{"id":4256,"date":"2025-03-18T09:45:06","date_gmt":"2025-03-18T09:45:06","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4256"},"modified":"2025-03-18T09:49:22","modified_gmt":"2025-03-18T09:49:22","slug":"soomni-madaa-lubbuu-ni-fayyisa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/soomni-madaa-lubbuu-ni-fayyisa\/","title":{"rendered":"Soomni madaa lubbuu ni fayyisa"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Kutaa Tokkoffaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>Dn. Mabraatuu Sintaayahu <\/strong><strong>(Wiirtuu Adaamaa irraa)<\/strong><strong><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Sooma jechuun jaalala Waaqayyoof jecha waan qaama namaa gammachiisuu fi nama haawwachiisu hunda dhiisanii, of to\u2019achuu fi gammachuu biyya lafaa irraa argamu ganuudhaan Waaqayyoon duukaa bu\u2019uu jechuudha. Soomni meeshaa waraana hafuurawaa fi to\u2019annaa fooniiti, hojii badaa hundumaa irraa of qusachuudhaan. Eebba hafuurawaa argachuun abboommii Waaqayyoof of gadi qabuudha. Daandii jaalalaa gargaarsa Waaqayyoo isa gonka ta\u2019e itti arganudha. Soomni meeshaa amanamaa amantii hojiin ibsuuf gargaarudha. Soomani; Yeroo murtaa\u2019e, guyyoota\/ji\u2019oota murtaa\u2019an keessatti nyaata nyaachuu irraa, hojii badaa \/hojii hamoo\/ lubbuu namaa miidhu irraa of qusachuudha. Jaalala guutuun Waaqayyoof qabnu sooma, kadhannaa fi keenaadhaan mul\u2019ata. Soomni jireenya afuurawaa qajeelaa fi naamusa qabu wanta gufachiisu\/baleessuu &nbsp;kamiyyuu &nbsp;irraa of qusachuu jedhamee hiikama.<\/p>\n\n\n\n<p>Lubbuu maaltu madeesuu danda&#8217;a? Yeroo jennu deebiin isaa fedhii foonii raawwachuu, daddarbaa \/miidha cabbuu\/ foonii, cubbuu&#8230; Namni tokko barataas ta\u2019ee hojjetaa yoo ta\u2019e, hojii ykn haala kamiinuu jireenya kiristaannummaa isaa fooyyessuuf guyyaa guyyaan shaakala afuurawaa shaakaluun barbaachisaadha. Akkasumas sooma dukabu\u2019oonni jalqaba tajaajila isaanii taasisan cimsinee hordofuu qabna. &#8220;Waa\u2019ee foonii Yaaduun du&#8217;a, waa\u2019ee afuurawaa yaaduun garuu jireenyaa fi nagaa dha.&#8221; (Rom. 8:6). Soomni hojii keenyaa fi imala kiristaannummaa keenya gonka kan nuuf taasisudha. Kanaaf raajicha Eeliyaas akka fakkeenyaatti kaasuun gahaadha. Kanaaf, barattoonni, seera\/abboommii jalqabaa\/dursa nuuf keenamtee qabeenya gochuudhaan jireenya kirstaanuummaa keenya haala gatii samii nuuf kennutti haa jiraannu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Sooma maaliif soomna?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Soomni seera jalqaba namaaf kennamedha. Osoo ilmii namaa qixa siriittii ittii gaggeefame; soomni&nbsp; seera jaalalaa addaa Waaqayyoo jireenya bara baraa nu dhaalachistuudha. Namni tokko seera bareedaa kanaan fedhii isaa to\u2019atee ija isaa hamaa akka hin argine \/ilaalla, gurri isaa hamaa akka hin dhageenye, arrabni isaa hamaa akka hin dubbanne, miilli isaa fi harki isaa akka hin hanne, akkasumas miilli isaa fi harki isaa gara hamaatti akka hin sochoone, dhiiga dhangalaasuuf utuu of qabuu danda\u2019ee badhaasni isaa hangam gatii guddaa qaba. Akka dargaggoota har\u2019aa\/ yeroo kanaattii hammeenya addunyaa kanarra jiru keessaa isa kam jibbina? Miidiyaa hawaasaa, kan teknooloojiin ammayyaa nu fide fayyadamuun, hojiiwwan foon gadi fageenyaan nama miidhanii fi gara si\u2019oolitti nu geessan keessa nu galcheera. Garuu, sammuu gaarii nuuf kenname fayyadamuun cubbuutti akka hin kufneef of eeguu fi of qulqulleessuu qabna. Mee amma faayidaa soomanaa tartiibaan haa ilaallu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>1. &nbsp;Humna Waaqayyoo argachuuf<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Garmalee nyaachuun fedhiin foonii fedha lubbuu keenyaa akka ol\u2019aantummaa qabuuf balbala bal\u2019aa bana. Akkasumas fedhiin foonii akka nu bituu kan nu taasisu humna isa guddaa ta\u2019ee ka\u2019ameera. Quufa, of tuulummaa, dadhabina fi ejja fiduudhaan firii afuurawaa akka hin godhanne nu dhorka. Sababni Sodoom ibiddaan itti gubate keessaa tokko buddeen quufu akka ta\u2019e mul\u2019ateera (Hiz. 16:49). Fedhiin foonii keenya fedha lubbuu keenya irratti humna akka hin qabaanne soomni baay\u2019ee barbaachisaadha. Raajichi Daani&#8217;eel ijoollee biroo sadii waliin dargaggoota Ibirootaa Iyeruusaaleem irraa gara mootummaa Naabuukadanatsooriitti booji&#8217;aman keessaa filatame Innis waggaa sadiif gara mana barumsaa Kaldootaatti ergamuun barnoota falfalaa Kaldootaa (urjii lakkaa&#8217;uu), abjuu hiikuu, afaanii fi aadaa ormaa dargaggoota sadan waliin akka baratan taasifaman. &nbsp;Faallaa kanaatiin, yeroo isaan amantii fi aadaa Israa&#8217;eel ofii isaanii akka irraanfatan yeroo godhamanittii.&nbsp; Daani\u2019eel nyaataa fi dhugaatii mootichaa akka nyaatan hayyamameef nyaatuu diddee; Sababni isaas, nyaanni warra ormaa akka isa xureessuu seera Museettin hubatee jira waan ta\u2019eef.&nbsp; Enumaayyuu akkaawii nyaachaa akka barachaa turan raajin daani\u2019eel nuttii hima.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhadhaa dhabuu irraa kan ka\u2019e qaamni isaanii diimaa \/daalachaa\u2019e\/ ta\u2019uus, walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qaban baay\u2019ee ol\u2019aanaa ture. Soomaan jabaachuun isaanii barumsa isaaniitin jabaachuu fi ija mootichaa duratti surraa kan qabani fi kan filataman ta\u2019u irraa isaan hin dhowwine; inuumaayyuu iccitii dhokataa ifa godhachuudhaan, biyya keessatti aangoo horachuudhaan, akkasumas namoota kaan irratti fudhatama argachuudhaan caalaatti humna akka qabaatan godheera. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo waan hundumaan akka isaan gargaaree fi cinaa isaanii akka ta\u2019ee nutti hima. Kun hundinuu kan ta\u2019e humna Hafuura Qulqulluu sooma fi cubbuu irraa of eeguu isaanittiinidha. Kanaaf, dargaggoonni (barattoonni mooraa) yeroo soomnu barnoota keenyatti dadhabuu dandeenya jennee yaaduudhaan humnaa fi ogummaa Waaqayyoon karaa soomaatiin &nbsp;nuuf kennu akka hin dhabne of eeggachuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristaanni tokko guyyoota mijataa qofatti sochii afuurawaa kan raawwatu utuu hin ta\u02bcin, yeroo fi yeroon ala ta\u02bceetti jabaatee argamuu qaba. Soomni hojiilee gaarii biroo (kadhannaa, sagada, kennaa \/balcha\/ sadaqaa fi kkf) hojjechuuf humna guutuu kan kennudha. Soomni humna afuurawaa obsa, qajeelummaa, gaarummaa of to\u2019achuu fi kkf horachuuf meeshaa isa guddaa waan ta\u2019eef qabeenya haa taasi fannu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>2. Raawaa\u2019nsa qabsuuraati<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Jireenya afuurawaa keenya keessatti humna afuuroota hamaa wajjin akka qabsururu\/wal\u2019aansoo tasisnuu akkana jechuudhaan nutti himama, \u201cQabsoon keenya foonii fi dhiiga walinii miti. Bulchitoota fi abbootii aangoo, bulchitoota\/bittoota addunyaa dukkana kanaa, hoomaa afuuroota hamoo iddoowwan samii irratti argaman walinidha\u201d (Efe. 6:12). Namni qabsuuraaf qophaa\u2019e meeshaa waraanaa akka isa barbaachisu ni beekama, kanaaf soomni meeshaa qabsuuraa isa duraa fi hunda caaludha. Qulqulloonni, Mana Qulqullummaa irraa osoo hin ba\u2019iin halkanii fi guyyaa soomaa fi kadhannaan Waaqayyoon tajaajilaa turan, humna waraana badii injifachuuf Angoo badhaafamaniiru. Ergamaan Phaawuloos garaan keenya nyaataan osoo hin taane, keenaadhaan akka jabaatu nu akeekkachiiseera; Sababni isaas, garmalee nyaachuu fi nyaataaf dursa keenuudhaan kan &nbsp;midhame malee kan fayadame akka hin jirree nu barsisee jira (Ibr. 13:9).<\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamtoota barattootaa gammachuu fi tola \/mijuu\/ barbaaduun mootummaa Waaqayyoo hin dhaalamtu. Mee haangafa raajootaa Musee haa ilaallu; Inni yeroodhaaf gammachuu cubbuu irraa argamuu irra saba Kiristoos waliin rakkachuu beela\u2019uu filate. Sababa kanaaf qe\u2019ee isaa mana ho\u2019aa fi masaraa mootummaa keessaa baqate; Beela&#8217;ee, dheeboote waan argachuu danda\u2019uu amantiidhaan fagoottii argeera waan ta\u2019eef (Ibr. 11:24-25). Kana gochuun isaa miidhameeramoo faayidaa argateera? Baay&#8217;ee itti fayyadamaa ture malee wanti miidhame tokkollee hin jiru. Museen guyyoota afurtama nyaata malee waan tureef, waaqa saba israa\u2019eel kan ta\u2019e Waaqayyoo Qulqulluu irraa Taabota Kakuu fi seroota Waaqayyoo fudhachuu kan danda\u2019e soomaan ture. Raajichi Eeliyaas Waaqa samii &#8220;haalkanii fi guyyaa afurtama soomuun natti ulfaata qaamni koos ni huqata&#8221; jedhee osoo hin sodaatin akkasumaas hoojii wara haamota waliin osoo hin hirmaatiin waan soomeef sammiin roba akka hin keeninee Angoo taasisuu danda\u2019e argatee jira. &nbsp;Kanaaf imala kiristaanaa dheeraa keenya keessatti soomni waan baay\u2019ee barbaachisaa ta\u2019e akka ta\u2019e yaaduudhaan qabsuruu qabna. Fedhii fooni keenyaa to\u2019achuuf qabsoo goonu keessatti soomni gahee guddaa qaba. Soomni madaa lubbuu fayyisa; Fedhii ykn eeyyama fooniis callisisuuf meeshaa faayidaa qabudha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>3. Akka fedha Waaqayyootti jiraachuuf<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Fedhiin Waaqayyoo namni jireenya bara baraa akka jiraatudha. Namni Gannataa fi mootummaa samii keessaa akka hira\u2019atu hin barbaadu. Abdiin namaa guddaan Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu fi bara baraan jiraachuu dha. Macaafni Qulqulluun lapheen keenya madda jireenyaa akka ta\u2019e nutti hima, \u201claphee kee jabeessii egii maddii jireenyaa isa keessaa ba\u2019aatii.\u201d (Fakke 4:23) Abbaan keenya Addaam, seera &#8220;Hin nyaatiin&#8221; jedhu cabsuudhaan fedha foon isaa raawwachuudhaan fedha Waaqayyoo irraa fagaatee miila du&#8217;aa jalatti dhiitame; Seera kana irraa yoo maqne hiree Addaam akka nu mudatu shakkii hin qabu. Kanaaf fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan jiraachuuf maaltu nu barbaachisa? Yoo jenne sooma qabeenya godhachuudha, kunis of to\u2019achuu si dandeessisa. (Iyo 2:12) laphee guttuun soomudhaan gara Waaqayyootti deebi\u2019uuf kadhachuun soom inni jaallatuu human gudaa akka namaaf taatu hubachisa. Soomni seera ogummaa namaatiin kalaqame osoo hin taane, seera Waaqayyo isa waan nuuf fayyadu beekuti akka fedha isaa raawwannuuf nuuf laatamedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Jalqaba osoo hin soomiin dura yaada dogoggoraa soomni shaakala dadhabsiisaa fi miidhaa geessisudha jedhu irraa of eeguu qabna. Seerri kun seera jaalalaati waan ta\u2019eef Soomaan gara Uumaatti deebi\u2019uun akka miidhaatti akka hin yaadne, seera Waaqa keenya waliin akka wal qunnamnuu fi iji arjuumaa Isaan akka nu ilaalu kan taasisu waan ta\u2019eef of eeggannoodhaan haa raawwannu. Yommuu qa\u2019annuus haa ta\u2019u yeroo qoramnu barnootaan ni kufna jennee sodaannee Waaqayyoon akka hin mufachiifnee fi Mootummaa Isaa irraa akka hin fagaanne of ilaaluun barbaachisaadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti kaayyoon Kiristaanummaa inni guddaan addunyaa kana irratti yeroo keessummaa keenyattii akka fedhii fooniittii jiraachuu irraa of qusachuudha; Lubbuu fi foon qulqulleessuun Waaqayyoof kan mijatu gochuudha. Kunis hojii cimaa fi qabsoo hedduudhaan galma kan ga\u2019udha. Kitaaba keessatti &#8220;. . . gara mootummaa Waaqayyo gadadoo fi rakina baayyee keessa darbinee seenuun barbaachisaadha&#8221; (Hojii du\u2019Bu 14:22) akka jedhame karaan gara mootummaa Waaqayyo geesuu salphaa fi ba\u2019aa mitti qabsura baayyee keessa kan darbamee bira ga\u2019amudha malee. Qaamni eeyyama fooni jalattii bultu du\u2019atu ishee mudata \u201cNamni foon isaatiin facaasu foon irraa manca\u2019iinsa ni haama, kan afuuraan facaase garuu jireenya bara baraa ni haama.\u201d (Gal. 6:8) Akkuma jedhu soomanaan foon lubbuu jalatti bichisiisuun jireenya bara baraa namaaf argamsiisa.<\/p>\n\n\n\n<p>&#8220;Akka eeyyama fooniitti yoo jiraattan ni duutu; Afuuraan hojii foonii yoo ajjeefte garuu ni jiraatta. Warra Afuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundaaf isaan kun Waaqayyoo ti.&#8221; (Rom 8:13-14) &nbsp;\u201cNyaanni garaadhaaf, garaan immoo nyaataf &nbsp;Waaqayyo garuu kanaa fi sana ni balleessa. Qaamni\/foon garuu Gooftaafi malee (saalqunnamtii) saalqunnamtiidhaaf miti Gooftaanis fooniifi&#8221; (1Qor. 6:13) Nyaata foonii nyaachuun qajeelummaan hoojatanu hin jiru; Kana irra darbee nyaanni baay\u2019achuun gara ejjaa fi of tuulummaatti waan nama geessuuf soomaan qaama keenya of tuulummaa fi ejja irraa haa eegnu. Yoo kana goone garaa keenya waliin diigamuu\/baduu irraa of baraarna. Soomni shaakala jalqabaa firii afuurawaa argamsiisu waan ta\u2019eef jabeessinee haa qabaannu.<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cMootummaan Waaqayyoo dhimma nyaachuu fi dhuguu utuu hin ta\u2019iin, qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Afuura Qulqulluu ti.\u201d (Rom. 14:17) Abdiin soomaan arganuu maal akka fakkaatu yommuu hubatamu nyaataa fi hamaa irraa fagaannee kan itti seennu\/galu ta\u2019uu ishee ni hubannaa? Namni tokko Waaqayyootti dhihaachuuf wanti isa barbaachisu sooma malee nyaata miti \u201cNyaanni garuu gara Waaqayyootti nu hin dhiheessu; Yoo nyaachuu baatnellee hin hira\u2019anu, yoo nyaannellee hin dabalanu.&#8221; (1Qor. 8:8) akkuma jedhamu. Humni nyaataa fooniif yoo ta\u2019u, humni soomaa garuu lubbuudhaafi \u201cWarri Kiristoos Yesuusiif ta\u2019an immoo foon fedhii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.\u201d kan waan jedhame kana haa hubannu (Gal. 5:20).<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Nuuf haa turuu<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa Tokkoffaa Dn. Mabraatuu Sintaayahu (Wiirtuu Adaamaa irraa) Sooma jechuun jaalala Waaqayyoof jecha waan qaama namaa gammachiisuu fi nama haawwachiisu hunda dhiisanii, of to\u2019achuu fi gammachuu biyya lafaa irraa argamu ganuudhaan Waaqayyoon duukaa bu\u2019uu jechuudha. Soomni meeshaa waraana hafuurawaa fi to\u2019annaa fooniiti, hojii badaa hundumaa irraa of qusachuudhaan. Eebba hafuurawaa argachuun abboommii Waaqayyoof of gadi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4256"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4256"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4256\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4258,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4256\/revisions\/4258"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4256"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4256"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4256"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}