{"id":4173,"date":"2023-03-23T09:00:49","date_gmt":"2023-03-23T09:00:49","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4173"},"modified":"2023-03-23T09:10:43","modified_gmt":"2023-03-23T09:10:43","slug":"qorumsa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/qorumsa\/","title":{"rendered":"<strong>Qorumsa<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-right\"><strong><em>Maggaabee misxir luba Sintaayyoo Abaatee (Awustiraaliyaa)<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kutaa 1<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Qorumsi bara jireenya keenya keessatti bu\u2019uuruma Amantaa, Sirna, Qannoonaa fi Darbaa darboo Mana Kiristaanaa keenyaatiin imalaa fi sosochii afuuraa taasisnu keessatti balleessaa keenya malee danqaa (galloo), gufuu, gidiraa, ari\u2019atamuu\/godaansa yookiin adeemsa keessa nu miidhuu fi nu danquu danda\u2019an amma garuu gaarii fakkaatanii kan nutti muul\u2019atan kanneen qaamolee gara garaa irraa nurra qaqqaban (muudatan) ta\u2019uu danda\u2019u. Akkaata barnoota Kitaaba Qulqulluu Mana Kiristaanaa keenyaatiin qorumsi maddawwan gurguddoo sadi irraa nutti dhufuu danda\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\">\n<li><strong>Mataa (ofii) keenya irraa<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Gama qaamolee miiraa keenya garaa garaatiin gara laphee keenya kan seenanii fi akka hayyama Waaqayyoo kan hin taane yookiin fedha\/hayyamawwan Waaqayyoo Kitaabolee Qulqulluu keessatti ibsaman irraa yaadoliin adda ta\u2019an adaadumaan gara hawwiitti guddatu. Qorumsi hawwiidhaan eegaluu qabatamaan yommuu raawwatamu immoo cubbuu ta\u2019a. Isa kana duuka bu\u2019aan Qulqulluu Yaa\u2019iqoob \u201cEenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyoodhaaniin qorama akka hin jenne; Waaqayyoon badiidhaan nama hin qoru; Inni mataan isaa eenyumaayyuu hin qoru. Garuu tokkoon tokkoo namaa hawwii ofiitiin (mataa isaan) yommuu harkifamuu fi gowwoomfamu qorama. Kana booda hawwiin ulfooftee cubbuu dhalti\/deessi; cubbuunis erga guddattee booda du\u2019a dhalti\u201d jedhee jira (Ya\u2019i 1:13-15)<\/p>\n\n\n\n<p>Ogeessichi Solomoon fakkeenya isaa keessatti \u201crincicni (\u1235\u1295\u134d\u1293)\/dadhabinni namaa daandii isaa jalaa jajallisti; onneen isaas Waaqayyoon lolti\u201d jedhee yaadni nuti rincicaan qabamnuu fi daandiin hawwii keenyaa adeemsa keessa bu\u2019aan\/miidhaan inni geessisu\/fidu ibsee jira. (Fak 19:3). Maqaa Isaaf galanni haa ta\u2019uutii Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa kan nutti fidan qaamolee miira keenya ta\u2019uu isaanii \u201cNamaaf maatiin isaa diina itti ta\u2019u\u201d jedhee jira. (Maat 10:36)<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019uuruma kanaan afaan isaaniitiin waan hin taane (hin malle) dubbatanii; ija isaaniitiin waan badii\/yaraa arganii; gurra isaaniitiin gorsaa fi oduu badii\/yaraa dhagaahanii; funyaan isaaniitiin foolii korniyaa faallaa fuunfatanii; harka isaaniitiin yakka hojjatanii; miila isaaniitiinis gara kiyyoon cubbuu itti kiyyeeffamee tarkaanf\u2019tii deemanii qorumsa miidhaa lubbuurraas, foonirraas isaanirra gaheef lammiileen keenya saaxilaman hedduu dha.<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Hawaasa naannawa keenya jiraniin<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Namni uumama hawaasummaati. Seerri uumamaa qulqulleettiin \u201cNamni kophaa isaa jiraachuu hin qabu\u201d akkuma isaaniin jedhe kallattiidhaanis ta\u2019ee al-kallatiin kan jiraannu kanneen biroo wajjin dha. Iddoowwan jiraannutti, hojjennuttii, imallutti fi k.k.f hundumaatti amantiidhaan, aadaadhaan, ilaalchaan, umriidhaan, saalaan fi k.k.f hundumaan uummata garaa garaa wajjin walitti dhufna. Tokkummaa keenya kanaan immoo wal-jijjiirraan beekumsaa, muuxannoo, ilaalchaa ni uumama. Dadhabaarraa ciccimootaan dhiibbaan irra gaha. Dadhabina isaanirraan kan ka\u2019e amantii isaanii, aadaa isaanii, barnoota gantummaa fi fedha foonii isaanii irratti fe\u2019u. Haaluma kanaan Gooftaan keenya sanyii qoree gidduutti kufte jedhee akkuma barsiise kiristaanummaa isaa isa gaarii sana bitaa mirgaan ciinquudhaan firii malee akka hafu taasisu.<\/p>\n\n\n\n<p>Hewaan sababa kufaatii ta\u2019uun ishee isa kanaaf fakkeenya gaarii dha. Qulqulluun Phaawuloosis \u201cHin dogongoriinaa; hiriyaa hamaan amala isa gaarii ni balleessa\u201d kan jedhe qorumsi kanneen naannawa keenya jiraaniin fi namoota hayyama\/fedha Waaqayyoo irraa maqaniin waan dhufuufi dha. (1Qor 15:33) Kana waan ta\u2019eef, Qulqulluun Daawiit namoota eebbifamoo akkas jechuun ibse \u201cGorsa namoota badii\/hamaa kan hin hordofne galateeffamaa dha; daandii cubbamtootarras kan hin imalle, teessoo\/tarree dhibaa\u2019otaarras kan hin teenyee dha\u201d (Fars 1:1)<\/p>\n\n\n\n<p>Gorsa namoota badii kan hordofu, daandii (yaada\/gorsa) cubbamtootaarra kan imalu, tarree\/teessoo irra kan taa\u2019u (<em>raawwii<\/em>) qorumsaaf kan saaxilame ta\u2019a. Faarsaa isaa isa biraa irrattis Qulqulluun Daawiit yaaduma kana bal\u2019isee \u201cNama arjaa wajjin yoo oolte arjaa taatee argamta; nama qajeelaa wajjin yoo oolte qajeelaa taatee argamta; nama qulqulluu wajjin yoo oolte qulqulluu taatee argamta; nama dabaa wajjin yoo oolte dabaa taatee argamta\u201d jechuudhaan namoota naannawa keenya jiraniin eebba argamuu fi qorumsa nutti dhufu ibsee jira. (Fars17\/18:25)<\/p>\n\n\n\n<ul>\n<li><strong>Seexana irraa<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p>Hojiin seexanaa qoruu, duubatti hambisuu (tursiisuu), gufachiisuu fi himachuu dha. Inni kun kan addaan hincinnee fi diina abdii hin kutanne kan amantoota Waaqayyoorraa amantii qaban akka ganan, tokkummaa isaanii akka diigan, naamusaa fi kennaa akka dhiisan, qulqullummaa isaanii akka xureessan, hojii badii isaaniitiin uumaa isaanii akka dheekkamsiisan, abdii akka kutatan isaan qora. Sababni isaas inni kan qoru, hojiin isaas qoruu waan ta\u2019eef dha. Qulqulluun Pheexiroos qorumsa gara jabeessa kanaa \u201cOf qabaa, dammaqaas, diinni keessan Daabiloos akka leenci yeeroo beela\u2019u waan liqimsu barbaadaa baroodaa naanna\u2019uutti ni naanna\u2019a; obboleewwan keessan addunyaa keessa jiran gidiraa sana hundumaa akka fudhatan beekaatii amantaa keessaniin cimtanii dhaabbachuudhaan isaan mormaa\u201d jechaa barsiisee jira. (1Phex 5:8)<\/p>\n\n\n\n<p>Daabiloosichi qoraan sun Addaamii fi Hewaan gorsa badiitiin Gannata keessaa isaan baase. Qaa\u2019eel obboleessa isaa Aabeel akka ajjeesu ajjeechaa barsiise. Bala\u2019aam irra bulee wanta Israa\u2019eelonni ittiin badan Bala\u2019aaqiin gorsisiisee jira. Waaqayyoon dura dhaabbatee Iyyoobiin himateera. Minaaseerra bulee raajicha Waaqayyoo Isaayyaasiin nyaataa-muraadhaan (magaazii) baqaqsiise. Heeroodis irra bulee daa\u2019imman 144,000 ficcisiisee jira. Daa\u2019imicha Kiristoos haadha Isaa wajjin akka ari\u2019atamu (godaanu) taasise. Gooftaa keenya kawaala Qorontoositti qoreera; du\u2019aa ka\u2019uumsa Isaas Ayihuudootarra bulee gansiisee jira. Duuka bu\u2019oota ariisiseera; ajjeesiseeras. Wareegamtoota mootota addunyaarra bulee isaan ficcisiise\/ajjeesise. Mana Kiristaanaa ari\u2019ateera; ammas ari\u2019achaa jira. Namoota heddu ciminnii fi baay\u2019inni qorumsaa fi gidiraa abdii isaan kuchisiisee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Seexanni qorumsa kan fiduu akka namoonni tokko tokko yaadan seexanummaa isaa ibsee, fuula dukkanaa isaa agarsiisee osoo hin taane; tooftaawwan baay\u2019ee dhokatoo fi gargar ta\u2019aniin dha. Badii qofaan osoo hin taane jaalalaan fakkeeffamaa, amantaa qabeessaa fi amantiidhaaf kan quuqamu fakkeessaa, dadhabina keenyaaf gargaaraa, beela keenyaaf soorata, kophummaa keenyaaf jaallee\/hiriyaa yommuu dhiphuu keenyaa tasgabbeessaa, yoo hiyyoomne badhaadhina ta\u2019ee fi fakkaatee kan nutti dhiyaatuu dha. Isa kanas gara Gooftaa keenyaa dhiyaatee beela\u2019uu Isaa argee \u201cDhagaa kana daabboo taasisiii nyaadhu\u201d kan jedhe sanaan hubachuun ni danda\u2019ama. (Mat 4:4)<\/p>\n\n\n\n<p>Yommuu kiristaanummaadhaan jiraannu jaallannees jibbinees qorumsi karaalee sadan keessaa yoo xiqqaate isa tokkoon gara keenya dhufuun isaa hin oolu. Duuka bu\u2019aan Kiristoos inni dhugaan Kiristaana ta\u2019ee qorumsa malee gonkumaa jiraachuu hin danda\u2019amu. Namarraa fagaatanii gammoojjii keessa jiraatanis, cubbuurraa fagaatanii qulqullummaa goonfatanis, qabeenyaa fi kabaja biyya lafaatiin marfamanis, fiixee aangoo olaanaarras yoo gahan qorumsa malee jiraachuun hin danda\u2019amu. Akka hin danda\u2019amnees Kitaaboleen Qulqulluun wal-ta\u2019iinsaan ibsaniiru. Gooftaan keenyas Wangeela Qulqulluu irratti \u201cGufannaan waan dhufuuf biyya lafaatiif maloo! Gufannaan dhufuun isaa hin oolu\u201d jedheera. (Maat. 18:7). Wangeela isa biraa irratti immoo \u201cAna wajjin yommuu jiraattan nagaa akka isiniif ta\u2019u akkas isiniin jedha; yommuu addunyaa keessa jiraattan gidiraatu isinirra gaha; garuu jabaadhaa Ani addunyaa moo\u2019eera\u201d jedhee ibsee jira. (Yoh 16:33)<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristoosiin duuka bu\u2019ummaadhaaf kan filatamee fi isarraas kan barate Q\/Pheexiroos gidiraa fi qorumsi kan hin hafne waan ta\u2019eef \u201cMichuuwwan koo isin keessaa gidiraan yoo akka ibidaatti isin qore akka isin hin dinqine; garuu kabajni Kiristoos yommuu muul\u2019atu immoo akka gammaddaniif hammuma Kiristoosiif jettanii gidiramtaniif gammadaa. Waa\u2019ee maqaa Kiristoosiif yoo isin qeeqan afuurri kabajaa Afuurri Waaqayyoo isinirra qubata waan ta\u2019eef isin eebbifamtoota dha. Isin keessaa eenyumtuu lubbuu kan baase yookiin hattuu yookiin badii kan raawwatu yookiin dhimmi namoota biraa gidduu kan lixu ta\u2019ee; gidiraa akka hin fudhanne; Kiristaana ta\u2019uu isaatiin garuu yoo gidirfame maqaa Waaqayyoo kanaaf yaa galateeffatu malee akka hin qaanofne\u201d jechuudhaan bal\u2019inaan nu gorsa. (1Phex 4:12-16)<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluun Phaawuloos immoo qorumsii fi gidiraan kaayyoo ittiin waamamne keessa isa tokko ta\u2019uu isaa \u201cWaan tokkollee namoota isin mormaniin hin rifatinaa; isaaf mallattoo badii, isiniif immoo mallattoo fayyinaati; innis Waaqayyoo irraayi; kunis waa\u2019ee Kiristoosiif isiniif kennameera; waa\u2019ee isaaf gidiraa akka fudhattaniif malee akka itti amantan qofaaf miti; kan anarratti argitan ammas kan narraa dhageessan, qabsuurri\/gidiraan isinirra gaheera\u201d jechuudhaan nu barsiiseera. (Filp 1:20-30)<\/p>\n\n\n\n<p>Amantoonni dhugaa kana hin hubanne tokko tokko Kiristaana waan ta\u2019aniif qofa mataa isaaniirra, maatii isaaniirra, mana Kiristaanaarra, waldaa amantootaarra qorumsii fi gidiraan yommuu gahu ni jeeqamu. \u201cMaaliif?\u201d jedhanii Waaqayyoon wal mormu. Amantiin isaaniis dogongora kan qabu fakkaatee itti muul\u2019ata. Maqaadhaan \u201cKiristaana\u201d kan jedhamanii fi naannawa isaanii kan jiraatan, biyya lafaarra itti tolee kan jiraatan nageenya isaan qaban, eebbi isaan argatan fi milkaa\u2019ina isaanii ilaalaa kiristaanummaa isaanii eebba biyya lafaatiin madaaluu eegalu. Keessumattuu immoo qorumsa bara keenya kanatti argaa jirru maddi isaa abbootii mana Kiristaanaa fi tajaajiltoota ta\u2019uu isaanii yommuu argan garmalee amantaa isaanitiin kan raafaman ni jiru. Kun garuu kiristaanummaan bara keenya kana gahuudhaaf imala bu\u2019aa bahiin garmalee kan itti baay\u2019ee keessa darbuu isaa hubachuu dhabuurraa kan dhufu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Qorumsi kiristaanummaa inni jalqabaa kan madde miila Gooftaa keenyaa jala taa\u2019ee barachaa kan ture, jecha afaan Isaa kan dhagaahe, raajii harka Isaa argaa kan ture Yihuudaa biraayi.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Qorumsi maaliif?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Qorumsi kallattii kamiinuu fi naannawa yookiin sababa kamiinuu yoo dhufe keessa isaatti garuu kaayyoo qabaata. Wanti guddaan dhufaatii qorumsaa osoo hin taane kaayyoo qorumsichaatiif qophaa\u2019oo fi gahoomaa ta\u2019anii argamuu irratti dha.<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\">\n<li>Qorumsi bu\u2019aa cubbuu keenyaa ta\u2019uu danda\u2019a. Sababni isaas namni waan facaase haammata.<\/li>\n\n\n\n<li>Qorumsi nu dammaqsuu fi nu cimsuuf Waaqayyoo biraa bilbila bilbilamu ta\u2019uu danda\u2019a.<\/li>\n\n\n\n<li>Amantii fi jaalalli keenya akka ittiin madaalamuuf nuuf kennamuu danda\u2019a.<\/li>\n\n\n\n<li>Qorumsaan kan qabaman, cubbuudhaan kan kufan irraa gara laafiinsa akka barannuuf nuuf kennamuu danda\u2019a.<\/li>\n\n\n\n<li>Gatii keenya nuuf baay\u2019isuuf qoramuu dandeenya.<\/li>\n\n\n\n<li>Qoramuu keenya keessatti namoota biraa barsiisuuf nu qoruu danda\u2019a.<\/li>\n<\/ol>\n\n\n\n<p>Armaan olitti ibsuuf akkuma yaalameetti sababni qorumsaa hedduu dha. Dhimmi ijoon Waaqayyoon ijoollee Isaa akka hin qorree fi qorumsa humna keenyaa oli ta\u2019eef dabarsee akka nu hin kennine, darbees qorumsa wajjin xurree bahiinsaa wajjin akka nuuf kennu hubachuu fi amanuu keenyaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Innis Kitaaboolee Qulqulluu keessatti \u201cEenyumtuu yommuu qoramu Waaqayyooniin qorame akka hin jenne; Waaqayyoon badiidhaaf nama hin qoru; inni mataan isaa eenyumaayyuu hin qoru.\u201d (Ya\u2019i 1:13) Akkasumas \u201cNama hundumaa qorumsa ta\u2019uu qabu malee homaa isinirra hin geenye; garuu hamma danda\u2019amu caalaa akka qoramtaniif Waaqayyoon hin hayyamne kan amanamee dha; akka obsuu dandeessaniifis qorumsicha wajjin karaa ittiin jalaa bahan isiniif qopheessa\u201d jedhameera. (1Qor 10:13)<\/p>\n\n\n\n<p>Hayyichi Qulqulluun Baasliyoos akkuma dubbate Waaqayyoon dadhabina namaa ni beeka. Waan beekufis qorumsa humna keenya ol ta\u2019een akka kufnu hin fedhu. Kanaaf dogongora keenyaan osoo hin taane qorumsi sammuu keenyaa ala ta\u2019e yommuu nu muudatu; abdii kutachuu fi akka lammiilee isaan baraaru dhabanii ta\u2019uu hin qabnu. Qulqulluun Phaawuloos \u201cGidiraa Eeshiyaatti nurra gahe; yaa obboloota koo kana akka beektan barbaanna; waa\u2019ee jireenya keenyaatiif hanga abdii kutachuutti humna keenyaa ol garmalee nutti ulfaatee ture; eeyyeen, kanneen du\u2019an Waaqayyoo du\u2019arraa kaasutti malee ofii keenyatti akka hin amanamne; nuti mataan keenya murtii du\u2019aa keessa keenyatti dhageenyee turre; innis du\u2019a hammasi irraa nu baraare; nu fayyisas; isinis immoo waa\u2019ee keenyaaf kadhachaa yommuu nu gargaartan, gama namoota hedduutiin waa\u2019ee kennaa nuuf kennamee hedduun isaanii waa\u2019ee keenyaaf akka galateeffataniif gara fuulduraatti immoo akka nu fayyisu ni abdanna\u201d jechuudhaan akkuma nu barsiise gaadidduun du\u2019aa nu marsuus qorumsarraa nu baraara. (1Qor 1:8-11)<\/p>\n\n\n\n<p class=\"has-text-align-center\"><strong>Nuu haa turu<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maggaabee misxir luba Sintaayyoo Abaatee (Awustiraaliyaa) Kutaa 1 Qorumsi bara jireenya keenya keessatti bu\u2019uuruma Amantaa, Sirna, Qannoonaa fi Darbaa darboo Mana Kiristaanaa keenyaatiin imalaa fi sosochii afuuraa taasisnu keessatti balleessaa keenya malee danqaa (galloo), gufuu, gidiraa, ari\u2019atamuu\/godaansa yookiin adeemsa keessa nu miidhuu fi nu danquu danda\u2019an amma garuu gaarii fakkaatanii kan nutti muul\u2019atan kanneen qaamolee [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4173"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4173"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4173\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4176,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4173\/revisions\/4176"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4173"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4173"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4173"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}