{"id":4006,"date":"2019-04-10T17:44:15","date_gmt":"2019-04-10T17:44:15","guid":{"rendered":"http:\/\/gibi.eotcmk.org\/ao\/?p=4006"},"modified":"2019-04-10T17:44:15","modified_gmt":"2019-04-10T17:44:15","slug":"sooma-kadhaa-fi-jireenya-gaabbii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/sooma-kadhaa-fi-jireenya-gaabbii\/","title":{"rendered":"Sooma, Kadhaa fi Jireenya Gaabbii"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><em>Lammessaa Guuttataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroon amma nuti keessa jirru kun Sooma Gooftaan keenya fayyisaan keenyaa fi qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos soome kan itti soomnu dha. Soomichi kan suga, jaalalaa, qorichaa fi sooma jireenyaa ti. Soomichis Sooma Iyyesuus, Sooma Guddichaa, Sooma Hudaadee jedhamee waamama. Soomni, Kadhaa fi Jireenyi gaabbii kan adda adda hin baane bu\u2019ura jireenya Kiristaanummaa ti. Soomni Amantaan fi hojii gaarummaan jabaatanii dhaabbachuuf, yaada hamaa irraa of eeguuf, firii gaarii kennuuf ni gargaara. Soomni Qormaata fedhii foonii dhandhamachuuf, hawwii addunyaa fi hojii ishee jibbuun firii Afuuraa kennuuf, hojii fooniirraa of eeguuf, Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, Eegumsa Isaas argachhuf nu gargaara. Walumaagalatti Soomni bu\u2019uraa fi jalqabbii hojiiwwan gaarii fi afuuraa ti. Foon keenya lubbuu keenyaaf bichisiisuuf, jireenya afuuraa fi tajaajilaan cimuun Waaqayyoof bitamuuf sirriitti nu gargaara.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nyaachuuf dhuguun kan fayyadu foon qofaaf dha: garmalee foon jajjabeessa, afuuras ni dadhabsa; cubbuu, yakkaa fi hammeenya ammoo raawwachiisa. Yaada, fedhii fi hawwii addunyaa fi fooniitiif nama bichisisa. Nyaata fi dhugaatiin fedhiin foonii lubbuu keenya irratti akka aanga\u2019uuf taasisa. Soomiin garuu kana hunda irraa nu tiksa. Soomiin hojii gaariif nu tattafachiisaa. Baay\u2019isanii nyaachuu fi dhuguun fedha fooniif nama kakaasa. Inni kun immoo amalaa Ergamumma ilma namaa kan ta\u2019e jireenyi qulqullumma (afuura\u2019oon) akka xuraa\u2019u ni taasisa. Kiristaanni jireenya isaa soomiin, kadhaa fi gaabbiin kan gaggeessu, nama afuura\u2019oo ta\u2019u qaba .Room7:1<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Jireenyi soomaa, kadhaa fi gaabbii amala ilma namaa isa biyya lafaa gara amala afuuraa (ergamummaatti) kan jijjiiru dha; jireenya qulqullummaattis nama geessisa; jireenya\u00a0 afuurawootiif tattaafachiisa, ni cimsas. Dabalatas jireenya qalbeeffannaa nama gonfachiisa; tokkummaa qulqulloota ergamootaattis nama ida\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Soomni maali? Soomii jechuun dhiisuu, dhorkamuu fi of dhorku jechuu dha. Kana irratti hundaa\u2019uun soomni soorata foon keenya cubbuudhaaf kan nama kakaasan, gara cubbuuttis kan dhiiban irraa of-qusachuu dha. \u201cSoomuu\u201d jechuunis jireenya afuurummaa fi Kiristaanummaa kan dadhabsiisu firiin foonii akka daraaru kan taasisu\u00a0 irraa of dhurkuun, gochoota fooni fi lubbuu afuuraa fi jireenya Waaqayyoof bichisiisu danda\u2019an raawwachuu, hojjachuu jechuu dha. Kara birootiin soomii jechuun of-bittuu, cubbuu irra of-eeguu, of-to\u2019achuu, gaabbii galuun cubbuurraa dhiqachuu, gara Waaqayyootti dhiyachuu, dhiifama Isaa argachuuf kasoominaan Isatti deebi\u2019uu jechuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Cubbuu raawwachuun Waaqayyoo irra fagachuu fi du\u2019uu dha. Soomii, kadhaa fi gabbiin garuu gara Waaqayyootti nama dhiyeessu. Soomiin gochawwan afuura\u2019oo dirqamaa fi qabsuura Kiristaanota keessaa isa tokko dha. Foon akka mo\u2019amu ni taasisa; foonis afuuraf bichisisa. Firii afuura akka buusnu nu taasisa. Kiristanni kammiyyuu jireenya isaa jireenya soomiin, kadhaa fi gabbiin adeemsisuuf dirqama qaba. Jireenya soomii, kadhaa fi gabbiin malee jireenya Kiristanumma gaarii jirachuun, nama afuura\u2019oo ta\u2019un, hojii amantii hojjechuun, amantaan cimuun, suga Afuura Qulqulluu argachuun hin danda\u2019amu. Bu\u2019aa soomii argamsisuuf gabbii galuun, firii afuraa\u2019oo raawwachuun, subaa\u2019ee qabachuun, qanoonaa fudhachuun Kiristaanota hundarraa kan eegamu dha. Walumaagalatti soomiin fooniifis ta\u2019e afuuraf gaariidha. Namni qulqulloota Ergamoota fakkaatee akka jiraatuu isa taasisa. Soomnee nageenya, jaalala, eebba, tokkumma fi nageenya biyyaaf akka gumaachinu eeyyama qulqulluu Waaqa keenyaa nuuf ha ta\u2019u; ameen.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lammessaa Guuttataa Yeroon amma nuti keessa jirru kun Sooma Gooftaan keenya fayyisaan keenyaa fi qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos soome kan itti soomnu dha. Soomichi kan suga, jaalalaa, qorichaa fi sooma jireenyaa ti. Soomichis Sooma Iyyesuus, Sooma Guddichaa, Sooma Hudaadee jedhamee waamama. Soomni, Kadhaa fi Jireenyi gaabbii kan adda adda hin baane bu\u2019ura jireenya Kiristaanummaa ti. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4006"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4006"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4006\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4007,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4006\/revisions\/4007"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4006"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4006"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/gibi-ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4006"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}