{"id":4154,"date":"2023-02-01T08:47:28","date_gmt":"2023-02-01T08:47:28","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4154"},"modified":"2023-02-01T08:53:55","modified_gmt":"2023-02-01T08:53:55","slug":"dhaloota-kiristoos","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/dhaloota-kiristoos\/","title":{"rendered":"<strong>Dhaloota Kiristoos<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<p><\/p>\n\n\n\n<p>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<strong><em>Barsiisaa Betire Maariyaam Ababaawu\/barsiisaa hiikkaa Fitihaa Nagastii\/Haqa Mootii\/<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"5\" height=\"24\" src=\"\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"5\" height=\"24\" src=\"\">Dhalli namaa bilisummaa isaatti fayyadamee muka balas hin nyaatin jedhame nyaatee ofii isaa irratti du\u2019a labse. Waaqayyoo irraas adda ba\u2019e (S.Uum. 2:17). Dhiifamni hojii amalummaa isaa kan ta\u2019e \u00a0Waaqayyoos namni du\u2019ee akka hafu hin taasisne. Ilmoo Ilmoo isaa irraa dhalatee akka isa fayyisu waadaa kenneef. Waaqayyoon waadaa kanas namoota baroottan garaa garaa keessaati ka\u2019aniif raajota garaa garaatiin dubbachisee.<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cGuyyaa \u00a0Shanii fi walakkaa booda sin dhiisa. Dhiifamas nan taasisa\u201d (Qelemenxoos 3:19, Isaa 9:6) akkuma jedhu, yerochis yeroo ga\u2019etti\u00a0 qaama sadeen keessaa tokko kan ta\u2019e Ilmi Dubroo Maariyaam irraa \u00a0dhalate. \u201d \u00a0Haa \u00a0ta\u2019u \u00a0malee yeroon beellamaa akkuma ga\u2019een \u00a0Waaqayyoon Ilma isaa erge\u201d (Maat. 2:21-23, Luq. 2:6-7, Yoh. 1:14, Gal. 4:6)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Dhaloota lamaan Gooftaa keenyaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya dhaloota lama qaba. Innis dhaloota duraa fi dhaloota boodaa jedhamu.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Dhaloota duraa \/dhaloota jalqabaa<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"5\" height=\"24\" src=\"\">Abbaan Ilma baroottaniin osoo hin caaliin, jechummaan Ilmaa Afuurummaan Afuura Qulqulluu osoo hin beekkamin, Ilma ni dhalche Afuura Qulqulluu baase jenna. Kunis dandeettii sammuu keenyaatiin ol kan ta\u2019ee fi sammuu namootaa fi Ergamootaatiin kan hin tilmaamamne (hin yaadamne) &nbsp;dha. &nbsp;\u201cUrjii &nbsp;barii &nbsp;dursee &nbsp;Garaa &nbsp;\/gadaameessa\/ &nbsp;keessaan &nbsp;si &nbsp;dhalche\u201d&nbsp; &nbsp;Faar. &nbsp;109:3<\/p>\n\n\n\n<p>akkuma jedhu. Kanaafuu, hojiin Abbaa Dhalchuu ta\u2019uun beekame. Hojiin Ilmaas \u00a0dhalachuu dha. Dhaloota Isaa duraatiin haadha hin qabu. Qulqulluu Yaared barruu isaa <strong><em>Baha Ifaa <\/em><\/strong>irratti \u201c\u12a8\u1218\u12dd \u00a0\u1290\u12a0 \u121d\u1295 \u00a0\u12d8\u12a0 \u120d\u1266\u1271 \u00a0\u12a5\u121d \u00a0\u1260 \u1230 \u121b\u12eb\u1275 \u00a0jedhee kan inni ibse isa kana dha. Dhaloota Isaa kanaan \u00a0adda<\/p>\n\n\n\n<p>bahinsa hin qabu. Kana jechuunis Abbaan Ilma yoo dhalchu Ilmi Abbaa irraa Adda hin bane \/hin fo\u2019amne\/ \u00a0. Dhaloonni Isaa hin lakkaawamu kan jechisiisees isa kana dha. Ilmi Ilma \u00a0jedhamaa jiraata.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Dhaloota boodaa \/Dhaloota lammaffaa\/<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Dhaloota boodaa kan isa jechisiise dhaloota Isa jalqabaati. Bara boodaattis Addaam fayyisuuf1 Abbaa malee dhaloota Dubroo Maariyaam irraa dhalatee dha. Dhaloonni kun sanyii dhiiraa<\/p>\n\n\n\n<p>   malee, Walqunnamtii malee dhaloota Dubroo Maariyaam irraa dhalateedha. Dhalachuu Kiristoosiin abdiin dhala namaa xummuura argate. Kanaafis tiksitoonni\u00a0 Ergamoota Waaqayyoo waliin \u00a0galata\u00a0 \u00a0gammachuu \u00a0dhiyeessan. \u00a0\u201cAkka \u00a0tasaas \u00a0Ergamicha\u00a0 \u00a0sana \u00a0waliin \u00a0hoomaan \u00a0samii Waaqayyoo galateeffachaa dhufani. Kabajni Waaqayyoof samii irratti nageenyis lafa irratti\u2026. Dhala namaatiifis eyyamni gaariin\u00a0 ta\u2019eef\u201d Luqaas 2:13-14 akkuma jedhu, Biyyi lafaa lallabbii nageenyaa dhageesse. Nageenyi ishee Kiristoosis ni dhufe. Dhalli namaa qoreen waraantuun sirratti haa biqilu wanti yaraa ta\u2019e hunduu siin haa mo\u2019atu \u00a0jedhamee dubbatameef. \u00a0Dhaloota kiristoosiin \u201cEyyamni gaariin \u00a0ta\u2019e ef \u00a0\u201d. Durbeen Uumaa ishee fooniin deesse. (Amantaa Abbootaa 47:2-4)<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Akkamitti nama ta\u2019e<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Ilmi yeroo nama ta\u2019u \u00a0Waaqummaa isaa osoo hin gadhiisin osoo hin jijjiiramini dha. Waaqayyoo waaqa jijjiiramu waan hin taaneef. Namnis Waaqa yoo ta\u2019u \u00a0namummaan isaa jijjirameeti miti. Namni Waaqa ta\u2019e jennee yoo dubbannu waa\u2019ee namummaa\u00a0 Kiristoosii dubbachaa akka \u00a0jirru hubachuun barbaachisaa dha. Waaqnis nama ta\u2019e yoo jennus \u00a0qaama Isaa adda ta\u2019een\u00a0 \u00a0ilma namaa ta\u2019e jechuu keenya akka ta\u2019e beekuun \u00a0barabaachisaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>    Abbaan fi Afuurri Qulqulluun nama hin taane waan ta\u2019eef. Ta\u2019umsi Laphee fi Ta\u2019umsi Afuuraa nama hin taane waan ta\u2019eef. Jechi foon yoo ta\u2019u \u00a0foonis Jecha ta\u2019e. Jechaaf kan malu hundumti fooniif ta\u2019e,\u00a0 fooniif kan malu hundis Jechaaf ni ta\u2019e. Qulqulluun Qeerloos akkuma dubbate \u201c\u12a5\u1295\u1272\u12a3\u1201 \u1208\u1243\u120d \u12ae\u1290 \u1208\u1225\u130b \u12c8\u12a5\u1295\u1272\u12a3\u1201 \u1208\u1225\u130b \u12ae\u1290 \u1208\u1243\u120d\u1362\u201d Olaantummaa Kiristoos gad\u00a0 of qabiinsa Isaatiin\u00a0 Isa beekne. Kanaafuu,\u00a0 osoo hin jijjiiramin, osoo\u00a0 walitti hin makamin, osoo\u00a0 adda hin<\/p>\n\n\n\n<p>\u00a0ba\u2019in Tawahiidoodhaan \/Waloomaan\/ nama ta\u2019e.<\/p>\n\n\n\n<p>                                                                                                                Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p>1 Fayyisuu-\u121b\u12f3\u1295\u1363 fayyisuu-\u1218\u1348\u12c8\u1235<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0Barsiisaa Betire Maariyaam Ababaawu\/barsiisaa hiikkaa Fitihaa Nagastii\/Haqa Mootii\/ Dhalli namaa bilisummaa isaatti fayyadamee muka balas hin nyaatin jedhame nyaatee ofii isaa irratti du\u2019a labse. Waaqayyoo irraas adda ba\u2019e (S.Uum. 2:17). Dhiifamni hojii amalummaa isaa kan ta\u2019e \u00a0Waaqayyoos namni du\u2019ee akka hafu hin taasisne. Ilmoo Ilmoo isaa irraa dhalatee akka isa fayyisu waadaa kenneef. Waaqayyoon [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4154"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4154"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4154\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4157,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4154\/revisions\/4157"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4154"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4154"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4154"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}