdan jalaa qabama\u201d jedheen (Yoh. 20:22).&nbsp; Haala kanaan Gooftaan keenya hoggansa bulchiinsaa fi Afuuraawaa Mana Kiristaanaa (Hierarchy) hundeesseera.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>8. Sirna Abdii fi Gaabbii Agarsiisuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Pheexiroos isa Gooftaa ganeef si&#8217;a sadi &#8220;Na jaalattaa?&#8221; jedhee gaafachuudhaan gara kabaja isaa duraaniitti isa deebiseera. Innis &#8220;Hoolota Koo bobbaasi&#8230; ilmoolee koo eegi&#8221; (Yoh 21:15-17) jechuun duuka bu\u2019ummaa isaa mirkaneesseefira. Amanaan tokko cubbuu hojjachuun abdii kutee Mana Kiristaanaa irraa akka hin fagaanne gaabbii gallaan cubbamaan kamiyyuu gara kabaja isaatti deebi\u2019uu akka danda\u2019u gochaan agarsiisuuf kana raawwateera.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>9. Kitaaba Kakuu fi Dambii Sirna Waaqeffannaa Barsiisuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Akka darbii darboo Ortodoksi Tawaahidootti Gooftaan guyyoota kanatti &#8220;Kitaaba&nbsp; Kakuu&#8221; Duuka Bu\u2019oota barsiisaa ture. &#8220;Waa\u2019ee dubbii mootummaa Waaqayyoo itti himaa guyyaa afurtama itti mul\u2019ate&#8221; &nbsp;akkuma jedhu (HDB 1:3).<\/p>\n\n\n\n<p>Sababni isaas yeroo Duuka Bu\u2019ootni addunyaa barsiisuuf deeman akkamitti akka Waaqeffatanii fi maal akka kadhatan akka isaan hin rakkisnee fi Sirana Qulqulleessaa wal fakkaataa qajeelfama amantaa akka qabaatan gochuufi. Qulqulluun Phaawuloos &#8220;Garuu wanti hundinuu akkaa fi sirnaan haa ta&#8217;u&#8221;akkuma jedhe (Qor.1<sup>ffaa<\/sup> 14\u13654).<\/p>\n\n\n\n<p><strong>10. Ergama Wangeelaa Idil-addunyaa Kennuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Manni Kiristaanaa Yihudoota biraa darbitee alagoota hunda akka dhaqqabdu ajajamtee jirti. &#8220;Egaa dhaqaatii alagoota hundumaa maqaa Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaatii, waanan isin ajaje hundumaa akka eegan barsiisaa, duuka buutota isaan taasisaa&#8221; (Maat. 28:19). Sababni kanaas amantiin Kiristaanaa \/Manni Kiristaanaa\/ kan addunyaa maraa ta\u2019uu labsuufi.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>11. Gara Samiitti Ol bahuu fi Abdii Deebi\u2019ee Dhufuu Isaa abdii horachisuu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Dhumarratti gaara Dabra Zayiti itti yommuu ol bahu, ammas deebi\u2019ee akka dhufuu fi hanga dhuma addunyaatti isaan waliin akka ta\u2019u waadaa galeef. &#8220;Kunoo, Ani hamma dhuma biyya lafaatti yeroo hundumaa isin wajjinan jira&#8221; (Maat. 28:20). Kanaanis Gooftaan Duuka Bu\u2019oonnii fi hordoftoonni isaanii yeroo ari&#8217;atamanii fi gidiraa hamaa keessa yeroo darban abdiin kun akka isaan&nbsp; jajjabeessuufi dha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>12. Ayyana guyyaa shantamaffatti Afuura Qulqulluu Erguu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa kurnaffaatti (Du\u2019aa ka\u2019uu booda guyyaa 50ffaa) akka waadaa Gooftaan keenya kenneefitti Afuurri Qulqulluun Duuka Bu\u2019oota irratti bu\u2019eera. &#8220;Awaanni guyyaa shatamaffaa jedhamu yeroo ga&#8217;us&#8230; laboobni akka ibiddaatti qOFFoodame isaantti mul&#8217;ate; tokkoon tokkoo isaanii irra taa&#8217;an, hundi isaanii Afuura Qulqulluudhaan guutaman.&#8221;akka jedhu (HDB 2:1-4).<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Sababni Kana Ta<\/strong>\u2019<strong>eef<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>\u279c <strong>Humna Kennuuf:<\/strong> Duuka Bu\u2019ootni addunyaa keessa naanna\u2019anii Wangeela barsiisuuf humna samii irraa dhufu waan isaan barbaachisuufture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u279c <strong>Mana Kiristaanaa Hundeessuuf<\/strong>: Guyyaa Phenxeqosxeetti namoonni kuma sadii lallaba Qulqulluu Pheexiroosiin cuuphamanii imalli Mana Kiristaanaa ifatti guyyaa itti jalqabame waan ta\u2019eef.<\/p>\n\n\n\n<p>\u279c <strong>Afaan Qulqulleessuuf:<\/strong> Afaan (S\/Uma 11) sababa gamoo Baabilooniin sanyii namaa biratti qoqqoodamee kan ture tokkummaa Afuura Qulqulluutiin tajaajila Wangeelaaf akka oolu gochuu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Guduunfaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Taateewwan armaan olitti argine kunniin hundi erga Gooftaan keenya du\u2019aa ka\u2019ee booda kan dhufan eebba du\u2019aa ka\u2019umsaa ti. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Du&#8217;aa ka&#8217;uun Gooftaa Keenyaa Osoo Mul\u2019achuu Baatee Duuka Bu\u2019ootni<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Barumsi isaan waggaa 3 fi ji&#8217;a 3 baratan dur durii ta&#8217;ee hafa ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Duuka buutonni abdii dhabuun faffaca&#8217;anii hafu turan.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Waaqummaa Iyyasuus Kiristoos hin mirkanaa\u2019u ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Sodaachisummaan du&#8217;aa akkuma itti fufetti jiraata ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Duuka Buutonni wangeela biyya lafaatti lallabuuf hamilee hin qabaatan ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Kitaaba kakuu barachuun hin jiraatu ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Gochi <strong>Agbi\u2019oota Gibrii<\/strong> hin mul\u2019atu ture.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Ayyaana Ol bahuu hin arginu turre.<\/p>\n\n\n\n<p>\u00d8 Ayyaana Pharaaqilixoosii hin kabajnu turre.<\/p>\n\n\n\n<p>Kunniin hundi qabatamaan waan har&#8217;a barattoota Yaa\u2019ii Mooraa hubachiisan yoo jiraate, dadhabinaan, dhilbaa\u2019ummaan, maal na dhibdeedhaan, araadaan, waliigala du\u2019a cubbuutiin duunee abdiin yeroo keenya sirriitti fayyadamnee cimnee barachuun, karaa Wangeelaa akkasumas du&#8217;aa ka&#8217;uu gaabbii keenyaan yoo hin mirkaneessine, gammachuu foonii fi Fayyina lubbuu argachuun hin yaadatamu.<\/p>\n\n\n\n<p>Du\u2019aa ka\u2019uUmsi Gooftaa keenyaa fi hordoftootni isaa jijjiirama seenaa guyyoota shantama qofa osoo hin taane, guyyoota injifannoo abdiin dhala namaa itti haaroOmfamee fi bu\u2019uurri Mana Kiristaanaa itti kaa\u2019amee dha. Du\u2019aa ka\u2019umsi isaa du\u2019a injifachuu qofa osoo hin taane; jireenya haaraa, abdii haaraa fi sirna haaraa akkasumas, guutuu fi jiraattuu kan taate qaama Kiristoos (Mana Kiristaanaa) ilmaan namootaatiif kan kenne yeroo iccitii guddaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galatni Waaqayyoof Haa Ta\u2019u<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; &nbsp;Eebba Du\u2019aa Ka\u2019umsaa Du\u2019aa ka\u2019uumsi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu\u2019uura amantii Kiristaanaa fi labsii injifannoo dhala namaa Du\u2019a irraa gara jireenyaatti jijjiirame dha. du\u2019aa ka\u2019uu irraa kaasee hanga ol ba\u2019uutti guyyoota afurtamaa fi hanga guyyaa Pheenxeqoosxeetti guyyoota jiran kurnan yeroo addaa hundeeffama Mana Kiristaanaa fi yeroo sirni samii Duuka Bu\u2019ootaaf kenname dha. Akkuma daa&#8217;imni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4298"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4298"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4298\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4299,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4298\/revisions\/4299"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4298"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4298"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4298"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}