{"id":4228,"date":"2023-12-08T12:53:16","date_gmt":"2023-12-08T12:53:16","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4228"},"modified":"2023-12-08T12:53:17","modified_gmt":"2023-12-08T12:53:17","slug":"fedha-hayyama-waaqayyoo-3","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/fedha-hayyama-waaqayyoo-3\/","title":{"rendered":"Fedha\/hayyama Waaqayyoo"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Fedha\/hayyama Waaqayyoo<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kuta Lama<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>B\/sa Tarbinoos Tolasaatiin<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Hiikaa:- Tadalaa (Baale)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Namni gara addunyaa Kiristaanummaatti yommuu seenu \/dhufu\/ fedha ofii ofirraa buusee fedha Gooftaa isaa baattatee gara Qaraaniyootti imalaa jiraata. Akka miiraa fi fedha nama dhuunfaatiin Qaraaniyoo hin ga\u2019amu. Fayyisaan addunyaa Kiristoos dargaggoo sanaan \u201cgara jireenyaatti seenuu yoo barbaadde abboommii eegi\u2026 waan qabdu gurguriitii hiyyeessotaaf kenni\u201d jechuun Isaa maaliif isinitti fakkaata? Namni hayyama Waaqayyootiin malee fedha namaatiin mootummaa Isaa akka hin dhaalle agarsiisuuf dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Simi\u2019oon inni Qareenaa Fannoo Gooftaa Isaa baatee daandii rakkisaa sana kan imale Manni Kiristaanattii hayyama\/fedha Gooftaa isheetiin jiraachuu akka qabdu agarsiisuudhaafi malee Gooftaan dadhabee isa bayyanachiisuuf \/boqachiisuuf\/ miti. Kanaaf imalli Kiristaanummaa keenya akka fedha namaatti nama gammachiisuuf osoo hin taane akka hayyama Waaqayyootti Mootummaa isa akka dhaalluuf dha. Kanaafi dha Duuka Bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos akkas jechuudhaan kan nu gorsu \u201cAkka gabroota Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwatanii sana ta\u2019aa malee nama gammachiisuuf, of agarsiisuuf kan bitamtan hin ta\u2019inaa!\u201d jechuudhaan kan nugorse &nbsp;(Efe. 6:6).<\/p>\n\n\n\n<p>Gabri ofii isaatiif hayyama hin qabu. Hayyamni isaa hundinuu Gooftaa isaatif. Isa dhaabbate muri, isa kufe baqaqsi yoo jedhe Gooftaadhaaf ni mala; gabri Gooftaa isaa jalattii bula waan ta\u2019eef. Duuka Bu\u2019ichis \u201cakka gabroota Kiristoos\u201d jechuun isaa gaaddidduu fedha Isaa jala kanneen jiraatan akeekuuf ture. Kanaaf hayyama isaa keessatti ilmi namaa gahee guddaa qaba. Gaheen isaas hayyama Gooftaa isaa kadhannaadhaan gaafachuu dha. Akka barnoota Kiristaanummaatti hayyamni \/fedhiin\/ Waaqayyoo kadhannaadhaan daran ifa baha. \u201cKadhadhaa isiniif kennama\u201d akkuma jedhame. Kanaaf kadhannaan ibsituu hayyama \/fedha\/ isaa akka ta\u2019e kanaan beekuu ni dandeenya.<\/p>\n\n\n\n<p>Hir\u2019inaa fi guutummaa namaa akka itti himaniif Gooftaa hin barbaanne ta\u2019ee osoo jiru, garuu immoo kadhannaadhaan akka isa gaafannu ni jaalata. Sababni isaa immoo kadhannaan ibsama hayyama \/fedha\/ Isaa waan ta\u2019eefi dha. Omishaaf hojjetaan akka barbaachisu uumamni iyyatee miti. Beekumsa amaloomaa Isaatin malee. \u201cEegaa, kaa Gooftaa oomishichaa gara ooyruutti hojjetoota akka erguuf kadhatan\u201d jedhee kan dubbate abbaa oomishichaati (Yoh 2:25). Oomisha Isaatiif garuu kadhannaadhaan akka gaafatamu Duuka Bu\u2019oota kakaasa. Kunis kan ta\u2019e hayyama \/fedha\/ isaa keessa gaheen ilma namaa akka jiru hubachiisuufi dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Waa\u2019ee Duuka Bu\u2019aa isaa Eephafraa jedhamu Duuka Bu\u2019ichi Qulqulluun Phaawuloos kutaa itti dubbate keessatti \u201chayyama \/fedha\/ Waaqayyoo hundumaa hubattanii Qulqulluu taatanii akka dhaabbataniif waa\u2019ee keessaniif kadhannaadhaan qabsuura raawwata\u201d jedha (Qol. 4:22). Hayyamni \/fedhiin\/ Waaqayyoo ifa kan bahu Eephaafraan yommuu qabsuura raawwatu akka ta\u2019e galmaa\u2019uun isaa hayyama \/fedha\/ Waaqayyoo bira gahee ilma namaa jiru galuumsa sirnaan ibsuu dha. Gahee qaba jechuun garuu ni fedha sana ni murteessa, ni kenna, ni dheeressa, ni gabaabsa, jechuu osoo hin taane hayyamni\/fedhiin Waaqayyoo kun isaaf akka kennamu kadhachuun isaa dhiifama Waaqayyootiif sababa ta\u2019a jechuu dha. \u201cKanaaf nuti immoo isa kana guyyaa dhageenye irraa eegallee beekumsa hayyamni \/fedhiin\/ Waaqayyoo, ogummaan Afuuraa fi beekumsi hundumaan akka guutamtan isin kadhachaa isiniif kadhachuu hin dhiisne\u201d (Qol. 1:9) akkuma jedhu. Hayyamni \/fedhiin\/ isaa balbala waan hundumaa waan ta\u2019eefi dha kadhannaan kan barbaachiseef.<\/p>\n\n\n\n<p>Jireenya Kiristaanummaa keessatti jiraachuu jechuun akka fedha \/hayyama\/ Waaqayyootti akka jiraannuuf waamamne. Fedha \/hayyama\/ raawwatameen Isa galateeffachaa fedha \/hayyama\/ hin raawwatamne eeggachaa jiraachuu jechuu dha. Kun yommuu ta\u2019u fedha \/hayyama\/ Waaqayyoo akkamitti beekna? yoo jedhamee Waaqayyoon fedha \/hayyama\/ Isa duraa raajotaan, lubootaan, mul\u2019ataan, raajiidhaan, fakkeenyaan, torbiidaan (subaa\u2019eedhaan) ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kakuu Haaraa keessatti immoo fedha \/hayyama\/ hin raawwatamne gama ilma isaa tokkicha Iyyasuus Kiristoosin nuuf ibseera. Innis akkas jechuudhaan \u201cAddunyaa fayyisuuf malee addunyaa irratti murteessuuf hin dhufne\u201d (Yoh. 12:47). Kiristoos duraan dursee soomuun Isaa soomuun keenya fedha \/hayyama\/ Isaa akka ta\u2019e nu hubachiisuuf ture. Gara kawaalaatti seenuun Isaa kanneen kawaalatti galan hojiidhaan akka Isa fakkaatan fedha \/hayyama\/ Isaa isaaniif kennaa ture. Gara Mana Dookimaasitti deemuun Isaa gaa\u2019ilaan murtaa\u2019anii, daa\u2019ima horatanii, godoo ijaarratanii namoota jiraatan jiruu isaanii eebbisee kennuuf ture. Foonii fi Dhiigni Isaa, haati fi Fannoon Isaa fedha \/hayyama\/ isaa ibsituuwwan ittiin barree dha. Dabalataan immoo fedha \/hayyama\/ Isaa baruufis ta\u2019ee gaafachuuf Waaqayyoo soomaa fi kadhannaadhaan baay\u2019isanii itti dhiyaachuu; naamusa gaariidhaan cimuudhaan; qaama ofii cubbuurraa qulqulleessanii dhiifamaaf fuuldura Isaa dhaabbachuu; gara Mana Kiristaanatti laphee cabeen; miira qajeelaadhaan deddeebi\u2019uun fedha \/hayyama\/ Isaa karaalee ittiin beeknuu fi ittiin raawwannu dha.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Waa\u2019ee hayyama Waaqayyoo yommuu qo\u2019annuu of-eeggannoowwan raawwachuu qabnu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Fedha \/hayyama\/ Waaqayyoo yommuu gaafannu cubbuu keenya himannee, cubbuurraa qulqullaa\u2019uu qabna. Itti aansee miira keenya hundumaa nu dogongorsuu danda\u2019an irraa of-eeggannoo taasisuu qabna. Wanti raawwannu hundinuu \u201cWaaqayyoo ni gammachiisaa?\u201d jennee gaafachuu qabna. Wantoota gaarii fi yaraa gara fedha \/hayyama\/ Waaqayyootti nu eeruu waan danda\u2019aniif dafanii gadduu fi gammaduu irraa of-qusachuu qabna. \u201c\u12eb\u12c8\u133d\u12a5 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12f0\u12cc \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1325\u12a2\u1293\u1203 \u1208\u1290\u134d\u1235: Fayyina lubbuutiif Waaqayyoon foon irratti dhibee ni fida\u201d akkuma jedhame (Maaryisihaaq 2). Haalonni hundinuu fedha \/hayyama\/ Waaqayyoo irraa gargar nu baasuu danda\u2019u. \u201cYaa obboloota koo Eeshiyaatti dararaa nurra gahe akka beektaniif waa\u2019ee lubbuu keenyaa hanga abdii kutachuutti, humna keenyaa ol ta\u2019ee garmalee nutti ulfaatee ture\u201d (2 Qor. 1:8-9).<\/p>\n\n\n\n<p>Duuka bu\u2019ichi Qulqulluun Phaawuloos kanaan osoo hin xummurin \u201cAyihuudoonni anaan si\u2019a shan qacceedhaan afurtamaaf tokko hir\u2019uu ana reeban. Si\u2019a sadi uleedhaan dhaanameera. Si\u2019a tokko dhagaadhaan rukutameera. Dooniin koo si\u2019a sadi cabe; halkanii fi guyyaa galaana keessan ture. yeeroo baay\u2019ee karaarra deeme. Bishaan guutuudhaan doorsifamaa; saamtotaan doorsifamaa, saba kootiin doorsifamaa; ormootaan doorsifamaa; magaalatti doorsifamaa; lafa onaatti doorsifamaa; sobdootaan doorsifamaan ture. Dadhabbii fi ifaajee guddaadhaan, yeeroo heddu hirriiba dhabuudhaan, beelaa fi dheebuudhaan, qorraa fi uffata daaruu keessaan ture.\u201d (2Qor. 11:24) jedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos gidiraa fi reebichi kun hundinuu fedha \/hayyama\/ Waaqayyoo ta\u2019uu isaa waan beekee fi hubateef dararaa isarra gahaa ture tti osoo hin nuffin obsaan darbeera. Gidiraas ta\u2019e gammachuu akka fedha \/hayyama\/ Waaqayyootti ta\u2019uu waan danda\u2019uuf waan hundumaan obsuu fi kadhannaadhaan cimnee dhaabbachuu qabna. Walumaa galatti, fedhiin \/hayyamni\/ Waaqayyoo guutumatti beekkamuu baatus hamma beeknee fi hubanneen ilmi namaa maqaa Isaa waamee kabaja isaa dhaalee akka jiraatufi dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Fedha \/hayyama\/ Waaqayyoo beeknee, fedha \/hayyama\/ Isaatiinis jiraannee, maqaa Isaa waamnee, kabaja Isaa dhaallee akka jiraannu hayyamni Isaa nuuf haa ta\u2019u. ameen!<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoo samii fi lafa uumeef!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Fedha\/hayyama Waaqayyoo Kuta Lama B\/sa Tarbinoos Tolasaatiin Hiikaa:- Tadalaa (Baale) Namni gara addunyaa Kiristaanummaatti yommuu seenu \/dhufu\/ fedha ofii ofirraa buusee fedha Gooftaa isaa baattatee gara Qaraaniyootti imalaa jiraata. Akka miiraa fi fedha nama dhuunfaatiin Qaraaniyoo hin ga\u2019amu. Fayyisaan addunyaa Kiristoos dargaggoo sanaan \u201cgara jireenyaatti seenuu yoo barbaadde abboommii eegi\u2026 waan qabdu gurguriitii hiyyeessotaaf kenni\u201d [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4228"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4228"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4228\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4229,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4228\/revisions\/4229"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4228"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4228"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4228"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}