{"id":4177,"date":"2023-03-24T13:36:45","date_gmt":"2023-03-24T13:36:45","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4177"},"modified":"2023-03-24T13:38:52","modified_gmt":"2023-03-24T13:38:52","slug":"qorumsa-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/qorumsa-2\/","title":{"rendered":"<strong>Qorumsa<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong><em>Maggaabee misxir luba Sintaayyoo Abaatee (Awustiraaliyaa)<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kuttaa 2<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Yommuu qorumsi nurra gahe maal haa goonu?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Qorumsa oogummaa fooniitiin injifachuun hin danda\u2019amu. Ta\u2019us akka Ortoodoksummaa keenyaatti yommuu qorumsi nu qunnamu qorumsicha oogummaa afuuraa kamiin hiikuu akka qabnu tasgabboofnee yaaduu nu barbaachisa.<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\">\n<li><strong>Kadhachuu<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Kadhannaan qorumsa keessaa nama baasa. Gara qorumsaatti akka hin galles nu eega. Kanaaf; Wangeela keessatti \u201cMaaloo gara qorumsaatti nu hin galchiin; hamaarraa nu oolchi malee\u201d jedhaatii kadhadhaa akkuma jedhame cimanii kadhachuu barbaachisa. Keeyyata biraa keessattis Gooftaan keenya \u201cGara qorumsaatti akka hin galle jabaadhaa kadhadhaa\u201d jedhee akkuma nu barsiise qorumsa duras ta\u2019ee qorumsa keessa yommuu jirrus sirritti kadhachuun barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqama keenyas dha.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Waaqayyoon galateeffachuu<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Kitaabni waa hundumaan galateeffadhaa akkuma nuun jedhe qorumsa keenyaanis Waaqayyoon galateeffachuutu nurra jiraata. \u201cOsoo addaan hin kutiin kadhadhaa; waan hundumaan galateeffadhaa; hayyamni Waaqayyoo kun Kiristoos Iyyesuusiin gara keessanitti dha\u201d akkuma jedhe. (1Tas 5:17) Qulqulluun Iyyoob qaama isaa, qabeenya isaa fi ijoollee kurnan isaa guyyaa tokkotti yeeroo dhabetti \u201cWaaqayyoon kenne, Waaqayyoon fudhate, Waaqayyoon haa galatoomu\u201d jedhe malee afaan isaatiin waan badaa hin dubbanne. Mee nutis qorumsawwan akka isa hin galateeffanne nu dhorkan qorumsa Iyyoob wajjin wal-haamadaalchisnu.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Cimanii dhaabbachuu (obsuu)<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Qorumsi kanneen fedha foonii hordofan filannoo isaanii akka hordofaniif yeeroon itti dhufu ni jira. Qorumsaan obsi keenya ni safarama. Qorumsaan amantiin keenya ni madaalama. Qorumsaan firii fi arangamni (aramaan) addaan foo\u2019amu. Qorumsaan kennaan addaa fi eebbi Waaqayyoo ni argama. Falli isaa amantiidhaan laphee ofii jajjabeessanii obsuu qofa dha. Qulqulluun Yaa\u2019iqoob \u201cNamni qorumsa obse kan eebbifamee dha; erga qoramee booda abdii jaallataniif waa\u2019ee isaaf goonfoo jireenyaa isaaniif kenne ni argata\u201d kan jedhe qorumsaan cimanii dhaabbachuun eebba argamsiisu ibsa (Ya\u2019i 1:12)<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluun Phaawuloosiis faayidaa qorumsa obsuu \u201cKana malees, gidiraan obsa akkuma fidu, obsis qorumsa, qorumsis abdii akka fidu haa hubannu\u201d (Rom 5:3-4). Qulqulluun Yaa\u2019iqoobis gama isaatiin \u201cYaa obboloota koo amantaa keessaniin qoramuun obsa akka isiniif taasisu beektanii, qorumsi garaa garaa yommuu isinirra gahu akka gammachuu guutuutti lakkaa\u2019aa\u201d jechuudhaan qorumsa keessatti obsuun akka qabnu nu gorsa (Ya\u2019i 1:2-3)<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Gaabbii galuu<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Waaqayyoon yommuu irraanfannu, lubbuun teenya cubbuudhaan yommuu yarattu, yommuu duutu, qulqullummaan dhabamee badiidhaan xaxamee yommuu qabamuu, isa fagaate yommuu dhiheessu; isa kufe kaasuuf, kan gitintiru dhaabbii isaa tolchuuf qorumsa erga. Waan nu jaallatuuf akkuma abbaa ilma isaa jaallatuu nu gorfata. Isa kanaafis falli osoo sababa hin baay\u2019isiin gaabbii galuu qofa dha. Nuti gaabbiidhaan gara uumaa keenyaatti yommuu deebinu inni immoo dhiifamaa fi araara isaatiin gara keenya ni deebi\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Isa darberraa muuxannoo fudhachuu<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Al tokko tokko akka dhuunfaattis akka mana Kiristaanaattis darbees akka biyyaattii wanta hojjechuu qabnu hojjechuu dhabuu keenyaan; itti gaafatamummaa keenya yeeroodhaan bahuu dhabuu keenyaan; rincica baay\u2019isuu keenyaan; hojmaatni keenya qorumsaaf kan saaxilame taasisuu keenyaan dhuunfaa dha hanga Mana Kiristaanaatti hanga biyyaattis qoramuu ni dandeenya. Qorumsi amma nu argate kun gaabbiidhaan, boo\u2019ichaan yoo deebisnees qophaa\u2019uu fi hamma hojjechuun nurra jiraatu taanee yoo hin argamne lammata qorumsaan qabamuun keenya hin oolu. Sun immoo wanta hammaataa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaaf, tokkoon tokkoo qorumsawwanii irraa barumsa fudhachuu fi cimnee hojjechuutu nurraa eeggama. Yeeroo ammaa kana qorumsi mana Kiristaanaa keenyarra gahaa jiruu fi lubbuu amantoota hedduu dabarsaa\/baasaa jiru mana Kiristaanaa keenyaaf haaraa ta\u2019uu baatuus qorumsawwan darban irraa barannee hojjechuu, qindeessuu, leenjisuu, dammaqsuu, eeguun hanga nurraa eegamu taanee waan hin argamneef dha. Ta\u2019us dargaggoonni qorumsa akka leenca nu liqimsuuf baruudutti ripee jiruun osoo hin raafamiin tokkoon tokkoo qorumsichaa muudannoo\/muuxannoo fi carraa gaariitti jijjiiruudhaan mataa\/ofii keenyaa fi Mana Kiristaanaa keenya dhaloota dhufuuf dabarsuutu nurraa eegama. Kanaaf immoo arjummaan Waaqayyoo, gargaarsi Dubroo Maariyamii nurraa hin fagaatiin. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maggaabee misxir luba Sintaayyoo Abaatee (Awustiraaliyaa) Kuttaa 2 Yommuu qorumsi nurra gahe maal haa goonu? Qorumsa oogummaa fooniitiin injifachuun hin danda\u2019amu. Ta\u2019us akka Ortoodoksummaa keenyaatti yommuu qorumsi nu qunnamu qorumsicha oogummaa afuuraa kamiin hiikuu akka qabnu tasgabboofnee yaaduu nu barbaachisa. Kadhannaan qorumsa keessaa nama baasa. Gara qorumsaatti akka hin galles nu eega. Kanaaf; Wangeela keessatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4177"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4177"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4177\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4180,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4177\/revisions\/4180"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4177"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4177"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4177"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}