{"id":4184,"date":"2023-05-10T08:10:47","date_gmt":"2023-05-10T08:10:47","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4184"},"modified":"2023-05-10T08:37:38","modified_gmt":"2023-05-10T08:37:38","slug":"caamsaa-tokko-yaaii-mooraa-keenyaaf","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/caamsaa-tokko-yaaii-mooraa-keenyaaf\/","title":{"rendered":"<strong>CAAMSAA TOKKO YAA`II MOORAA KEENYAAF<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p>Hundeeffama Waldaa Qulqullootaa&nbsp; waggaa 31ffaa&nbsp; sababeeffachuun \u201ccaamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf\u201d jecha jedhuun Eebla 28 hanga caamsaa 6\/ 2015tti sagantaa garaagaraatiin akka kabajamu&nbsp; koreen qindeessituu beeksise.<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaan Qulqullootaa waggoota 31 darbanitti barattoota yaa`ii mooraa lakkoofsaan baay\u2019ee ta`an bu`uura doogmaa, qannoonaa fi darbi-darboo Mana Kiristaanaa Qulqulleetii sirna barnootaa bocee barsiisuun dhaloota beekumsaa fi namuusa gaariin cimsuun&nbsp; biyyaa fi Mana Kiristaanaa akka&nbsp; fayyadan oomishuun ga`ee isaa ba\u2019achaa kan turee fi gara fuuladuraattis jijjiiramoota dhufan irratti hundaa`uun cimee akka itti fufu itti aanaan koree qindeessituu kan ta`an obboo Abbabaa Badhaadhaa ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaan Qulqullootaa bu`aa ba`ii fi haalota mijatoo dabarse&nbsp; ka`uumsa taasisuun Mana Kiristaanaa fi biyyaaf tajaajila fooyya`aa kennuuf ejjennoo cimaa qabu bu`uureffachuun&nbsp; yaa`iiwwan mooraa jajjabeessuun, rakkoowwan mudatan furuun tajaajila yeroo madaale&nbsp; akka raawwatamuuf \u201cCaamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf\u201d bu`ura jedhuun kabajuuf murteessuu isaa Obbo Abbabaan ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Abbaabaan ibsa isaaniitiin \u201cBaroota tajaajilaa darban kanatti jijjiiramootni bu`aa qabeeyyii mul`atan&nbsp; caalatti tajaajilaaf kan kakaasan waan ta`aniif; jechuunis barattoota lakkoofsaan hedduu ta`an sirna barnootaa bocuun barsiisuun, mana barumsaa&nbsp; Aabinnatii (Abbummaa) baratanii tajaajila Mana Kiristaanatti akka hirmaatan taasisuun, yeroo isaanii seeraan fayyadamuun barnoota idilee&nbsp; isaanitti cimanii badhaafamtoota geebaa fi warqee horachuu isaatiin, dhaloota namuusa&nbsp; gaariin ijaaramani Mana Kiristaanaa fi biyya kan tajaajilan horachuun, barsiisota bakka bu`an horachuun, k.k.f. tajaajila yeroo isaa eeggate kennuuf akka kaka`umsa qabaatu taasiseera\u2019 jedhan.<\/p>\n\n\n\n<p>Eebla 28 hanga Caamsaa 6\/2015 tti Sagantaalee&nbsp; jiran&nbsp; irrattis caalatti jijjiiramoota gaarii yaa`ii mooraa itti fufsiisuuf, rakkinoota jiran furuu fi tajaajila isaa cimsuuf sagantaan galii sassaabuu akka jiru&nbsp; himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Sagantaa galii sassaabuu kana irratti barattoota yaa`ii mooraa, maatiwwan barattootaa fi kanneen yaa`ii mooraa irraa eebbifamanii hojii fi tajaajila garaagaraa irratti bobba`an&nbsp; irraa sagantaan galii sassaabuu akka karoorfame obbo Abbabaan beeksisaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaan Qulqullootaa biyya keessatti wiirtuuwwan 48, biyyaa alaa wirtuuwwan 4 yoo qabaatu walumaagalatti yaa`iiwwaan moora 452 (biyya keessa 435, biyya alaa 23) akka qabu ragaaleen ni mul\u2019isu.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hundeeffama Waldaa Qulqullootaa&nbsp; waggaa 31ffaa&nbsp; sababeeffachuun \u201ccaamsaa tokkoo yaa`ii mooraa keenyaaf\u201d jecha jedhuun Eebla 28 hanga caamsaa 6\/ 2015tti sagantaa garaagaraatiin akka kabajamu&nbsp; koreen qindeessituu beeksise. Waldaan Qulqullootaa waggoota 31 darbanitti barattoota yaa`ii mooraa lakkoofsaan baay\u2019ee ta`an bu`uura doogmaa, qannoonaa fi darbi-darboo Mana Kiristaanaa Qulqulleetii sirna barnootaa bocee barsiisuun dhaloota beekumsaa fi namuusa gaariin cimsuun&nbsp; [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4184"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4184"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4184\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4187,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4184\/revisions\/4187"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4184"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4184"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4184"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}