{"id":4169,"date":"2023-03-15T08:00:44","date_gmt":"2023-03-15T08:00:44","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4169"},"modified":"2023-03-15T08:00:45","modified_gmt":"2023-03-15T08:00:45","slug":"kiristoos-qoqqoodamee-jiraayii-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/kiristoos-qoqqoodamee-jiraayii-2\/","title":{"rendered":"<strong>Kiristoos qoqqoodamee jiraayii?<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p><strong>Kutaa Lama<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Afaan oromootti kan hiike Taddalaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Waa\u2019ee kabaja ilmaan namootaa barnoonni Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa maal jedhaa?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\">Amaloomni uumamaa ilma namaa tokko akkuma ta\u2019e, kabajni isaas ilmaan namootaa hunduma biratti tokko dha. Wal-qixxummaa fi obbolummaan kabaja amala wal fakkaataa kanaati malee kennaa \/badhaasa (arjoomina) yookiin argannoo yookiin hayyama qaamolee siyaasaa miti.<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"16\" height=\"61\" src=\"\">Yaadoliin armaan dura kaasne falaasama \u201cistook\u201d keessatti osoo hin hafne kan ka\u2019u ta\u2019us, bocaa fi hiikkaa, bu\u2019uura, daandii ciminaa isaan dhugaa kan kenne garuu Kiristaanummaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhugumaan Duuka Bu\u2019ichi akkuma jedhe ilmaan namaa kan wal caalan yoo ta\u2019e, kennaa Waaqayyoon isaaniif kennuudhaani. Sababni isaas kennaa adda addaa dha. \u201cHammuma<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"19\" src=\"\">Waaqayyoon kennaa nuuf kenne kennaawwan gara garaa qabna\u201d akkuma jedhu. Afuurri garuu, tokko dha. Tajaajilli isaa garuu, gara gara dha. Gooftaanis tokko dha. Halli hojii isaa gara garaa dha. Waaqayyoon waan hundumaa hundumaaf raawwatu garuu tokko dha. \u201c\u2026 qaamni tokko akkuma kutaawwan qaamaa hedduu qabu garuu, kutaawwan qaamaa hedduun kunniin qaama tokko akkuma ta\u2019an Kiristoosis akkasuma. Ayihuudis yoo taane, nama Giriikiis yoo taane, gabrootas yoo taane, naamusa qabeessas yoo taane hundumti keenya Afuura tokkoon, qaama tokko akka taanuuf cuuphamnee jirraatii hundumti keenya Afuura tokkicha sana dhuugnee (goonfannee) jirra.\u201d Qor. 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> 11:17-32<\/p>\n\n\n\n<p>Ilmaan namootaa maqaa Kiristaanummaa fi qabeenya ilmummaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Kiristaanonni qaban abbaa tokko Waaqayyo Abbaa, Gooftaa tokko qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos, Afuura jiraataa tokko Afuura Qulqulluu, abdii tokko innis jireenya bara baraa qabu. Inni kun nama ta\u2019uudhaan qoqqoodamee hin beeku. Iddoo jireenyaa tokko isheenis waaqeffannaa kan itti raawwatan Mana Kiristaanaa Qulqulleettii qabu.<\/p>\n\n\n\n<p>Itti fufa&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa Lama Afaan oromootti kan hiike Taddalaa Waa\u2019ee kabaja ilmaan namootaa barnoonni Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa maal jedhaa? Amaloomni uumamaa ilma namaa tokko akkuma ta\u2019e, kabajni isaas ilmaan namootaa hunduma biratti tokko dha. Wal-qixxummaa fi obbolummaan kabaja amala wal fakkaataa kanaati malee kennaa \/badhaasa (arjoomina) yookiin argannoo yookiin hayyama qaamolee siyaasaa miti. Yaadoliin armaan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[61],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4169"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4169"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4169\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4170,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4169\/revisions\/4170"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4169"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4169"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4169"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}