{"id":4167,"date":"2023-03-14T12:27:30","date_gmt":"2023-03-14T12:27:30","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4167"},"modified":"2023-03-14T12:27:31","modified_gmt":"2023-03-14T12:27:31","slug":"kiristoos-qoqqoodamee-jiraayii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/kiristoos-qoqqoodamee-jiraayii\/","title":{"rendered":"<strong>Kiristoos qoqqoodamee jiraayii?<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Kutaa tokko<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><strong>Afaan oromootti kan hiike Taddalaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Addunyaan keessa jiraannu komii (wantoota garaa nama hanqatan) fi walitti bu\u2019iinsaan kan guutamtee dha. Qorannoowwan akka mirkaneessanitti walakkaan uummata addunyaa iddoowwan walitti bu\u2019iinsaa keessa kan jiraatanii dha. Amma amma walitti bu\u2019iinsi kun babal\u2019atee yeeroo wayii tokkotti biyyoota tasgabbaa\u2019oo kan jedhaman kan akka biyyoota lixa Awrooppaa osoo hin hafne walitti bu\u2019iinsaaf saaxilamaa dhufaa jiru.<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\">Sababoonni walitti bu\u2019iinsi itti ka\u2019an hedduun jiraachuu danda\u2019u. Fakkeenyaaf jarraa 20<sup>ffaa<\/sup> qofa yoo ilaalle biyya tokko keessatti sababoota walitti bu\u2019iinsi itti eegaluu fi dhumni isaas barbadaa\u2019insa kan itti fidu keessaa inni tokko rakkoo sababa sanyummaatiin uumamu dha. Ta\u2019us, yaadolii bu\u2019uuraa; (sanyiin maali? Ilmaan namaa sababa sanyii kamiif wal-lolu? Maalif walitti bu\u2019iinsa hamaadhaaf saaxilamu? Gama barnoota Kiristaanummaatiin akkamitti ilaalamaa?) jedhan ilaaluutu nurra jiraata.<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp; Komiiwwan hawaasaa fi walitti bu\u2019iinsa ilaalchisee dhugaawwan xiyyeeffannoo barbaadan lamatu jiru. Inni jalqabaa walitti bu\u2019iinsawwan biyyoota guddachaa jiran keessatti ka\u2019aniin uummanni walakkaan kan du\u2019aaf saaxilaman maddi isaa sababa sanyii irraa kan ka\u2019anii dha. Sababni waraana addunyaa lammaffaa Adoolf Hiitlar \u201csanyiin\/qoomoon koo sanyii namaa hundumaa olii dha\u201d; \u201csanyiin Jarmanootaa aduudhaa gaditti sanyii filatamaa dha\u201d kan jedhuu dha.&nbsp; Waraana addunyaa lammaffaa booda biyyoota 22 keessatti walitti bu\u2019iinsawwan uumaman jiru ture. Walitti bu\u2019iinsawwan kanneeniin ilmaan namootaa du\u2019an miliyoona 3-8 akka gahu qorannoowwan mirkaneessanii jiru. Badiiwwan kanneen dibbeewwan injifannoo itti rukkutamaniin, kan namoota hedduu hirmaachisaniin qaqqaban immoo namoota kanaa olii galaafataniiru. Wal-waraansa sanyii irratti bu\u2019uureffatanii biyyoota giddutti gaggeeffaman keessatti uummanni gara miliyoona 25tti dhiyaatan kallattiidhaan du\u2019aaf saaxilamanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Sanyiin maali?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"19\" src=\"\">Akkaataa kuusaa jechoota (hiikkaa) Alaqaa Kidaanawaldi Kifleetiin sanyii jechuun firii xinnoo biqiltu jechuu dha. Sanyii namaa immoo gosa, qomoo, dhaloota jechuudhaan hiika. Addunyaa ammayyaawaa keessatti jechi sanyii jedhu dur irraa eegalee kan ture ta\u2019us, akka qorannoo afaanii Awrooppaanotaatiin jalqaba kan argame (kan fayyadaman) jaarraa 16<sup>ffaa<\/sup> keessa dha. Jaarraa 17<sup>ffaa<\/sup> keessa qorattoonni Faransaayi sanyii maatii ibsuuf itti fayyadamanii jiru. Jarmanoonni jechicha jaarraa 18<sup>ffaa<\/sup> keessa namoota bifa gogaa isaaniitiin fi boca qaama isaaniitiin ilmaan namoota gara garaa ibsuuf itti fayyadamanii jiru. Qorataan inni biraa immoo sanyii adii, keelloo, gurraachaa fi diimaa jechuudhaan bifa gogaa namaa gargar baasuuf fayyadamee jira. Amma amma immoo afaan iddoo isaa malee seenee sanyii ibsuuf hojii irra oolee sodaa balaa gargar ba\u2019uu fi addaan bittinnaa\u2019uu yoo ta\u2019u ni argina.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Sanyummaan maali?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Sanyummaan ilmaan namootaa kan gargar qoodu; kan sadarkaa kennuu fi garee \u201cisaan\u201d jedhuun kan qoqqoodu dha. Haaluma kana hordofuudhaan caba hawaasaa ilmaan namootaa gara jibbiinsa walxaxaa fi itti fufiinsa qabuutti kan galchuu dha. Sanyummaan ilmaan namootaa dallaa qoqqoodamiinsaa kanaan ala isaan taasisee hin ilaalu. Ibidda barbadaa\u2019iinsaa namoota gara tokkotti yookiin gara addaa addummaatti masakuu dha. Namoonni sanyummaadhaan jaaman immoo yommuu isa hoogganan bu\u2019aan \/dhumni\/ isaa maal ta\u2019uu akka danda\u2019u tilmaamuun nama hin dhibu. Ilaalchi akkanaa kun utubaawwan barnoota Kiristaanummaa wajjin kan deemu miti. Ilaalcha barbaadaa\u2019iinsaa namtolchee fi namoota garaa jabaataniin dhalatee dha. Tokkummaa ilmaan namootaa \u201chundumtuu ijoollee Addaam tokkichaa fi Hewaan takkitiiti malee kan biroo miti\u201d barnoota jedhu, gama amala kabajamaa ilmaan namaa fi Afuurummaa Kiristaanummaatiin bakka hin qabu. Manni Kiristaanaa Qulqulleetiin sanyummaa kan mormitu barnoota Kitaaba Qulqulluu fi darbaa darboo ka\u2019uumsa godhachuudhaani.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Waa\u2019ee tokkummaa ilmaan namootaa Kiristaanummaan kan beekuu fi kan barsiisu<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Jecha abdii dur durii amantaa Ayihudotaatiin tures ta\u2019ee jalqaba Wangeelaatii hanga dhumaatti ilmaan namootaa tokkummaa gonka ta\u2019een kan simattu dha. Kunis barnoota \u201cWaaqayyoon tokkoo dha\u201d jedhu irraa eegala. Jalqabnis xummurris (Aalfaa fi Oomeegaan) Waaqayyoo dha. Qulqulluun Phaawuloos waa\u2019ee tokkummaa Fayyinaa fi ka\u2019uumsa addunyaalessummaa yoo dubbatu Qulqulleettii Sillaasee giddu gala kan taasise dha. Tokkummaan isaanii hin qoqqoodamne sun bu\u2019uura tokkummaa ilmaan namootaa taasisee dubbatee jira. Goolabni sanyummaa immoo qabatamaan gara mootummaa Waaqayyoo ganuutti kan geessu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Raajoonni Israa\u2019eel ofii isaanii sanyii qofaan osoo hin taane waaqolii tolfamoo ofii isaaniitiin qoqqoodanii biyya lafaa boqonnaa dhoorkanii kan turan ilaalcha dogoggoraa irra dhaabbachuu isaaniitiin ture. Raajoonni namoota durii yommuu gorsan kan dubbatan \u201cWaaqayyoon kan hundumaa, hunduma keessa kan jiru, Gooftaa hundumaa danda\u2019u dha\u201d barnoota jedhu gara biyya lafaatti fiduudhaani dha. Abbootiin seera uumamaa ka\u2019uumsa godhachuudhaan tokkummaa ilmaan namootaa gad-fageenyaan bal\u2019isanii barsiisanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hewaan cinaacha Addaam irraa argamte; ilmaan namootaa jiraattota ta\u2019an walitti dhufeenya fooniitiin argamsiiste jechuun waan biraa miti hiddi ilmaan namoota tokko dha jechuu dha. Tumaawwan Amantaa, Qannoonaawwan, seeronni hundinuu argamsa hidda ilmaan namootaa Addaam tokkicha (the absolute homogeneity of human nature) taasisuun isaanii gonka tokkummaa ilmaan namootaa kan mirkaneessuu dha malee kan biroo miti.<\/p>\n\n\n\n<p>Hewaan (haadha jiraattota hundumaa) uumamaa biroo osoo hin taane cinaacha bitaa Addaam irraa argamuun ishee cinaacha Addaam irraa kan argamte malee qaama addaa akka hin taane ni beekna ni amannas.<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyoon \u201cNama akka bifa Keenyatti akka fakkeenya Keenyatti haa uumnu\u201d yoo jedhu tokkummaan ilmaan namootaa ifa ba\u2019aa jira. Waaqayyoon qaamaan sadi akka ta\u2019e ni amanna.<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\">Garuu, amalooma Isaatiin, bulchuudhaan, amala Waaqummaatiin, aangoodhaan, Waaqa ta\u2019uudhaan, baraa hanga baraatti kan jiraatu ta\u2019uudhaan, Uumaa ta\u2019uudhaan Waaqa tokko dha. Haaluma wal fakkaatuun namnis tokkos baay\u2019eedhaas.<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"19\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"19\" src=\"\">Eessattuu haa dhalatu; eessattis haa guddatu ilmi namaa nama dha. Filatee kan fuudhus kan biyya Jaappaan taates kan Kooriyaa, kan Eeshiyaa taates kan Awustraaliyaa nama ta\u2019uu isheetiini. Namni naannawa jiraatutti bifni gogaa isaa tokko kan tokkoo rraa garaa garummaa qabaachuu danda\u2019a. Afaanii fi aadaadhaanis akkasuma. Kuni garuu, sanyii namaa ta\u2019uu isaatiin qaama isaa jijjiirachuu kan danda\u2019uu miti. Ilmaan namootaas Amaaraas ta\u2019anii Oromoo, Affaaris ta\u2019anii Argoobbaa, kan Faransaayis ta\u2019anii kan Ingiliizii nama jedhamanii waamamu malee maqaa tarree namummaa keessaa bahanii ittiin waamaman hin qaban.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Ilmaan namootaa barnoota Kiristaanummaatiin<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\">Ilmi namaa tokko ta\u2019ee uumamee osoo jiru, sababa iddootiin inni tokko gara mirgaa inni biraa gara bitaatti; yookiin immoo inni tokko gara kaabaatti, inni biraa gara kibbaatti imala; bakkuma jiraatu sanattis akkuma jecha Kitaaba Qulqulluu ni baay\u2019atu \/wal-horu\/ dachiis ni guutu. Kanuma irraa ka\u2019uudhaan bifa, afaan, aadaa, safuu, sirna, amantii gara garaatiin jiraachuun kan baratame ta\u2019e. Heddumina kanas Kiristaanummaan kan fudhattuu dha malee kan balaaleffattu miti.<\/p>\n\n\n\n<p>Jalqabuma irraa tokko ta\u2019ee kan uumame ilmi namaa afaaniin, aadaadhaan, jiruudhaan, ilaalchaan, qaroominaan, haala jireenyaatiin garaa garummaa qabaatuus Qorichi keenya Iyyasuus<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristoos amala keenya goonfatee nama yommuu ta\u2019u; Fannoo Isaatiiniis lolaa fi du\u2019a balleessee dhangala\u2019uu dhiiga Isaa kabajamaatiin tokko nu taasisee jira. Ilmi namaa uumama isa jalqabaatiin tokko ta\u2019ee kan uumame, xummura baraattis Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin tokko ta\u2019ee jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Kiristaanummaan jiraachuu uummattoota gara garaa kan simatu duudhaa fi shallaggii gatii namoomaa fi biyya lafaatiin miti. Innis tokkummaa foo\u2019amaa Addaam keessa ture ilmaan namootaa dachee boqqonna dhabsisani kan turan yada ilaalcha sirri hin taanen iraatti hundaa\u2019uu isaaniitiin ture.<\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"18\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"4\" height=\"19\" src=\"\">Garuu, ilmi namaa kufaatii isaa booda gara cubbuutti goruu isaatiin adda addummaa akka miidhaginaatti osoo hin taane, akka ka\u2019uumsa komii fi yaada gargar ba\u2019iinsaaf yommuu itti fayyadaman argina. Kunis garaa garummaa madda walitti bu\u2019iinsaa, wal-dhiibuu ta\u2019uudhaan guddachaa fi babal\u2019achaa dhufee obboleewwan hanga wal-ajjeesisuu gahuu danda\u2019ee jira. Kun immoo barnoota Kiristaanummaa (Ortoodoksaawaa) wajjin gonkumaa \/guutumatti\/ kan wal faalleessuu dha. Kana waan ta\u2019eef, \u201cBadii gidduu keessanii balleessaa\u201d jedhamee akkuma barreeffame jireenya Kiristaanummaa keenya keessaa Murree gatuu nu barbaachisa.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa tokko Afaan oromootti kan hiike Taddalaa Addunyaan keessa jiraannu komii (wantoota garaa nama hanqatan) fi walitti bu\u2019iinsaan kan guutamtee dha. Qorannoowwan akka mirkaneessanitti walakkaan uummata addunyaa iddoowwan walitti bu\u2019iinsaa keessa kan jiraatanii dha. Amma amma walitti bu\u2019iinsi kun babal\u2019atee yeeroo wayii tokkotti biyyoota tasgabbaa\u2019oo kan jedhaman kan akka biyyoota lixa Awrooppaa osoo hin hafne [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[62],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4167"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4167"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4167\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4168,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4167\/revisions\/4168"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4167"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4167"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4167"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}