{"id":4040,"date":"2021-12-08T08:14:55","date_gmt":"2021-12-08T08:14:55","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4040"},"modified":"2021-12-08T08:14:55","modified_gmt":"2021-12-08T08:14:55","slug":"yaaii-mooraatiifii-itti-fayyadama-yeroo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/yaaii-mooraatiifii-itti-fayyadama-yeroo\/","title":{"rendered":"Yaa\u2019ii mooraatiifii itti fayyadama yeroo"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify\">Waaqayyo ilman namaatiif akka itti fayyadamanuuf kennaa kenne kessaa tokko yeroodha. \u00a0Hunduma sirnaan qopheesseeraatii kennaa isaaf seeraan qabachuu fii itti gaafatamummaadhaan fayyadamuun immoo ilmaan namaa irraa kan eegamuudha. \u201cHojii inni hojjete yeroo isaatti gaariidha\u201d (k\/lallabaa 3:11).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroon dhaabbatee nu hin eegu: sakoondiin gara daqiiqaatti, daqiiqaan gara yerootti, yeroon gara guyyaatti, guyyootiin, gara torbeetii torbeewwan gara ji\u2019aatti, ji\u2019ootiin gara waggaatti \u2026 barri bara bakka buusuudhaan dhaloonni ni darba dhalooni bakka ni\u00a0 bu\u2019a. Yeroon ni dhufa yeroon\u00a0 ni darba. Kanaan Waaqayyo umurii akka ittiin jiraannu nuyiif kenneen immoo kaayyoo uumamneef jiraachuun nu irraa eegama. garuu hammam itti fayyadamnee\u00a0 jirra? Yoo jennu kan itti fayyadamne caalaa akkasummatti akka dabarsine hubanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Uumamoota irraa egalee abboommii Waaqayyoo eeganii, akka jecha Isaatti deddeebi\u2019anii, hojiidhaan mul\u2019isanii, ergama gara biyya lafaa kanatti dhufaniif raawwatanii, dhalootaaf fakkeenya ta\u2019anii, kan Abbootiin darban har\u2019as kitaabilee Qul\u2019qullaa\u2019oo keenya keessatti, jireenya hundumaatti caqasaatu jiraanna. Yeroo isaanii sirriiti gaarii hojjechuudhaan fayyadamaniiru waan ta\u2019eef kakuu isaaniitiin nuti fayyadamtoota dha. Inni kan biraa garuu qoosuudhaa fii taphaan, akkasumas qajeelummaarra cubbuudhaaf dhaabbachuudhaan barasaa fixa. lamaan isaaniituu nuyiif gaarummaafii hammeenyaan fakkeeenyan ta\u2019anii kan kasnu dha. \u201cIsinis akka ittiin fayyitanuuf kan ittiin waamamtan sagalee jireenyaa dhageessaniittuutii amantanii abdii kan isiniif\u00a0 godhe Afuura Qulqulluudhaan chaappeffamtan\u201d (efe 1:13). Akka jedhu jaalalaan Waaqayyoon tajaajiluudhaan yeroosaanii wantoota gaariidhaaf fayyadamanii waammicha Waamamaniif amanamanii kan birootiif fakkeenya ta\u2019anii darbaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Faalladhaan immoo \u201cbara cubbuudhaaf bitamtanitti qajeelummaa iraa bilisa turtaniitii;hojii keessan yeroosanaatti kunoo ni yeelloftu; dhumni isaa du\u2019a waan ta\u2019eef \u201cJedha Waaqayyo duuka bu\u2019icha Qulqulluu phaawuloos irra bulee (Rom 6:21) kanaaf yeroo keenya seeraan itti fayyadamnee eebba akka argannuuf Ortoodoksoota irraa ni eegama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gara yaada ka\u2019umasaa keenyatti yomm- uu deebinu yeroo seeraan fayyadamuun hunduma irraa kan eegamu ta\u2019us keessumatti Ortoodoksoota dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti kan argamanu barattoota yaa\u2019ii mooraa irratti xiyyeeffannoo goona.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dargaggoonni gara barnoota dhaabbilee olaanootti galan kan itti rakkatan keessaa tokko itti fayyadama yeroo isaanii to\u2019achuu dadhabuudha. Maatii irraa fagaachuun bilisummaa waan isaaniif kennuuf rakkoolee adda addaatiif saaxilamuudhaan\u00a0\u00a0\u00a0 milka\u2019aa\u00a0 osoo hin ta\u2019in hafu . barnoota isaaniirraas jireenya Afuuraawaa irraas osoo hin ta\u2019in hafu. \u00a0\u201cGara yaa\u2019ii mooraa seentanii maalif hin barattanu? yommuu jedhamanu sababoota adda addaa dhiyeessu. kanneen keessaa muraasa yoo ilaalle.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong> Yeroo qu\u2019annaa keenyaa fudhata <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanoo erga seenanii booda yaa\u2019ii mooraa keessatti akka hin hirmaanneadda dureedhaan kan caqasan \u201cyerroo keenya fudhata (saama) jechuudhaan akka miliqqaatiif kan dubbatanuudha yaa\u2019ii mooraa seenanii fooniifis ta\u2019ee lubbuu isaaniitiif galaa kan ta\u2019u qabatanii akka banuuf kan isaan gorsan hundumaa akka booddee hafaatti lakka\u2019aa yoo qoosan mul\u2019atu. Waaqayyo sodaachuun keessa isanii waan hin jirreef addunyaa hawwu.\u00a0 barnoota boodas qu\u2019annaadhaaf yeroosaanii keennurra fedhiin foonsaanii gara isaan agarsiise demuudhaan kan fedhan raawwatu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cGuyyan dhiphinaa osoo hin dhufin bara dargaggummaa keetti Uumaa kee yaadadhu\u201d (kit lall 12:1) jecha jedhu ni dagatu.\u00a0 Ofii isaanii Waaqayyo irraa adda baasuudhaan yeroo gaabbii isaaniif kennametti hunduman harkaan qaba ,hunduman raawwadha jechuudhaan umurii dargaggummaa isaaniitti cubbuu hojjechuudhaaf tattaaffatu.\u00a0 dhumni isaaniis bareedaa hin ta\u2019u; \u00a0barnoota isaaniitiin hanga barbaadame osoo hin ta\u2019in\u00a0 tokkummaa isaan Waaqayyoo wajjin qaban addaan cite eebbifamanii ba\u2019anis bakka ramadaman hundumaatti uummata tajaajiluurra ofii isaanii kan jaallatanu hojii hamaadhaaf kan jabaatan ta\u2019anii argamu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Seeraan yaa\u2019ii moraa keessatti barattoonni hirmaatan garuu yeroo isaanii seeraan fayyadamuu isaanii irraa kan ka\u2019e tajaajiluufii tajaajilamuudhaaf ofiisaanii kan qopheessan waan ta\u2019aniif waaqayyoon qarqaaraa taasifatanii hubannaadhaan waan deemanuuf milka\u2019aa ta\u2019anii ba\u2019uudhaaf hin rakkatanu.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"2\">\n<li><strong> Yeroon bashananaa nu barbaachisa <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo haftee isaaniitti sagalee Waaqayyoo dhaga\u2019uufii dubbisuu irraa fagaachuudhaan \u201cSammuu keenya haaromsina\u201d mala jedhuun yeroo isaanii taphaafii miidiyaa hawaasaatiif kennuudhaan gara-dhabeessa ta\u2019anii kan hafan hedduudhan. miidiyaa hawaasaattis fedhii foon isaaniitiif kan isaanitti dhiyaatu ilaaluufii dhagahuudhaan cubbuu waliin wal baru . saala faallaa\u00a0 darbanii\u00a0 saala wal fakkaataadhaaf kan saaxilamanu hedduudha .<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0Barnoota booda ofii isaanii boonuuf tattaaffiidhaafii fiigicha taasisanu keessatti\u00a0 bakka bashannana naannawa dhaabbatichaa jiranu jechuunis mana caatii, tamboo dabalatee hashiishii, mana sirbaatiifii bakka gurgurtaa dhugaatii alkoolii bal\u2019inaan waan jiranuuf yeroo isaanii akkasumatti wan hin fayyadneefii kaayyoo ofii kan adeemsa hirranfachiisun akka imalan isaan taasisa. Kanarraan kan ka\u2019e osoo waggaa tokkoffaa hin xumurin hari\u2019atamuuff yoo dirqaman arguun kan barame dha. Maatiin ilmikoo baratee fii hijii qabatee ofii isaatiifii maatii isaas qarqaara jedhee osoo eeguu deebi\u2019anii ba\u2019aa maatii ta\u2019anii hafu.\u00a0 Rakkoo kana hundumaaf saaxilamuu isaaniitiif sababni adda dureen yeroo isaanii gaarii kan ta\u2019eefii kaayyoo waamamaniif waan hin oolchineefidha.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"3\">\n<li><strong>\u00a0Dhiibbaa hiriyaa <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Sababa adda addaatiin tokkummaa walii wajjin jiraachuu keessatti hiriyaa qabaachuu dandeenya. Hiriyaa kan hin taane nama akkamiitii? Waaqayyo sodaachuun isarra kan bule, karaa gaarii irra kan adeemu fii\u00a0 fakkeenya kan nuuf ta\u2019uu dhaa? Jennee sakatta\u2019uun tokkoon tokkoon keenya iraa ni eegama. Keessumattuu dargaggoonni filannoo hiriyaa keessatti of eeggannoo taasuu qabu. Barattoonni yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaatanus hiriyoota hin mijoofne irraa fagaachuudhaafii gaariifii gadhee adda baasanii karaa isa gaarii Waaqayyo akka isaanitti agarsiisu kadhannaadhaan dhaabbachuu, tajaajilaan cimuudhaan kaayyoo isaaniitiif amanamaa ta\u2019uudhaan hubannoodhaan deemuutu isaanirra jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0Dhiibbaa hiriyaa\u00a0 irraan kan kaayyoo isaanii irraa akka boodatti hin jenne Mana Kiristaanaa keessatti boqochuu, sagalee Ishee dhagahuudhaaf of qopheessuu, barumsa isaaniitiif tajaajila isaaniitiif dursa kennuun isaanirraa eegama.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"4\">\n<li><strong> bu\u2019aa teeknooloojii <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Addunyaan kaayyoo dagachiisuu kan danda\u2019an, dhaloota ijaaruu irraa maqaa teeknooloojiitiin dargaggoota booji\u2019uu fii gara karaa badiinsaatti wantoota fudhachuu danda\u2019an oomishuudhaan qbamtee9camadamtee) oolti. Sababa kanaan dargaggoonni yeroo isaanii akka qisaassessaniif carraa mijeessaa oolti. bu\u2019aa teeknooloohjii tokko yeroo fii iddoo barbaachisaa qofatti fayyadamuun gaarii ta\u2019us kana dagachuudhaan guyyaa guutuu wanta barbaachisaadhaafis hin barbaachifneefis qabamanii ooluun aradaaf nama saaxila. Keessumatti barattootni yaa\u2019ii mooraa bu\u2019aa teeknooloojii\u00a0 yeroo isaanii qisaasessuudhaafii araadaaf kan isaan saaxiluu danda\u2019u irraa fagaachuu, yeroo barbaachisaa ta\u2019u barnoota isaaniitiif qarqaarsa kan isaanif gochuu danda\u2019anu qofa yeroo barbaachisaatti fayyadamuun \u00a0ni \u00a0barbaachisa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dhimmootiin muraasaani\u00a0 gubbaatti kaasuudhaaf\u00a0 yaalle baay\u2019inaan\u00a0 dargaggoota\u00a0 irratti caalaadhumatti dhaabbilee barnootaa olaanootti rakkoolee ulfaatanii mul\u2019atanu akkuma ta\u2019an of eeggannoo olaanaa kan barbaadaniidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dargaggoonni yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaatanis yeroo isaanii barnoota isaaniitiif tajaajila isaaniitiif kennuudhaan, tsoomaan(lagannaa), kadhannaafii sagadaan cimuudhaan gara Waaqayyootti kadhachuudhaan yeroo qaban karooraan fayyadamuudhaan\u00a0 fayyadamaa ta\u2019uutu isaan irraa eegama.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Barumsaaf, kadhannaadhaaf, yeroo tajaajilaf qabanu qopheessuudhan barattootni karooraan yeroo isaani fayyadaman mil\u2019ka\u2019aa ta\u2019anii argina.\u00a0 Kanaafis ragaafii mirkaneessaa guddaa kan nuuf ta\u2019u dhaabbilee olaanoo adda addaatti turtii isaaniitti qabxii olaanaa galmeessisuudhaan badhaafamtoota geebaa fii meedaaliyaa ta\u2019uu isaanii lakkoofsi isaaniis yerroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaati.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qabxii olaanaadhaan eebbifamuu keessaniif sababni isaa maali jedhamanii yonmmuu gaafataman Yaa\u2019ii mooraa keessatti hirmaachuun isaanii namusa gaariidhaan akka ijaaramanfii yeroo isaanii seeraan akka fayyadaman akka isaan qarqaare dubbatu. Yeroo isaanii haalaan itti fayyadamaniiruutii dheekkama sammuu irraa bilisa. Gochaa isaanii kanaan ofii isaanii irra darbanii maatii isaaniitiifii Mana Kiristaanaa isaanii eebbisiisu. Eebbifamanii yommuu ba\u2019anis beekumsaan kan badhaadhe, namusa gaariidhaan dhaloota ijaarame ta\u2019anii waan ba\u2019anuuf dirree hojii itti bobba\u2019anitti biyyaafii Mana Kiristaanaa tajaajiluudhaan itti gaafatamummaa isaanii ni ba\u2019u. kanaanis yeroo haalaan fayyadamuun faayidaa akkamii akka argamsiisu\u00a0 namoonni kan biraa akka hubatan fakkeenyummaa isaanii dhugaa baasisu. barattoota isaan booda gara dhaabbilee olaanoo seenaniif fakkeenya ta\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Walumaa galatti amantaadhaan of dammaqsanii, tajaajilaan of ijaaranii tsoomaaf kadhannaadhaan jabaatanii yeroo haalaan fayyadamuun milkaa\u2019inaaf akka nama ga\u2019u fakkeenyummaa barattoota yaa\u2019ii mooraa irraa barranna jechuudha. Gara fuula duraattis barattoonni gara dhaabbilee barnoota olaanootti seenanis kana hubachuudhaan yeroo isaanii haalaan fayyadamuudhaan milka\u2019aa ta\u2019anii akka ba\u2019anuuf itti fayyadamuu qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0<strong>\u00a0 Galanni Waaqayyoof haa ta\u2019u.<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waaqayyo ilman namaatiif akka itti fayyadamanuuf kennaa kenne kessaa tokko yeroodha. \u00a0Hunduma sirnaan qopheesseeraatii kennaa isaaf seeraan qabachuu fii itti gaafatamummaadhaan fayyadamuun immoo ilmaan namaa irraa kan eegamuudha. \u201cHojii inni hojjete yeroo isaatti gaariidha\u201d (k\/lallabaa 3:11). Yeroon dhaabbatee nu hin eegu: sakoondiin gara daqiiqaatti, daqiiqaan gara yerootti, yeroon gara guyyaatti, guyyootiin, gara torbeetii torbeewwan gara [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4040"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4040"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4040\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4041,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4040\/revisions\/4041"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4040"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4040"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4040"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}