{"id":4023,"date":"2019-11-05T07:12:27","date_gmt":"2019-11-05T07:12:27","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4023"},"modified":"2019-11-05T07:12:27","modified_gmt":"2019-11-05T07:12:27","slug":"qulqullummaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/qulqullummaa\/","title":{"rendered":"Qulqullummaa"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jechi Qulqullummaa jedhu, qulqulleessee, Waaqayyoof adda ta\u2019uu, eebbifamuu, kabajamuu, ol ol qabuu, cubbuu irraa foo\u2019amuu, adda baa\u2019uu, Waaqayyoof of kennuu, filatamuu, qabeenya Waaqayyoo of taasisuu, hiika jedhu nuuf kenna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Abbaan burqaa Qulqulummaa fi bu\u2019uurri Qulqullummaa Waaqayyo yommuu ta\u2019u Qulqullummaan Isaas amala qabeenyummaa Isaati. Kana irratti dabalataan kanneen biroon fakkenyaaf Namni, Guyyoonni, Meeshaaleen, Iddoowwan, Waantonni fi kkf yeroo addaan ba\u2019ani (fo\u2019amanii) Waaqayyoof dhiyaatan Qulqulluu ni ta\u2019u. Qulqullummaan isaaniif kennamu kun kan Waaqayyoo kan argatan ta\u2019uu isaan irraan kan ka\u2019een \u00a0Qulqullummaa kennaa jedhamuun beekama. Qulqullummaan Waaqayyoo garuu amala qabeenyummaa Isaati. Qulqullummaan bakka lamatti qoodama: Qulqullummaa amallumaa (kan Waaqayyoo) fi kan kennaa (qulqulloota Waaqayyoon uumaman) jechuudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yaadota armaan olitti eeraman bu\u2019uuraa isaanii yeroo ilaallu abbaan qabeenyaa Qulqullummaa Waaqayyoo ta\u2019uu Isaa fi namoonnis akka Qulqullaa\u2019aniif fedhii Isaa akka ta\u2019e ni hubanna. Ergaan Qulqulluu Phaawuloos gara warra Qolaasiyaasitti ergames ergaa ibsametti dabalataan namoota gara Qulqullummaatti kan geessu karaa gaarummaa argisiisa. Isaan kunis dhiifamaa fi gara laafummaa, gaarummaa fi gad of qabuu, garraamummaa, obsa, dhiifama waliif gochuu fi jaalala, galateeffachuu fi sagalee Isaa isa Qulqulluu barachuu, ofiin of barsiisuuf of ceepha\u2019uu gara teessoo Qulqullummaatti kanneen geessan ta\u2019uu isaanii caffatticha irraa hubachuu dandeenya. <em>Qola. 3:12-18<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessaa Guuttataa Jechi Qulqullummaa jedhu, qulqulleessee, Waaqayyoof adda ta\u2019uu, eebbifamuu, kabajamuu, ol ol qabuu, cubbuu irraa foo\u2019amuu, adda baa\u2019uu, Waaqayyoof of kennuu, filatamuu, qabeenya Waaqayyoo of taasisuu, hiika jedhu nuuf kenna. Abbaan burqaa Qulqulummaa fi bu\u2019uurri Qulqullummaa Waaqayyo yommuu ta\u2019u Qulqullummaan Isaas amala qabeenyummaa Isaati. Kana irratti dabalataan kanneen biroon fakkenyaaf Namni, Guyyoonni, Meeshaaleen, Iddoowwan, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4023"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4023"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4023\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4024,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4023\/revisions\/4024"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4023"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4023"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4023"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}