{"id":4143,"date":"2022-12-06T06:58:13","date_gmt":"2022-12-06T06:58:13","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4143"},"modified":"2022-12-06T06:58:14","modified_gmt":"2022-12-06T06:58:14","slug":"kan-duraa-caalatti-tattafadha-2phex-18","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/kan-duraa-caalatti-tattafadha-2phex-18\/","title":{"rendered":"\u201cKan Duraa Caalatti Tattafadha\u201d (2phex 1:8)"},"content":{"rendered":"\n<p>\u00a0\u00a0Jecha kana kan dubbate hangafa Duuka Bu\u2019ootaa Qulqulluu Pheexirosi dha.\u00a0 Jecha kanas kan argannu Immoo 2<sup>ffaa<\/sup> phex. 1:8 irratti dha.\u00a0 Dubbisni isaa guutuu akkas jedha\u00a0 \u201c<a>sababa kanaaf tattaffii hundumaa \u00a0agarsiisaa amantii keessan irratti gaarummaa dabalaa<\/a>; gaarummaan irratti beekumsa, beekums irratti of tooa\u2019chu, of tooa\u2019chuu irratti jabina, jabina irratti Waaqayyoo fakkaachuu, Waaqayyoo fakkaachuu irratti\u00a0 jaalala obbolumaa, jaalala obbolummaa irratti jaalala dabalaa. <a>Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay\u2019achaa yoo adeeman, Goftaa keenya Iyasuus Kiristoosi beekutti warra dhima baasaa warra ija godhatanis ni taatu.<\/a>\u00a0 Wantoota kana namni hin qabne jaamaadhawoo dhiyeenyatti kan jiru qofa ilala, cubbuu isaa jalqabaa (dhaala) irraa qulqulla\u2019uu isaa dagateeraati. Kanaafuu, obbolota koo, waamamuu fi fo\u2019amuu keessanitti jabaachuudhaaf kan duraa caalatti tattafadhaa\u2026\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana tasgabbii fi hubannoon yerga dubbisne booda ergaa isaa gad-fageenyaan hubachuun barbaachisa. Mata-dure isaa haa hubannu &lt;&lt;kan duraa caalatti tattaafadha&gt;&gt;&nbsp; jedha . Akka eeyyama Waaqayyotti mata duree kananis waantota sadii qofa ilalla. Isaanis:-<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\"><li>Kan duraa caala tattafaadhaa kan jedhaman eenyu fa\u2019adha?<\/li><li>Kan duraa caalatti tattaaffadhaa kan jedhaman kalattiwwan tattaaffannaa maal fa\u2019a dha?<\/li><li>Kan jedhamne raawwachuu keenyaan maal arganna?&nbsp; Kan jedhani dha.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p><strong>1. \u201cKan duraa caalaatti tattaaffadhaan kan jedhame eenyu fa\u2019a dha?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Jecha kana hubannon yoo ilaallu tattaaffadhaa kan jedhu qofa osoo hin taane \u201cKan duraa caalaatti tattaffadhaa\u201d jedha. Kana jechuun tattaaffii irraa fagatanii warra mugan, cancala dhiba\u2019ummaan hidhamanii warra abdii kutan hin ilaallatu jechu dha. Kana jechuun tattaaffi keessa ta\u2019anii amma humna isaanii raawwachaa warra jira kiristaanota tattaffattootaaf kan dubbatamee dha jechuu dha. Duuka Bu\u2019ichi tattaffii isaanii simatee fi kabajeeti kan isaaniif bareessu. Tattaaffiin keessan gaari dha garuu qofaa isaa ga\u2019aa miti jedhaan. Amma tattaaffii isaanii irratti tattafii akka dabalan tattaaffi duraan qaban irratti dabalatan caalamatti akka tattaaffatan yeroo gorsu \u201cKan duraa caalatti tattaaffadhaa\u201d ittiin jedha. Kana jechuun duraan&nbsp; soomaa, kadhachaa, tajaajilaa kan turan tattaaffii isaanii duraa caalamaatti akka tattaaffan isaan gorsa jechuu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaallatamoo maatiwwan Waaqayyoo nuti hoo akkami? ni soomnaa? Kadhanna keenyatti hoo akkami? Kan adda hin citne kadhannaa guyyaa guyyaa qabna laata? Ammoo kan duraa caalatti tattaaffachaa&nbsp; jirraa? Moo tajaajila Afuurawaa keenyaan matuma isaa dhaabnee jirra? Deebiin isaa keessan ta\u2019ee, ofii keessaniif yoo wanna kana Duuka bu\u2019aan Qulqullichi pheexiroos kan duraa caala tattaaffadhaa nu jedha\u2019a Nuti garuu kan duraa caala tattaaffachun hafee dirqama Kiristaanummaa dhaabbataan nu irraa eegamu ga\u2019ee keenya ba\u2019achuu kan dadhabne baayyolii dha. Waaqayyoo hunda keenyaaf qalbi haa kennu!<\/p>\n\n\n\n<p><strong>2. Kan duraa caalaa tattaaffadhaa kan jedhamne kallattiiwwan tattaaffii isaan kam?<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamoo fi jaallatamoo dubbistoota, mee al tokko ol jedhaatii gara seensa barruu keenyatti deebi\u2019aa. Duuka Bu\u2019ichi Qulqullichi pheexiroos lak 10 irratti \u201cWaamamuu fi fo\u2019amuu keessan akka jabeessitaniif kan duraa caalaatti tattaaffadhaa\u2026.\u201d jedhe jalqabuun duratti akka dubbisnuu fi akka tattaaffannuuf ijoo ta\u2019an tarreessee kaa\u2019eera.&nbsp; Dhimmonni kun saddeet yoo ta\u2019an isaanis:<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 1. Amantii&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 2. Gaarummaa<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 3. Beekumsa&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 4. Of too\u2019achuu<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 5. Jabina&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; &nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;6. Waaqayyoo fakkaachuu<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 7. Jaalala obbolummaa&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; 8. Jaalala&nbsp; dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Tokkoon tokkoo Kiristaana jireenya isaa guyyuu keessatti isaan kana lakkaa\u2019ee fi safaraa maali qaba? &nbsp;Maaltu na hafa? Jedhee tattaaffiin shallagee jirachuu qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Guyyaa afurtamaa fi saddeettamaatti Sillaasee irraa aangoo mucummaa kan argate Kiristaanni tokko jalqabatti amantii qabaachuun dirqama isaati duukabu`ichi amantii irraa jalqabe. Amantii yoo jennu akkuma saantima fuula lama qabachuu isaa beekuu fi hubachuun barbaachisa. Isaanis, amanuu fi amanamuu jedhamu. Kiristaanni tokkoo amantaa qaba yoo jedhu Waaqayyoo kootti nan amana, nan amanama jechuu isaati. Amanuu jechuun addunyaa kana kan uumee fi sooru jira jedhanii amanuu yoo ta`u, amanamuun immoo Waaqa jira jennee amannu sanaaf bitamuu, tole jedhanii ajajamuu, ajajaa fi seera Isaan jiraachuu jechuu dha. Dimshaashatti amantaa fi hojii gaarii qabaatanii argamuu jechuu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Amanitiin Kiristaana tokkoo yeroo yeroon ni guddata. Akkas jechuun ogummaan amanuu fi amanamuu isaaf galaa yoo deemu fi ofii isaa Uumaa fi seera isaatiif abboomamuu yoo jalqabu amanuu fi amanamuun isaa dabalaa deema jechuu dha. Kanaafi dha Duuka Bu`aan Qulqullichi Pheexroos \u201cSababa kanaafi tattaaffi hundumaa agarsiisa; amantii keessan irratti gaarummaa dabalaa..\u201d jedhee amanitiin kan jalqabe. Namni kan amane ta`ee hojii gaarii kan hin qabne yoo ta`e gatii hin qabu. Fakkeenyaaf; namootni tokko tokko yeroo soomatti Mana Kiristaana keessa oolanii qaddassiisaa garuu, \u201cbakka ani dhabbadhu dha\u201d jechuun bakkaa irratti wal-lolu yoo ta`e amanitin isaan gaarummaa fi qajeelummaa ni hir`ata jechuu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Tokko tokko immoo gaarummaa qabatee gaarummaan isaa beekumsa kan hin qabne ta`ee isa miidha. Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko gaarummaa isaaniin qabeenyaa fi beekumsa isaanii shakkitoota amantaa fi seera Mana Kiristaana diiguuf diina keessaa warra ta`aniif yoo oolchan mul\u2019atu. Utuu hin beekin waan Mana Kiristaana gargaaran itti fakkaatee jechuu dha. Eebbi isaanii nurraa haa buluutii hangafa phaaphaasotaa kutaa lallabaa Dirree Dawaa kan tura abbaa Yooseef yeroo tokko \u201cAmantaan beekumsa malee doofummaa dha. Beekumsi amantii malee maraatummaa dha\u201d jedhaani ture. Kanaafi Duuka Bu`ichi \u201cAmantaa keessan irratti beekumsa dabalaa\u201d kan jedhe.<\/p>\n\n\n\n<p>Beekumsa irratti immoo of-too\u2019achuu akka daballu ajajamneerra. Sababni isaas beekumsi of- too\u2019achuu&nbsp; hin qabne beekumsa diyaabiloos \/seexanaati, Gara bowwaattis nama buusa. Of-too\u2019achuu irratti jabina dabalaa erga jedhe booda; deebisee jabina irratti Waaqayyoon fakkaachuu dabalaa nuun jedha. Namootni tokko tokko \u201cAni utuun Waaqayyoo ta`e kanaa fi sana raawwadha ture \u201c jedhanii yoo dhaadatan ni mul\u2019atu. Waaqayyoo fakkachuun kutuu fi muruuf ykn balleessuu fi dheekkamuu qofa kan itti fakkaatu dha. Haa ta`uu garuu, Waaqayyoo fakkaachuu keessatti buunyaan dha`amuu fi Fannoo baachuunis ni jira. Ammoo \u201cWaan raawwatan hin beekaniitii dhiifama godhiif \u201c jechuunis jira. Egaa Waaqayyoo fakkachuun garaa bal`achuu, dubbii dhiisuu, dhiifama gochuu, obsaa fi danda`aa ta`uun kanneen biroof dabarsanii nama of kennu ta`uun qalbeeffachuu barbaachisa. Mee dhaabbannee of haa ilaalu. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Duuka bu`ichi itti fufee Waaqayyoo fakkaachuu irratti jaalala obbolummaa dabalaa jechuun kan naannoo koo, kan ganda koo, kan haadhaa fi abbaa koo\u2026 kan jedhuu alatti nama jalqabaa Addaam kan bu`uureeffatte obbolummaa qabaadhaa jechuu isaati. Jaalala obbolummaa kana irratti jaalala dabalaa nu jedha. Jaalalli maali dha? Jaalalli Waaqayyoo dha. Dhugummaa Waaqayyoo irratti kan hundaa`e sobaa fi hojii jallinaa irraa kan qulqullaa`e jaalala qabaadha jechuu dha. Tokkos, akkuma barsiisa Qulqullicha Paawuloositti (1Qor. 13) &nbsp;kan obsu, kan hin inaafne, kan of hin tuulle, kan hin boonne, kan hin aarre, kan dhugaa waliin gammadu, gaarummaa kan raawwatu.. jaalala qulqulluu qabaadhaa nuun jedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamtoota dubbistoota dubbiiwwan ijoo saddeettan armaan olitti caqasaman kanneen yeroo hunda jireenya keennya keessatti barbaaduu, dabalaa akkuma jedhamne tokko qabannee isa kaaniif akka tattaaffannu ajajamneerra. Mee dhaabbannee haa yaadnu! Jireenya tokkoon tokoo keenya keessatti saddeettan keessaa meeqa qabna? Isaan kallatiiwwan tattaaffii Kiristaanummaa keenyati. Isaan kun ibsaawwan tajaajila Afuuraa keenyati. Kanaafuu, guyyuu tattaaffiin isaan haa barbaannu. Tokko isa tokko irratti dabaluuf haa tattaaffannu. Tattaaffii nuuf kennuun jaalalli isaa nuuf haa ta`u.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><u>3. Isa jedhamne raawwachuu keenyaaf maal arganna?<\/u><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Kabajamtootaa fi jaalatamtoota dubbistootaa, egaa akkuma armaan olitti ibsame kallattiiwwan tattaaffii saddeettan hordofnee tattaaffii duraan qabnu irratti isaan kana yoo daballe guyyuu tattaaffii irratti tattaaffi agarsiisaa yoo itti fufne maal akka argannu Duuka Bu`ichi gabaabatti ibseera. Akkas jechuun \u201c Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay\u2019achaa yoo adeeman, Goftaa keenya Iyasuus Kiristoosi beekutti warra dhima baasaa warra ija godhatanis ni taatu.\u201d (lakk. 9)<\/p>\n\n\n\n<p>Dubbii ijoo armaan olitti ibsaman saddeettan dabalaa fi baay`isaa yoo deemne <a>hojii hiiktotaa fi warra ija hin qabne&nbsp; <\/a>akka hin taane ifatti nutti himeera. Hojii hiiktotaa fi warra ija hin qabne lama yoo ta`ani iyyuu tokko dha. Tokko isa tokko harkisa, jechuun namni yoo hojii hiike firii dhaba. Hojii malee firiin akka hin jirre firii dhabuunis hojii hiikuu malee hin jiraatu.<\/p>\n\n\n\n<p>Hojii hiikuun addunyaa lamanuu keessatti ulfaataa yoo ta`eyyuu, addatti addunyaa Afuurawaa keessatti xiqqoo adda dha. \u201cSammuun hojii hiike waajira Seexanaati\u201d jechi jedhu jira. Wangeela Maatewoos boqonnaa 12 irratti afuurri xuraawaa nama keessaa akka ba`u nutti himee booda boqonnaama kana keessatti \u201cdeebi`ee ni dhufa\u201d jedha. Isa kana barsiisotni \/hiiktotni\/ Kakuu Haaraa yoo ibsan erga ba`ee booda aangoo deebi`ee irra buluu hin qabu Haa ta`uu garuu, yaaduun isaa hin hafu. Yoo yaadu garuu namni sun soomaa fi kadhaa irraa fagaatee jireenya Afuuraa fi hojii gaarii irraa fagaatee yoo argu akkas jedha \u201cGara mana koo keessaa ba`etti nan deebi`a. Yoo deebi`u duwwaa ta`ee qulqullaa`ee miidhagee yoo argu. Achiin booda deemee asirraa hamoo kan ta`an afuurota dacha torbaa ofi waliin fudhataa. Seenanii achi jiraatu. Nama sanaaf kan duraa caalaa kan booda hamaataa ta`a.\u201d (Maat. 12:40-45)<\/p>\n\n\n\n<p>Egaa haa hubannu sammuun hojii hiike &nbsp;seexanaaf mana miidhagaa fi qulqullaa`aa akka ta`e nutti hima. Kitaabni Qulqulluu waa`ee hojii hiiktota waan bayyee nutti hima. Hojii hiiktonni lubbuu isaanii dhamaasu irraa darbanii namoota biroo illee ni jeequ. Ayihuudootni illee amma humna isaanii kaayyoo isaanii galmaan ga`uuf hoji-hiiktotaatti dhimma ba`aa turan. Fakkeenyaaf, Duuka Bu`ichi Phaawuloos yeroo morman tokkotti hoji-hiiktotatti dhimma ba`uu isaanii akkas jedha \u201cAyhuudootni inaaffanii hoji-hiiktota keessaa warra hamoo fidan. Uummatta walitti qabanii magaalicha jeeqan.\u201d (Hab. 17:5)<\/p>\n\n\n\n<p>Addunyaa foonii kana keessatti illee namootni hamoo Hammeena isaanii daangaa hin qabne agarsiisuuf yoo barbaadan kan fayyadaman hoji-hiiktotaa kana. Kanaafuu, addunyaa kanatti illee yoo ta`e hoji-hiiktoota akka hin taaneef tattaafachuu qabna. Hojii jechuun garuu qama nu qacare irraa kan kennamuu qofa miti. Ofii keenyaaf hojii kennuun ni mala. Fakkeenyaaf, Kitaabota qulqullaa`oo dubbisuu, gaafachuu, hubachuuf yaaluu, kawaalota deemanii hark-fuudhuu, qaddasiisuu, galgalaa fi sagantaa Wangeelaa gurguddoo Mana Kiristaanaa irratti hirmaachuun barachuu mana barumsaa sanbataa fi waldaawwan&nbsp; Afuura keessatti hirmaachuu\u2026 fa`a.<\/p>\n\n\n\n<p>Jaalatamtoo dubbistoota, dubbiiwwan ijoo saddeettan armaan olitti ibsaman kunneen sassaabuuf kan dhamaanuu &nbsp;yoo ta`e hojii hiiktotaa fi firii dhabdoota hin taatan jedheera. Hoji-hiiktotaa fi firii-dhabdoota yoo hin taane immoo seexanni nutti hin taphatu. Akkas yoo ta`e immoo, Waaqayyoon keenya cubbamootatti murteessuuf, Qulqullootaf morteessuf yeroo dhufu \u201cIsin eebbifamtootni Abba Koo kottaa. Adduunyaan odoo hin uumamin jalqabee kan isiniif qophaa`e Mootummaa Waaqayyoo dhaalaa\u201d nu jedha. Akkas akka ta`uuf garuu kan duraa caalatti haa tattaaffanu.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0\u00a0Jecha kana kan dubbate hangafa Duuka Bu\u2019ootaa Qulqulluu Pheexirosi dha.\u00a0 Jecha kanas kan argannu Immoo 2ffaa phex. 1:8 irratti dha.\u00a0 Dubbisni isaa guutuu akkas jedha\u00a0 \u201csababa kanaaf tattaffii hundumaa \u00a0agarsiisaa amantii keessan irratti gaarummaa dabalaa; gaarummaan irratti beekumsa, beekums irratti of tooa\u2019chu, of tooa\u2019chuu irratti jabina, jabina irratti Waaqayyoo fakkaachuu, Waaqayyoo fakkaachuu irratti\u00a0 jaalala obbolumaa, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4143"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4143"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4143\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4145,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4143\/revisions\/4145"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4143"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4143"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4143"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}