{"id":4218,"date":"2023-08-16T09:22:20","date_gmt":"2023-08-16T09:22:20","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4218"},"modified":"2023-08-16T09:22:22","modified_gmt":"2023-08-16T09:22:22","slug":"turtii-eebbifamtoota-ortodoksoota-dhaabbilee-barnoota-olaanoo-wajjin","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/turtii-eebbifamtoota-ortodoksoota-dhaabbilee-barnoota-olaanoo-wajjin\/","title":{"rendered":"Turtii eebbifamtoota Ortodoksoota dhaabbilee barnoota Olaanoo wajjin"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong>Indaalee Damsisiin<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>\u201cBarnoota koo milkaa\u2019inaan akkan xumuruuf kan na gargaare yaa\u2019ii mooraati\u201d (Dn. Asaffaa Ayyaaleew)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Keessummaan kutaa sadaffaa keenya kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoonitti muummee barnootaa Narsiitiin kan eebbifame Dn. Asaffaa Ayyaaleew dha. Dn. Asaffaan kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoon Daseetti argamutti muummee barnootaa Narsiitiin sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan fi qabxii olaanaa galmeessuudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta\u2019uu danda\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dn. Asaffaan yaa\u2019ii mooraa Misraaqe-Giyoonitti hirmaachaa kan turee fi barnoota isaa cinaatti barnoota lubummaa (\u12a0\u1265\u1290\u1275) hordofuudhaan aangoo Daaqonummaa fudhateera; woggaa afraffaa irratti immoo walitti-qabaa koree eebbifamtootaas (Graduation Committee) ta\u2019ee tajaajileera.<\/p>\n\n\n\n<p>Muudannoo kolleejjii erga seenee booda isa muudate yommuu ibsu: \u201ckolleejjii akkuman seeneen yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf hin yaalle. Garuu woggaa lammaffaa irraa eegalee barnoota walitti fufiinsaan yaa\u2019ii mooraa keessatti kennamu osoo addaan hin kutiin barachuu danda\u2019eera. Yeeroo koo karooraan akkan fayyadamuu fi barnoota koo wajjin wal-simsiisee akkan deemu, milkaa\u2019inaanis akkan xumuru kan na gargaare yaa\u2019ii mooraati. Dabalataanis yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuu akkuman eegaleen barnoota lubummaas (\u12a0\u1265\u1290\u1275) cinaatti hordofuun eegale. Bu\u2019uuruma kanaan hayyama Waaqayyoo ta\u2019ee naaf milkaa\u2019ee aangoo Daaqonummaa fudhachuudhaaf danda\u2019eera. Ammas yaa\u2019ii mooraatii ergan bahees barnoota lubummaa (\u12a0\u1265\u1290\u1275) barachuudhaaf karoorfadheera.\u201d Jechuudhaan dhiibbaa gaarii yaa\u2019iin mooraa jireenya isaarra qaqqabsiise ni ibsa.<\/p>\n\n\n\n<p>Haala fayyadama yeeroos ilaalchisee: \u201cwoggaa jalqabaarratti yeeroo koo sirnaan fayyadamuuf hin yaalle. Faallaa isaatiin hiriyoota koo fakkaachuuf fi wantoota naannawa kootitti ana irraanfachiisuu danda\u2019an irraa fagaachuudhaaf yaalii hin taasisu ture. Garuu yaa\u2019ii mooraatti hirmaachuu ergaan eegalee booda gorsaa fi barnoota haala fayyadama yeeroo irratti nuuf kennamaa waan tureef sirnaan itti fayyadameen jira. Woggaa afraffaa irratti garuu walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta\u2019ee isa qindeessuun waan natti dabalameef hunduma isaa wal-simsiisee deemuun xiqqoo natti ulfaatee ture. Barnoota idilee, yaa\u2019ii mooraa, barnoota lubummaa (\u12a0\u1265\u1290\u1275), qo\u2019annaa fi walitti-qabaa koree eebbifamtootaa (Graduation Committee) ta\u2019uun koo na cinquus Waaqayyoo na gargaaree qabxii sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan kolleejicharraa badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta\u2019uu danda\u2019eera. Yaa\u2019iin mooraa jireenya afuuraa kootiin jabaadheen deemuu akkan danda\u2019uuf fi bu\u2019a-qabeessa ta\u2019ee mooricha keessaa akkan ba\u2019u na dandeessiseera\u201d jechuudhaan muuxannoo isaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dn. Asaffaan rakkoolee isa muudatan ilaalchisees yoo ibsu \u201cWoggaa afraffaa irratti woggaa eebbaa waan ta\u2019eef hanqinni yeeroo na muudachaa waan tureef dhiphachuudhaan sirnaan imaluu hin dandeenyee ture. Keessumattuu eebbaan walqabatee hojiiwwan hedduu hojjechaa waan turreef haala olaanaa ta\u2019een yeeroo koo na saamaa ture. Dabalataaniis qophii qormaata bahiinsaa (exit exam) wajjin walqabatee qo\u2019achuun narraa eggama waan ta\u2019eef yeeroo ulfaataa dabarsuudhaaf qophaa\u2019een ture. Garuu Waaqayyo na gargaaree hir\u2019ina koo guutuudhaan qabxii gaarii fiduudhaan xumuruu danda\u2019eera.\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>Dn. Asaffaan jireenya inni keessa darbe ka\u2019uumsa godhachuudhaan ergaa dabarseen \u201cBarattoota dhaabbata barnoota olaanoo seenan wantin gorsu jalqaba irraa eegalee yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuudhaaf murteessanii dhufuu fi fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta\u2019anii dha. Yaa\u2019ii mooraa keessatti dabarsuun isaanii ciccimoo fi nama kaayyoo akka ta\u2019an isaan dandeessisa. Ani woggaa jalqabaa yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuu dhabuun koo qabxii koo irratti gatii na kanfalchiisee jira.\u201d jechuudhaan ergaa isaa dabarseera.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Yaadannoo addaa qopheessicha irraa:<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Waldaan Qulqullootaa yeeroo hundeeffamerraa eegalee woggoota soddomii tokko keessatti yaa\u2019ii mooraa irratti hojjechuudhaan imaanaa fi itti-gaafatamummaa isatti kennamee bahachuudhaaf yaalii taasisaa tureera; taasisaas jira. carraaqqii kanaan barattoota dhaabbata barnoota olaanoo heddu barnoota bu\u2019uuraa Mana Kiristaanaa qulqulleettii barsiisuudhaan eebba abbootiitiin fi fannoo imaanaatiin eebbisuu irratti argama. Hedduun isaaniitis milkaa\u2019ina isaaniitiif barnoota afuuraa waldichi yaa\u2019ii mooraa keessatti kennuuf hordofuu isaaniitiin Mana Kiristaanaa qulqulleettii akka baran, amantaa isaanii jabeessanii akka qabatan, naamusa gaariidhaan ijaaramanii iddoo fi oogummaa itti bobba\u2019anitti biyyaa fi Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan gahee isaanii bahachuu akka danda\u2019aniif isaan gargaaruu isaa dhugaa bahu.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaalatamtoota hordoftoota maarsariitii (Toora int keenyaa walitti fufiinsaan kutaa sadiin muuxannoo obbolootni yaa\u2019ii mooraa kanneen birootiif fakkeenya waan ta\u2019uuf gara fuulduraatti barattoota seenaniif fakkeenya isaanii hordofanii akka deeman waan isaan taasisuuf hedduu keessaa muraasa isaa qophii qopheessine asuma irratti guduunfina.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Galatni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Indaalee Damsisiin \u201cBarnoota koo milkaa\u2019inaan akkan xumuruuf kan na gargaare yaa\u2019ii mooraati\u201d (Dn. Asaffaa Ayyaaleew) Keessummaan kutaa sadaffaa keenya kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoonitti muummee barnootaa Narsiitiin kan eebbifame Dn. Asaffaa Ayyaaleew dha. Dn. Asaffaan kolleejii dhuunfaa Misraaqe-Giyoon Daseetti argamutti muummee barnootaa Narsiitiin sadii tuqaa sagal-torba (3.97) fiduudhaan fi qabxii olaanaa galmeessuudhaan badhaafamaa geebaa fi meedaliyaa ta\u2019uu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4218"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4218"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4218\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4219,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4218\/revisions\/4219"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4218"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4218"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4218"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}