{"id":4247,"date":"2024-11-26T14:49:03","date_gmt":"2024-11-26T14:49:03","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4247"},"modified":"2024-11-26T14:53:38","modified_gmt":"2024-11-26T14:53:38","slug":"dhagna-foon-keessan-isa-duu-irratti-cubbuu-hin-moosisinaa-room-6%e1%8d%a512","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/dhagna-foon-keessan-isa-duu-irratti-cubbuu-hin-moosisinaa-room-6%e1%8d%a512\/","title":{"rendered":"\u2018\u2018Dhagna \/foon keessan isa du\u2019u irratti cubbuu hin moosisinaa\u2019\u2019 (Room. 6\u136512)"},"content":{"rendered":"\n<p>Jechi cubbuu jedhu goch-ibsa cubbame (\u1280\u1325 dhabe) jedhu irraa kan ba\u2019e yommuu ta\u2019u hiikti isaas:- dhabuu, irraa mulq &nbsp;&nbsp;amuu, irraa fudhatamuu jechuu dha. Addaam abbaan keenya waggoota torbaaf gannata keessatti uumamtoota bulchuudhaanii fi abboomuudhaan badhaadhinaa fi gammachuudhaan yammuu jiraaatu, gorsa seexanaatiin sossobamee biqiltuu balasii hin nyaatin jedhame ni nyaate, cubbuu of irratti moosise\/aangesse, abboomii Waaqayyoos ni diige. Sababa kanaan kabaja isaa ni dhabe. Kennaan isaa irraa mulqame. Aangoon bulchinsaa Waaqayyoo irraa itti kenname irraa fudhatame. Hanga abaaramuttis isa geese. \u2018\u2018Biqiltuu isa ani hin nyaatin jedhee si abboomes waaan nyaatteef lafti sababa keetiin abaaramtuu ni taati. Atis bara jireenya kee hundumatti itti dadhabdee isa irraa ni nyaatta. Inni qoraattii fi ni biqilcha. Atis biqila lafa Irraa ni nyaatta. Ati biyyoo dha, deebites biyyoo ni taata\u2019\u2019 jedhamee Gooftaakoo Waaqayyoo, iddoo gannata ni dhabe; gara lafa gatii hin qabnettis ni ari\u2019atame. Ilmi namaa akka bara baraaf jiraatu kan uumame ofiisaa irratti cubbuu aangessee\/moosisee bara-barummaa ni dhabe. Murtiin kun bu\u2019aa cubbuun fide akka ta\u2019e ni hubanna. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Addaam abboommii Waaqayyoo akka cabse yommuu hubatetti dhagna isaa isa qullaa haguugachuuf baala marxifate, dhokates balleessaan isaa boqonnaa isa dhorgee gaabbiidhaanis ni boo\u2019e. (Um 3\u136510-19) Firdiin \/mutriin\/ Waaqayyoo mirkanaa\u2019aa waan ta\u2019eef lafa irratti duuti ni moo\u2019e. Addaam kabaja \/ulfina\/ qabu irraa ni bu\u2019e; \u2018\u2018Bu\u2019aan \/mindaan\/ cubbuu du\u2019a waan ta\u2019eefis\u2019\u2019 (Room. 6\u136523) jedhamee akkuma barreeffame dadhabbii fi dafqa isaatiin akka nyaatuuf qoraattii fi balaanwaraanteeciraa lafas qotachaa lubbuu isaa tursiisuudhaaf ni morke. Garuu, immoo Waaqayyoon arjaa gonka waan ta\u2019eef gaabbii Addaam ilaalee \u2018\u2018Guyyaa shani fi qixxee yammuu ta\u2019u dhala dhala kee irraa dhaladhee si fayyisa\u2019\u2019 (Qaleeminxoos 3\u13659) jedhee waadaa galeef bu\u2019uuura godhatee barri 5500 yommuu raawwatamu, haadha keenya Giiftii keenya Durbee Maariyaamii irraa foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee addunyaa kana fayyiisuudhaaf ni dhalate.<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqullichi Yohaannis inni chuuphaas \u2018\u2018Ilaa hoolichi Waaqayyoo Isa cubbuu biyya lafaa dhabamsiisu namni Ana dursee ture anaan booda dhufa jedhee waa\u2019ee Isaa kanan isinitti hime Isa kana; Inni anaan dura tureeti garu Israa\u2019eelonni akka Isa beekan ani bishaaniin cuuphuudhaaf dhufe (Yoh.1\u136529-32) jedhee kan isaaf ragaa baheef Gooftaan keenyua Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos waada galeen biyya lafaa kana irratti ni deddeebi\u2019e. Wangeela ni barsiise, dhibamtoota ni fayyise, addabaabayii Qaraaniyootti Fannoo irratti ni fannifame, ni du\u2019e, ni awwaalame. Du\u2019aa ka\u2019umsa Isaaatiin du\u2019aa ka\u2019uu keenya ni labse. Addaamii fi ilmaan isaa gara kabaja isaanii duraatti ni deebise.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyoon cubbuu malee cubbamaa waan hin jibbineef gatii nuuf kaffalame yaadachuudhaan akka sagalee \/jecha\/ Isaaatti imallee, kabaja nuuf kenname eegnee argamuun nu |Ortodoksoota irraa ni eegama. Kanaafi dha Qul. Phaawuloos ergaa gara warra Roomee erge irratti \u2018\u2018Dhagna \/foon\/ keessan isa du\u2019u irratti cubbuu hin moosisinaa\u201d jedhee kan nu yaadachiisu.<\/p>\n\n\n\n<p>Cubbuun tokkummaa Waaqayyoo irraa gar gar nama baasa, foonii fi lubbuu human dhabsiisa, dhuma irrattis gara du\u2019aatti nama geessa. Inumayyuu dargaggeeyyiin baay\u2019een isaan haa midhuu ykn isaan haa fayyadu osoo hin qoratin rakkoo waan hundumaa yaaluu garmalee &nbsp;&nbsp;waan isaan irratti mul\u2019atuuf salphumatti cubbuu shaakaluudhaaf ariifatu. Mana Kiristaanaa kenya ququlleettiin dargaggummaan bara ibiddaa ta\u2019usaa ni barsiifti. Bara ibiddummaa kana Afuurawummaadhaan qajeelchuu yoo hin danda\u2019min badiin isaa ofirraa darbee maatii, hawaasaa fi biyya akkasumas Mana Kiristaanaa Qulqulleettii ni miidha. Qulqullichi Phaawuloos ilma isaa isa Afuuraatiif \u2018\u2018Ati garuu isa barsatte fi ittii hubattetti jabaadhu jiraadhu; eenyu irraa akka baratte ni beektati\u2019\u2019 (2Xim.3\u136514) akkuma jedhe miila isaa jala taa\u2019ee barachuu isaatiin hojiiwwan afuurawaa inni raawwatuun hundumaa gargaaruu fi hirmaachuun afuurawumma qabeenya taasifatee jiraatti dargaggummaa isaa itti fayyadamee jira. Miila isaa jala taa\u2019ee barachaa fi tajaajilaa kan ture duuka bu\u2019aan isaa Deemaas garuu miira dargaggummaa isaatiif bitamaa ta\u2019ee addunyaadhaaf harka kennachuun, magaalaan Tasalonqee isheen caccalaqxe isa boojitee tajaajila isaa irraa gufachiiftee gattee jirti; cubbuus of-irratti moosise \/aangesse\/. \u2018\u2018Deemaas biyya lafaa kana jaallatee annan na dhiise; gara Tasalonqeettis ni deeme.\u201d (2xim.4\u136510)<\/p>\n\n\n\n<p>Barattoonni yaa\u2019ii mooraa keenyaas umrii dargaggummaa keessa kan argaman waan ta\u2019aniif maatii irraa kan itti fagaatan, ofitti amantummaa kan itti dagaagsan, addunyaa \/biyya lafaatiifis\/ ta\u2019e jireenya Afuurawaatiif yeroo itti of saaxilanii kennan irra jiran waan ta\u2019aniif hubannoodhaan of hogganuu qabu. Fedhiin foonii fi dhiibbaan hiriyyummaa osoo isaan hin mo\u2019in gara Waaqayyootti dhiyaachuun waanjoo cubbuu cubbuu isaan mormu ofirraa gatuudhaan jireenya Afuurawaatiin ijaaramuutu isaan irraa eeggama. Daabiloos naannawa isaaniitti marsee daandii \/karaa\/ irraa isaan baasuudhaaf hirriba akka hin qabne hubachuun yeroo kamiyyuu caalaa soomiidhaan, kadhannaadhaan, sagaduudhaanii fi tajaajilaan dhama\u2019uudhaan isa mo\u2019achuu qabu. \u2018\u2018Egaa, bektota ta\u2019aa! Tattaaffadhaas! Seexanni amajaajiin \/diinni\/ keessan akka leenca waan liqimsu dhabee aadutti naanna\u2019aatti isas amantiidhaan cimaatii mormaa\u2019\u2019 jechuudhaan qul.Pheexros akka barsiise. (1Phex.5\u13658-9)&nbsp;&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Gama lamaaniinuu jechuunis ogummaa biyya lafaa akkasumas ogummaa fi beekumsa Afuurawaatiin of sirreessuudhaaan biyyaa fi Mana Kiristaanaa Qulqulleettii fayyaduudhaaf yeroon sirrii yeroo dagaggummaa kana dha. Yeroo kana waan yaraa fi gatii hin qabneen dabarsuun waan hin barbaachifneef suga umrii dargaggumma Waaqayyoo irraa nuuf kenname kana suga ittiin faayadamuu nu barbaachisa. \u201cDhagna \/foon\/ keessan isa du\u2019u irratti cubbuu hin moosisinaa \/aangesisinaa\/\u201d jedhamnee akkuma baranne, Afuurawummaa tajaaajila qajeelummaaf \/tolutummaaf\/ oolchuudhaan kiyyoo cubbuu addunyaan \/biyyi lafaa\/ ittiin nu kiyyeessuuf diriirsite irraa fagaachuutu nurraa eegama.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jechi cubbuu jedhu goch-ibsa cubbame (\u1280\u1325 dhabe) jedhu irraa kan ba\u2019e yommuu ta\u2019u hiikti isaas:- dhabuu, irraa mulq &nbsp;&nbsp;amuu, irraa fudhatamuu jechuu dha. Addaam abbaan keenya waggoota torbaaf gannata keessatti uumamtoota bulchuudhaanii fi abboomuudhaan badhaadhinaa fi gammachuudhaan yammuu jiraaatu, gorsa seexanaatiin sossobamee biqiltuu balasii hin nyaatin jedhame ni nyaate, cubbuu of irratti moosise\/aangesse, abboomii Waaqayyoos [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4247"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4247"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4247\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4249,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4247\/revisions\/4249"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4247"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4247"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4247"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}