{"id":4199,"date":"2023-07-18T14:20:23","date_gmt":"2023-07-18T14:20:23","guid":{"rendered":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/?p=4199"},"modified":"2023-07-18T14:20:24","modified_gmt":"2023-07-18T14:20:24","slug":"bokkaan-yommuu-roobu-warri-beelaan-ni-quufu-qu-yaareed","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/bokkaan-yommuu-roobu-warri-beelaan-ni-quufu-qu-yaareed\/","title":{"rendered":"\u201cBokkaan Yommuu Roobu warri beela\u2019an ni Quufu\u201d (Qu. Yaareed)\u00a0"},"content":{"rendered":"\n<p>Akka barsiifata Mana kiristaanaa keenyatti maddi yeedaloo Qulqulluun Yaareed kutaa lee faaruu nuuf hojjateen waggaan iddoo afuritti qoodama. Kunis Birraa, Bona, Arfaasaa fi Ganna jedhamuun beekamu. (sooma digguwaa). Bu\u2019uuruma Kanaan waqtiin amma keessa jirru kuni waqtii Gannaa jedhama. Kunis Waxabajjii 26 hamma Fulbaana 25tti guyyoota jiran hammata. Yeroo kanatti lafti imaanaa kan itti fudhattu, Sanyiiwwan kan itti biqilan, Biqiloonni kan itti lalisan, Samiin duumessaan kan itti haguugamu, Qaqawweewwan Waaqayyoo kan itti galateeffatan, Biqiltoonni firii akka naqataniif qaqawweewwan sagalee isaanii kan itti dhageechiisan, Bokkeenyi kan itti roobuu fi bishaanonni hamma daangaa isaanitti waqtii itti guutanii dha. Bara kana Ergamaan biyya lafaa Qulqulluun Yaareed \u201cYommuu bokkaan roobu hiyyeessonni in quufu\u201d nuun jedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Tibba kana samiiwwan duumessaan haguugamu, Bishaan gara samiitti kortoo malee olbahee utubaa malee dhaabbatee kuufamuu jalqaba. Lafarraa olka\u2019ees samii gubbaatti walitti qabama. Waaqayyoos ogummaasaa killayyaa ta\u2019een duumessaan gudunfa, dugda qilleensarratti fe\u2019ee iddoodhaa iddootti in sochoosa.<\/p>\n\n\n\n<p>Kan nama ajaa\u2019ibu ammoo bifni duumessaa si\u2019a tokko yoo gurraacha\u2019u si\u2019a biroo ammoo yoo adii ta\u2019u gaaffii maaliif? jedhu kaasuun keenya hin oolu. Jechuunis bishaan bifa, halluu, Foolii kan hin qabne yoo ta\u2019u samiirratti maaliif gurraacha\u2019e? yoo gadi deebi\u2019u ammoo maaliif hallu dhabeessa ta\u2019ee dhufa?qilleensi killayyaan hoo akkamitti isa danda\u2019e? Nuti arguu baannus abboonni keenya golga amantiitiin ilaalanii \u201cQilleensi amalasaatiin dukkana\u201d jedhanii gurraacha akka ta\u2019e nutti himan. Maarree duumessa dugda qilleensarratti fe\u2019ee qilleensaan yoo sassaabu; sassaabamuu isaarraa kan ka\u2019e gurraacha ta\u2019ee argine.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyoon ogummaa isaa killayyaa ta\u2019een duumessoota erga sassaabee booda iddoo bokkaan itti barbaachisu hundatti akka keenyatti gingilchaa utuu hin fayyadamin duumessichi qaawwa utuu hin qabaatin jireenyaaf, lalisaaf, rooba firiif gahu madaalaa fi safaraa nuuf buusa. Hojiinsaa kuni Waaqayyoo hojiin kee dinqii dha hin jechisiisuuree? Bokkeenyis roobuu eegalu, bakakkaan in bu\u2019u, qaqawweewwan sagaleesaanii balaqqeessisu, Waaqayyoo galateeffachuu eegalu.<\/p>\n\n\n\n<p>Ijoolleen sadan faarfannaasaaniitiin \u201cuumamni Waaqaa hundumtuu Waaqayyoo galateeffatu\u201d (kadhannaa ijoollee sadanii) akkuma jedhan galataan guutamu. Uumamni Waaqayyoon uume hundumtuu dinqiidhaatii bakakkaa Ergamaa taasisee gara Qulqulluu Phaawuloosiitti yommuu ergu ilaalaa. Waaqummaasaa yommuu ibsuu barbaadu Phaawuloos ari\u2019ataa ture; ari\u2019atamaa akka ta\u2019u yoo barbaadu sagalee balaqqee bakakkaatiin isa waame. Kiristaanota ari\u2019achuu fi balleessuuf kan deeme deebisee barsiisee maqaasaa qabatee akka ari\u2019atamu kan taasise Duuka Bu\u2019aa yookiin Ergamaa ergee utuu hin taane balaqqee bakakkaatiin isa barsiise malee. Kana qofa miti bakakkaan akka geejjibaas ta\u2019ee in tajaajila malee. Akkuma qabsuura Aabuna Gabra Manfas Qiddusii irratti barreeffame abbaan keenya balaqqee bakakkaatti akka geejjibaatti fayyadamuun Iyyarusaalemii, Gibxii, Itoophiyaa daawwatu turan. Uumamni Waaqayyoo hammam ajajamaa dha? Hammamis nama dinqa? (H,Du. 9:1-4).<\/p>\n\n\n\n<p>Bokkeenyi lafa jiisu. Laftis in qabbanoofti. Qotee bulaan amantiidhaan <strong>\u201cimaanaa kee eegi\u201d<\/strong> jedhee sanyiisaa isheerratti facaasa, laftis imaanaashee eegdee bokkaa fudhattee ifaajee qotee bulaa ilaaltee sanyicha biqilchiti, kuduraalee lalisiisti, margas in guddisti. Amantii qotee bulaan lafarratti qabu yommuu ilaallu dachee uumama taate <strong>\u201ctole nan amanama\u201d<\/strong> jettee kan isatti hin dubbanne yoo hammana amane nuti har\u2019a amanamuu utuu qabnu maaliif amanamuu dadhabneree? maaliif imaanaa keenya bahachuu dadhabneree? \u201cAhizaabota akka barsiistuuf mi\u2019a filatamaa taasisee si filadheera\u201d (H.Du. 9:15) kan jedhame Qulqulluun Phaawuloos ilmasaa Afuuraa Ximootewoosi akkas jedhaan\u201d Yaa Ximootewoos imaanaa kee eegi\u201d jechuudhaan imaanaa eeguun akka nurra jiraatu nutti hima.<\/p>\n\n\n\n<p>Lafti bokkaa fudhattee xuraa\u2019ummaa isheerraa qulqullooftee dhukkee ishee urgufattee lalistee turti. Xurii fi dhukkeen keenyahoo kan nurraa hurgufamu yoomi laata? \u201cBokkaan yommuu roobu warri beela\u2019an in quufu\u201d akkuma jedhu Qulqulluun Yaareed nutis beeloftoota jireenya Afuurawaa ta\u2019uurraa baanee sagalee Waaqayyoo waqtii gannaatiin fakkeeffameen jiinee firii naqachuu qabna.&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Qulqulluun Efreem inni Sooriyaa katabbii (geechisa) isaa Galata Maariyaamii&nbsp; irratti akkana jedha \u201cBishaan Bokkaa Kan Sirraa Argame Duumessi Dhugaa Si dha<strong>\u201d <\/strong>(Galata Maariyaamii Guyyaa Roobii) jechuudhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii duumessaan, Gooftaa ammoo bokkaadhaan fakkeessa. Nutis bokkaa dhugaa kan jedhame sagalee Waaqayyootiin ijaaramnee gaabbiidhaan golgaa cubbuu keenya tarsaasnee Waaqayyoodhaaf kan mijannu taanee argamuu qabna,<\/p>\n\n\n\n<p>Hayyichi yommuu bokkaan roobu kanneen beela\u2019an in quufu akkuma jedhe sanyiiwwan, kuduraaleen, biqiltoonni kan lalisan bokkaadhaani waan ta\u2019eef nutis sagalee Waaqayyootiin lalisnee fi daraarree firii akka naqannuuf, kanneen beela\u2019anis akka quufaniif Waaqayyoon abbaan keenya arjummaasaatiin deessuun Waaqayyoo Qulqulleettiin Durboo Maariyaam araarsummaasheetiin Qulqulloonni hundi kadhannaasaanitiin nu haa gargaaran! Ameen!!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Akka barsiifata Mana kiristaanaa keenyatti maddi yeedaloo Qulqulluun Yaareed kutaa lee faaruu nuuf hojjateen waggaan iddoo afuritti qoodama. Kunis Birraa, Bona, Arfaasaa fi Ganna jedhamuun beekamu. (sooma digguwaa). Bu\u2019uuruma Kanaan waqtiin amma keessa jirru kuni waqtii Gannaa jedhama. Kunis Waxabajjii 26 hamma Fulbaana 25tti guyyoota jiran hammata. Yeroo kanatti lafti imaanaa kan itti fudhattu, Sanyiiwwan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4199"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4199"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4199\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4200,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4199\/revisions\/4200"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4199"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4199"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4199"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}