{"id":4019,"date":"2019-10-29T08:10:46","date_gmt":"2019-10-29T08:10:46","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4019"},"modified":"2019-10-29T08:10:46","modified_gmt":"2019-10-29T08:10:46","slug":"nageenya-kanneen-barbaadan-nageenya-raawwatu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/nageenya-kanneen-barbaadan-nageenya-raawwatu\/","title":{"rendered":"\u2039\u2039Nageenya Kanneen  Barbaadan Nageenya Raawwatu!\u203a\u203a"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cIsin keessaa ogeessii fi hubataan eenyudha? Haala jireenyaa qajeelummaa isaatiin hojii isaa ogummaa garraamummaatiin haa argisiisu. Garuu inaaffaa hadhaa\u2019aa fi gartummaan laphee keessan keessa yoo jiraate itti hin amaniinaa, dhugaa irrattis hin sobiinaa. Ogummaan akkasii samiirraa kan bu\u2019u miti, garuu kan dacheeti, kan fooniti, kan seexanaatis, bakka inaaffaa fi gartummaan jirutti holollii fi hojiin jallinaa hunduu ni jira. Ogummaan isheen olii garuu jalqaba Qulqulluu dha, boodas araaramaa, gaarii, tole jedhaa, araarrii fi firiin gaariin kan itti guute, shakkii fi hammeenyummaan kan keessa hin jirredha. Firiin Qulqullummaas namoota nageenya raawwataniif nageenyaan facaasa\u201d. <strong>(Ya\u2019i 3:13-18)<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nageenyi Firii Afuura Qulqulluuti. Nageenya argachuudhaaf Waaqayyoon sodaachuun, seera isaa fi akkaataa abboommii Isaatti deemuun, hammeenyaa fi jallina irraa fagaachuun, qajeelummaa hojjechuun barbaachisaa dha. Nageenyi wal-gahiidhaan, Aangoodhaan, marii fi hiriira nagaadhaan kan dhufu miti; nama nagaa ta\u2019uun, gaarummaa hojjechuun, jallina jibbuutiin malee. Amantaadhaan, laphee guutuun, nama nagaa ta\u2019uun, kan argamu dha nageenyi. Kanaafidha kitaabnis \u201cJabeessii nageenya waliin bu\u2019i, nageenyas barbaadi; duukaas bu\u2019i\u201d kan jedhuuf (2ffaa Ximo 2:22, Far. 34:14) .<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kiristaanni nama nagaa ta\u2019uu qaba. Nageenya, tokkummaa fi jaalala waantoota booressan yaadaa fi gocha dabalatee irraa fagaachuu qaba. Yeroo hundaas waa\u2019ee nageenyaa, waa\u2019ee jaalalaa, waa\u2019ee tokkummaa kadhachuu qaba. Kanneen nageenya booressan irraa fagaachuun ala namoota gorsuu, barsiisuu fi itti dheekamuu qaba. Kiristaanummaan jireenya nageenyaa fi jaalalaati. Kana raawwachuudhaaf garuu fedhii dhuunfaa keenyaa dhiisuu qabna. Kitaabni kana yeroo ibsu Ibro. 12:14 irratti \u201cNamoota hundaa waliin nageenyan duukaa bu\u2019aa, akka Qulqullootaniifis barbaadaa; isa malee Gooftaa arguu kan danda\u2019u waan hin jirreef\u201d jechuun ibseera. Namni \u00a0waa\u2019ee jaalalaa, waa\u2019ee uummataa, waa\u2019ee biyya \u00a0isaa hawwu jecha isaatiin nageenya, laphee isaa fi raawii isaatiin wantoota faallaa ta\u2019anii argaman \u00a0hin raawwatu. Rakkoon namoota baay\u2019ee yeroo ammaa garuu kana dha. Jechaa fi afaaniin nageenya lallabu, raawwiin isaanii garuu baay\u2019ee kan nama gaddisiisuudha. Baay\u2019een isaanii kanneen nageenya boorressan keessa jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nageenyi ilma namaatiif bu\u2019uura jireenyaati. Nageenyi waan hundaaf bu\u2019uura dha. <strong><em>Nageenyaan ala misooma misoomsuun, barachuun, hojjetanii jijjiiramuun haa hafuutii ciisanii ka\u2019uun, bahanii galuun, hojjetanii jiraachuun hin danda\u2019amu.<\/em><\/strong> Uumaa Waaqessuuf, barachuuf, guddachuuf, jijjiramuuf, matii hundeeffachuudhaaf nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi jireenya dhuunfa fi maatii irraa kan eegalu bu\u2019uura jireenyaati. Umuriin namni biyya lafaa irratti jiraatu baay\u2019ee gabaabaa dha. Umurii jireenyaa gabaabaa kanatti jireenya tasgabbaa\u2019aa jiraachuun, hojii garii hojjetanii darbuun nurraa eegama. Kanaaf immoo nageenyi ni barbaachisa. Nageenyi yoo hin jiraanne gartuun uummataa hin miidhamne hin jiru. Waraanaa fi lola, jeequmsa irraa bu\u2019aan gariin argamu tokkoyyu hin jiru. Nageenya yeroo dhabdu jireenyi keenya ni bada. Tasgabbiin hin jiraatu. Wal amanuun ni bada. Gidduu keenyattiis wal shakkiin ni bal\u2019ata. Kana gidduutti waliin wal fixuun ni dhufa.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessaa Guuttataa \u201cIsin keessaa ogeessii fi hubataan eenyudha? Haala jireenyaa qajeelummaa isaatiin hojii isaa ogummaa garraamummaatiin haa argisiisu. Garuu inaaffaa hadhaa\u2019aa fi gartummaan laphee keessan keessa yoo jiraate itti hin amaniinaa, dhugaa irrattis hin sobiinaa. Ogummaan akkasii samiirraa kan bu\u2019u miti, garuu kan dacheeti, kan fooniti, kan seexanaatis, bakka inaaffaa fi gartummaan jirutti holollii fi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4019"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4019"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4019\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4020,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4019\/revisions\/4020"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4019"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4019"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4019"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}