{"id":4260,"date":"2025-04-23T11:43:27","date_gmt":"2025-04-23T11:43:27","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4260"},"modified":"2025-04-23T11:43:29","modified_gmt":"2025-04-23T11:43:29","slug":"soomni-lubbuu-madaae-fayyisa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/soomni-lubbuu-madaae-fayyisa\/","title":{"rendered":"Soomni lubbuu madaa\u2019e fayyisa"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Kutaa Lammaffaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Giddu gala Adaamaa irraa)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Gosoota soomaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Soomni gosa lama. Isaaniis sooma labsamaa fi fedhiidhaan raawatamu jedhamanii beekamu.<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;<strong>Sooma Labsamaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Soomanni kun sooma labsamaa kan jedhamu nama hundaaf labsiidhaan kan labsamu yoo ta\u2019u, jechuunis namni umuriin isaa waggaa torbaa ol ta\u2019e hundi; akkasumas namni hundi ifatti waliin waan soomanufi. &#8220;Tsiyoon keessatti faaggaa afuufaa, sooma adda baalaakabjaa, walga&#8217;ii kabajamaa waamaa&#8221; (IYyuu&#8217;eel 2:15) akkuma jedhame yeroo tokko karaa Mana Kiristaanaatiin labsamee sirni hoojatameefi waan soomamaa jiruuf soma labsamaa jedhama. Soomonni torba Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin sooma labsamaa jettee labsituu fi hundi keenyakan waliin soomnu akka armaan gadiitti tareefaman:<\/p>\n\n\n\n<p>1. Sooma Guddaa (\u133e\u1218 \u1201\u12f3\u12f4).<\/p>\n\n\n\n<p>2. Sooma Roobii fi Jimaata (sooma Fayyiinaa).<\/p>\n\n\n\n<p>3. Sooma Duka Bu\u2019ootaa (Soomalaxabajjii)<\/p>\n\n\n\n<p>4. Sooma Maariyaamiii (Filsataa)<\/p>\n\n\n\n<p>5. Sooma Raajotaa (Sooma Ayyaana Qillee)<\/p>\n\n\n\n<p>6. Sooma Nanawee<\/p>\n\n\n\n<p>7. Sooma gaadii<\/p>\n\n\n\n<p><strong>B. Sooma tolaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Soomni tolaa jechuun labsiidhaan osoo hin ajajamin sooma namni hundi fedhii isaatiin soomu dha. Soomni qannoonaan nuuf kennamu kana keessatti hammatama. Yeroo tokko tokko, soomni nuti haala adda ta\u2019een ofii keenyaaf soomnuu sooma eyyamaa jedhama. Fakkeenyaaf, sooma Yoodit (kan Phaagumeen) keessa soomamu fi sooma Tsigee isaan kuneen sooma fedhii jedhamu.<\/p>\n\n\n\n<p>Barattoota kabajamtoota, soomni ibsa jaalala Waaqayyoo waan ta&#8217;eef laphee keenya irraa jaalannee soomuu qabna. Soomaan miira keenya gadi too\u2019anna. Soomni humna Afuurawaa kenna, afuura hamaa of irraa ittisuu fi tajaajila Afuurawaa raawwachuuf humna nuuf kennuu keessatti faayidaa guddaa qaba.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Akka fakkeessitootaa hin coolaginaa!<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos lallaba tulluu irratti akkamiin akka soomnu yommuu nu barsiisu, \u201cYeroo soomtan akka warra fakkeessitootaatti hin coolagin isaan akka sooman namootatti mul\u2019achuuf fuula isaanii ni coolagsu Dhuguma isiniin jedha gatii isaanii argataniiru.\u201d (Maat. 6:16). Dubbisa kana keessatti Qulqulluun Yohaannis Afawarqi jecha fakkeessitoota jedhu karaa lamaan hiikee kaa\u2019eera Isaanis:<\/p>\n\n\n\n<ol>\n<li>Soomuun isaani akka beekamus fula isaanii ni coolagsan. Isaan kunneen sooma isaanii Waaqayyoo gati soomaa kafaluuf osoo hin taane namoota nu diqsiifatan jedhaniif dinqisiifamuu qoofaaf namootattii of argisisan.<\/li>\n\n\n\n<li>\u00a0Warri osoo hin soomin akka sooman fakkeessanii, afaan gogsan fakkeessitoota jedhamanii jiru. Kan soomnu Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gamtaa qabaachuufi malee, galata yartuu argachuuf miti. Haa ta\u2019u malee, fakkeessitootni bifa lamaan mul\u2019atan kun kaayyoo soomaa dagatanii hubachuu dadhabaniiru. Gammachuun fakkeessummaa yeroodhaaf dafee kan dagatamu ta\u2019uu irraa darbee adabbiin isaa cimaa ta\u2019uu beeknee of eeggannoo gochuu qabna.<\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Barattoota jalatamtoota nyaatanii fakkeessummaa fi galata yartuu argachuuf yaaluu irraa fagaannee seeraa fi qajeelfama soomaaf dhugaadhaan bitamuu qabna. Keessattuu nyaatanii fakkeessuun galata yartuu fedhuu qofa osoo hin taane, sobas of keessa kan qabudhaatii. Fakkeessitummaa irraa fagaachuun seeraa fisirna soomaaf bitamuu qabna. Maatii, hiriyootaa fi tajaajiltoota Mana Kiristaanaaf sobaan seera qabeessa of fakkeessuun Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhabne of eeggachuu qabna. Namootatti soomaa fakkaachuu irraa of qusachuun gatii kan kafalu Gooftaatti of agarsiisuun barbaachisa. Fuula dukkaneessuun soomuu irraa, badhaasa Waaqayyoo biraa argannu amantii fi abdiidhaan eeggachuudhaan fuula ifeen soomun baay\u2019ee barbaachisaa dha. Gooftaan keenya akkamitti akka soomnu nu barsiise jira; nutis seera soomaa kana hordofuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristoos Waaqayyoon keenya guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa soomuudhaan jalqabaa hojii gaarii taasisee nuuf kennee jira. Nutis, dabarsuuf darbii darboo fi jireenya Duka Bu\u2019ootaa bu\u2019oora taasifachuun seers soomaa miidhagaa dhalootaa dhalootaatti walirraa qudhanna. Gooftaan keenya qabeenya argachuuf osoo hin taane, afuura haamaa, hundee cubbuu, kan akka of tuulummaa, Dooqnumaa, fi maallaqa jaallachuu akka mo&#8217;annuuf hojii Isaa nutti agarsiisuufi malee &#8220;Ani sooma keessan hunda soomeera, kanaaf kana booda soomuun isin hin barbaachisu&#8221; hin jenne.<\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamtoota barattoota akkuma mooraa keessatti hawaasa garaa garaa keessa jiraattan, warri amantiidhaan nu hin fakkaanee keessattuu gantoonii gaaffii nu gaafachuu malu. Fakkeenyaaf, fayyinaaf soomni hin barbaachisu, kiristoos nuf soomee jira, Yeroo kanatti soomana akka qabdan eessatti barreeffame? Wanti afaanin seenu hin xureessuu seera jedhuu cabsitan nun jechuu danda&#8217;u.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaalatamtoota barattootaa, garaagarummaan nuyii fi gantoota gidduu jiru bal\u2019aa fi dhimmi&nbsp;&nbsp; Fayyinaa keenyaa irra akka ta\u2019e hubachuu qabdu. Kana jechuun dubbii isaanii gubatti \u2018amantii qofa\u2019 ibsame barsiifata amantii qofa madda Fayyinaa jedhu irraa akka madde hubachuun barbaachisaa dha. Hoojiin gaariin Fayyiinaaf hin barbaachisu keennaa Waaqayyootiin qoofa fayyinee jirra\u2019 ejannoo jedhuun nu komachuu fi hoojii gaarii akka dagannu nu taasisuu danda\u2019u. kanaaf isaan irraa fagaannee yaada isaanii dhaggeeffachuu dhiisuu qabna. Sababnis. Soomni abboommii Waaqayyoo waan ta\u2019eef; hoojii gaariin lubbuu amantiiti &#8220;Kitaabnii Qulqulluunis Abrahaam Waaqayyootti amane, qajeelummaattis lakkaa&#8217;ameef kan jedhame raawatee \u2018michuu Waaqayyoo\u2019 jedhamee waamame. Namni hojii gaariidhaan fi amantaani malee amantii qofaan qajeelaa akka hin taanee ni hubatu. &#8230; Akkuma qaamni lubbuu irraa adda ba\u2019e du&#8217;aa akkuma ta\u2019ee akkasuma immoo amantiin hojii malees du&#8217;eera.&#8221; (Yaa\u2019iqoob 2:23-26) akkuma jedhu. Amantiin hojii gaarii waliin tokkummaan argamuu qaba. Kanaaf soomni hoojiilee gaarii keessaa isa dursaa ta\u2019uun isaa dagatamuu hin qabu. Gooftaan keenya garaa yaaduun du\u2019a akka ta\u2019e nu barsiisee jira dursa qajeelummaaf yaaduu akka qabnus nu yaadachiise \u201cWarri qajeelummaa beela\u2019anii fi dheebotan eebbifamoo dha ni quufu.\u201d (Maat. 5:6). \u201cKanaaf isiinin jedha, waa\u2019ee jireenya keessan maal akka nyaattan, maal akka dhugdan, waa\u2019ee qaama keessan, maal akka uffattan hin yaadda\u2019inaa! Jireenyi nyaata caala, qaamni immoo uffata caala mitii?\u201d (Maat. 6:25).<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf, barnoota seexanaa \u201cKiristoos siif soomee jira\u201d jedhu dhiifnee sagalee Gooftaa &#8220;Akkuman ani raawadhe raawadhaa&#8221; jedhu dhaga\u2019uudhaan daandii fakkeenya isaa hordofuudhaan hoolota dhugaa ta&#8217;uu qabna. \u201cGaruu immoo dursa Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa Isaa barbaadaa, wanti kun hundinuu isiniif dabalama.\u201d (Maat. 6:33). \u201cYeroo soomtan akka fakkeessitootaatti hin coolagin. Isaan namootatti akka soomanitti mul\u2019achuuf bifa isaanii balleessu. (Maat. 6:16) \u2018Wantoonni kun hundinuu\u2019 kan jedhame nyaata fi kan kana fakkaatan argisiisa. Kiristoos &#8220;Yeroo soomtan akka fakkeessitootaa hin ta&#8217;inaa&#8221; jedhe malee &#8220;Hin soominaa&#8221; hin jenne,<\/p>\n\n\n\n<p>Gara afaanii kan seenu hin xureessu jechuudhaan akka Heewaan garaa keenya waaqa keenya gochuudhaan gannata fi Mootummaa samii dhabnee akka hin badne of eeggachuu qabna. Kabajamtoota barattootaa, waan Gooftaan keenya yeroo qulqullina harka isaaniif yaadda&#8217;an dubbate ilaalaa, seera caalaa sirni nyaataa isaaniif yaaddoo ta\u2019e akkas jedheen &#8220;Isin illee akkas hammaa kanati hin hubatini? Wanti alaa gara namaa seenu hundinuu akka isa xureessu hin dandeenyee hin argitani? Gara Garaa isaa keessa seenee gara lafati ba&#8217;a malee gara onneetti hin seenu jedheen. Innis jedhee Keessatti, kan nama xureessu kan isa kessaa ba\u2019u dha. Keessa onneetti yaada haamaa ba\u2019u dha:- ejja, hanna, ajjeechaa, haawii gadhee, araaduu, hammeenya, gowwoomsaa, wallitti keenya gadhee, inaaffaa, arrabsoo, of tuulummaa, dhiba\u2019ummaa kun hundinuu nama keessaa ba\u2019e kan xureessu dha.&#8221; (Maar. 7:18-23). Barattoota argitaani? Kuni sooma mirkaneessa malee kan seera cabsu dhaa? Lakki Sababnis sooma jechuun nyaataa fi wantoota qaama xureessan hunda irraa of qusachuu waan ta\u2019eef.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, shakkitoota irraa of haa eegnuu. Karaa seera bareedduu soomaatiin qajeelummaa haa barbaannu. Gammachuu fi feedha foonii raawachuu irraa fagaachuudhaan Waaqayyoo wajjin tokko haa taanu. \u201cNamni abboommii Isaa eegu Isaan jiraata innis itti jiraata. Innis Afuura Inni nuuf kenneen nu keessa akka jiraatu ni beekna.\u201d (1<sup>ffaa<\/sup> Yoh. 3:24) akkumaa jedhame. Dabalataanis, fakkeenyummaa Isaa ilaaluudhaan hubachuudhaanis haala gaarin duka haa bunu. \u201cIsaanin jiraadhaa! namni jedhu inni immoo akka dadeebi\u2019etti inni mataa isaa dadeebi\u2019uu qaba\u201d (1<sup>ffaa<\/sup> Yooh. 2:6) jedhamee akka caqasamee.<\/p>\n\n\n\n<p>Waa\u2019ee yeeroo soomaa burjaaja\u2019uu hin qabnu. Kabajamtoota barattootaa maddii barsifataa fi Maddi waaqeffanaa Mana Kiristaanaa kenya Kitaaba Qulqulluu qofa osoo hin taane, yaa&#8217;ii addunyaa mana kiristaanaa, duudhaa \/darbii darboo qulqulluu, fi jireenya abbootii, Ergamoota irraa eegalee akka ta&#8217;e ragaa gahaa ol qabna. Seerri soomaa kakuu haaraa keessatti kitaabota saddeetan hunda keessatti kan barreeffame ta\u2019uun isaa dagatamuu hin qabu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u.<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa Lammaffaa Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Giddu gala Adaamaa irraa) Gosoota soomaa Soomni gosa lama. Isaaniis sooma labsamaa fi fedhiidhaan raawatamu jedhamanii beekamu. &nbsp;Sooma Labsamaa Soomanni kun sooma labsamaa kan jedhamu nama hundaaf labsiidhaan kan labsamu yoo ta\u2019u, jechuunis namni umuriin isaa waggaa torbaa ol ta\u2019e hundi; akkasumas namni hundi ifatti waliin waan soomanufi. &#8220;Tsiyoon keessatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4260"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4260"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4260\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4261,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4260\/revisions\/4261"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4260"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4260"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4260"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}