{"id":4251,"date":"2025-01-28T12:12:22","date_gmt":"2025-01-28T12:12:22","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4251"},"modified":"2025-01-28T12:12:54","modified_gmt":"2025-01-28T12:12:54","slug":"daaimni-nuuf-dhalateera-isaay-96","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/daaimni-nuuf-dhalateera-isaay-96\/","title":{"rendered":"\u201cDaa\u2019imni nuuf dhalateera\u2019\u2019 (Isaay.9:6)"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>D\/n Tewoodroos Isaayyas (Baddallee)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gudunfaa uumamtootaa ta\u2019ee Jimaata ganama isaa harka Waaqayyoon bocamee kan uumame namni jalaqabaa Addaam iddoo gammachuu Gannata keessatti cubbuu raawwate Addaam lammaffaan (1Qor. 15:45) akka dhalatu sababa ta\u2019eera. \u201cBu\u2019aan cubbuu du\u2019a dha\u201d Qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, Addaam abboommii Waaqayyoo daddarbee argamuu isaatiin cubbuu gara amala isaa lixeen du\u2019aan boji\u2019ame. (Room. 6:23) Duunni kun dhaloota Addaam hunda irratti kan dhaqabu ta\u2019e. \u201cKaanaaf, yakka nama tokkootiin cubbuun gara biyya lafaa seene, sababa cubbuu kanaatiin duunniis seene.\u201d (Room. 5:12) Ga\u2019eessi haadha manaa isaatiin, mootiin Mootummaa isaatiin yoo itti dhufan hin jaalatu akka jedhamu, Addaam Waaqayyootti mootummaa &nbsp;&nbsp;isaatiin waan itti dhufeef (mootummaa isaa barbaacha firii Balasii waan nyaateef) Waaqayyoon du\u2019a irratti murteesse. Haa ta\u2019u malee Waaqayyoon Addaami itti dheekkamee qofa akka hin haafne; Fayyina akka argatu eenyuyyuu osoo isa hin dursin ofuuma isaatiin Gannata keessatti gochaa fi dubbiin mul\u2019isuun jaalala namaaf qabu gaafa namni badii jalqabaa raawwatetti agarsiiseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"204\" height=\"192\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-content\/uploads\/\u1348\u1228.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4252\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p><strong>Dubbiin:<\/strong><\/p>\n\n\n\n<ol>\n<li>\u201c\u12a0\u12ed\u1270 \u1200\u120e\u12a8 \u12a0\u12f3\u121d\u1364 Addaam eessa jirta?\u201d&nbsp; (S. Uum. 3:9):- Waaqayyoon hunda beekaa ta\u2019e osoo jiru; fuuldura Isaatti wanti dhokootu tokkolleen osoo hin jiraatiin (Faar. 138:7) akka beekaa hin taanetti \u201cEessa jirta?\u201d jechuun Isaa amala kee qabadhee si barbaacha nan dhufa yeroo jedhuuni dha.<\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<ul>\n<li>\u201cSii fi dubartiti giddutti, sanyii kee fi sanyii ishee giddutti dinummaa nan kaa\u2019a. Inni mataa kee si tuuma; ati immoo isaa ni hiddiita.\u201d (S. Uum. 3:15):- \u2018Si\u2019 kan jedhame Seexana yoo ta\u2019u, \u2018Dubartii\u2019 kan jedhamte Qulqulleetti Maariyaamii dha. Dinummaan isaan gidduu jiru (Mul. 12:1-6) irratti ifatti barreeffameera. \u2018Sanyii kee\u2019 kan jedhaman Ayhuudota Kiristoos fannisanii dha. Isaan gochaan ilmaan Diyaabiloosiiti. (Yoh. 8:44). \u2018Sanyii ishee\u2019 kan jedhame firii gadaameessa Durbee Maariyaam kan ta\u2019e Iyyasuus Kiristoosi dha. \u2018Inni mataa kee si tuma\u2019 akka jedhame Kiristoos fannifamuu Isaatiin seexanaa injifachuu Isaa yoo ibsu, \u2018Ati immoo faana isa ni hiddiita\u2019 kan jedhame immoo seexanni si\u2019a tokko Heroodis irra buluun Kiristoos yoo ari\u2019atu, Ayhudoota keessa buluun yoo Isa reebsisu, fannisiisuu fi ajjeesisu dubbachuudhaafi.<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<ul>\n<li>\u201cAddaam hamaa fi gaarii beekuuf Nu keessaa akka tokkoo ta\u2019e.\u201d (Uum. 3:22):- Qaama sadan keessaa Inni tokko amala Waaqaaf adda ta\u2019een Qama lamaan irraa adda ba\u2019ee amala Addaam amala Isaa gochuuf akka jiru dubbii agarsiisu dha. \u201cFoon ulfinni irraa adda ba\u2019eenii ture Waaqa ulfinaa gochuuf, foon gooftummaa kennaa dhabee ture Gooftaa amalaa gochuu ni jaalate. Addaam Nu keessaa akkaIsa tokkoo ta\u2019e kan jedhe sanas nama ta\u2019uun ifoomsuu ni jaalate.\u201d (Amantaa Abbootaa, Yohannis Afawarqi 66:18)<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Kana malee, \u201cGuyyaa shanii fi walakkaan gaafa raawwatu dhala dhala) kee irraa dhaladhee, qe\u2019ee kee keessa nanaanna\u2019ee, fannifamee fi du\u2019ee sin fayyisa; Waaqayyooon abbaan keenya Addaami guyyaa shanii fi walakkaa booda \u2018Jecha\u2019 Koo nan erga; sin fayyisas isa sin jedhe hubadhu\u201d jechuun Waaqayyoon Addaamiif waadaa galeera jedha darbii darboo Qulqulluun Mana Kiristaanaa keenyaa. (Kitaaba Qalameenxoos; Qabsuura Addaam isa Ebilaa) Guyyaa shan kan jedhu bara kuma shan ibsuuf jedhu abbooni. \u201cFulduura keetti barri kuma tokko akka guyyaa kaleessaa yookin sa\u2019atii halkanii darbite dha. Garuu, obboloota koo kana hin irraanfatinaa; Waaqayyoo biratti guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo, waggaan kuma tokkoos akka guyyaa tokkooti.\u201d (Faar. 89:4, 2Phex. 3:18)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Gochaan:<\/strong><\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li>\u201cIsaanis, guyyaan gaafa galgalaa\u2019u sagalee Waaqayyoo Gannata keessa yommuu deddeebi\u2019u dhaga\u2019an.\u201d (Uum. 3:8):- Waaqayyoon afuura dha. (Yoh. 4:24). Afuurri yommuu adeemu deemu immoo sagalee hin dhageessiisu ture. Garuu, Waaqayyo deemsa milaa amala namaatiin biyya lafaa kan irratti nama ta\u2019ee Addaamiin fayyisuuf deddeebi\u2019u sana agarsiisuuf jecha Gannata keessatti osoo nama hin ta\u2019in duratti sagalee deemaa dhageessisaa gara Addaam fa\u2019atti dhufe.<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Waadaa kana irraa kan ka\u2019e abbaan keenya Abrihaam mootii Sadoomii gargaaree, mootii Kolodogoomoorii yommuu injafatu gamachuu itti dhaga\u2019ame irraa kan ka\u2019e \u201c Mucaa Kee baara kootti na agarsiisa\u201d moo guyyatti nattiagarsiista jechuun Waaqayyoo gafateera. Waaqayyoonis yeroon Ilma isaa itti ergu waan hin geenyeef fakkeenya Ilma isaa kan ta\u2019e Luba Malkatseedeeq laga Yoordaanos ce\u2019ee akka qunnamu isa taasiseera.(Hiikkaa\/Ibsa\/ Seera Uumamaa boqonnaa14) \u201cAbrahaam guyyaa koo arguuf ni haawwe; argees ni gammade.\u201d akka jedhu (Yoh. 8: 56).<\/p>\n\n\n\n<p>Raajonnis dhufaatii Ilma Waaqayyoo: \u201cMaaloo, samiiwwan gadi siqsi, gadi bu\u2019is; &#8230; Harka Kee Ariyaamii ergi; na fayyisis.\u201d (Faar. 143:5\u20137), \u201cAti banta taanaan Si\u2019iirraa kan ka\u2019e tulluuwwan ni hollatu ni baqus.\u201d (Is. 64:1), \u201cIfaa fi dhugaa Kee ergi; isaanis haa na qajeelchan: gara tuulluu Mana Qulqulluummaa Kee fi bultoo Kee na haa geessan; gara aarsaa Waaqayyoottis.\u201d (Faar. 42:3\u20134) jechuun Waaqayyootti dubbachaa turan. Waaqayyoon waan hunda yeroo isaatiin waan hojjetuuf (Faar. 119:126) yeroon hamma gahutti Ilma isaa hin ergine. Idda sanaa Oritii fi Raajota nuuf kennee nu jajjabeessaa ture; abdiiniis nu eegsiisaa ture. \u201cWangeelaan nu akeekte; Raajootaan nu jajjabeessite\u201d akkuma jedhu Wangeelaan hanga duurfamnuutti Raajotaan nu jajjabeesse. (Sirna Qiddaasee) Akkuma Qulqulluun Phawulos: \u201cDurii jalqabee Waaqayyoon bifa hedduun fi karaa hedduun Raajotaan dubbate.\u201d jedhu dhufaatii Isaa fakkeenyaa fi raajii adda addaatiin nu beeksiisaa turan (Ibr. 1:1).<\/p>\n\n\n\n<p>Beellamni qabame gaafa dhaqqabeetti Waaqayyoon Abbaan Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaatti erge. \u201cGaruu dhumni barichaa gaafa gahetti Waaqayyoon Ilma Isaa dubartii irraa dhalate, seeraa gaditti dhalate ni erge.\u201d (Gal. 4:4). Akkuma Isaayiyyaas keessa: \u201cAfuurri Waaqayyoo narra jira; kanaaf hiyyeessotaaf akkan misiraachoo himu, kan booji\u2019amaniif akkan walabummaa labsu, kan gaddaniif akkan gammachiisu, jaamonni akka arganiif, kan dhiibaman akkan fayyisuuf, kan hidhaman akkan hiikuuf, kan madaa\u2019an akkan qoorsuuf, waggaa Waaqayyoo eebbifam akkan lallabuuf na dibee na erge.\u201d inni jedhu akka milkaa\u2019uf hojii Afuura Qulqulluutiin Dubaroo Maariyaam irraa foon fi lubbuu hirmaatee gadaameessa ishee keessa bule; \u201cAni Waaqa; kanaaf har\u2019uma haa dhaladhu\u201d osoo hin jedhiin, ji\u2019a sagaliif gadaameessa ishee keessa ni ture. \u201cGooftaa samii fi lafa uumeef bultoo taate; ji\u2019a sagal gadaameessa kee keessa baatte.\u201d (Galata Maariyaam guyyaa jimaataa)<\/p>\n\n\n\n<p>Daangaa bittaa Roomii jala bulchiinsota jiran keessatti namoonni hunda akka lakkaawamaniif Qeesaarii Awgusxoos irraa ajajni gaafa ba\u2019etti Yoseef Kaadhimamtuu isaa kan taate (akka eeguuf) Durbee Maariyaam qabee Galiilaa, Naazreet irraa gara lafa Yihudaa, Iyyarusaaleemitti deeman. (Luq. 2:1-5). Magaalaan Iyyarusaaleem keessummoota galmeef dhufaniin dhiphattee turte. Yeroo sanas yeroon dahuuma ishee ni gahe. Iddoo boqonnaa waan dhabaniif mandara Beetaliheemii keessa dallaa loonii argatan. Waaqayyoon addunyaa barruu harka Isaa keessa qabatee jiru iddoo itti dhalatu dhabe! Dallaa loonii keessatti Durbeen Maariyaam dahuumsa dhukkuubbii hin qabneen Ilma ishee hangafaa ni deesse (Luq. 2:6). \u201cJechi Abbaa irraa dadhabbii malee ba\u2019e. Durbee Maariyaam irraas dhukkubbii malee dhalate.\u201d (Galata Maariyaam guyyaa kamisaa). Raajiin \u201cDaa\u2019imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateettii isaa irra ni ta\u2019a. Maqaan Isaas: Gorsaa Ajaa\u2019ibaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara Baraa, Abbaa Nagaa jedhamuun ni waamama.\u201d jedhu ni raawwatame. (Isaay. 9:6).<\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin ilaalchisee Qulqulluun efreem inni Sooriyaa \u201cFaaruu dhalootaa (Hymns on the nativity)\u201d jedhu qaba. Faaruu isaatiin dhaloota Kiristoos yoo ibsu:<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cDurbeen guyyaa kana Beetaliheemitti Amaanu&#8217;eel deessee jirti waan ta\u2019eef guyyaan kun guyyaa Raajota, Moototaa fi Luboota gammachiise dha. Sababiin isaas dubbiin Isaanii hundi isaan raawwatame. Sagaleen dur Isaayiyyas dubbate (Is. 10:19) har&#8217;a dhugaa ta&#8217;e. \u2018Inni lakkoofsa ormootaa barreeffamaan himu achitti dhalate.\u2019 Faaruun Daawiit yeroo tokko faarfate raawwii isaatiin har&#8217;a dhufe. Dubbiin Miikiyaasiis yeroo tokko dubbate (Miik. 5:2). Har\u2019a ni raawwate. Sababiin isaas, Efraataa keessaa Tikseen ni dhufe; uleen isaas lubbuuwwan irratti raafamaa ture. \u2018Kunoo! Yaa\u2019iqoob irraa urjiin ibse.\u2019 (Lakk. 24:17). \u2018Israa\u2019eel irraa immoo Mataan ka\u2019e.\u2019 (Hos. 1:11). Raajiin Bala&#8217;aam dubbiin dubbate har&#8217;a hiika isaa ni argate; ifni dhokataan gadi ni dhufe; qaama keessaas bareedinni isaa ni ba&#8217;e. Ifni Zakaariyaas dubbate, har&#8217;a Beetaliheemitti ni ibse.\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cHar&#8217;a Mucaan ni dhalate; maqaan isaas Ajaa&#8217;iba jedhame (Isaay. 9:6). Waaqayyoon akka Daa&#8217;imaatti of mul&#8217;isuun isaa akkam nama ajaa&#8217;iba!\u201d erga jedhe booda dhaloota Addaami fi Kiristoosii yommuu wal madaalchiisu: \u201cDacheen durba turte Addaam isa mataa dachee ture deesse; Durbeen (Maariyaam) immoo Addaam isa Samii irratti Mataa ta\u2019e har\u2019a deesse.\u201d jedhe. Sanyii dhiraa malee gadaameessi Durbee Maariyaam firii argamsiisuu isaa yoo ibsu: \u201cUleen Aaron ni lalliste; mukti gogdee turte firii argamsiiste. Gadameessi durbaa (Durbee Maariyaam) Mucaa tokko (Iyyasuus) da\u2019uu isaatiin iccitiin kun har&#8217;a ni qulqullaa&#8217;e.\u201d jechuun icciticha ifoomseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluu Yohaannis Afawarq, Durbeen Maariyaam sanyii dhiiraa malee da\u2019uu ishee yoo ibsu, \u201cAkka namaatti sanyii namaatiin hin dhalanne\u2026 dur Addaam dachee hin hidhamne irraa uume; lammata Hewaan haadha malee Addaam irraa uume; Addaam haadha malee Hewaan akka argamsiise, har\u2019a Durbeen Maariyaam abbaa malee Kiristoos deesse.\u201d jedheera. Lammata, Abbaan Qulqulluun kun \u201cYeroo Durbee Maariyaam irraa dhalate sana durbummaa ishee osoo hin jijjirin (hin digiin) ni jabeesse.\u201d jechuun Maariyaam durbummaadhaan da\u2019u ishee ibse (Abboota Amataa kan Yohannis Afawarq).<\/p>\n\n\n\n<p>Qeerloos isa Itiyoophiyaa jedhamuun kan Waamamu Qulqulluun Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa Kitaaba Argaanoon jedhu keessatti, Dallaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessatti dhalate akkana jechuun ajaa\u2019ibsiifate: \u201cBulchaan addunyaa dallaa keessa ciisuun isaa baay&#8217;ee nama ajaa&#8217;iba; dallaan Tsirha Ariyaam caalaa ni dheerate; handaara lafaa caalaa ni bal\u2019ate\u2026Samii fi lafti isa hin dandeenye dallaan ni danda\u2019e; ni daangeessees. Dallaan ni galateeffame, Gooftaan jabotaa keessa waan rafeef&#8230; Dallaan teessoo akka kiruubeel isa baatanitti ni ta\u2019e\u2026Yoseef fi Soloomeen asi fi achiin, Sa\u2019aa fi Harreen ciinaa lamaan roga afranii ni dhaabbatan.\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaloota Iyyasuus Kiristoos taatee samii fi lafa irratti jiruun yoo madaalchisu, akkana jechuun dubbate: \u201cAchitti haadha malee abbaa qaba (Faar. 2:7, Daan.7:13); asitti immoo abbaa lafaa malee haadha qaba (Luq. 2:7); Achitti Gabri&#8217;eel sodaadhaan dhaabata (Luq. 1:19); asittis Gabri&#8217;eel gammachuudhaan misiraachoo dubbata (Luq. 1:26); achitti, Tsirha Ariyaamitti abbaa ijaan hin mul\u2019anne irraa dhalachuu isaatiin galata ajaa\u2019ibaa qaba; asitti, Beetaliheem keessatti immoo durbee irraa dhalachuu isaatiin galata qaba (Luq 2:1); achitti ixaana luboota samii irraa ultuu <em>(Tsinaa)<\/em> warqee keessaa ni fudhata (Mul. 8:3); asittis warqee, ixaana fi qumbii ogeeyyii (<em>Sabaa sagal<\/em>) irraa ni fudhate (Maat. 2:12); achitti kiruubeel fi suraafeel ulfina isaatiin ni raafamu; asitti Maariyaam isa ni hammatte, Salomeen isa ni tajaajilte. Achitti balaqqeessi bakakkaa fuula isaa duratti ni gaggaragalu, duumessi ibiddaas galma keessaa ni ba\u2019a (Hisq. 1:13); asitti Harree fi Sa\u2019aan afuura isaaniitin ni hoo\u2019isan (Isaay. 1:3).\u201d jechuun ibse.<\/p>\n\n\n\n<p>Taateen kun kan irratti raawwatame Maariyaamiif kabaja malu yommuu dubbatu: \u201cDhaloota Ilma Waaqayyoo Ayyaana goonee haa kabajnu; gadameessa isa baatte haa galateeffannu; jilba hammataniif haa jilbeenfannu; harma isa guddisaniif haa faarfannu; harka isa qaqqabaniif haa galateeffannu; afaan isa dhungataniif haa jilbeenfannu.\u201d jechuun dubbata. Qalbii keenya gara godoo Beetaliheemii geessuun immoo akkana nuun jedha: \u201cTiksoota waliin galata haa galchinu; ogeesota waliin kennaa haa kenninu; akka Yooseef haa dinqisiifannu; akka Salomees haa tajaajillu; dallaa keessa ciise keessatti haa sagannu; dallaa inni itti marame sanatti haa jilbeenfannu; Waaqayyoof samii irratti galanni haa ta\u2019u, lafa irrattiis kan nama jaallate haa jennu. (Luq. 2:14)\u201d jedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Inni Abbaa irraa dur dhalate (Faar. 2:7, 109:3) har\u2019a sanyii Daawiit kan taate Durbee Maariyaam irraa ni dhalate. Inni Ilma Waaqayyoo jedhamu sanyii Abrahaam irraa dhalatee Ilma namaa jedhame (Ibr. 2:16, Maat. 16:13-16). Inni dulluma malee bara mo\u2019atee jiraatu daa\u2019ima ta\u2019e. Qulqulluu Yohannis Afawarq barreefama isaa waa\u2019ee Dhalootaa (St. John Chrysostom\u2019s Christmas Homily)) jedhu keessatti \u201cMaalan jedha? Maalan dubbadha? Inni bara dursee jiraachaa ture daa\u2019ima ta\u2019eeraahoo! Ani baay\u2019iseen ajaa\u2019ibsiifadhe.\u201d jechuun dinqisifannaa isaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Namoonni Waaqayyoo ija fooniin arguuf hawwanii wantoota adda addaa godhaniiru. Israa\u2019eelonni Waaqa mul\u2019atu barbaacha Aroon dirqisiisuun waaqa nam-tolchee (Xaa\u2019ootii) fuuldura isaaniitti mul\u2019atu hojjachiifataniiru. Museenis fuuldura Keetti ulfina argadheera yoo ta\u2019e, fuula Kee na agarsiisi jechuun gaafateera. Kunoo, har\u2019a Namoonni Waaqayyoon gurra qoofaan dhaga\u2019aa turan ijaan ni argan. \u201cNamoonni iji gurra caalaa amanamaa ta\u2019uu isaa waan amananiif waan hin argine ni shakku, kanaaf shakkii hundumaa akka balleessuuf qaamaan of mul\u2019isuuf of qopheesse.\u201d Qulqulluu Yohannis Afawarq akka jedhetti. Waaqayyooo addunyaa irraa fagaate osso hin ta\u2019in, Waaqayyoon arjummaa fi jaalala ilma namaaf qabu agarsiisuuf gara biyya lafaa fooniin akka dhufe yaaduun haa gamannu! Haa gaalateffannus! &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Raajaan Isaayiyyaas bara 700 dursee raajiin inni dubbatee har\u2019a dhugaa ta\u2019eera. Kanaanis Ilma dhiraa kan ta\u2019e daa\u2019imni nuuf dhalateera. (Isaay. 9:6). Eenyummaan daa\u2019ima dhalates Kitaaba Qulqulluu keessatti bifa armaan gadiitiin ibsameera:-<\/p>\n\n\n\n<ol>\n<li>Daa\u2019imni dhalate qoricha dha. Qulqulluun Gabri\u2019eel tiksootaaf oduu daa\u2019ima dhalatee yommuu himuuf: \u201cSaba hundaaf misiraachoo himu waanan qabuuf hin sodaatinaa. Har\u2019a magaalaa Daawiit keessatti qorichi isiniif dhalateera; kunis Gooftaa ebbifamaa Kiristoosii dha.\u201d jedheen (Luq. 2:10-11). Daa\u2019imni dhalate nama cubbuu irraa kan dhiqu qoricha filannoo hin qabnee dha. \u201cInni cubbuu irraa waan nama fayyisuuf Iyyasuus jeettaan.\u201d (Maat. 1:21). Yohannis Cuphaan \u201cKunoo, hoolaa Waaqayyoo cubbuu addunyaa balleessu!\u201d kan jedheen qoricha kan ta\u2019e Iyyasuus Kiristoosi dha (Yoh. 1:29). Qorichummaan isaas addunyaa maraafi. \u201cNuti argineerra. Abbaan Ilma Isaa qoricha addunyaa akka ta\u2019u erguu Isaa dhugaa ni baana\u201d (1Yoh. 4:14).<\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<ul>\n<li>Daa\u2019imni dhalate ifa dha. \u201cAni ifa addunyaati\u201d akkuma jedhu (Yoh. 8:12). Ifni dukkana bara kuma shanii dabarsuuf gara addunyaatti dhufe Iyyasuus Kiristoosi dha. \u201cSabni dukkanaan deeme ifa guddaa arge; gaaddisa du\u2019aa fi biyya dukkanaa kan turaniif ifni ni ba\u2019eef.\u201d (Isaay. 9:2) jechuun Isaayiyyaas raajii kan dubbate \u201cSaba hundaaf kan ifu ifni dhugaan gara biyya lafaatti (addunyaatti) dhufe\u201d jechuun dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin raawwatamuu isaa Yohaannis ibseera.<\/li>\n\n\n\n<li>Daa\u2019imni dhalate nageenya dha. \u201cDaa\u2019imni nuuf dhalateera. Ilmis nuuf kennameera; hogganumaan gateetti isaarra ni ta\u2019a. Maqaan isaas: gorsaa ajaa\u2019ibaa, Waaqa jabaa, Abbaa bara baraa, Abbaa Nageenya jedhamuun ni waamama.\u201d (Isaay. 9:6). Nageenya isaatiin wal-loltaa samii fi lafaa, fooni fi lubbuu, Waaqaa fi nama, Ergamootaa fi nama gidduu jiru waan fureef ergamoonni fi tiksoonni waliin dhaabbatanii \u201cUlfinni Waaqayyoof samii irratti haa ta&#8217;u; lafa irrattis warra tola isaa irra bu\u2019eef nagaan haa ta\u2019u.\u201d jedhan (Luq. 2:14). Nageenyi Iyyasuus Kiristoos nageenya addaati. \u201cNagaa Koo isiniif nan kenna; nagaan ani kennu kan akka biyyi lafaa kennitu miti.\u201d (Yoh. 14:27).<\/li>\n\n\n\n<li>Daa\u2019imni dhalate jireenya dha. Tokkichi Ilmi Abbaa, gara addunyaa kanaa kan dhufe jireenya kennuufi dha. \u201c\u2026 Ilmis kan jaalateef jireenya ni kenna\u201d (Yoh. 5:21). Jireenyummaan daa\u2019ima kanaas jireenya bara baraati. \u201cWaaqayyootti kan amanan hundi isaanii akka jireenya bara baraa argataniif malee akka hin banneef Ilma isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkanumatti jaalateera.\u201d Namni jireenya kana amanu hundumtuu akka argatuuf soorata ta\u2019ee dhihaateera. \u201cBuddeenni jireenyaa samii irraa gadi bu\u2019e Ana dha. Buddeena kana kan nyaate bara baraaf ni jiraata.\u201d (Yoh. 6:41). &nbsp;<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Ayyaana dhaloota Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafa kabajnu iddoo cubbuu irraa fagaachuun barbaachiisaa dha. Keessattuu waggoota as dhihoo jiranitti ayyaanota Mana Kiristaanaa keenya sababeeffachuun koonsartiin muziqaa gara garaa qophaa\u2019aa dargaggoota keenya Mana Kiristaanaa irraa akka fagaatan taasifamaa jira. Halkan tiiksoonni Ergamoota waliin faarfachaa bulanitti nuuf immoo mooraa Mana Kiristaanaa keessa argamuun galateefachaa buluun nuurraa barbaachiisa. Gochi biraa seera mana kiristaanaa darbuun guyyaa ayyaanaa hojjetamu immoo nyaataa fi dhugaatii daangaa darbee dha. Ayyaanni Mana Kiristaanaa ayyaana Afuurawaa hamma ta\u2019etti ija Afuuraan kabajuu qabna malee guyyaa affeerraa nyaataa fi dhugaatii qofa gochuun nuurraa hin eeggamu. Keessattuu dargaggoota biratti dhugaatiin machaa\u2019uun badii gara garaa keessatti galanii gaafa ayyaana Mana Kiristaanaa argamuun akkam Amantaa arrabsiisaa! \u201cHojii keessan gaarii arganii, Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan fuuldura namootaatti haa ifu.\u201d Osoo jedhamnu dukkana ta\u2019un nuuf hin malu (Maat. 5:16). Ayyaana yommuu kabajnu maqaa Waaqayyoof kabaja kennun dirqama dha. \u201cSababa keessaniin ormoonni maqaa Waaqayyoo ni arabsu.\u201d akka hin jedhamne (Room. 2:21). Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Abbaan Addunyaaf Ilma isaa tokkicha bilisaan dabarse itti kenne waan ta\u2019eef nuutis obboloota keenya rakkataniif kennaa kennuun Waaqayyoo haa fakkaanu!<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof bara baraan haa ta\u2019u!<\/p>\n\n\n\n<p>Ayyaana Gaarii!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>D\/n Tewoodroos Isaayyas (Baddallee) Gudunfaa uumamtootaa ta\u2019ee Jimaata ganama isaa harka Waaqayyoon bocamee kan uumame namni jalaqabaa Addaam iddoo gammachuu Gannata keessatti cubbuu raawwate Addaam lammaffaan (1Qor. 15:45) akka dhalatu sababa ta\u2019eera. \u201cBu\u2019aan cubbuu du\u2019a dha\u201d Qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, Addaam abboommii Waaqayyoo daddarbee argamuu isaatiin cubbuu gara amala isaa lixeen du\u2019aan boji\u2019ame. (Room. 6:23) [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4251"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4251"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4251\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4254,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4251\/revisions\/4254"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4251"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4251"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4251"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}