{"id":4181,"date":"2023-03-25T09:10:17","date_gmt":"2023-03-25T09:10:17","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4181"},"modified":"2023-03-25T09:10:19","modified_gmt":"2023-03-25T09:10:19","slug":"amataadhaan-cimaa-1qor-16%c3%b713","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/amataadhaan-cimaa-1qor-16%c3%b713\/","title":{"rendered":"<strong>\u00a0 \u201cAmataadhaan cimaa\u201d (1Qor. 16\u00f713)<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Amantaan kennaa ta\u2019uu isaa kan ibsu Kitaaba Qulqulluudha. Gargaartota 72 keessaa tokko kan ta\u2019e Yihuudaa obboleessi Yaa\u2019iqoob ergaa isaatiin \u201cYaa michootakoo isa waa\u2019ee qooddannuu waa\u2019ee fayyina keenyaa isiniif&nbsp; barreessuu jaalladhee osoon jiruu Qulqullootaaf amantaa altokkicha raawwatamee&nbsp; laatamef akka qabsooftan isin gorsaa isiniif barreesuun dirqama anatti ta\u2019e. jechuudhaan dubbata. (Yihu. 1\u00f714)&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Amantaan kennaa Waaqayyoo ta\u2019uu isaa hubachuudhaaf hiikaa amantaa sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Namootni tokko tokko \u201cAmantaan hin fayyisu\u201d,\u201dGooftaa dhuunfaa keetti Waaqessi\u201d ,\u201dKitaaba Qulqulluu akka siif galetti hiikitii hubadhu\u201d jechuudhaan iyyuu barsiifata taasifataniiru. Lallabaisaanii kanaanis qofummaa maqaa bilisummaatiin halalummaafii gadhiisummaa, Amantaa dhaabbata hin qabne babal\u2019isanii dhaloota balleessaniiru. Kitaabni Qulqulluun garuu qofummaafii daangaa dhabummaa nu hin barsiisu. Kana qabatamaan hubachuuf Duuka bu\u2019aan Yihuudaan ergaa isaatiin kan nuuf barreesse gabaabummatti tarreessinee haa ilaallu.Ergaa Duuka bu\u2019aa kanaa irraa ergaa Afuuraawaa itti aanaanu haa hubannu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Amantaan kan kenname fayyinaaf ta\u2019uu isaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>\u201cWaa\u2019ee fayina qooddannuu.\u201d jedha waan ta\u2019eef Barsiifata Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidootti Amantaan: Sadummaa qaama Waaqayyoo&nbsp; ,Tokkummaa Waaqummaa&nbsp; &nbsp;kan amalummaa kan jiraachuu kan uumuu kan kennuu kan dhorkuu, Tewaahidoodhaan nama ta\u2019ee mul\u2019achuu Kiristoos gidirfamuu, du\u2019uu, ka\u2019uu, &nbsp;ol ba\u2019uu isaafii lammata dhufaatiisaa amanuu,cuuphaa malee qulqulluu Foon isaafii kabajamaa dhiiga isaa malee jireenyi akka hin jirre fudhachuufii &nbsp;,dhuma irrattis namni &nbsp;erga diigamee tortore booda ni ka\u2019a jedhanii abdii cimaa qabachuudha.(Um.1\u00f726, 3\u00f722, Isa. 7\u00f714, 9\u00f76, Mik. 5\u00f71, Far.D. 49\u00f72, Yoh. 22\u00f712, Yah. 3\u00f75, Mar. 16\u00f716, Yoh. 6\u00f750-59, Mat. 26\u00f726, Isa. 26\u00f715-16, Dan. 12\u00f72)<\/p>\n\n\n\n<p>Osoo kun ta\u2019uu dhaabaatee qulqulloonni irra deddeebi\u2019anii \u201cAmantaadhaan cimaa\u201d, \u201cAmantaadhaan dhaabbadhaa\u201d, \u201dAmantaa keessan eegaa\u201d jechuudhaan nu hin barsiisanu ture.(Qol. 1\u00f726-27, 1Qor. 16\u00f713, Qol. 2\u00f77, Yihu. 1\u00f720, &nbsp;H.D. B 6\u00f77,14\u00f727)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Amantaan Qulqullootaaf kan kenname fii maqaa Isaan kan waamamaniif ta\u2019uu isaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Amantaan Qulqullootaaf kan kenname waan ta\u2019eef Duukaa bu\u2019ichi \u201cQulqullootaaf al tokkicha kan kenname\u201d nuun jedhe. Amantaan Kiristaanummaa kan kenname Qulqullootaafidha.Qulqulloota yommuu jennu Kitaabni Qulqulluun akka nu barsiisutti<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li>Qulqulloota Ergamoota (Maat. 25\u00f731, Dan. 4\u00f742)<\/li>\n\n\n\n<li>Qulqulloota Raajota (2ffaa Phex. 3 \u00f712,1\u00f721)<\/li>\n\n\n\n<li>Qulqulloota Duukaa buutota (Phex. 3 \u00f72)<\/li>\n\n\n\n<li>Qulqulloota qajeelitaafii Wareegamtootadha. (Luq. 1\u00f76, 2Phex. 2\u00f77-8, Ibr. 11\u00f734<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Kanaafuu amantaan Qulqullootaaf kan kennamedha yommuu jennu Qulqulloota Ergamoota, Raajota,Duukaa buutota, Qajeelotaafii wareegamtootaaf kan kenname jechuu keenyadha. Nuti Amamtaa kiristaanummaa kan fudhanne malee kan eegalle waan hin taaneef kan biraa haa eegallu(haa bu\u2019uuressinu, kana haa daballu,sana haa hirrisnu &nbsp;jechuuf mirgas beekumsas eeyyamas hin qabnu. &nbsp;\u201cBu\u2019uura Raajotaafii duukaa buutotaa irratti hundeeffamtaniittu.\u201d Akka jedhu (Efe 2\u00f719-20) Amantaan kan itti daballu kan irraa hir\u2019isnu kan itti foonu qodaa laabraatoorii keessaa, ilaalcha siyaasa addunyaa,sirna bulchiinsaa yookiin qola diizaayinaa miti. \u201cIyyasuus Kiristoos har\u2019as boriis amma bara baraatti sanuma.\u201d Akka jedhu. (Ibr 13\u00f77)&nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Amantaan kiristaanummaa amala isaatiin kan hawaasaati malee kan dhuunfaa miti. \u201cdhuunfaakeen waaqessi\u201d, \u201cdhuunfaakeen kadhadhu\u201d, kkf dubbiin gadi bu\u2019aan akkasii Bartoota biratti iddoo hin qabanu.\u201dBartootni,\u201d Qulqullootni\u201d,\u201dga\u2019oomaa\u201d,\u201dKadhadhaa\u201d,\u201dwal ga\u2019aa\u201d jedhanii amala amantaa&nbsp; kiristaanaa isa sirrii nuti malee ani kan itti hin jedhamne nutti himaniiru.Tokkummaa keenya akka jabeessinuufii qofummaa akka fageessinu nutti&nbsp; lallabaniiru. (1Qor. 1\u00f712, Ibr. 10\u00f725, H.D.B 2\u00f747)<\/p>\n\n\n\n<p>Ilaalcha siyaasa addunyaa, dubbii ykn ejjennoo namoota addunyaan beekamtiidhaan oi baaftee keesse,ykn akkasumas osoo hin qoratiin &nbsp;kan isheen fudhatte fudhachuudhaan duuka bu\u2019aa kan biraa osoo hin taane barnoota&nbsp; Raajotni, Duuka buutotni nu barsiisan fudhachuudhaan nuti Kiristaanotni duukaa buutota Kiristoosidha.(H.D.B 20\u00f728, Yoh 10\u00f727)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Amantaan Kiristaanaa gonka ta\u2019uu isaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Manni kiristaanaa waa\u2019ee sadummaa qaamaa Waaqayyoo tokkummaa amalaa,waa\u2019ee &nbsp;Nama ta\u2019uu Isaa,waa\u2019ee cuuphaa Isaa,waa\u2019ee Qurbaanaa,waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu, barnootni isheen waa\u2019ee ulfina Qulqullootaaf kennamuu gonkadha. \u201cAmantaa gonka ta\u2019ee kenname\u201d jedhamuu isaa qalbeeffadhaa. Kanaafis mana kiristaanaa keessa ta\u2019ee cubbuudhaan,ejjaan,machiidhaan jaalala qabeenyaatiin,garaafii aangoo jaalachuudhaan tokkummaafi abboommii Waaqayyoo irraa qaama fagaate gaabbiidhaan haaromsuudhaaf qabsaa\u2019uu male Amantaa&nbsp; Kiristaanaa gonka taate nan haaromsa jechuun gara ganiinsa hammaataa,karaa badiifi du\u2019aatti nama geessa. (Mat 5\u00f748, S\/UUM 6\u00f79, 1Phex.&nbsp; 5\u00f710-11)&nbsp; Hanqina tajaajiltootaa mana amantaa Kiristaanaa hanqina Amantaa Kiristaanaa gochuu irraa of haa qusannu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Amantaan kan kenname altokkicha ta\u2019uu isaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gara jireenyatti&nbsp; kan nama geessu tokko dha malee yookiis karaa maqaa miti.(Erm. 6\u00f716, Maat. 7\u00f713-14) karaa aangootti,karaa qabeenyaatti,karaa beekumsatti kan nama geessanu karaan hedduun jiraachuu danda\u2019u. Karaan Waaqayyotti nama geessu (Amantaa) garuu tokko qofa ta\u2019uu isaa caqasa armaan olitti kaasne tasgabaa\u2019uudhaan dubbisnee qajeelummaan hubachuun ni danda\u2019ama. Addunyaa irratti amantaaleen hedduun ni jiru yoo jedhames hundi garuu Waaqayyotti nama hin gessanu. \u201dWaaqayyo tokko Amantaa tokko Cuuphaa tokko\u201d akkuma jedhu Qulqulluun Phaawuloos.( Efe. 4\u00f74)<\/p>\n\n\n\n<p>Kallattumaan gad dhiisummaafi fedhii foonii gita hin qabneen kan guutaman karaan badiisaa akka jiranu jarris namatti&nbsp; namatti qajeelaa akka fakkaatanu nutti dubbatameera kan calaqqisu hundi warqee miti (Fak. 14\u00f712, Maat. 7\u00f713-14) Addaam irraa eegalee Qulqullootni ka\u2019an hunduu Gara Waaqayyoo kan ga\u2019an karaa tokkoon adeemaniitu malee karaa adda addaatiin adeemanii miti. Namani karaa fedhe irra adeemuudhaaf bilisummaa itti gaafatamummaa waliin akka isaaf kenname dagachuu hin qabnu. Amantaadhaan jiraachaa qabsaa\u2019uun akka barbaachisu Duukaa bu\u2019ichi ergaa isaa kanaan amantaa kiristaanummaatti amannee isa waliin yommuu jiraannu qormaatni akka jiruufii qormaaticha hundumaas danda\u2019uufi qabsaa\u2019uun akka barbaachisu nu barsiiseera.&nbsp; Qabsoon kunis namoota foonifi dhiigaa waliin osoo hin taane namoota bultoo taasifatanii kan dhufanu afuurota hamaafii sexana waliini dha.\u201dqabsaa\u2019uun keenya fooniif dhiiga waliin miti.\u201d Akka jedhame.(Efe. 6\u00f711-16)<\/p>\n\n\n\n<p>Qabsoon mana kiristaanaa namoota waliin miti mo\u2019ichi isaas malli isaas karaan mo\u2019ichaas meeshaan isaas kan foonii miti. Karaan mo\u2019icha isaa sagalee Waaqayyoo barachuu tsoomaaf(lagannaa) kadhannaan gara Waaqayyootti iyyuudhaan ga\u2019ee ofii keenyaas karaa Afuuraawaa&nbsp; ta\u2019een ba\u2019achuu tokkoon tokkoon keenyas ofii keenya qorachuun gaabbii galuudhaan qulqullummaa shaakaluufi qabeenya taasifachuudha.(Maat 17\u00f721, Efe. 6\u00f717, 2Qor. 13\u00f75) kanaafis manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo hanga dhufaatii Kiristoositti gidiraan akka ishee irraa adda hin baane jabeessinee haa beeknu.<\/p>\n\n\n\n<p>Amantaadhaan cimnee akka dhaabbannuuf gaarummaan Waaqayyoo araarsummaan Dubaroo Maariyaam nu waliin haata\u2019u!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Amantaan kennaa ta\u2019uu isaa kan ibsu Kitaaba Qulqulluudha. Gargaartota 72 keessaa tokko kan ta\u2019e Yihuudaa obboleessi Yaa\u2019iqoob ergaa isaatiin \u201cYaa michootakoo isa waa\u2019ee qooddannuu waa\u2019ee fayyina keenyaa isiniif&nbsp; barreessuu jaalladhee osoon jiruu Qulqullootaaf amantaa altokkicha raawwatamee&nbsp; laatamef akka qabsooftan isin gorsaa isiniif barreesuun dirqama anatti ta\u2019e. jechuudhaan dubbata. (Yihu. 1\u00f714)&nbsp; Amantaan kennaa Waaqayyoo ta\u2019uu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4181"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4181"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4181\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4182,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4181\/revisions\/4182"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4181"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4181"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4181"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}