{"id":4021,"date":"2019-10-31T09:46:49","date_gmt":"2019-10-31T09:46:49","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4021"},"modified":"2019-10-31T09:46:49","modified_gmt":"2019-10-31T09:46:49","slug":"nageenyaaf-nagaan-haa-hojjennu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/nageenyaaf-nagaan-haa-hojjennu\/","title":{"rendered":"Nageenyaaf, nagaan haa hojjennu!"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Har\u2019a biyya keenya keessatti kanneen nageenya booressan rakkoolleen hedduun kan jiran yommuu ta\u2019an isaan keessaa:- seenaalee dogoggora haasa\u2019uu, gartummaa uumuu, mankaraarsummaa dinagdee, mankaraarsummaa amantaa, mankaraarsummaa siyyaasaa fi barbaacha fiixee aangoo, addaa addumaa yaadaa waliif kabajuu dhiisuu, wal-dhaggeeffachuu dhiisuu, walii galuu dhabuu, sabummaan qarqaratti bahe ta\u2019uu, sanyummaan, dheebuun aangoo kanneen gurguddoo fa\u2019adha. Angafoonni fakkeenya nuuf ta\u2019uun isaan irraa eegama. Faayidaa\/fedhii dhuunfaa keenyaa fi garee irra uummata fi biyya dursisiisuun nurraa eegama. Keessumaa Kiristaanni nama hunda waliin nageenyaan, tokkummaan, jaalalaan, walii galuun, wal dhaggeeffachuun, wal danda\u2019uun, rakkoowwan mariidhaan furuun kanneen biroofis fakkeenya ta\u2019uun addaa addummaa balleessuun kanneen wal lolan araarsuun jiraachuu qaba. Kun immoo dirqama keenyadha; barbaachisaadhas.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaabni Qulqulluun \u201ckanneen araarsan eebbifamtoota dha\u201d jedha waan ta\u2019eef. Gama biraatiin \u201cYoo isiniif danda\u2019ame gama keessaniin nama hundaa waliin nagaan jiraadhaa\u201d. (Rom 12:18) jedhamuun isaa nageenyi bu\u2019uura hundaa ta\u2019uu isaa argisiisa. Kiristaanonni hundi keenya bakka jirru hundatti kanneen nageenya balleessuu danda\u2019an hundaa irraa fagaachuu qabna. Dubbiiwwan obsaan, ogummaa fi hubannoodhaan irra darbuun barbaachisaa dha. Falmii Kiristaanummaa hin barbaachifne irraas fagaachuun barbaachisaadha. Nageenya barbaaduu, dubbii dhiisuu, dhiifamaafis mo\u2019amuun barbaachisaa dha. Dhiifama gochuu fi dhiifama gaafachuun qaroomina fi bilchina malee mo\u2019amuu miti. Kun immoo safartuu Kiristaanummaa keessaa isa tokko dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nuti Kiristaanonni isa xiqqaas isa guddaas, bakka hojiitti, mana barumsaatti, jireenya hawwaasummaa keenya keessatti tokkumaa, nageenya, jaalala fi araaraa irratti fakkeenya gaarii fi sababa ta\u2019uu qabna malee walitti bu\u2019iinsaaf, garaa garummaaf, wal falmiif, lolaa fi jeequmsaaf ka\u2019umsa ta\u2019uu hin qabnu. Sooriyaa, Liibiyaa fi Sudaaniin yaadachuu qabna. Jaalala qabaachaa kan turan, seenaa waliiniis kanneen qaban, hiyyeessota gargaaraa kanneen turan, har\u2019a garuu maqaan isaanii fi seenaan isaanii akka hin jirre ta\u2019eera. Guutummaa dachee isaanii irraas baduudhaaf kan dhiyaatan ta\u2019eera. Lammiiwwan isaaniis nageenya dhabuudhaan biyyoota irratti faca\u2019aniiru. Lammiiwwan Yemenii fi Sooriyaa sababa dhabiinsa nageenyaatiin jireenya mijaa\u2019aa isaanii keessaa ba\u2019aniiru, hedduunis lubbuun isaanii darbiteetti, godaansaanis biyyoota irratti burjaaja\u2019oota ta\u2019aniiru. Daandiiwwan Finfinnee keessattillee kadhannaa irratti bobba\u2019aniiru. Kuni hunduu dhabiinsa nageenyaatiin rakkoo dhufe dha. Kanaan ala lammiiwwan biyyoota hedduu nageenya dhabuudhaan biyya keenya gaaddisa godhataniiru. Kun unuuf barnoota guddaa ta\u2019uu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nageenya argachuudhaaf hojii gaarii hojjechuun, hamminaa fi jallina irraa fagaachuu akka qabnu, akkasumas nageenya hawwuu fi barbaaduun, raawwii keenya akka ta\u2019e irraanfachuu hin qabnu. Nageenya kan kennu Waaqayyo dha. Kun kan ta\u2019u immoo yoo nuti nama nagaa taane qofaa dha. Kanneen nageenya hin barbaanne hamoota dha. Isaan garuu hamoota obbolaawwan gidduutti lola, falmii kanneen facaasan, Waaqayyo biratti kanneen hin jaallatamne, dabalataanis kanneen jibbamanii dha. Garaagarummaa fi waraanaa, shakkii fi hamii kanneen facaasani dha. Isaan gufuuwwan jaalalaa, tokkummaa fi nageenyaati. Lammiiwwan gidduutti jalala, tokkummaa, wal danda\u2019uu, wal tumsuu, wal dhaggeeffachuu kanneen balleessani dha. Raawwiiwwan akkanaa immoo Waaqayyo biratti nama gaafachiisu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Namni jaalala biyyaa qabu mallattoon isaa nama nagaa ta\u2019uu qofaatiin dha. Namni jaalala biyyaa qabu kan araara barbaadu, nama laphee dhiifamaas kan qabu dha. Waaqayyo kanneen lola facaasaniin ni jibba. Mootummaa Waaqayyoo irraa kan addaan bahan, isaan waliinis tokkuummaa, gamtaa kan hin qabne,ijoollee dukkanaati. Kanaaf nagaa fi gammachuu kan qaban fakkaachuu danda\u2019u. Garuu sammuun isaanii hammina isaanii waan itti himuuf nageenyaan jiraachuu, bahanii galuu, ciisanii ka\u2019uu, jireenya gammachuu ta\u2019e jiraachuu hin danda\u2019an. Kanas kitaabni \u201cHamoonni nageenya hin qaban\u201d jechuun ibsa. Gama biraatiin hojii garii kan raawwatan hundaaf galannii fi kabajni, nageenyis isaaniif ni ta\u2019a. Isaan Waaqa biratti kabaja fi galatas kan qabanidha.(Room.2:9-10). Hundi keenya nageenyaaf, nagaan haa hojjennu, haa kadhannu, biyya keenyaafis nageenya, jaallala, tokkumaa, walii galtee, wal danda\u2019uu akka nuuf kennuu eeyyamaa fi jaalala Waaqa nuuf haa ta\u2019u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessaa Guuttataa Har\u2019a biyya keenya keessatti kanneen nageenya booressan rakkoolleen hedduun kan jiran yommuu ta\u2019an isaan keessaa:- seenaalee dogoggora haasa\u2019uu, gartummaa uumuu, mankaraarsummaa dinagdee, mankaraarsummaa amantaa, mankaraarsummaa siyyaasaa fi barbaacha fiixee aangoo, addaa addumaa yaadaa waliif kabajuu dhiisuu, wal-dhaggeeffachuu dhiisuu, walii galuu dhabuu, sabummaan qarqaratti bahe ta\u2019uu, sanyummaan, dheebuun aangoo kanneen gurguddoo fa\u2019adha. Angafoonni fakkeenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4021"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4021"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4021\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4022,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4021\/revisions\/4022"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4021"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4021"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4021"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}