{"id":4244,"date":"2024-11-05T08:10:03","date_gmt":"2024-11-05T08:10:03","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4244"},"modified":"2024-11-05T08:10:04","modified_gmt":"2024-11-05T08:10:04","slug":"obsa-uffadhaa-goonfadhaa-qol-312","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/obsa-uffadhaa-goonfadhaa-qol-312\/","title":{"rendered":"\u201cObsa uffadhaa\/goonfadhaa!\u201d (Qol 3:12)"},"content":{"rendered":"\n<p><strong> <\/strong>Obsi jireenya Kiristaanummaa keessatti gahee guddaa qaba. Obsuu qabeenya goddachuun \u00a0Kiristaana irraa kan eeggamuu fi firiiwwan Afuuraawaaf ibsituu naamusa gaarii kan ta\u2019an keessaa isa tokko dha. \u201cFiriiwwan Afuuraawaa immoo jaalala, gammachuu, obsa, nagaa, gaarummaa, arjummaa, amantii, faayalessummaa fi qulqullummaa dha\u201d akkuma jedhu (Gal 5:22). Obsi raawwii keessatti gidiraan akka jiru hubachuudhaaf ni barbaachisa. Gidiraan si barsiisa; gidiraan si ijaara; isa kanaan immoo obsa baratta. \u201cGidiraan nurratti obsa akka fidu ni beekna; obsis gidiraa dha; gidiraadhaanis abdiin ni argama\u201d (Rom 5:3-5) jechuudhaan duuka bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos akkuma nu barsiise.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessumattuu umrii dargaggummaa keessatti jireenyi ibiddummaa yeroo itti cimu ta\u2019uu isaatiin dargaggoonni baay\u2019ee hojjechuu, Waaqayyoo tattaaffii cimaadhaan tajaajiluu umrii itti danda\u2019anitti miira isaaniitiin bitamuudhaan araada fi hojiiwwan gadhee birootiif yommuu saaxilaman ni ilaalla. Murtiidhaaf ariifachuu, badii fi gaarii ta\u2019uu isaa osoo addaan hin baasiin isaan biroo waan raawwataniif qofa raawwachuu, wanta hundumaa raawwachuudhaaf sardamuu,&#8230; Amaloota yeroo dargaggummaa bal\u2019inaan muul\u2019atanii dha. Garuu, ogeessichi Salamoon \u201cGuyyaan hamaan\/ciinqii osoo hin dhufiin yeroo dargaggummaa keetiitti uumaa kee yaadadhu\u201d akkuma jedhe (Lallaba 12:1). Dargaggummaa tajaajilaaf kennuudhaan tokkummaa Waaqayyoo wajjin qaban cimsuu qabu.<\/p>\n\n\n\n<p>Imala kana keessa yommuu darbanis bu\u2019aa-ba\u2019iin hedduu isaan muudachuu akka danda\u2019u yaaduudhaan of-cimsanii obsaa fi oogummaadhaan cehuun ni barbaachisa. Daandichi gufuun kan itti baayy\u2019atu, bahuu fi bu\u2019uu kan qabu ta\u2019us Waaqayyoon abdii godhachuudhaan fi obsa gonfachuudhaan gara yaadanitti gahuudhaaf tattaafachuun barbaachisaa dha. Duuka-bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Qolaasiisiif ergaa erge irratti isa kana ilaalchisee yommuu ibsu akkas jedha: \u201cEgaa kaa! Akka Qulqullootaa fi jaalleewwan Waaqayyoon isaan filatee dhiifamaa fi gara-laafina, arjoominaa fi gadi of-qabiinsa, fayaaleessummaa fi obsa anffadhaa!\u201d akkuma jedhe (Qol 3:12).<\/p>\n\n\n\n<p>Dargaggoonni bakka yaadan gahuuf obsaan yoo hin imalle, addunyaan imala isaanii danquudhaaf\/gufachiisuudhaaf balbala ishee banattee, harka ishee diriirsitee isaan keessummeessuuf isaan eegdi. Isa tokko bira darbe yoo jedhan inni biroo bakka bu\u2019a; yoo rakkataniiyyuu kiyyoo addunyaa caccabsanii darbuu kan danda\u2019an obsa gonfachuudhaan dha. Yeroo baay\u2019ee kan mul\u2019atu garuu yeroo fi sa\u2019aatii ani yaadeetti maaliif naaf hin raawwatamne jechuudhaan yeroo Waaqayyoo eeguu dhiisanii salphumatti injifatamanii yommuu kufan ni mul\u2019atu. Kanaafidha duka-bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos \u201cRincicaa akka hin taaneef Amantaa fi obsaan namoota abdii isaanii dhaalan fakkaadhaa!\u201d jechaa kan nu gorsu. (Ibr 6:11-12).<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluun Yooseef gara biyya Gibxii\/Misraatti obboloota isaatiin erga gurguramee booda obsaan Waaqayyoon abdii taasifatee imale. Gibxii\/Misriitti niitii fara\u2019oon Phiixifaaraadhaan yeroo qorametti Waaqayyoon fuulduratti cubbuu akka hin hojjenneef ni obse; obsuun isaas mana fara\u2019oon keessatti hooggansaaf hanga muudamuutti isa geessise. Hangafni raajotaa Muuseenis mana fara\u2019oon keessatti ijoollee-ijoollee fara\u2019oon jedhamuu caalaa uummata isaa wajjin gidiraa fudhachuu filate. Boodarras uummata isaa Israa\u2019eeloota biyya Gibxii\/Misrii irraa gara lafa abdii isaanii kan dammaa fi aannan burqisiistuutti akka isaan geessuuf Waaqayyoon hanga filamuutti isa geessise. Kunis eebba obsaan argame waan ta\u2019eef dargaggoonni obsa uffachuudhaan Waaqayyootti abdatanii akka jecha Isaatti imaluudhaan daandii isaanii qajeelchuu qabu. \u201cObsi hadhooftuu dha; firiin ishee garuu mi\u2019ooftuu dha\u201d akkuma jedhamu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><strong><\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Obsi jireenya Kiristaanummaa keessatti gahee guddaa qaba. Obsuu qabeenya goddachuun \u00a0Kiristaana irraa kan eeggamuu fi firiiwwan Afuuraawaaf ibsituu naamusa gaarii kan ta\u2019an keessaa isa tokko dha. \u201cFiriiwwan Afuuraawaa immoo jaalala, gammachuu, obsa, nagaa, gaarummaa, arjummaa, amantii, faayalessummaa fi qulqullummaa dha\u201d akkuma jedhu (Gal 5:22). Obsi raawwii keessatti gidiraan akka jiru hubachuudhaaf ni barbaachisa. Gidiraan si [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4244"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4244"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4244\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4245,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4244\/revisions\/4245"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4244"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4244"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4244"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}