{"id":4011,"date":"2019-04-18T14:14:05","date_gmt":"2019-04-18T14:14:05","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4011"},"modified":"2019-04-18T14:14:05","modified_gmt":"2019-04-18T14:14:05","slug":"sooma-maalummaa-faayidaa-fi-kaayyoo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/sooma-maalummaa-faayidaa-fi-kaayyoo\/","title":{"rendered":"Sooma: maalummaa, faayidaa fi kaayyoo"},"content":{"rendered":"<p><em>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: right\"><em>Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Arjummaan Isaa daangaa kan hin qabne, humna gargaarummaa Isaatiin kan nurraa adda hin baane, galateeffamaa fi kabajamaa kan ta\u2019e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos arjaa Abbaa Isaa Waaqayyo Abbaa waliin, jireenya amalummaa Isaa Afuura Qulqulluu wajjiin galanni yaa ta\u2019uuf ameen. \u00a0Oolmaa tsooma keenyaas eebbisee qulqulleessee nagaan akka nu xumursiisu, tsoomichas kan ittiin cubbuu keenya nurraa haqu, Mootummaa Isaa akka ittiin dhaallu taasisee arjummaa Isaatin nuuf yaa simatu. Biyya keenyaaf nagaa, uummata isheef jaalala, tokkummaa nuuf haa kennu. Ameen.<\/p>\n<p><strong>Maalummaa Soomaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sooma jechuun lagachuu, of dhorkuu jechuu dha. Seeraa fi dambii ittiin bulmaata Mana Kiristaanaa keenyaa kan ta\u2019e \u201cFithaa Negesti\u201d tsooma yeroo ibsu: \u201cTsoomni haadha kadhannaa, obboleettii callisaa (armimoo) bu\u2019uura imimmaaniti\u201d. Dabalataanis jalqabbiin qabsuura gaarii hundaa ta\u2019uu isaa Kitaabilee Qulqulluun kan hubatame, dhimma beekamedha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Karaa biraatiin tsoomni karaa afuuraa gara Waaqayyootti ittiin deebinu\/dhi\u2019aannu\/ ta\u2019uu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. Kun akka beekamuuf Waaqayyo jabaan raajaa Isaa irra bulee \u201cLaphee keessan guutudhaan, tsoomafii boo\u2019ichaan gara kootti deebi\u2019aa\u201d jedheera. Iyyu 2:12 \u201cGara kootti deebi\u2019aa\u201d jecha jedhu keessatti karaawwan gara booyichaan ittiin deebinu keessa tsooma fi gaabbii ta\u2019uun isaa beekamee jira. Jireenyi afuurummaa tsooma, kadhannaa fi gaabbii malees hin raawwatamu.<\/p>\n<p><strong>Barbaachisummaa Tsoomaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qabeenya keenya afuurummaa keessaa tsoomni lubbuu keenyaaf qofa osoo hin taane foon keenyaaf illee bu\u2019aa ni buusa. Tsoomni gara Waaqayyootti kan ittiin deebinu karaa afuurati. Akkana erga ta\u2019ee yakkaan, cubbuu fi balleessaa keenyaan Waaqayyoo irraa kan fagaate dhalli namaa tsoomii, kadhannaa fi gaabbiidhan immoo gara Waaqayyootti ittiin ni deebi\u2019a. Tsoomni kara afuuraa fedhii fi yaada Waaqayyootti ittiin deebinu ta\u2019uu armaan olitti agarree jirra. Karaa kanaan arjaa fi fayyisaa kan ta\u2019e gara Waaqa keenyaatti \u00a0akka deebinu kan nu taasistu waan taateef tsoomni ilmi namaa gara Waaqayyootti kan ittiin deebi\u2019u fi itti dhi\u2019aatu karaa gaarii taatee ni tajaajilti.<\/p>\n<p><strong>Tsoomni Humna Afuurummaa Gonfachiisti<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Tsoomni fedhii foonii lubbuuf bichisiistee cubbuu irratti aangoo akka argannu kan taasiftudha. Qulqulluun Phaawuloos \u201cKan birootiif egan lallabee booda ofii ammoo akkan hin gatamneef foonkoo adabeetan bichisiisa\u201d akkuma jedhe fedhii foonii keenya fedhii lubbuuf bichisiisuf ga\u2019een tsoomii olaanaa dha. Fedhiin foonii tsoomii, kadhannaafi sagadaa akkasumaas gochoota afuuraa kan birootin yoo bitamuu hin dandeenye akkamitti gonfoo afuurummaa gonfachuu danda\u2019a? \u00a0\u00a01Qor. 9:27. \u00a0Nama biraaf mitii ofiifiyyuu ta\u2019uu hin danda\u2019u. Kitaabni \u201cFith Manfasawi\u201d (Haqa Afuurawaa) bu\u2019aa tsoomin argamu keessaa inni tokko Ergamoota afuurawoo fakkaachuuf jedhee nuuf ibsa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Abbootii qulqulloota keessaa tokko Qulqulluun Phaawuloos Kiristaanota Qorontoos dhimmoota ittiin akeekachiise keessaa tokko akka Isa fakkaatan gorsuu dha. \u201cAkkan ani Kiristoos fakkaadhe isin immoo anaan fakkaadha\u201d jedheera. 1Qor. 11:1. Egaa kan ittiin qulqulloota fakkaannuun keessaa inni tokko tsooman ta\u2019uu <strong>kitaabilee<\/strong> Qulqullaa\u2019oon ni ragga\u2019u.<\/p>\n<p><strong>Kaayyoo Soomaa: yaada xumuraa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kaayyoon Soomii inni bu\u2019uurri gosoota nyaataa irraa of qusachuu, nyaachuu fi nyaachuu dhiisuu qofaa osoo hin taane nyaata irraa fagaachuun bu\u2019aa irraa argamu irrati xiyyeeffachuudha. Bu\u2019aan isaas fedhii foonii mo\u2019achuudhaan Ergamaa afuuraa fakkaatanii jiraachuu ykn ta\u2019uu dha. Akkasumas mataa ofii, Yaada hamaa, raawwii hamaa fi hawwii hamaa mo\u2019achuudhaan nama afuuraa ta\u2019uun Waaqayyoof \u00a0of-bichisiisuudha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sooma irraa bu\u2019aa argachuudhaaf amantaa qabachuu qabna. Sooma keenyas jaalalaan, raawwii amantaa amantaadhaan raawwachuun nurraa eegama. Warra beela\u2019aniif yaaduun, warra dhiphataniif birmachuun, namoota abdii kutaniif abdii ta\u2019uun nu barbaachisa. Sooma keenyas jireenya gaabbiidhaan, kadhannaadhaan raawwachuu qabna. Dabalataanis fedhii foonii mo\u2019achuudhaan fi fedhii lubbuu raawwachuudhaan ta\u2019uu qaba. Of-tuulummaa irraa fagaachuun gad of qabuummaan raawwachuutu nurraa eegama. Soomicha Soomnee mootummaa Isaaf akka nu geessisu eeyyama Waaqa keenyaa nuuf haa ta\u2019u Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo Arjummaan Isaa daangaa kan hin qabne, humna gargaarummaa Isaatiin kan nurraa adda hin baane, galateeffamaa fi kabajamaa kan ta\u2019e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos arjaa Abbaa Isaa Waaqayyo Abbaa waliin, jireenya amalummaa Isaa Afuura Qulqulluu wajjiin galanni yaa ta\u2019uuf ameen. \u00a0Oolmaa tsooma keenyaas [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4011"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4011"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4011\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4012,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4011\/revisions\/4012"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4011"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4011"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4011"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}