{"id":4211,"date":"2023-07-24T12:40:10","date_gmt":"2023-07-24T12:40:10","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4211"},"modified":"2023-07-24T12:40:36","modified_gmt":"2023-07-24T12:40:36","slug":"uumama-hundumaaf-wangeela-lallabaa-maar-1615","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/uumama-hundumaaf-wangeela-lallabaa-maar-1615\/","title":{"rendered":"\u201cUumama hundumaaf Wangeela lallabaa\u201d (Maar 16:15)"},"content":{"rendered":"\n<p>Jecha kana bartoota isaatti kan dubbate Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Gooftaan keenya, qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du\u2019a, du\u2019a Isaatiin moo\u2019ee erga ka\u2019ee booda yeeroo jalqabaatiif kan mul\u2019ate dafanii halkaniin ka\u2019anii gara iddoo awwaalchaatti deemanii kan turan Maariyamii biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoota ishee hordofanii deemaniif ture. Gara iddoo awwaalchaa sana yommuu ga\u2019anitti Ergamoonni lama isaanitti mul\u2019atanii Maariyaam biyya Magdaliiniin (Mary Magdalene) \u201cYaa dubartii nana maaliif boossaa?\u201d jedhaniin. Isheenis \u201cGooftaa koo boolla awwaalchaa keessaa fudhataniiru; eessa akka geessanis hin beeku\u201d isaaniin jette.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkuma kana dubbatteen gara duubaatti yommuu miil\u2019attu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaabbatee argite. Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos akka ta\u2019es hin barre ture. \u201c\u2026 gara Abbaa koo ol hin baane waan ta\u2019eef na hin tuqiin; gara obboloota koo deemiitii gara abbaa koo fi gara abbaa keessanii gara Waaqa koo fi Waaqa keessanii ol nan baha jedheera jedhiitii isaanitti himi\u201d jedheen.<\/p>\n\n\n\n<p>Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoonni sunneenis ariitiidhaan deebi\u2019anii duuka bu\u2019oonni abdii kutatanii walitti qabamanii gaddaa fi boo\u2019aa osoo jiranii Maariyaam biyya Magdaliin (Mary Magdalene) misiraachoo ka\u2019uumsa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos isaanitti himte. Garuu, ishee hin amanne; sheekkoos isaanitti fakkaate. Luqaasii fi Qalayoophaan abdii kutatanii gara Eemaahuus yeeroo deemanitti akka isaanitti mul\u2019ate duuka bu\u2019ootatti dhugaa bahanis amanuu hin dandeenye. Sana booda duuka bu\u2019oonni kudha tokkoon gaddaa fi gadadoo keessa osoo jiranuu Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos gidduu isaanitti argamee ofii isaa isaanitti ibse.<\/p>\n\n\n\n<p>Xumura irrattis \u201cGara addunyaa hundumaa deemaatii uumama hundumaaf Wangeela lallabaa\u201d jechuudhaan erga isaanitti dubbatee booda gara samiitti ol ba\u2019e. (Mar 16:15; Mat 28:1-10; Luq 24:1-27).<\/p>\n\n\n\n<p>Ajajni kun duuka bu\u2019oota qofaaf osoo hin taane isaan boodas hanga xumura addunyaatti hayyoota mana Kiristaanaa, barsiistotaa fi kanneen jecha isaa dhagaahanii amananii barsiisuuf ka\u2019aniif (waamamaniif) mana Kiristaanaatiif wabii fi abukaatoo kanneen ta\u2019an hundumaafi dha. \u201cHojii gaarii keessan ilaalanii Abbaa keessan Isa samii akka galateeffataniif ifni keessan namoota hundumaa duratti haa ifu\u201d jedhamee akkuma barreeffame addunyaa dukkanaa ifa Wangeelaatiin masakamanii gufuuwwan hundumaa daandiirraa kaasuun barbaachisaa akka ta\u2019e nu hubachiisa. (Mat 5:14-16).<\/p>\n\n\n\n<p>Duuka bu\u2019aan Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota kan godaansisu, kan reebuu fi gidiraa qaqqabsiisaa kan turee fi darbees Aayihudoonni hangafa daaqonootaa Qulqulluu Isxiifaanoos dhagaadhaan rukutanii yommuu ajjeesan namoota isa rukutaniif uffata isaanii eegaa akka ture kitaaboleen Qulqulluun dhugaa bahu. Garuu, isaan kun hundinuu darbanii hanga \u201cMeeshaa filatamaa\u201d Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hanga ta\u2019uutti gaheera. \u201cKa\u2019ii deemi! Ormootaa fi mootota ijoollee Israa\u2019eel fuulduratti maqaa koo akka baattuuf meeshaa filatamaa koo si taasiseen jira\u201d akkuma jedhu. Saawul kan jedhame Qulqulluun Phaawuloosis Wangeelli addunyaa guutuu akka qaqabuuf osoo hin ceem\u2019in barsiisaa fi gorsaa tajaajila isaatiin nuffiin dhaabbatee wareegamummaa hanga fudhachuutti Waaqa isaaf amanameera. (Hojee Du.Bu. 7:54-60; 9:15)<\/p>\n\n\n\n<p>Yeeroo barattoota yaa\u2019iiwwan mooraa taanee jirrutti barnoota keenya idilee dabalataan maaddiin Waaqayyoo diriirfamee nu eega. Haala mijataa keessa taanee yeeroo keenya qofa wareegnee jecha Waaqayyoo barachuu kan dadhabnu hedduu dha. Barachuudhaaf fedhii qabaannee dhufnus mooraa eebbifamnee yoo baanu manni Kiristaanaa qulqulleettiin kabajaan akkuma nu simatte, kabajaan eebba abbootiitiin fi fannoodhaan eebbistee gara addunyaatti yommuu nu ergitu meeqaa keenyaatu imaanaa nutti kenname kan baanuu?<\/p>\n\n\n\n<p>Mooraadhaa baanee gara hawaasaatti yommuu makamnu addunyaan qophooftee nu eegdi. Manni Kiristaanaa qulqulleettiin \u201cIjoollee koo koottaa, yeeroon imaanaa keessan itti bahattan waan gaheef bakka geessan hundumaatti waan gaarii raawwadhaa!\u201d nuun jetti. Isa kam haa filannuu? Akka Deemaas sookkuu moo akka Ximootiwoos amanamanii tajaajiluu wayyaa? Ximootiwoos Wangeela eenyurraa akka barate waan beekuuf Waaqa isaatiif, barsiisaa isaatiifis amanamee argame. \u201cAti garuu wanta barattee fi hubatteen cimitii jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beekta.\u201d jedhamee akkuma barreeffame (2Xim 3:10).<\/p>\n\n\n\n<p>Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos: qotee bulaan sanyii facaasuuf bahe; sanyiin tokko daandiirratti kufe ni dhiitames; inni biroo lafa cirracha irratti kufe; yeeroo marguttis yoosuma goge; inni biroo qoree gidduutti kufe yeeroo guddatutti qoreen sun hudhee gogse. \u201cLafa gaariirra kan kufes ture. Yeeroo margutti dachaa dhiibba buuse\u201d nuun jedha. Bakka bobbaane hundumaatti lafa kan jedhame lapheen namootaa akka misuuf sanyii kan jedhame jecha Waaqayyoo kan facaasnu qonnaan bultoota Wangeelaa taanee argamuun nurraa eeggama. (Luq 8:4-8).<\/p>\n\n\n\n<p>Yaa\u2019iiwwan mooraa keessa yeeroo jirrutti beekkumsa afuuraa bitachuuf fiigaa akkuma turre, beekkumsa amantii wajjin wal-simsiisnee gara addunyaatti yommuu bobbaanu immoo isa duraa caalaa tattaafachuu, waadaa galleefis amanamaa taanee argamuu qabna. Ta\u2019us nuti eebbifamtoonni Ortoodoksii jireenya keenya jecha Waaqayyootiin ijaaruudhaan bakka bobbaane hundumatti caasaawwan manni Kiristaanaa qabdu keessa gallee jecha Waaqayyoo barachuu fi barsiisuun qaama hojii keenyaa keessaa isa tokko taasisuutu nurra jiraata.<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya Wangeela Qulqulluu Maarqoos keessatti \u201cNamni lubbuu isaa baraaruu barbaadu ni balleessa; qaama isaa waa\u2019ee kootii fi Wangeelaatiif kan balleessu garuu ni argata. Addunyaa guutuu bitee lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal nama fayyadaa?\u201d jechuudhaan akkuma ibse bakka bobbaane hundumaatti qorumsawwan fuula keenya duratti nu qunnaman hundumaa dandamachuudhaan imaanaa Manni Kiristaanaa qulqulleettiin nutti kenniteef amanamnee lubbuu keenya baraaruu; isaan birootiifis ifa taanee dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo akka taanuuf guyyaa guyyaan tattaafachuutu nurraa eeggama.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u!<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jecha kana bartoota isaatti kan dubbate Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Gooftaan keenya, qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du\u2019a, du\u2019a Isaatiin moo\u2019ee erga ka\u2019ee booda yeeroo jalqabaatiif kan mul\u2019ate dafanii halkaniin ka\u2019anii gara iddoo awwaalchaatti deemanii kan turan Maariyamii biyya Magdaliin (Mary Magdalene) fi dubartoota ishee hordofanii deemaniif ture. Gara iddoo awwaalchaa sana yommuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4211"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4211"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4211\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4212,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4211\/revisions\/4212"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4211"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4211"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4211"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}