{"id":4237,"date":"2023-12-08T13:10:58","date_gmt":"2023-12-08T13:10:58","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4237"},"modified":"2023-12-08T13:11:00","modified_gmt":"2023-12-08T13:11:00","slug":"fedha-hayyama-waaqayyoo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/fedha-hayyama-waaqayyoo\/","title":{"rendered":"Fedha\/hayyama Waaqayyoo"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Fedha\/hayyama Waaqayyoo<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kuta Tokko<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>B\/sa Tarbinoos Tolasaatiin<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Hiikaa:- Tadalaa (Baale)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Ilmi namaa kennaa tokko qofaan hin daanga\u2019u. Kennaan tokko kophaa isaa kennuun Waaqayyoo fudhachuu ilma namaa daran ibsa malee imala gara Mootummaa samiitti taasifamuuf dhimma ijoo hin ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p>Isa kana ilaaluuf bara Kakuu Duraa keessa uummanni Israa\u2019eel imala gara lafa abdii isaaniitti taasisan ilaaluun gahaa dha. Waaqayyo uumaan keenya \u201cGabrummaan haa ga\u2019u\u201d jedhee Muusee hooggansaaf gara Gibxiitti erge. Muuseenis kophaa isaa gahaa miti \u201cObboleessi kee Aaroon afaan siif haa ta\u2019u\u201d jedhee kenneef. Qorumsa isa mudatu irraa akka isa baraaruu fi eeguuf Ergamaa Isaa&nbsp; &nbsp;ergeef.<\/p>\n\n\n\n<p>Uummata imalaa kanaaf soorata samii (Mannaa) duumessa keessaa bu\u2019u; bishaan kattaa keessaa burqu; duumessa gubbaan, bitaa mirgaan isaan haguugu; Leewota uummata tasgabbeessan, luboota araarsan; dunkaana Ooriitii galatoon keessaa hin dhabamne; wareega dhiifama cubbuutiif ta\u2019uu fi kan kana fakkaatan hundinuu kennaawwan olii \/gubbaarraa\/ kennamanii dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Xummurri isaa dhaala lafa abdii sanaa qofa kan argamsiisu; imala dhiphuu sana keessatti Waaqayyoon Muusee qofa kennaa taasisee kennuu dhiisuun Isaa Manni Kiristaanaa qabeenyawwan hedduun miidhagdee fi faayamtee gara Mootummaa bara baraatti kan imaltu qabeenya baay\u2019ee kennaawwan hedduun argattu agarsiisuufi dha. \u201cKana amane kan cuuphame ni fayya\u201d (Marr 16:16) waan jedhamteef kennaa Cuuphaatiin qofa Qulqullummaa isa gonkaatiif nan gaha hin jettu. Akkasumas \u201cFoon Koo kan nyaate, Dhiiga Koos kan dhuge jireenya bara baraa qaba\u201d (yoh. 6\u136556) waan jedhameefis Foonii fi Dhiiga Isaa qofaan nan fayya hin jettu. \u201camantiidhaan fayyaa\u201d waan jedhameef naamusni maaliif barbaachise hin jettu. Qulqullummaa isheetiif kennaa amantii, lubummaa (kan cubbuu itti himatan, kan cuuphu, kan qurbaana Qulqulluu kennu), Cuuphaa, meeroonii, qurbaanaa fi naamusa akka ta\u2019an ni amanti.<\/p>\n\n\n\n<p>Imala ishee keessatti fara\u2019oon itti ka\u2019a; kanneen qorumsa itti fidan hedduun duubaan ishee hordofu. Garuu, ishee hin dursan. Hordoffiin isaanii hanga galaana Eertiraa qofa waan ta\u2019eef uummata ce\u2019eef dhipuu hin ta\u2019an. Dhugumaan imalli Gibxiirraa hanga Eertiraatti jiru imala Eertiraa irraa hanga lafa dhaalaa isaanii gahanitti jiru wajjin yommuu walbira qabnu baay\u2019ee kan nama dhiphisuu dha. Imala kanaan hooggansi Muusee inni dhugaan ol ka\u2019ee hin ibsamne. Dandeettiin dachees hin hubatamne. Dhaadannaa fi hokkorri Gibxootaas hanga galaana Eertiraatti gonkumaa hin dhabamsiifamne ture. Faanni diinaas dhiheenyaatti isaan hordofaa ture. Abdiin Fara\u2019ooniis hin goolabamne, Eertiraadhaa achitti garuu; seenaa haaraan ni eegalama. Fara\u2019oonis hin qaqqabu, galaanni Eertiraas isaan hin liqimsu.<\/p>\n\n\n\n<p>Galuumsa kanaan Fara\u2019oon diyaabiloos dha. Eertiraanis iddoo lafa jalaa (Si\u2019oolii) dha. Eertiraadhaan gamatti Maariyaamiin obboleettiin Muusee galataaf hiriirtee jirti. Dhugumaan Maariyaamiin galateeffattu kan argamtu Eertiraa booda dha. Giiftiin keenya \u201c\u1273\u12d0\u1265\u12ee \u1290\u134d\u1235\u12e8 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1363 Lubbuun koo Waaqayyoo ni kabajji\u201d akkuma jette Maariyaam obboleettiin Muusees Waaqayyoo faarsite. Imala Gibxii hanga Eertiraa tureef galaan kan qophaa\u2019ee godoodha ture. Eertiraa booddee garuu bishaan kattaa keessaa ni burqa; mannaanis duumessa keessaa ni bu\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<p>Garuu, Mana Kiristaanattii Kiristoos beenyaa isaatiin erga furee booda, daandii isheetiif galaa akka ta\u2019uuf kormmii fi tumaalessa manaa argame aarsaa taasistee hin dhiheessitu. Mannaa (soorata) samiirraa isheef bu\u2019e Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos Fannoo irratti Foon mureef fi Dhiiga dhangalaaseef aarsaa \/wareega\/ taasisftee dhiheessiti malee.<\/p>\n\n\n\n<p>Bofa nama hiddu sana darbanii; abaarsa addunyaa irra tarkaanfatanii; Yoordaanosi cehanii; gamoo dallichaa diddiiganii lafa dhaalaa isaanii kan ofii taasisuun ija fooniitiin yommuu ilaalamu Israa\u2019eelota hedduuf tulluu hin bahamnee ture. Lafa dhaalaa Kakuu Duraa keessa ture dhaaluun hayyama \/fedha\/ Waaqayyooti. Ta\u2019us, Manni Kiristaanaattii bu\u2019aa bahii kana hundumaa kan dabartu waan taateef imalli Israa\u2019eelis lafa dhaala isaanii dhaaluudhaan goolabama.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyo uumaan keenya Waaqa bituu \/bulchu\/ fi sooru waan ta\u2019eef uumamtoota amalooma Isaatiin bituuf \/bulchuuf\/ hayyama \/fedha\/ Isaa osoo hin daangessin kenneera. Bal\u2019inni daangaa lafaa, oleen samii osoo hin daaqin kan jiraatan gargaarsa hayyama \/fedha Isaatiini dha. Barreessaan Seera Uumamaa Muuseen \u201cJalqaba irraatti Waaqayyoon lafaa fi samii uume\u201d yoo jedhu uumamuun samii fi lafaa hayyama \/fedha\/ Waaqayyoo akka ta\u2019e beeksiisuufi dha. (Seer Uum. 1:1). Kanaafi dha hayyama \/fedha\/ Isaatiin uumamtoota guyyoota jahanitti uume hanga dhuma baraatti hayyama \/fedha\/ Isaatiin isaan sooraa kan jiraatu.<\/p>\n\n\n\n<p>Hayyamni \/fedhiin\/ Waaqayyoo ilmi namaa akkaataa imala jiruu Addaamiin Gannata keessa akka jiraatu dha. \u201c\u2026Isheerraa yoo nyaatte du\u2019a duuta\u201d (Seer. Uum. 2:17) jedhee Addaami akeekkachiisuun Isaa lubbuudhaan akka jiraatuufi malee kan nama cinqu \/dhiphisu\/ waan ta\u2019eef miti.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyoon Qaa\u2019eeliin \u201cObboleessa kee Abeeli maaliif ajjeefte?\u201d jedhee gaafachuun Isaa Abeel akka du\u2019u waan hin barbaanneefi dha. Abeel gama abbaa isaatiin gumaa du\u2019aa \u201cdu\u2019a du\u2019aa duuta\u201d jedhu isatti darbus murtiin kun Qaa\u2019eeliin abbaa gumaa ta\u2019uurraa isa hin oolchine. Walumaa galatti, ilmi namaa akkuma badetti hafuun isaa fedha Waaqayyoo hin turre (Seer. Uum. 4:9).<\/p>\n\n\n\n<p>Fedhiin isaa lafa dhaalaa isaa kan taate jireenya Gannataa duraan keessa turetti akka deebi\u2019u waan ta\u2019eef fakkeenyawwan hedduun fakkeeffaman, raajotni hedduun Iyyaruusaaleemii fi Samaariyaatti bobbaase. Subaa\u2019ee lakkoofsise. abdii isaas himsiise. warreen Ooritiitiif kittaannaa dhiirotaa mallattoo taasisee kenneef; Raawwadhu, hin raawwatin jechuudhaan abboommii Isaa cimse. Ooriitii akka seeraatti, luboota akka abbaatti kenneef.<\/p>\n\n\n\n<p>Isaan kunniin hundinuu Kakuu Haaraa keessatti Fayyina raawwatamuuf gaaddidduu akka ta\u2019uuf fi abdii Fayyinaa laphee keessatti cimsuuf ture. Xummurri barichaa yommuu gahu fayyinni Addaam fedha isaa waan ta\u2019eef dhufee isa Fayyise. \u201cFedha Isaa fi fedha Abbaa Isaatiin dhufee nu Fayyise\u201d jechuun akkuma Qulqulluun Eefreem Galata Maariyamii irratti katabe. Duraan dursee \u201ccubbuun keessa yoo akka migira diimaa ta\u2019e akka cabbiitti ni qulqulloofti; yoo akka dhiigaattis diimatte akka jirbiitti ni addaatti\u201d (Isaay. 1:18) jechaa abdiidhaan jajjabeessuun isaa Fayyinni dhufuuf jiru balbalarra akka jiru beeksisuudhaaf ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Fayyinni ilma namaa fedha Isaa dhuma hin qabne waan ta\u2019eef, \u201cUumama Addaam fakkaatu kan&nbsp;&nbsp; biraa haa uumu\u201d osoo hin jedhin Addaam isa balleesse sana yeeroo gaabbii kenneefi gara Ofiitti deebifate. Si Fayyisa akkuma jedheen nama ta\u2019uudhaan fedha Isaa raawwate. Fedhiin Waaqayyoo akka ajaja mootiiti. Dheerate jedhanii hin gabaabsan; gabaabbate jedhanii hin dheeressan. Fedhiin Isaas tasa kan dhalate, barri kan fide miti. Amanamuun hayyama \/fedha\/ Waaqayyooti waan ta\u2019eef.<\/p>\n\n\n\n<p>Nuti Isatti amanuu baannuus, Itti amannus amanamummaan Isaa hin jijjiiramu; hin raafamus. \u201cIsatti amanuu baannuus Inni kan amaname ta\u2019ee jiraata\u201d jedhamuun Isaa kanaafi dha (2Xim 2:13). Kanaaf fedhiin isaa \u201ckan hin raafamnee dha\u201d kan jedhamu kanarraa ka\u2019uudhaani. Kan hin raafamnee dha sababni jedhameefis osoo hin dhoorkatin ni raawwata jechuu dha. \u201cAni Waaqa dha; kan biraa hin jiru waan ta\u2019eef isa duraa fi duraanii yaadadhaa. Ani Waaqayyoo dha; kan akka Anaas hin jiru. Jalqabaa hanga dhumaatti, dur-irraayis kan hin raawwatamnen dubbadha; gorsi Koo kan hin raafamnee dha; kaniin gorse hundumaa nan raawwadha\u201d (Isaay. 46:9-10) akkuma jedhu.<\/p>\n\n\n\n<p>Jalqabumarraa dhuma Isaa kan dubbatu Isaa fi kan Isaa kan ta\u2019aniin qofa dha. Hayyamni Isaa inni durii jalqaba ta\u2019us raawwiin fedhii Isaa garuu, kan baramu xummura Isaatiini dha. Kanaaf, fedhiin Waaqayyoo fedhaa fi kaayyoo uumamtootaa miti waan ta\u2019eef jalqabumarraa xummura Isaa kan dubbatu IsaA dha. Fedhiin mudoo \/hir\u2019ina\/ tokkollee hin qabnee fi kan Isa dhoorkus hin jiru waan ta\u2019eef \u201cFedhii Koo hundumaa nan raawwadha\u201d jedhe. Haqummaa Isaatiin Addaam inni duraa xoofoo du\u2019a du\u2019aa akka unatuuf hayyama Isaa waan tureef Addaam irraa eegalee hanga Muuseetti duuti olaantummaa argate (Room. 5:14). Addaam akka Fayyuufis hayyama Isaa waan ta\u2019eef ilma isaa tokkicha WaaqayyoO Abbaan du\u2019aaf dabrsee kenne (Yoh. 3:16).<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Bara Nooh Waaqayyoon uummata rakkisoo sana balleessuun; Noohin immoo ijoollee isaa wajjin baraaruun fedha isaa waan tureef Noohi fi maatii Isaa dhiifama Isaatiin isaan baraare. Uummata rakkisoo sanneen immoo dheekkamsa Isaatiin isaan balleesse (Seer. Uum 7:21). Abrahaamiin akka urjiilee samiitti; akka cirracha galaanaatti baay\u2019isuun fedha Isaa hin jijjiiramne waan ta\u2019eef isa kana raawwateef. Kanaaf hayyamni Waaqayyoo gartokkeen kan raawwatamu, gartokkeen kan hin raawwatamnee dha jechuu hin dandeenyu.<\/p>\n\n\n\n<p>Ilmi namaa fedha qaba. Fedhii isaa kana \u201cfedha bilisaa\u201d dha. Abbaa fedhichaa kan ta\u2019e namnis fedhii Isaa yeeroo fi haala itti raawwatu dhaba. Haaluma kanaan fedhiin Isaa gartokkeen abjuu qofa ta\u2019ee hafa. Sababni isaas uumamni isaa maxxantuu sababaa waan ta\u2019eef. Muul\u2019achuu Isaatiif malee jiraachuu Isaatiif sababa kan hin qabne Waaqayyoon garuu waan barbaade raawwachuu ni danda\u2019a. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cAkka yaade taasisa; akka fedha Isaattis ni raawwata\u201d akkuma jedhame. Gama biraatiin \u201ckanneen lafarra jiraatan hundinuu waan tokkotti hin lakkaa\u2019aman; raayyaa samiirraattis, kanneen biyya lafaarra jiraatan gidduuttis akka fedha Isaatti ni raawwata. Harka Isaas kan mormu yookiin maal itti goota? Kan jedhuun hin jiru.\u201d jedhameera (Daan. 4:35). Daangaa kan hin qabnee fi akkasi dha jedhamee kan bira hin gahamne kun tola fedhii Isaati. \u201cYaa Abbaa keenyawoo samiirra kan jiraattu, maqaan kee haa Qulqullaa\u2019u, Mootummaan Kee haa dhuftu, fedhiin Kee samiirratti akkuma ta\u2019ee akkasuma lafarratti haa ta\u2019u!\u201d jechaa kadhannaa keenyaan kan gaafannu (Maat. 6:9-11).<\/p>\n\n\n\n<p>Maaddii soorataa keenya dhiheessinee buddeena keenya har\u2019aaf gahu nuuf kenni jennee gaafachuun keenya furtuun buddeena keenyaa gama tola hayyama \/fedha\/ Isaatiin waan ta\u2019eefi dha. Kanaaf hayyama \/fedha\/ Isaa malee jiraachuu hin dandeenyu waan ta\u2019eef tola hayyama &nbsp;&nbsp;\/fedha\/ Isaa kana monoksoonni lafa onaa keessatti Isa kadhatu. Kanneen addunyaa lagatan gammoojjii keessatti Isatti boo\u2019u. Luboonni Mana Qulqullummaa keessatti Isa gaafatu \/kadhatu\/. Amantoonnis Isa yaadu. Sababni isaas \u201cAnaan malee homaa raawwachuu hin dandeessan\u201d (Yoh. 15:5) jedhamee waan dubbatameef dha. Kanaaf hayyama Isaa malee dhimmi raawwannu waan hin jirreef yeeroo hundumaa akka fedha \/hayyama\/ Isaatti jiraachuu qabna. Kiristaana jechuun qondaala tola fedha Isaati.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Fedha\/hayyama Waaqayyoo Kuta Tokko B\/sa Tarbinoos Tolasaatiin Hiikaa:- Tadalaa (Baale) Ilmi namaa kennaa tokko qofaan hin daanga\u2019u. Kennaan tokko kophaa isaa kennuun Waaqayyoo fudhachuu ilma namaa daran ibsa malee imala gara Mootummaa samiitti taasifamuuf dhimma ijoo hin ta\u2019u. Isa kana ilaaluuf bara Kakuu Duraa keessa uummanni Israa\u2019eel imala gara lafa abdii isaaniitti taasisan ilaaluun gahaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4237"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4237"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4237\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4239,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4237\/revisions\/4239"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4237"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4237"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4237"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}