{"id":4206,"date":"2023-07-24T12:08:49","date_gmt":"2023-07-24T12:08:49","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4206"},"modified":"2023-07-24T12:10:45","modified_gmt":"2023-07-24T12:10:45","slug":"qormaatawwan-barattoota-yaaii-mooraa-erga-eebbifamanii-booda-isaan-mudatan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/qormaatawwan-barattoota-yaaii-mooraa-erga-eebbifamanii-booda-isaan-mudatan\/","title":{"rendered":"Qormaatawwan barattoota yaa\u2019ii mooraa erga eebbifamanii booda isaan mudatan"},"content":{"rendered":"\n<p><strong><em>B\/saa Tamasgan Zagayyatiin<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kutaa 2ffaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamtoota barattoota yaa\u2019ii moorawwanii Sagantaa keenya kutaa jalqabaa keessatti qormaata barattoonni keenya erga eebbifamanii booda isaan mudatu ilaalchisee qabxiilee sadii dhiheessinee turuun keenya ni yaadatama. Isaanis: -akkuma eebbifamaniin hojii qabaachuu dhabuu, tasgabbii dhabuu fi murtoo kennuu dhabuu argineerra. Qabxiileen itti aanan kutaa lama keessatti akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristaanummaan jireenya amantiin itti guddatani itti cimaa deeman malee bakka jiranitti dhaabbachuu miti. Namni dhaabbata barnoota olaanoo irraa eebbifame kan kaleessa, kan har&#8217;a, kan bara darbee fi kan bara kana caalaa cimaa ta&#8217;uu qaba. Kiristaanummaan funyoo miti. Funyoon Tuchaa marga irraa kan hojjetame yoo ta&#8217;u, bara qorqorroon hin turre sanatti hojii mana ijaaruutiif kan oolu ture. Funyoon tuchaa kun bishaan yoo argate baayyee jabaata, bishaan yoo dhabe cituuf salphaadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo jireenya dhuunfaa isaanitin jireenya foonii&nbsp; jireenya hafuuraa isaanii waliin walsimsisuun akka deeman isaan&nbsp; irraa eegama.<\/p>\n\n\n\n<p>Baay\u2019een keenya hojii hafuuraa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti akka xumurretti nutti dhaga\u2019ama, bakka deemnu hundatti jaalala biyya lafaatiin fudhatamna. Akkuma Deemaas addunyaa deemnu keessatti liqimfamne hafna. &#8220;Deemaas gara biyya lafaa ammaatti na dhiisee gara Tasaloonqee, Qerqiisiis gara Galaatiyaa, Tiitoos gara Daalmaatiya demaniiru&#8221;&nbsp; akkuma jedhe(2 Xim. 4:10).<\/p>\n\n\n\n<p>Obboleeyyan keenya quxisuu ta\u2019an waliin soomuu fi kadhachuu: mana barumsaa Sanbataa keessa waliin taa&#8217;uun nutti ulfaata. Qulqulluun Daawit &#8220;Obboloonni yoo waliin taa&#8217;an gaarii dha. Kunoo bareedaadha&#8221; (Far. 133:1)jedha. Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo kabaja waaqayyoo caalaa kabajnii keenya nutti mul\u2019ata. Fedhii foonii&nbsp; keenyaaf malee babal\u2019ina Kiristaanummaaf dhimma hin qabnnee fi yeroo baay\u2019ee hirriban dabarsuu ni baayisna.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf, jijjiiramni naannoo fi akkaataa jireenyaa erga eebbifamnee booda nu mudatu jireenya hafuuraa keenya irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanoo jireenyi dhuunfaa keenya jijjiirama naannoo, hiriyoota, akkaataa jireenyaatiin liqimfamuun jireenyi dhuunfaa keenya badee akka hin hafne, ofii keenya ibsuu; Yeroo hundumaa kadhachuu, Waaqayyo irra fagachuu dhabuu.haala hin&nbsp; taaneen qabamuu dhiisuu; Sababa kennuu irraa fagachuu. Abdii kutuu dhiisuu. Jireenya sagantaan (karooran) gaggeessuu; Hirmaataa iccitii ta&#8217;uu qabna.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>B\/saa Tamasgan Zagayyatiin Kutaa 2ffaa Kabajamtoota barattoota yaa\u2019ii moorawwanii Sagantaa keenya kutaa jalqabaa keessatti qormaata barattoonni keenya erga eebbifamanii booda isaan mudatu ilaalchisee qabxiilee sadii dhiheessinee turuun keenya ni yaadatama. Isaanis: -akkuma eebbifamaniin hojii qabaachuu dhabuu, tasgabbii dhabuu fi murtoo kennuu dhabuu argineerra. Qabxiileen itti aanan kutaa lama keessatti akka armaan gadiitti dhiyaataniiru. Kiristaanummaan jireenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4206"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4206"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4206\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4209,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4206\/revisions\/4209"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4206"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4206"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4206"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}