{"id":4102,"date":"2022-10-10T09:18:17","date_gmt":"2022-10-10T09:18:17","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4102"},"modified":"2022-10-10T09:19:24","modified_gmt":"2022-10-10T09:19:24","slug":"kaayyoodhaan-cimuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/kaayyoodhaan-cimuu\/","title":{"rendered":"Kaayyoodhaan cimuu"},"content":{"rendered":"\n<p>\u201cNama raawwatuuf gorsi hundi gaariidha\u201d jechuudhaan raajaan Waaqaayyoo qulqullichi Daawiit akkuma dubbate, raajoonni, duukaa bu\u2019ounni, hayyoonni akka waliigalaatti qulqulloonni Waaqayyoon hojii aja\u2019ibaa isaan irra bulee hojjatu tokkummaa nuti Waaqayyoo waliin qabaachuu qabnu irratti gufuun akka hin qunnamnee fi haalaan cimnee akka jiraachuu qabnu nu gorsu. Gorsi abboota keenyaa, nuti kaayyoo yaadneef amanamaa akka taanuuf, addunyaa bu\u2019aa ba\u2019iin guute kana keessatti yeroo jiraannu gidiraa nurra gahuu danda\u2019uun osoo hin mo\u2019atamiin kaayyoo keenyaan cimnee galma gahuu barbaadnu bira akka geenyuufidha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kaayyoodhaan cimuu jechuun sababa barbaadanii wanta karoorsanii fi gochuuf yaadan dhiisuu &nbsp;&nbsp;irraa of qusachuudha. Namoonni yeroo kaayyoodhaan ciman, gufuu kaayyoo isaanii gufachiisuuf dhufu hunda ogeessichi Solomoon \u201cObsi cubbuu guddicha ni dhiisisaatii dheekkamsi bitaa(mootii) kan sirratti ka\u2019u yoo ta\u2019e iddoo kee hin gadhiisin\u201d (Makib. 10:4) jedhee akkuma dubbate obsaan bira darbu. Dheekkamsi bitaa(mootii) ulfaataadha; haa ta\u2019u malee obsaan yoo bira darban dhiifama cubbuu, kabaja irratti kabaja, kennaa irratti kennaa goonfachiisa waan ta\u2019eef, yaa ogeessaa, kaayyoo keetiin cimi; iddoo kee hin gadhiisin jechaa nu gorsa. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;Duuka bu\u2019ichi Yaa\u2019iqoobis, \u201cNamni qorumsa obsu kan eebbifamedha, qoramee abdii Waaqayyoon warreen jaallatuuf qopheesse gonfoo jireenyaa fudhataati\u201d (Yaa\u2019i 1:12) jechuudhaan kaayyoodhaan yoo cimne fi qorumsa dhufu yoo obsine gonfoo jireenyaa argachuu dandeenyu akka nuuf kennu nu hubachiisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Kaayyoodhaan cimuu waliin walqabatee caqasoonni fakkeenya gaarii ta\u2019uu danda\u2019an Kitaaba Qulqulluu keessatti bal\u2019inaan kan caqafaman yoo ta\u2019u muurasa isaanii haa ilaallu:-<\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos mana Simi\u2019oon isa lamxaa\u2019ee keessa osoo jiruu, dubbartiin tokko birillee urgooftuu dibataa gatii-jabeessan guutame qabattee gara isaa dhufte. Bartoonnii kana yeroo argan dheekkamanii akkana jedhan;dubartiin kun urgooftu hamma kana maaliif balleessite; kun qarshii baay\u2019eetti gurguramee warreen hiyyeessotaaf kennamuu ni danda\u2019a ture, Gooftaan Iyyesuusis isaan irratti beekee akkana jedheen, \u201cDubartittii kana maaliif rakkiftu(dhiphiftu) anaaf hojii gaarii raawwatteettiiti, hiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis waan gaarii ni gootuufi; anaan garuu yeroo hunda argachuu hin dandeessan; isheen urgooftuu ana irratti dhangalaaste awwaalcha kootiif goote; dhuguman isiniin jedha kuni adduunyaa guutuu irratti bakka Wangeelli lallabametti wanti dubartiin kun goote yaadannoo ta\u2019eefi dubbatama.\u201d(Maat 26:6-13: Maar 14:3-9: Yoh 12:1-8) &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Dubartiin kun kaayyoo yaadde galmaan gahuuf cimina ajaa\u2019ibaatuu ishee irraa mul\u2019ata. Kan isheen waamamte kabajaanidha. \u201cCubbamtoota gara gaabbiitti malee qulqulloota waamuu hin dhufne\u201d (Luq 5:32) akka jedhu. kanaafuu namni kabajaan yeroo waamamu \u201cWaamaa koo kabajaa koo\u201d akka jedhan abboonni, kabajaa ishee misirroo isa samii kabajuu kan danda\u2019u urgooftuu gati- guddaa ta\u2019e qabattee deemte.<\/p>\n\n\n\n<p>Dubartiin kun gara Gooftaa keenya fayyisaa Keenya Iyyesuus Kiristoos bira osoo hin deemiin dura gufuu diyaabiloos qopheesse qorumsa hedduu keessa dabarteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>Sadarkaa Jalqabaa irratti dubartiin kun sagagaltuu fi sagaagalummaa hojii ishee kan taasifatte turte. Bareedinnii fi miidhaginni ishee namoota baay\u2019ee kan jilbeeffachiise, kan ishee barbaadu lakkoofsa kan hin qabne ta\u2019ee osoo jiruu gara laphee isheettii yeroo deebitu wanti isheen hojjachaa turte namaa fi Waaqa biratti wanta jibbamaa akka ta\u2019e ni hubatte. Hojii ishee guyyaa guyyaa cuftee lammaffaa gara sagaagalummaatti deebi\u2019uu dhiisuuf murteessuun ishee, cimina ishee mul\u2019isa. Kayyoon fi fedhiin ishee hojii jibbamaa ta\u2019e sana dhiisuu fi gara Waaqa isheetti deebi\u2019uu waan ta\u2019eef ni murteessite.<\/p>\n\n\n\n<p>Sana booda wanti isheen goote kan nama ajaa\u2019ibsiisudha. Hojiin sagaagalumma raawwachaa turte Waaqayyoo irraa akka ishee adda baase yeroo hubattu, qarshii sagaagalummaan walitti qabdee urgooftuu gati-guddaa bittee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiitti biifuuf jettee gara gabaa baate. Bahumsi ishee gaarii ta\u2019us wanti daandii irratti ishee eege garuu diinaa baay\u2019ee nama qoru waan ta\u2019eef kaayyoo isheetiin cimtee bira darbuu isheerraa eega ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Diyaabiloos dhiira isheen beektu fakkaatee daandii irratti eegee callisee hin dabarsineen ture. \u201cDhiirri keessummaan sitti dhufee isatti biifuudhaaf urgooftuu bituuf deemtaa?\u201d jedheen.&nbsp; Isheenis \u201cEeyyeen dhiirri addunyaa kanarraa adda ta\u2019e dhufeera \u201cjechuun deebisteef. &nbsp;Diyaabiloosis deebii isheetti aaree gaaffii biraas akkas jechuun dhiyeesseefi; \u201cdhiirri jaalalli isaa hin dhumne sitti dhufee isaaf urgooftuu bituuf deemtaa?\u201d jedheeni. isheenis deebistee \u201cEeyyee &nbsp;&nbsp;jaalalli namaa dirqamsiiseeni; du\u2019aaf dhufeera\u201d jettee deebisteef. Yeroo sadaffaaf osoo abdii hin kutin \u201cdaldalaan qarshii xiqqoodhaan waan baay\u2019ee kennu dhufee jennaan urgooftuu isattti biiftu bituuf deemta?\u201d jedhee gaafateen. Isheenis deebiin ishee \u201cEeyyeen hojii xiqqoodhaan kabaja &nbsp;&nbsp;guddaa kan kennu Iyyesuus Kiristoos dhufeeraatii urgooftu isatti biifun bituuf deemaa jira\u201d jettee maqaa isaa yeroo waamtu akka quttoo\/haafa\/ urkee, akka aaraa bittinna\u2019ee jalaa badeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Diyaabiloos yeroo tokkoo ol ishee qoruuf yaaleera. Haa ta\u2019u malee, kaayyoon ishee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin argachuu, fuulaa Isaatti jilbeeffattee waa\u2019ee cubbuu ishee boo\u2019aa urgooftucha biifuu waan ta\u2019eef, gufachiisa dogoggoraa diyaabiloos dhiyyeesseef hunda kaayyoo isheetiin cimtee maqaa Gooftaa fi Waaqa isheetiin injifatteeti.<\/p>\n\n\n\n<p>Kennichas yeroo ilaallu gati-guddaa wanti isa taasisu tattaaffii ishee irraa kaa\u2019uudhaani malee kun Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiif wanta gitu ta\u2019ee miti. Teessoon Isaa ixaana suraafeloota samiitiin Gooftaan aarfamu akkamitti urgooftuun biyya lafaa isa gituu danda\u2019a? ta\u2019uus hin danda\u2019u. sa\u2019aatii digdamii afur qulqulloonni Ergamoonni samii galata irraa adda hin baane kan dhiyeessanin Gooftaan ulamu bara jireenyaa ishee guutuu dubartii sagaagalummaan jiraatte urgooftuu dhiyeesituun sanaayyuu qarshii sagaagalummaan argameen kan bitame akkamitti daangeeffamuu danda\u2019a? Isheen garuu dhiifama Isaa hubatteetti; deebi\u2019uu cubbamaa malee du\u2019a isaa kan hin feenee Waaqa gara laafeessaa fi dhiisaa ta\u2019uu isaa barteetti; deebi\u2019uu ishee har\u2019aa malee eenyummaa ishee kaleessaa ilaalee kan hin saalfachiisne ta\u2019uu isaa amanteetti. Kanaafuu, ni goote; Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis urgooftuu isheen fidde gammadee fudhateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Wanti baay\u2019ee ajaa\u2019ibu garuu urgooftuun ishee hin gaabbisiisne hirmaattoota garuu hin gammachiisne.&nbsp; Ture kuni osoo gurguramee hiyyeesootaaf kenname jedhanii jaraaf waan ququqaman of fakkeessani. Garuu maaliif ishee morman isa jedhu hamma tokko ilaaluun gaariidha. Mormitoota keessa inni tokko Yihuudaa ture. Yihuudaan immoo yeroo sana qarshii qabaa waan tureef qarshii &nbsp;&nbsp;galu keessaa harki kudhan isaaf ni ga\u2019a ture. Qarshiin urgooftuchi ittiin bitame warqii dhibba sadi ture. Kanaafuu, warqiin soddomni isaa ni gaha ture.; garuu kennichi qarshiidhaan osoo hin taane gosaan waan dhiyaateef qooda Isaa sana argachuu hin dandeenye. Sababa kanaaf hiyyeesootaaf kan gadde fakkaate qooda isarraa hafe yaadaa mormii isaa dhiyeesseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Yerichi isaa yeroo wanti gaariin raawwatamuu; namoonni cubbuurraa gara dhiifama cubbuutti yeroo deebi\u2019an; wanta gaariif yeroo itti kaka\u2019an ture. Faallaa isaatiin immoo inaaffaa afuuraawaa kan dukaneessuu fi abdii kuchisiisu; yeroo mormiin itti baay\u2019atu fi inaaffaan seexanawaa itti baay\u2019atu ture. Kanaafis kanneen Waaqayyo eeyyameef wanta qaban hunda yeroo itti kennan, qarshii isaanii irra darbanii yeroo itti of dabarsanii keennaan; faallaa isaatiin immoo namoonni waan kennaniif &nbsp;&nbsp;yeroo itti aaran \u201cDaldalaan hin gaddu waan inni kasaareef, waan oboleessi isaa hafeef malee\u201d akkuma jedhamu hawwiin hamaan akkanaa yeroo itti babal\u2019ate waan tureef warreen gaarii raawwatan irratti mormiin baay\u2019atee ture. Fayyisaan addunyaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu hunda beekaa waan ta\u2019eef maaltu maaliif akka ta\u2019u ni beekaatii kabajee ishee simate. Yeroo namoonni morman inni garuu maaliif kabajee ishee simate sababoota jedhan akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda\u2019ama.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Sadarkaa jalqabaa irratti kan Inni argamu guyyaa sana qofadha. <\/strong>Iyyesuus Kiristoos \u201cHiyyeessoota yeroo hunda ni argattu, yeroo jaallattanittis gaarii ni gootuuf, Anaan garuu yeroo hunda hin argattan\u201d jechuun akkuma dubbate foon uffateen kan qaqabamuu, urgooftuun kan itti biifamu ta\u2019ee kan argamu yeroo sana qofadha. As irratti wanti of eeggannoo gochuu qabnu sanaa booda foon Isaa irraa adda baha jechuu miti. Harka Ayihuudootaatiin qabamee gara murteetti yeroon itti dhiyaatu, yeroon fannoo irratti bahu akka gahee fi yeroon isheen hin arganne akka dhufu ibsuudhaaf.<\/p>\n\n\n\n<p>&nbsp;<strong>Sadarkaa lammaffaa irratti isheen kirisaanummaaf haaraa waan taateef akka hin gufanneefidha. <\/strong>Nama sadarkaa jalqabaa irra jiru kan barsiisan xiqqeessuun, maal akka gochuu qabu tartiiba irratti xiyyeeffachuu akka qabu, suuta jechaa gara maaliitti akka deemu qabu yeroo barsiisudha. Sababni isaa kiristaannaan jireenya suuta suuta beekanidha waan ta\u2019eef. Ifti addunyaa qulqulluun Phaawuloos \u201cOboleeewwan koo kan foonii fi dhiigaa akka taatan, Kiristoosiin amanuudhaanis daa\u2019imman akka taatan malee akka warreen afuurawaa isin barsiisuu hin dandeenye; nyaata ciccimaa isin hin nyaachisne, aannanin isinin Obaase\/Waga\u2019e, &nbsp;ammallee hin cimne waan ta\u2019eef. \u201d 1ffaa Qor 3:1-2 jedhee akkuma barsiise warreen jalqaba irra jirru namni waan bareen, waan danda\u2019uun fi jaallatuun harkisuun barbaachisaa waan ta\u2019eef misirroon samii Iyyesuus Kiristoosis kennaa isheen fide gammachuu fi kabajaan fudhate. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Sadarkaa sadaffaa irratti namni tokko dursee maal akka gochuu qabu kan mari\u2019achiisuu yoo ta\u2019ee akkana godhi jechuun barbaachisaadha; erga ta\u2019ee booda garuu akkana jechuun ni gufachiisa waan ta\u2019eef dhiisaani jedhe. Dhiisaa qofa miti kan inni jedhe maaliif gufachiisu ture kan Inni jedhe. Kana jechuunis hiika wangeelaa irratti akkuma barreeffame namni tokko kennaa kennuu barbaadee, rakkataadhaaf moo mana kiristaanaaf kennu jedhee yoo mari\u2019achiisee, gamoo Waaqayyoo kan ta\u2019e ilmi namaa beelaan dheebuun osoo dhiphatuu gamoo Mana Kiristaanaa ijaari jechuu irra dursa ilma namaatiif kennuun barbaachisaa akka ta\u2019e hubachuun barbaachisaadha. Namichi kaka\u2019umsa mataa isaatiin erga godhee booda garuu akkana gochuu hin qabdu ture jechuun garuu hojii gaarii hojjachuu isaatiin gaabbee gara fulduraaf waan gaarii hojii irraa of to\u2019achuu waan danda\u2019uuf, hojii gaarii inni hojjate akka hojii gaarii hojjateetti jajjabeessuun barbaachisaadha. Egaan iccitii kana hunda kan beeku hunda beekaan Iyyesuus Kiristoos kennaa kabajamaa Isaaf dhufe kabajee fudhateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Maariyaam haadha urgooftuu kana irraa wantoota hedduu baranna. Isaanis:- hojii gaariif ariifachuu, kaayyoodhaan cimuu keesumattuu gaabbidhaaf dagachuu akka hin qabne hubachuu ni dandeenya. Hiikni wangeelaa akkuma nutti himu Maariyaam haati urgooftuu miidhagduu kuni hafeef kan hin jedhamnedha. Guyyaa tokko garuu qaama akkas bareedu kana fuulleedhaan\/Dawitiidhaan osoo of ilaalaa jirtuu miidhaginni kun hundi akka darbu ni hubatte. Kanaafis qorichi gaabbii galuu akka ta\u2019e hubattee umrii ishee guutuu sagaagalummaan qarshii funaannatte fuutee dhiifama kan namaaf kennu, cubbuun kee siif dhiifameera kan jedhu dursaa lubootaa Iyyesuu Kiristoos isa jedhamu bira urgooftuu ishee bittee deemtee waan gochuu qabdu ni goote.<\/p>\n\n\n\n<p>Maariyaam haati urgooftuu yeroo gara laphee isheetti deebitetti osoo ooltee hin buliin ture gaabbii kan kennu dursaa luboota kan ta\u2019e gara Iyyesuus Kiristoos kan deemte. Kana qofa miti daandii irratti qorumsa seexanaa injifannoon dabartullee gara Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos erga deemtee booda bartoota Isaatiin keesumattuu Yihuudaadhaan gufuun hedduun ishee qunnameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bartoota keessaa hiyyeessootaaf kan yaadan fakkaatanii kun gurguramee hiyyeessootaaf osoo kenname wayya ture jechuudhaan hojii isheen hojjatte akka badiitti lakka\u2019anii turan. Haa ta\u2019u malee, uumaa ishee biratti jilbeeffatteettitii kaayyoo isheetiin cimuu ishee, fedhii laphee ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos beekeeraatii,&nbsp; ishee osoo hin taane waa\u2019ee ishee Kiristoos \u201cWaan gaarii goote maaliif gufachiistu\u201d jechuun hojii ishee aja\u2019ibsiifateera. Bira darbees hojii ishee bakka Wangeelli barsiifame hundatti yaadatamaa akka turu isaniif ibseef. Gufuulee hundas ishee irraa ni fageesse. Kanaafuu, nutis yeroo gara wanta gaarii deemnu wanti karaa irratti nu eeguu sanaayyuu diyaabiloos wanta beeknuu fi jaallannuu irra bulee akka hin gufachiisne hidhannoo keenya cimsuun kaayyoo keenyaan cimuu qabna.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis Kitaaba Qulqulluu keessatti kaayyoo isaaniitiin cimanii Waaqayyoon kan ragaa baheef, kabaja irratti kabajni kan dabalameef namoota hedduu caqasuun ni danda\u2019ama. &nbsp;<\/p>\n\n\n\n<p>Yooseef biyya Gibtsii keessa sanaayyuu godaansa irra osoo jiruu kaayyoo isaatti cimuu isaatiin dargaggummaa irra osoo jiru illee miirri dargagummaa osoo isa hin mo\u2019atin gaaffii sagaagalummaa haadha manaa Faraa\u2019ooniin dhiyaateef asi achi osoo hin jedhiin mo\u2019ateera. Mootii Faraa\u2019oon birattis akka kabajamu, maatii isaas beela ture keessaa baasee hanga har\u2019aatti maqaa baraa baraa fi jiraataan Waaqa isaa irraa kenname fakkeenyummaa gaarii isaatiin hanga har\u2019aattii waamaa jiraanna. Kunis qorumsa isaa obsaan bira waan tareef malee qorumsi tokkollee osoo isa hin qunnamiin waan jiraateef miti.<\/p>\n\n\n\n<p>Kaayyoodhaan cimuudhaaf fakkeenyoota nu barsiisan keessaa inni biraan seenaa jireenya qulqullicha Iyyoobidha. Diyaabiloos jaalala Waaqa isaaf qabu harkaa gatee ijoollee isaa du\u2019aan,qabeenya isaa barbadeessuun, isas rifeensa mataa isaa irraa hanga qeensa lukaa isaatti dhukkubaan rukutee , haadha manaa isaa irratti kaasee Waaqayyoon arabsee akka du\u2019u yoo&nbsp; taasise illee kaayyoo isaatiin cimee&nbsp; \u201cWaaqayyo kenne, Waaqayyo fudhate maqaan&nbsp; Waaqayyoo kan galatoome haa ta\u2019u\u201d jechuudhaan kiyyoo diyaabiloos jalaa bahuu danda\u2019eera<\/p>\n\n\n\n<p>Seenaawwan arman olitti eeraman yoo caqasneyyuu Gooftaan keeenya Iyyesuus Kiristoos kaayyoon inni guddaan gara biyya lafaa dhufeef ilma namaa gara kabaja isaa jalqabaatti deebisuudhaa fi waadaa Inni seenee raawwachuuf yoo ta\u2019u, Innis diyaabiloosiin qorameera. Diyaabiloos qorumsoota sadi dhiyeesseeraaf. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara gammoojjii deeme guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama erga soomee fi kadhatee booda ni beela\u2019e. &nbsp;&nbsp;diyaabiloos inni qorus dhiyaatee \u201cAti Ilma Waaqaa yoo taate dhagoonni kunneen akka daabboo ta\u2019aniif ajaji\u201d jedheeni. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis deebisee \u201cNamni kan jiraatu jecha Waaqayyootiin malee nyaata qofaan akka hin taane barreeffameera.\u201d jechuun mo\u2019ateera. Haa ta\u2019u&nbsp; &nbsp;malee, diyaabiloos mala isaa jijjiiruun qorumsa biraatiin itti dhufe. Gara magaalaa qulqulleetti geessee fiixee Mana Qulqullummaa irratti dhaabee, \u201cAti dhuguma Ilma Waaqaa yoo taate as irraa gara lafaatti utaali, akka si eeganiis ergamoota siif ajaja, miilli kees akka hin gufaanneef harka isaaniitiin ni kaasu jedhamee barreeffameerratii\u201d jedheen. Gooftaan keenyas \u201cWaaqa kee hin qorin jedhamees barreeffameera\u201d jedhuun injifate. Diyaabiloos yeroo sadaffaaf tulluu dheeraa irratti baasee mootoota lafaa hunda kabaja isaanis itti mul\u2019ise. Yoo anaaf sagadde kana hunda siifin kenna\u201d jedheen. Kanaa booda Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos \u201cYaa seexana nana deemii cina koorraa Waaqayyoo Gooftaa keef sagadi isa qofas waaqeeffadhu jedhamee barreeffameera\u201d jedheen. Kanaa boodas diyaabiloos ni dhiiseeni egaan ergamoonni Waaqayyoo isa tajaajiluuf dhufan jedha Kitaabn Qulqulluu. (Maat 4:1-11)<\/p>\n\n\n\n<p>Har\u2019as nuti dhiifama Waaqayyootiin qorumsa hunda bira dabarra malee namni ofii isaatiin homaa gochuu akka hin dandeenye Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos yeroo foon uffatee lafa kanarra jirutti \u201cAni jirma waayiiniiti, dameewwan isaas isinidha, kan ana waliin jiraatu anis isa waliinin jiraadha, firii hedduus kan buusu isadha, ana malee homaa gochuu hin dandeessan\u201d jedhee akkuma barsiise qorumsa akka nurraa fageessu kadhachaa hojiidhaanis agarsiisaa, isa fakkaannee jiraachuu qabna. Akka jecha Isaati deddeebinee, diyaabiloos isa nu qoruun meeshaalee afuurawaa kanneen akka sooma, kadhannaa fi sagadaan akkasuumas firiiwwan afuurawaa hojjachuun gaabbii galleee Waaqayyoo Abbaan keenyas gaabbii Kenya fudhatee humna gufuulee hunda mo\u2019annu akka nuuf kennu amannee hanga xumuraatti kaayyoo keenyaan cimnee mootummaa isaa akka dhaalluuf jaabachuun nurraa eegama. Kanaafis arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaam, eebaa fi waadaan qulqullootaa nurraa adda hin ba\u2019iin. Ameen.<\/p>\n\n\n\n<p>Galanni Waaqayyoof Haa ta\u2019u.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201cNama raawwatuuf gorsi hundi gaariidha\u201d jechuudhaan raajaan Waaqaayyoo qulqullichi Daawiit akkuma dubbate, raajoonni, duukaa bu\u2019ounni, hayyoonni akka waliigalaatti qulqulloonni Waaqayyoon hojii aja\u2019ibaa isaan irra bulee hojjatu tokkummaa nuti Waaqayyoo waliin qabaachuu qabnu irratti gufuun akka hin qunnamnee fi haalaan cimnee akka jiraachuu qabnu nu gorsu. Gorsi abboota keenyaa, nuti kaayyoo yaadneef amanamaa akka taanuuf, addunyaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4102"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4102"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4102\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4104,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4102\/revisions\/4104"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4102"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4102"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4102"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}