{"id":4013,"date":"2019-04-19T12:00:46","date_gmt":"2019-04-19T12:00:46","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4013"},"modified":"2019-04-19T12:00:46","modified_gmt":"2019-04-19T12:00:46","slug":"gooftaan-keenya-iyyesuus-kiristoos-maaliif-soome","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/gooftaan-keenya-iyyesuus-kiristoos-maaliif-soome\/","title":{"rendered":"Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Soome?"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sababoota tsoomaa jedhamanii kan caqasaman keessaa fedhii foonii fedha lubbuuf bichisiisuu, humna afuurummaa gonfachuuf ta\u2019uun isaa beekamaa dha. Haa ta\u2019uutii, Gooftaan keenya kan tsoome akka namootaa sababa kanaaf (fedhii foonii lubbuuf bichisiisuuf) miti. Maaliif guyyaa afurtama fi halkan afurtama maalif tsoomeree?<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>1) Tsoomuu Isaatin tsooma keenya eebbisuuf<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Duursee qulqulloota abbootifii haadholiin tsoomni raawwatamaa kan ture boodarra Gooftaan fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos raawwachuun jabeessee jira. Gooftaan keenya kan tsoomef humna afuurummaa argachuuf yaadee yookiin kanfaltii hin kanfallee ofirraa qabaatee ofirraa haquuf osoo hin taane tsooma isaatin tsooma keenya eebbisuuf kabajee qulqulleessuf nuuf seera taasisee kennuuf jedheetudha. Galaana Yoordaanositti cuuphamee Cuuphaa keenya akkuma nuuf eebbise, gadaamiittis tsoomee tsoomii keenya nuuf eebbiseera. Seera kan nuuf hojjate jecha qofaan osoo hin taane gochaanis waan ta\u2019eef.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>2) Tsoomii fi kadhannaadhaan angafootni cubbuu sadan akka moo\u2019aman nu barsiisuf<\/strong><br \/>\nGooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaamaaf erga tsoomeen booda qorumsa diinni fidee dhufe hundaa injifatee jira. Diina keenya seexanas qaanessee deebiseera. Angafoonni cubbuuwwanii jireenya dhala namaa qoran sadan sassatuu (waakkatuu), of-tuulummaa fi jaalala qarshii\/horii fa\u2019a. Isa waakkannaadhaan dhufe obsaan, of-tuulummaan kan dhufe kasoominaan akkasumas jaalala qarshiin kan dhufe jibbiinsa qarshiin injifatee jira. Nuyis haaluma kanaan akka diinota keenya moo\u2019annu nu barsiisuuf tsoome.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>3) Fakkeenya nuuf ta\u2019uuf<\/strong><br \/>\nWangeela Qulqulluu keessatti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos \u201cFariisonnii fi barreessitoonni teessoo Musee irra ta\u2019aanii jiru. Kanaafuu waan ajajan hundayyuu raawwadhaa, eegaas; haa ta\u2019u malee osoo dubbatanii hin raawwatan waan ta\u2019eef akka hojii isaanii hin raawwatiinaa. Ba\u2019aa ulfaata fi dadhabsiisaa guuranii gateettii namaa irratti ni fe\u2019u. Ofii isaanii garuu quba isaaniin illee xuquu hin jaalatan\u201d jedheera. Maat 23:2-4.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Ajaja Gooftaa kana irraa yoo xiqqaate dhimmoota sadi hubachuu ni dandeenya:<br \/>\n(i) barreessitoonni fi fariisonni erga teessoo Musee irra ta\u2019anii waan nuun jedhan raawwachuu akka qabnu;<br \/>\n(ii) gochoonnii fariisotaa fi barreessitootaa jaalala Waaqayyoo irraan adda waan ta\u2019eef gochaan isaan fakkaachuu akka hin qabne; fi<br \/>\n(iii) amaloonni isaanii beekamuu isaati.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jecha Waaqayyoo dubbatamu keessaa tokkollee hin raawwatani waan ta\u2019eef fakkeenyummaa isaanii hordofuu akka hin qabne kan nu hubachiise Gooftaan \u201cIsin dadhabdoonni ba\u2019aan keessan kan isinitti ulfaate hunduu gara kootti koottaa; anis isinin boqachiisa. Ana irraas baradhaa; ani gad-of qabaadha. Laphee kootinis kasoomadha waanan ta\u2019eef\u201d jedheera. \/Mat. 11:28\/\u00a0Akka isaanii osoo hin taane kasoomina gonkaan gad of-qabee miila tajaajiltoota Isaa dhiqu dabalatee barumsa gochaan kan nu barsiise Gooftaan tsoomaa Isaatiinis akka Isa fakkaannu sirna tsoomaa gochaan nuuf hojjatee jira.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>4) Tsoomii jalqaba hojii keessanii taasisaa jedhee nu gorsuuf<\/strong><br \/>\nGooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos erga cuuphameen booda osoo hin oolin, osoo hin buliin gara gadaama \/kawaala Qorontoos seene. Kunis fakkeenyadha. Gooftaan keenya Cuuphaan booda kallattumaan gara Wangeela lallabuutti, raajii hojjechuutti hin seenne. Akkuma kana nutis gara hojii keenya hundaatti seenun dura tsoomu fi kadhachuu akka qabnu nu hubachiiseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Gudunfa:<\/strong><br \/>\nGooftaan keenya Waaqayyoo raajicha Eermiyaas irra bulee, \u201ckanan isiniif yaadu ani nan beeka; kunis xumuraa fi abdii akkan isiniif kennuuf yaada nagaati malee yaada hamaa miti\u201d jedhee jira. Eerm. 29:11. Bu\u2019uura kanaan abbootin duraanii (Addaamifi Hewaanin) eegalee kan nu fayyadu sirna tsoomii nuuf hundeessee jira. Kunis akka beekamuu Addaam fi Hewaan yeroo Gannata keessa jiraatan baala sana (\u12d5\u1340 \u1260\u1208\u1235) akka hin nyaanne ajajuun isaa sirna tsoomii hundeessuu Isaati ture.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Isaan boodas bara abbootii, bara raajotaa, bifa adda addaatin sirna tsoomii raawwachaa tureera. Hundaan ol bara araaraa (Kakuu Haaraa) ofii Isaatii Gooftaan keenya yeroo fooniin addunyaa kana irratti deddeebi\u2019aa turetti tsoomeera. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya jechaanis, gochaanis kan waa\u2019ee tsoomii nu barsiise kana fakkeenya taasifannee jaalala gonkaa fi tokkummaan tsoomuutu nu barbaachisa. Waa\u2019ee Isaa hundaaf arjummaan Waaqayyo jabaa, araarsummaan Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii, kadhannaan Qulqulloota hundaa nurraa adda hin ba\u2019iin. Ameen.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo Sababoota tsoomaa jedhamanii kan caqasaman keessaa fedhii foonii fedha lubbuuf bichisiisuu, humna afuurummaa gonfachuuf ta\u2019uun isaa beekamaa dha. Haa ta\u2019uutii, Gooftaan keenya kan tsoome akka namootaa sababa kanaaf (fedhii foonii lubbuuf bichisiisuuf) miti. Maaliif guyyaa afurtama fi halkan afurtama maalif tsoomeree? 1) Tsoomuu Isaatin tsooma keenya eebbisuuf Duursee qulqulloota abbootifii haadholiin tsoomni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4013"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4013"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4013\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4014,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4013\/revisions\/4014"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4013"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4013"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4013"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}