{"id":4009,"date":"2019-04-16T07:17:39","date_gmt":"2019-04-16T07:17:39","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4009"},"modified":"2019-04-16T07:17:39","modified_gmt":"2019-04-16T07:17:39","slug":"moggaasa-torbeewwan-sooma-guddaa-keessatti-argaman-fi-hiila-isaanii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/moggaasa-torbeewwan-sooma-guddaa-keessatti-argaman-fi-hiila-isaanii\/","title":{"rendered":"Moggaasa  Torbeewwan Sooma Guddaa Keessatti Argaman fi Hiila Isaanii"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Yaared maqaaan isaa bal\u2019inaan kan inni ittiin beekamu ykn ka\u2019u keessaa inni guddaan \u00a0torbeewwan ji\u2019oota sooma guddaa keessa jiraaniif\u00a0 moggaasa maqaa isaaniif kenuunidha. Qulqulluun Yaareed moggaasa maqaa kan inni isaaniif kenne hojiiwwan dhiifama fi jaalala, raajiiwwan, hojii dhiifamaa, fayyinaa fi jaalalaa Gooftaan keenya raawwate, barumsa Inni barsiise itti fayyadamuunidha. Waluumaagalatti sooma guddaa keessa torbeewwan sagal kan jiran yoo ta\u2019an moggaasa fi hiikkoo isaanii akkaata armaan gaddiiti ilaaluf yaalla.<\/p>\n<ol>\n<li><strong>\u12d8\u12c8\u1228\u12f0-<\/strong><strong>Zewerede<\/strong><strong>:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cZewerede\u201d jechuun bu\u2019uu jechuudha. Samii irraa bu\u2019uu Gooftaa waan dubbatuuf mooggaasa kana argateera. Torbeen kun guyyoota Gooftaan keenya samii irraa bu\u2019uun nama ta\u2019uu Isaa, foon dhala namaas uffaachuu Isaa itti himamudha. Torbeewwan kanneen keessatti barnoonni kennaman, kitaaboleen dubbifaman, faarsaawwan faarfataman, wangeelli hiikaman hundi waa\u2019ee dhima kanaa irraatti kan xiyyeeffatanidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Wangeela torbee kana keessatti dubbifaman yeroo ilaallu irra jireessaan wangeelli Yohaanis ni caqafama. Fakkeenyaaf: \u201cYoon waa\u2019ee addunyaa isinitti himu yoo hin amanne yoon waa\u2019ee samii isinitti himu akkamiin amantu? Samii irraan kan bu\u2019een alatti gara samiitti ol kan bahe tokko illee hin jiru; Innis samii irra kan jiraatu dhala namaatti\u201d jedhameera (Yoh.3:12-13). \u00a0Dhala namaa jechuun kan waamame qaama addaan nama ta\u2019uun kan ibsame Gooftaa keenya Iyesuus Kiristoosidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gidiraa foonii fi lubbuu Addaam fi dhala namaa hundaa qaqqabe\u00a0 irraa bilisa isa gochuuf, isa fayyisuuf \u00a0gara addunyaa kan dhufe\u00a0 kan yaade hundaas raawwachuun gara Abbaa Isaatti \u00a0kan deebi\u2019edha. Walumaagalatti torbeen \u201c\u12d8\u12c8\u1228\u12f0-zeweredee\u201d samii irraa bu\u2019uu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan itti himamu, kan itti yaadatamudha. Gooftaan keenya jaalalaa fi kasoomina (gad of-qabuu) dhugaan gara addunyaa kanaatti bu\u2019uu Isaa qormaata fannoo Isarra gahe yaadachaa nutis kanneen badii keessatti argaman tuffachaa fi ceepha\u2019aa otoo hin ta\u2019iin jaalalaan itti dhiyaachaa fi isaan tajaajilaa itti dhiyaachuu akka qabnu hubachuu qabna.<\/p>\n<ol start=\"2\">\n<li><strong>\u1245\u12f5\u1235\u1275-Qiddisti (Qulqulleettii):<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Yaared torbee lammaffaa sooma guddaaf moggaasa inni kenne \u201cQidisti\u201d kan jedhudha. Jechi \u201cQidisti\u201d kun isa Gi\u2019iiziin \u201c\u1240\u12f0\u1230\u201d jedhu irraa kan dhufe yoo ta\u2019u hiikni isaas adda baase, foo\u2019e, calale, filate, kabaje jechuudha. Kana irraas \u201cQidisti\u201d jechuun eebifamtuu, kabajmtuu hiika jedhu arganna. Jechi qulqulluu jedhu Qulqulummaa amalaa Waaqa irraa argamuun Qulqulloota Waaqni isaan filate fi kennaan qulqullummaas isaaniif kennameef kan tajaajiludha. Fakkeenyaf qulqulloota namoota, qulqulloota ergamoota, bakkeewwan qulqullaa\u2019oo, kitaabolee qulqullaa\u2019oo kaasuu ni dandeenya. Haaluma kanaan qulqullummaa guyyaa Sanbataa ilaalchisee barnoota Gooftaan keenya barsiise weedduu fi dubbisan kaasuun kanas sababa godhachuun torbee sooma guddaa lammaaffaa maqaa kanaan moggaaseera.. Kanas \u201c\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1230 \u1230\u121b\u12eb\u1270 \u1308\u1265\u1228\u1364 \u12a0\u121a\u1295 \u1218\u1220\u1293\u12ed\u1275 \u1245\u12f5\u121c\u1201\u1364 \u1245\u12f5\u1233\u1275 \u12c8\u12d5\u1260\u12e8 \u1235\u1265\u1210\u1275 \u12cd\u1235\u1270 \u1218\u1245\u12f0\u1231\u201d Waaqayyoo garuu samiiwwan hojjete; galanni fi miidhaginni fuuldura Isaati; Qulqullummaan Isaa fi kabajni Isaas mana Qulqullummaa Isaa keessatidha\u201d isa jedhu irraa ka\u2019uun kan faarfatamutu ni lallabama. (Farsa Dawit 95\u13655-6)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Torbee sooma guddaa lammaffaa \u201cQidisti\u201d jedhamtu kanatti barnoonni Gooftaa wangeela Mat.6:16-25 \u00a0irratti argamutu ni barsiifama, ni lallabama, ni hiikamas.<\/p>\n<ol start=\"3\">\n<li><strong>\u121d\u12a9\u122b\u1265-Mikuraab:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Bakka sirni waaqeffannaan Waaqayyoo itti raawatamu fi sabni Israa\u2019eel walitti qabaman keessaa inni tokko \u201cMikuraab\u201d ture. Qulqulluun Yaareed torbee sooma guddaa sadaffaa kan inni \u201cMikuraab\u201d jechuun moggaasse Gooftaan keenya Mikuraab keessatti argamuun kabaja Mana Kiristaanaa eegsisuu isaanidha. Torbee kana keessatti sagaleen Waaqayyoo dubbifamu jecha faarsaa Daawit 68:9-10 irra jiru \u201c\u12a5\u1235\u1218 \u1245\u1295\u12d0\u1270 \u1264\u1275\u12a8 \u1260\u120d\u12d0\u1292\u1364 \u1275\u12d5\u12ed\u122d\u1276\u1219 \u1208\u12a5\u1208 \u12ed\u1275\u12d4\u12e8\u1229\u12a8 \u12c8\u12f5\u1240 \u120b\u12d5\u120c\u12e8\u1364 \u12c8\u1240\u133b\u12a5\u12ad\u12cb \u1260\u133e\u121d \u1208\u1290\u134d\u1235\u12e8\u201d (\u201chinaaffaan mana kee na nyaateera; namoonni na arabsanis arabsoon isaanii naratti kufeera; lubbuukoos sooman nan adabe\u201d jechuudha).<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Mana kadhannaa kan taate Mana Kiristaanaa keessatti namoonni hojii foonii, daldaalaas keessati raawwachaa waan turaniif namoota keessatti kana raawwachaa turan hunda qacceen isaan garafee erga isaan arii\u2019een booda bineeldota sanas baaseera (Yoh.2:12). Fakkeenyuma kanaan qaama dhala namaa isa Mana Qulqullummaa Waaqayyoo jedhame kan xurreessu Waaqni akka isa adabu torbeetti baranudha (1Qor.6:16-17)<\/p>\n<ol start=\"4\">\n<li><strong>\u1218\u133b\u1309-Matsaagu:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Torbeen kun Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hojiiwwan fayyinaa dhibamtoota foonii raajiin, kanneen lubbuu immoo barnootaan fayyinaa Inni raawwate bal\u2019inaan kan itti himamu dha. \u201cMatsaaguu\u201d jechuun dhibamaa, dhukkubsataa jechuu dha. Gooftaan keenya nama ta\u2019uun, foon dhala namaas uffachuun gara addunyaatti dhufee dhibamtoota fayyisuu Isaa kana qulqullichi Yaared \u201cMatsaguu\u201d jechuun moggaasa isaaf kenneera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Torbee Matsaaguutti kutaalee kitaabotaa dubbifaman keessaa inni guddaan diyaaqoniin sagalee isaa ol kaasun \u201c\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12ed\u1228\u12f5\u12a6 \u12cd\u1235\u1270 \u12d0\u122b\u1270 \u1215\u121b\u1219\u1364 \u12c8\u12ed\u1218\u12ed\u1325 \u120e\u1271 \u12b5\u120e \u121d\u1235\u12ab\u1264\u1201 \u12a5\u121d \u12f0\u12cc\u1201\u1364 \u12a0\u1295\u1230 \u12a5\u1264 \u12a5\u130d\u12da\u12a6 \u1270\u1223\u1203\u1208\u1292\u201d jechuun erga faarseen booda wangeelli Qulqulluu Yohaanis booqonnaa 5 irra jiru ni dubbifama. Namoonni dhibee fooniinis ta\u2019e dhibee lubbuun qabamuun rakkatan hundi dhiifama Waaqa isaanii akkka argatan abdii kan itti argatanidha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Walumaagalatti nuti seenaa kana irraa waantota baay\u2019ee ni baranna. Inni jalqabaa nama jaalachuu fi kabajuu dha. Fayyina namaaf jecha gad-of qabuus ni baranna. Jireenyi Kiristaanummaa jireenya jaalalaa, jireenya tokkummaa fi jireenya nageenyaati. Jireenya ofiif qofa jiraatan otoo hin ta\u2019iin fayyina namoota biraafis gad jedhan waan ta\u2019eef nutis ayyaana kana yeroo kabajnu soomas yeroo soomnu kana ilaalcha keesa galchuun ta\u2019uu qaba.<\/p>\n<ol start=\"5\">\n<li><strong>\u12f0\u1265\u1228 \u12d8\u12ed\u1275-Debire Zeyit:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cDebire Zeyiti\u201d kan jedhu jecha Gi\u2019iizii yommuu ta\u2019u hiikkaan isaa Tulluu (Gaara) Zayitaa jechuu dha. Tulluu sana irrattis Ejersi baay\u2019inaan waan argamuuf moggaasa isaas gamuma kanaan argateera. Tulluu Debire Zeyit irratti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos xumurri addunyaa kanaa maal akka fakkaatu barsiiseera. \u201cInnis Debire Zeyit irra taa\u2019aa osoo jiruu Duukaa buutonni Isaa qofaa Isaatti itti dhiyaatanii: nutti himi kun yoom raawwataa? Mallattoon dhufaatiikee fi kan xumura addunyaa kanaa maalii? jedhani\u201d (Mat 24:3). Xumurri addunyaa kanaa yoom akka ta\u2019ee fi mallattoon isaas maal akka ta\u2019e gaaffii gaafatameef Gooftaan keenya deebii kenneera. Xumurri addunyaa kanaa Waaqayyo qofaa biratti kan beekamtu malee ilma namaaf ammatti akka hinbeekamne hubachiiseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Addunyaan Kun Kan Darbitu Yoomii?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenyaa fi Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa fi sa\u2019aatii dhufaatii Isaa ibsuu caalaa \u201cKana beekaa; Abbaan manaa yeroo hattuun itti dhuftu osoo beekee\u00a0 dammaqee yeroo manni isaa qofforamu hin dhiisu ture. Kanaafuu isin immoo qophaa\u2019aa jiraadhaa; ilmi namaa yeroo isin hin beeknetti dhufaati\u201d jechuun hubachiiseera (Maat 24:43-44). Qabeenyaa fi meeshaa mana isaa keessa jiru akka jalaa hin fudhanneef abbaan isaa dammaqinaan akkuma eeggatu, hattuutti kan fakkeeffamu ergamaan du\u2019aa jireenyi amantootaa gaabbiidhaan osoo hin qophaa\u2019iin akka hin fudhatamneef gaabbii fi soomaan, kadhannaa fi sagadaan akkasumas Fooni fi Dhiiga Isaatiin murtaa\u2019anii akka jiraataniif dubbateera. Namoonni bara Nooh turan Waaqayyo yeroo gaabbiidhaaf isaaniif kenne (bara dhibba tokkoof digdama) itti fayyadamuu hinfeene. Inumaayyuu cubbuu kan biraa raawwachuudhaaf yerittii sana qoddachaa turan: waggaa dhibba tokkoof fedhii foonii raawwatanii waggaa digdama haftutti qalbii jijjiirrachuudhaaf osoo karoorfataniis mul\u2019ataniiru. Sababa kanaanis bishaan badisaa akka tasaa samii irraa roobee isaan balleesse. Dheekkamsichi namoota bara Nooh akkuma tasaa isaan argate Ergamaan du\u2019aa akka tasaa akka isin bira akka hin geenye qophaa\u2019aa jiraadhaa jedheera. Maat 24:44<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Mallattoon Darbuu Addunyaa Kanaa Maalii?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenyaa darbuu addunyaa kanaa ilaalchisee gaaffiiwwan Isaaf dhiyaatan keessaa tokko mallattoo dhufaatii Isaati. Gooftaan keenyas dhufaatii Isaa isa lammaffaan dura dhimmoota toorbaa ol kan ta\u2019an mallattoodhaan kan mul\u2019atan ta\u2019uu isaanii ibseera. Isaan keessaas:- ka\u2019uu raajota sobduu, badisaa bakka qulqullaa\u2019aatti mul\u2019achuu, qabbanaa\u2019uu jaalalaa akkasumas waraanaa fi dhagahamuun oduu waraanaa kanneen mallattoodhaaf dhiyaatan keessaa kanneen gurguddoodha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Lallabaa (Misbaakii) fi Wangeela<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gaafa Debire Zeyitii lallabni lallabamu \u2039\u2039\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1230 \u1308\u1203\u12f0 \u12ed\u1218\u133d\u12a5\u1364 \u12c8\u12a0\u121d\u120b\u12a8\u1290\u1202 \u12a2\u12eb\u1228\u121d\u121d\u1364 \u12a5\u1233\u1275 \u12ed\u1290\u12f5\u12f5 \u1245\u12f5\u121c\u1201\u203a\u203a (\u201cWaaqayyo Ifa ta\u2019ee ni dhufa; Waaqni keenya ni dhufa, hin callisus; fuula Isaa duraa abiddi ni boba\u2019a\u201d) Far 49:3 isa jedhudha. Barreeffamni Wangeela Maatiyoos 24 irratti barreeffamee jiru hiikamee barumsi bal\u2019inaan ni kennama.<\/p>\n<ol start=\"6\">\n<li><strong>\u1308\u1265\u122d\u1284\u122d-Gebire Heer:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Toorbeen Sooma Guddaa inni jahaffaan \u201cGebire Heer\u201d kan jedhamudha. Tajaajilaa gaarii ta\u2019e raawwatee Waaqayyo irraa ragaa kan argate hunduu maqaa kanaan waamama. Gooftaan keenyaa fi fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa murtii \u201cKoottaa isin eebbifamtoonni Abbaako: yeroo addunyaan uumamte irraa eegalee Mootummaan isiniif qopheesse dhaalaa\u201d jedhee gara mootummaa Isaatti kan isaan galchu tajaajiltoota amanamoo ta\u2019uu beeksiseera (Mat 25:34). Tajaajiltoota gaarii kanneen jedhaman hojii qajeelummaa amantaadhaan raawwataniini dha. Kana jechuunis \u201cUumaan keenya akka raawwannuuf kan nu ajaje dalaga qulqullaa\u2019aa dha. Gargaarsaa fi gaarummaa isaatiin hojii kana hojjennee bu\u2019aa irraa arganna, ittis fayyadamna\u201d amantaa jedhuun hojii gaarii hojjetanii kan dhaalanidha. \u201cTajaajilaa gaarii\u201d jedhamanii Waaqa biratti galateeffamuus ta\u2019e Mootummaa Waaqayyoo dhaaluun gaarummaa Waaqayyootiin qofaa osoo hin ta\u2019iin hojii qajeelaa Kiristaanummaa raawataniini dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Raawwii Kiristaanummaa nama Galateeffachiisu<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kiristaanummaan kamiyyu ykn amantaan Kiristaanaa kan ibsamu amanuudhaan qofaa osoo hin taane amanamuudhaan kan ibsamu hojii qajeelummaadhaan ykn ittiin jiraachuu dabalateeti. Amanuun qofaa isaatti nama hin galateeffachiisu. Isumayyuu hojii gaarummaa irraa kan hafe amantaa qofaa qabaachuun homa tokkollee akka hin fayyadne Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Amantaan Kiristaanummaa immoo hojii gaarummaa dabalataan gaafata; amantaan qofti, hojii irraa kan adda ta\u2019e nama kamiinuu Kiristaana hin taasisu. Ajaja fi seera Isaa hunda raawwachuun akka barbaachisu Duukaa bu\u2019ichi \u201cAbboommii Isaa kan raawwattan ta\u2019aa malee ofii of argisiiftanii kan jiraattan qofaa hin ta\u2019iinaa\u201d jechuudhaan yaadachiiseera (Ya\u2019i 1:22). Kana waan ta\u2019eef Mootummaa Waaqayyoo dhaaluudhaaf kan nama geessisuu fi amantaadhaan raawwachuu kan qabu hojii gaarii hojjechuutu barbaachisa. Kanaafidha \u201cEeyyama Abbaakoo kan raawwatu malee Gooftaakoo Gooftaakoo kan naan jedhu hunduu Mootummaa Waaqayyoo kan dhaalan miti&#8221; Mat.7:21 jechuudhaan Gooftaan keenya kan barsiise.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Mootummaa Waaqayyoo Dhaaluu<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kiristaanonni hunduu bu\u2019aa ajjeefamuu isaaniifii kaayyoo uumamuu isaanii kan milkeessan Mootummaa Waaqayyoo dhaalunidha. \u201cWareegamtoonni mi\u2019aa biyya lafaa dhugumaan tuffatani; dhiiga isaaniis waa\u2019ee Waaqayyoof dhangalaasani, waa\u2019ee Mootummaa Waaqayyoofis du\u2019a hadhaa\u2019aa obsani\u201d jedhamee isaaniif dubbatameera (Galata Maariyaamii guyyaa Kamisaa). Egaan itti seenanii jennaan kan keessaa hin baane, yoo argatan kan hin dhabne gaddi, rakkoo fi duutii fi rakkooleen kana kana fakkaatan kan itti hin beekamne Mootummaan Waaqayyoo kan ati dhaaltu hojii gaarii fi dadhabbiidhaan qofaadha. \u201cGara Mootummaa Waaqayyoo gidiraa baay\u2019eedhaan galuutu nurraa eegama\u201d kan jedhu jechi Duukaa bu\u2019aa kan nu hubachiisu Mootummaa Waaqayyo\u00ado dhaaluudhaaf raawwii nurraa barbaadamudha. Hoj. 14:21<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Lallaba (Misbaakii) fi Wangeela<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Guyyaa \u201cGebire-heer\u201d irratti lallabni lallabamu Faarsaa 39 :8-9 irra kan jirudha. Kunis \u201c\u12a8\u1218 \u12a5\u1295\u130d\u122d \u1348\u1243\u12f5\u12a8 \u1218\u12a8\u122d\u12a9 \u12a0\u121d\u120b\u12aa\u12e8\u1364 \u12c8\u1215\u130d\u12a8\u1292 \u1260\u121b\u12d5\u12a8\u1208 \u12a8\u122d\u1225\u12e8\u1364 \u12dc\u1296\u12a9 \u133d\u12f5\u1240\u12a8 \u1260\u121b\u1285\u1260\u122d \u12d0\u1262\u12ed\u1364 Yaa Waaqakoo eeyyamakee raawwachuun jaalladhe; Seerrikees lapheekoo keessadha; Yaa\u2019ii guddaa irrattis gaarummaakeen odeesse\u201d kan jedhu. Yeroo kanatti wangeelli dubbifamu Duukaa bu\u2019ichii fi Wangeellaawwicha qulqulluun Maatiyoos kan barreess Mat 25:14-31 irra kan jirudha.<\/p>\n<ol start=\"7\">\n<li><strong>\u1292\u1246\u12f2\u121e\u1235- Niqoodimoos: <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Yaareed guyyoota Soomaa yeroo moggaasu waantota inni ka\u2019umsa taasifate barumsaa fi raajii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kanneen hordofaniin ta\u2019uun isaa ifa dha. Fakkeenyaaf <em>Matsaaguu<\/em> fi <em>Niqoodimoos<\/em> moggaasonni jedhaman ni eeramu. Matsaaguunis dhukkubsataa jechuu akka ta\u2019e moggaasa torbee afuraffaa ka\u2019umsa taasifannee ilaalleera. Torbeen inni toorbaffaan immoo barsiisaa Ayihuud yommuu ta\u2019u halkan halkan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos bira dhufuun barachaa kan ture moggaasa <em>Niqoodimoos<\/em> jedhamuun moggaafameera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Niqoodimoos qomoo warreen Fariisotaa keessaa yommuu ta\u2019u nama hogganaa Yihuudotaa turedha. Hoogganummaan isaas Barnootaan, Muudamaan fi Abbaa qabeenyummaatiin yommuu ta\u2019u Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti nama dhiyaatee baratu ture. Jireenya Niqoodimoos keessatti jabinnii fi amantaan ifa bahanii mul\u2019atan qabeenyota amantaatiini dha. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa ijoollonni ishee hundi jabina isaanii jireenya isaanii hundaan akka mul\u2019ataniif ni barsiifti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><em>Niqoodimoos<\/em> barnoota barateen, qabeenyaa walitti-qabatee fi Aangoo qabuun hoogganaa Yihuudotaa yoo ta\u2019eyyuu waan hundumaatiin olitti waan isa barbaachisu argachuudhaaf gara Gooftaa keenya Iyyeesuus Kiristoositti yeroo hunda nama deddeebi\u2019u ture. <em>Niqoodimoos nama waan hunda qabu fakkaatus qabeenyaa ishee guddoo garuu hin qabu ture. Qabeenyittiin kunis kennaa mucummaa kan kennisiiftu Cuuphaadha. <\/em>\u00a0Gooftaan keenyaa fi qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos \u201cNamni biyya lafaa kana hundaa osoo buufatee lubbuu isaas osoo hir\u2019isee maal isa fayyadaa?\u201d (Maat. 16:26) jechuudhaan akkuma barsiise lubbuu isaatiin akka hin miidhamne jireenya baraa baraa kan kennisiiftu cuuphaa Kiristaanummaa nama hawwudha. Qabeenya horateen, aangoo qabateen, barnoota barateen qofaa irratti hundaa\u2019uun gammachuu itti dhagahamee kan jiraatu akka hin taane nama qabatamaadhaan argisiisedha. Keessumaayyuu qabeenyaan gara Mootummaa Waaqayyootti kan nama galchitu mucummaa fi maqaa Kiristaanummaa kan namaaf kennisiiftu Cuuphaa baay\u2019isee kan barbaadu ta\u2019eera. Kanas ifatti addunyaa Qulqulluun Phaawuloos \u201cYaa obboloottan koo ani ammayyu akkan hin qabaanneetti lakkaa\u2019a; garuu waan tokko nan raawwadha: isa booddeekoo jiru hirraanfachaa isa fuuldurako jiru qabachuudhaaf nan diriirsa\u201d Filp 3:13 jechuudhaan kan dubbate fi nama kam irraayyuu kam eegamu barbaacha dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Jabina Jireenya Niqoodimoos<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nuffii fi dadhabbii tokko malee halkan halkan Gooftaa keenya bira deemuudhaan barnoota wangeelaa kan baratu Niqoodimoos guyyaa guyyaa ummata Isiraa\u2019eliin walitti qabee kan barsiisuu qabeenyaa isaas kan bulchudha. Inumaayyuu kanneen biro barsiisuudhaan qabeenyaa fi maatii isaa bulchuu guyyoota yoo dabarseyyuu dadhabbii isaa obsee firii jireenya isaa gara taateetti gara Gooftaa keenyaatti adeemuu akka addaan hin kunne hubanna. Niqoodimoos gara Gooftaa keenyaatti osoo addaan hin kutiin deddeebi\u2019uu isaatiin qofa kan ibsamu miti: kanaan olitti waanta dhokataa (fagoo) ta\u2019e Cuuphaa fi qabeenyaa Cuuphaatiin argamu ifa isaaf ta\u2019ee hanga hubatutti jabatee barachuu isaatiin malee. Jabina isaa kanaanis miseensa Mana Kiristaanaa, qaama Kiristoos ta\u2019uudhaan jireenya baraa baraa argachuu irra gaheera. Gooftaan keenya qulqulluu Wangeelaa irratti waa\u2019ee barbaachisummaa jabaachuu deddeebisee barsiiseera. Luq 18:1, Mat 26:38, Mar 13:33. Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa jecha Gooftaa keenyaa qabattee ijoolleen ishee hojii gaariidhaan jabaatanii akka jiraataniif ni gorsiti. Hoj. 20:3, Room 12:3.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Amantaa Jireenya Niqoodimoos <\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Amala Waaqummaa Kiristoositti amanuu isaa ilaalchisee Niqoodimoos dhugaa bahumsa isaa kenneera. Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos biratti dhiyaatee \u201cYaa barsiisaa barsiisuudhaaf\u00a0 Waaqayyo biraa akka dhufte ni beekna\u201d Yoh 3:2 jechuun ibseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Wangeelaa fi Lallaba<\/u><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sanabata Gaafa Niqoodimoos lallabni lallabamu \u201c\u1210\u12c8\u133d\u12a8\u1292 \u120c\u120a\u1270 \u12c8\u1348\u1270\u1295\u12ae \u1208\u120d\u1265\u12e8\u1364 \u12a0\u1218\u12a8\u122d\u12a8\u1292 \u12c8\u12a2\u1270\u1228\u12ad\u1260 \u12d3\u1218\u1343 \u1260\u120b\u12d5\u120c\u12e8\u1364 \u12a8\u1218 \u12a2\u12ed\u1295\u1265\u1265 \u12a0\u1349\u12e8 \u130d\u1265\u1228 \u12d5\u1313\u1208 \u12a5\u1218 \u1215\u12eb\u12cd\u1364 Halkaniinis na daawwatte, lapheekos na qorte; hammeenyis narratti hin argamne; hojii namaas afaanko akka hin dubbanne\u201d Far 16:3-4 kan jedhudha. Wangeelli dubbifamus Yoh. 3:1-12 dha.<\/p>\n<ol start=\"8\">\n<li><strong>\u1206\u1233\u12d5\u1293-Hosaa\u2019inaa:<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cAti yaa mucaa Tsiyoon gammadi, Ati Yaa mucaa Iyyerusaalem Ilil jedhi, Kunoo mootiinkee fayyisaadha. Gad of-qabaas ta\u2019ee harredhaan, ilmoo harrittiidhaanis bukurittii irra taa\u2019ee gara keetti ni dhufa\u2026\u201d jedhamee raajiin dubbatame mootiin raajotaa Iyyessuus Kiristoos Beete Faageetii Gara Iyyeruusaalemitti guyyaa itti deemetti (Bitootessa gaafa guyyaa 22 bara 33) xumura isaa argateera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Hosaa\u2019inaa jechuun \u201camma fayyisi\u201d jechuudha. Fayyisuun amalakee kan ta\u2019e Qorichi Iyyesuus Kiristoos koottuuti nu fayyisi jedhanii ijoolleen Addaam hunduu kadhannaa isaan kadhatan agarsiisa. Bara durii sana fardeewwaan irra kan taa\u2019uu suksukee kan deemuu waraanaa dha; harree irraa ta\u2019ee deemuu isaatiin Waaqni keenya Waaqa nageenyaa addunyaa fi Addaamiin fayyisuuf mul\u2019ate ta\u2019uu Isaa misiraachoo himeera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gaafa guyyaa Hosaa\u2019inaa daa\u2019immaan harma haadha isaanii hodhan osoo hin hafiin gad jedhanii dugda Harree irra ta\u2019ee gara Iyyerusaalem Isa seena ture sana Gooftaa galateeffataniiru. Kanas waggaa kuma tokkoon dura qulqulluun Daawit \u201cAfaan Daa\u2019imman fi ijoollota harma hodhan irraa galata ofii \u00a0qopheessite\u201d jechuudhaan bu\u2019uruma raajii dubbateen kan raawatedha. Daa\u2019imman haa turuutii afaan kanneen hin qabne dhagaawwan Bitaaniyaas \u201cmaqaa Waaqayyootiin kan dhufu Ilma Daawit Iyyesuus Kiristoos Waaqa eebbifamaa dha\u201d jechaa galateefataniiru. Far. 8:2-3<\/p>\n<p><strong>Misbaakii fi Wangeela Hosaa\u2019inaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Misbaakiin guyyaa kanaa isa Faar. 146: 12-13 irra jiru dha: \u201c\u1275\u1234\u1265\u1216 \u12a2\u12e8\u1229\u1233\u120c\u121d \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a5\u1265\u1214\u122d\u1364 \u12c8\u1230\u1265\u1212\u12ee \u1208\u12a0\u121d\u120b\u12ad\u12aa \u133d\u12ee\u1295\u1364 \u12a5\u1235\u1218 \u12a0\u133d\u1295\u12d0 \u1218\u1293\u1225\u130d\u1270 \u1286\u1283\u1275\u12aa\u1364 Yaa Iyyerusaalem Waaqayyoon galateeffadhu; Tsiyoonis Waaqakeetiif ilil jedhi; cufata balbalakee siif cimseeraati\u201d kan jedhu dha. Wangeelli Isaas keessumaayyuu Maat 21.1-16 irratti argamu dha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gabre Igzi\u2019aabiher Yikunoo Qulqulluun Yaared maqaaan isaa bal\u2019inaan kan inni ittiin beekamu ykn ka\u2019u keessaa inni guddaan \u00a0torbeewwan ji\u2019oota sooma guddaa keessa jiraaniif\u00a0 moggaasa maqaa isaaniif kenuunidha. Qulqulluun Yaareed moggaasa maqaa kan inni isaaniif kenne hojiiwwan dhiifama fi jaalala, raajiiwwan, hojii dhiifamaa, fayyinaa fi jaalalaa Gooftaan keenya raawwate, barumsa Inni barsiise itti fayyadamuunidha. Waluumaagalatti sooma [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4009"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4009"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4009\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4010,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4009\/revisions\/4010"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4009"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4009"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4009"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}