{"id":4241,"date":"2024-10-25T11:26:14","date_gmt":"2024-10-25T11:26:14","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4241"},"modified":"2024-10-25T11:26:15","modified_gmt":"2024-10-25T11:26:15","slug":"waggaa-haaraa-fi-yaaiiwwan-mooraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/waggaa-haaraa-fi-yaaiiwwan-mooraa\/","title":{"rendered":"Waggaa Haaraa Fi Yaa\u2019iiwwan Mooraa"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Waggaa Haaraa Fi Yaa\u2019iiwwan Mooraa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>B.A. Onko. 29\/2017<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Indaala Damsisiin<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Eebbaawwan Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa waqtiileen yeroowwan isaanii eeggatanii wal jijjiiran isaan tokko ta\u2019aanii argamu. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawit Faaruu isaatiin, \u201cArjummaa keetiin waggaa gonfita\u201d (Faar. 64:11) akkuma jedhu, waqtiilee bonaa, kan arfaasaafi waqtiilee gannaa wal-jijjiiree, birraan ammoo abaabolee garaagaraa magaariisaa, yeroo isheen itti miidhagdee mul\u2019attu ji\u2019a Fulbaanaatti namoonnis arjummaa Waaqayyoo raajeffataniitiifi abdii haaraa kudhaammatanii, \u201cBaga bacaqii gannaa baatanii gara booqa birraa geessan\u201d jechuutiin, waggichi kan eebbaa akka ta\u2019uutiif yeroo isaan itti waliif hawwani dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Waggaa haaraa irra geenyee, waggaa Waaqayyo nuuf kenneefi waggaa dabarsineen maal karoorsinee turre? Isa kamiin galmaan geenye? Isa kamtus nu hafe? Adeemsarra kanneen jiranoo isaan kami dha? Waggaa haaraattoo dadhabina keenya irraatii barannee, of-sakattaanee karoorawwan fiixaan hin baafne itti daballee; karoora haaraa baasuutiif carraaquun, gocha hunda keenya biratti amaleeffatame dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Isa tokko yommuu milkeessinu kan biraa hawwuun keenya amaluma namaa ta\u2019uu isaatiin, kanneen hawwine hunda milkeessuu hin dandeenyu. \u201cGaruu ammoo, wanta hundumaa sirnaaf akka malutti taasisaa\u201d (1Qor. 14:40) Akkuma jedhame, kanneen fiixaan baasuu dandeenyu qofaa irratti xiyyeeffachuun karoorsinee raawwachuutiif dandeetti keenya hundatti gargaaramuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p><em>Gama kanaan, barreeffama kanaan barattoota Mooraa Yaa\u2019ii irratti xiyyeeffanna.<\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa barachuutti kanneen argamaniitiifi isaan haaraa gara mooraatti dhufan barattoonni Ortodooksii barnoota barbaacha maatii isaanii irraa fagaachuu isaanii hubachuutiin, barnoota isaaniif akka xiyyeeffannaa kennan nii beekama. Garuu ammoo, akkamitti qo\u2019achuu? Yoom gara Mana-kiristaanaa dhaquu? Yoom koorsii barachuu, kutaa tajaajila irratti ramadaman irratti wal-ga\u2019ii, tajaajila, akkamitti karaa qindataaf karooraan akka geggeessuu akka qaban hubachuu dhabuutiin rakkoo keessa bu\u2019u. Sababii kanaas, bu\u2019aa buusuun isaan irraa fagaatee jireenyi isaanii gara kallattii hin barbaachifneetti yommuu isaan geessu ni mul\u2019ata. Rakkoo kana dhabamsiisuutiifi warra bu\u2019aa buusanii argaman ta\u2019uutiif kan karoorri barbaachisaa dha jedhamuuf kanaafi dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Karoora isaanii keessatti, yeroo barnoonni isanii fudhatu, yeroo itti qo\u2019atan, yeroo itti barumsa afuurawaa itti barataniifi kan kadhannaa; akkasumas, yeroo itti hiriyoota isaanii wajjin odeeffannoo wal-jijjiiran ramaduutiifi karoora isaanii keessatti hammachiisuutu isaan irraa eegama. Bu\u2019uura kanaan, karoorota kana hojiirra oolchuutiif qabxiilee kanatti fufanii jiran dagatamuu hin qabani :-<\/p>\n\n\n\n<ol>\n<li><strong>Waaqayyoon Gargaaraa Taasifachuu :-<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Wanta hundumaa dura isaan bu\u2019aa buusan ta\u2019aanii gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti akka galaniitiif kan kanaaf isaan ga\u2019e Waaqa isaanii galateeffachuu; hidhata isaa wajjin qabanis cimsachuun kutaa karoora isaanii ta\u2019uu qaba. \u201cAni Jirma Wayinii ti; Isin ammoo dameewwan isaa. Anaan kan jiraatu anis isa keessa kanan jiraadhu kan ija heedduu naqatu isa dha; anaan malee homaa gochuu hin dandeessanii tii\u201d jedhamee akkuma barreeffame, eeyyama Waaqayyoon alatti homaa gochuun akka hin danda\u2019aamne hubachuutiin, yeroo hundaa Waaqayyoon dursuu, akka eeyyama isaattis deddeebi\u2019uutu isaan irraa eegama. (Yoh. 15:5) Barumsa isaaniitti, tajaajila isaaniitti nuffuu irraa fagaatanii akka Waaqayyo hawwa gaariifi carraaqqii isaanii isaaniif eebbisuutiif yeroo hundaa kadhannaa obboroo irratti (Kidaanii irratti) argamuutiin, galgalas tajaajila irratti hirmaachuutiin utuu kaayyoo irraa hin maqiin kadhachuutu barbaachisa. \u201cWaaqayyo dhiyoo dha; homaattuu hin dhiphatinaa; garuu ammoo, waan hundumaa irratti kadhadhaa, waawwadhaas; galateeffachaas kadhata keessan Waaqayyotti mul\u2019isaa\u201d akkuma jedhu (Filiiph. 4:6)<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Barnoota Isaaniitiif Xiyyeeffannaa Kennuu :-<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Sababiin isaanii kan gara dhaabbilee barnoota ol-aanaatti seenuu isaanii, barnoota isaanii irratti xiyyeeffatanii isaan warra bu\u2019a-qabeeyyii ta\u2019aanii argamuu dha. Bu\u2019aa argatanii booda kan maatiin kaasuu isaanii keessaa baasee isaan ergu, bor akka of-danda\u2019aanii maatii isaanii, biyyaa fi Mana-kiristaanaa isaanii: humna isaaniin, beekumsa isaaniin, maallaqa isaaniin akka deeggaran; karaa hanqateenis dhaabatanii isa hanqate guutu; itti aansuunis jireenya ofii isaanii hoogganu yaada gaarii jedhuuni dha. Kanaafuu, kaayyoon ijoo isaanii kan isaan itti gara dhaabbilee barnoota ol-aanootti seenaniif, yeroo isaanii jalqaba barnoota isaaniif kennanii isaan warra bu\u2019aan galan ta\u2019aanii argamuu isaanii ti. Turtii mooraa keessatti qabaataniinis daree keessatti argamuutiin, qalbeeffannaan barnoota isaanii hordofuutiin, hojii daree, kan manaa, kan garee isaaniif kennamu irratti warra dammaqinaan hirmaatan ta\u2019aanii qulqullina kan qabuun hojjetanii isaan kaaniif fakkeenyota adda-duree ta\u2019uutu isaan irraa eegama.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Qo\u2019annaaf Yeroo Ramaduu :-<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Barataan tokko, sadarkaa barnoota kam irrattuu yoo argame yeroo itti qo\u2019atu qabaachuu qaba. Guyyaa keessatti yeroo qo\u2019annaaf ta\u2019u ramaduu, isaafis amanamaa ta\u2019uutiin wantoota biro irraa fagaachuutiin yeroo kan isaaf kennameetti qixaan gargaaramuutu barbaachisa. Dhaabbilee barnootaa isaan ol-aanoo keessa amma jiranitti qo\u2019achuun dirqama isaanii ta\u2019uusaa; kanas, sirnaafi itti-gaafatamummaan ba\u2019aachuu akka qaban of amansiisuu qabu. Inni, qo\u2019annaa isaa raawwatatee dhimmoota isaan biroo ba\u2019aachuutiif yommuu qophaa\u2019utti hiriyoonni isaa warri kaan dhimmoota ofii isaanii ba\u2019aatanii raawwatanii dhufanii waan isaan haa qo\u2019annu isaan jedhaniitiif, yookiin, yoo haa bashannannu isaan jedhan maal naan jedhuutiin karoora karoorseen alatti duukaa bu\u2019uu yookiin duukaa argamuu hin qabu. Yeroo ramadeetiifi karoora karoorseef amanamaa ta\u2019uu qaba. Kanaafuu, qo\u2019annaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuutiin karoora isaatti sirnaan itti gargaaramuu qaba.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Yeroo Kadhannaa :-<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Kiristaanni, jireenya kadhannaa irraa gargar ta\u2019e qabaachuu hin qabu. Keessumattuu, obboleewwaniifi obboleettiiwwan Mooraa Yaa\u2019ii keessatti hirmaatan jireenya kadhannaatiin utubame qabaachuutu isaan irraa eegama. Duka-bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos namoota Eefesooniif ergaa isaa erge irratti, \u201cKadhannaaf waawwannaa hundaan, yeroo hundaa afuuraan kadhadhaa; kanumaa wajjinis waa\u2019ee qulqulloota hundaaf kadhachuutiif yeroo hundaa tattaaffadhaa\u201d jechuutiin, Kiristaanni kadhachuu akka qabu dubbata. Kadhannaa gamtaanis ta\u2019e; dhuunfaa irratti Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessatti argamuutiin jireenya afuurawaa guddifachuutu barbaachisa. (Eefe. 6:18)<\/p>\n\n\n\n<p>Kadhannaan, qulqulleenyaan taanee daandii jireenya afuurawaa isaa Waaqayyo waliin walitti dhufnu dha. Kadhannaa malee, nama afuurawaa ta\u2019uun, tajaajilatti tattaaffachuun, ija hojii afuurawaa naqachuun hin danda\u2019aamu. Jireenyi kadhannaa irraa gargar ta\u2019e amma bultoo jinniifi raayyotii isaa ta\u2019uutti nama ga\u2019aatii yeroo hundaa kadhannaatti tattaaffachuun kiristaana tokko irraa nii eegama.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Tajaajila Afuurawaatiif Yeroo Kennuu :-<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Barataan Mooraa Yaa\u2019ii keessatti qooda fudhatu tokko barnoota isaaf dursa kenninaan, yeroo qo\u2019annaa isaatiif ramadee hojiirra oolchannaan, kadhannaaf xiyyeeffannaa addaa kennee tattaaffannaan, kan isa hafu tajaajila hafuurawaa keessatti hirmaachuutiin kennaa ayyaana isaaf kennameen tajaajiluu dha. Obboloota tajaajila mooraatiin muuxannoo horatan waliin ta\u2019uutiin isaan irraa barachuutii fi isaan irraa muuxannoo nadheeffachuun (horachuun) dirqama kiristaanawaa isaatii ba\u2019aachuu qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo baay\u2019ee obbolootaafi obboleettiiwwan Mooraa Yaa\u2019ii isaan hedduu biratti kan rakkoo ta\u2019ee mul\u2019atu yeroo isaanii mara tajaajilaaf oolchuun yommuu barumsa isaaniitti dadhaboo ta\u2019aan arguun baratamaa dha. Kun kan inni maddu, sirnaan yeroo isaaniitti karoorsanii itti gargaaramuu dhiisuu isaanii irraan kan ka\u2019e waan ta\u2019eef, yeroo barumsaatti barumsa isaaniif, yeroo qo\u2019annaatti qo\u2019annaa isaaniitiif, yeroo tajaajilaattis tajaajila isaanii irratti xiyyeeffachuutiin utuu hin dhidhiphatiniifi hundayyu wal-simsanii imaluutu isaan irra jiraata.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, barattoonni Mooraa Yaa\u2019ii isaan warra bu\u2019aan galan ta\u2019aanii ba\u2019uutiif karooraan hoogganamuu akka bartee taasifataniifi karoora karoorsaniif ammoo amanamoo ta\u2019aanii argamuutiin gara hojiirra oolchuutti dhufuun fooniinis lubbuunis warra dachaan buufatan ta\u2019uu qabu. Waggaa haaraa kanattis, dogoggora isa darbe irraatii barachuutiin bara barnoota isa milka\u2019aa dabarsuutiif karoora baafachuufi hojiirra oolchuutiin imaluu qabu. Qabxiileen olitti caqafne isaan heedduu keessaa muraasa ta\u2019aanis, isaan kana hojiirra oolchuutiin warra bu\u2019aan galan ta\u2019uu danda\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waggaa Haaraa Fi Yaa\u2019iiwwan Mooraa B.A. Onko. 29\/2017 Indaala Damsisiin Eebbaawwan Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne keessaa waqtiileen yeroowwan isaanii eeggatanii wal jijjiiran isaan tokko ta\u2019aanii argamu. Raajaan Waaqayyoo Qulqulluun Daawit Faaruu isaatiin, \u201cArjummaa keetiin waggaa gonfita\u201d (Faar. 64:11) akkuma jedhu, waqtiilee bonaa, kan arfaasaafi waqtiilee gannaa wal-jijjiiree, birraan ammoo abaabolee garaagaraa magaariisaa, yeroo isheen itti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4241"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4241"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4241\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4242,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4241\/revisions\/4242"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4241"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4241"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4241"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}