{"id":4158,"date":"2023-02-01T08:59:56","date_gmt":"2023-02-01T08:59:56","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4158"},"modified":"2023-02-01T08:59:57","modified_gmt":"2023-02-01T08:59:57","slug":"ogummaa-keetitti-hin-hirkatin-kitaaba-fakkeenyaa-3%e1%8d%a55","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/ogummaa-keetitti-hin-hirkatin-kitaaba-fakkeenyaa-3%e1%8d%a55\/","title":{"rendered":"&#8221;Ogummaa Keetitti Hin Hirkatin&#8221; (Kitaaba Fakkeenyaa. 3\u13655)"},"content":{"rendered":"\n<p>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<em><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0   Barsiisaa Bitiwadadi Warquu<\/strong><\/em><\/p>\n\n\n\n<p>Bara dardarrummaa keenyatti dhimmoota baay&#8217;ee ittiin rakkannu keessaa tokko beekaa of taasisanii yaaduu dha. Kunis rakkoo ogummaa ofiitti hirkachuu keessaa isa tokkoo dha. Rakkoo uumamuu fi rakkoo uumamuuf jiruuf &nbsp;&#8221;kan &nbsp;akkana &nbsp;ta&#8217;eef,&nbsp; waan &nbsp;akkana &nbsp;ta&#8217;eefi,&nbsp; sababa &nbsp;kanaaf &nbsp;akkana ta&#8217;uufi, akka kana kan jedheef, kanaaf natti fakkaata\u201d &nbsp;jechuudhaan beekaa taasisanii &nbsp;of &nbsp;dhiyeessuun &nbsp;fedhii &nbsp;ogummaa &nbsp;ofiitti &nbsp;hirkachuu &nbsp;ol&nbsp; &nbsp;kaasa. Akkasumas, &nbsp;gochi &nbsp;tokko &nbsp;erga &nbsp;raawwate &nbsp;booda &nbsp;gaaffiin &nbsp;&#8216;maaliif?&#8217; &nbsp;jedhu yommuu &nbsp;ka&#8217;u, &nbsp;&#8216;waanan &nbsp;gammadeefi, &nbsp;waan &nbsp;natti &nbsp;fakkaateefi&#8217; &nbsp;deebiwwan jedhan &nbsp;baay&#8217;achaa &nbsp;dhufuun &nbsp;isaanii &nbsp;baay&#8217;ina &nbsp;ogummaa &nbsp;ofiitti &nbsp;hirkachuu keenyaa kan akeekanii dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Ilaalcha kana hamaa kan taasisus muuxannoon jireenyaa bakka hin jirrettiyyuu jireenya fi sadarkaadhuma yaadrimeettis &nbsp;beekumsa gadi fagoo osoo hin qabaatin ta&#8217;uu isaati. Dargaggoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hin jedhamne &#8221;mataa kootiif kan beeku anuma, jireenya koo gidduu hin galinaa, hiree koo naaf hin murteessinaa&#8230;&#8221; fi yaadota kana fakkaatan kaasuudhaan maatii fi hangafoota isaanii ennaa himatanii fi akeekkachiisan ni mul&#8217;atu. Kan nama gaddisiisu garuu, dargaggoonni akkana akkana jedhan kunneen gochaalee isaan miidhu, kan boquu maatii isaanii cabsu, sona (value) hawaasummaa&nbsp; &nbsp;kan&nbsp; &nbsp;diiguu&nbsp; &nbsp;fi&nbsp; &nbsp;gochaalee&nbsp; &nbsp;fayyummaa&nbsp; &nbsp;jeeqan&nbsp; &nbsp;irratti<\/p>\n\n\n\n<p>bobba&#8217;aniiti. Sababa kanaanis xummurri isaanii hamaa ta&#8217;a.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaabbata guddaa kan jedhamu &nbsp;gaa&#8217;ela hundeessaniiyyuu hiriyaa gaa&#8217;elaa isaaniiyyuu homaa kan hin dhaggeeffanne, dhimmoota manaa fi bultii isaanii hunda \u201c anatu beeka, akkana ta&#8217;uu qaba&#8221; jechuudhaan ogummaa &nbsp;isaanii qofatti &nbsp;hirkachuudhaan &nbsp;namoonni &nbsp;murteessanis &nbsp;lakkoofsi &nbsp;isaanii &nbsp;salphaa miti. Ani sirrii dha jedhanii waan yaadaniifis ogummaa isaanii &nbsp;irratti qofa rarra&#8217;uun &nbsp;yaada &nbsp;qaama &nbsp;biroo &nbsp;(abboota, &nbsp;barsiisota&#8230;) &nbsp;irraa &nbsp;dhiyaatuf dhaggeeffachuuf eeyyamamoo osoo hin ta&#8217;in hafu.<\/p>\n\n\n\n<p>Sansaka&nbsp; akka&nbsp; kanaatiif&nbsp; saaxilamuu &nbsp;dameen&nbsp; xiinsammuu&nbsp; akka&nbsp; rakkoo guddaa tokkotti akka ilaalu beekamaa dha. Jecha Waaqayyootiin kan hin qoramne, abboota fi obboloota guguddoo yaada guguddaa qabaniin kan hin sakatta&#8217;amne ogummaan ofii (dhuunfaa) gara kufaatiitti nama geessa. haati keenya &nbsp;Hewaanii&nbsp; fi&nbsp; abbaan&nbsp; keenya &nbsp;Addaam&nbsp; Waaqayyoodhaan&nbsp; kan &nbsp;itti himame &#8221;Biqiltuu Jannata keessa jiru hundarraa nyaadhu, biqiltuu gaarii fi hamaa &nbsp;agarsiisuu &nbsp;fi &nbsp;beeksisu&nbsp; irraa &nbsp;garuu&nbsp; hin &nbsp;nyaatin, &nbsp;guyyaa &nbsp;achirraa nyaatte du&#8217;a in duuta&#8221; kan jedhu abboommii Waaqayyoo daddarbanii ogummaa ofiitti abdachuudhaan fi hawwiin Waaqa ta&#8217;uu isaanii dabalee kufaatiidhaaf isaan geechiseera. (S.Uum. 2:16-17)<\/p>\n\n\n\n<p>Umrii dargaggummaatti haa hafuutii umrii ga&#8217;eessummattis yoo ta&#8217;e of qofa ofiif beekaa taasisanii lakkaa&#8217;uun gatii heddu nama kaffalchiisa. Nama ta&#8217;uu keenya irraa kan ka&#8217;e hanqinoota hedduu qabna. Toorri ilaalcha keenyas taanan&nbsp;&nbsp; gonka&nbsp; &nbsp;miti.&nbsp;&nbsp; Ogummaa&nbsp; &nbsp;ofiitti&nbsp; &nbsp;qofa&nbsp; &nbsp;hirkachuun&nbsp; &nbsp;ibsituu&nbsp; &nbsp;of tuulummaatiisi. Ogummaa ofiitti hirkachuun madaala kamiiniyyuu yoo madaalle sirrii ta&#8217;uu hin danda&#8217;u. Maalif? yoo jettan, Kitaabni Qulqulluun<\/p>\n\n\n\n<p>&#8221;daandii&nbsp;&nbsp; keenya&nbsp; &nbsp;haa&nbsp; &nbsp;qorannuutii&nbsp; &nbsp;haa&nbsp; &nbsp;sakattaanu&#8221;&nbsp; &nbsp;Boo.&nbsp; &nbsp;Er.&nbsp;&nbsp; 3:40. Jechuudhaan&nbsp;&nbsp; &nbsp;akkuma&nbsp;&nbsp; &nbsp;ibse&nbsp;&nbsp; &nbsp;ilaalchi&nbsp;&nbsp; &nbsp;fi&nbsp;&nbsp; &nbsp;beekumsi&nbsp;&nbsp; &nbsp;kamiyyuu&nbsp;&nbsp; &nbsp;jecha<\/p>\n\n\n\n<p>Waaqayyootiin madaaluu fi sakatta&#8217;uun barbaachisaadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Daandii keenya haa qorru yoo jedhame maaliin haa qorru? Gaaffiin jedhu ka&#8217;uun dirqama. Abbaan Faaruu qulqullichi Daawwit &#8221;Ga&#8217;eessi daandii isaa maaliin qulqulleessaa? jedhee gaafateetu &#8221;jecha kee eeguudhaani&#8221; jechuudhaan ammoo deebisa. (Faar. 118:9). Jecha Waaqayyootiin kan qajeele,&nbsp; muuxannoo &nbsp;jireenyaatiin &nbsp;kan &nbsp;qorame,&nbsp; beekumsaa &nbsp;fi ogummaadhaan hubannoo jabaate namni qabu daandiin isaa ni qajeelaaf, qoree fi gufuus mo&#8217;uudhaan ce&#8217;a.<\/p>\n\n\n\n<p>Beekumsaa fi ilaalcha ofiitti hirkachuun baay&#8217;ee isaanii yoo kuffisu arginee jirra. Kanas seenaa Roob&#8217;aam irraa barachuun ni danda&#8217;ama. Bara Roob&#8217;aam mo&#8217;etti yaa&#8217;iin Israa&#8217;eel &nbsp;tokkummaadhaan gurmaa&#8217;anii &#8221;Abbaan kee wanjoo nutti fe&#8217;ee ture. Ammas ati sirna bittaa hamaa abbaan kee kan nurratti fe&#8217;e wanjoo ulfaataa nurratti fe&#8217;es nuuf salphisi nutis si&#8217;iif bitamna&#8221; jechuudhaan<\/p>\n\n\n\n<p>itti dubbatan.<\/p>\n\n\n\n<p>           Innis mari&#8217;adhee hamman murteessutti guyyaa sadi booda deebi&#8217;aa jedheen. Innis hangafoota fi manguddoota biyya isaa walitti qabee &#8221;ummata kanaaf akkan deebisuuf waan kana irratti maal na gorsitu?&#8221; jedheen. Maanguddoonnis &#8221;Kanaaf garbicha \u00a0\u00a0taate yoo bitamteefis deebistees fayyaalummaadhaan yoo itti dubbatte bara hunda garbicha siif ta&#8217;u&#8221; jedhanii gorsa gaarii isa gorsan. Inni garuu, gorsa abbootaa kana dhiisee ijoollee wajjiin guddate waliin dhimmicha irratti mari&#8217;ate. Isaanis Uummata \u201cAbbaan kee bittaa nutti cimseera. Ati garuu nuuf salphisi siin jedhuuf \u201c qubni koo isheen xiqqoon dugda abbaa koo caalaa in furdatti. Ammas abbaan \u00a0koo wanjoo bittaa isinitti fe&#8217;eera. Ani garuu, wanjoo bittaa keessan irratti nan dabala. Abbaan koo alangeedhaan isin reebee jira. Ani garuu, bofa \u00a0nama hidduunan isin reeba&#8221; ittiin jedhiin jedhanii gorsa hubannaa hin qabne gorsa of tuulummaa fi finxaalummaan guutame gorsa hamaa isa gorsan. \u00a0Innis akkuma ijoolleen kunneen jedhaniin raawwate. Kana raawwachuu \u00a0isaatinis uummanni isa irratti kaka&#8217;ee dhagaadhaan rukutanii ajjeesan. \u00a0Ogummaa ofiitti fi jecha Waaqayyootiin hin qajeelletti hirkachuun \u00a0xummurri akkana (hin tolu). 1ffaa Moot. 12\u13651-19.<\/p>\n\n\n\n<p>Ogummaa keenyatti hirkachuu yommuu jalqabnu wanta hundumaa qixa beekumsa ofiitin madaaluu fi tilmaamuuf yaalla. Namni akka tabba guddaatti gufuu fuuldura isaatti isa muudate beekumsaa fi golgaa ilaalchasaatiin qofa kan ilaalu yoo ta&#8217;e, Waaqayyoo irratti amantii dhaba. Kanaafi abbaan ogummaa &nbsp;Salomoon &nbsp;\u201cLaphee &nbsp;kee&nbsp; gonka&nbsp; ta&#8217;een &nbsp;Waaqayyootti &nbsp;amanii jiraadhu. &nbsp;Ogummaa &nbsp;keetittis &nbsp;hin &nbsp;hirkatin\u201d&nbsp; &nbsp;jechuudhaan &nbsp;kan &nbsp;nu &nbsp;gorseef<\/p>\n\n\n\n<p>(K\/Fak 3\u13655). Rakkoon hundi qixa beekumsaa fi hubannaa namaatiin haa qoramu yoo jedhame walxaxa, qorumsi hundi in ulfaata, gaddi hundis in cima, kanaafis hubannaa ofiititti hirkachuu irraa Waaqayyootti abdachuutu<\/p>\n\n\n\n<p>daran caala.<\/p>\n\n\n\n<p>Hubannaan keenya hammeenyi isaa hamaa hamaadhaan deebisuu filannoo dorgomaa hin qabne taasisee dhiyeessuu isaati. Hamaa hamaadhaan deebisuun hammeenya hin dhabamsiisu. Bara dargaggummaa keenyaatti aarii keenyaf araada, gadda keenyaf mukaa&#8217;uu (depression) akka furmaataatti fudhachuun qorumsaa fi gidiraa caaluuf nu saaxila.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafis\u00a0 ogummaan keenya ogummaa dhugaa \u00a0akka \u00a0ta&#8217;e jecha Waaqayyootiin haa madaallu. Gochi keenya nama biroorrattis ta&#8217;ee nurratti rakkoo biraa akka hin qaqqabsiisne ogummaa keenyatti abdachuu dhiisnee Waaqayyootti \u00a0haa abdannu, haa hirkannusi.<\/p>\n\n\n\n<p>Madaalliin &nbsp;ogummaa &nbsp;dhugaa &nbsp;maali &nbsp;dha? &nbsp;Nama &nbsp;jedhuuf &nbsp;Kitaabni &nbsp;akkana jedha \u201c Isin keessaa gamnaa fi hubataan eenyu? Miidhagina amala isaa irraa kan &nbsp;ka&#8217;e &nbsp;hojii &nbsp;isaa &nbsp;garraamummaa &nbsp;fi &nbsp;hubannaadhaan &nbsp;haa&nbsp; &nbsp;agarsiisu. Hinaaffan hadhaa&#8217;an fi walganuun laphee keessanirra yoo jiraate garuu ofitti hin abdatinaa. Dhugaa irrattis hin sobinaa. Ogummaan akkanaa gubbaa irraa kan buutu miti, kan lafaati malee. Hinaaffaa fi walganuun iddoo jirutti hunda achitti jeequmsaa fi hojiin hamaan ni &nbsp;jiruuti. Ogummaan irranaa garuu&nbsp; &nbsp;jalqaba&nbsp; &nbsp;irratti&nbsp; &nbsp;Qulqulleettii&nbsp; &nbsp;dha,&nbsp; &nbsp;booddes&nbsp; &nbsp;araara,&nbsp; &nbsp;fayyaalettii, ajajamtuu, dhiifamaa fi firii gaariin kan &nbsp;guutamte shakkii fi of tuulummaa kan&nbsp; &nbsp;hin&nbsp; &nbsp;qabnee&nbsp; &nbsp;dha.&nbsp; &nbsp;Firiin &nbsp;dhugaas&nbsp; &nbsp;namoota&nbsp; &nbsp;nageenya&nbsp; &nbsp;taasisaniif nagaadhaan in barreeffama.&#8221; Yaa&#8217;iqoob 3\u136513-18.<\/p>\n\n\n\n<p><em>Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u!<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Barsiisaa Bitiwadadi Warquu Bara dardarrummaa keenyatti dhimmoota baay&#8217;ee ittiin rakkannu keessaa tokko beekaa of taasisanii yaaduu dha. Kunis rakkoo ogummaa ofiitti hirkachuu keessaa isa tokkoo dha. Rakkoo uumamuu fi rakkoo uumamuuf jiruuf &nbsp;&#8221;kan &nbsp;akkana &nbsp;ta&#8217;eef,&nbsp; waan &nbsp;akkana &nbsp;ta&#8217;eefi,&nbsp; sababa &nbsp;kanaaf &nbsp;akkana ta&#8217;uufi, akka kana kan jedheef, kanaaf natti fakkaata\u201d &nbsp;jechuudhaan beekaa taasisanii &nbsp;of &nbsp;dhiyeessuun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4158"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4158"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4158\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4159,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4158\/revisions\/4159"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4158"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4158"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4158"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}