{"id":4068,"date":"2022-02-28T07:29:13","date_gmt":"2022-02-28T07:29:13","guid":{"rendered":"https:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4068"},"modified":"2022-02-28T07:29:14","modified_gmt":"2022-02-28T07:29:14","slug":"itti-fayyadama-miidiyaalee-hawaasumma","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/itti-fayyadama-miidiyaalee-hawaasumma\/","title":{"rendered":"Itti fayyadama miidiyaalee hawaasumma"},"content":{"rendered":"\n<p>Dr Maagarssaa<\/p>\n\n\n\n<p>Miidiyaaleen hawaasumma ragaalee dhugaas ta`e sobaa barreeffamaan, sagaleen, warabbii suursagaleen uummataaf kan ittin raabsamu meeshaa walqunnamtiiti. Ta`us, namni tokko miidiyaalee hawaasumma yeroo fayyadamu; isa sobaan akka hin miidhamne, isa dhugaa ta`etti mmoo akka fayyadamuuf; dhugaa soba irraa adda baasuuf calaltuu ykn safartuu qabaachuu qaba. Waanti barreeffame ykn argamee fi dhaga`ame hunduu dhugaa mitihoo.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhalli namaa kaayyoo garaagaraatif yaada tokko karaa garaagaraan ibsuu danda`a. Haa ta`u malee, haalli fi karaan itti ibse odeeffanno akkamii?; eenyuuf?, akkamitti?, kkf\u2026 gaaffilee jedhaniif deebii karaa sirriin kan kennu ta`uu qaba. Odeeffannichi miidhaa geessisuu fi fayyaduu isaa dursee hubachuu qaba. Dhugaan dubbatamu illee maal yaadee ykn kaayyoo akkamittiif akka ta`e waan hin beekneef carraan dogongoruu ol`aanaa dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu, odeeffannoowwan karaa miidiyaalee hawaasaa gadhiifaman dhugaa yoo ta`an dhiibbaa gaarii; sobaan kan guutaman yoo ta`an immoo dhiibbaa yaraa hawaasa irraatti qaqqabsiisuuf dandeetti ol\u2019aana qabu. Bu`uura Kanaan miidiyaalee hawaasumma miidiyaalee hawaasaa irratti&nbsp; odeeffannoo barreffamaa fi suursaglee gadhiifaman yeroo arginu maalummaa fi bu`aa isaanii hubachuuf gaaffiiwwaan gaafachuu qabnu jira. Muraasa isaanii ilaaluuf:<\/p>\n\n\n\n<ol type=\"1\"><li><strong>Ergaan isaa maali?<\/strong> Dhimmi miidiyaa hawaasumma irratti darbe maalummaa fi bu`aan ergaa isaa maal? Kan jedhu gaafachuun ni barbaachisa. Maalummaa dhimmichaa utuu hin hubatiin kenneen biroo sababa afarsaniif qofa kan fudhannu ta`uu hin qanu. Raajii Iyasuus (\u1270\u12a0\u121d\u1228 \u12a2\u12e8\u1231\u1235) irratti seenan barra`e jira. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristoos fakkeenyaa nuuf ta`uuf jecha barumsa barachuuf gara barsiisaa ni deeme. (Hubadhu; barsiisichaaf beekumsa kan kenne Gooftaan nuyiif fakkeenya ta`uuf deeme malee beekumsa haaraa argachuuf miti). Achii barsiisan qubee isa barsiisuuf \u201cAleef\u201d jedhi jedheen. Gooftaanis \u201cAlef\u201d jedhe. Qubeen \u201cAleef\u201dtti aanee jiru \u201cBet\u201d waan ta\u2019eef \u201cBet\u201d jedhi jedheen. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuus Kiristtoos garuu dursa hiikkaan \u201cAleef\u201d maali dha? Iccitii kana natti himi. Isa itti aanu nan jedha itti jedhe. Kanaaf, nutis dhimma sana itti dhiyeenya qaamolee miira keenyaan arginee dhamdhamnee kan hin mirkaneessine ykn barumsa amamtaan kan hin baranne yoo ta`e qaama barreese yoo argine maalumma barreffamichaa qama barreesse gaafannee ykn karaa biraatin hubachuun nurraa eegama. Kunis maalummaa ergichaa hubachuu fi adda baasuu nu dandeessisa.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<ul><li><strong>Eenyutu barreesse?<\/strong> Qulqulluun Yohaannis Afaan warqee \u201cbarreeffama tokko namni dubbisu dhimma barreffame&nbsp; dubbisuun dura eenyummaa barressichaa haa beeku: erga baree booda dubbisee isa dubbise haa barsiisu\u201d jedha. Eenyyuummaa barreessichaa beekuun miira barreefamichaa akka hubannu nu gargaara. Achii barreeffamicha dubbisuun ka`uumsa barreffamichaa hubachuun maal jechuu akka barbaade salphaatti hubachuu dandeessisa. Duuka bu`oota qofa utuu hin ta`iin namootni baayyeen Kiristoosi hordofanii ture. Haa ta`u malee, uummanni Isa hordofu waa`e Iyasuus Kiristoos ilaalcha garaagaraa qaba ture. \u201cYohannis cuuphaa kan ittin jedhan jiru; kaanis Eermiyaas ykn raajota keessa tokko jedhuun\u201d. (Maat. 16:10). Hubadhu! Nama hordofan beekuu dhabuun gantummaa ol`aanatti ramadama. Uumaa isaanii akka uumamaatti dhiyeessanii ture. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyasuyus Kiristoos Duuka Bu`ootan \u201cisinihoo eenyu naan jettuu?\u201d yeroo jedhu Qulqullichi Pheexiros \u201cAti Kiristoos Ilmaa Waaqayyoo isa jiraataa dha\u201d jechuun yoo deebisu \u201cAti Qulqullu dha\u201d jedhamee kabajni kennameef. Miidiyaalee hawaasumma irratti odeeffannoowwan abbummaan isaanii kan hin beekkamne barreeffamoonni fi sagaleen akkasumas suursagaleen ni gadhiifamu. Yeroo kana ergaawaan sammuu keenya irratti fe`an ni qabaatu. Kanaafuu ergaan sun \u201cdhugaaqabeesummaa irraa darbee Kiristaanummaa ykn Ortodoksummaa of keessa qaba?\u201d kan jedhu madaluun barbaachisaa dha. Kanaafuu miidiyaalee hawaasummaa yeroo fayyadamnu filachuun nurra jira jechuu dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li><strong>Eesssatti barreeffame?<\/strong>: Gochichi kan eessatti rawwatamee? kan jedhu beekamuu qaba. Raawwii biyya ambaatti raawwaame akka waan biyyaa keenyatti raawwatametti dhiyeessuun miira hin taane keessa kan mana galchan. Sobanii sobaaf kan nama saaxilan namoonni baayyeen jiru. Kanaafuu, raawwii ykn dhimma tokko amannee fudhachuun dura karaa garaagaraatiin sirrii ta`uu isaa adda baasuu nurra jira. Adda baasuuf ragaa ga`aa yoo dhabne dhimmicha kanneen biroof qooduurraa of qusachuu; nutis naasuu fi mira hin taane keessa seenuu irra fagaannee karaa tasgabaa`e irra deemuun barbaachisaa dha. Kitaaba Qulqulluu irratti seenaa Soosinnaa guutuu isaa yoo dubbisnu waan hubannu tokko jira. Barssisionni Soosinnaa waliin ciisuu barbaadu. Isheen garuu, \u201chin ta`uu jette. Sababa Kanaan sobaan ishee himatan. Qaamni isa ilaallatus dhimmicha utuu hin sakatta`in Soosinnaa ajjeesuuf qophaa`a. Danii`el garuu \u201cdhimmicha haa sakkattanuu\u201d jechuun \u201ceessatti argitan?\u201d jechuun yoo isaan gaafatu bakkeewwan garaagaraa dubbatan. Kanaanis sobni isaanii beekame. Kaanaafuu, nutis sobaan akka hin dogongorreef \u201ceessatti?\u201d jennee gaafachuu qabna.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li><strong>Yoom barreeffame?<\/strong> Waanti dhageenye ykn argine yoom kan raawwatame? Kan jedhu beekuun barbaachisa dha. Sababni isaa miidiyaalee hawasummaa irratti dhimma waggoottan baay\u2019een dura raawwatame akka waan har`a ta`etti dhiyeessuun nama kanaan dura hin argine ittiin gowwoomsu. Biyya keessas haa ta`u biyya ambaa manneen waggoota baay\u2019een duraa gubatan ykn nama du`e kan har`aa raawwatame fakkeessuun nama fi nama wal lolchiisu. Kanaafu, waan dhageenyu yoom akka raawwatame beekuun barbaachisa. Gooftaan keenya Duuka bu`oota Isaa tulluu Ejersaa irratti walitti qabee waa\u2019ee dhufaatii lammaffaa fi mallattoo isaa yeroo itti himu \u201ckun yoom ta`a?\u201d jechuun gaafataniiru. (Maat. 24:3) Nutis odeeffannoo qulqulleeffachuuf \u201cyooml\u201d jennee gaafachuu qabna. Yoo hin taane garuu, dogoggorree dogoggorsuu; odeeffannoo dogoggoraa qooduun ofis ta`e nama biraa miidhuu waan dandeenyuuf ofeeggannoon barbaachisaa dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li><strong>Meeqa?<\/strong> Yeroo baayye badii namni tokko balleesse akka waan namni baayyee raawwateetti dhiyeessuu fi namoonni baayyen kan raawwatan akka waan namni tokkoo ykn mamni muraasni raawwatetti gochuudhaan odeeffannoon gadhiifamuu danda`a. Fakkeenyaaf yakka nama tokkoon bakka dhalootasaa ykn gosa\/qomoo isaa arrabsuun rakkoo guddaa qaqqabsiisuu danda`a. iti gaafatamuu kan qabu nama sana ykn garee sana malee dimshaasheessuun naannoo dhalootasaa arrabsuun balleessaa guddaa dha. Tarii namni kun sababa amala badaa issaatiif uummata naannoottin kan tuffatame ta`uu mala. Kanaafuu, dhimma tokko callisnee fudhachuun dura \u201cnama meeqatu raawwate?\u201d kan jedhu gaafannee beeku nurra jira jechuu dha. Ballina bakkaa, dheerina yeroo baayyina namaa nu beeksisuu danda`ati. Yakka namoonni baayyee raawwatan akka waan nama tokkoon rawwatametti dhiyeessuunis jiraachuu danda`a.<\/li><li><strong>Akkamitti?<\/strong> Ergaawwan kara miidiyaalee hawasummatiin gadhiifaman barmaatilee fi uumamarraa kan fagaatan ta`uu danda`u. callisnee kan fudhannu miti. Kan nuti aadeeffannen&nbsp; akkasumas kan barannee fi argine irraa adda kan ta`e yoo dubbatame fi dabrsame `Akkamitti?` jedhanii gaafachuu barbaachisa.<\/li><li><strong>Maaliif?<\/strong> Miidiyaalee hawaasummaa irratti odeeffannoowwan baayyee karaa garaagaraatiin ni gadhiifamu. Namni ergaa kana gadhiisu garuu sababa qaba. Dhugaas haa ta`u soba nama odeeffannoon kun qaqqabuuf dhimma ittin ga`uu barbaadu qaba. Kanaafuu, ergaa tokko miidiyaalee hawaasummaa irratti barreeffame yoo arginu akkaataa hubannaa keenya qofaan utuu hin taane hubannaa barreessaasanaas hubachuu qabna. Ergaa sana ilaallee qdfa kallaattitti amanuu hin qabnu. \u2018Maaliif\u2019 jennee gaafachuu qabna. Moora dhaabillee barnoota olaanoo keessatti baacoon barattootaan dubbatamu tokko jira. Yeroo tokko halkan kutaan bultii barattootaa tokko gubachuu jalqabe. Achii barattootni rafanii turan dammaquun kutaan isaanii gubachaa jiraachuu beekuun lubbuu isaanii olfachuuf na`anii qullaa fiigaa ba`an. Barataan mana kitaabaa ture tokkoo gara kutaa isaatti yoo deebi`u namoonni baayyeen qullaa fiigaa jiraachuu arga. Yeroo kana innis uffata isaa baasuun isaan faana bu`e. Amma namni kun nama sababa malee socho`u dha.&nbsp; Isaan gubachuurra jedhaani tasa waan godhani. Inni garuu, calliseetuma isaan arguun sababa isaa utuu hin beekin uffata baafatee isaan hordofe. Nutis miidiyaa hawaasummaa irratti namni beekamaan tokkoon ykn dammaqsaan (activist) sababa barreesseef isuma hordofne calaqqisuu fi daddabarsuu hin qabnu.&nbsp; Namni kun kaayyoo ta`eef sobas ta`e dhugaa odeeffannoo kana yoo qopheessu rakkoo itti aanee dhufu hubatees ta`e hin hubatin ykn ta`e jedhee yoo raawwatu kaffalameef ta`uu danda`a. dabalataanis garamii garamitti; maalirraa, maalin, hanga maalitti\u2026 kkf. jennee odeeffannoosana qulqulleeffannee odeefannoo lubbuu fi foon keenya fayyadu fudhachuu qabna.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Armaan olitti akkuma ibsame odeeffannoo sababa arganne qofaaf rakkoo inni uumuu utuu hin hubatin miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisuun rakkoowwan baayyee nama dhuunfaa, maatii, naannoo fi darbees biyya irratti fiduu danda`u yaada keessa galchuun madaallee fayyaadamuun barbaachisa dha. Kanaa aattis yeroon itti fayyadamnus daangaa qabachuu qaba. Guyyaa guutuu miidiyaa hawasummaa irra taa`aa ooluu fi hordofuun araada akka nutti hin taane ofeeguun barbaachisaa dha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dr Maagarssaa Miidiyaaleen hawaasumma ragaalee dhugaas ta`e sobaa barreeffamaan, sagaleen, warabbii suursagaleen uummataaf kan ittin raabsamu meeshaa walqunnamtiiti. Ta`us, namni tokko miidiyaalee hawaasumma yeroo fayyadamu; isa sobaan akka hin miidhamne, isa dhugaa ta`etti mmoo akka fayyadamuuf; dhugaa soba irraa adda baasuuf calaltuu ykn safartuu qabaachuu qaba. Waanti barreeffame ykn argamee fi dhaga`ame hunduu dhugaa mitihoo. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4068"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4068"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4068\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4070,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4068\/revisions\/4070"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4068"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4068"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4068"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}