{"id":4026,"date":"2019-11-07T07:29:19","date_gmt":"2019-11-07T07:29:19","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4026"},"modified":"2019-11-07T07:29:19","modified_gmt":"2019-11-07T07:29:19","slug":"dargaggootaa-fi-jireenya-qulqullummaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/dargaggootaa-fi-jireenya-qulqullummaa\/","title":{"rendered":"Dargaggootaa fi Jireenya Qulqullummaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma keenya dargaggoota ta\u2019anii cubbuu mo\u2019atanii kan jiraatan kanneen gonfoo Qulqullinaatiif gahan dargaggoota baay\u2019ee fakkeenyummaadhaaf kaasuu ni dandeenya. Bara Qulqullummaa isaaniitti bilisummaan amantaa hin turre. Waaqayyoon waaqessuun, galateeffachuun, Isaaf bitamuun hin danda\u2019amu ture. Seeraan kan dhorkamee fi kan daangeffame waan tureef Isa waaqeffatee, galateeffatee, Isaaf jilbeenfatee kan argame <strong>hunduu<\/strong> ni adabama, ni hidhama, ni reebama, irbaata ibiddaa fi leencaas ni ta\u2019a ture. Isaan garuu jaalala fi inaaffaa Isaaf qaban irraa kan ka\u2019e, jabina amantaa isaaniif jedhanii waaqa tolfamaadhaaf hin saganne; hin waaqessines. Xumura irrattis gonfoo Qulqullummaatiif gahaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Har\u2019a nuti amantaa keenya haala barbaadneen gaggeeffachuuf haalli mijachuu baatullee waqtiilee duraanii waliin yoggu madaallu walabummaa qabna. Fedha keenyaan ala Waaqayyoon dhiifnee kan biraa akka waaqessinu qaamni nu dirqisiisu hin jiru. Haa ta\u2019u garuu, fedhii fi hawwii mataa keenyaatiin harkifamnee, mucummaa Isaa jalaa akka hin baane, jireenya baraa baraa irraas akka nu hin foone of eeggannoo gochuu qabna. Kanaafis kanneen akka Daani\u2019eelii fi Ijoolleewwan sadeenii fakkeenya kaasuu ni dandeenya.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Isaan bara dargaggummaa isaaniitti jireenya Qulqullummaa jiraachuu danda\u2019aniiru. Yooseef sagaagalummaa hin hojjedhu kan jedhe Qulqullummaa fi kabaja eenyummaa isaa eegee kan jiraate, kabajaa, angoo fi angafummaadhaaf kan gahe, haala jireenyaa isaaf hin mijoofne keessatti Waaqayyoon yaaduu isaatiini dha. Har\u2019a unuun dirqamaan cubbuu raawwadhu kan nuun jedhu hin jiru. Cubbuu kan hojjennu fedhii mataa keenyaatiin, yaada mataa keenyaatiin kakaanee, yaadnee fi karoorsinee ti. Dirqamnee yeroo cubbuu hojjennu jiraatullee mudannoon kuni muraasa dha. Kun immoo kabaja keenya baraa baraa keessaa kan nu baasu waan ta\u2019eef itti yaadamuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Garuu gaabbiidhaan immoo Qulqulaa\u2019uun ni danda\u2019ama. Xumurri cubbuu immoo du\u2019a dha. Kiristaanni jireenyaaf malee uumama du\u2019aaf uumamee miti. Haalli uumamaa isaas uumamtoota biroo irraa addaa, ajaa\u2019ibaa fi bareeda ta\u2019ee fakkeenya Waaqayyoon kan uumamedha. Haalli uumama isaas kabaja yeroodhaaf osoo hin taane jireenya baraa baraafidha. Kabaja kanaaf gahuuf immoo cubbuu, waan hamaa, jallinaa fi inaaffaa irraa of eeguu qabna. Mataa keenya jallina, hammina, wal-qoqqooduu fi sanyummaa irraa of eeguun kabajaaf akka geenyu jaalalaa fi eeyyama Isaa nuuf haa ta\u2019u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessaa Guuttataa Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma keenya dargaggoota ta\u2019anii cubbuu mo\u2019atanii kan jiraatan kanneen gonfoo Qulqullinaatiif gahan dargaggoota baay\u2019ee fakkeenyummaadhaaf kaasuu ni dandeenya. Bara Qulqullummaa isaaniitti bilisummaan amantaa hin turre. Waaqayyoon waaqessuun, galateeffachuun, Isaaf bitamuun hin danda\u2019amu ture. Seeraan kan dhorkamee fi kan daangeffame waan tureef Isa waaqeffatee, galateeffatee, Isaaf jilbeenfatee kan argame hunduu ni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4026"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4026"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4026\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4027,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4026\/revisions\/4027"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4026"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4026"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4026"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}